ysight
Open in Telegram
ysight, waa'ee teekinooloojiiwwanii fi argannoowwan haaraa jireenya keenyaaf bu'aa qabaniiti! ysight bilbilootaa fi moosaajota isaanii, kompuutaroota, kalaqa, kiriptoo, saayinsiiwwan fi kannaan biroo kan hammatudha.
Show more3 072
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-3930 days
Posts Archive
3 072
https://ysight.co/miidhaa-miidiyaa-hawaasaa-baayisuun-fidu/
Biloogiin keenya har’aa miidhaa miidayaa hawaasaa baay’isuun xiinsammuu fi jireenya keenya irratti qabu irratti xiyyeeffata.
Akka dubbistaniif affeeramtaniittu; yoo jaallattan immoo nama dubbisuu danda’uuf qoodaa.
Guyyaa gaarii!
3 072
Ashamaa, akkam jirtu, maatii Yeroo Teek?
Yeroo Teek is ysight now.
We all know that this era is digital oriented. Things are all in tech, nowadays. So staying updated on modern and trending techs is for oneself. We believe we can use things for good and takeover of their advantages.
ysight is just here to post new techs and innovations in Afaan Oromoo from variety of fields as much as possible.
Follow us on
Telegram YouTube X LinkedIn Instagram for the highlights.
ysight
Waa'ee Dijitaalaa Haaraa Akka Hordofuuf Sammuu Aangomsuu!
Empowering Minds in the Digital Age!
3 072
Ashamaa maatii Yeroo Teek!
Happy New Habeshan Year, 2016 For All Who Celebrating It.
Warrai Kabajaa Jirtan Hundi Baga Bara Haaraa Habashaa, 2016 Nagaan Geessan!
We Are Cooking Something For Booqaa Birraa.
Very soon on the table 🥘
Ayyaana Gaarii!
3 072
"
Miidiyichi yeroo hundumaa abbaa kitila-kumaatamaa jedhee na waama; ani garuu, jeettii, konkolaattota, yaachii, yookiin manneen mataakoo illee hin qabu.
Wantoota dhumatoo akkasii duukaa fiiguu caalaas yeroo hunda waa uumuun gochaa badhaasa qabu ta'eetu natti mul'ata." jedhe.
Pavel Durov - Dargaggeessa, Abbaa Qabeenyaa Telegram
@yerooteek
Yeroo Teek
Guuboo Jechootaa
👉Kitila-kamaatama - Billionaire
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️3 072
Yooyyaa akkam jirtu, maatii Yeroo Teek👋
Baay'ee gargar fagaanne🥺; na hoofkalchaa🙏
Har'a odeeffannaa ho'aa na dinqe tokkon gurra isin buusuu barbaade.
Kaampaanii miidiyaa hawaasaa addunyaa kanaa kan ta'e Facebook, dhiyeenya kana dhuma bara 2021tti jechuun Onkoloolessa 28 maqaa isaa Facebook irraa gara Meta'tti jijjiirrachuu Hundeessaan fi Hoogganaan kaambaanichaa Mark Zuckerburg dubbatee ture.
*Kaayyoon jijjiirraa maqaa Facebook inni guddaan yeroo ammaa kanatti miidiyaalee hawaasaa keessaa Tiktok fi YouTube, Facebook'tti mataa dhukkubbii cimaa waan ta'aniifi.
Yeroo duraatti tajaajila qabiyyee suuraa fi barreeffamaa qofaan fayyadamtoota isaa tajaajilaa kan ture Facebook, dhiyeenya kana immoo Tiktok fi YouTube gabaa ala na gochuufi jechuun qabiyyee suur-sagalee itti dabalee jira.
Haa ta'u malee kunis akkanni yaadetti milkaa'aafii hin jiru.
Maqaan isaa haaraan Meta jedhamu kun jecha Metaverse jedhu irraa kan dhufe yemmuu ta'u, Metaverse jechuun addunyaa nuti amma dhageenyuu fi jiraannu gararraatti addunyaa guutummaan guutuutti dijiitaala'e jechuudha.
Garuu Meta'n akka maqaa isaa ta'uu hin dandeenye😔.
Meta'n (Facebook durii) utuu kana hundaaf asiif achi washakkatuu guyyaa kaleessaa Kamisa, Guraandhala 03, 2022 taateen seenaa dinagdee Addunyaas ta'ee Amerikaa keessatti ta'ee hin beekne Meta (Facebook durii) mudate.
