cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jolobis Tuulamaa

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
778
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Show all...
Asiyaa Jemal Serdoo

Wabiin Qabsaa'aa Ummata isaati. Haqa qabna, Tarsiimoon Masakamna, Ni Falmanna.. Ni injifanna.

Photo unavailableShow in Telegram
Raajii'n raajii hojjatee Hanga maqaasaa ga'e Haa jiidhu gadameessi Qaxalee akkasaa da'e! Qaaliin ilma Oromoo Qaroo, qishiriin namaa Al-takkatti argate Kunoo digirii lama! Herreegaa fi fiiziksii Akka soorataa nyaatee Kabajaa fi ulfina Ofiif, sabasaaf laate Abdii sabaafi biyyaa Dhalataa lixa biiftuu Akkas qaalofta kunoo Hojiin gaafa si kiiftu Cimina ilmaan Oromoo Alagaan baraaf dabse Seenaa jijjiirte fiddee Qabxii riikordii cabse Guutuu biyyaa dursite Utubaa taatee hiiroo Boquu keenya ol qabde Baga dhalatte dhiiroo! Qorumsa dhufu maraa Kutannoodhaan moo'attee Qalbii ummata bal'aa Raajeffannoon too'atte Biqiltuu firii qaalii Ta'uudhaan nuuf margitee Bu'aa dadhabbii keetii Baga ijaan argite! Xurree qaroominaarra Baga nuuf baate gubbaa Milkiin kee itti haa fufu Sabni siin boona gurbaa! @Dhangaa_walaloo join godhaa ✍️... Riyaad Raayyaa tiin
Show all...
#Yaadannoo_Hachalu_Hundessa As nuuf deebita seenee Nutoo ilaallaa karaa Waggaa lama maaf turte Nutti jabaattee garaa? Sabni osoo yaada keetiin Boo'uu imimmaan cobsee Kee garaan akkamittiin Woggaa lamaaf nu obse? Yoo tarii gama ceeteef Nu si eegnaam gamanaa Biyya hin deebine deemtee? Nutti himimee namana! Beellama nu qabsiiftee Nuun jechuuf “maal mallisaa” Faana kee dhabamsiiftee Maaf filatte callisa...? Dukkana da'eeffatee Harki dabaafi cubbuu Gara jabina hamaan Si baasaniiree lubbuu? Atoo ummata keetiif Gaaraafi goda buutaa Badii tokko maleessa Hacee akkamiin duuta? Har'allee abjuun Se'a Anoo du'akeen shakkaa “Jirtuu?” nuun hin jettuuree Hacee dhuftee gaaf-takka? Garuu....! Burqaa keetu mirgisa Bara baraan hin gu'u Hace “duute” hin jedhu Lakki gootni hin du'u! Faana gootaa hordoftee Xurree goototaa dhaalte Saba keef woreegamtee Jiraa du'erra caalte! Hacee ati hin duune Saba keef taate aarsaa Seenaa hin duune qabda Dhalootatu si faarsa Dhiibbaan isatti cimee Gammachuunis lagatu Sabni ati woreegamteef Sin daganne, hin dagatu Gungummii garaa keenyaa Fuularraa nu hubattee Ati dungoo nuuf taatee Ofii keetiif gubatte! Seenaa kee barreessina Yoon dadhabnellee sirbuu Galfata keen baadhanna Gonka hin nyaannu irbuu Dukkana dahatanii Sirratti bobba'anii Warra gara jabinaan Xobbee si xobba'ani... Haqni dhiiga qulqulluu Ni kaffalchiisa gatii “Seenaa rirmi hin nyaatu” Hacee hin duutu ati! Gootummaa kee lallabna Seenaa keetiin dhaadanna Waggaa lakkoofnee miti Yoomiyyuu si yaadanna! Yaadannoo woreegamuu Hachalu Hundessa waggaa 2ffaa https://t.me/Jolobis_Worra_Tuulamaa
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Har’i guyyaa Haceen itti du’e osoo hintaane, guyyaa Haceen Oromoo fi Oromiyaa ijaaree itti darbedha, guyyaa Haceen Oromoo fi Oromiyaa warra hinduune, hindulloomne sabaa fi biyya ta’ee itti darbedha! Oromiyaa-biyya Haacaaluu Hundeessaa, Oromoo-saba Goota akka Haacaaluu Hundeessaa, Hacee-gaara guddaa Seenaa keessaa! Itti fufa qabsoon!!
