cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dubbisuun sammuu qara

® group kana jalatti ✓walaloo jaalala ✓Asoosama ✓ Bacoowwani fi ✓ comedy ✓xinsammuutu maxxaaffama join goodha ittin booharaa

Show more
Finland2 181The language is not specifiedPsychology12 723
Advertising posts
270Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu. 2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu. 3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha. 4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti. 5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba. 6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu. 7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa, abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu ta'uu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsu ta'uu hin qabnu. 8) Itti gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu: Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamummaa qabnu sirnaan hin baanu yoo ta'e abjuu keenya irra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamummaa ofii beekuun mirga osoo hin taane dirqama. 9) Mul'ata qabaachuu dhabuu: Mul'atni hin bitamu. Mul'atni bifa hin filatu, kutannoo fi obsaan galma ga'uu gaafata malee! Kanaaf egaa humnaa fi jabinaan akkasumas garaa guutudhaan kallattii ittiin abjuu keenya dhugoomsinu duukaa bu'uun nu irra jiraata. Gaggeessummaa
Show all...
FAYYAA SAMMUU KEENYA Sammuun keenya qabeenyaa keenya isa jalqabaati. Qabeenyaa keenya hangafa kanaaf eeggannoo akkamii gochuu qabnaa? ***** 1. YOO DHUKKUBSATAN BOQONNAA FUDHACHUU. Osoo dhukkubsannuu boqochuu dhiisnee sammuu keenyaan hojii hojjachuun illee sammuu keenya hedduu miidha. ***** 2. CIREE SIRRIITTI NYAACHUU. Ciree nyaachuu dhiisuun yeroo baay'ee irra daddarbuun sammuu miidha. Akka research hedduun jedhutti barataan ganama ciree nyaatee manaa ba'e dandeettiin waa qabachuu fi si'aawuu isaa kan warra ciree hin nyaatiin baay'ee caala. ***** 3. HIRRIBA GA'AA RAFUU (guyyaatti sa'aa 6 haga 8). Akka research mirkaneessutti hirriba irraa halkan tokko qofatti daqiiqaa 90 yoo hir'isne boor si'aawummaa (alertness) haga 32% gadi bu'uu danda'a. Yeroo dheeraaf (waggootaaf walitti fufnee) yoo hirriba xiqqaa (ga'aa hin taane) rafne immoo rakkoo waa yadachuu fi yaaduu illee nutti fida. ***** 4. NYAATA ASHABOO fi CARBONATED BEVERAGES , hedduu of keessaa qaban yeroo hedduu soorachuu irraa of qusachuu. Kunis ashaboon dhiibbaa dhiigaa kan yaa'iinsa dhiigaa gara sammuu geessu hir'isuun rakkoo yaadachuu, yaaduu fi kkf sammuu keenyarratti waan fidu waan nu qabsiisuufi. ***** 5. SOCHII QAAMAA GOCHUU (Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30 torbanitti guyyaa 4 fi isaa ol). Sochiin qaamaa fayyummaa qaama keenyaa kan biroof kennu irratti dabalee prootinotaa fi hormoonota sammuu keenya kakasaan akka gadi lakkifamu waan taasisuufi. ***** 6. DHIPHINA SAMMUU (stress) HIR'ISUU. Wantoota sammu keenya dhiphisan baay'een yoo jiraatan turtii yeroo dheeraa booda carraa dhibee sammuun qabamuu waan olkaasaniif dha. ***** 7. ALKOOLII DHUGUU DHIISUU. Yoo kan dhugan ta'e ammoo baay'isanii dhuguurra xiqqeessanii dhuguu dha. Kunis neurotransmitter miidhuu, vitaamin B1 qaama keessaa gad hir'isuu fi ulfaatina sammuu keenya illee waan hir'isuuf dha. ***** 8. SIGAARAA XUUXUU IRRAA FAGAACHUU. Kunis turtii yeroo dheeraa keessa sammuun keenya akka shuntuuruu (shrinks) fi dhukkuba akka Alzheimer's fi dementia illee waan nutti fiduu danda'uufi. ***** Fayyaan Faaya
Show all...
