cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ija joobiraaa

" "Mootummaanii fi sodaatamuun kan Waaqayyoo ti, inni bantii waaqaa isa ol ka'aa irratti nagaa in buusa. " ( Iyob 25: 2)

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
296
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Dubaroo Maariyaamiin namoota irraa wantoota adda ishee kan taasise keessaa Muraasni: Haadha Waaqayyooti: dubartoonni biraa yoo dahan raaja, yookan guddate yoo jedhame mootii yookan duuka bu’aa yookan hayyuu tahuu dandaha, isheen garuu Waaqa,fayyisaa, Jaalala nuuf deesse, kanaaf haadha Iyyasuus, Haadha Waaqa, Haadha jaalalaa jedhamti, kana dubartiin kamiinuu aangoo akkanaa hin qabdu. Isheen Waaqayyoon gadi, uumamatoota hundaa oli. Ergamaadhaan kan galateeffamte dha. Ergamaan Qulqulluu Gabri’eeliin ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha jedhee, misiraachoo itti himeera, dubbii galata heddus itti Dubbatee dha. (Wangeela Luqas 1:36) Kennaa Fannoo Jalaati: gooftaan yemmuu barsiisaa turetti namoota hanga gabayaa shan gahantu isa duuka bu’aa harka isaatiis nyaataa ture, namoota hedduus dhukkuba iisaanii irraa fayyisee jira, Yemmuu Inni fannifamu garuu duuka alaalatti duuka bu’oota fi dubartota hordofaa turaniin caalatti, kan fannoo jalatti hiiqee isaaf boo’aa ture Haadha isaa fi Yohaannis qofa dha. Kanaanis gama Yohaannisiin kunooti haati kee jedhamee nuuf kennamteetti(Yoh 19:27) Gooftaa booda kan osoo namni tokkollee du’aa ka’uu hin argin du’aa kaate ishee dha. Kunis Iyyaruusalem ishee samii keessa jirti. Taabota Door kan Iyyeruusalem samii irra jirtu jedhee kan galateeffate Aabbaa Hiriyaaqos kanafi dha. Haadhas dubras kan tahe ishee qofadha. Dubrummaan ishees kan bara abaraati. Yoosefitti kaadhimamuun ishee akka ishee eeguf malee akka dhirsa tahuuf miti. Isheen osoo gooftaa hin dahin dura dubra, erga deessee boodas durba, durba dubrummaan Hafuura Qulqulluun deesse, hanga dhumaattis durba taate dha. Dhagnaanis yaadanis dubra, kana yemmuu jennu namni tarii dubartiin fooniin yoo dubra taate, deebite yaadan kan dubra tahu hin jiru, isheen garuu yaadanillee raawwattee dubra dha.Hisq 44:1 Nyaata biyya kanaa hinn nyaanne,Hibsistii Faanu’eel fiduun nyaattee guddatte malee mana qulqullummaa keessatti,hanga waggaa 15 geessuttis mana qulqullummaa keessa jiraatte. Dubaroo Maariyaamiin Araarsituu keenya Araaarsumma ergamootaa fi qulqulloota kam iyyuu dursun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha gooftaa Iyyasuus, dubroo Maariyaami dha. Kunis kan ta’e mataan mana kiristaanaa Iyyasuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanas kan buufata taatee, gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefi. Egaa kun immoo dhama’iinsa fayyisuu Iyyaasuus kiristoos wajjiin wal qabata. Kiristaanni kana hin hubanne immoo kiristaana karaa fayyinaa dinqii ta’e kana qulleessee hin hubannee dha. Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamin iddoo guddaa qabdi. Duruma foon gooftan uffate kan isheerra argame lubbuun inni qabaates kan isheerra argame malee eessaayyu kan dhufe miti. Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, laga ceetee, gammoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotee, wajjin beeloftee, wajjiin boossee, wajjin naatee waa hunda wajjin taatee haadha guddifte akka ta’es ibsuun waan barbaachisu miti. Kunis immoo Kitaaba Qulqulluun kakuu haaraa keessatti dursee ibseera (Wangeela Matewoos 2:13) dhumarrattis bal’inaan ibsameera. (Muldhata Yohaannis 12:14). Gadadoon kuni hundi fayyina ilma namaa keessaatti iddoo guddaa qabdi kan jedhu bu’uura godhata. Kanaaf kiristaanonni haadha keenya jedhuun. Kanas immoo gaarummaa fi haadhumma ishee waan beekuuf warra isatti amanan hundaaf haadha akka taatuuf fannoo jalatti karaa Yohannisiin kan nuuf kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosidha.(Yoh 19:27). Isheen araaraaf akka ilma ishee maddii dhaabattu,Daawit akkas jedhee faarfateera: “Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaali" Far 44:9 Madda :Fb Ijoollee dubroo maariyaamii
Show all...
⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜ Addunyaa kana irratti namoota biroo kan bitan baay'een darbaniiru; fedhii(miira) hamaa mataa isaanii kan bitan garuu xiqqoodha! ⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜⚜ ✍#QYohaannis_Afaanwarqee 👉@jechootaabbootti👈
Show all...
"Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan.Mootummaa Waaqayyoofis du'a hadha'aa obsan. Yaa Gooftaa akka baay'inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi." Qulqulluu Efreem
Show all...
"እየጾማችሁ ነውን?" #ቅዱስ_ዮሐንስ_አፈወርቅ እንግዲያስ መጾማችሁን በተግባር አሳዩኝ፡፡ "እንዴት አድርገን እናሳይህ?" ልትሉኝ ትችላላችሁ፡፡ እኔም እንዲህ ብዬ እመልስላችኋለሁ፡- ድኻው እርዳታችሁን ፈልጎ እንደሆነ ቸርነትን አድርጉለት፤ የጠላችሁትን ሰው ካያችሁት ከእርሱ ጋር ፈጥናችሁ ታረቁ፤ ባልጀራችሁ ተሳክቶለት ስታዩት በእርሱ ላይ ቅናት አትያዙ፤ ቆነጃጅትን በመንገድ ሲያልፉ ስታዩ በዝሙት ዓይን አትመኙ፡፡ እንዲህ እንዲህ እያደረጋችሁ በትክክል መጾማችሁን አሳዩኝ፡፡ በሌላ አገላለጽ አፋችሁ ብቻ ሳይሆን ዐይናችሁ፣ እግራችሁ፣ እጃችሁ፣ በአጠቃላይ የሰውነታችሁ ሕዋሳቶች በሙሉ መጾም አለባቸው፡፡ + እጆቻችሁ ከመስረቅና የእናንተ ያልሆነውን ከመውሰድ ይጹሙ፤ + እግሮቻችሁ የኃጢአት ሥራን ለመፈፀም ከመፋጠን ይጹሙ፤ + ዐይኖቻችሁ ውጫዊ በሆነ ውበት ምክንያት ከመቅበዝበዝ ይጹሙ፡፡ ጥሉላትን (የፍስክ ምግብ) እየበላችሁ አይደለም አይደል? እንግዲያስ በዐይኖቻችሁም ክፉ ነገርን አትብሉ፡፡ የሚታዩ ነገሮች ለዐይን ምግቦች ናቸውና፡፡ ጀሮዎቻችሁም ይጹሙ፡፡ የጀሮ ጾም ሐሰተኛ ወሬንና ሐሜትን አለመስማትና ይህን የመሳሰለ ነው አንደበታችሁም ከከንቱ ንግግር ይጹም፡፡ ዓሣንና ሌሎች ጥሉላትን ከመብላት ተከልክለን ሳለ ነገር ግን ወንድሞቻችንን በሐሜት የምናኝካቸውና የምንበላቸው ከሆነ ምን ጥቅም አለው? ወንድሙን የሚያማና የሚነቅፍ ሰው እርሱ የወንድሙን አካል ያቆስላል፤ ሥጋውንም ይበላል፡፡ ለዚህም ነው ሐዋርያው ይህን አስመልክቶ እንዲህ ሲል ተናገረ፡- "እርስ በእርሳችሁ ብትነካከሱና ብትበላሉ እርስ በእርሳችሁ እንዳትጠፋፉ ተጠንቀቁ" /ገላ.5፡15/፡፡ ስታሙ በጥርሳችሁ የወንድማችሁን ሥጋ አትነክሱም፡፡ በክፉ ንግግራችሁ ግን የወንድማችሁን ነፍስ ትነክሳላችሁ፤ ታቆስሉትማላችሁ፡፡ እንዲህ በማድረጋችሁ ራሳችሁን፣ ወንድማችሁንና ሌሎች ብዙ ሰዎችን ትጎዳላችሁ፡፡ አንደበታችሁ ክፉ ነገርን ከመናገር ካልጾመ ጉዳቱ በዚህ ብቻ አያበቃም፡፡ በሐሜታችሁ እናንተን የሚሰማ ወንድማችሁም የሐሜታችሁ ተባባሪ ይሆናል፡፡ በዚህ ምክንያት እርሱንም በደለኛ ታደርጉታላችሁ ማለት ነው፡፡ እርሱም የራሱን ኃጢአት እንዳይመለከት ስላደረጋችሁት ሳያውቅ ከሐሜተኞች ጎራ ይቀላቀላል፡፡ በዚህም የሌሎች ወንድሞቹን ድካም እየተመለከተ እርሱ ግን በመጾሙ ትልቅ የጽድቅ ሥራን እንደፈጸመ ቆጥሮ ይኩራራል ስለዚህ አንደበታችሁም ክፉ ከመናገር ይጹም፡፡ @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework
Show all...