Meta'n Kamisa kaleessaa Guraandhala 03, 2022 doolaara biliyoona $230 ol ta'u dhabee/kasaaree jira.
Meta'n seenaa waggaa 18 keessatti yeroo jalqabaaf kaleessa Fayyadamtoota Si'aawoo Guyyaa Guyyaa (Daily Active Users - DAUs) isaatiin1,930,000,000 irraa gara 1,929,000,000tti hir'ise; jechuun namoota miliyoona tokkoon hir'isee oole.
Taateen fayyadamtoota si'aawoo guyyaa guyyaa irraa takkaatti miliyoona tokkoon hir'isuu kunis seenaa miidiyaalee hawaasaa addunyaa kanneen biroo keessattillee isa jalqabaati.
Zuckerburg akka jedhetti yoo ta'e immoo sababiin fayyadamtootni keenya akkasitti nu dhiisanii yaa'aniif, keessattuu dargaggoonni, guddina daldala kaampaanichaa wajjin kan wal-qabatedha jedhe.
Gibirri kaampaanichi ji'oota arfan darbanitti kaffale tilmaamaan doolaara biliyoona $27 hanga $29 kan ta'u yoo ta'u kunis kan ogeessonni gibiraa tilmaamaniin gadi ta'uun kufaatii kaampaanichaa argisiisa jedhan.
Maallaqa kaleessa Meta'n (Facebook durii) dhabe keessaa doolaarri biliyoona $31 ta'u ga'ee Zuckerburg ta'a. (Edaa namni tokko qofaa isaatti guyyaatti dooloora biliyoona $31 kasaaruu ni danda'a🙈🙆🤦♂️)
Kaampanichi waan bu'aa buufachaa jiru itti fakkaatus kaampaaniin Chaayinootaa guddaan Tiktok (abbaan qabeenummaa isaa dhaabbata teekinooloojii guddaa biyya Chaayinaa ByteDance jedhamuu yoo ta'u) Meta'tti mataa dhukkubbii guddaa ta'eetu jira.
Dinqiidha🤷♂️
Dubbiin Facebook har'aa kun mammaaksa Oromoo jaarsi durba fuudhee "Anaaf ta'eeraa, Intalli in boossi"' jedhe jedhan sana na yaadachiise😂.
Guyyaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u🙏
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Yooyyaa akkam jirtu, maatii Yeroo Teek👋
Gargar akka fagaanne beekamaa dha.
Haa ta'u garuu har'a odeeffannaa ho'aa tokkon gurra isin buusuu barbaade.
Kaampaanii miidiyaa hawaasaa addunyaa kanaa kan ta'e Facebook, dhiyeenya kana dhuma bara 2021 jala jechuun Onkoloolessa 28 maqaa isaa Facebook irraa gara Meta tti jijjiirrachuu hundeessaan fi Hoogganaan kaambaanii Facebook Mark Zuckerburg dubbatee ture.
*Kaayyoon jijjiirraa maqaa Facebook inni guddaan yeroo ammaa kanatti miidiyaalee hawaasaa keessaa Tiktok fi YouTube Facebook'tti mataa dhukkubbii cimaa ta'anii jiru.
Yeroo tajaajila qabiyyeen suuraa fi barreeffamaa qofaan fayyadamtoota isaa tajaajilaa kan ture Facebook, dhiyeenya kana immoo Tiktok fi YouTube gabaa ala na gochuufi jechuun ifatti qabiyyee suur-sagalee itti dabalee jira.
Haa ta'u malee kunis akkanni yaadetti milkaa'aafi waan hin jirreef maqaa jijjiiruu murteesse.
Maqaan isaa haaraan Meta jedhama; jecha Metaverse jedhu irraa kan dhufe yemmuu ta'u, Metaverse jechuun addunyaa guutummaan guutuutti dijiitaala'e; kan isa nuti amma dhageenyuu fi jiraannu gararraa jechuudha.
Facebook utuu kana hundaaf asiif achi washakkatuu guyyaa kaleessaa, Gur 03, 2022 wanti seenaa dinagdee Amerikaa keessatti ta'ee hin beekne Facebook'n mudate.
