en
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

Open in Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

Show more

📈 Analytical overview of Telegram channel Gali Ababor Official

Channel Gali Ababor Official (@glababor) is an active participant. Currently, the community unites 10 204 subscribers, ranking 8 915 in the Religion & Spirituality category and 417 in the Finland region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 10 204 subscribers.

According to the latest data from 08 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 41 over the last 30 days and by 0 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 25.40%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 6.14% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 0 views. Within the first day, a publication typically gains 626 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 0.

📝 Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
Hubannoo sirrii uumuuf

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 09 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.

10 204
Subscribers
No data24 hours
+127 days
+4130 days
Posts Archive
Markazni Bilaal Magaalaa Sheekii sadarkaa sadarkaadhaan kanarra ga'ee jira. Namoonni waadaa seentanii turtan waadaa keessan g
+3
Markazni Bilaal Magaalaa Sheekii sadarkaa sadarkaadhaan kanarra ga'ee jira. Namoonni waadaa seentanii turtan waadaa keessan guuttadhaa. Namoonni biroos niyyadhaa. Baankii Rabbii keessa keeyyadhaa. Herrega baankii Masjida Dedoo Magaalaa Sheekii *** Hijraa 1000055510001 Raammis 1010058603001 Daashin 3947595618211 CBO 1041900364441 CBE 1000735392038 Hijraa 1000055510001 Awash 014251723927801 Dedo Bilal Mesjid

Dararaan akka manguddoo kana irra ga'ee buufata konkolaataa baay'ee keessatti raawwatama. Naannoon tajaajilli geejjiba hawaas
Dararaan akka manguddoo kana irra ga'ee buufata konkolaataa baay'ee keessatti raawwatama. Naannoon tajaajilli geejjiba hawaasaa kennamu baay'een isaa miidhaa akka kanaatiif saaxilamaadha. Waraabamuu dhabuutu dhokse malee baay'een isaa ulfaataadha. Kanaafuu qaamni mootummaa naannoo buufata konkolaataa osoo sakatta'ee gaariidha.

Ibn Abbaas Akkaadaamiin barnoota idilee bor jalqaba waan ta'eef seenaatii galmaa'aa.

عيدكم مبارك كل عام وأنتم بخير 🌙✨ Eid Mubarek! ዒድ ሙባረክ! تقبل الله منا ومنكم الصيام والقيام، وجعلنا وإياكم من المقبولين. أسأل الله أن يعيده علينا وعليكم بالخير واليمن والبركات، وأن يملأ قلوبنا سعادةً وطمأنينة، ويجمعنا بأحبابنا على الخير دائمًا. عيد فطر سعيد 🌸🤍 أخوكم غالي أبابور

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Beeksisa Galmee Dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa Barattoota Haaraaf **** Ibn Abbaas Akkaadiimiin online irratti sagantaa barumsa Dippiloomaa Tafsiiraa barsiisaa turee jira. Barnootichi duraan waggaa lamatti akka xumuramuuf irratti hojjataa turre. Amma garuu qabatama hedduu ilaaluudhaan waggaa tokkotti akka xumuramu murteeffame. Shawwaal irraa kaasee Ramadaana itti aanu dura xumurama jechuudha Inshaa Allaah. Kanaafuu Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa online Afaan Oromootiin barsiisuuf galmee haaraa eegalee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Shawwaal 15  ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadiiti: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii fi 5. Hadiisa. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: *** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa harka caalu irratti argamuu danda’uu. Wantoota galmeef barbaachisan **** 1. Email mataa keessanii banachuu 2. Foormii guutuu 3. Kafaltii galmee birrii 1,000 fi kan baatii tokkoo birrii 1,000 kafaluu. Namni danda'e kan Semisteeraa 6,000 bakka tokkotti kaffaluu qaba. Liinkii Unka Galmee (IAA) barattoota haaraa https://forms.gle/1JPMBuUyjKoJxPg6A Lakkoofsa baankii armaan gadii irratti galchaatii receipt ergaa. *  1000638101827  * CBE Fuad Muhamed Receipt teleg. lak. +251913819109, 0952418212 ergaa.