"SAMIIRRAA DHUFE" Ergamoonni gooftaa Eebbaaf nagaa baatu Warrootaa kabajaniif Araara nii laatu Warri isaan tuffatan Dheekkamsicha nyaatu ........... Yemmuu rakko keenya Kan nu qaqqabanii Nu gammachiisuudhaaf Nutti ergamanii Gooftaaf nu gidduutti Riqicha jireenyaa Ergamoonni gooftaa Nuuyiif Tiksee keenya ......... Ergamaan Mikaa'eel Nuuf abdii kan ta'ee Gooftaa nuuf kadhatee Yoonaan kan nu ga'ee Kaninni qabatus Fannoo araaraatii Waada inni qabus Kan bara baraatii ........... Afaan leencaa cufee Daani'eeliin kan eege "Sammiirra dhufe " Afoomiyaa jedhee Kan akka mikaa'eel Eessatti mullataa Kanaaf arrabnikoo Oolmaasaa dubbataa @argimee
Show all...
የተዋሕዶና ቅብዓት ልዩነት #መጋቤ_ሐዲስ_ሄኖክ_ፈንቴ ተዋሕዶ "አካላዊ ቃል ከቅድስት ድንግል ማርያም ማህፀን ሲጸነስ ከርስዋ ከሥጋዋ ሥጋ ከነፍሷ ነፍስ ነስቶ ሰው ሆኖ ተወለደ፤ የመላእክትን ባህርይ ባህርይ አላደረገም ከአብርሃም ዘር ሰው ሆነ እንጂ ብሎ ሐዋርያው እንደገለጸው ፍጹም ሰው ፍጹም አምላክ ሆነ።" ከሁለት አካል አንድ አካል፤ ከሁለት ባህርይ አንድ ባህርይ ሆነ። መለኮታዊ አካል ከሥጋዊ አካል ተዋሐደ መለኮታዊ ባሕርይ ከሥጋዊ ባህርይ ተዋሐደ ማለት ነው። ቃል ሥጋ ሆነ ያለውም ሀዋርያው ይሄን ነው ዮሐ. 1፥14 መለኮታዊ ቃል ሥጋ ሆነ ተዋሐደ። ባጭሩ ተዋሕዶ ማለት የቃልና ሥጋ አንድ መሆን ነው። "ቅድመ ተዋህዶ ሁለት አካል የነበረ ቃልና ሥጋ በተዋሕዶ አንድ አካል ሆነ። ቅድመ ተዋሕዶ ሁለት ባሕርይ የነበረ መለኮታዊ ባሕርይና ሥጋዊ ባሕርይ በተዋሕዶ አንድ ባሕርይ ሆነ። ሰው አምላክ ሆነ አምላክም ሰው ሆነ" ይላል ቅዱስ ቄርሎስ። "አምላክ ብቻም አይደለም ሰው ብቻም አይደለም ሰው የሆነ አምላክ አምላክ የሆነ ሰው ነው እንጅ፤ ሰው ብቻ ቢሆን ባላዳነን ነበር፤ አምላክ ብቻም ቢሆን ባልሞተም ነበር ብሏል"ቅዱስ ጳውሎስ። ትሑት ሥጋ በተዋሕዶ ልኡል አምላክ ሆነ። ልዑል አምላክ በተዋሕዶ ትሁት ሥጋ ሆኖ በተዋሐደው ሥጋ ሞተ። አሁን ሞተ የምንለው በተዋሐዳው ሥጋ ሰው የሆነውን አምላክ ነው። ተዋሕዶ ካላመንን የተወለደው ማነው? አምላክ ሰው ሁኖ አይደለምን? የሞተው ማነው? ሰው የሆነው አምላክ አይደለምን? የተነሳው