cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Y𝖆𝖆 Ãd𝖓𝖆𝖓𝖎™

Please join this channel

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
1 433Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

RABBIIN ISINIIF HAA TAASISUU !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••• • Boqonnaa Keessan Salaata Isiniif Haa Taasisu • Dubbii Teessan Qur’aanaa Isiniif Haa Taasisu • Deeminsa Keessan Gara Masjiidaa Isiniif Haa Taasisu • Yaada Keessan Hunda, iimaana Rabbiin Isiniif Haa Taasisu • Jaalallee Keessan Rasuula S.A.W Isiniif Haa Taasisu • Qabeenya Keessan Kan Barakaa Isiniif Haa Taasisu • Uffata Keessan Shari’aa Isiniif Haa Taasisu • Fakkeenya Keessan Sahaabaa Isiniif Haa Taasisu • Hawwwii Teessan Hunda Jannata Isiniif Haa Taasisu • Jecha Keessan Kan Dhumaa Shahaadaa Isiniif Haa Taasisu • Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda Rabbi Isiniif Haa Guutu • Gufuu fii Gufaata Hunda Jalaa Najaa Isin Haa Baasu Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. @yaa_adnani
Show all...
Harka Keessan Rabbitti Ol Qabaa Aamiin Na Jalaa Ja’aa !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali Yaa rabbi adunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi Yaa Rabbi waan nu jalaa bade Nuuf Mullisi Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi. Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni Dhukkuba Keenya hunda nuuf fayyisi Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahmata Nuuf godhi Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi. Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali Tun nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti. Aaaamiin Aaamiin Yaa Rabbal Aalamiin. @yaa_adnani @yaa_adnani
Show all...
WANTOONNI AFUR HOONGEE IRRAAHI !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Sa’ad Ibni Abii Waqqaas Irraa odeeffammee Rabbi Irraa haa jaalatuu Rasuulli Rabbi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’e “ Wantoonni Afur Hoongee Irraahi” Hadiisa Kana Ibnu Hibbaan fii Ahmad Gabaasanii Imaamu Albaaniin Sahiiha ja’een, Rabbiin Isaan Hundarraa haa jaaaltuu. Wantoonni Afuran Hoongee jiruu duniyaa tana Irraa Tahan akka Armaan Gadiiti…… 1: Jaartii Hamtuu 2: Mana Dhiphaa 3: Ollaa Hamaa 4: Yaabbii Hamtuu • Jaartiin Hamtuun Dukkana jiruu duniyaati, jaartii hamtuu qabannaan jireenyi kee hin jiru, jaartiin hamtuun tan sin kabajne, tan Rabbii isii hin sodaanne, tan ajaja jaarsaa hin goone, tan Warra jaarsa isii hin kabajne, intala salaataa fii Soomana hin qabne. Dubratii akkanaa tana Rabbiin isinirraa haa qabuu. 2: Manni dhiphaa, mana ollaan kee dhufee haajaa itti bahuu hin dandeenye, kan keessummaa keessatti keessummeessuu hin dandeenye, mana ilmaan keetiif bakka ciisichaa hin qabne, kan siifii maatiin kee keessa jiraachaar akkattan kan Raahaa hin Qabne. Yaa Rabbi warra manni itti dhiphate hunda mana bal’aa Kenniif. 3: Ollaan hamaan Ollaa ati isaan biratti if hin amanne, Ollaa Nagaya siif hin kennine, Ollaa gara jallinaa nama oofu, kan Yoo waa dhabde waa siif hin liqeessine, kan Yoo rakkatte si bira hin dhaabbanne, kan Yoo dhukkubsatte sin gaafanne. Olla akkasii Rabbi isinirraa haa Qabuu. 4: Yaabbiin hamtuun Yaabbii bakka yaadaa fii karoora keetii sin geessine, yaabbii amna miilaa sirraa hin gabaabsine, Yaabbii ta’aba karaan Qabu sirraa hin laaffisne, makiinaa keessi garaacha isii Nagaya hin qabne, tan karaa hundatti sirratti dhaabbattu, tan na tolchi narraa jijjiiri jettee ta’aba si gootu. Rabbi Yaabbii Hamtuu akkanaa jalaahillee najaa Nu Haa baasu. • Yaa Rabbii keenya wantoota Afuran asii olitti Dabarsine kana hunda nurraa Qabii nuun didi, Addunyaa fii Aakhirattiis jiruu gaariin Nu qananiisi. Barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa @yaa_adnani @yaa_adnani
Show all...