NAGAA ADDUNYAAF Waa'ee nageenyaa dubbii hayyootaa10 kana dubbifadhumee! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Waan hundumaa caalaa addunyaan har'a keessa jirru kan dhabde nagaadha.Qabeenyi addunyaadhaaf kenname uummata addunyaa keessa jiraachaatureef gahaature. Garuu immoo, qabeenya Waaqayyo hojjadhaa, ittiin jiraadhaa jedhee kenne kana irratti sababa adda addaatiin wal dhabbiinuumamee, bakka tokko tokkotti immoo wal-dhabbiinu umame sun garawaraanaatti guddatee du'anamoota baay'eetiif sababa ta'eera, namoota baay'ees qaamamii dheera,baay'ee immoo manaafi qabeenya isaanii irraa buqqiseera...gaaga'ama baay'ee fideera.Nagaa bade kana deebisuudhaaf,eegsisuudhaaf bara1981(ALA) irraa kaasee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UnitedNations) guyyaa nagaa Fulbaana21tti akka kabajamu godhan . Nagaa boora'e kana deebisuudhaaf maaltu godhamuu qabaree? Hayyootni akkas jedhu:- #1."Dukkanni dukkanamoo'achuu hindanda'u; dukkana moo'achuu kandanda'u ifa qofaadha." (Jibba moo'achuu kan danda'u jaalala qofaadha).(Martin Luther King) #2."Nageenyi humnawaraanaatiinhineegamus,hinargamus.Nageenyikaneegamuufikan argamuswal-hubachuudhaan."(AlbertEinstein) #3."Waa'eenagaadubbachuunqoftigahaamiti.Barbaachisummaanagaattiamanuuniifi nagaadhaafhojjachuunmurteessaadha."(EleanorRoosevelt) #4."Hammajibbaafiwal-qooduudhiisuttinamnikamuuboqonnaa,gammachuuargachuuhin danda'u". (JohnLewis) #5."Nagaajechuunjiraachuudhabuuwal-dhabbiimiti;nageenyidandeettiiwal-dhabbiiuumamu karaanagaatiinfuruuti."(RonaldReagan) #6."Nageenyihojiiguyyaaguyyaati;adeemsahojiitorbaanotaafiji'ootahundumaakeessatti ilaalchafigochagufuunagaaofduraakaasaa,ilaalchaafigochagaariita'ehojjachuuti."(JohnF. Kennedy) #7."Yoohumnijaalalaa,jaalalaaangoocaaleeargamuaddunyaannagaaqabaatti."(JimiHendrix) #8."Waliif-dhiisuun,araaraafinagaabuusuudhaanmaleeboruarguunhinjiru,hinyaadamus. Nagaabuusuubarbaaddataanaanhiriyootakeeosoohinta'indiinotakeewaliinmari'adhu!" (DesmondTutu) #9."(Nagaabuusuudhaaf),diinakeemoo'achuudhaafkaraanguddaanjirutokkodiinakeehiriyaa keetolfachuudha."(NelsonMandella) #10."Ofiikeewaliinnagaayoouumtu,addunyaawaliinnagaaqabaatta."(MahaGhosananda) Tokkoittisiifdabaluu,"Nagaahinqabnujechuunnutiwaliifdiinaosoohinta'infirawaliif barbaachisuta'uukeenyairraanfanneejirrajechuudha."(MotherTeresa) Dubbiihayyootaakanairraakanhubannubarbaachisummaanagaatiifinagaabuusuuniifi eeguunhojiinamahundumaaakkata'eedha. Kanahubanneegaheekeenyahaabaanu! WaaqaAbbaaNagaadhugaakanta'ebiraanageenyihundumakeenyaafhaata'u!
Show all...
DARGAGGUMMAA "Ergaa dargaggoota gargaaru kana #share waliif godhaa! "... Yaadni galgala dhufa, humni ganama dhuma!" ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ "Jireenya keessatti wanti gaddisiisaan dafnee dulloomuu keenyaafii turree immoo ogeessota ta'uu keenya" ─ Beenjaanii Firaankiliin ๛ Dhugaa dubbachuuf jechi beekaan kun dubbate baay'ee nu ilaallata. Maaliif yoo jenne dargaggoonni keenya baay'een isaanii yeroo dargaggummaa wantoota baay'eetti humna isaanii fixu. Kunis lafa itti ogeessota ta'an miti. Lafti yeroo dulloomtu teessu, lafa yeroo dargaggummaa turteedha. ๛ Dargaggummaatti ogeessota ta'uu kan qabnu yeroo humni keenya dhume/yeroo dulloomne warra yaada hubatan taana! Kanaaf yeroo dargaggummaatti ogeessota ta'uudhaaf yeroo hunduma dubbisuun sammuu ofii misoomsuun karaa milkaa'ina keenya jalqabaati. Akkasuma namoota dullooman yaada irraa fudhachuun caalatti gaariidha. Wanta hojjechuu qaban yeroo hojjetamuu qabutti hojjechuu dadhabanis eenyu hojjetee milkeessuu akka danda'u in beeku. Gorsa fudhachuun eenyuufuu gaariidha. ๛ OGUMMAAN JIRAATANII DARBUU CAALA, WANTI NAMA GAMMACHIISU HIN JIRU! Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter link kana tuquun dubbisaa! Gaggeessummaa
Show all...
