cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:- https://t.me/FiraafanK_telegram Join gochuuf:- https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
2 856
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

ODUU ISPOORTII Dorgommii tapha kubbaa miilaa garee Hojjattoota mootummaa fi Qaalayinsa jireenyaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun Qaalayiinsi jireenyaa goolii sagalii fi duwwaan(HM 0:9 QJ) dursaa jiraachun dhagahame. Taphichi dirree Hojjattoota mootummaa irratti taphatamaa kan jiru yoo ta'u Qaalayiinsi jireenyaa dirreen ala garaagarummaa goolii hedduutin dursaa jira. Dorgommichaan kilaba Qaalayinsa jireenyatif goolii jalqabaa kan lakkofsise taphataa urjii sarara fuulduraa garichaa kan ta'e Zeeytiin walitti aansee goolii sadi galchuun haatrikii hojjachuun injifannoo cululuqaa garichi galmeessef gahee olaanaa bahachuu danda'eera. Itti dabaluunis Kiraan manaa kubbaa saamunaan mijeessee kenneef goolitti jijjiirun garichi goolii afurii fi duwwaan akka dursu taasiseera. Kana males boqonnaa dura daqiiqaa dabalataa keessatti Xaafiin goolii miidhaagduu Boqoolloon mijeessee kenneef galchuun garichi goolii shanii fi duwwaan boqonnaa akka bahu taasiseera. Boqonnaa booda goolii jalqabaa kan lakkoofsise Boba'aan walitti aansee goolii lama galchuun goolii tokko ammoo Geejjibaaf mijeessee kennuun seenaa hojjateera. Geejjibnis goolii saddeettaffaa Boba'aan mijeessee kenneef galchuun injifannoo irratti injifannoo dabaluu danda'eera. Taphataan sarara gidduu Kasalli(Cileen) goolii Qoraan mijeessee kenneef addaan itti bu'ee kan galche yoo ta'u taphichi ammallee daqiiqaa torbaatamarra ga'ee itti fufaa jira. Daqiiqawwan hafan keessatti taphattootni ciccimoon akka Foonii, Hanqaaguu, Uffataa fi kanneen biroo goolii dabalataa ni galchu jedhamanii eegamu. Gama kilabii Hojjattoota mootummaatiin goolii galchuu irraa abdii kutanii gooliin dabalataa akka irratti hin galle of irraa ittisuu kan itti fufan yoo ta'u. Gareen Qaalayinsa jireenyaas goolii dabalataa galchuudhaf dhiibbaa uumaa jiraachuun dhagahame. Garichi gahuumsa kanaan itti fufnaan waancaa/geeba kaasuu irraa wanti isa dhoorku akka hin jirre beekamaadha jechuun kan gabaase ripportara keenya Hafarsoo Jarjarsooti. Barreessaan.......Gaaf tokko dubbanna... Page keessan #Arbagugu Post #Add yoo gootan waan baay'ee argattuu.....Yoo isinitti tole, Like, Comments, Share godhaaaaaa
Show all...
Bara haaraa jenna Baraan bara lakkaa'aa Guyyaan inuma deema Silas yoom gadi taa'aa Har'a geenyeerraa kinoo Bara meeqa darbinee Bara haaraa malee Wanta haaraa hin arginee Namuu birraa jechaa Gammachuun macha'aa Baga geessan jedhee Jechoota lakkaa'aa Takka turraan garuu Jalqabneerra shakkii Bara darbe wayya Baranarra lakkii Yaa bara dheengaddaa Yaa bara qananii Shaayin shilingiidha Shiroon birrii shanii Bara kana ammoo Wanti hundi cinqiidhaa Kibriitin birrii shan Kan dur shilingiidhaa Barri tokko darbee Kan biraammoo dhufaa Bifa jijjiirratee Rakkoon itti fufaa Bara kaan waraana Bara kaan dhukkubaa Yookan hoongeen bu'ee Ummata guggubaa Rabbii guddaa qofa Kan buqqaasu gufuu Barri jijjiirameef Jijjiiramni hin dhufuu...... By....... Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

