cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Oromia State University

Oromia State University

Show more
Finland518The language is not specifiedEducation12 881
Advertising posts
11 955
Subscribers
-624 hours
+37 days
+630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

"Leenjiin arganne mootummaa intarpiruunaraa ummuu fi karoora tarsima'aa baafachuun imala jalqabne kan daran cimsuu dha!" Leenjiin hooggantootaa magaalaa Shaggar kilaastara Sabbataa, Buraayyuu, Xaafoo, sulultaa, Galaani fi magaalaa Mojootti kennamaa ture xumurame. Caamsaa 18, 2016 YNO * Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu fi kaka'uumsa hojii dabalu, akkasumas hoogganaa kalaqaa fi yaada haara burqisiisuu danda'u horachuuf leenjiin Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kilaastaroota magaalaa shaggarii fi Magaalaa Mojootti hooggantoota 973 ta'aniif kennamaa ture har'a xumuramee jira. Kantiibaan magaalaa shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Kilaastara Buraayyutti argamuun haasaa cufiinsaa taasisaniin Hooggansi qulqullinaan, kalaqaan, ariitiidhaan hojjachuun imala biyyattiin kara guddinaatti goocha jirtu leenjiiwwan garagaraa kennuun dandeettii isaanii akka ciimsataniif hojiin YNO'n hojjachaa jiruuf galata guudda qabna jedhaniiru. Hooggansa karaa hundaanuu qophaa'aa ta'e horachuuf hojjaachaa jirra kan jedhan I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Shaggar Obbo Alamayyoo Tulluu hanqinaalee qabnu guutachuuf leenjichi barbaachisaadhaa jedhanii hanqinoota kana guutufis leenjii kana qophessuu isaatti YNO galateeffatanii jiru. Kaayyoo fi galma magaalaa Shaggar hundaa'eef guutuu keessatti leenjichi barbaachisaadha kan jedhan I/A kantiibaa fi qindeessaan kilaastara diinagdee Obbo Guyyo Galgaloo leenjiin keennaa jirtan hojii jalqabne wallin kan walsimuu fi kan nuu cimsuudha jechuun gareen dhufes hojii hojjatamaa jiru akka daawwatu taasifameera. Daawwannaa kanaanis kilaastara industirii xixiqqaa, inisheetivii qonna magaalaatin hojjatamaa jiru kaka'umsa kan uumuu fi muuxannoo babal'achuu qabu ta'uu hubachuun danda'amera. Hjrmaattonnis, "Leenjiin arganne mootummaa intarpiruunaraa uumuu fi karoora tarsima'aa baafachuun deemsa jalqabne kan daran cimsuu dha!" Jedhaniiru. Leenjiin magaalaa Shaggarii fi Mojootti kennamaa ture kanaaf qaamolee qindeessaa turaniif kan galateeffatan I/A Pirezidaantii Dhimmoota Walta'iinsaa, T/Lammummaa fi Madda Galii YNO Dr. Dalasaa Bulchaa deemsaa jalqabame jajjabessuu fi hammayyeessuu keessatti YNO'n leenjii, qorannoo fi gorsaan waliin hojjachuuf qophaa'aa akka ta'e ibsanii jiru. Leenjiin guyyaa lamaaf kennamaa ture karaa guutuu ta'een xumuramee jira. ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ! ๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.osu.edu.et ๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/YNO.OSU ๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: https://t.me/OromiaStateUniversity ๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Show all...
Dorgommiin liigii olaanaa Oromiyaa marsaa 2ffaa magaalaa Asallaatti dorgomamaa ture har'a xumurameera. Caamsaa 17, 2016 YNO ***** Kilabiin kubbaa miilaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa (Urjiiwwan YNO) dorgommii kubbaa miilaa liigii olaanaa Oromiyaa keessatti hiirmaatanii torbaan 3'f magaalaa Asallastti taphataa turanii jiru. Kilabichi tapha xumuraa guyyaa har'aa magaalaa Hurutaa wajjiin taphateen 2 fi 0 moo'achuun sadarkaa 5ffaa eegsisuu danda'eera. Kilabichi taphoota 23 taasiseen 10 moo'achuun, 5 qixa bahuun akkasumas 8 mo'atamuun waliigalatti qabxii 35 sassaabachuun sadarkaa 5ffaan xumuree jira. Taphattoonni Yuunivarsiitichaa naamusa turtii dorgommii keessatti agarsiisaniin badhaafamaa naamusaa ta'uun har'a xumuranii jiru. ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ! ๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.osu.edu.et ๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/YNO.OSU ๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: https://t.me/OromiaStateUniversity ๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Show all...
Leenjiin hooggantoota magaalaa shaggaritti Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kennamaa jira. Caamsa 17, 2016 YNO * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hooggantootaa cimsuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hooggantoota magaala Shaggariitif kilaastara adda addaa irratti leenjii kennaa jira. Leenjiin guyyaa har'aa kennamuu eegalee kun akka Kilaastara Xaafootti hooggansa 125 ta'aniif mata dureewwan "Entrepreneurial Government and Strategic Planning & Management" jedhu irratti kan kennamuu dha. I/G paarti Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar obboo Alamaayyoo Tuulluu leenjii kana haasaa baniinsaatin kan jalqabsiisan yoo ta'uu haasaa isaanii keessatti YNO'n humna raawwachiisuumaa hooggansa keenya yeroodhaa gara