Show all...
-IJJANNOO/KFO🔖:Kan hidhaa jiru hidhaa ba’u malee, kan bosona jiru gara hirmaannatti dhufu malee ‘marii nagayaa’ isaan jedhan hin hirmaannu. Oromoon tokko bosonatti hafee kuun hidhaatti hafee nuti kan teenyee kursii tokkorraa qorii adda qooddannu ta’uu hinqabnu. -KFOn kabajamuu qaba. Keessumaa Piroofesar Mararaan kabajamuu qaba. Yeroo nuti hidhaa jirru dhiibban meeqa keessaa fi alaan osoo irra jiruu ‘kan hidhaman hidhaa ba’an malee, kan bosona jiru bosonaa ba’u malee filannoo hinseennu’ jedhee dide. Har’as ejjannoon KFO ijjannuma sani. Ijjannoon kun nu kabachiisuu qaba!” Jawar Mohammed kaleessa USA, Texusitti!🦁👂
Show all...
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana hidhaatii gadhiifamanii maatiitti dabalaman. Guyyaa kaleessaa Manni Murtii Ijibbaataa Federaalaa qondaalli kuni akka hidhaatii bahan murteessuu hordofeeti Roobii har'aa bahuun isaanii kan dhagahame. Guyyaa har'aa gadhiifamanii maatii isaanii waliin wal arguu qondaalli ABO Lammii Gammachuu BBCtti himaniiru. Gadhiifamuun isaanii kan dhagahame Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa torban darbe mootummaan hogganoota ABO 'seeraan ala' hidhuu ibsee 'atattamaan akka gadhiifaman' erga gaafateeti. Kolonel Gammachuu Ayyaanaa Caamsaa waggaa darbe manni murtiin bilisaan akka gadhiifaman erga murtaa'ee waggaa tokkoof mana hidhaatti dabarsaniiru. Eega hidhaa seenan immoo waggaa lamaaf deemaa. Ammallee hogganooti ABO kaan akka Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa'el Booran, Lammii Beenyaa, Daawwit Abdataa fi kaan mana hidhaa jiru. Hedduun isaanii manni murti bilisa nu baasus poolisiin ajaja mana murti fudhachuun nu gadhiisaa hin jiru jechuun mana hidhaatti lagannaa nyaataa irra turuun isaanii ni yaadatama. Komishinichi kanneen hidhaa jiran keessaa kan bilisa jedhaman, kan himanni itti hin banamneefi galmeen isaanii cufame jiru. Kaanimmoo kan hiikamanii osoo hin turin qabaman jiru. Miseensi Gumii Shanee ABO Obbo Abdii Raggaasaas erga mana murtiin bilisa jedhamanii bahanii guyyuma sanarra deebifamanii qabamuun mana hidhaatti deebifamanii ture. Dhiyeenya kana mana hidhaatti dhibee tiruun qabamuun dhukkubsataa kan ture dubbii himaan duraanii ABO Battee Urgeessaas mana hidhaatii gadhiifameera. Hayyu-dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa erga waggaa tokkoo oliif mana isaanii keessaa akka hin baane taasifaman booda, Bitootessa keessa akka bahanii socho'an hayyamamuufi dhaabichi mirkaneesseera. Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu waliin hidhata qabdu jechuun aangawoonni hoogganoota dhaaba kanaa himatu. Koloneel Gammachuun MM Abiy Ahimad aangootti erga bahaniifi isaan Ertiraa irraa biyyatti erga debi'anii hidhaa yoo seenan kuni kan duraa miti. A.L.I'tti Amajji 9 bara 2011 qabamanii shoroorkeessummaafi saamicha baankilee Lixa Oromiyaatti raawwatame qindeessuun shakkamanii mana murtiitti deddeebi'aa turan. Baatii 11 booda garuu hidhaatii bahan. Eegasii Adoolessa 2020 keessa ajjeechaa Hacaaluu hordofee qondaalota siyaasaa kaan waliin hidhaa bu'an. Yeroos isaan dabalatee namootni 20 galmee Kiisii Qixxumaa jala jiran himata shororkeessummaatin shakkuu poolisiin hime. Ergasii manni murtii dhimma isaanii ilaalee bilisa baasus poolisiin osoo hin gadhiisiin mana hidhaa tursiisuu abukaatoon isaanii irra dedeebiin himaa turan. Torban darbe Caamsaa 24, 2022 mana murtii Ijibbaata Federaalaatti kan dhihaayani ture qondaalli kuni dhaddachicha irratti Abbaan Alangaa Federaalaa himata akka irraa hin qabne mana murtiif himee ture. Poolisiin federaalaa ammoo imaanaa naannoon Oromiyaa natti kennatedha malee ani to'annoo jala hin oolchine jechuu abukaatoon isaanii Obbo Tuuliin BBC'tti himanii ture. https://t.me/Jolobis_Worra_Tuulamaa
Show all...

Lola kaabaa ===== Mootummaan Eertiraa ibsa kaleessa baase keessatti ''TPLF lola narratti banuufi waan taheef anis of ittisuuf qoophii dha'' ergaa jedhu dabarseera. Ibsa kana keessatti wanni akka yaaddoo guddaatti kaasan ifaa dha. TPLF lafoota Walqaayit, Tsagadee fi Humaraa yoo toyate karaa ittiin Suudaanitti bahu banata, sun akka milkaawuuf warri Lixaa duukaa dhaabbachaa jiru, yoo sun milkaaweef Eertiraaf balaa guddaa dha yaada jedhu jala muran. Warri Tigraayis lafa keenya inchii takkallee hin dhiifnu, ni toyanna jechaa jiru. Kaayyoon isaanii guddaan ''marfama keessa jirrurraa of baasuu qabna'' kan jedhu. Wanni akka marfamaatti dhiheeffatan karaan gama Suudaanitti bahan humnoota Amaaraa fi Eertiraadhaan jalaa cufamuu dha. Amma sana lolanii banachuuf waan qophaahan fakkaatu. Hafuura kana keessatti hriirri warra Ertiraa fi humnoota Amaaraa gama tokkorratti wal jabeessaa jiraachuun ifa. Lachuu diinummaa gad fagoo warra Tigraay irraa qabaniif jecha hawwiin TPLF balbala Suudaanitti ittiin bahu (the gateway to neighbouring Sudan) deebisee argachuu akka hin milkoofne ciniinnatanii loluuf jiru. Hiriira kana keessatti mootummaan Abiy Ahmad garri goru ammatti ifa hin taane. Haa tahu malee, sirnichi dinagdeedhaan waan bututee jiruuf jecha warra Lixaa deebisee araarfachuuf dhamaatiitti jira. Warra Lixaa biratti fuula argachuuf ammoo humnoota Amaaraa fi Eertiraa irraa akka of fageessu gorfame. Duulli gidduu kana maqaa 'hidhannoo hiikkachiisuu' jedhuun naannoo Amaaraa keessatti godhamaa jirus gorsa kanarraa dhufe. Kun ammoo finxaaleyyii Amaaraa fi Eertiraa biraa dheekkamsa hamaa fidaa jira. Hundumaafuu wanti tokko ifa tahaa dhufee jira. Abiy Isaayaasii fi warra Lixaa keessaa tokko filachuuf yeroon isa sardu dhufeera. Ammatti warra lachuu shawwadee giddugaleessatti taphachaa yeroo