WANTI SHAN WAA SHANIIN TOLTI !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Jireenyi Fayyaa Waliin Tola 2: Bareedinni Haala Gaariin Tola 3: Hirriibni Yaada Gaariin Tola 4: Imaltuu Deemuun Saahiba Gaarii Wajjiin Tolti 5: Halkan Zikrii Rabbiitiin Tola 1: Namni fayyaa hin qabne, hanga fedhe Qabeenya qabaatuus jireenya Gammachuu waa hin jiraatu, qabeenyuma Qabu saniinuu fayyaa bitachuu hin dandahu, fayyaan jireenya namaaf bareechiti. Rabbi fayyaa Nuuf Kannee umrii Nu Haa dheereessu. Dhukkubusataa keenya hunda rabbi nuuf haa fayyisu. 2: Hanga feete bareedduus amala gaarii yoo hin qabaanne bareedinni kee hin mullatu, bareeddee amala badaa qabaachuu irra fokkottee amala gaarii qabaachuutu caala, Kanaaf Rabbi haalaa fii amala akkasumaas akhlaaqaa fii khuluqa keenya nu haa tolchu. 3: Yoo yaada gaarii qabaatte qalbiin tee gammaddee hirriiba nagayaa rafti, yaadni sitti jiraannaan ammoo hirriibni hin jiru. Kanaaf Rabbi yaada nurraa Qabee hirriiba Nagaya Nu Haa raffisu. 4: Saahibni gaariin imaltuu yoo si wajjiin deeme karaa dheeraa sirraa gabaabsa, si buhaarsee dadhabbii si irraanfachiisa, nashaaxa siif kannee akka bakka tilmaamte geeysu si taasisa. Tanaafuu Rabbiin hiriyaa gaarii nuuf haa Kannu. 5: Halkan bareedinni isaa yoo zikrii Rabbiitiin dabarsite sitti Tola, zikriin halkanii iimaana kee bareechitee Guyyaa guutuu akka nashaaxaan ooltu si Taasisuu, Rabbii keetitti akkaan si dhiheeysiti, dhiirti jajjabduun Rabbiin iimaanaan isaan faaye Halkan keessa kahaniiti Rabbii isaanii wajjiin haasawaa bulan. Yaa Rabbi nutiis Warra Galgala kahee si zakkaree si shakkaru Nu taasisi. Barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa. @yaa_adnani @yaa_adnani
Show all...
WANTOOTA 8 KAN BALBALA RIZQII NAMATTI CUFAN !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Zinaan Baballachuu 2: Mizaanaa Namaa Irrisuu 3: Zakaa Dhoorkachuu 4: Ribaa Nyaachuu 5: Kijibaan kakachuu 6: Nama Ganuu 7: Waan Haraamiin Daldaluu 8: Ragaa Kijibaa Namarratti Bahuu • Obbolleeyyan Kiyya wantoonni saddeettan asii olitti barreeffaman kun wantoota isii Yoo daleeyne balballi Rizqii ittiin namatti cufam. • Kanaafuu wantoota kanaa fii kan Kana fakkaatan irraa of eeynee karaa Rabbiin jaalatuun Rizqii haa carraaqqannu. • Rabbiin nama Wantoota kana hundarraa fagaatee Rizqiin Rabbii Isaanitti ballattu irraa Nu Haa taasisu. Barreeffama kana dubbisaatii share waliif godhaa. @yaa_adnani @yaa_adnani
Show all...
Rabbiin Barakaa isiniif haa godhuu mee channel kana join godhuu dhaan nu jajabeessaa👇👇👇 @islamic_picture_1 @islamic_picture_1
Show all...
