cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

SBO Tv ....... page

Saagale bilissumma oromoo Toora page keenya irratti oduwwan Wayitaawa kan dhugaa ta'an qofa Waan maxxansinuf toora page keenya hiiryoottaan keessanif shere gochuun Nu deeggara. @SBOtvpage

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
141
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Akkam jirtu ? Maatiwwaan media keenya hundi Rokkoo nu mudatee tureef media irraa banne turre amma gara tamsaasa media keenyaatti deebinee jirra
Show all...
Aadde Siddisee Eebbisaa Finfinnee keessatti ukkaamsamte [SQ- sadaasa 25/2020] Dhalattuu Finfinnee kan taate Aadde Siddisee Eebbisaa guyyaa har’aa Oromummaan isheen yakkamtee ukkaamsamtee jirti. Aadde Siddisee Eebbisaa miseensa ABO kan magaalaa Finfinneeti.
Show all...
Abiy “dhimma keessoo keenyaa isin hin galchu” jedhee addunyaa iyyaa jirtuuf tuffiin deebii kennee jira. Kana irraa wanti tilmaamnu addunyaa wajjiin akka hamaatti wal dhabee jira. Abbaa Irree hamaa mataa jabaatu tahuu isaa qabatamatti addunyaa beeksifate. Gama kaaniin “abbaa fedhetu du’a malee lola hin dhaabnu” jedhe. Addunyaan “yakka waraanaa hojjataa jirta” osoo jettuun didee kana dubbachuun akeektuu hammeenya Abiy biyya san keessatti raawwatuuf deemuuti. Kanaafuu yoo akkanumatti itti fufe yeroo gabaabaa keessatti mana murtii addunyaa dhihaachuu mala. Addunyaa tuffiin inni ilaalu kanatu biyya san yoo xiqqaate 40% gargaaraa jira. Biyyi sun of dandeessee hin beektu. Gargaarsa alaa malee jiraachuu hin dandeessu; keessattuu gaaga’ama siyaasaa kana keessatti. Ammumayyuu rakkoo mudate argaa jirra. Mindaa ummata irraa muranii waraanaaf dhimma itti bahaa jiru. Hanga yoomiitti akkasiitti mindaa ummata irraa muru; yeroo jireenyi qaala’ee silaa mindaan dabalamuu qabutti. Gabaabumatti Abiy boolla keessaa hin baanetti kufe. Namni biyya saniif yaadu Abiyyiif harka rukutaa biyya akka hin dandamannetti balleessuun dogoggora guddaadha.
Show all...
Fiicheetti Poolisiin hordoftoota amantii Waaqeffannaa galma keessaa qabee hidhe. [SQ Sadaasa 7/2020] Kaleessa (Sadaasa 6/2020) halkan keessaa sa'aa 5:00 irraa eegalee Poolisiin magaalaa Fiichee Galma Amantii Waaqeffannaa Diida-Heexoo Fiichee seenuun Waaqeffattoota barattoota Wiirtuu Amantii Waaqeffannaa, barsiisota amantichaa fi miseensota tajaajilaa warra dabareefi eegumsaa dabalatee hidhani jiru. Waaqeffattootni kun kan hidhamanis erga Galma Amantii Waaqeffannaa sakkatta'anii waan barbaadan dhabanii booda jilmaan nama Galma eegullee otoo hin hambisiin Galma Amantii Waaqeffannaa banaa dhiisuun waaqeffattota kanneen kan hidhan! Galmi kun Wiirtuu barnootaa A/Waaqeffannaa kan Konyaa Fiichee yoo ta'u armaan durallee qixuma kanaan tajaajila barnootaa kennaa ture. Baay'inni Barattoota Wiirtuu Barnootaa Aamantii Waaqeffannaa bara kana Galmichatti eegale 21dha. Barsiisotni Amantichaas kan Wiirtichaa 2 dha. Kanneen malee tajaajiltoota fi Koreelee Galmootaa, warra dabareefi Eegumsaa wajjiin tilmaamaan namootni 35 ol akka hidhamanidha. Baha Shaggar - Boosatitti waayyuu Galmaafi barsiisaa Amantii Waaqeffannaa waliigalaa kan ta'an Obbo Roobaa Waaqayyoo hidhamuun ni yaadatama.