Meta'n (Facebook durii) Kamisa kaleessaa Guraandhala 03, 2022 doolaara biliyoona $230 ol ta'u dhabee jira.
Meta'n seenaa waggaa 18 keessatti kaleessa yeroo jalqabaaf Fayyadamtoota Si'aawoo Guyyaa Guyyaa (Daily Active Users - DAUs) isaatiin hir'ise. Fayyadamtoota Si'aawoo Guyyaa Guyyaa isaa 1,930,000,000 irraa kaleessa gara 1,929,000,000tti jechuun namoota miliyoona tokkoon hir'isee oole.
Taateen fayyadamtoota si'aawoo guyyaa guyyaa isaa irraa takkaatti miliyoona tokkoon hir'isuu kunis seenaa miidiyaalee hawaasaa addunyaa kanaa keessatti isa jalqabaadha.
Zuckerburg akka jedhetti yoo ta'e immoo sababiin fayyadamtootni keenya akksitti nu dhiisanii yaa'aniif, keessattuu dargaggoonni, guddina daldala kaampaanichaa wajjin kan wal-qabatedha jedhe.
3 072
Maatii Yeroo Teek!,
telegram'n isiniif hojjechuu didee?
Proxy kana fayyadamaa; Telegram keessan rakkoo tokko malee isiniif hojjechiisa. VPN'n maallaqa keessan isin jalaa fixa. I recommend you this proxy.
tg://proxy?server=proxy.digitalresistance.dog&port=443&secret=ddd41d8cd98f00b204e9800998ecf8427e
3 072
Jaallatamtootaa fi Kabajamtoota Maatii Yeroo Teek, Yeroo Teek Barri Haaraan Habashaa 2014 Kan Milkaa’inaa, Jaalalaa, fi Mo’chaa Akka Isiniif Ta’u Hawwa!
Baga Geessan
🎆🎊🎈🌸2014🌸🎆🎊🎈
Dear Family, Yeroo Teek Wishes You Success, Love, and Victorious Life By The Package Days In Habeshan New Year!
Happy New Year!
🎆🎊🎈🌸2014🌸🎆🎊🎈
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Ashamaa akkam jirtu maatii Yeroo Teek?
Akkuma torbanoota darban keessa Blockchain, fi Cryptocurrency ilaallee turre har'as teekinooloojiima maallaqa dijitaalaa ta'e Bitcoin waliin ilaalla; hedduun keenya waa'ee teekinooloojii kanaa baay'ee akka torban dhuftu immoo akkamiim akka bitcoin hojjennu ilaalla
https://t.me/joinchat/UgcsCuEQLzPj16yJ
Yeroo Teek
Guuboo Jechootaa
👉Gudunfaa - Node
👉Herrega Dijitaalaa - Ledger
👉Saamsii - Block
https://t.me/joinchat/UgcsCuEQLzPj16yJ
Yeroo Teek Keessani✌️
inspired taane nan beeka. Ayaataan dubbisaa👇👇
Biitkooyiniin Maalidha? What is Bitcoin?
Bitcoin'n (Biitkooyiniin) maallaqa dijitaaalaa Amajjii 2009 yaada gabaa sararraa fooyyessuu jedhuun uumamedha. Namni Bitcoin uume hanga har'aatti hin beekamu; garuu namtichi yookiin gareen Satoshi Nakamoto jedhamu Biitkooyinii wanti jedhamu jira jedhee addunyaaf ifa gochuutu hamatama.
Biitkooyiniin sharafa maallaqaa salphisuun, warra aadaa duraanii (kan akka Dahaabshil, Bole Atlantic, Western Union, Swift banking fi biroo) gaditti gatii rakasaan maallaqa daddabarsuuf waadaa galeetu hojii jalqabe. Maallaqa mootummaa irraa wanti adda isa godhu qaama gadi diriirfameen hojjeta. Namni, dhaabbanni, mootummaan yookiin qaamni to'atu tokko hin jiru. Saantimni Biitkooyinii harkaa harkatti hin lakkaa'amu. Dijitaaladha; kompuutera qofaan lakkaa'ama(virtual coin). Haftee maallaqa keenyaa qofaatu herrega ifaa (public ledger) kan namni fedhe ilaaluu danda'u irratti kuufama. Maallaqa nuti har'a fayyadamaa jirru kanarraa wanti adda isa godhu, sirna herrega gadi diriiraa lafeen dugdaa isaa Blockchain'iitiin lakaddaa'e, raabsamu, daldalamuu fi kuufamudha. Bara 2017 keessa Biitkooyiniin tokko doolaara $20,000tti sharafamaa ture. Waggaa lama booda garuu dhibbantaa 50%n gadi bu'e.
