WAKJIRA TUBE[AMW]
Open in Telegram
Baga nagaan gara WAKJIRATUBE dhuftan! Barreeffamoota, barumsa sagalee Waaqayyoo fi faarfannootan asirraa argattu. :www.youtube.com/channel/UCLvRqJMQrDWEz95LLRip6cw?viewas=subscriber
Show more2 467
Subscribers
-224 hours
-57 days
-4230 days
Posts Archive
2 467
—Dhimma Israa’elii fi Iraan—
Dhimma hedduu irratti yaada/ilaalchakoo hin laadhu garuu waa’ee waraana kanaa waa xinnooo jechuufani..
Hubadhaa!! Dhimmi kun qoosaa miti!
Gaafa waraanni ka’u kan miidhamu jalqaba irratti ilmaan hiyyeessaa biyya sana keessa jiraataniidha. Biyya kan biraa dhiisaatii,Ameerikaaaf illee kisaaraa guddaadha. Waraanni Ameerikaan bara Vietnamii kaaftee geggeessaa turte jireenya nama baay’ee akka mancaasee ijakoon Ameerikaa keessa jiraadhee argaan jira. Hedduun loltoota sanaa of ajjeesuu fi maatiin isaanii jalaa diigamuutu isaan mudate. Kaan isaanimmoo biyyaa fi saba isaaniin ganamanii ‘homeless’ ta’anii karaarratti kufanii jiru. Kanaaf, nagaan yoo bu’e bu’aan isaa guutummaa biyya lafaaf ta’a. Waaqayyos mootii nagaati malee, mootii waraanaa miti. Warri waraana maqaa Waaqayyoon hoofuu barbaadan, akeeka Waaqayyoo wajjin wal-jala darbaa jiru!! Aangoo fi danta mataa isaaniif malee Waaqayyoof miti. Adaraa nagaaf kadhadhaa.. Nagaan haa bu’u!
