cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Team Lammaa Dhugaa✍👌️️

Ummata oromoo keessatti dadammaqiinsa uumuu fi haala keessa jirru wal hubachiisuu irratti xiyyeeffanna. https://t.me/+Xfnc7MJL_z8zYjNk https://www.facebook.com/profile.php?id=100065002261923&mibextid=ZbWKwL

Show more
Finland2 837The language is not specifiedNews & Media32 156
Advertising posts
822
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-1630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
(SQ-Amajjii 25/2024) Uggura Gabaafi Daandii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin ta'uun Marsaa lammaffaaf Dilbata Dhufu jechuun Amajjii 28/2024 kaasee akka eegalu ifa godheera. Kana sababeeffachuun Bakkoota muraasatti Daballiin gatii raawwachaa jiraachuu Maddeen Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootti himan. Dabalataan Deggertoonnifi Maraarfattoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Uggura kana milkeessuun Mootummaa Abbaa Irree ofirraa haa fonqochinu jechuun Uummataa Oromoo biyya keessaaf alaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Show all...
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Guutoo Giddaa keessatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PPn jabaate ONM- ABO Amajjii 26,2024 Dararaan murni bilxiginnaa Impaayera Itoophiyaa keessatti namoota sanyiin fo'ee ergama badii sirnoota darbanii milkeessuuf qabatee socho'aa jiru dhiibbaa dinagdee fi siyaasaatiin ilmaan Oromoo hubaatii guddaaf saaxilaa jira Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Odaa bakka addaa Damboo jedhamutti Amajjii 22,2024 qonnaan bulaa tokko Kan maqaan isaa Abiraam Addunyaa jedhamu  yakka tokko malee milishootni sirna bilxiginnaan qabuun reebicha guddaa irratti taasisuun miidhaa qaamaatiif erga saaxilaniin booda yeroo ammaa mana hidhaa aanichaatti darbuun dararaa jiru jechuun dubbatu Dabalataanis godinuma baha Wallaggaa  aanaa Guutoo Giddaa keessatti jiraattota daandii gubbaa deeman cufa doorsisni fi saamichi karaa waraana sirna bilxiginnaa  irratti adeemsifamaa akka jiru jiraatan aanichaa Kan himu, maallaqa baay'inni isaa 1000 ta'e namoota sodaachisuun harkaa guuraa akka jiranis dubbata Guyyaa dheengaddaas ganda Gaaddisa Odaa keessatti obbo Alishoo Umar nama jedhamu reebuun Naasir Ammayyuu Kan jedhamu ammoo rasaasaa itti dhukaasuun lubbuun fiigee ba'uu isaa ONM odeeffateera
Show all...
#Buraayyuu Jidduu kana oromiyaa bakka hedduu keessatti murni m*fia Pp leenjii dargaggootaa jechuun ijoollee hoji dhabdoota faa'idaan sossobanii walitti qabuun  Hojii basaasummaa irratti leenjiin Akka kennamaafii jiru ni beekama. Haaluma kanaan magaalaa shaggar buraayyuu kutaa malkaa noonnoo naannoo Anfoo jedhamtu bakka addaa Ganda ummanni keenya kan Harargee somale irraa buqqa'e qubatee jirutti Kadireen Pp dargaggoota leenjii irra oolchitee Akka isaan sabboontota ilmaan oromoo dabarsanii Pptti laatan akkasumas olola maqaa balleessii QBOfi WBO irratti akka geggeessan godhamee jira.Haala qabatamaan kan warri Nuti duraan akka biratti beeknu kan amma sirna Kanaan cuphame hedduudha. Yaa dargaggoota Oromoo garaaf jeettani wan hin darbine hin raawwatinaa isiinif dhaamna!
Show all...
08:06
Video unavailableShow in Telegram
Qophii Addaa Waamicha Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa. Amajjii 23,2024 ONM-ABO itti Dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa!
Show all...
Irraa of qusadhaa jenne yeroo meeqa lallabne egaa kana caalaa akka dirqamatti seennu kan nu godhee isinuma wan ta'ef itti hin gabbiina abbootin qabeenya. Kana booda wal kadhachuun hin jiru yoo ofiif jette qabeenya kee to'adhu adaba itti godhii. itti fufa......
Show all...
#Walloo Kallattii Maraan Lolli Irratti Banameera . Dirmannaatu Feesisa !
Show all...
#UpdateNews Ulaaga waliif galtee Itoophiyaa fi somaalee mallatteessuun walqabatee walitti dhufeenyi jiru addaan cite. #UPDATE የመግባብያ ሰነዱን መፈረም ተከትሎ የሶማሊያ ፌደራል መንግስት ከኢትዮጵያ ጋር ያለውን ግንኙነት አቋረጠ። ይህ ድርጊት የሶማሊያን ሉዓላዊነት የሚጋፋ ተግባር ነው በሚል አምባሳደሯን ከኢትዮጵያ ጠርታለች። #UPDATE Following the signing of the Memorandum of Understanding, the Federal Government of Somalia severed relations with Ethiopia. She called the ambassador from Ethiopia saying that this action is an action against the sovereignty of Somalia.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Eeruu Ariifachiisaan waliif Qoodaa ============================ Humni Badii Finxaaleyyi Faannoo ganda guddattu Tuuti gara magaalaa Adareetti dhufaa jiranii yeroo ammaa kana Baddaa bakkanniisaa bakka jedhamuu gahanii jiruu ummaanni naannawa saniin jirtan of eeggannoo godhaa.
Show all...
Oduu Ammee!! Itoophiyaa fi Somaali-laand dhimma Karra Galaana diimaa Itoophiyaan argachuu qabdu irratti waliigaltee mallatteessanii jiru! Kun ummata Itoophiyaa hundaaf gammachuu guddaadha! Qaalayinsi jireenya biyyattii raasaa jiruufiis furmaata waaraa kennuu danda'a! Dhimmi karra galaana diimaa amma Itoophiyaa fi Somaali-laand gidduutti waliigalteen mallattaa'e kun hojiitti hiikamee projectiin kun xumuramnaan MM Abiy Ahmed bara bulchinsa isaa keessatti biyyaaf waan guddaa tokko hojjate jachuu dandeenya! Akkasumaas dhimma nageenya Oromiyaaf xiyyeeffannaa kennuun kutannoon itti fufuu qaba! Congratulations Ethiopia 🇪🇹 👏👏👏
Show all...
#Oduu_Ammee Haadha qabsaa'aa Eebbisaa Addnuyaaf Magaalaa Finfinnee keessaa manni jireenyaa kenname. Manni jireenyaa kun akka kennamuuf kan taasisan kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeeti. Haati goota kanaa eessaafi akkamitti Jiraataa turan? ammaa hoo mana akkamiitu isaaniif kenname? Gabaasa guutuu isaa dubbisuuf 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://abdiisabaa.org/index.php/2023/12/31/haadha-eebbisaa-addnuyaaf-manni-magaalaa-finfinnee-keessaa-kenneme/ SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Show all...