Ergamaa rabbii keessaa kan rabbii waliin hasa'ee kami?Anonymous voting
  • Nabi Adam
  • Nabi Musa
  • Nabi Suleyman
0 votes
MASAAJIDOOTA BIYYA TEENYAA FII SALAATA JAMAA’AA •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Salaanni Jamaa’aa salaata Kophaa manatti salaatan irra ajrii guddoo qabdi, Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Salaatni Jamaa’aa salaata Kophaa salaatan Darajaa 27 irra caalti jechuun Nuuf himan. Namni hanguma masjidatti daddeebi’uu guddisuun iimaanni isaa isaaf dabalamaa deema, iimaana qofa osoo hin taane ammaas salaanni Jamaa’aa hariiroo hawaasummaa keessatti iddoo guddoo qaba, Hawaasni hanguma masjidatti daddeebi’ee waliin salaatu Wal quba qabaachaa deema. Irra Caalaan Salaataa kan sadarkaa Qabu Masjida dhaqanii jamaa’aan salaatuudha. Biyya teenyatti salaatni jamaa’aa hanga tokko Biyya alaa tanarra wayyuma fakkaata. Guyyaa Jumu’aa Biyya teenyatti masjiidni guutamee Namni karaarratti bahee Waanuma Qabu lafarra afatee Yeroo salaatu akka malee qalbiin Yeroo laalte nama gammaddi. Biyya Alaa tanatti ammoo salaanni Jamaa’aa hedduu ulfaata. Sababni akka biyyaatti Masjidni ganda hunda keessa jiraachuu dhabuu, ilmi namaa dalagaan biizii tahuun Yeroo salaanni gahe bakkuma dalagaatti salaatuu fii kkf. Rabbiin Warra salaata isaanii Masjida geeffatee Jamaa’aan salaatu Nu Haa Taasisu. Suuraa : Yeroon Ziyaaraaf Biyya dhaqe, Harargee, Kombolcha, Masjida Ganda Raatee Masjid An-Nuur keessatti kaafamte. Barreeffama kana share Godhaa Wal biraan Naaf Gayaa. Galatoomaa @yaa_adnani
Show all...
WANTI SHAN WAA SHANIIN TOLTI !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Jireenyi Fayyaa Waliin Tola 2: Bareedinni Haala Gaariin Tola 3: Hirriibni Yaada Gaariin Tola 4: Imaltuu Deemuun Saahiba Gaarii Wajjiin Tolti 5: Halkan Zikrii Rabbiitiin Tola 1: Namni fayyaa hin qabne, hanga fedhe Qabeenya qabaatuus jireenya Gammachuu waa hin jiraatu, qabeenyuma Qabu saniinuu fayyaa bitachuu hin dandahu, fayyaan jireenya namaaf bareechiti. Rabbi fayyaa Nuuf Kannee umrii Nu Haa dheereessu. Dhukkubusataa keenya hunda rabbi nuuf haa fayyisu. 2: Hanga feete bareedduus amala gaarii yoo hin qabaanne bareedinni kee hin mullatu, bareeddee amala badaa qabaachuu irra fokkottee amala gaarii qabaachuutu caala, Kanaaf Rabbi haalaa fii amala akkasumaas akhlaaqaa fii khuluqa keenya nu haa tolchu. 3: Yoo yaada gaarii qabaatte qalbiin tee gammaddee hirriiba nagayaa rafti, yaadni sitti jiraannaan ammoo hirriibni hin jiru. Kanaaf Rabbi yaada nurraa Qabee hirriiba Nagaya Nu Haa raffisu. 4: Saahibni gaariin imaltuu yoo si wajjiin deeme karaa dheeraa sirraa gabaabsa, si buhaarsee dadhabbii si irraanfachiisa, nashaaxa siif kannee akka bakka tilmaamte geeysu si taasisa. Tanaafuu Rabbiin hiriyaa gaarii nuuf haa Kannu. 5: Halkan bareedinni isaa yoo zikrii Rabbiitiin dabarsite sitti Tola, zikriin halkanii iimaana kee bareechitee Guyyaa guutuu akka nashaaxaan ooltu si Taasisuu, Rabbii keetitti akkaan si dhiheeysiti, dhiirti jajjabduun Rabbiin iimaanaan isaan faaye Halkan keessa kahaniiti Rabbii isaanii wajjiin haasawaa bulan. Yaa Rabbi nutiis Warra Galgala kahee si zakkaree si shakkaru Nu taasisi. Barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: yaa adnani
Show all...