Gadaa Post
Open in Telegram
šÆOdeeffannoo haala yeroo ho'aa karaa chaanaala kanaatiin argattu. šChaanaala kanatti dabalamaa. š²Karaa #Bot keenyaa nuqunnamaa @gedapostBot
Show more849
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-2430 days
Posts Archive
849
Wiixata Dhufu Hojiin Idilee Hin Jiraatu!
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Wiixata dhufu (Caamsaa 24) gaggeeffamuuf jecha hojiin idilee akka hin jirre āBoordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.
Lammiileen hundi nagayaan bahee sagalee akka kennuuf qophiin taasifameera.
āš Qabxiilee Guguddoo Beekuu Qabdan:
āDhaabbilee Mootummaafi Miti-Mootummaa: Hojiin idilee sadarkaa Federaalaafi Naannotti guutummaatti cufaa dha.
āTajaajilota Ariifachiisaa: Hospitaalotni, hoteelotni fi tajaajilli geejjibaa akkuma kanaan duraa tajaajila kennuu ni ittifuufi.
āSochii Lammiilee: Geejjibni jiraatus, lammiileen sagalee kennuun alatti sochiilee dabalataa fi sagantaa olaanaa akka hin qabanne gorfameera.
āGabaabumatti: Guyyaan Wiixataa guutummaatti sagalee kennuuf qofa kan oolu ta'a.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Viidiyoowwan YouTube Tiktol, Twitter (X) fi Facebook buufachuu yoo barbaaddan, liinkii viidiyoo barbaddan sanaa copy gochuun #Bot arman gadiitii salphaatti buufachuu dandeessu!
https://t.me/allvideo_downloader_bot?start=499753848
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Maxxansi Sartafikeetii digirii giddugala tokko qofaatti taāuufi
Hojiin maxxansa sartafikeetii digirii dhaabbilee barnoota olaanoo giddugala tokko qofaatti raawwatamuufi jedhe Ministeerri Barnootaa.
Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Bulchiinsaafi Buāuuraalee Misoomaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Salamoon Abrahaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaa ittisuuf kan kaayyeffatedha.
Kanaan dura dhaabbileen barnoota olaanoo hundi ragaalee barattootaa dhaabbata caalbaasii injifateen kan maxxansiisan taāuu yaadachiisanii, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaaf saaxilamaa akka ture ibsan.
Waan taāeef dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaafi dhuunfaa hundi sartafikeetii digirii barattootaa giddugala tokko qofaatti akka maxxansiisan ni godhama jedhaniiru.
Sartifikeetiin kun hanga maxxanfamutti barattoota sartifikeetii digirii barbaadaniif Ministeerri Barnootaa xalayaa deeggarsaa kan barreessu taāuu kaasanii, maxxansi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti raawwatamu kun bara kana irraa akka eegalu eeraniiru.
Barattoota bara 2017 eebbifaman dabalatee warreen Kanaan booda eebbifaman hundi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti maxxanfame akka fudhatan ni taasifamas jedhaniiru.
Barattoonni bara 2017 dura eebbifamanii digirii isaanii hin fudhanne hojimaata haaraan kan keessumsiifaman taāuus hubachiisaniiru.
Kenniinsi ragaalee barnootaa yeroo gabaabaa(Temporary Degree) dhaabbilee barnootaa olaanoon kennamaa ture kan itti fufu taāuus ibsaniiru.
Yeroo ammaa dhaabbilee federaalaa 160 ol keessatti hojiin ragaalee barnootaa sobaa qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, yeroo itti aanutti naannoleefi damee dhuunfaa irratti kan gaggeeffamu taāuu eeraniiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa (EEU) hojjettoota 1,139 raawwii hojii badaa fi naamusa hojiirra darbuun himataman irratti jiāoota saglan darban keessatti tarkaanfii bulchiinsaa garaagaraa fudhachuu beeksise.