Akkuma kanaan dura Blockchain'n walitti qabama hidhaalee wal beekanii(collection of blocks) jenne, tokkoon tokkoo saamsii(block) kunimmoo galmee daddarbiinsa maallaqaa kana to'atu. Kompuutoroonni Blockchain'n irratti hojjetu kunneen saamsiiwwan fi daddabarsa maallaqaa tokko waan qabaniif, saamsii haaraa maallaqni irratti guutamaa jiru iftoominaan waan argamaa jiruuf namni tokkollee sirna kana keessaa hatuu hin danda'u.
Yeroo sharafni maallaqaa adeemsifamutti namni sirna sana keessa jiru tokko kallattiidhaan(live) ilaaluu danda'a. Namni kompuutera isaa cimdaa Bitcoin kana keessa galchee hojjechuu jalqabe tokko bu'a qabeessa ta'uu yoo barbaade, yoo xiqqaate aangoo kompuutera(processor speed) isaa dhibbantaa 51% ol fayyadamuu qaba. Kana jechuun kompuutera processor speed olaanaa qabutu barbaachisa jechuudha.
Hanga Caamsaa 2020tti gudunfaan biitkooyinii (mandara biitkooyiniin itti sharafamaa jiru (bitcoin nodes)) 47,000tu turan. Lakkoofsi isaas hedduu dabaluutti jira. Hafteen Biitkooyinii makaa qubee, lakkoofsotaa fi mallattoolee garaagaraa ifaa fi dhoksaa (public and private keys) ta'aniin eegamee taa'a. Lakkoofsi inni ifaan akka lakkoofsa herrega baankiitti nu gargaaruun namoota waliin biitkooyinii akka waliif erginuuf nu fayyada; lakkoofsi inni dhokataan immoo akka jecha darbii ATM tti nu gargaaruun Biitkooyinii keenya to'achuu nu dandessisa.
Galatoomaa🙏
3 072
Saa'atii 72 darban keessatti fayyadamtoonni Teelegiraamii haaraan kitila 25 (25 million) ta'an sararra (online) seenaniiru. Kubbaaniyichi namoota takkaatti sararra ta'anii Teelegiraamii fayyadaman kitila 50 darban qabaatee jira. Sabaa himaa hawaasaa yeroo dhiyoo ta'us wantoota haaraa yeroo yerootti fayyadamtootaaf dhiyeessuu fi haaromsuun jaallatamummaan isaa miidiyaalee hawaasaa biroo caalaatti dabalaa jira. Kana malees bilbila sagalee fi suur-sagalee, naa'imeewwan garaa garaa(different stickers), suur-sagalee barbaadan danaa ofiirra godhachuu, bot mataa keenyaa qopheessuun dhimma barbaadneef itti ooluu, haasawaa icciitaa, cimdaa dadhabaa ta'e keessatti saffisaan hojjechuu, faayiloota gurguddaa salphaatti waliif qooduu danda'uun, Teelegiraamii irra suuraa waliif qooduun qulqullina suurichaa kan dabaluu fi hanga kuusaa irraa kan xiqqeessu (if shared as file only; not as photo), fi amalootni biroon Teelegiraamii jaallatamummaa Teelegiraamii ol kaasaa jiru.
Ashamaa akkam jirtu maatii Yeroo Teek🙏
Har'ammoo waan Teelegiraamiin fuula marsariitii isaarratti maxxanse irraan isiniif qooduu jaalladhe.
Guyyaa gaarii🤘
https://t.me/joinchat/UgcsCuEQLzPj16yJ
Yeroo Teek
Guuboo jechootaa
👉Danaa - Profile
👉Haasawaa icciitaa - Secret chat
👉Naa'imee - Sticker
https://t.me/joinchat/UgcsCuEQLzPj16yJ
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Yooyyaa, akkam jirtu warra Yeroo Teek; nageenyi badhaadhaa?
Yeroo Teek keenya har'aatiin teekinooloojii maallaqa jabanaa kan ta'e, teekinooloojii maallaqa dijiitaalaa, Cryptocurrency jedhamu waliin illaalla.