Hundi namaa haa dubbisu        Dubbisa gaarii.........! Mucaa boddosee ija kuullee Jedhee sossobee nafuudhe Birriin okkotee shan guute Jedhee sossobee na fuudhe Yennaan okkotee harka kaa'u Barariin ukoo na guute Yeroon borsaasaa harka kaa'u Rigaa shantamii shan fuudhe Kan nadhibe kan haadhasaati Sabbata mudhiirraa na hiiktee Mucaashee gadi natti dhiifte Abbuudduu lafatti dhiibee Haa duutuf ga* natti dhii*e Ani hin duune galata waaqi Wantichoo sa***asaatii      Jette..! Dr Zelalemtu jedhehoo
Show all...
"SI'A BAAY'EE KUFUUN KOO ANAAF KARAA FIIXAAN BA'IINSAA NAAF TA'E" (Jecha Toomaas Edisoon ─ Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ...Waa'ee namicha kanaa irra deddeebi'ee kanan barreessuuf waan baay'ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti. Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa'inaa inni sirriin isa kana waan ta'ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay'een utuma jiranii garuu kaka'uumsa gara milkaa'inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!       √~•~•√~•~•√ ➛ Rakkoon rakkoo ta'ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha. ➛ Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta'uu qaba. Carraa ati itti mul'ata kee dhugoomsitu ta'uu qaba. ➛ Jireenya kee keessaa wanti baay'ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha. ➛ Kan baay'ee cimaa ta'e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi! ➛ Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda. Toomaas Edisoon, "Si'a baay'ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba'iinsaa naaf ta'e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe." jedhee dubbata. Kanaafuu atis "HIN KUFNE NAN KA'E MALEE" jedhii of irratti dubbadhu! Eeyyee: ➛ Si'a baay'ee kufuun isaa nama guddaa ta'uutti isa fide. ➛ Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA  ta'a jechuudha. ➛ NAMA ta'uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati. Gaggeessummaa
Show all...
HUBADHU! • D𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂 𝒉𝒊𝒏 𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒎𝒏𝒆 • Hubataan kan ittiin of argu ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➛ ️Namni gamni waan dubbatu itti yaadee dubbata, gowwaan garuu dubbatee fixee itti yaaduu jalqaba. ➛ ️Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala. ➛ ️Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha. ➛ ️Dandeettii yookiin ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi! ➛️ Jireenyi ilma namaa walitti qabaatti gaddaaf gammachuu ta'uu beekanii WALSIMSIISAA jiraachuun dirqama. Gaggeessummaa Gaggeessummaa
Show all...
Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha. -- Your location is crucial. -- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama kee murteessadha. -- Iddoo si madaalutti argamtaa? Mee fakkeenya kana haa dubbifnu! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban. ⁃ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan? ⁃ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani,  ittuu ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu. ⁃ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen. ➥ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte. ❓"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama. ✧ Ati hoo obbolee oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa? Gaggeessummaa
Show all...
MOO'ATAA TA'I! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu. ❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu. ❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha. ❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada. ❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha. ❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha. ❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena. ❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu. ❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu. ❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an. ❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu. Gaggeessummaa Gaggeessummaa
Show all...
GOGUU hidhii ittisuuf: 1. Hidhii jiisuuf yokaan laaffisuuf jecha harraabuu ykn arrabaan xuuxuun irraa of eeguudha. Hancufni dafee qilleensaan goga, yeroodhaaf kan jiise ykn laaffise nutti fakkaatee, garuu erga hancufni ittiin jiifne sun irraa gogee booda kan duraanii irra baay'ee waan goguufi. 2. Yeroo hedduu yoo afuura baafannu funyaaniin afuura baafachuu amaleeffachuu qabna. Kunis afaaniin yoo hargannu ta'e hidhii keenya waan goggogsuufi. 3. Bishaan ga'aa dhuguudha. Bishaan ga'aa yoo dhugui baannee hedduu dheebanne, afaan keenya hidhii dabalatee ni goga. Kanaaf osoo hin dheebotiin illee dhuguudha. 4. Qilleensa qorraa fi gogaa keessa deemuuf jennu ta'e, ba'uu keenyaan dura dibata cream hidhii eegu, yoo danda'ame keessumaa kan aduu dhorku (sunscreen) dibachuudha. Sana booda kafana qal'oo mormatti maratan (scarf) saniin hidhii keenya qilleensa irtaa haguugnee deemuudha. 5. Waantoota qaamni keenya akka alagaatti ilaalee lolu (allergens) akka qalamoota garagaraa . **************** Fayyaan Faaya Dr.Gurmee
Show all...