bitachuuf carraaqaa jiraatuyyuu akkasitti fagoo deemuu hin danda'u. Sababni isaas gareen Tigraayii fi Eertiraa dantaa mata mataa isaaniif jecha dafanii lolatti seenuun waan hin oolleef Abyiif yeroon taphaa hin jiraatu. Tarsiimoon yeroo bitannaa Abiy qabatee jiru inni lammaffaa ammoo ''faan-oo irratti duulee hiikkachiisaan jira waan taheef Oromoorraa deeggarsa argachuun danda'a'' kan jedhu. Dhugaan jiru garuu, kan Oromoo nagaa qeheesaarratti 'Shanee' ittiin jedhee fixaa jiru faan-oo caalaa Bilxiginnaa dha. Faan-oo kan rimaa'ee, dhalee, harma hoosisee, dardaroomsee asiin gahes isuma Bilxiginnaa dha. Oromoon Bilxiginnaa ofirratti dagatee faan- oo ajandaa godhatu yoo jiraate dafee ija haa banatu. Diina isa dhugaa adda baafachuuf (to identify the actual enemy) burjaajii rakasa akkasii ofirraa qulqulleessuu gaafata. https://t.me/Jolobis_Worra_Tuulamaa
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Hogganooti ABO dhibee tiruun qabaman yaalaa dhorkamanii rakkataa akka jiran himame. Hoggana ABO keessaa tokko kan ta'an obbo Abdii Raggaasaa fi qondaala ABO Gadaa Gabbisaa mana hidhaa keessatti dhibee tiruun rakkataa kan jiran manni hidhaa Itoophiyaa yaala akka hin arganne taasisuun miidha guddaaf saaxilee jiraachuun gabaafame. Hogganootiin ABO seeraan ala hidhamanii jiran kunneen fayyaa qabamanii hidhamanii mana hidhaa keessatti dhibee kanaan qabamuutu himama.
Show all...
Tuullaa xaafii qonnaan bultoonni Aanaa Bakkoo Tibbee hidhattoonni 'Shanee' nu duraa guban jedhan Itti gaafatamaan sab qunnamtii KFO Obbo Sulxaan Qaasim mootummaan duula Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun irratti baneen lammiileen nagaa ajjeefamaa jiraachuu dubbatan. "Haleellaa hidhattootni qaqqabsiisan dhaabsisuuf, miidhaasaa dhaabsisuuf gara maree nagahaatti seenuun ni barbaachisa. Waamichi mootummaaf qofaaf miti. Hidhatanii bosona kan jiranifiisi" jedhan. "Hanga nuti beeknutti Shanee kan jedhamu hin jiru. Hidhattootni Oromoo hidhattootni Adda Bilisa Baasaa Oromoo kan mootummaanis beeku ni jiru" kan jedhan immoo dura taa'aan KFO Profeesar Mararaadha. Isaanis "mootummaan naannoo Tigraayitti nan mari'adha, nagaa nan uuma jedhee akkuma socho'u isaan waliinis yaa mari'atu" jechuun nageenya fiduuf mariin akka taasifamu gaafatan. Gaafileen bu'uraa ummata Oromoo kunneen akka ofin of bulchuu, nagaan jiraachuu fi kunneen biroon waggoota 50 deebii akka hin arganne kan himan Prof. Mararaan, mootummaan hidhattoota kunneen walin mari'achuun gaafiiwwan kunneen deebisuu akka qabus himaniiru. Hooggansi KFO Obbo Baqqalaa Garbaafi boodarra dhaabicha kan seene Jawaar Mohaammad Abbootii Gadaa waliin ta'un hidhattooti qawwee lafa kaa'anii galanii karaa nagaan akka qabsa'an socho'aa turuun ni yaadatama.
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.