Akkaataa tarkaanfii fudhatame kanaan, hoggantoota fi hojjettoota tarkaanfii kanaan hammataman keessaa; 16 Hojiirraa geggeeffamaniiru, 721 Adabbii qarshii (mallaqaa) irratti murtaaāeera, 402 Akeekkachiisni barreeffamaa kennameeraaf.
Dhaabbatichi akka ibsetti, tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa; 103 kan taāan eeruu maamiltootaan dhiyaate qulqulleessuun kan fudhatamedha.1,036 immoo ragaa dhaabbatichi ofii isaatiin hordoffii fi sakattaāiinsa taasiseen kan mirkanaaāanidha.
Tajaajilli Elektriikaa akka eereetti, jiāoota saglan darban keessatti maamiltoota irraa karaa appilikeeshinii ammayyaa ittiin malaammaltummaa gabaasan (Corruption Reporting App) fi karaalee birootiin eeruun 427 dhiyaateera. Eeruu kanaanis hoggantoota fi hojjettoota 103 irratti tarkaanfiin inni fudhate; 14 Akeekkachiisa barreeffamaa, 80 Adabbii miindaa, 2 Sadarkaa hojiirraa gadi buusuu fi 7 Hojiirraa geggeessuu akka taāellee dabalee eere.
Dhimmoota malaammaltummaa fi raawwii badaa ittiin gabaasaman keessaa ijoonis, Gaaffii lakkooftuu (counter) haaraa, addaan cituu humna ibsaa fi suphaa ariifachiisaa, dubbisa lakkooftuu fi sassaabbii kaffaltii (bill), Kufinsa fi qabiinsa qabeenya dhaabbatichaati jedhamee jira.
Dhaabbatichi akka jedhetti, kunis maamiltoonni eeruu kennuun malaammaltummaa irratti qabsaaāuuf kutannoo qaban kan agarsiisuu fi sirni eeruu fudhachuu dhaabbatichaa buāa qabeessa taāuu isaa kan mirkaneessudha.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
šŖš¹ Itiyoophiyaatti uffisni tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa dhibbeentaa 86.3 gaheera ā Ministeera Fayyaa
š Odeeffannoo Ministeerichi ifa taasise kanaan, uffisni tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa biyyaalessatti kennamu dhibbeentaa 64 irraa gara dhibbeentaa 86.3tti gudachuun daballii olaanaa agarsiiseera.
Hirmaannaa fayyaa hawaasaa guddisuuf tajaajilli tola ooltota fayyaa kanaan dura aanaalee 4 qofatti murtaa'ee ture, amma gara aanaalee 330tti akka babal'atu taasifameera.
š„ Dhaabbilee fayyaa sadarkaa tokkoffaatti lakkoofsi namoota tajaajila wal'ansa deddeebii argatanii bara 2013tti miliyoona 111 kan ture yoo ta'u, bara bajataa 2017 qofatti gara miliyoona 233.8tti ol ka'uu gabaasichi muliseera.
Kunis, yeroo ammaa kanatti dhibbeentaa 80 kan ta'an dhukkubsattoonni tajaajila wal'ansaa kan argatan kutaa tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa isaanitti dhiyoo jiru keessatti ta'uu gabaasichi ni mul'isa..
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Dhugaan hiyyeettii dha!
ā"Dhugaan yoomiyyuu sobaa fi gowwoomsaadhaan wal-qixxaattee badhaadhina hin kuufattu. Daldalaa, abbaa taayitaa, ykn ammoo ogeessa miidiyaa yoo taate, karaa dhugaa filannaan jireenyi kee dhugaadhumaan kan guutame taāa!
āSochiin sobaa namoota baayāee si hordofan siif argamsiisuu dandaāa, garuu dhugaa filannaan gatii ishee kaffaluuf qophaaāuu qabda.
Yoo dhugaa filattan, hordoftoota baay'ee fi maallaqa kuufamaa hin eeggatinaa; sababni isaas dhugaan ofii isheetiifuu qabeenya dha. kun immoo hojii hunda keessatti kan mudatudha!