Cryptocurrency'n maallaqa dijitaalaa kiriptoogiraafiin lakaddaa'e kan nageenyii fi eegumsi isaa amanamaadha jedhamu; cimina caasaa kiriptoograafii (cryptography - code framework) irraa kan ka'e lakkoofsa dogongoruu fi maallaqa tokko hatanii si'a lama gargaaramuun kan hin danda'amne; maallaqa ammayyaa addunyaa irratti babal'ataa jirudha. Maallaqni kiriptoo hedduun teekinooloojii cimdaa gadi diriiraa (decentralized network) blockchain jedhamu iratti hundaa'uun hojjetu. Amala maallaqni kiriptoo qabu keessaa beekamaan bulchiinsa olaanaa hin qabu; kompuuteroota addunyaa irraa lakkooofsaan hedduu ta'an irratti kan gadi diriiredha. Sirni gadi diriiruu kun mootummaan yookiin qaamni olaanaan tokko to'achuu akka hin dandeenye isa godha. Maqaan cryptocurrency jedhu kan uumame maloota dhoksaa, cimdaa maallaqichaa ittiin eegan irraati. Kanaaf immoo blockchain'n walittigalummaa daataa daddarbiinsa maallaqaa kana cimsuu keessatti lafee dugdaa ta'eetu gargaara. Maallaqni kiriptoo daddarbiinsa, qoodamummaa, qaala'insa hir'isuu fi iftoomina qabuuf baay'ee galateeffama.
Walumaagalatti maallaqni kiriptoo siistemoota kaffaltii amanamaa sararraan (online) raawwachuu dandeessisan; kan namootni herrega maallaqaa (ledger) qaban bakka bu'umsa (virtual tokens) siistema sanaaf ifaa ta'e qabanidha.
Sirna maallaqa kanaa ijaaruuf kan oole kiriptoograafiin / Cryptography'n utuu maallaqa kanaaf hin yaadamin dura dhimma waraanaaf hojjetame. Kunis yeroo mootummaan addunyaa dhimma meeshaa waraanaa irratti qoqqobbii seeraa kaa'uu fi daldala kontirbaadnii dhorkuuf yaaluun nageenya addunyaan dhugoomsa jedhee yaale ture.
Gosootni maallaqa kiriptoo / Cryptocurrency Bitcoin, Litecoin, Peercoin, Namecoin, Ethereum, Cardano, fi EOS dha. Har'a, waliigalli maallaqa kiriptoo addunyaarra naanna'aa jiruu doolaara biiliyoona 214 tti tilmaamama. Kana keessaa immoo bal'inaan hojiirra kan oolee fi investimentiin isaa addunyaa hunda kan dhuunfate Bitcoin'n dhibbantaa 68% qabata; tilmaama gara doolaara biliyoona 145.52 t; kanneen hafan dhibbantaa 32% qofa ta'u jechuudha.
👌
Blockchain'n maal akka ta'e warri hin hubatin qophii Yeroo Teek si'a darbeetiin isiniif dhoobeen ture waan ta'eef gadi gototuun ol diibitanii ilaaluu dandeessu.
Galatoomaa🙏🙏
@yerooteek
Yeroo Teek
Guuboo Jechootaa
👉Biitii tartiibaan compuutaroota gidduu naanna'u - token (in finance)
👉Gadi gototuu - Scrolldown
👉 Herregoota maallaqaa hedduu- Ledger
👉Maallaqa Kiriptoo - Cryptocurrency
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️3 072
Ashamaa Maatii Yeroo Teek ✋
Ayyaanni akkam ture?
Yeroo darbe lafee dugdaa Maallaqa Kiriptoo /Crytocurrency kan ta'e Blochchain; Blochchain'n maal akka ta'ee fi akkamiin akka hojjetu, caasaa akkamii akka qabu illaallee turre. Qophii keenya bor ganamaan immoo Maallaqni Dijitaalaa / Cryptocurrency kun maal akka ta'ee fi akkamiin akka hojjetu, gosoota akkamii akka qabu ilaalla.