1772796908298_1772796908298.mp421.58 MB

photo content
+1

Ijaarsi Markaza Magaalaa Sheekii Godinaa Jimmaa Aanaa Dedoo jalqabamee jira. Namoonni waadaa seentan Ramadaana kana keessa waadaa keessan guuttadhaa. Herrega baankii Masjida Dedoo Magaalaa Sheekii *** Hijraa 1000055510001 Raammis 1010058603001 Daashin  3947595618211 CBO  1041900364441 CBE  1000735392038 Hijraa 1000055510001

Wantota sooma keessa eeyyamaman ** 1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa. Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan.  Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu. 2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu. وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ". Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture. 3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu.  وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ". Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture. 4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama: فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu. 5/ Koobbannaa: فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha. 6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu: Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti. فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح. Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan. Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru.  Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha. 7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu. 8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan. قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه. Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan. 9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama. روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ". Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan. Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti. 10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.

Wantoota Sooma Namaa Balleessan **-* Wantoonni sooma balleessan bakka lamatti qodamu. Isaanis; 1) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu namatti dirqama godhuufi 2) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu/  fi kaffaaraa /kafaltii adabbii namarrstti dirqama godhuudha. Wantoonni sooma balleessanii qadaa qofa namatti dirqama godhan kanneen armaan gaditi: 1/ Nyaataa fi dhugaatii beekaa fudhatamu. Yoo namichi dagatee, dogongoree ykn dirqamsiifamee nyaate ykn dhuge qadaa kaffaluus ta'ee kaffaaraan isarra hin jiru. عن أبي هريرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من نسي - وهو صائم - فأكل أو شرب، فليتم صومه، فإنما أطعمه الله وسقاه ". رواه الجماعة Abuu Hurayraa irra akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Namni osoo soomuu dagatee nyaate ykn dhuge sooma ittuma haa guuttatu. Kan isa nyaachisee fi obaase Rabbi waan taheef”. Wantoonni nyaata bakka bu'an kanneen akka gulukoosiis sooma ni balleessu. 2/Beekaa of haqqisiisuun/nyaata oldeebisuun sooma cabsa. Garuu yoo humnaan isa moo’atee ofiin harkaa ba’e qadaas ta’ee kaffaaraan irra hin jiruu. عن أبي هريرة: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من ذرعه  القئ فليس عليه قضاء، ومن استقاء  عمدا فليقض ".  رواه أحمد وأبو داود، والترمذي، وابن ماجه، وابن حبان، والدارقطني، والحاكم، وصححه Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti Rasuulli(SAW) akkana jedhan “Namni ol-deebisaan isa moo’ate qadaan (kaffaltiin ) isarra hin jiru. Namni ofiin beekaa of balaqqamsiise haa kaffalu.”       Ahmad , Tirmiizii, Ibnu Maajaah fi kanneen biroos gabaasaniiru. 3/Aadaa ji’aa /Haydii/ fi dhiiga dahumsaa: osoo biiftuun hin lixiin dura yoo itti dhufe sooma ishee ni balleessa. 4/Istimnaa’a (fedhii ofiitiin maniyyii /ispermii ofirraa baasuu): haadha manaa isaa dhungachuun ykn ofitti maxxansuun ta’ee qaama saalaa harkaan qabuun yoo maniyyii beekaa ofirraa baase soomni isaa ni bada. Qadaa baasuun dirqamaa. Garuu yoo diqqata ilaallaan ykn yaadnaan ba’e kun sooma hin cabsu, akkasumas nama hirriba keessa maniyyiin irraa bahe soomni isaa hin badu. 5/wantootuma nyaataaf hin taanes liqimsuudhaan soomni akka badu ulamaa’onni walii galaniiru. 6/Wal qunnamtii saalaa (inni kun kaffaaraan isaas ulfaataadha.) 7/ Namni niyyaa isaatiin faxiruu murteesse osooma nyaachuu dhiseeyyuu soomni isaa ni bada.

