cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Waajjira barnoota bul/mag/Asallaa

Show more
Finland2 535The language is not specifiedEducation61 504
Advertising posts
1 358
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+1530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from N/a
#BEEKSISA 12/06/2016 Hoggansa Barnootaa , Barsiisota , Maatii Barattoofi Barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa Oromiyaa hundaaf. Akkam Jirtan? #Qormmaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa_bara_barnootaa_2016_kennamu ilaalchisee gamanummaa qophiin akka taasiftan isin beeksifna. #A- Bara Barnootaa 2016 akka Naannoo Oromiyaatti, #Barattootni_kutaa_6ffaa; Dhiirri - 386,703, Dubartiin - 345,540, waliigala barattootni kutaa 6ffaa 732,243 yeroo duraatiif qoruumsa Naannoo ni fudhatu. Biiroon Barnoota Oromiyaa hir'ina dhiyeessii kitaabaafi muuxannoo dhabuu barattootni qormaatichaarratti qaban yaada keessa galchuu, bara kanaaf akka shaakalaaf(ka'umsaaf) ta'u bara duraa kanaaf qofa Qoruumsi Naannoo Kutaa 6ffaa Gosa Barnoota Shan qofa akka ta’uufi qabiyyeen isaas kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'u ta’uu isin beeksisina . #Gosa_Barnootaa_Qormaatn_Kutaa_6ffaa_keessaa_qophaa'u; 1.Afaan Dhalootaa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5.Saayinsii Hawaasaa yoo ta'an, #Yeroon_Qoruumsaa immoo, #Caamsaa 26-30/2016 ta’a. #B- Barattoota #Kutaa_8ffaa_Bara_Barnootaa 2016 Qormaata Naannoo Fudhatan Ilaalchisee; Barattootni Qormaata Fudhatan - Dhiirri 347,313 - Dubartiin 323,963 Waliigala barattooni 671,276 qoruumsa naannoo bara 2016 ni fudhatu jedhamee eegama. Qoruumsi kutaa 8ffaatis qabiyeen isaa kan kutaa 8ffaa keessaa qofa kan qophaa'u yoo ta'u , #Yeroon_qorumsaa #Waxabajjii 3-7/2016 ta’a . #Gosa_Barnootaa_Qorumsi Kutaa_8ffaa keessaa_qophaa'us; 1.Afaan Dhalootaa 2.Afaan Lammaffaa 3.Afaan Ingilizii 4.Herrega 5.Saayinsii Naannoo 6.Saayinsii uumamaa 7.Barnoota gosoota hunda galaa ( Safuu,Gadaa fi Lamummaa ) ta'uu gamanumaa isin beeksifna. Maatiin, Barsiistoniifi hoggansi barnootaa kana beektanii barattoota keenya akka qopheessitan dursinee isin hu bachiisaa, barattootnis haaluma kanaan qoohii akka gootan Isin hubachiifna. Biiroo Barnootaa Oromiyaa. Guraandhala 12/2016 FINFINNEE
Show all...
Repost from N/a
#Qormaata_kutaa_12ffaa =======//=========== Qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 ilaalchisee ibsa kenname: 1. #Natural_Science Gosa barnootaa: English, Mathematics, Physics, Chemisty, Biology & Aptitude 2. #Social_Science Gosa barnootaa: English, Mathematics, History, Geography, Economics & Aptitude ➡️ Haala kenniinsa qormaataa #Economics only from grade 12 Gosa barnootaa hafan ammoo 👉 9_11 from old curriculum 👉 12 from new curriculum
Show all...
Akkam jirtu! Sagantaa Qoruumsaa ================== 1)Madaalliin(Qormaanni xumura simiisteera 1ffaa)kutaa 6ffaa,8ffaafi 12ffaa 27_29/5/2016 jidduutti kennama... 2)Madaallii kutaa 5ffaa,7ffaa,9ffaa,10ffaafi11ffaa akka mana barnootatti qophaa'uun guyyaa 20_25/5/2016 jidduutti kennamee kan xumuramu ta'a. 3)Iddoon qormaanni kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12ffaa iddoon itti baayyatu,gidduu gala Magaalatti idfoo Mgt murteesdeewaan ta'eef,baajata dhimma jeeneereetaraa,warqaa baayyisaa, halluu baayyisaafi sittiippilisii ittiin walitti qabsiifamuu,haala gahoo M/Btiin caccabsaa hojjachuun yeroi gabaabatti isin qaqqabsiifnu waan ta'eef dura bu'oota Mana baruumsaa baajata murteessuuf of dagatamuu hin qabu. 4)Gabaasa qaacceessa qabxii simisteera 1ffaa barnoota waliigalaa 25_30/6/2016 jidduutti M/Btti qophaayee Magaalaa irraa gara Sarvarii BBOtti gala. HUB:Hojii kana kara milkaayaan keessa bahuuf, karoora gochaa (action plan) hojii akka ka'uumsaatti isiniif maxxanfame bu'uura gochuun ( sagantaa maxxansa qormaata ,sagantaa kilaastara qormaataa, nama qoruu qopheessuu,haala naamusa qormaataa itti kennamuu kan to'atuu,guyyaa dura bu'oota M/Btiif orranteeshiinii ni kennama.Ammasii gahee barattoota kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12ffaa waraqaa Qormaatni ittiin qophaa'u halluu baay'isaa kan oolu gahee keessan irratti mana barnotatti qopheeffadha Nagaa ta'a!!!
Show all...
Gamaaggama. =========== Waajjirri barnoota bulchiinsa magaala Asallaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 gaggeesse. ============================== Gamaaggama raawwii hojii barnootaa bakka Hoogganaan waajjirichaa Obbo Huseen Kadiiroo ,Koreen GMB , Dura taa'ota M/B fi ogeeyyiin waajjirichaa argamanitti geggeessaa ooleera. Hirmaattonni gamaaggamichaa akka jedhanitti gaheen barnoota qulqulluu fi galmaan gahiinsa barnootaa kan abbaa tokkoof kennamuu fi qaama tokkoon galma gahuu qofa osoo hin taane hordoffii fi deeggarsa qaamota garagaraa akka ta'es eeraniiru. Hojiin barnootaa deeggarsaa fi hordoffii qulqullina qabuu fi walitti fufaa ta'e barbaada kan jedhan hoogganaan Waajjira barnoota bulchiisa magaala Asallaa xiyyeeffannoon barnootaaf dhimmamtoonni laachuu qaban kan kanaan duraa ol akka ta'uu qabus itti dabaluun eeraniiru. Xumura irrattis Obbo Huseen Kadiiroo itti dabaluun Ciminoota kurmaana 1ffaa keessatti gonfattan akka qabxiilee ciminaatti qabachuun hanqinoota jiran irratti xiyyeeffannoo fi jijjiirama bu'uuraatiif cichanii akka hojjatan eeruun gamaaggamichi milkaa'inaan goolabaniiru. Barnoonni bu'uura jijjiirama biyyaatiif shoorri isaa olaanaa dha.
Show all...