Dambalii Yeroo Teek https://t.me/joinchat/UgcsChKUn3GZvV5g gaafa fayyadamtan jala barreeffama kanaa 'Mute' kan jettu tuquudhaan waan nuti yeroo hunda dhoobnu ilaalaa isiniin jechaa, halkan halkan gaarii isiniif haa ta'u!
https://t.me/joinchat/UgcsChKUn3GZvV5g
Yeroo Teek Keessan✌️
3 072
Yooyyaa maatii Yeroo Teek?
🎇🎊🎆🎉🎇🎊🎆🎉🎇🎊🎆🎉🎇
Barri haaraan gammachuu, milkaa'inaa fi mo'ichaan jireenya keessan haa guutu!
Baga bara 2021n isin ga'e!
Let the new year brings joy, success, and victory to your life!
Happy New Year 2021!
תן לשנה החדשה להביא לך שמחה, הצלחה וניצחון בחיים שלך.
שנה טובה 2021!
🎇🎊🎆🎉🎇🎊🎆🎉🎇🎊🎆🎉🎇
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Yooyyaa🙏 akkam jirtu warra Yeroo Teek?
Qophii keenya har'aatiin teekinooloojiin Bilookcheeyinii (Blockchain) maal akka ta'e ilaalla.
Blockchain sirna ittiin odeeffannoon karaa jijjiiramuu, butamuu fi hatamuu hin dandeenyeen galmeeffamudha; yookiin mala ittiin odeeffannoo jijjiiruun, butuun fi hatuun bifa ulfaataa ta'een ittiin galmeeffamudha. Blockchain'n galmeewwan herrega (account) faayinaansii hedduu maallaqni ittiin daddabarfamu (herrega tokko irraa gara herrega isa biraatti) kan guutummaa cimdaa (network) komputeroota Blockchain hunda irratti baay'ifamuun raabsamudha. Kanaaf galmeen faayinaansii kompuutera tokko irra jiru utuu kompuuterri Blockchainicha keessa jiru kan biraan hin beekin jijjiiramuu hin danda'u. Kompuuteroonni cimdaa Blockchain sana keessa jiran hundi isaaniiyyuu sirriitti wal beeku. Kanaaf eegumsii fi nageenyi sirna kanaa 100% eegamaadha. Tokkoon tokkoo kompuutera cimdaa cancala kanaa keessa jiranii daddabarsa maallaqaa lokkoofsi isaa beekamaa ta'e tokko, saa'atii saa'atiidhaan immoo daddabarsa maallaqaa haaraa Blockchain'icha irratti adeemsifamu, fi kan galmeen maallaqa daddabarfame kanaa immoo herrega maallaqaa cimdaa sana keessa jiranii hundumaa irrtti galmaa'u of keessaa qaba. Daataabeeziin sirna kana keessatti hojjetu tokkoon tokkoon kompuutera sirna Blockchain keessa jiranii wajjin hariiroo kallattii qaba (decentralized database). Daataabeeziin gadi diriirfame kun hirmaattota hedduun to'atama. Gubbaarra taa'ee kan qaamni yookiin namni tokko qofaan to'atu miti. Kanaaf hirmaattonni hundi odeeffannoo haaraa ta'e kamiyyuu galmee isaa of harkaa waan qabaniif hatuus hatamuus hin danda'ani; hundumtuu isa beeka🤷♂️. to'annaan daataabeezii akkasii kun Distributed Ledger Technology (DLT) jedhama.
Blockchain'iin akaakuu DLT kan daddabarsi maallaqaa mallattoo kiribtoogiraafii hash jedhamuun battalumatti galmaa'udha; galmeen haaraan tokko seene taanaan wanti ta'e sila ta'e dudduuba deebitanii sirrii miti jechuun hin danda'amu jechuu ni dandeenya.
@yerooteek
Amaloota DLT beekuun hubannoo Blockchain keenyaa gabbisuu waan danda'uuf mee amaloota DLT muraasa armaan gaditti haa ilaallu.
🧹Blochchain ni lakaddaa'a (Programmable).
🧹Icciita - Galmeen ta'u tokko kompuutera hundarratti haa galmaa'uyyuu malee wanti galmaa'e sun bowwosameetu(encrypted) taa'a.
🧹Hirmaattonni sirna kanarraa dalagan dhokatoodha (Anonymous).