š£āā Dr. Abiyyi Ahmad
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Hojjettuun buufata boba'aa, boba'aa buusuuf Matta'aa birrii kuma 15 fudhate to'annoo jala ooltee jiraachuu poolisiin magaalaa Finfinnee Beeksisee jira.
Namni Maqaanshee Rahimaa Sa'id jedhamu gocha kana kan raawwatte Ebla 28, 2018 halkan keessaa sa'aatii 6:00tti yoo ta'u, bakki gochi kun itti raawwatame ammoo kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo Iddoo addaa jamoo 1 jedhamuun kan beekamutti buufata boba'aa argamutti ta'uu poolisiin kan eere.
Dubartiin kun Konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa lakkoofsa gabatee 3-A07522 ET qabu Jaafaar Dachaasaa jedhamu yeroo boba'aa guutuuf deemutti malaammaltummaa birrii kuma 20 akka isheef kennu gaafatte.
Konkolaachisaan kun dhimma kana abbaa qabeenyaa konkolaatichaa beeksisee, mariidhaan birrii kuma 15 herrega baankii dhuunfaa ishee Baankii Daldalaa Itoophiyaatti akka dabarfamuuf taasifame.
Haala kanaan maallaqni jedhamu kun lakkoofsa herregaasheerra galuun erga mirkanaa'ee booda poolisiin dubartii kana to'achuun qorannoo eegaluu beeksiseera.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Haadha turtii waggaa 12 booda daaāimman shan yeroo tokko deesse
Hospitaalaa Ispeeshaalaayizdii Hiyiwoot Faanaa Magaalaa Hararitti haati tokko yeroo tokko daaāimman 5 nagaan oofkalteerti.
Jiraattuu Magaalaa Harar aanaa Soofii ganda Qiilee kan taate Aadde Badiriyaa Adam turtii waggoota 12 booda kaleessa halkan daaāimmaan 5 yeroo tokkotti oofkalte.
Aadde Badiriyaa Adam waggoota 12āf daaāima dahuu barbaadanis osoo hin milkaaāin turuun xinsammuu isheerratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu yaadachuun, amma garuu miira gammachuu addaa keessa jiraachuu dubbatti.
Daaāimmaan kunneeniif kunuunsi barbaachisu taasifamaafii jiraachuu Ispeeshaalistiin yaala Gadameessaa fi Ulfaa Dooktar Obsaa Hasan ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanas daaāimmanis taāee haati haala gaariirratti kan argaman taāuu dubbataniiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Artistoota fi Tiktookaroota yakka 'Fintech Investment' jedhuun shakkaman mirgi wabii akka eegamuuf Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidetaa murteesseera.
Hata'u malee, manni murtichaa maallaqa wabii shakkamtoonni kaffaluu qaban murteessuuf Wiixata, Caamsaa 3 bara 2018tti beellama kenneera.
Abbaan Alangaa gama isaatiin, himatamaa shanaffaa Mansuur Jamaal irraa kan hafe, mirgi wabii warra kaanii kabajamuu isaa akka hin mormine mana murtichatti beeksiseera.
Manni murtichaa mormii Abbaan Alangaa mirga wabii himatamaa shanaffaa Mansuur Jamaal irratti qabu barreeffamaanCaamsaa 3tti akka dhiyeessuuf ajaja kenneera.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+1
Dr. Dabiratsiyon Gabiremikaa'el Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Tigraay Taāuun Filataman!
Manni Maree Mootummaa Naannoon Tigiraay waggoota sadeen darbaniif hojii irraa dhaabbatee kan ture, yeroo ammaa manni maree naannichaa deebiāee walgaāuun murtii haaraa kenneera.
Walgaāii isaa kanaanis Manni Maree Naannoo Tigiraay Dr. Dabiratsiyon Gabiramikaa'el irra deebiin Pirezidaantii Mootummaa Naannichaa gochuun filachuu isaa beeksiseera.
