en
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

Open in Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

Show more

📈 Analytical overview of Telegram channel Gali Ababor Official

Channel Gali Ababor Official (@glababor) is an active participant. Currently, the community unites 10 203 subscribers, ranking 8 915 in the Religion & Spirituality category and 417 in the Finland region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 10 203 subscribers.

According to the latest data from 08 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 41 over the last 30 days and by 0 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 25.40%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 6.14% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 0 views. Within the first day, a publication typically gains 626 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 0.

📝 Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
Hubannoo sirrii uumuuf

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 09 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.

10 203
Subscribers
No data24 hours
+127 days
+4130 days
Posts Archive
mee dhaggeeffadhaa. Waan Ogbarruu Islaamaa biyya kanaa mudatee ture. Hayle Sillaaseen Gara Kuweet dhaqee jaalala barbaade, garuu timatimi na ebbisan https://youtu.be/rqbsI0sdg4o?si=DGFcKBRZKQKdP5qd

Ajandaan mana barumsaafi yuunivarsitii keessatti salaata dhorguu, niqaaba baasisuu kan ministeerri barumsaa amma fudhatee dhufe kun kaayyoon isaa maali? Hoggantoota biiroo barnootaa naannoleefi pirezdaantota Yunivarsitii adda addaatti ergaa kana sa'aatii ammaa dabarsuun maaliif barbaachise. Majlisni federaalaa yaada kana deeggaree jira jedhanii kijiba irra kaa'uun hoo maaliif laata?

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Sababa da'awaa bal'aa godhameetiin aadaan badiifi fasaada adda addaa of keessatti hammate baay'een isaa ummata Muslimaa keessaa xiqqaatee ture. Fuudhaafi Taaziyaan keenyallee seera Rabbii irratti hundaa'ee geggeeffamuu jalqabee ture. Qabsoon guddaan du'aatonni godhan shirkiifi bid'aa qofa balleessuu osoo hin taane aadaa fokkisaa fuudhaafi heeruma keessa jirullee hir'isee ture. Garuu amma adeemsi baay'een faallaa ta'uu jalqabee jira. Guyyaa dilbataa tokko salaata Asrii booda magaalaa keessa qaxxaamuruuf deeme. Wallaahii fuudhaafi heerumni Muslimaa ani arge baay'ee na gaddisiise. Sirba jallinaa kan dhiiraafi dubartoonni wal keessa makatanii karaa gurguddaa magaalaa cufanii sirban arge. Misiroon lamaanis walakkaa ummataa bu'anii sirbu. Magaalaan guutuun garee sirbaatiin guutame. Amma biyya keenyallee qaxxaamuree warri biyya alaatti godaanes badii kana caalu raawwachuu jalqabe. Sirba isa waloon raawwatan irratti dabalata dhiiraafi dubartiin qindii qindiidhaan sirbuu jalqaban. Badiin Rabbiin dhowwe baay'een raawwatamuu jalqabe. Baay'ee isaas waraabanii miidiyaa irratti gadhiisu. Yakki achitti raawwatame osoo jiruu waraabanii addunyaa waliin ga'u. Amma ummata keenya haala Rabbiin nurraa jaallatu keessa jirraa? Warri yakka haala kanaatiin fuudhaa jirtan bu'uurri isaa ni tolaa? Hojii ummata Muslimaa fakkaatu hojjataa jirraa? Warri badii kana qindeessitanii sirbitoota itti affeertan Rabbii keessan hin sodaattanii? Yaa ummata Muslimaa! Rabbiin haa sodaannu. Fuudhaafi heerumni keenya sodaa Rabbii irratti haa ta'u. Du'aafi jireenyi keenyallee waan Rabbiin dallansiisu ta'uu hin qabu. Badii shabaaba wal ga'aa jiru kana dhaabuuf haa hojjannu.

إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ يُغْشِى ٱلَّيْلَ ٱلنَّهَارَ يَطْلُبُهُۥ حَثِيثًا وَٱلشَّمْسَ وَٱلْقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتٍۭ بِأَمْرِهِۦٓ ۗ أَلَا لَهُ ٱلْخَلْقُ وَٱلْأَمْرُ ۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga. Aduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate. Yaa namootaa! Rabbiin keessan Isa samiifi dachii fakkeenya wahiitiin malee guyyaa jaha keessatti uumee ergasii ol ta'iinsa Isaa malu kan nuti akkaataa isaa hin beekne Arshii irratti ol ta'eedha. Ifa guyyaatiin dukkana halkanii deemsisa. Akkasumas ifa guyyaa dukkana halkaniitiin deemsisa. Lamaan isaaniituu ariitiidhaan isa kaan barbaada; booda hin harkifatu. Yeroo kun deeme kun ni seena. Biiftuu, ji'aafi urjiilee laaffifamtuu taasisee uume. Uumuun hunduu kan Isaa qofa. Uumaan Isa malee eenyumatu jira? Ajajnis kan isaati. Toltuun isaa guddatee baay'ateera. Inni sifata guddinaafi guutummaatiin ibsama. Gooftaa aalamaatis. Surah 7, Ayah 54

Hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Dardara wahiitu aalima Bukhaarii qaraasisutti dhufee "ati as taa'ii Bukhaarii qaraasisi warri dhihaa ji'arra bahaa jiru" jedhe. Aalimichis "maaltu raajiidha ree? Uumamatu uumamatti dhaqqabe; nutimmoo gara uumaa keenyaa dhaqqabuu feena. Garuu hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane" jedheen. ** Hoongoon hundaa olii addunyaafi aakhiraa khassaruudha. Ergamtuu jallinaa Rabbi nu hin godhin. Rabbiin nu haa tiksu.

«የሙስሊሞች ጉዳይ ያላሳሰበው ከኛ አይደለም!» ብለዋል ረሱል ﷺ። «Namni Dhimmi Muslimootaa isa Hin Yaachifne nurraahii miti» Rasuul ﷺ

Beeksisa ** Barattoonni Dippiloomaa hunduu kanneen qabxii 2:00 fi sanaa ol fiddaan hanga Fulbaana 24 tti galmaa'aa xumuraa. Darsiin gaafa 25 jalqaba Inshaa Allaah. Warri qabxiin keessan 2:00 gadi ta'e sirreeffadhaatii galmaa'aa. Kafaltii galmee Qarshii 1000, akkasumas kan baatii tokkoo birrii 1,000 yoo ta'u namni dandeessan kan semisteera guutuu kaffalaa. Kan hin dandeenye kan baatii sadii ykn lamaa kaffalaatii galmaa'aa. Yaadachiisa: Amma barattoota haaraa fudhataa hin jirru.

Suurat An-Nuur gadhiifamaa jira. Garee isaa seenaa: https://t.me/tafsiiragannaaf/34

An-Nuur 30-38.m4a56.80 MB

Beeksisa Barattoonni gannaa Qorumsa aqiidaa final (100%) gaafa Roobii qoramtu, Tafsiira immoo Dilbata itti aanu qoramtu Inshaa Allaah. Qu'adhaa itti qophaa'aa.

Warri Gannaa seenaa darsii Tafsiiraa hafe jidduu kana xumurra Inshaa Allaah, https://t.me/glababor?livestream=dea986a58d35fa26eb

Khuxbaan jidduu kanaa ilmaan Keenya barumsatti kakaasuu ta'uu qaba.

Mana Marii Olaanaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa 1. Sheik Gaalii Muktaar Perezidaantii 2.Sheik Mohammednur Ahmed Muusaa itti Aanaa prezdaantii 3.Sheik Taajuddin Dursaa Itti Aanaa prezdaantii 2ffaa 4. Dr. Mohammed Abdul-Hakiim Barreessaa ol'aanaa ta’uun filatamanii jiru.

photo content
+3

የኦሮሚያ ክልል እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት 1.ሼክ ጋሊ ሙክታርን የክልሉ ም/ቤት ፕሬዝዳንት 2.ሼክ መሀመድ ኑር አህመድ ሙሳን ምክትል ፕሬዝዳንት 3.ሼክ ታጁዲን ዱርሳን የም/ቤቱ 2ኛ ምክትል ፕሬዝዳንት 4. ዶ/ር መሀመድ አብዱል-ሀኪምን የም/ቤቱ ዋና ጸሃፊ እድርጎ መርጧል። ለሁላችሁም ተመራጮች መልካም የስራ ዘመን ይሁንላችሁ።አሏህ ያግዛችሁ። *********** Warri filatamtan hundinuu jireenya hojii gaarii nuuf haa ta'u. Rabbiin isin haa gargaaru

Voice message00:18

As wr wb har'a na dhukkube an seenuus hin dandeenyee aqiidaas xumurreerraa qu'adhaa
Sahibudin

Tafsiira Suuratu Qaafiin isiniif gadhiiseera. https://t.me/tafsiiragannaaf/26

Darsii 19ffaa Umdatul ahkaam.m4a32.45 MB