ማን ነው? ሰው የሆነው አምላክ አይደለምን ወደ ሰማያት ያረገው ማን ነው? ሰው የሆነው አምላክ አይደለምን? #ቅብዓት "አብ ቀቢ፣ ወልድ ተቀቢ፣ መንፈስ ቅዱስ ቅባት" የሚል ካቶሊካዊ አስተምህሮ ያለው ሃይማኖት ነው። አብ ቀቢ ማለት ሿሚ አክባሪ የበላይ ማለታችው ሲሆን፤ ወልድ ተቀቢ ማለት ደግሞ ተሿሚ ከባሪ የበታች ማለታቸው ነው። መንፈስ ቅዱስ ቅባት ማለት ሹመቱ ቅባቱ ማለታቸው ነው። እንግዲህ ይህ አስተምህሮ የአንድነትን እና የሦስትነትን ምሥጢር የሚለያይ የሚከፋፍል ነው። አብ ወልድ መንፈስ ቅዱስ አንዱ አንዱን የሚሾም የሚሽር የሚሸልም የሚቀባ አይደለም አንዱ ከአንዱ የሚበልጥ አይደለም። አብ ከወልድ ከመንፈስ ቅዱስ ጋር አንድ ባሕርይ ነው እንጅ ወልድም እንዲሁ መንፈስ ቅዱስም እንዲሁ። ወልድ ተሿሚ ከሆነ ከአብ ያንሳል ማለት ሲሆን መንፈስ ቅዱስ ቅባት ከሆነ አካል የለውም ማለት ነው። ይሄ ደግሞ የንስጥሮስና የመቅዶንዮስ የክህደት ትምህርት ነው። አንዱን ሻሚ፣ አንዱን ተሿሚ፣ አንዱን ሹመት ማለት ደግሞ የበላይና የበታች አምላክ አለ እንደ ማለት ይሆናል። "አብ ላይ ላዩን ፈጠ። ወልድ መሀል መሀሉን ፈጠረ። መንፈስ ቅዱስ ታች ታቹን ፈጠረ።" የሚሉ የከሃድያን አስተምሮ ጋር ይገናኛል። ዓለም በአብ ልብነት ታስቦ በወልድ ቃልነት ተነግሮ በመንፈስ ቅዱስ እስትንፋስነት ሕያው ሆኖ የተፈጠረውን ከፋፍለው ለአብ ለብቻ ለወልድ ለብቻ ለመንፈስ ቅዱስ ለብቻ የሚሰጡ ከሃድያን አስተምህሮ ነው። በጥቅሉ የቅባት ሃይማኖት ምሥጢረ ሥላሴንና ምሥጢረ ሥጋዌን የሚያናጋ የሚለያይ ነው። ወልድን በቅባት ከበረ ማለት እንደ ፍጡራን ነቢያት በመንፈስ ቅዱስ ተቀብተው እንደሚነግሡ እንደሚከብሩ እንደሚሾሙ ፍጡር ማድረግ ነው። ነቢያት በመንፈስ ቅዱስ ተቀብተው ትንቢት ይናገራሉ ይነግሣሉ ይሾማሉና። ለምሳሌ ዳዊት ተቀብቶ ነግሧል ሌሎችም እንዲሁ። ወልድ ግን የክብር ባለቤት ነው እንጅ ክብር አጥቶ የሚፈልግ አይደለም የማያከብሩት ክቡር ነው የማይሾሙት ሹም ነው የማያነግሱት ንጉሥ ነው። ከአብ ከመንፈስ ቅዱስ ጋር በሥልጣን አንድ ነው እንጅ አንሶ ክብር የሚሻ አይደለም። እንደ አብ እንደ መንፈስ ቅዱስ አክባሪ ነው እንጂ ከባሪ አይደለም። ሿሚ ነው እንጂ ተሿሚ አይደለም። በአጭሩ ግን ቅብዓቶች ተዋሕዶን ካመኑ የሚበሉት ሥጋ የአምላክ ሥጋ ነው? ወይስ የሰው ሥጋ? የአምላክ ሥጋ ነው ካሉ አምላክ ሥጋን ከሰማይ አላመጣም ከቅድስት ድንግል ተዋሐደው እንጅ፤ የሰው ነው ካሉ የፍጡር ሥጋ አያድንም የሚቀበሉት ሥጋ የማንን ነው? @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework @beteafework
Show all...