🧹Mallattoo yero qaba - dadabarsi maallaqaa gaafa taasifamu saa'atiin isaa ofiin duukaa of galmessa (Time-stamped)
🧹Hirmaattonni cimdaa kanarraa galmeewwan seenan kun kan wal simaa jiran ta'uu isaa ni mirkanessu
🧹Galmeewwan raawwatan kunneen duuba deebi'uu hin danda'ani; takkaa raawwateera (Immature).
🧹Hirmaattonni hundi garagalcha maallaqa daddabarfame kanaa of harkaa qabu (Distributed).
Galatoomaa🙏
@yerooteek
Guboo Jechootaa
👉Butuu - Hacking
👉Cancala - Chain
👉Hatuu - Cheat
👉Hirmaataa - Participant
👉Sirna - System
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️3 072
Yeroon itti maallaqa harkaa harkatti walitti lakkoofnu hafee, yeroon nuti itti danaa maallaqa tokkoo utuu hin beekin, maallaqa abbaa 1, 5, 10, 50, 100 yookiin 200 jennu hafee lakkoofsa herrega baankii keenyaa irra mala komputeraawaan sosocho'u qofaan itti wal daldallu baay'ee dhiyoodha. Kunis yaadirimeen maallaqa dijitaalaa jechuun maallaqa kiriptoo (crypto currency) baay'ee babal'achuu irra kan darbe dhugaamatti hojiirra oolaa jiraachuun dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu isaatiini.
Harka fuune👋🏻 akkam turtan maatii Yeroo Teek?
Qophii teekinooloojii keenya Yeroo Teek bor ganamaatiin lafee dugdaa maallaqa dijitaalaa(crypto currency) kan ta'e waa'ee Blockchain (Bilookcheeyin) isiniif qoodna jechaa warra borii nu haa taasisu🤚🏿.
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Yooyyaa akkam bultan warra Yeroo Teek?
Hedduun keenya herrega Google kanneen akka Gmail, Google Drive(docs, sheets, forms, slides, drawings yookiin jamboard) fi Google Photos keessaa yoo xiqqaate tokkoo isaa waan fayyadamnuuf dambii kuusaa/storage policy Google har'a baasee maxxanse, kan Waxabajjii 1 | 2021 irraa eegalee hojiirra oolu kana isiniif qooduu jaalladheera.
Fayyadamtoonni Gmail, Google Drive fi Google Photos kuusaa olii/cloud storage 15GB bilisa ta'e akka qaban beekamaadha. Yoo fedhan immoo kuusaa olii dabalataa hamma Teeraadhaan lakkaa'amuutti bitachuunis ni danda'ama. Google fayyadama kuusaa olii kana irratti dambii haaraa baasee jira. Kanaan dura faayiloota keessan takkaa kuusaa olii irra ol kaa'attanii jennaan shakkii tokko malee nageenyaa fi eegumsa olaanaan barabaraan achirra isiniif taa'a ture. Amma garuu:
1. Yoo herregni Google keessan waggaa lamaaf(ji'oota 24f) utuu hin banamin ture faayiloonni isin achirraa qabdan kamuu kuusaa olii keessan irraa ni haqamu. Garuu herregichi isinirratti hin cufamu; jechuun yeroo barbaaddanitti saaqxanii seenuu dandeessu.
2. Yoo kootaa/ga'ee kuusaa keessanii Google isiniif kenne fixxan( fkn. Yoo 15GB Google namaaf kennu hunda fayyadamtanii fixxan) waggaa lama(ji'oota 24) booda qabiyyeen herrega keessan irra jiru hundi isin jalaa haqama. Kunis yoo utuu hin seenin turtan qofadha.
Faayiloota keenya kuusaa olii Google irra kaa'achuun waan baay'ee bayeessaa fi amaleeffatamuu qabudha. Fakkeenyaaf piroojektoota garaa garaa hojjechaa oollu, faayiloota dhuunfaa qabnuu fi kanneen biroos achirra ol kaa'achuun bayeessadha. Amaleeffannoon akkasii kun yeroo kompuuterri, bilbilli yookiin Hard Diskn keenya nu jalaa hatamu yookiin miidhamuuf wabii gaarii waan nuuf ta'aniif kuusaa olii Google fayyadamuu haa amaleeffannuun dhaamsa qophii Yeroo Teek har'aati. Galatoomaa🙏
@yerooteek
Guboo Jechootaa
👉Kuusaa Olii - Cloud Storage
👉Saaqanii Seenuu - Login
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️3 072
Akkam jirtu maatii Yeroo Teek?
