cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Abdulqaadir_suruur

Ilmi nama wanta barbade hunda osoo gootefi sirra hin jaalatu akka kaa bira dabaltufi barbada, Rabbiin garuu wanta inni jaalatu xiqqo yoo hojate sirra jaalata allahamdullillah yaa rabbii ❤ ☆Join☆ ✯┄┅┅✿❀♥️❀✿┅┅┄✯t.me/joinchat/Abdulqaadirsuruurofficial

Show more
Finland3 189The language is not specifiedReligion & Spirituality100 937
Advertising posts
203
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Addunyaan tun "akkanaan ture akkasiin ture" jachuu Keenya irraa dantaa takkallee hin qabdu, yoo qabatamni zeroo tahe. 🤷? "Ani gaafa akkanaaf akkanaa naggadee jabduu akkanaan ture, barataa ilmii jabaa akkanaan ture, nama akkanaafi akkanatti waa dubbisuun ture, waan akkanaa godhee waan akkasii goosisaan ture" jachuu keenyaaf gatii takka hin qabdu. 🙃"Kaleessa daa'ii cimaa khan dubbatu tolu, hogganaa cimaa kan duratti yoo bahe tolchee hogganuun ture, arra garuu kunoo isin waliin taa'een hamtuurraa isin dhoorkuu dadhabe..." jachuun kabajamtee guddifamuu odoo hin tahin, seenaa dabarsite cilee dibdee gatii tee gad buusuudha. #Qabatamni jiruu waan amma irra jirtu si gaafatti. ❤️Daaraa keessa gangalachaa haxira urgeeffattee, damma unachaa akka turte himuu irra, Daaraa keessa gangalachaa turtee amma haxira urgeeffattee, damma unachaa akka jirtu sii himu dhagahuu jaalatti addunyaan. Maal qabaachaa turtee miti, maal akka amma harkaa qabduuf xiyyeeyfannaa caalu laadhu.
Show all...
Dabaan haguugamtullee Aduun dhugaa ni baati Rakkoofi gidiraan har'aa Bor bultee seenaa taati... Barris, namnis ni darbaa Hin shakkiin yaa qaxalee Kan iddootti hafu hin jiru Rabbi tokkicha malee!
Show all...
Haajaa tee tan yeroo hunda si yaachistu san, Rabbiin ammumatti bakkaan siif gahee si haa gammachiisu!!! https://t.me/abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
Abdulqaadir_suruur

Ilmi nama wanta barbade hunda osoo gootefi sirra hin jaalatu akka kaa bira dabaltufi barbada, Rabbiin garuu wanta inni jaalatu xiqqo yoo hojate sirra jaalata allahamdullillah yaa rabbii ❤ ☆Join☆ ✯ ┄┅┅✿❀♥️❀✿ ┅┅┄✯t.me/joinchat/Abdulqaadirsuruurofficial

اللهم بردا وسلاما على إخواننا في غزة اللهم نجهم وفرج كربهم واحفظهم بما تحفظ به عبادك الصالحين اللهم انصرهم وأيدهم بمدد من عندك اللهم تولهم وثبت أقدامهم وسدد رميهم اللهم شافي جرحاهم اللهم امددهم بجندٍ من عندك اللهم عليك باعدائهم https://t.me/abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
Abdulqaadir_suruur

Ilmi nama wanta barbade hunda osoo gootefi sirra hin jaalatu akka kaa bira dabaltufi barbada, Rabbiin garuu wanta inni jaalatu xiqqo yoo hojate sirra jaalata allahamdullillah yaa rabbii ❤ ☆Join☆ ✯ ┄┅┅✿❀♥️❀✿ ┅┅┄✯t.me/joinchat/Abdulqaadirsuruurofficial

Gufuuf Gufaata,❗️ Qoreef Qormaata❗️ Hunda Bira Rabbi Nu Haa Dabarsu. 🤲🤲🤲🤲#Aammiin🤲🤲🤲🤲 https://t.me/abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
Abdulqaadir_suruur

Ilmi nama wanta barbade hunda osoo gootefi sirra hin jaalatu akka kaa bira dabaltufi barbada, Rabbiin garuu wanta inni jaalatu xiqqo yoo hojate sirra jaalata allahamdullillah yaa rabbii ❤ ☆Join☆ ✯ ┄┅┅✿❀♥️❀✿ ┅┅┄✯t.me/joinchat/Abdulqaadirsuruurofficial

