6 256
Subscribers
No data24 hours
+177 days
+4530 days
Posts Archive
6 256
Adoolessa 26/11/2015.
Waamicha Tajaajila Lammummaa!
Dhalattoota Aanaa Habroo fi Deeggartoota hundaaf!
Lammiitu wal utubee, kaasee wal dhaaba!
Duula "Dabtara Darzana tokko Barataa tokkoof" jedhuun Duula Tajaajila Lammummaatiin deeggarsi Barattoota Harka Qalleeyyii Dabtara bitachuu hin dandeenyeef yeroo garagaratti sassaabamuun isaa ni beekkama.
Bara kanas hojiin sassaabbii dabtaraa kun jalqabameera. Kanaafuu Dhalattoonni Aanaa Habroo Biyya keessaa fi ala jiraattan Duula kana irratti hirmaattanii boruuf ashaaraa akka kaayyattan Waamicha Lammummaa isiniif dabarsina!
Waj/Kom/A/Habrootiin .
6 256
Aanaa Habroo Araddaa Leellisatti Itti quufinsa Kennaa Tajaajilaa irratti Yaadaa Ummataa.
6 256
Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-fagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
****
1.Gartuu dhiiga A
****
Namoonni kun cimoo , hojjii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojjii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!
2. Gartuu dhiiga B
***
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!
Gartuu dhiigaa AB
****
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.
4. Gartuu dhiiga O
****
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraa dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*
Dr Olyaad
6 256
Akka Ethiopia ti
Adoolessa 10 bara 2015. Biqiltuu Miliyoona 500 Dhaabuuf karoorfame Miliyoonni 566 ol Dhaabameera.
Godina Harargee Lixaa Aanaa Habrootti Duula Ashaaraa Magariisaatiin guyyaa tokkotti biqiltuu Miliyoona 4.55 dhaabuuf karoorfame Biqiltuun Miiliyeenni 7.5 Dhaabameera.
6 256
Waxajjii 23/2015
Godina Harargee Lixaa Aanaa Habrotti Konfaransiin Paartii Badhaadhinaa Kur. 4ffaa har'a Gaggeeffameera .
******************
H/Lixaa Aanaa Habrotti Konfaransiin hundee Paartii Badhaadhinaa Gaariin gaggeeffameera. Saaqinsa saganticharratti argamuun haasa baniinsaa kan taasisan Itti/G Waajira Paartii Obbo Aabbuu Anshuu yoo ta'uu, gabaasni raawwii hojii hundeewwan Paartii wal-duraa duuban dhiyaate hirmaannaa miseensotaann qaaccessuun raawwateera. Saganticha kan hogganan Itti/G Waajira Paartii #Obbo_Aabbuu_Anshuu fi Itti/G/Siyaasa #Paartii_Aanichaa_Obbo_Maammadnuur_Rashiid yoo ta'uu, hundeelen 3nuu raawwii hojiitiin sadarkaa gaarirra jiraachuun, Ciminaa fi hanqinoota jiran adda baasudhaan yeroo itti aanutti akkaataa hanqinoota maqsuun ciminoota itti fufsiisun danda'amu bu'uureffachuun kallattiin kaayamuun sagantichi milkaayinaan goolabameera.
6 256
Iid Mubaarak!!!
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Aanaa Habroo Obbo Aabbuun Anshu Ayyaana Iidal Adahaa Waggaa 1444ffaa sababeeffachuun Hordoftoota Amantaa Muslimaatiif ergaa baga geessanii dabarsan.
Baga Ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa kanaan isin gahe kan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Aanaa Habroo Obbo Aabbuu Aanshuu ayyaanni kun Hawaasa Muslimaa biratti gatii guddaa kan qabu tahuun isaa adda isa taasisa waan taheef Ummanni keenya ayyaana kana yeroo gaggeeffatan karaa jaalalaa fi gammachuu waliif qoodaniin tahuu qaba jechuun dubbatan.
Itti aansuunis Obbo Aabbuun Aanshuu "Ummanni keenya ayyaana kana wal gargaaraa, waliin nyaachaa fi wal cinaa dhaabbachaa dabarsuu qaba" jedhaniiru.
Xumura irrattis Ummanni keenya akkuma aadaaf qabu Ayyaana kana karaa nageenya isaa eeggateen akka raawwatu taasisuuf shoora isaanirraa eeggamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
#EAD_MUBAREK!!!
6 256
Iid Mubaarak!!!
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Habroo Obbo Hassan Maammad (Hasso Ormania) Ayyaana Iidal Adahaa waggaa 1444ffaa sababeeffachuun Hordoftoota Amantaa Muslimaatiif ergaa baga geessanii dabarsan!
Hunda dura baga Ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa tahe Ayyaana Iidal Adahaa kana nagayaan geessan kan jedhan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Habroo Obbo Hassan Maammad Ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa kana yeroo kabajannu karaa Rabbii fi ilmi namaa nurraa jaalatuun tahuutu nurra jiraata jedhan.
Itti aansuunis " Ummanni keenya Ayyaana kana irratti toltuu hojjachuun beekkama waan taheef ammas kan beelahe nyaachisaa, kan dheebote obaasaa, kan dhibame gaafachaa, kan daare uffisaa fi kan rakkate rakkoo baasaa ayyaana kana gaggeeffachuutu nurra jiraatas" jedhan.
Xumura irrattis " Ummanni keenya Ummanni Muslimaa durii qabee nageenyaan beekkama waan taheef ammas akkuma dura turetti ayyaana kana karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka gaggeeffamuuf hundi keessan shoora keessan bahachuu qabdan" jechuun dhaamaniiru.
#Eid_Mubarek!
6 256
#Eid_Mubarak.!!
Duraandursee Hawaasaa Aanaa Habroo tiif Itti Aansee Hojjetoota Mootummaa Aanaa Habroo Amantaa Muslimaa hordofan hundaan Baga Guyyaa Wareegaa ykn Eid Al'adahaatiin isin gahe jechuun Ergaa isaanii kan Dabarfatan I/G/WPSMQN/A/Habroo #Obbo_Ahmad_Suufii Ayyaanni kan Gammachuu kan milkii Nageenyaa fi Badhaadhinaa akka isiniif tahuu hawwaa jechuun Ergaa dabarfataniiru .
EId Mubarak !!!!
6 256
Caasaa Qondaala naamusaa .
Manneen hojii Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa tif .
6 256
Diinni Oromoo, dhimmoota 11 armaan gadii bifa paakeejiitiin akka tarsiimootti bocatee Oromoo fi hoggansa keenya dadhabsiisuuf duula qindaa’aa geggeessaa jira .
1. Waldhibdee mana amantaa Ortodoksii keessatti ka’e yeroo tsoomii kana keessa debisanii gurmeessun hordoftoota mana amantichaa fincila marsaa biraatiif kakaasuu, hanga danda’ametti fincila kana hordoftoota amataa Isaalaamaa biratti baballisuun masgiidota keessatti fincila eegalchiisuuf yaalu,
2. Namoota rakkoo nageenyaa fi sababoota addaa addaatiin naannoo Oromiyaa keessaa buqa’an daldala siyaasaatiif fayyadamuun, Oromoo marti akka nama ajjeesuu, buqqisuu fi qabeenya namaa saamuutti bulguu fakkeessanii dhiyeessuu ,
3. Ajandaa jeequmsaa fi humna ijaaramee jeequu danda’a jedhanii yaadan hunda giddu gala biyaattii kan taate magaalaa Finfinneetti fiduun Finfinnee dirree falmii aangoo siyaasaa godhachuuf yaaluu ,
4. Duula jibiinsaa qindaawaa hoggantoota Oromoo irratti geggeessuun akka waan Oromoon biyya bulchuu dadhabeetti dhiyeessuu,
5. Hoongee gammoojjii Oromiyaa keesatti irra deddiibiidhaan uumamaa jiru gara “siyaasa beelaa” tti jijjiiruun bifiyyee idil- adunyaawaa akka qabaatu taasisuu, dhimmi al ergee qabadii ajandaa kanaan cilee dibuun mootummaan akka fudhatama dhabu taasisuu,
6. Waamicha araaraa MNO taasise akka fashaalaa’u hojjechuu . MNO fi humni hidhatee bosona jiru garaagarummaa tokko akka hinqabne fakkeessanii dhiyeessuu,
7. Tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa diiguuf taasifamaa jiru akka waan saba tokorratti xiyyeeffatee fi saba sana naannoo Oromiyaa keessaa qulqulleessuuf akka waan raawwatamaa jiru fakkeesanii dhiyeessuu,
8. Hannaan walqabatee mootummaan kun wayyaanee caalaa akka sirnaatti saamicha keessa waan gale fakkeessaanii ummata afaanfaajjessuuf yaaluu,
9. Ibsa MN Amaaraa baasuu akkasumas ajandaa miidiyaa naannoo AMaraa irraa ka’uun mootummaan federaalaa biyya hogganuu akka dadhabee fi sirnichi akka waan jigaa jiruutti dhiyeessuu ,
10. Mootummaan federaalaa TPLF hiikkachiisaa akka hinjirree fi lafti Walqaayitii fi Raayyaa TPLF-f akka deebi’ee kennameetti ummata Amaaraa fincilaaf kakaasuu yaaluu ,
11. Nama mootummaa fi paartii keenya deggeru kamiyyuu bakka argametti sukkanneessuu fi salphisuu… fi dhimmoota kkf akka ajandaatti bocatanii hojjetaa jiru.
