cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Islaamummaan ni mi'ooyti !🍊

Jiruun teenyaas duuti teenyaas rabbumaafi.nama gargaaruf nama tahuun gehaadha janneetuma.

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
219
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

tu caala! Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa’umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsituutu bu’aa guddaa siif qaba! Namni sabbata godhatanii mudhitti hidhatan, Bofa namatti ta’ee nama Idda! Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta’eef, icciitii yeroo jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa haasahuun wallaalummaadha! Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu! Jaalalli dhugaa furtuu jireenyaati! Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti! Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin gaafatamu! Dhiira qawweef hin jilbiiffanneetu, jaalala dhugaatiif jilbiiffata! Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane kaayyoo keetiif dursa kenni Waan garte fi waan laalte hubachuu yaali maaliif yoo jatte sigargaara waanta.eef!!!!!! Obboleessa Keetifis Dabarsi. Ustaz Ibsaa dhugaa irraa
Show all...
Jechoota Dhama Qaban Ilma Namaaf Gorsa Ta'aa •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Yeroo gabaabduuf jattee Abdii tee hin kutin maaliif yoo jatte booda si sheeneessaa Waa hunda dura ofiif bakka laadhu kan sirra sitti Aanu waan hin jirreef Of beeki kan sirra sibeeku waan hin jirreef Namni kaayyoo ofi beeku jaalalaan hin kufu kaayyoo galmaan ga’uuf kufa malee Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraa’eedha! Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran! Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha! Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha! Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta! Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hime wajjiin gadditee boohuu si wayya! Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii yyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha! Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome Oosoo hin ta’in nama sammuu hiyyoomeedhaa Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti! Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama! Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchinaa sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti! Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu! Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu! Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha! Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha! Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si muudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda! Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti! Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta’uu kan hin dandeenye yoo ta’u, balleessaan kee ta’uu kan danda’u kuftee yoo achitti hafteedha! Wal beekuu irra, walii beekuu wayya! Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu! Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti! Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha! Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha! Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta’eef, waan gaarii tokko hojjadhu! Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama’uun har’aaf dhandhamni isaa kuraawaadha malee, boru firii fi dhandhamni isaa mi’aawaadha! Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin! Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin! Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin! Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin! Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi! Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoo ati abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti! Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo’amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu! Bu’aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi! Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii! Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii! Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru! Hanga dandeettetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre! Barcumaa fi kabaja abbaatu uf jalaan deema! Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora! Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu! Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda! Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda! Baay’ee haasahuu irra, baay’ee dhageeffachuu filadhu! Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatamee
Show all...
Waa'ee kee enyummafille ibsuuf hin yaaliin. Sababnisaas namni si jaalatu wa'ee kee ibsii kamuu isaa hin barbaachisuu waan ta'eef. Namni sin jaalanne imoo wa'ee kee ammamillee ibsituuf sin amannu. kaanaf wa'ee kee eenyuuf ibsitaare. Yoo danda'ame wa'ee kee gochii kee haa ibsuu.
Show all...
JIRUU TEE IFTUU TAASISUUDHAAF ••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Ee Waa Tolee ==>. Nama yoo argatee shakkare.. ==>. Nama yoo rakkatee sabbare.. ==>. Nama yoo badii dalage towbatee... ==>. Nama yoo dallane liqimsee... ==>. Nama yoo murteesse haqa dalagee... Ee Waa Tolee ==>. Rabbiin nama akkasii si haa godhu.. ==>. Yoo Rabbiin si hiyyoomse...Maal qaba osoo na duroomsee hin je'in.. ==>. Yoo Rabbiin si dhibamsiise..Maal qaba osoo fayyaadhumaan na jiraachisee...Hin je'in.. ==>. Isatu siif beeka...Isatu si beekaallee... ==>. Rabbiin of si haa beeysisu... ==>. Kan mana citaa keessa galu akka hin cinqamne....Erga fooqiinuu ni diigamtii beekee... ==>. Kan uffata ciccitaa uffatu akka hin yaaddofne...Erga kan faaya uffatullee ni dhumaa beeke... Mu'uminni hin cinqamu...Erga dubbii Khaaliqatu oliif gadi oofaa beekee... ==>. Rabbiin mu'umina nu haa godhu... ==>. Dhakaan mukarra jabaata... ==>. Hadiidni dhakarra jabaata.. ==>. Ibiddi hadiida irra jabaata... ==>. Bubbeen ibiddarra jabaatti... ==>. Iimaanni waa hundarra jabaata... ==>. Rabbiin iimaana akka Abuu Bakrii siif haa kennu.. Waa Afur Milkii Harkifti 1. Kitaaba faaydaa qabu.. 2. Jaartii jaalala siif qabdu... 3. Ilma tola sitti oolu.. 4. Hiriyyaa gaarii... Kana hundaa Rahmaantu namaaf laaffisa... Aboo Rabbiin siif haa laaffisu... Har'aaf hanganuma dhandhamaa...Of duratti ajaa'iba argitan... Inshaa Allaah Share copy paste godhi...Homaatuu sirraa hin hir'atanii.. By: Qilleensi Nasrii Bubbise
Show all...