Ramadaan Mubarek! Baga baatii Ramadaanaa kabajamaan nu ga'e.

Herrega baankii Masjida Dedoo Magaalaa Sheekii Hijraa 1000055510001 Raammis 1010058603001 Daashin 3947595618211 CBO 104190036
+1
Herrega baankii Masjida Dedoo Magaalaa Sheekii Hijraa 1000055510001 Raammis 1010058603001 Daashin 3947595618211 CBO 1041900364441 CBE 1000735392038 Hijraa 1000055510001

Hadiisa Abuu Hureyraan odeesse keessatti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "Wallaahii guyyaa Qiyaamaa haqqii hundaa kaffaluuf jirtu. Inumaa reettii baajii (gaafa hin qabneef) reettii gaafa qabdu irraa ni kafalama." Muslimtu gabaase. Yaa Rabbi miidhuufi miidhamuu irraa nu eegi.

Guyyaa galmeen hajjii xumuramu Amajjii 18.
+1
Guyyaa galmeen hajjii xumuramu Amajjii 18.

Namoonni Hajjii VIP galmaa'u barnaaddan amma isiniif gadhiifamee jira. https://www.facebook.com/share/p/19xUDgVXKs/

photo content

Godina Jimmaa Aanaa Dedoo Magaalaa Sheekhii Markaza Bilaal Amajjii 10 guddaa fuuldura keenyaa ጥር 10 በጅማ ዞን ሼኪ ከተማ ** Godina Jimmaa Aanaa Dedoo Magaalaa Sheekhiitti Markazni Bilaal kan Masjidaafi Madrasaa bulmaataa of keessaa qabu ijaaruuf sagantaan Muhaadaraa gaafa Amajjii 10, 2018 qophaa'ee jira. Istaadiyeemii Magaalaa Sheekiitti geggeeffamuuf qophii xumuree jira. Kaayyoon sagantichaas Madrasaa dhaloota ammaa leenjisu masjidaa waliin ijaaranii dhaloota lafaa dhufaa jiru qaruudha. Barumsa amantii Islaamaa barsiisuufi darasoota baratan qarooma adda addaa leenjisuu irrattis ni xiyyeeffata. Ilmii sharii'aa barsiisuufi Qur'aana haffazchiisuunis kaayyoo isaa keessatti argama. Barattoota naannoo Kibba Lixaa kanneen lakkoofsi Muslimaa muraasaas Inshaa Allaah ni hammata. Guyyaa sagantichaa irratti keessummoonni gurguddoon biyyattii ulamoonni, hoggantoonni majlisa federaalaa, Majlisa Oromiyaafi Majlisa Finfinnee, akkasumas du'aatonni gurguddaan akka biyyaatti beekaman affeeramanii akka achirratti argaman waadaa galaniiru. Kanaafuu Muslimoonni ergaa keenya dhageessan kanneen biyya keessaas ta'ee biyya alaatti argamtan guyyaa sanatti irratti akka hirmaattan kabajaa wajjin isin affeerra. Marii godhaa jirra. Amajjii 10/2018

Galmeen Hajjii bara kanaa dhumuudhaaf guyyaa 14 qofatu hafe. Kun murtii majlisaa osoo hun taane Ministeera Hajjii Sa'uudiiti.
Galmeen Hajjii bara kanaa dhumuudhaaf guyyaa 14 qofatu hafe. Kun murtii majlisaa osoo hun taane Ministeera Hajjii Sa'uudiiti. Booda galmeen dhumee warri dhuftanii nama rakkiftan ammuma galmaa'aa. Ergicha waliifis dabarsaa.