+ የተሠጠህን ቁጠር + ሔዋን ከዕባብ ጋር እየተነጋገረች ነው:: የመጀመሪያ ጥፋትዋ ካለደረጃዋ ወርዳ ከዕባብ ጋር ወዳጅነት መጀመርዋ ሳይሆን አይቀርም:: ዕባብ ደግሞ የስይጣን አንደበት ነበረ:: ሰይጣን እንዲህ አላት :- በውኑ እግዚአብሔር ከገነት ዛፍ ሁሉ እንዳትበሉ አዝዞአልን? አላት። ልብ አድርጉ እግዚአብሔር "ከገነት ዛፍ ሁሉ እንዳትበሉ" አላለም:: የከለከለው አንዲት ዛፍ ነው:: ሰይጣን ግን ሁሉን ተከልክላችሁዋል? ብሎ እንዳላዋቂ ጠየቀ:: ሰይጣን በመጽሐፍ ቅዱስ ንግግሩን የከፈተው በውሸት ነበረ:: ዓላማው ከሔዋን መረጃ ለማግኘት አልነበረም:: ሔዋን እስከዛሬ ያላሰበችውን ማሳሰብ ነበር:: ብሉ ተብሎ ከተሠጣቸው ብዙ ሺህ ዛፍ ይልቅ የተከለከሉትን አንዲት ዛፍ አሳይቶአት ሔደ:: ከዚያች ደቂቃ ጀምሮ ስላልተሠጣት ማሰብ ጀምራ ደስታዋን አጣች:: የተከለከለችውን በልታ የተሠጣትን ብዙ ሥጦታ ከነሠጪው አጣች:: ወዳጄ የቀደመው እባብ ዛሬም መርዙን ይረጫል በሕይወታችን ከተሠጠን ብዙ ነገር ይልቅ ያልተሠጠንን ጥቂት ነገር እናስባለን:: ገንዘብ እንደሌለህ እያሰብክ ጤና እንዳለህ ትረሳለህ:: ጫማ እንደሌለህ እያሰብክ እግር እንዳለህ ትረሳለህ:: አልጋ እንደሌለህ እያሰብክ እንቅልፍ እንዳለህ ትረሳለህ:: ስለዚህ ውስጥህ ያለውን የዕባቡን ድምፅ አትስማ ከሌለህ ይልቅ ያለህ ይበልጣልና የተሠጠህን ቁጠር:: ዲያቆን ሄኖክ ኃይሌ @argimee
Show all...