Akkasumas, aadde Kiiros Haagos, af-yaaāii mana maree, aadde Mihirat Bariheen ammoo itti-aantuu af-yaaāii gochuun filatee, walgaāichi haala kanaan xumurameera.
Hanga ammaatti pirezidaantiin yeroo mootummaa naannichaa fi mootummaa federaalaa dhimma kana irratti ibsa ifaa hin kennine.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Iraan Doonii Waraana Ameerikaa kan daandii Hormuuz darbuuf yaalan irratti Misaa'ila dhukaastee
Iraan Doonii waraana Ameerikaa kan Galoo Galaana Hormuuz qaxxaamuruufi yaalan irratti misaa'iloota lama dhukkaasu ishee miidiyaalee Iraan Rooyitarsii wabeeffachuuni gabaasaniiru.
Akka Ejensiin oduu Faars, kan dhaabbata oduu mootummaa waliin hidhata qabu gabaasetti, Doonichi "akeekkachiisa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan irraa kennamee erga tuffatee darbuuf yaaleen booda haleellaa misaa'ilaatiin rukutameera jedha
Maddoonni naannoo sanaa wabeeffachuun, miidiyaan kun akka jedhutti Doonichi rukutame kuni "deemsa isaa itti fufuu hin dandeenye akkasumas naannicha gadi lakkisee baqachuuf dirqameera." jechuuni ibsa.
Haleellaa misaa'ilaa har'a raawwatame jedhame kana ilaalchisee gama Ameerikaa irraa hanga ammaatti yaadni kenname hin jiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Hogganaan Olāaanaa Iraan Mojtaba Khamenei dandeettii niwukilaraa biyya isaanii eeguuf waadaa galan!
Hogganaan Olāaanaan Iraan Mojtabaa Khamenei, dandeettii niwukilaraa fi misaayila Iraan akka "qabeenya biyyaalessaatti" ni eagna jedhani. dabalataanis misooma kana deebisanii ijaaruu fi balaa kamirraayyuu ittisuuf biyyattiin kutannoo qabaachuu ishee ibsaniiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Sa'aatiin riikardii isaa lakkoofsa Taargaa konkolaataa isaa akka ta'uuf murteeffame!
Atleetiin Keeniyaa Sebaastiyaan Saawee Maaraatoonii Landan irratti sa'aatii 1:59:30 galmeessisuun rikkardii addunyaa cabsuun isaa ni yaadatama! kanuma irraa ka'uun, wayita gara biyyaatti deebi'u Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoon Masaraatti simaannaa ho'aa taasisaniif.
Pirezidaantichi milkaa'ina kanaan atleetichaaf badhaasa maallaqaa Shiliingii Keeniyaa miiliyoona 8 kennaniiru. Maallaqaan alatti, atleetichi konkolaataa filate akka badhaafamu fi lakkoofsi taargaa konkolaataa isaas sa'aatii inni seenaa itti hojjete "1:59:30" jedhu akka ta'u murteessaniiru.
Dorgommii kanaan atleetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaanis sa'aatii 2 gadiitti galuun riikardii kanaan dura jiru cabsus, sababa atileetichaa 2ffaa ta'uun xumuruun isaa ni yaadatama!
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Iraan fi Raashiyaan Wal-gahii Isaanii Irratti Maal Mari'atani?
Ministirri Alaa Iraan Abbaas Araagchii dhimma ariifachiisaaf gara Raashiyaa imaluun, Magaalaa Seenti Piitersibargitti Pireezidant Vilaadimiir Puutiin waliin wal-ga'aniiru. Kaayyoon wal-gahii kanaa inni guddaan hariiroo biyyoota lamaanii jabeessuu fi nagaa Giddu-galeessa Bahaa irratti mari'achuudha.