DHAAMSA ABBAAN ILMA FUUDHUUF DHAAME ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Imaamu AHMED BINU HANBAL(Rabbi rahmata haa godhuufii) yeroo ilmi isaanii fuudhu gorsa dhaamaniif keessaa-------- Yaa ilma kiyya Gorsa kurnan (10) ani sii dhaamu kanniin yoo guutuu hin danda'in Haadha manaa teetii jiruutee bultii keessattigammachuu argatuu hin dandeettu kanaaf gorsa kiyya jabeessi qabi● 1~Dubartiin itti toliinsa waan feetuuf waan qabdu irraa osoo itti hin doynoomiin kenniif● 2~Dubartiin Jaalala isii qabdu haa ibsituufii feeti carraa argatteen jaalala kee isii ibsuu yaali● 3~Dubartiin dhiira Goggogaa hin jibban ,dhiira dadhabaallee hin tuffatan ati ammoo bakka si barbaachisuttiijajjaba yeroo biraa ammoo gara laafeessa tahi● 4~Dubartiin jecha babbareeda haala babbareeda,uffata gaggaarii hafuura urgaawaa waan jaalattuuf yeroo hunda wantoonni kuni akka siif tahu gochuu yaalii● 5~Dubartiin mana isiitti ministeera manaatii jechaan sabatee jira, kanaaf mana kee keessatti akka nugusa teessoo isii irra teetteetti kabajaan itti haa dhagahamu qaba haaluma kamiinuu gocha aangoo mana isii diigu akka hin hojjanne● 6~Dubartiin haga feetee si jaalattu warra isii dhabuu hin feetu kanaaf haadha tee akka warra isii caala jaalattu gochuu hin deemin akkas gochuun diinumma fi jibbaa sitti fida waan taheef● 7~Dubartiin cinaacha kee irraa uumamuu hin dagatin uumamni isii kuni iccitii bareeduma isiitii hindagatin adada dogongora xiqqoo agartuun hin qajeelcha osoo jettuu akka hin cabsine cabsun wal- hiikudhaa beeki qajeelchuuf yoo deeme hin cabdii jettee akka mara jallattullee hin godhin jiddu galeessa tahiif● 8~Dubartiin yeroo tokko tokko tola ati itti oolte dagatuu ni dandeettii yeroo aartu tola ati itti oolte waakkatuu dandeessii Akkas goote jettee hin jibbin haala kana yoo irraa hin jaalatinillee haala biroo ka akkaan si jaalachiisu qabachuu isii hin dagati● 9~Dubartii irratti dadhabinni humnaattiifi ilaalchaa baay'atu ni danda'a kanaaf yeroo san garaa sihaa nyaattu rahamata godhiif ajaja itti hin baay'isinii● 10~Dubartiin booji'amtuu jaalalaan sibira jirtu ta'uu hin dagatin booji'amtu tee haala bareedaan qabadhu dadhabina isiitiin balleessa hojjattu irra dabriif irra jaalatamtuu Qindii jiruu teetii siif taatii ▶Warri dhiiraa kunnoo dhageettan?
Show all...