Galmi ijibbaata diina keenyaa aangoo siyaasaa dhuunfachuun sabdaneessummaa balleesuudha. Kanaafuu , Oromoon hundi karaa ijaarame sochoo’uun ajandaa diinni bocatee nutty duulaa jiru kana cabsuuf garaa garummaa tokko malee tokkummaadhaan falmachuu qaba!
Ergaa kana hiroyoota keessan yooxiqqaate namoota 10 biraan gahaa.
6 256
Calallii carraa barnootaa bara 2016 sagantaa idilee fi gannaatiin kaadhimamtoota Qormaata qoramuu qaban iskeejulii Qormaata fi Centarii qormaata waliin ergameera.Fudhadhaa ilaala.Namootni kafaltaa galmee hin raawwatin qar.150 lakk.Acc.xalayaa gaggeesituu irratti ibsameen kafalanii ragaa kafalamuu agarsiisu qabatanii dhihaatu qabu.
6 256
WPSMQN/A/Habrootiin
#Ergaa_Baga_Geessanii
#Hordoftoota_Amantaa_Muslimaa_hundaaf. Baga Ayyaanaa_Eidal_Fixri_1444 Isingahe
========//========
WPSMQN,/A/ Aanaa Habroo Hordoftoota Amantaa Muslimaa Hundaan Baga Ayyaana Eidal Fixri (Soom hiikkaa) Eida 1444 A/L/Hij/ tiin Isin gahe jechaa keessattuu
Hojjettoota Seektara Aanichaa keessatti ji'a kana Guyya guutuu #Beelaa_fi_Dheebuu obsitanii halkanis Rabbiif jecha dhabbachuun Ji'a kana keessa waan jirtuuf sana hunda Obsitanii #Qaaxiraadhaa osoo hin jedhin sa'aa hojii kabajjanii #Kenna_tajaajilaa irrati cichitanii hawaasaaf tajaajila kennaa turtan
Irra deebinee Baga guyyaa kanaan isin gahe Galatoomaa isiniin jechuun Barabaada . Akkasumas Ramadaana keessan Rabbi isinirraa haaqeebalu
kan isiniin jedhu I/ G WPSMQN A/Habroo Obboo #Ahmed_Suufii ayyaanichi kan gammachuu .Kan Milkii fi badhaadhinaa akka isiniif tahu hawwii qaban isaa eergaa baga Geessanii isin biraan gahaniiru
#EID_MUBARAK !!!
6 256
#Ergaa_Baga_Geessanii
#Hawaasa_Amantaa_kiristaanaa_hundaaf.
========//========
WPSMQN,/A/ Aanaa Habroo Baga Ayyaana Soom hiikkaa geessan Isiniin jechaa keessumaayyuu
Hojjettoota Seektara Aanichaa keessatti #Qaala'iinsa_jireenyaatiif Obsaqabaachaa #Kenna_tajaajilaa hawaasatiif halkanii Guyyaa hojjetanii fi amantaa kiristaanaa hordoftan addatti baga nagaan Ayyaana Sooma hiikkaa (Faasikaa) bara 2015tiin isin gahe kan isiniin jedhu WPSMQN A/Habroo ayyaanichi kan gammachuu .Kan Milkii fi badhaadhinaa akka isiniif tahu hawwii Qabu ibsaa !!!
#Eergaa_Dabalataa
# ---------Qaamolee_Hundaaf-------
===>>Habroon Lafa Hayyootaa
===>>Teessoo Qabsaa'oota
===>> Ibsituu qaanqee bilisummaa
===>> lafa Misoomaa Bonee fi Gannaa heedduu takka qabnaa
===>> Koottaa waliin haa haamisoomsinuu hunduu qooda keessaa qabnaa !!!
#AYYAANA_GAARII_ISIIIF_HAA_TAHU
6 256
Qulqullinni Qaroomina
_________
Duulli qulqullina naannoo guutummaa Naannoo Oromiyaatti qaamolee hawaasaa hunda hirmaachise dhaadannoo "sammuu keenya jibbarraa, naannoo keenya balfa irraa haa qulqulleessinu" jedhuun geggeeffamaa jira.
Magaalota keenya qulqulluu, nagaa qabeettiifi jireenya uummata keenyaaf mijooftuu taatee uumnee dhaloota boruuf dabarsuuf dhaloonni har'aa dirqama qabna!
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com