Show all...
Hidhaan Juumlaan Lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru yaaddessaa ta'uurra darbe fincila kaasuu mala. (Ibsa KDHSO –Sadaasa 07, 2020) Yeroo itti dhaabbileen siyaasaa biyya Impaayera Itophiyaa keessatti galmahaani sossohan marti hala biyyi kuni keessa jirtuuf furmaati nagaa fi tasgabbiin mariin hunda hammate akka qophahuufi rakkoo nageenya mudate akka waliin furmaati barbaadamu akeekaa jiranitti mootummaa gadaa isaa xumureen hidhaa fi ajjechaan hammachuun yaaddessaa ta'uurra darbee Ummati Oromoo fi Lammiileen Oromiyaa gara fincilaatti dhiibaa jira; Keessattuu ji'oota sadii as. Addatti rakkoo Oromiyaa keessatti dhalateef furmaati Moottummaa ce’umsaa Oromiyaa gadi dhaabu dha jechuun ABO fi KFOn erga sochii eegalanii Mottummaan Aangoo Heeraa fi Seeraa hin qabne Lammiilee Oromiyaa hidhaatti guruufi ajjeesuun daran jabaate itti fufee jira. Hidhaan amma adeema jiru kan baratamerra adda kan taasisu namni hidhu hin beekamu, bakki itti lamiileen hidhamani hin beekamu, mana Murtiitti dhiyachuun hin jiru, warri dhihaatani illee furmaati hin kennamu, yoo kennames polisiin ajaja mana murtii hin kabaju, kaan ammo bakka nyaata fi dhugaati argachuu hin dandeenyetti hidhamuun mirgi namooma isaanii sarbamaa jira. Walumaagalatti haalli Lammiileen Oromiyaa amma keessa jiran yaaddoo gudda uumee jira, haalli kuni ammo daran jabaatee itti fufnaan Oromiyaa keessatti mormii fi jeequmsa hamaa akkasumas fincila uumuuf adeema waan jiruuf gochi kun hatattamaan akka dhaabbatu cimsinee gaafanna. Koreen keenya Hidhmtooti Siyaasaa Oromoo marti halduree tokko malee hiikamanii Mootummaa Ce’uumsaa Biyyaalessa Oromiyaa gadi dhaabachuuf adeemu keessatti hirmaattota akka ta’aniifi tasgabbii fi Nagaa Waaraa naannoo keenya keessatti uumuuf qooda isaani akka bahatan gadi jabeessinee gaafanna. Jaarmayootni Siyaasaa fi qabsaawonni mirga Lammiilee Oromiyaaf falmitan, dhhaabbattoonni miti-mootummaa fi kan dhuunfaa, waldaaleen ogummaa, siviikii fi akkasumas dantaa Hidhamtoota Siyaasaa irratti kan dalagdan hundi haala Hidhamtoota Siyaasa Lammiilee Oromiyaa keessa jirani fi hidhaan amma jumlaan Oromiyaa keessatti adeema jiru hordofuun Addunyaatti akka beeksiftan waamicha isiniif gona. Mootummaan amma gadaa isaa xumuratee jiru, Oromiyaa keessatti nagaa busuuf hidhaan furmaata akka hin taane hubatee Mootummaa Ce’uumsaa Biyyaalessa Oromiyaa ABOn labsame keessatti qooda fudhachuudhaan wabii nageenya Ummmata akka tahu waamicha goona. Kuni yoo hin tahiin hafe jeequmsa fi rakkoo nageenyaa uumamuuf adeemu hedduu biyya kana gaaga’uuf akka jiru gamnumaan yaaddoo keenya ibsuu feena. Injifannoo Ummata Bal'aaf! Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo(KDHSO) Sadaasa 07, 2020 Finfinnee
Show all...