SALAATA_DHISUU ( tarii faayidaa qabaachu hin ooltuu dubbisi mee yoo ajrii rabbi biraa kajeelte keyrii tana obolleeyyan keetiif # Share godhi rabbi biraa suwaaba buufadhuu. _________________________ Nabiin keenna S.A.W irraa akkaa Odeeffametti namni salaata dhiisuu waa 15tu isaa qunnama ykn dhaqqaba jedhan. ------------------------------ ------------ Waa 15nan kana keessaa 6 jiruu Addunyaa gubbatti isa qunnama ykn isa dhaqqaba. . Waa 3 yeroo du'aa isa qunnamti. . Waa 3 Qabrii kessatti isa qunnama. . Waa 3 guyyaa qiyaama isa qunnama. . 6 Adunyaa gubbatti nama qunnamu yoo ilaalle akka armaan gadiitti. .. 1☞Rabbiin umrii isaatirraa barakaa fuudha. . 2☞Rabbiin S.w. fuula isaatirraa sifa ykn amala saalihummaa fuudha. . 3☞Dalagaa isaatiif ajrii hin argatu rabbi biraa. . 4☞du'aa'ii isaa ol hin fuudhamtu gara samayiitti. . 5☞Namni isa dheessa ykn isa fedhu hin jiru Adunyaa gubbatti. . 6, Hiree hin qabu du'aa'ii warri salihtoota isaaf godhan kessatti. 3 ☞Yeroo du'aa isa qunnamu 1☞ yeroo du'u xiqeennarratti du'a. 2 ☞Haala beelayaa taheen du'a. 3, Haala dheebuun itti jirtuun du'a. osoo bishaan Baharaa guutuu dhugellee irraa hin bahuu dheebuun jedha. . 3☞Qabrii kessatti isa qunnamu . 1, Rabbiin isatti dhippisa qabrii hanga cinaachi isaa wal tarutti. . 2, ni taasisa rabbiin qabrii isaa ta akka ibiddaatti diimattu. . 3, , Rabbiin isatti fida Bofa maqaan isaa Ashujaa al - Aqra'a jedhamu. . 3☞Guyyaa qiyaama isa qunnamu . 1☞ Rabbiin isatti fida waan gara ibidda jahannamitti isa harkisu. . 2, Rabbiin s.w ija dallansuutiin isaa laala guyyaa hisaaba haga foon fulaa isaatirra lafaa bu'utti. . 3, Rabbiin S.w. isaa qormaata qormata jajaba.isatti murtessa garaa jahannamitti. __________________________ ______________ Namni salaata fajirii ykn subii dhise Fulaa isatirra ifnaanni hin jiruu jedhani. . Namni salaata zuhrii dhisee Rizqii isaa kessa Baraakan hin jirtu. . Namni salaata Asrii dhise Qamni isaa Humnaa hin qabu. . Namni salaata Magriba dhise Ijoolle isaa kessa samaran ykn bu'aan hin jirtu. . Namni salaata Ishaa'i dhise hirriba Rahaa qabuu hin argatu. . Namni yeroo Azaana Muziqaa dhagefatu, yeroo du'u Shahaada jechuu hin danda'u jedhan kanaafuu muziqaa dhageffachu irra of haa qusannu. . Ergaman rabbii S.A.W Akki jedhe narra dabarsa ykn namaaf himaa hadisa tokkolle tatuu ka narra dhagettan jedhanii dhamaattan. . kanaafuu Atis dhamsa isaani kaana ofirra gessuuf jechaa ergaa dubistee booda oboleyaan kee birotif dabarsii ykn share godhii. . share share share gochudhan Ajrii ykn hasaana Argadhu. . warra wan dhagahetti fayyadamu rabbiin nu haa godhu Amiiiiiiiiiiiiin. . share godha
Show all...
ﻣَﻦۡ ﻋَﻤِﻞَ ﺻَﺎﻟِﺤًـﺎ ﻣِّﻦۡ ﺫَﻛَﺮٍ ﺍَﻭۡ ﺍُﻧۡﺜٰﻰ ﻭَﻫُﻮَ ﻣُﺆۡﻣِﻦٌ ﻓَﻠَـﻨُﺤۡﻴِﻴَﻨَّﻪٗ ﺣَﻴٰﻮﺓً ﻃَﻴِّﺒَﺔً ۚ ﻭَﻟَـﻨَﺠۡﺰِﻳَـﻨَّﻬُﻢۡ ﺍَﺟۡﺮَﻫُﻢۡ ﺑِﺎَﺣۡﺴَﻦِ ﻣَﺎ ﻛَﺎﻧُﻮۡﺍ ﻳَﻌۡﻤَﻠُﻮۡﻥَ .
Show all...
