cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ready Generations

Yaada keessaniif karaa:- 👇 @Debel45 fayyadamaa! Galatoomaa!🙏 @readyhere1

Show more
Finland3 125The language is not specifiedBooks22 960
Advertising posts
215
Subscribers
No data24 hours
+27 days
+230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Share The Oromo Movement.pdf
Show all...
The Oromo Movement.pdf1.11 MB
Qoraasuma Sammuu "Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee: Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna. #Dubbisuun:- Arraba gabaabsa Afaan dhiphisa Sammuu bal'isa Wallaalaa qaroomsa Beekaa daraan qara. Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha. Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha. Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda; Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a. . Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a. "Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha. Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha. . Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane, ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keeti. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a. ~ Orooliyaanaa Margaa Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!
Show all...
👍 1👏 1
Share Vocabularies.pdf
Show all...
Vocabularies.pdf5.70 KB
👍 1
For Students!
Show all...
THE TEN LAWS OF BOUNDARIES 1. The Law of Sowing and Reaping: Our actions have consequences. 2. The Law of Responsibility: We are responsible to each other, but not for each other. 3. The Law of Power: We have power over some things; we don’t have power over others (including changing people). 4. The Law of Respect: If we wish for others to respect our boundaries, we need to respect theirs. 5. The Law of Motivation: We must be free to say no before we can wholeheartedly say yes. 6. The Law of Evaluation: We need to evaluate the pain our boundaries cause others. 7. The Law of Proactivity: We take action to solve problems based on our values, wants, and needs. 8. The Law of Envy: We will never get what we want if we focus outside our boundaries onto what others have. 9. The Law of Activity: We need to take the initiative in setting limits rather than be passive. 10. The Law of Exposure: We need to communicate our boundaries to each other. @readyhere1
Show all...
" When in charge, ponder; when in trouble, delegate; when in doubt, mumble." James H. Boren @readyhere1
Show all...
Share Abjuu Keetti Abdii Hin Kutin!.pdf
Show all...
Abjuu Keetti Abdii Hin Kutin!.pdf4.09 MB
Researchers who have adopted what is known as the social identity approach argue that most of the time people think, feel and act as members of some sort of group. In other words, we do not necessarily act towards another individual in terms of their unique personality characteristics; we consider (perhaps subconsciously) our own group memberships and theirs and then we decide to act towards them in a particular way. @readyhere1
Show all...
"He who does not understand your silence will probably not understand your words." ~ Elbert Hubbard 👇 @readyhere1
Show all...
Bu'uurri oolmaa bariidha. Bariin oolmaa bareechuus; balleessuus ni danda'a. Warri ganama fuula ifaafi miira guutuun tarkaanfii isaanii eegalan oolmaan akkasumas waariin isaanii tolaa ta'a. "Guyyaan har'aa guyyaa kooti," , "Guyyaan har'aa baay'ee bareedaadha," ,"An guyyaa har'aa karoora koo fiixaan nan baasa,'' , "Har'a wantan gochuu danda'u nan raawwadha,"....... Jechoonni nuti keessa keenyatti yookiin ofii keenyatti dubbannu(intrapersonal speech), isa qaama lammaffaatti dubbannu(interpersonal speech)caala dhiibbaa nurratti taasisuuf humna qabu! Dhiha Gaarii!🙏 👇 @readyhere1
Show all...
1