Torban keessan akkam ture?
Kaleessa qophii keenya kan asirratti hin dhoobin hafneef teekinooloojii maallaqa dijitaalaa (gosa maallaqa nuti harkatti qabachuu hin dandeenyee) Maallaqa Kiriptoo/Crypto-currency kanneen akka Bitcoin, Crowd1 fi kanneen biroo irratti gadi fageenyaan qopheessaa waan jirruuf yaadrimeen isaa bal'ateetu. Torbanoota muraasa dhufaa jiraniif waa'ee Crypto-currency odeeffannoo quubsaa fi amansiisaa waa'ee egeree addunyaa kanaa tilmaamuuf baay'ee namatti tolu isiniin geenya.
Hammasitti hidhaa dambalii Teelegiraamii keenyaa @yerooteek @yerooteek @yerooteek hiriyoota keessaniif qoodaa, Yeroo Teek akka seenaniif wal barsiisaa isiniin jechaa, oolmaan oolmaa gaarii isiniif haa ta'u. Bummmm✌️😜😂
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
3 072
Harka fuune👋, akkam bultan maatii Yeroo Teek? Nageenyi badhaadhaa?
Qophii Yeroo Teek keenya har'aatiin waa'ee marsariitii beekamaa dhiibbaa uumaa jiru tokkoo isiniif qoodna.
Maqaan marsariitii kanaa www.change.org jedhama. Waldaa Waliigala Seeraa(GCL) qindaa'uun, PBC(change.org)n kan hoogganamu, dhaabbata bu'aaf hojjatuu fi namicha Beenjaamiin Mikaa'eel "Ben" Battrayn kan qophaa'edha. Change.org akkuma maqaa isaa irraa hubatamuun danda'amu murtoo tokko jijjiiruun dhiibbaa haaraa uumuuf yaada jedhuun Guraandhala 7 | 2007tti hojii eegale. Yeroo ammaa kana fayyadamtoota kitila 400 (400 million) ta'anii fi deeggartoota maallaqaa dhaabbatichaa/sponsors of the campaigns hedduu qaba. Waajjirri Muummee kaaampaanichaa Kaalefoorniyaa, magaalaa Saan Firaansiiskoo yoo ta'u hundeessaa fi dura taa'aa (Ben Battray) fi piresideentii fi itti aanaa dura taa'aa(Jennifer Dulski) dabalatee hojjettoota 300 qaba. Marsariitiin kun sararraan/online hawaasa bal'aa irraa iyyata/oliyyannoo/petition sassaabuuf gargaara.
Yeroo duraa Waldaan Verjin Amerikaa fi dhaabbileen akka Mirga Namooma Addunyaa (Amnesty International) fi Hawaasa Namoomaa dhaabbata kanaaf kaffaluun akka inni iyyata/petition isaaniif sassaabu godhanii turan. Mul'anni Change.org's "Uummanni bakka kamiiyyuu dhiibbaa gochuun jijjiirama barbaade fiduu ni danda'a" kan jedhudha.
Mata dureewwan iyyataa beekamoon irra deddeebiin Change.org irratti dhufan hedduun dingadee fi yakka, haqummaa, barnoota, migoota namoomaa, kunuunsa naannoo, mirgoota bineeldotaa fi nyaata itti fufaa dha.
Tooronni marsariitii oliyyannoo sararraa akka Online petition, We The People fi UK Parliament Petitions Website's isaan beekamoodha.
Namoonni(saba tokkos ta'uu danda'a; fkn Oromoo) oliyyata kana dhiyeeffachuu barbaadan toora marsariitii www.change.org seenuun iyyata isaanii salphaatti dhiyeeffachuu danda'u. Erga iyyatni kun fuudhameen booda guyyaa murtaa'eef bifa ifaan/publicily namoonni deeggaruun iyyatni qaama ilaallatuuf dhiyaata. Akkasiin haala salphaa fi seera qabeessa ta'een haqa saba tokkoo, nama dhuunfaa tokkoo, dhaabbata tokkoo yookiin biyya tokkoof falmuun sagalee ta'uufii ni dandeenya.
Galatoomaa🙏
@yerooteek
Guuboo Jechootaa
👉Marsariitii - Website
👉Wajjira Muummee - Head Quarter
@yerooteek
Yeroo Teek Keessani✌️