GARA KAM NAAF WAYYAA......???? Fuuldurri koo taabba...... Taabba dabaaf shiraa Kan bahuun fagaatuu Dudduubben koo boolla..... Boolla gadi fagoo Isa nama nyaatuu Gama tokkoon qoree..... Qoree dhoqqee keessaa Ishee nama dirtuu Ijaan hin muldhattu Bakki isheen jirtuu Gama kaanin ammoo Qileedha hallayyaa Eessan tarkaanfadhu Gara kam naaf wayyaa.....???? Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

"Yaad-rimee Waa'ee Rabbii kiristaanummaa keessatti" Abdussalaam idriis (seyfal_islaam) kitaaba Dr Zakir irraa. Page 11 Size 78k @seyfal_islaam2nd @seyfal_islaam2nd
Show all...
Hidhaa Baatii Tokkoo..... Shororkeessummaadhan Erga himatamee Adabbiin ulfaatan Kan natti kennamee Saahibban kootirraa Ana fageessanii Qaallitti nagalchan Natti murteessanii Sibiilan hidhanii Achi na geessanii Jarri akkaan cimoo Garaa jabaatanii Murtii ji'a tokkoo Kan natti laatanii Yaa hiriyoota koo Maalif na gattanii Ji'a tokko guutuu Narraa baqattanii Anoo waa'ee keessan Yaadudhan machaa'ee Dhiphachaatin ture Mana hidhaa taa'ee Hidhamaan ni ba'a Kan du'etu hin kaanee Akka isin yaaddan Isiniif hin taanee Daqiiqan sekondii Guyyaan torbii ta'ee Ji'a tokko geenyan Torbiinis naanna'ee Dhufee jira anis Kunoo hidhaa ba'ee Hojii koo eegale Kaleessa galgalaa Bu'aa buufachaara Jalqabee daldalaa Hojiin kan koo duruu Nama kakaasuudhaa Bultii namaa diigee Adda facaasuudhaa Baay'ifachuu fedhaa Hiriyaa shabaabaa Waliin ta'ee guutuf Abidda azaabaa Jaabaadhee hojjadha Erga bahee hidhaa Wanti namaaf balaa Anaaf ammoo chidhaa Salaata subhirraa Isa kaan raffisee Isa kaan sossobee Jam'aarraa hambisee Gammaduu barbaadee Kan irkate nattii Isa kaanif kamrii Isa kaan zinattii Baasii tokko malee Qabee bira geessaa Hiriyaa koo hundaa Akkasiin milkeessaa Warra narraa dheessan Hunda jibbee dhiisaa Warra natti dheessan Hundumaa ni kiisaa Kanaaf natti koottaa Karaa kootu caalaa Kan gara koo gore Boru abidda dhaalaa Nuun jedhaara kunoo Sheyxaanni hiikamee Ramadaanni baanan Hidhaa gadhiifamee Warri soomni baanan Saalata dhiiftanii Sheyxaana jallataa Maaf gammachiiftanii Kan rabbiin dhiiftanii Gabbartan soomanaa Soomanni ba'eera Kasaarun yoo tanaa Kan rabbiin gabbaran Gabroonni haqiiqaa Ibaadaan aytowum Inkuwaan la daqiiqaa Baxaam xiruu nabbar Macheem huneetaachoow Ibaadan siyaadrguu Hulleem la geetaachoow Ye jaannat turrufaat Tashallaamii naachoow Gizeewun xabbiqoo Salaat ye saggaduu Haraam nagar titoo Halaal ye naggadhuu Isaan milkaa'oodha Har'aa fi borullee Rabbiin isaan waliin Haal milkeesse nullee Waanuma gabaabduu Jechuu fedheetanii Kana caalaa jechuuf Dadhabaadha anii Kana caalaa jechuuf Anatuu wallaalaa Ibaadaa jabeessaa Waan hunduumaa caalaa Kan rabbin gabbare Jaannatuma dhaalaa I have no more power To speech things We have to avoid Drug and sings The way of devils The house of fire Try to cutoff that Fragile wire Unless otherwise Milkaa'un hin jiruu No need of suspecting The death is true.. Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