Irra bareedaa waan jiruu tiyya keessatti dhagaheeti Jecha rabbii oltahee ( ﺇﻧﺎ ﺃﻋﻄﻴﻨﺎﻙ ﺍﻟﻜﻮﺛﺮ .... ‏) ﺍﻵﻳﺔ ‏[ :1 3 ] Hundi keenyaa nibeyna ergamaan rabbii ﷺ ijoollee dhiiraa sadi qaba yeroo dhiirri isaaf dhalatu hunda ni du'a .. abdallah...qaasim...ibraahiim .. hundi isaaniitu ni du'an Guyya tokko ergamaan ﷺ rabbi osoma makkaa keessa deemaa jiruu hoggaa kana namtichi kuffaara irraa tahe tokko akkana isaan jedhe yaa abtar ( ﻳﺎ ﺃﺑﺘﺮ )ykn "yaa kutamaa "inni ka ergamaa rabbiitiin jedhu tahe ﷺ yaa abtar jechuun yaa citaa sanyii ! Du'a keetiin dagatamuudhaaf teessa zamana wajjiin waan siif hin jirreef namni maqaa kee baahatu erga ati duutee ! ilmaan kee hundi du'anii jiran ! Nabiyyiin ﷺ ka dhagahu tahe jecha kana ni gadde gaddiinsa cimaa ... Haga rabbiin isaaf dubbate takkatti suuraa kowsar Keessatti : 《 ﺇﻧﺎ ﺃﻋﻄﻴﻨﺎﻙ ﺍﻟﻜﻮﺛﺮ 》. Yaa Muhammad nuti siif kennina laga jannata Keessaa si qofaaf maqaan isaa kowsar jedhamu Namni tokko isa irraa hin dhugu simalee hin gaddin ! 《 ﻓﺼﻞ ﻟﺮﺑﻚ ﻭﻧﺤﺮ 》 Salaata kee hundaa rabbiif qulqulleessi salaati gorraasaa kankee isaaf gorra'i maqaa isaa qofa irratti 《 ﺇﻥ ﺷﺎﻧﺌﻚ ﻫﻮ ﺍﻻﺑﺘﺮ 》 namichi si aarse aariin ati isaan dhuftellee qajeellumaa fi ifaa irraa ,isatu citaadha faanti isaas ,cittuudha keyrii hunda irraa/namtichi si arrabse... maaltu isatti taha yaa rabbi ?! Rabbiin ol tahe akkana jedhe( ﻫﻮ ﺍﻷﺑﺘﺮ )ni dhufa guyyaa qiyaamaa kutamaa sanyii ilmi abbaa isaan jedhu hin jiru ka isa gaafatullee warri isaas isaaf hin taane ka moggaa isaa dhaabbatan ..hundi isaanii isa irraa qulqullaahan isa dhiisanii deeman hin gaddin yaa muhammad !! Rasuulli ﷺ nigammadan suuraa tanatti hedduu Waan rabbiin subhaanahuu wata'aalaa isarraa fudhateef ijoollee garuu howdii isaaf kenne jannata Keessatti duniyaa keessattis ni dubbatama hanga qiyaamaatti salawaati isarratti buufama irra caalaan nama miliyaaraan lakkaahamuu ...... Dubbistee yoo xumurte salawaata buusi ergamaa rabbi irratti ... ...Jzk keyran..
Show all...
Islaamummaan Ni Mi'ooyti AREEDA HAADUUN !!!! ••••••••••••••••••••••• Osoo obsaan dubbiftee silaa waan guddaa argita Kitaabota seenaa keessatti... Ergamaan Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ areedni isaanii guddaa dha.. Abuu Bakri Siddiiq ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaanii furdaa dha.. Umar Bin Al-Khaxxaab ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaa baayyee dha..!! Usmaan Bin Affaan ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ areedni isaa yabbuu dha.. Aliyyi Bin Abii Xaalib ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ furdaa dha.. Ati maal argatte..Kan ciccirtuuf... Jechootni Ergamaa Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ Waa'ee areeda guddisuu irratti heddummaattee (Ajajaan) dhuftee ...jirti ﻭﻣﻊ ﺫﻟﻚ ﻳﻘﻮﻝ ﺍﻟﻌﻠﻤﺎﺀ ﺍﻷﺻﻮﻝ : ﺍﻷﻣﺮ ﻟﻠﻮﺟﻮﺏ (!! Rasuulli ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ gabaasaalee garagaraa keessatti... ("Areeda ulfeessaa..) ("Areeda gadi dhiisaa..) ("Areedaa guutaa magarsaa...) ("Areeda dhiisaa -Haa marguu- ) Jechuudhaan ifa baasanii jiran Nabiyyiin kee...jaalalleen kee akkati bareeddu si gaafatutti jiran..Meeti ati.. " Badiin isinitti haa buutu...Eenyutu kanatti isin ajaje..??" Jecha ergamaan ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ namoota lameen biyya faaris (iiraanii) dhaan je'ani..jarri areeda haadnaan !!... ﺣﺪﻳﺚ ﺣﺴﻦ !! " Rabbiin