cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Galeso Faji Garbabo

✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari! ✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤️💚❤️

Show more
Finland2 771The language is not specifiedPolitics21 262
Advertising posts
1 112
Subscribers
+1524 hours
+137 days
+12330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Hojii guyyaa guyyaa godhatee uummata Oromoo irratti badii hojjetaa kan oolu sirni Bilxiginnaa   Caamsaa 15,2024 sa'a 2:45 irratti  Godina Kibba Lixa  Shaggar aanaa Tolee ganda Basii Biliidaa keessatti manneen namootaa kanneen maqaan isaanii Obbo Kabbadaa Ibsaa fi Obbo Badhaasaa Diriirsaa jedhaman jalaa mana jireenyaa guutummaatti gubanii barbadeessuu jiraattonni himaniiru.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Booree Addunyaa weelluu warraaqsaa haaraa mata dureen isaa "Haqa Qabna" jedhu qabatee dhufeera. Yeroo dhiyootti suursagaleen isin biraan ga'a. Karaa YouTube Hawwisoo W3O jedhu yoo hordoftan argachuu dandeessu!
Show all...
Falaasama Hortee Kuush Gurraacha Uummata Oromoo Guddichaa Gaanfa Afriikaa Maal Quba Qabdu? Uummanni Oromoo, uummata guddicha Gaanfa Afriikaa hortee Kuush gurraachaa, abbaa falaasama siyaasa sirna gadaa, abbaa angafa qaroomina Addunyaa, warra safuun jiraatu ta'uu seenaatu addeessa. Gurraachichi Afriikaa Kuush dhaloota Kiritoosiin dura naannoo bara 8,000- eegalee Ardii Afriikaa keessattuu Baha Afriikaa bal'inaan hortee jiraachaa tureefi jirudha. Horteewwan Kuush 23 Gaanfa Afriikaa jiran keessaa uummanni Oromoo Isa duraati. Uummanni Oromoo Utuu Addunyaan diimookiraasii ammayyaa fayyadamuun hin eegalinitti, uummata seena qabeessa barnoota ammayyaa tokko malee falaasama siyaasaa 'Sirna Gadaa' kallaquun uummata Addunyaa afaan qabachiisuu danda'eedha. Uummata Oromoo Addunyaa kana irraa kan adda taasisu raajiin biroon immoo falaasama amantii mataa ofii tolfachuun uummata uumaa uumamtootaa, tokkicha maqaa dhibbaa, garbicha garaa garbaa, leemmoo garaa taliilaa...jechuun dhugaa beekuu jiraachuu Waaqaa tokkichaa uummata ragaa bahedha. Uummanni Oromoo Ilmaan Booranaaf Baareentuuti. Uummanni Oromoo warra gadaa shananii, warra Bokkuu shananii, warra Odaa shananii, warra Bokkuu shananii, warra aadaa, seenaa, duudhaa, afaan, Saba tokkooti. Uummanni Oromoo warra abbaa tokkooti. Laal! Damee Oromoo Shanan:- 👉Maccaaf Tuulama, 👉Ittuuf Humbannaa, 👉Raayyaafi Asaboo, 👉Sabboof Goona, 👉Sikkoof Mandooti. Uummanni Oromoo Abbaa Gadaa Shananiiti, Laal! Gadaa Roobalee Gadaa Birmajjii Gadaa Duuloo Gadaa Melbaa Gadaa Michillee Quba qabaadhu! Uummanni Oromoo Abbaa Odaa Shananiiti:- 👉Odaa Roobaan 👉Odaa Bultum 👉Odaa Nabee 👉Odaa Bulluuq 👉Odaa Bisil Uummanni Oromoo Abbaa Bokkuu Shananiiti, Laal! 👉Bokkuu Kallachaa 👉Bokkuu Dikaa 👉Bokkuu Biifaa 👉Bokkuu Roobaa 👉Bokkuu Horaa Waan hedduu kaasuun ni danda'ama. Fknf Karra Finfinnee Shanan, Hora Bishooftuu Shanan....kan Hafe itti guutaa! Ulfaadhaa🙏 Ilaalcha Oromoo✍️ Oromiyaan Biyya!
Show all...
"Nagaa waaraa Oromiyaadhaaf fiduuf lola lolaa jirra"--- Marroo Dirribaa ''Warri Oromiyaa keessa jirtan, Waraa-nni Bilisummaa Oromoo (W*3*O), waltajjii marii Daaresalaamirratti waliigalteerra ga’uuf dhugaadhaan tattaaffii taasistaniittu. Ammas abdii hin kutina jabaadhaa hojjedhaa"---Erviin Masiingaa "Waan ani jedhu dhiiftanii waan biroo haasoftan"---- Bulchaa bulchiinsa garboomfataa "Hundi keessanuu sirriidha"---- Ayyaan-laallataa
Show all...
Oduu Galgala ONM-ABO Caamsaa 18-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa!
Show all...
Arraata ONM (@ArraataO) on X