yerootti akka jijjiirama fiduu fi bu'aa galmessisuu akka danda'uuf leenjii kennaa jiruuf galateeffatanii hirmaattonni leenjii kanaas xiyeeffannaan akka hordofan hubachiisaniiru. Bakka bu'aan Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa Obboo Gulummaa Angaasaa haasaa baniinsaa taasisaniin humna raawwachiisummaa hooggansaa fi hojjattoota Naannoo Oromiyaa dabaluuf leenjiin yeroo adda addaa moora YNO fi bakka hooggansi dhiyeenyaan argamuutti kennamaa jiru kana hooggansi sadarkaa sadarkaan argamuun kara hojitti hiikuun jijjiirama galamaa'aa jiru kana itti fufsiisuu fi biyya guddatte dhalootaaf dabarsuu ni barbaachisa jedhaniiru. Leenjiin kun leenjistoota YNO' tin kan kennamaa jiru yoo ta'u, guyyoota lamaaf akka turu beekamee jira. ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ! ๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.osu.edu.et ๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/YNO.OSU ๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: https://t.me/OromiaStateUniversity ๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Show all...
Leenjiin hooggantoota magaalaa shaggaritti Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kennamaa jira. Caamsa 17, 2016 YNO * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa hooggantootaa cimsuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hooggantoota magaala Shaggariitif kilaastara adda addaa irratti leenjii kennaa jira. Leenjiin guyyaa har'aa kennamuu eegale kun akka Kilaastara Buraayuutti hooggansa 198 ta'aniif mata dureewwan "Entrepreneurial Government and Strategic Planning & Management" jedhu irratti kan kennamuu dha. Leenjii keennamaa jiru haasaa baniinsatin kan banan Kaantibaa magalaa shaggar Dr. Tashooma Adunyaa, YNO'n dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa mootummaa Naannoo Oromiyaa ciimsuuf hojii hojjachaa jiru akka Oromiyaati, darbees akka biyyaatti jijjiirama akka dhufu taasisaa jira, fuldurattis cimee itti fuufu qaba kan jedhan yoo ta'uu leenjitootnis leenjii fudhatan kana hojitti hiikuun jijjiramaa akka galmessisan ergaa isaanii dabarsaniiruu. Dr. Dalasaa Bulchaa, I/A Pirezidaantii Dhimmoota Walta'iinsaa, T/Lammummaa fi Madda Galii YNO kilaastara Buraayuutti argamuun haasaa baniinsaa taasisaniin humna raawwachiisummaa hooggansaa fi hojjattoota Naannoo Oromiyaa dabaluuf hojii hojjatamaa jiru keessaa leenjiin murtessaa fi ijoo akka ta'e ibsanii hooggansi leenjii kanarraa hubannoo argatuu hojii isaa milkeessuuf itti fayyadama jeedhanii akka amanan ibsaniiruu. Leenjiin kun leenjistoota YNO' tin kan kennamaa jiru yoo ta'u, guyyoota lamaaf akka turu beekamee jira. ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ! ๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.osu.edu.et ๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/YNO.OSU ๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: https://t.me/OromiaStateUniversity ๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Hoggantoota Bulchiinsa magaalaa Shaggariitiif leenjii kennaa jira. Caamsaa 17, 2016 YNO * Leenjiin "Entreprineurial Government and strategic planning" irratti xiyyeeffate hooggantoota magaalaa Shaggarii tiif kennamaa jira. Bulchiinsa magaalota Shaggar jala jiran kilaastara Burraayyuu, Sulultaa, Lagaxaafoo, Sabbataa fi Galaanitti leenjichi guyyaa har'aatti YNO'n kennamaa jira. Hooggantoonni kilaastara Sulultaa jala jiran 150 ol ta'an leenjicha fudhataa jiru I/A Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara Qonnaa magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haayiluu hoogganaa kaka'uumsa hojii qabuu fi tajaajila ummataatiif quuqamee hojjatu uumuuf hojjachaa akka jiran ibsaniiru. Akkasumas dandeettii raawwachiisummaa hooggantootaa cimsuuf leenjiiwwan adda addaa kennaa akka jiran kan eeran Obbo Girmaan, leenjii Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa kennaa jiru irraa fayyadamaa akka jiranis eeraniiru. Hirmaattonni leenjichaa leenjii kennamaa jiru xiyyeffannaan hordofuun fayiidaa ummataatiif oolchuu akka qaban Obbo Girmaan hubachiisanii jiru. Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa dandeettii fi ogummaa hooggantootaa fi pabliik sarvaanti naannichaa cimsuuf hojjachaa akka jiru gaggeessaa Giddugala leenjii Hooggansaa YNO Dr. Tamsgeen Oljirraa eeraniiru. Leenjichi guyyaa har'aa mata duree "Entrepreneurial Government" jedhu irratti kan kennamaa jiru yoo ta'u, guyyaa boruutti mata duree "Strategic Planning & Management" jedhu kan kennamu akka ta'e beekamee jira. ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ! ๐‘พ๐’†๐’†๐’ƒ๐’”๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’•๐’Š๐’Š: www.osu.edu.et ๐‘ญ๐’‚๐’„๐’†๐’ƒ๐’๐’๐’Œ: https://www.facebook.com/YNO.OSU ๐‘ป๐’†๐’๐’†๐’ˆ๐’“๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚: https://t.me/OromiaStateUniversity ๐’€๐’๐’–๐’•๐’–๐’ƒ๐’†: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š!
Show all...