~Daqiiqaa 1 qofa oobsii dubbisi❗️ ☆Biyya lafaa tana gubbaa Rabbiin gaafa nu fidu jalqaba imimmaaniin odoo boonyuuti garaa haadhaati nu baase. Guyyaa sanirraa kaasee hanga guyyaa duunuuttiis gaddaafii gammachuun akka nurratti wal dabarfattu godhe; gaafa guyyaan dhumaa gahuus yeroo "malakul moowtiin" ruuhee nurraa fuudhu waan itti achi yaanu laalleeti gammanna ykn rifanna; namni nu bira taa'u feenu haa gammannu feenu haa gaddinu deemuu keenya qofaaf ni rifatan, ni booyan. ●Jiruun biyya lafaa jalqabaa kaasee ilaa dhumni isii haganuma. ♡Akka garru kanatti rakkoon cimtee, wal jibbaan baayyatee, hammeenyi lalisee, dhugaafii sobni wal fakkaatee mataa nu wareersuun kun haaluma jiruu biyya lafaati, Rabbiin hojii isaa marii teenyaan malee oofutti jira, marii teenyaan malee fadhu wal qixxeeysa fadhu akkanumatti dhiisa. Garuu hin shakkin haala ammaa kanaas yerootu fide yerumaatu fudhatee kutuuniif jiraataa ! ☆Waan si rakkise tana cufa jalaa baatee waan hawwituun yoo walitti baatees jiruu biyya lafaa tana dhiifteetuma godaanta...! ♡Yeroon biyya lafaa tanarratti nuuf kannamte haala nurratti jiru kana teenyee komachaatuma ooluuf odoo hin taane; waan Rabbiin nu biraa qabu irratti galata galchuufuu nun geeysu. Jireenyi haqiiqaa du'a booda. Jiruu tana irratti oobsii irra caalaa hojii teetii komii, waan dhabde qofa lakkaawuu tana dhiisii galata Rabbiif galchuu baayyisi. Komiinfi jaalalti duniyaaf qabnu waan nu bira jiru irraa ija nu qabdee galata Rabbii nu dagachiisuu kana irraa haa dammeeynuu ♡Yaa Rabbi baga na uumte ! Kadhaa tiyya malee islaama na gootee si kadhadhee khaaatimaa na tolchuus sirraa akkaan hin dhabneen abdadha ! 💔 @Abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
💔Qalbiin ilma namaa tun haga horii guddaa argachuufii duniyaan tun isitti toluu qofatti yaaddooytu odoo gaafii horii irratti guyyaa boruu namaaf dhiyaattutti yaaddooytee ! 💔Ummanni nuun dura ture yeroo haalli jireenyaa isaaniif mijjatee addunyaan biratti walitti qabamte "Dhiiroo hojii gaggaarii nuti daleeynuutu galanni isii addunyaa irratti nuuf jarjaree aakhiratti nu hoongeeysuufii laata" ja'aniiti yaaddawan. 💔Odoo haqiiqaan biyya lafaa kun nuuf galee addunyaa tana irratti horii walitti qabatuufii; fuul duratti addunyaa walitti kuufannee jireenya quufaa jiraachuun irra guddaa yaada keenyaa hin tahu ture. 💥Yaa Rabbi haqiiqaa biyya duniyaa tana qalbii keeysa gad nuuf buusi. Irra caalaa yaada kheenyaatiis aakhiraa nuuf taasisi. Fuulli kee nutti toluu hawwii teenya ta gararree nuuf taasisi❤️ اللهم لا تجعل الدنيا أكبر همنا Yaa Rabbi jannata kee❤️ @Abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
#Si_mudatee_beekaa..... ✍ (#Onnline) jechi jettu tun, barreeffama jireenya nama hedduu diigan keessaa ishee tokkoodha. ✍ Fuula Telegrama; What's App; Messenger fi Imo yoo seente yeroo hedduu maamiltoota kankee, toorri isaanii mallattoo #(Online) jedhu argita. Jechi Kun jiruu nama hedduu diigee jira. Hiriyyoottan; jaarsaa fi jaartii akkasuma Maatii hedduu gidduu amanamummaa dhabamsiisee jira. Akkasuma wal dhabbii fi wal dhibdee hedduu uumee jira; namoota hedduu addaanis fageessee jira. ✍ Hiriyyoottan Kee keessaa nama meeqatu mallattoo kana arguun, abboo silaa online irraa hin buutuu, garuu maaluma si godhee na dubbisuu didde siin jedhee beeka___?! " Ufii guyyaa hundaa Online irra jirta, garuu na dubbistee hin beektu" jedhee Sababa bilbilli Kee banaa taheef qofa si komatee beeka. ✍ Obboleewwan koo dubbiin tuni martis dhugaa miti, martis sobaa miti..... #Hubadhaa_mee:👇 👉 Bilbilli isaa #online jechuun nama wajjiin haasahaa jira; barreeffama kee argee beekaa siif deebisuu dide jechuu miti. 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu kana muldhisuun, osoo sin argu Akka nama sin garreetti dubbachuu dide jechuu miti.... 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, yeroo sanitti barreeffama kee ykn gaafii kankee hatantamaan siif deebisuu danda'a jechuu miti...! 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, Yeroo hundaa nama dubbisa jechuu miti...! 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, yeroo dhuunfaa isaa online fayyadamu hin qabu jechuu miti... 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, bilbila isaa namumaan qofa haasahuuf banate jechuu miti ... 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, hin dadhabu yeroo hundaa nama waliin haasaha jechuu miti.. (dadhabbii irraa bilbila isaa banee rafuu danda'a).. 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, ee dhugaadha banaa jira, garuu dirqamee dhimma ariifachiisaaf online irra jiraachuu danda'a... 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, ee dhugaa banaadha.... garuu barnoota zoomiidhaan barachaa jiraachuu danda'a... 👉 Bilbilli isaa mallattoo (#Online) jedhu muldhisuun, bilbilli isaa ijoollee isaa harkas jiraachuu danda'aa; ykn tasa banamee jiraa; ykn banee dagatee biraa rafee jiraa; ykn... ykn.... ykn.... 😁 ✍ please Wal hubadhaa, jecha (#Online) jettu tana niyyaa itti tolaa.... dhiifama walgaafadhaa...., haga ammaa hin rafnee ? 😁, maal goota waliin hin jedhinaa.... ✍ Anaa keessan @Ibroo.. waan dubbistaniif galatoomaa.... 👉 Nama isin komate hundaaf share gochuu hin dagatinaa, link Chaanaala keennaas share👇 https://t.me//Abdulqaadirsuruurofficial
Show all...
Abdulqaadir_suruur

Ilmi nama wanta barbade hunda osoo gootefi sirra hin jaalatu akka kaa bira dabaltufi barbada, Rabbiin garuu wanta inni jaalatu xiqqo yoo hojate sirra jaalata allahamdullillah yaa rabbii ❤ ☆Join☆ ✯ ┄┅┅✿❀♥️❀✿ ┅┅┄✯t.me/joinchat/Abdulqaadirsuruurofficial

00:25
Video unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram