Dirree Wangeelaa
Open in Telegram
Dhaloota wangeelaaf onnatuu fi jiraatu taanee imaanaa nutti kenname galmaan haa geenyu. Channel kun mul'ata isaa 1Phex 3:15 irraa ka'uun, kaanee waliin wangeela haa labsinu jedha 🏣🏣🔛
Show more1 158
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
1 158
Dubbiin waaqayyoos isaan keessa waan hin jirreef wangeela fayyinaa lallabanii dhaloota cubbuutti duule kana gara yaada garaa geeddarannaatti deebisuu hin danda'an. Ulfina mataa isaaniif asiif achi fiigaa waltajjii irra waltajjiitti utaalu. Ergaa fayyinaa lallaba dhiiga Kiristoos keessaa argamu dhiisanii iddoo aarsaa dhiiga hoolichaan ijaaramee galma agarsiisa aadaaf tuurizimii dhuunfaa isaanii godhachuun gatii seensaa guuru. Dallaa ijaarratanii qaraxa funaanaa oolu. Tajaajila fayyinaas akka madda galiitti hojjechuuf iddoo aarsaa irraa akka korma qaarmii quufee bookkisaa oolu.
∆ Kiristoos isa bishaan jireenya ta'e lallabuu dhiisanii warri bishaan highland tti gurguraa oolan kun Yihuudaa isa Yesuus gurgure wajjin wal irraa fagoo hin jiran. Wangeela akka seensa dubbiitti fudhachuun yaada mataa isaaniin lallabu. Dhaloota diiganii waldaa ijaaru. Saamtota! Har'a hundeessitoota waldaa malee tajaajiltoota hin qabnu. Egereen dhalootaa kanaa kanaaf nu yaaddessuu qaba. Isa gooftaan Yesuus dhaqaa jedhe, isaan koottaa jedhanii teessoo beeksifachuuf miidiyaa irratti duula na filadhaa gaggeessaa oolu.
# Kanaaf amantoonni, tajaajiltoota fi raajota sobduu akka hoomaa waraabessaa horii isaanitti yuusaa jiran kana irratti hin dammaqu taanaan hafuurattis ta'ee foonittis qullaa hafuun isaa waan hin oolledha.
Yesus itti fufee, "Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha. Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii baalaan-waraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree?
Mat 7:15-16
Via Abdinaol Bulto
1 158
Dhaloota barri booji'e
"Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo dubbata, Waaqayyo hafuuricha safara malee in kenna'o. " Yoh 3: 34
∆ Barri nuyi keessa jirru kun bara seexanni beekumsa saayinsii fi teekinoloojii sammuu namaatti fe'uun yaadaaf qalbii namaa mootummaa du'aaf jilbeeffachiisedha. Bofichi Heewwaaniin akka waaqayyoo taatu jedhee gowwomsee shaakala fokkisaa faallaa dubbii waaqayyoo keessa galchuun qullaa buussise sun har'as hojiitti jira. Humna sagalee waaqayyoon itti dammaqnee of irraa hin faccifnu taanaan balaan duubaan hordofee dhufaa jiru sodaachisaadha. Falasamoota jiran keessaa falasamni "hundumaa gochuu nan danda'a" jedhuu dhaadannoo addunyaa keenya har'ati. Amalli hunda danda'uu (Omnipotent) kan waaqayyoo qofadha. Har'as seexanni karaa hojjettoota isaa (Motivational speakers) namni akkuma waaqayyoo hundumaa gochuu in danda'a jechuun kufaatii keessa deebii hin qabne hedduu galmeessisaa jira. Dhaadannoon bu'uuraa amansiisaa hin qabne fi gara of-tuulummaatti dhaloota oofaa jiru kun waldaa kiristaanaa goolaa jira. Siicoo ogummaa fakkaatu kana irraa dhugee karaa gad lakkisee gara du'aatti gulufaa kan jirus lakkoofsaan yartuu miti. Sobni fokkisaan kun waldaa kiristaanaa keessatti iddoo argachuu isaa arguu caalas egeree dhalootaaf summii sodachisaan arguun isa ija namaa rifachiisu hin jiru. Dhaadannoon kun akka qoraatti dhoqqee keessaa jireenya nama mammadeessee fixeera. Waaqayyo humna guddaa nu keessa kaa'e tuqaa jedhuun ka'uun ofumaaf akka waaqayyootti kan of ilaalan lakkoofsaan danuudha. Seexannichi akka irratti hin beekkamnetti totolfatee laphee dhalootaa weerrareera.
∆ Garuu dubbiin dadammaqinsa nama mirqaansuu malee humna nama dandeessisu of keessaa hin qabu. Miira namaa dadammaqsee kiyyoo of-tuulummaatti nama galchuun jireenya namaa ceephootti harka kennachiisa. Kallatti xiyyeeffannoo keenyaa Kiristoos Isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasuu sana irraa ija buqqifannee ofii keenya irra akka kaa'annu gochuun muka jireenya sanatti adda nu baasa. Gammachuun inni yeroof jireenya keenya keessa facaasu gaddaaf leeyyoo bara baraa nuuf galaasa. Garuu dhugaan nuyi ija jabinaan hubannee hubachiifnu Isa kanadha; " Nuyi ofii keenyaa wanti tokko illee nu biraa, in ba'a jennee himachuu waan dandeenyu hin qabnu; hammi danda'aa keenyaa Waaqayyo biraa in ba'a." 2Qor 3:5 Kufaatii dhufaa jiru kanaafis sababni jalqabaa tajaajiltoota dhugaa wangeelaa hin hubannee fi waamicha waaqa irraa hin qabnedha. Warra sababuma nama irratti arganiif lallabaaf gojomaa'anii iddoo aarsaa qabatanidha. Isaan kun warra hafuuraan osoo hin taane miira isaaniin machaa'ani akka wangoo iddoo aarsaa irraa dutaa oolanidha. Tajaajiltoonni waamicha waaqa irraa qaban waa'ee waaqayyoo, waan waaqa irraas dubbatu. Kan waaqayyoo ergee dubbii waaqayyoo dubbata. Waaqayyoo osoo nama hin waamiin waa'ee dhoksaa jireenya dubbachuun, dubbatani jiraachuunis hin danda'amu. Har'a tajaajiltoota dhugaa wangeelaa lallabanii dhaloota boowwa du'aa irraa dachaasan caala dubbattoota haasa'aa dadammaqinsaa dubbatantu waltajjii qabate.
∆ Sabni waaqayyoos tajaajiltoota dhugaa wangeelaa lallaban caala warra dubbii gurra isaanitti tolu dubbataniif dursa laatee jira. Kanaaf iddoon aarsaa waaqayyoo buufata daldaalaa ta'e. Tajaajiltoonni dhugichaa fi dhiigichaan hin jijjiramne kun ulfina waaqayyoo mul'isuu caala ofii mul'achuuf waltajjii dheebochaa oolu. Dubbii dhugaa wangeelaa caalas haasa'aa fi dubbii haayyotaa walitti coruun waltajjii bareechuu yaalu. Iddoo itti maqaan Kiristoos inni jireenya namaa jijjiru itti lallabamutti dubbiif haasa'aa dadammaqinsaa gowwummaan dhugame warri dubbatan kun mormituu Kiristoos warra jalqabaati. Warra Kiristoosiin gananii dhaloonnis ificha akka hin argineef itti gaaddideessaa oolanidha. Beekumsa biyya lafaan dhugaa wangeelaa ibsuuf asiif achi cillaaffatu. Jireenya isaanii Isa manca'aa sana arraba bareechanii haasa'aan kuuluuf hiixatanii miixatu. Lapheen isaanii onaadha.
1 158
......
Qoricha baayyee beeka. Kan namoonni cuunfanii qorichumaaf ka'aan. Qorichoonni kun yeroo guyyaan tajaajilasani itti dhumatu qabu (expired date) akkasumas miidhaallee tokko tokkos qabu ( side effects). Qorichi tokko dhukkuba hundaaf, yeroo hundaaf nama hundumaafis Wal qixa hin fayyadu. Ammallee karaan ittin qoricha sana fudhatan yookaan Kennan yoo dogogoorame ( routes) tahee lubbuudhaf balaa fida.