Photo unavailableShow in Telegram
🔴 ሰበር ዜና! በሁሉም የሳውዲ አካባቢዎች ጨረቃ አልታየችም። በመሆኑም ነገ እሁድ የረመዳን ማሟያ 30ኛ ቀን ሲሆን ኢድ አልፎጥር ሰኞ እንደሆነ ተገልፅዋል። 📌 T.me/ahmedin99
Show all...
Badii maalii qabnaa......? Assalaamu aleeykum Obbolaa aakiraa Amriin waa hundaatuu Rabbiin harka jiraa Maalif bara baraan Mataa gadi cabnaa Maalif nu roorrisu Badii maali qabnaa..? Adawwiin islaamaa Raftee hin beektu takkaa Rabbitti amanuun Maalif ta'e yakkaa..? Adawwiin hin rafu Garaansaa dhukkubaa Kanaaf nu salphisee Mana rabbii gubaa Islaamummaan ifaa Akka ji'aaf aduu Adawwiin baay'ateef Abadan hin baduu Seenaa baaroomeedaa Waan daganne seetuu Yeroof kaatti malee Dharti laga hin ceetuu Muslimonni hunduu Haa ta'an kaafiraa Kan hin ta'u jedhe Du'atu isaaf jiraa Teedroos akkas jedhus Mootummaan zaalimaa Meeqa galaafatus Darasaaf aalimaa Maqaa jijjirullee Kiristinnaa kaasee Raas mikaa'el jedhee Maqaas yoo moggaasee Roorron jabaattullee Kinoo har'a geenyee Gidiraa adawwii Hundumaa dandeenyee Ilmaan barsiifachuuf Hanga yoom rakkannaa Biyya keenyarratti Hanga yoom salphannaa..? Ijoolleen musliimaa..... Mirgi ishee eegamee Barachuu hin dandeessuu Hanga maatin dhaqee Harkaan mallatteessuu Hin salaatu jedhii Koottuu mallatteessii Ta'uu baannaan deemii Bakka feete geessii Jedhanii doorsisuu Maatii barattootaa Akkamiin haa bartu Daa'imman barnootaa..? Kanaaf osoo aarruu Dabalan kan biraa Mana rabbii gubnaan Obsa maaltu jiraa...?? Qabeenya musliimaa Lafarraa mancaasaa Badii tokko malee Lubbuu namaa baasaa Ummata nagaa Ololaan sakaaluun Ifaa diin islaamaa Shiraan dhaamsuu yaaluun Yoommuu hin milkaa'u Shiraaf jibbaan keessan Ofumaaf damaatuu Yoomis galma hin geessan Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