Wal-gahii kanaan, Ministirri Alaa Araagchii ergaa addaa Gaggeessaa Ol-aanaa Iraan Ali Khameneāi irraa dhufe Pireezidant Puutiiniif dhiyeessaniiru. Puutiinis ergaa kana torban darbe keessa akka isa qaqqabe mirkaneessuun, deebii nagaa fi waadaa deeggarsaa Khameneāiif deebisaniiru.
Pireezidant Puutiin, ummanni Iraan birmadummaa biyya isaaniitiif gootummaa isaan agarsiisaa jiran natti mul'ata jechuun dinqisiifataniiru. Raashiyaan yeroo qorumsaa Iraan keessa jirtu kanatti nagaan akka bu'uuf abdii akka qabduu fi cinaa akka dhaabbattu mirkaneessaniiru.
Raashiyaan faayidaa Iraan fi nagaa naannoo Giddu-galeessa Bahaa kabachiisuuf wanta danda'an hunda akka godhan Puutiin waadaa galaniiru. Wal-gahii kana irratti hoggantoonni olaanoo gama lamaanii (Lavrov fi Kostyukov dabalatee) argamuun isaanii xiyyeeffannoo tarsiimoo wal-gahichi qabu agarsiisa.
Carraaqqiin kun waraana naannichatti dhalate dhaabuu fi waliigaltee haaraa biyyoota lamaan gidduu jiru jabeessuuf kan xiyyeeffatedha. Mariin kun kallaattii haaraa hariiroo Raashiyaa fi Iraan gara fuulduraa murteessuu irratti gahee guddaa akka qabu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
+2
Iraan Ittisa Galaana Amerikaa Miliquun Boba'aa Barreeela Miliyoona 4.6 Gabaa Addunyaatti Dhiyeessite!
Dhaabbanni hordoffii dooniiwwanii TankerTrackers akka gabaasetti, Iraan guyyoota muraasa keessatti bobaāaa dhangalaāaa (crude oil) barreeela miliyoona 4.6 feāuu ishee beeksiseera.
Gabaasni saatalaayitii akka agarsiisunti, dooniiwwan kunneen meeshaalee hordoffii (transponders) dhaamsuun tarkaanfii hordoffii galaanaa (blockade) Ameerikaa jalaa miliquun bobaāaa barreeela miliyoona 4 gara gabaa addunyaatti dhiyeessuu dandaāaniiru.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
849
Yaalii Ajjeechaa Doonaald Tiraamp Irratti Yaadame!
Maqaan dargaggeessa galgala kaleessaa yaalii dhukaasaa taasisee qabame
Kool Toomaas Alleen
jedhama! namni kun umurii 31 yoo taāu, dhalataa magaalaa Torraans, Kaalifoorniyaati. Shakkamaan kun qawwee gosa shotgun, shugguxii fi haaduuwwan (knives) adda addaa qabatee utuu sakattaāiinsa nageenyaa darbuuf yaaluu harkaatti qabame!
Taateen kun kan mudate galgala Sanbata kaleessaa Hoteela Washington Hilton keessatti, yeroo sagantaan irbaataa waggaa 'White House Correspondentsā Association Dinner' gaggeeffamaa turetti dha. Akkuma sagaleen dhukaasaa dhagaāameen, tajaajilli Nageenyaa (Secret Service) Pireezidaant Doonaald Tiraamp, Melania Tiraamp fi keessummoota gurguddoo biroo hatattamaan bakka sanaa baasuun eegumsa cimaa taasisaniif.
Humnoonni nageenyaa yeruma sana shakkamaa kana toāannoo jala oolchaniiru. Dhukaasa kanaan miseensi poolisii (Secret Service agent) tokko irra miidhaan gaāus, uffata rasaasa ittisu (bulletproof vest) uffatee waan jiruuf lubbuun isaa ooleera. FBI-nis battalumatti mana shakkamaa Kaalifoorniyaa jiru sakattaāuun qorannoo balāaas gaggeessuu mirkaneesseera.
Madda: BBC News, Al Jazeera, The Guardian, NPR, fi Reuters.
@Gadaapost2
@Gadaapost2