Qorichi tokko garuu Jira Kan hundumaaf tahuu Kan foyyees foyyaa'insas agarsiisu osoo hin taane fayyise fayyinan hambisuu. Lammii hundumaaf, Nama hunduumaf, Hammisa isuman safaramee( dose's), Gatiinsas isuman xumuramee, ( free cost). Hunda fayyise Kan qulleessu, Qorichii kun Maqaansa Dhiiga Iyaasus Kiristoos Isa sif dhangala'eedha.
Iyaasus dhiigasa dhangalasee du'a mo'ee ka'ee sihiin jiraachiseera Baga gammadde💪💪💪👏👏👏💪💪💪💪💪💪.
Hundii kessaan Baga Ayyaana yaadannoo du'a ka'uu Goofta keenya iyaasus kiristoosin nagaan isiin gahee.
Iyaasus si jaallata.
Join us.@ dirreewaangela
@dirreewaangela
1 158
“Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo balleesse, Waaqayyo immoo isa in balleessa; manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.”
— 1Qor. 3:17
Manni kun kan ijaarame hunde kristosirratti, hundichis hamma malee gad fageeffame kan dhaabates dafqa dhiigaa qaraaniyoratti coccoben, keenyan isa lafee gooftatin dhaabame, kan qulqulleefames dhiiga isaatin ,simboon manichas ulfina isaati , kan ofitti nama hawwatus jaalala isaatin❤️❤️❤️❤️ egaa nama mana kana xureesse ballesuu waaqayyoo hin dhiisa jettee yaadda?? Kanaaf haala kam keessalleen yoo jiraatte qulqulluu mana waaqayyoof of eeggadhu🙏🙏
eebbifamteerta, qulqulloofterta🙆♂️
@dirreewaangela
@dirreewaangela
1 158
# Sodaa Abrahaamii fi Amanamummaa waaqayyoo
👉 Waaqayyo Abrahaam gaafa waamu biyya ani sitti agarsiisu dhaqi jedhe. Gaafa mucaa isaa qalee aarsaa akka godhuuf waames gara tulluu ani sitti agarsisuu dhaqii jedhe. Kiristaanummaan xiyya yaada waaqayyoo gaggeeffamuudha malee lafa jaalatan adeemuu miti. Abrahaam gaafa ba'ee adeeme waaqayyo immoo kallatti itti agarsiise. Deemsa hafuuraa gaafa eegaltu waaqayyoo immoo kallatti sitti agarsiisa.
👉 Waaqayyoo Abrahaamiin lammii kee, qomoo kee, maatii abbaa kee dhiisi gaafa jedhee hariiroo firummaa fi biyyummaa Isa wajjiin godhachuuf dursee yaade malee jireenya kophummaan Abrahaam rakkisuuf miti. Lamummaa biyya lafaa dhiisisee lamummaa biyyaa waaqa irraa laachuufi barbaade.
👉 Abrahaam dhala tokko kan mana isaa dhaaluu waaqayyo irraa barbaada, waaqayyoo immoo sanyiin kee akka urjii samii keessa, cirracha galaanati baay'ata jedhaan. Waaqayyo waan hin mul'annee lakkaa'a.
👉 Abrahaam wanta tokko jedhee lakka'u dhabe, Isa waaqayyoo itti hime immoo baay'ina isaa irraa kan ka'e lakkaa'u dadhabe (Mucaa tokkicha Abrahaam barbaaduu fi Urjii samii keessaa, Cirracha galaana). Jireenyi raafamaa kun gatii isaa gad buusnan waaqayyoo "Yaa Abraam, hin sodaatin! Ani gaachana kee ti, gatiin kee baay'ee guddaa in ta'a" jedheen." Umm 15:1
👉 Abiraam waa'ee mucaa (nam-tokko) dubbata, waaqayyoo garuu waa'ee sabaa dubbata.