Godaannisa Musliimotaa fi Mootota Itoophiyaa Kutaa 1ffaa Asalaamualeykum Obbleewwan diinii Waa xiqqoo dubbadhu Naan jette qalbiinii Caalaa ummatootaa Nu godhus rabbiinii Har'a akkam jirra Kaleessa eessa turree Gargar faffacaanee Nutoo taanan burree Yahuudaaf nasaaran Nurratti walkaaftee Luubbuu musliimotaa Lafarraa mancaaftee Lafarraa balleessuuf Qabaatanis hawwii Silas karaan haqqii Hin dhabu adawwii Jalqaba ifaan diinii Addunyaadhaf ifee Ergamaan ilaahii Haqqii qabee dhufee Adawwiin balleessuuf Wanta meeqa gootee Booddee dharti kuftee Haqqiin biyya mootee Handhuura addunyaa Hundaafuu walakkaa Dachee kabajamtuun Baate biiftuun takkaa Hunda caaltuu lafaa Biyyoo biyya makkaa Jalqaba ifaan haqqii Achirraan hanga'ee Kallattii hundaanuu Addunyaa wal ga'ee Roorroof rakkoon cimtus Hundumaa dandeessee Qaanqeen ifaa sanaa Biyyaa keenyas geessee Mootin biyya keenyaas Gammachuun simatee Gaafas abdii kutee Adawwiin rifatee Gaafa ifaan haqqii Habashaa qaqqabee Najjaashin immimman Qabachuu dadhabee Dubbiin haqqii ta'uu Yoosuu isaaf galee Haqqiin hundaaf ifa Beekaa mormu malee Najjashin gammachuun Qabatee shahaadaa Haqqii ol taasisuuf Gaafas seene waadaa Najjaashin dubbate Sagalee ol qabee Tokkichummaa rabbii Habashaaf lallabee Gahee leencaa bahee Kan diinii olqabee Akkasiin anallee Shahaadan qaqqabee Ifaan haqqii latee Lalisee fireessee Gaheen kan kee maali Dabareen si geessee An beekumsa hin qabu Waa tokko hin danda'uu Waa hunda barreessuuf Yeroon naaf hin ga'uu Kanaaf keessa fiigee Tuqee mata duree Silaa naaf mijatee Tokko hin dhiisu turee Mootota Itoophiyaa Kan Najjaashii boodaa Jararraa waan xiqqoo Mee isiniif qoodaa Yohannis afraffaaf Teewodroos dabalatee Ummanni musliimaa Biratti salphatee Kumaatamni du'ee Rabbii isaan walgahee Kumaatamni ammoo Bar kaafira ta'ee Biqiltuu Najjaashin Gad fageessee dhaabee Buqqisuuf addawwii Bara hedduu ta'aabee Mataa irraa murraan Hiddi latee margee Kan dhalootni ammaa Ifaa diinii argee Milnik lammaffaf Kan bara zawdituu Ijji jiraattedhaaf Bar haqqii hin argituu Shiraan ukkamsuudhaf Gaafas dubbii haqaa Heedduu musliimotaa Jijjiiraniis maqaa Haqqii abaan rabbii Kunoo jiraachisee Amantii Bareedduu Kana nu dhaalchisee Bara lij iyyaasuu Kan ija banannee Roorroo bara meeqaa Irraa bayannannee Masjiida ijaarrannus Eeyyama argannee Rabbitti shakkarrus Yeroodhaf gammannee Yeroo xiqqoo booda Lij iyyasuun kufee Mootummaan zaalimaa Booda Hayileen dhufee Ummata musliimaa Karra nutti cufee Hedduun osoo arguu Dhiisee daandii haqaa Fakkaatee jiraachuuf Jijjiiratee maqaa Ulamoota hidhee Isa kaan fannisee Itti yoo naqellee Kaan bishaan danfisee Haqqiin har'a geesse Bar rabbiin hambisee Hayleen awwaalamnaan Booda dargiin dhufee Roorroon musliimotaa Ammas itti fufee....... Kutaan 2ffaan itti fufa... Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...

