en
Feedback
Gadaa Post

Gadaa Post

Open in Telegram

💯Odeeffannoo haala yeroo ho'aa karaa chaanaala kanaatiin argattu. 🔀Chaanaala kanatti dabalamaa. 😲Karaa #Bot keenyaa nuqunnamaa @gedapostBot

Show more
849
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-2430 days
Posts Archive
photo content
+3

Magaalaa Finfinneetti gurgurtoota konkolaataa 200 ol irratti tarkaanfiin fudhatame. ​Waajjirri Galiiwwan Magaalaa Finfinnee hordoffii torban lamaaf taasiseen, Wajjiraawwan taaksii dhoksuu irratti hirmaatan, ejentoota konkolaataa 200 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhateera. ​Seer-maleessummaa gurguddoo deebisaman: ​Galchitoonni (importers) bakka gurgurtaa mataa isaaniitiin gurguruu mannaa, eenyummaa isaanii dhoksuudhaan ejentoota komishiniitiin gurguruu isaanii. ​Ejentoonni eeyyama daldalaa naannoleetti baafatanii Finfinnee keessatti konkolaatota gurguraa argamuu isaanii. ​Gurgurtoonni konkolaataa moofaa konkolaatota haaraa gurguruu isaanii. ​Qajeelfamoota fi waliigalteewwan haaraa hojiirra oolan: Rakkicha mariidhaan furuudhaaf waajjirichi gurgurtoota konkolaataa moofaa waliin qabxiiwwan sadii irratti waliigaltee irra gaheera: ​Konkolaataa haaraa nama alaa galchu irraa fuudhanii gurguruu dhiisuu. ​Tarreeffama odeeffannoo konkolaataa gurguratanii guyyoota 10 keessatti waajjira galiiwwaniitiif beeksisuu. ​Konkolaataa moofaa dabalataa gara bakka gurgurtaatti erga galchaniin booda sa'aatii 24 keessatti gabaasa gochuu. ​Itti dabaluudhaanis, namoota konkolaatota mana jireenyaa fi man-kuusaa (magaazina) keessatti dhoksan irratti hordoffiin cimaan taasifamaa jira. @Gadaapost2 @Gadaapost2

photo content

photo content
+1

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale! Yunivarsiitiin Finfinnee  sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera. Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera. Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT)  Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera. @Gadaapost2 @Gadaapost2

photo content

photo content
+6

Viidiyoo Suukkanneessaa Shamarree Dargaggeettii Reebamtuu Miidiyaa Hawaasaarra Naanna'aa Jiru Irratti Poolisiin Ibsa Kenne! Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo, Aanaa 4 naannoo 'Alem Bank' jedhamutti, barattootni umrii dargaggummaa keessa jiran kan maqaan isaanii Firdoos Mahaammad, Eeden Daawit fi Haanii Huseen jedhaman, hiriyaa isaanii yeroo reeban viidiyoo agarsiisuu fi miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'e ilaalchisee Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibsa kenneera. Gocha suukkanneessaa kana hordofuun, hawaasni gochicha cimsanii balaaleffachuudhaan qaamoleen yakka kana raawwatan atattamaan seeraan akka gaafataman yaada fi mormii isaanii ibsaa turaniiru. Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee dhimmicha irratti ibsa kenneen, gochi kun kan raawwatame ji'oota dura Onkololeessa 14, bara 2018 (A.L.I) ta'uu ifoomseera. Poolisiin akka himeetti, viidiyoon kun miidiyaa hawaasaatti ba'uu isaa baatiwwan dura, shakkamtoota sadan kana to'annoo jala oolchuun qorannoo bal'aa gaggeesseera. Shakkamtoonni kunniinis mana murtiitti dhiyaatanii beellamaan hidhamuudhaan, ragaan barbaachisaan walitti qabamee galmeen qorannoo qaama haqaa dhimmi ilaallatuuf ergamuun isaa ibsameera. Haa ta'u malee, viidiyoon miidhaa shamarree kanaa agarsiisu yeroo ammaa miidiyaatti gadhiifamuun isaa miidhamtuu fi maatii ishee irratti dhiibbaa xin-sammuu hamaa waan fiduuf, qaama viidiyoo kana tamsaasetti tarkaanfii fudhachuuf poolisiin shakkamtoota sadan kana irra deebi'uun to'annoo jala oolchuun qorannoo dabalataa gaggeessaa akka jiru beeksiseera. Dhumarrattis, poolisiin aantummaa, mormii fi aarii hawaasni gocha kana balaaleffachuun namoonni kun seeraan akka gaafataman agarsiise guddaa dinqisiifateera. @Gadaapost2 @Gadaapost2