👉 Abiraam yeroon Isaa irra darbaa hammuma adeemu shakkaa adeeme, hin danda'amu yaada jedhuun guutame, kanaaf waaqayyo ani hundumaa kan danda'udha ittiin jedhe waa'ee danda'ummaa isaa ibseef. "El Shaadayi" Uma 17:1
👉 Waaqayyoo bar-egeree mucaa godhattu jennaan Saaraanis Abrahaamis kolfani. Sagalee kakuu waaqayyoo dhaga'anii kolfanii, Isa abdachifames arganii gammachuun kolfan. Kolfaan jalqabsiisee kolfaan xummursiise. Maqaan mucichaas "in kolfaan" ta'e. Uma 21:3
∆ "Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a, " Ibr 4:12
Dilbaata gaarii!
Obboleessa keessan irraa!
Join us @dirreewaangela
1 158
🌷🌹🌷🌹🌷🌹🌷🌹🌷🌹
....."Yesuus itti fufee, karichi, dhugaan, jireenyis, ana. Anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu"......(Yoh 14:6)
Karaan jalqabaa, gidduu fi xummura milkaa'insaati. Akkasumas, dirree yeroon sammuu ilmaan namoota fuudhee irra fiigaa ooludha. Karaa baay'een karaa sirrii fakkatus, namoonni baay'een irra adeemanis, karaan karaa keessaa qaxxamuree gara balbala jireenyatti nama geessuu garuu tokko qofaadha. Innis hoolicha araaraa isa ta'ee Yesuus Kiristoosidha. Isaatti kan amanuu hin yeella'uu, bahee karaatti hin hafuu, haalota moo'atee darbee adeema. Haxxummaa seexanaan hin qabamu. Miira isaa moo'achuun waaqeffannaa dhugaan guuteen fuula waaqayyoo duratti argama.
Kiristoos inni alfaa fi omeegaa ta'es jalqabaa fi xummura irra dhaabbatee waa'ee karicha hafuurichaan dhugaa nuuf ba'a. Kanaaf obboloota koo koottaa karaa keenya qorree haa ilaallu.
Ka'umsa keenya yaaddachaa, eessa akka jirru ilaallachaa, galmaa keenyaaf of qopheessa deddebi'uun nuuf ta'a. Akkas hin taanee yoo ta'ee, manaa baanee, kara hin taanerra osoo deddebinuu guyyaan w/yyoo inni guddaan sun nutti dhufnaan salphachuun keenya waan hin oolledha. Guyyaa itti hoolichi araaraa Kiristoos miila isaan duumessoota irra adeemaa dhufu sanatti ija jabinaan dura isaa dhaabbachuuf har'a harka isaa Isa aangoo qabeessa jalatti gad of haa deebisnu.
Kanaaf karicha ganamaa haa iyyaafannu.
W/yyoo dhi'oodha dhi'oottis hin dhufa.(Fil4:5)
...."Maaraanaataa Iyyesuus Yoom Dhufta Laataa?".....
🕊🕊🕊🕊🕊🕊🕊🕊🕊🕊
1 158
James 4:4
"You adulterers! Don’t you realize that friendship with the world makes you an enemy of God? I say it again: If you want to be a friend of the world, you make yourself an enemy of God."
Are you a friend of the world? Are your associations worldly?... the Bible says
2 Corinthians 13:5
"Examine yourselves to see if your faith is genuine. Test yourselves. Surely you know that Jesus Christ is among you; if not, you have failed the test of genuine faith."
May the Lord strengthen us to walk in faith...
Amen!
Summary of principles of overcoming sin:
-------------------------------------------------------------------
1. Repent and accept Jesus
2. Surrender
3. Feed on the Word and prayer
4. Know your identity in Christ
5. Stop entertaining sin
6. Avoid bad companies
May God bless you all!!
The Holy Spirit says "Today if you hear His voice don't harden your heart
REPENT NOW!!...
~ Evangelist Paul K
JESUS is Coming SOON
Join us @dirreewaangela