kiyya akkan areeda kiyya magarsu na ajaje..'' Jecha Rasuulaati ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺻﻠﻰ ﻭﺳﻠﻢ ﻋﻠﻴﻪ Umar Bin Abdul Aziiz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ Akki je'an:" areeda haaduun fokkinna..!! Ergamaan Rabbii ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ fokkinna irraa dhoorkanii jiran.." Sheekhul Islaam Ibnu Teeymiyyaan ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ Akki je'an:" areeda haaduun haraama !! Ragaalee qulqulluu -Dirqama- gootu waan dhufteef...Namni tokko haaduun ni taha kan je'e hin jiru "... Aalimtichi guddaan Ibnul Qayyim ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ Akkana je'an:" Dhiirri areedaan dubartiin adda baya !! Rabbiin hareeda dhiiraa kennuu dhaan dubartiin adda baase...Hareedni kabajaafii ulfinna akkasuma jabeenya isaaf kenniti...Ammoo dubartiin wanti areeda dhorkateef...Haa isitti qanani'uun namaaf guutamuufi .." !! Jechuun: Dubartiin osoo Hareeda qabaattee namattin toltuu baanan Imaam Al-Qurxubiin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akki je'an: " areeda haaduun ...isii bubuqqisuun...isii gaggabaabsuun -Abadan- hin hayyamamu...'' ... Sheekh Muhammad Bin Ibraahiim ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akkana je'an:" Namni erga areeda haaduun hin tahuu hubatee beekkaan haadee hojiin isaa suni badii gurguddaa (Al Kabaa'ir ) keeessatti lakkaawamti...'' je'an Aalimtichi bareedaan Ibnu Baaz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ akki je'an;'' Areeda guutanii gadi dhiisanii guddisuun...Dirqama haaduun hin hayyamamu " Fataawaa Sheekh Bin Saalih Al Useeymiin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ keessatti:" Kan areeda haaduufii kan sijaaraa dhugu yoo bakka imaamumtiittii wal gayan kamtu imaama tahuu danda'a ?? Je'amanii gaafatamnaan... ''Kan sijaaraa dhugutu imaama tahuu danda'a ...waa shaniif...'' je'anii deebisani... Sijaaraa (Halaala) akkan hin seene ..innuu haraama guddaadhaa..areeda haaduun sijaaraa ol guddaa dha jechuu itti baanan... Salafa duraanii keessaa Aalimtichi guddaan Ahnaf Bin Qeeysii ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺍﺳﻌﺔ areeda hin qaban ture !! Hin magarreef jechuu.!! Gaafa tokki ummanni isaa waan je'an:" Osoo kan malu tahee silaa Ahnafiif areeda kuma diiddamaan binnaaf jennee hawwinee turre.." je'an !! Qeeysi Bin Sa'adi Bin Ubaadaa dura taa'aa gosa (Kazraj) ture !! Hareeda waa takka hin qabu !! Gaafa tokko Ansaarri akki je'an:" Osoo areedni kan bitamtu taatee silaa isaaf binnaaf turre .!! Akka dhiirummaan guutamtuuf '' je'an Shureeyhi Al Qaadiin ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ Akkana je'an:" Osoo mallaqa kuma kudhaniin argadhee silaa areeda bitadhaa hawwii qaba ". Je'an Har'a garuu ,,, Hareeda biqilee hidda isaa kutuuf mallaqa hangamtu bahutti jira Iimaanni onneetuu ni gayaa maal nutti odeessitan areeda...?? yoo jette !! Osoo iimaanni ati baantu suni onnee si jiraatee silaa gubbaa kanaa faanti mul'attii bar Dhumarratti; Kan hareeda mana rifeensaatti namarraa haadutti jirtu atis badii guddaa irra jirta...Gargaarutti jirta...badii irratti wal gargaaruun haraama !! Qabeenyi suni qabeenya haraamaa walitti qabaa jirta..!! Haadatuuf haaduun haraama Osoo gorsa kana share gootee yaa ajrii ati argattu niyyaa tollaan ..By Qilleensi Nasrii Bubbise
Show all...