Anoo Deemuuf Ka'e......... .........25, 26, 27, 28,29..... Anoo deemuuf ka'ee Dafaa na saammadhaa Hamma wal garruufuu Nagaa nadhaammadhaa Ummata musliimaaf An kennaa rabbiitii Qulqulleessaa dilii Saamunaa zambiitii Yaa warra amantan Jechuun isin yaamee Ramadaana soomaa Kan isiniif dhaamee Akka sodaattaniif Rabbiin na wajjabee Lubbuudhan jiraatee Namni na qaqqabee Rabbiin kennaa guddoo Ana keessa kaa'ee Kan dhugaan na soome Dhugumaan milkaa'ee Isiniif badhaasa Anoo rabbiin biraa Halkan kabajamaan Ana keessa jiraa Halkan tokkichisaa Caalu baatii kumaa Badhaafamuu feenan Kurnan gara dhumaa Ibaadatti cimnaan Kurnan boodaa keessaa Keeyrii halkan sanaa Rabbiin si milkeessaa Kan rabbiin kadhateef Ni baati haajanii Kan rabbiin milkeessef Qabama baajannii Anoo deemuf ka'ee Kinoo isin biraa Yeroon koo dhumaara Qophaa'utti jiraa Yaa nama dhugumaan Natti fayyadamtee Rabbitu siif guuta Waan ati haajamtee Anoo nan deebi'a Waggaadhan naanna'ee Kan wal hin argines Ajalli isaa ga'ee Kan wal arginuulleen Ammaaf nagaattii Qiyaamaa nan dhufa Fayyadamnaan nattii Nuun jedhaara kinoo Soomanni baranaa Yaa jamaa musliimaa Maal jettu jaranaa Gammachuun simannus Beelamni ga'eeraa Maalin gaggeessinu Deemuudhaf ka'eeraa Isa bara dhufuu Rabbitu harkaa qabaa Lubbuudhan jiraatee Eenyutu qaqqabaa Osoo bira hin geenye Ramadaana dhufuu Guyyaan isaa geenyan Hedduudha kan kufuu Yaa mootii aalamaa Kanas nu milkeessii Isa bara dhufuus Nagaan nu geessii Jennee haa kadhannuu Cimsinee du'aayii Fayyaaf umrii wajjiin Ibaadan nu faayii Dilii teenya maraa Yaa rabbi nuuf dhiisii Har'a addunyatti Milkiidhan nu kiisii Jaannatal firdoowsiin Bor nu gammachiisii Jennee haa kadhannuu Jechuu fedheetanii Dhiifama naaf godhaa Xumureera anii..... Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram

Gaafas Maal Nuuf Wayya Kutaa 2ffaa... Jireenyi lafarraa Hangam yoo jabaattee Filannoowwan danuu Dhala namaaf laattee Kanumaa dadhabee Boo'a ilmi namaa Jireenyi aakiraa Filannoonshee lamaa Milkoofnan jaannata Kasaarran ibiddaa Fudhachuun dirqamaa Akkam gootee diddaa Osoo yeroo kumas Toowbachuu barbaaddee Osoo sheenoftellee Gaabbiidhaan of waaddee Waa sitti hin dabalu Waa sirraa hin hir'isuu Ibidda jahaannamaa Waa sirraa hin ittisuu Kan adduyaarratti Hojiinsaan kasaaree Jahannama keessatti Mana isaa ijaaree Gaafa lubbuun jiru Waan kaafamu hin se'uu Jahaannamitti kufa Siraaxarra hin ce'uu Ee waa kasaareera Ee waa halaakamee Namni osoo jiruu Sheyxaanaan raafamee Osoo lubbuun jiruu Keeyrii sassaabbatee Jaannata keessatti Mana gad dhaabbatee Inni waa milkaa'e Milkii akkaan jabduu Gaafas qalbiin isaa Wanta yaadde hin dhabduu Jireenya jaannataa Yaa jiruu qananii Yaa laga jaannataa Kan dammaaf aannanii Rabbiin abbaa fedhe Kanaan qananiisaa Daandiin achi geessuu Quraanaf hadiisaa Yaa mootii ol ta'e Yaa abbaa rahmataa Atummaan nuuf bani Balbala jaannataa Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram Yaada nuuf kennuuf https://t.me/FiraafanK_telegram
Show all...
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ

Yaada nuuf kennuuf:-

https://t.me/FiraafanK_telegram

Join gochuuf:-

https://t.me/walaloo_islaamaa_telegram