photo content
+2

photo content
+1

Dambii haaraa uffannaa hojjettoota keessummeessitoota ilaalchisee adabbii haga birrii 50,000 hojiirra oole!! Magaalaa Finfinnee keessatti baariiwwan, mana nyaataa (reestoraantii) fi hooteelota kessatti hojjettoota dubartoota keessummeessitoota ta'an uffannaa isaan fayyadaman ilaalchisee seera bahe guutuun hojiirra oolaa akka jiru eerameera. Manneen tajaajila mana nyaata fi dhugaatii dambii kana yoo hin kabajne irratti adabbii maallaqaa hanga birrii 50,000 fi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa dabalataa akka irratti fudhatamu ibsameera. Dambii haaraatiin uffannaan dhoorka ta'e :- * Qamisii gabaabduu jilbaa ol ta'e uffachuu, * Uffata qaama qomaa qullaa mulisuu fayyadamuu, * Qubeellaa gaa'elaa malee qaama mul'atu irratti faaya kamiyyuu godhachuudha. Hundeessaan fi miseensi boordii raawwachiisaa Waldaa Ogeessota Hooteelaa fi Turizimii Finfinnee Naafqot Getaahuun akka ibsanitti; kanaan dura uffataawwan seeraa (yuunifoorimii) kallaattii kahameen mul'atan tokko tokko aadaa fi duudhaa hawaasaatiin ala kan turanidha. Yeroo ammaa kana manneen tajaajila keessummeessaa keessatti yuunifoorimiin uffatamu safeeffannaa fi gahumsa ogummaa kan giddu-galeessa godhate akka ta'u taasifamaa jira. Waldayichis hordoffii mootummaa deeggaruun raawwii isaa to'achaa akka jiru fi qaamolee dambii kana hin kabajne Komishinii Turizimiitiif gabaasa kan dhiyeessu ta'us, hanga ammaatti sarbamiinsi dhiyaate akka hin jirre ibsameera. @Gadaapost2 @Gadaapost2

photo content
+1

photo content
+1

photo content
+1

Kirkirri Lafaa Safara Rikter Iskeelii 4.6 Naannoo Magaalaa Matahaaraatti Mudachuun Gabaafame ​Dilbata halkan Hagayya 03, 2018
Kirkirri Lafaa Safara Rikter Iskeelii 4.6 Naannoo Magaalaa Matahaaraatti Mudachuun Gabaafame ​Dilbata halkan Hagayya 03, 2018 kirkirri lafaa hammaan iskeelii Rikter 4.6 gahu Naannoo Oromiyaa, dhiyeenya magaalaa Matahaaraatti kan mudate dhagahaame. Sosochiin lafaa kun naannawawa Afaar dhiyeenya jiran keessattis kan dhaga’ame ta’uu 'VolcanoDiscovery' gabaaseera. ​Akka gabaasa 'VolcanoDiscovery'tti, socho’iinsi lafaa kun kaleessa galgala sa'aatii 2:11 irratti kan ta’e yoo ta'u, wiirtuun raafamichaa magaalaa Matahaaraa irraa gara bahaa-dhiha-bahaatti (ENE) kiilomeetira 18, akkasumas magaalaa Awaash irraa kiilomeetira 23 fageenya irratti argama. @Gadaapost2 @Gadaapost2

photo content
+1

photo content
+1

Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa B
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa  Kutaa 6ffaa Bara 2018  Waxabajjii  08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera. 👉 Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera. 👉Barattoota qormaata fudhatan 517,209 keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban barattoota 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera. Barattoota qormaata fudhatan:        📍Dhiira 267,307 keessa 91.2% fi        📍Dubara 249,902 keessaa 88.4% darbaniiru. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:-  https://oromia6.ministry.et #TikvahAfaanOromoo Adoolessa 24, 2018 Finfinnee @Gadaapost2 @Gadaapost2

Dooniin geejjiba boba’aa naannoo Galaana Edenitti saamtota galaanarraa Somaaliyaan butamte handaara bishaan Puntilaandi buufa
Dooniin geejjiba boba’aa naannoo Galaana Edenitti saamtota galaanarraa Somaaliyaan butamte handaara bishaan Puntilaandi buufattee jirti jedhame Dooniini boba’aafi keemikaalaa alaabaa Taanzaniyaa qabu kan Galaana Eden irraa saamtota galaanarraa Somaaliyaan butamtee gara qarqara galaana Pulaantlaanditti qubsiifamuu Rooyitarsii gabaase. Dooniin MT Asana jedhamu kun Adooleessa 17 ykn 18 qarqara galaana Yamanitti erga fudhatameen booda gara Somaaliyaatti geeffameera. Dooniin kun ammas to'annoo saamtota galaanarraa Somaaliyaa jala akka jiru jiraattota Pulaantlaand lama wabeeffachuun Rooyitarsii Adooleessa 23 gabaaseera. @Gadaapost2 @Gadaapost2

1.Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee –Baay’ina teessoo Mana Maree Magaalichaa 158 👉Paartii Badhaadhinaa teessoo- 134 👉IZEMA tees
1.Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee –Baay’ina teessoo Mana Maree Magaalichaa 158 👉Paartii Badhaadhinaa teessoo- 134 👉IZEMA teessoo- 8 👉Paartii Diimookiraasii Itiyoophiyaa Tokkoo- teessoo -4 👉Paartii Hidaasee teessoo - 2 👉Addi Bilisummaa Oromoo teessoo- 3 👉Paartiin Tumsa Tokkummaa Itiyoophiyaa - Teessoo 2 👉Paartiin Qindoomina Nageenyaa Itiyoophiyaa - Teessoo 1 👉Warraaksi Sosochii Ummata Walaayittaa - Teessoo 1 👉Sosochiin Biyyaalessaa Amaaraa - Teessoo 1 👉Paartiin Diimokiraatawaa Ummaata Walloo - Teessoo 1 👉Dorgomaan Dhuunfaa Daani'eel Geetachoon - Teessoo 1 @Gadaapost2 @Gadaapost2