https://t.co/aHZMVJRlSF

#Injifannoo_Ajja'ibaa #Jibaatif_Baabicha gidduutti 120 ol harkaan qabe hedduu fixe.
Show all...
Seenaa Jijjiruu fi Seenaa Hojjechuun #Akka Seenaa barachuu fi barsiisuu salphaa miti. #Siyaasa hojjechuunis #Saayinsii Siyaasaa baranii barsiisuurra akkaan ulfaattuuf wareegama hadhooftuu kan nama baasiftuudha.
Show all...
Hojii guyyaa guyyaa godhatee uummata Oromoo irratti badii hojjetaa kan oolu sirni Bilxiginnaa   Caamsaa 15,2024 sa'a 2:45 irratti  Godina Kibba Lixa  Shaggar aanaa Tolee ganda Basii Biliidaa keessatti manneen namootaa kanneen maqaan isaanii Obbo Kabbadaa Ibsaa fi Obbo Badhaasaa Diriirsaa jedhaman jalaa mana jireenyaa guutummaatti gubanii barbadeessuu jiraattonni himaniiru.
Show all...
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa  fi Jimmaa Keessatti diigumsi manneen jiraattotaa irratti sirna faashistii PP'n jabaate ONM-ABO Caamsaa 18,2024 Magaalota Oromiyaa tokko tokko Keessatti waraanni faashistii PP mana hawaasaa diiguu erga eegalanii kan bubbulan yoo ta'u, hawaasa harka qalleenyii silaa dinagdeen tumsuu qaban manneen irratti diiguu irratti xiyyeeffatanii jiru. Diiguu malee ijaaruu kan hin beeknee fi hawaasa dararuu hojii kan godhate sirni bilxiginnaa, magaalaa Adaamaa keessaa mana hawaasaa diigaa jiraachuun magaalicha keessaa bakkeewwan akka: ganda Irreechaa, Malkaa Ijaa, Malkaa Adaamaa fi kanneen hafan biroo keessaa diigaa kan jiranii fi addatti immoo Adaamaa naannoo ganda 09'tti sirnaan kan xiyyeeffataniidha Bu'aa karoora isaanii galmaan ga'achuuf jecha hawaasa nagaa mana isaa keessa jiraatu kaadiroonni PP  dirqamaan mana namoota 100 olii kan diiganii fi sababa kanaan namoonni lama lubbuun darbuu jiraattonni ifoomsaniiru. Oduma walfakkaatuun, godina Jimmaattis PP'n mana hawaasa magaalicha keessa jiraatanii diiguu itti fufaniiru.  Kutaalee magaalichaa keessaa ganda Bachoo Booree fi ganda Mandiinaa jedhaman keessaa " daandii bal'isna" jechuun osoo beenyaa tokko hin kenniniif  diigaa fi dirqamsiisanii uummata buqqisaa jiru. Hanga ammaatti gandoota lamaan kana keessaa manneen 50 ol keessaa namootni buqqa'uu kan himan jiraattonni, lafa bal'ina meetira 5-8 irraa fuudhaa kan jiran ta'uus jiraattonni ONM'tti himanii jiru.
Show all...