# BARNOOTA_SIRNA_UUMAMAA # KUTAA_TOKKO # SIRNA_UUMAMAA . Sirna Uumamaa jechuun uumama bareedee, miidhagee, tolfame yookin hojjetame jechuudha. “Waaqayyoon kan uume hunduu gaarii akka ta’e ilaale, gaarii akka ta’es arge.” (Uumaa 1:31). Gama biraatin uumama walii gale, wal ta’e jechuudha. Uumamtoonni hunduu amaloota foonii kanneen jedhaman “Abidda, Bishaan, Lafaa fi Qilleensa” irraa uumaman. Amaloonni kunneen kan walii hin galle ta’an illee Waaqayyoon ogummaa isaan walitti isaan fidee, wal simsiisee, wal fudhachiisee uumamtoota biroo isaanirraa uumera. # Jiraachuu_Waaqayyoo . Waaqayyoodhaf; bara jireenya isaaf; yeroon, barri hin lakkaa’amuuf. Yeroo kana ture, yeroo sana immoo hin turre hin jedhamu. Sababni isaas Waaqayyoon lakkoofsa baraa biyya lafaatii ol waan ta’eef. Waaqayyoon Addunyaan duratti jiraachuun isaa ni beekama malee barri inni jiraate hin beekamu, hin lakkaa’amu. “Kunoo Waaqayyoon guddaadha, hin beeknus, lakkoofsi bara isaa hin qoratamu” (Iyyoob 36:26) jedhamee akka barreeffame. Waaqayyoon Addunyaan duratti akkuma har’aa kabaja isaa guutun ture. Jiraachuu dhabuun Addunyaa kabaja Waaqayyoorraa homaa hin hirdhisu, jiraachuun isaanis kabaja Waaqayyoo irratti homaa hin ida’u. Sirna Galatoo keenya irratti “Waaqayyoon Addunyaan duratti hanga bara baraatti sadummaa isaan jira. Waaqayyoon akkeenyummaa isaan, Waaqayyoon mootummaa isaan jira… Ergamoonni osoo hin uumamin Waaqayyoon mootummaasaatti jira” (Galatoo Diyoosqooriyoos lakk 1-8). Akkasumas “Samiiwwan osoo hin diriirin, fuulli lafaas osoo hin muldhatin, biqiltoonni osoo hin margin Waaqayyoon mootummaa isaan tureera. Aduu fi baatii, urjiiwwan durattis, deddeebi’uu ifaatin duratti Waaqayyoon mootummaa isaan tureera.” (Galatoo Yohaannis Afaan Warqee lakk 4-13). Faarfataan Daawwitis “Waaqayyoon Addunyaan duratti Mootidha; walakkaa lafaa irratti qoricha taasise” (Faaruu 73/74:12) jedha. Beektotni mana kiristaana tokko tokko jiraachuu Waaqayyoo ilaalchisee “Waaqayyoon yeroodhan aladha” jedhu. Kunis wal jijjiirraa guyyaa fi halkanii duratti, yeroo fi lakkoofsi yeroo osoo hin uumaminiin duratti Waaqayyoon kabajaa fi olaantummaa isaan jiraachuu kan ibsuudha. Jireenya isaaf duraa fi duuba kan hin qabne Waaqayyoon, iddoonis hin murteeffamu. Waaqayyoon waan mul’atuunis ta’ee, waan hin mul’anneen; waan tuttuqamuunis ta’ee, waan hin tuttuqamneen; gubbaan samiirratti jalaan lafarratti, lafa jalatti hanga dukkana fagaatatti, hanga barbaarositti iddoon inni hin jirre hin jiru. Kanaafidha Waaqayyoon bakka hunda kan guutedha kan jedhamuuf. Kanaaf Waaqayyoon lafarras ta’ee samiiwwan hunda irratti bakki inni hin jirre hin jiru. Kanaafi Mootichi Daawwit “Afuura kee jalaa eessattin deemaa? Fuula kee jalaas eessattin dheessa? Gara Samii yoon bahe ati achi jirta, gara Si’oolis yoon bu’e achi jirta, akka risaa koochoo barii osoon fudhadhee hanga handaara galaanattis balali’e achitti harkikee na dursiti. Mirgi kees na qabdi” (Faaruu 138/139:7-8) kan jedhu. # KAAYYOO_SIRNA_UUMAMAA . Waaqayyoon uumamtoota isaa yoo uumu kaayyoo malee miti. Garuu kaayyoon isaa kun hir’ina qabaatee hir’ina isaa guuttachuuf, uumamtootni kabaja akka isaaf ta’aniif miti. Sababni isaas Waaqayyoon uumamuu addunyaan durattis kabaja isaa guutudhaan tureeti. Kanaafi “Uumamtoota hunda uumuu koon duratti galanni koo ana waliin ture” jedhamee Kitaaba Qaleminxoos irratti kan barraa’ef. “Ergamoota galataaf uumu isaan duratti galanni Abbaa, Ilmaa, Afuura Qulqulluu kan adda cite miti kan guutedha malee” jechuun Galatoo beektota ‘318’n lakk 31 irratti barraa’era. Galanni isaanii kunis qaama biraa yookin uumamtoota irraa kan argame osoo hin taane Amalli isaanii amala isaanii galateeffachaa ture, ammas galateeffachaa jira, hamma bara baraattis ni galateeffata jechuudha. “Kabajni isaa isarraa kan argameedha, galanni isaas isarraa kan argameedha, Kennaan isaa guutuu fi gonkadha” (Galatoo Yohaannis Afaan Warqee lakk 13). Gooftaan keenyas bara foonin deddeebi’aa turetti addunyaan duratti guutuu ta’uu isaa ibseera. “Ammas ati yaa Abbaa, addunyaan uumamun duraa eegalee Gooftummaa koo isan si biraa qabuun na kabaji” (Yoh 17:5) jechuun
Show all...