oonni moggaa kiyyaa boohu Du'aa'ii yuunus (Laa ilaaha illaa anta subhaanak innii kuntu minazzaalimiin) Ergamaan rabbi sheyxaana gaafata Akkana jedheen ergamaan rabbi : Yaa abaaramaa eennu ta'aan kee/eennu teessoon kee ? Akkana jedhe : Nama ribaa nyaatu Akkana jedheen : Eennu saahibni kee ? Akkana jedhe : Nama zinaa dalagu Akkana jedheen : Eennu irkannoon kee ? Akkana jedhe : Nama machaahe Akkana jedheen : Eennu keessummaan kee ? Akkana jedhe : hattuu Akkana jedheen : Eennu ergamaan kee ? Akkana jedhe : Namticha sihrii dalagu Akkana jedheen : Maaltu ija kee gammachiisa? Akkana jedhe : kakachuu nikaha hiikuun Akkana jedheen : Eennu jaalalleen kee ? Akkana jedhe : Nama salaata jum'aa dhiisu Akkana jedheen ergamaan rabbi Yaa abaaramaa maaltu duuyda kee si cabsa ? Akkana jedhe : Nama karaa rabbii Keessatti jihaadu Akkana jedheen : Maaltu qaama kee baysa/ baqsa? Akkana jedhe : Towbaa namticha towbatuu Akkana jedheen : Maaltu tiruu tee goysa? Akkana jedhe : heddummaachuu istighfaara rabbii oltaheef halkanii fi guyyaa Akkana jedheen : Maaltu fuula kee salphisa ? Akkana jedhe : Sadaqaa dhoksaa Akkana jedheen : Maaltu ija kee jaamsa ? Akkana jedhe : Salaata fajrii >><<>><< Sheyxaana kee qormaati Ergaa tana ergi nama hundaaf eega dubbistee ni agarra mee yoo Sheyxaanni dhaabuu dandahe Subhaanallaahi wal hamdu lillaahi walaa ilaaha illallaah wallaahu akber walaa howla walaa quwwata ilaa billaahii Allaahummaa salli wabaarik alaa sayyidinaa wanabiyyinaa muhammad aleyhissalaatu wasallam Subhaanallahi wabi hamdih adada kalqihii waridaa nafsihii wazinata arshihii wamidaada kalimaatih Astaghfurulahil aziim Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah Share godhi amma hin turin haga guyyaan qiyaamaa dhuftutti hasanaata fakkeenya gaaraatu siif jiraa Waan ati sababaa taateefi zikrii rabbii nama yaadachiisuu Keessatti ... Alhamdulillah ani ufirraa ergee jira gara kiyyaan Yoo rabbii kee jaalatte message hin cufin yoo ergite malee nama kidmaatti dabalame3hundaa/ Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah / Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah / Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah / Na dhugoomsi guyyaa ati erguu hawwitutu dhufaa ... ... ... ... ... ... ... ... .. Ergamaan rabbi S A W akkana jedhe jecha lama ulfaattuu miizaana Keessatti jaalalamtuu gara rahmaanitti "Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallahil aziim " "Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallahil aziim "Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim " "Subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim " "subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim" "subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim" " subhaanallahi wabi hamdih subhaanallaahil aziim Nama soddomaaf ergi osoo hundi isaaniituu jedhanii sawaaba miliyoona shanii fi hasanaata kuma dhibba lama argatta ..... Ammas Osoo hundi isaaniituu nama biraa soddomaaf erganii hasanaata 4.680,000,000 / miliyaara afurii fi miliyoonaa dhibba jahaa fi saddeettama argatta hasanaata ............. ................................... Share godhi yoom akka duutu hin beytuu sadaqaa addaan hin cinne taasisii Hin doynoomin lubbuu tee irratti. ﺍﻟﻠﻬﻢَّﷺ ﺻَﻞِّﷺ ﻭَﺳَـــﻠِّﻢْﷺ ﻭَﺑَﺎﺭِﻙﷺْﻋﻠﻰﷺﻥﺎـــَﻨِّﻴِﺑَ ﷺﻣُﺤﻤَّﺪﷺ - ﺍﻟﻠﻬﻢَّﷺ ﺻَﻞِّﷺ ﻭَﺳَـــﻠِّﻢْﷺ ﻭَﺑَﺎﺭِﻙﷺْ ﻋﻠﻰﷺﻧَﺒِﻴِّﻨَـــﺎ ﷺﻣُﺤﻤَّﺪﷺ - (✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)(✿ ♡‿♡)
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.