dubbateera. Eega akkana ta’ee Waaqayyoon maalif uumamtoota uumeree gaaffin jedhu ka’uun isaa hin oolu. Gaaffiin deebichaas kunooti. Kaayyoowwan/Sababoota Waaqayyoon Uumamtoota uumef. 1. Maqaa isaa galateeffatanii Mootummaa isaa fi kabaja isaa akka dhaalaniif. “Kennaan isaa Amantiidhan isin fayyisee jiraatii, kunis kennaa Waaqayyooti malee isinirraayii miti” (Efees 2:8) jechuun dhugaa ba’a. kennaan kunis ilma namaa fi Ergamootaaf kenname. 2. Jiraachuu isaa ibsuuf. “Addunyaawwan jecha Waaqayyoon akka qophaa’an, Kanaafis wantootni muldhatan waan muldhatu irraa akka hin taane Amantiidhan ni hubanna” (Ibr 11:13) jechuudhan waan arginu hundaaf uumaan/Waaqni jiraachuu ibseera. Gama biraanis “Amalli hin mul’anne, innis humni bara baraa isaa dabalees Waaqummaan isaa uumama Addunyaatirraa jalqabe kan hojjetaman irraa eegalee ifa ta’ee mul’ataati” (Room 1:20). “…samiirra rooba, waqtiilee firiin itti ta’anis yoo nuuf laatu, Laphee keenyas soorataa fi gammachuun yoo guutu mataa isaa raga malee hin dhiisne” (HDB 14:17). 3. Ilma namaaf nyaata lubbuu, nyaata jireenyaa akka ta’aniif. Kana jechuunis midhaan, kuduraalen, fuduraalen nyaata foonif; Qamadirraa foon isaa, Wayniirraa dhiigni isaa qophaawun nyaata lubbuuf oolu, Ixaanni immoo wareegni, kadhannaan kan ittiin ol bahuudha. 4. Barnootaaf akka ta’aniif. “Samiiwwan kabaja Waaqayyoo ni dubbatu, bantiin samiis hojii harka isaa dubbata” (Faaruu 18/19:1) jedhamee akka barraa’e. “yookiin lafatti dubbadhu, isheenis si barsiifti. Qurxummiileen galaanaas sitti himu, harki Waaqayyoo kana akka hojjete isaan kanneen keessaa kan hin beekne eenyuu?” Iyyo 12:18). Fakkeenyaf Icciitii Sadummaa Aduudhan barsiisuf. Aduun takka yoo taatu waan sadi jechuunis Geengoo, Ifa fi hoo’a qabdi. Garuu aduu sadi osoo hin taane takka jedhamti. Kanarraa Sillaaseen Qaaman sadi, Waaqummaan tokko isa jedhu baranna. Akkasuma wal fudhannaa ifaa fi Aduutin Icciitii Foonummaa baranna. Ifti bakka hedduu guute agartuu ijaatin akkuma wal fudhate, Waaqummaan bakki hin murtoofnef gadaamessa Dubroo Maariyaamii keessa buluu isaa baranna. Akkasuma icciitii ka’uumsaa immoo sanyii tortoree marguu fi baatee lixuu bifturraa baranna. Sanyiin ni faca’a, tortoree biyyoo ta’ee deebi’ee marga. Akkasuma aduun ganama baatee galgala lixxee deebitee baati, akkuma kana namnis du’ee erga tortoree guyyaa xumuuratti ni ka’a jechuudha. Galanni Waaqayyoof haa ta'u. Kutaan lammaffaan itti fufa... @argimee
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.