cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Karaa Dhugaa

•Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu. Yoh14:6 •Yesus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata. Yoh11:25 @Bona_new @IsihaakBot

Show more
Finland1 574The language is not specifiedReligion & Spirituality26 830
Advertising posts
3 380
Subscribers
No data24 hours
+67 days
+1530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#-Dhiifamni baay'ee gatii jabeessa dha. —> #Sababni isaas dhiifamni dhiigaan dhufe. Dhiifama gochuun gatii kan nu baasisuuf, kan gatii itti baase Kristoos waan ta’eef. #Dhiifama diduun Kristoosin diduu dha. Iddoo Jaalalli jiru dhiifamni akka galaana yaa'a. Eeyyeen, Waaqayyo abbaan diinoota isaatiif kennaa gatii jabeessa, ilma isaa tokkicha diinota isaaf laate. Kanaafu, namni dhaabbachu dura dhiifama beeku qaba. Yohannis 3:16 "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;..." #KaraaDhugaa @karaadhugaa @karaadhugaa
Show all...
#Hamma_Dhumaatti🥰 Ati isa jaalachuukee of qori malee inni si jaalachuu isaa akkamiin qortaa? Du'oo taatee utuu jirtuu kan si jaalate yoo maal taate sirraa fagaachuu danda'aa? “Si'a sadaffaas Yesus, "Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?" jedheen." — Yoh. 21 Phexros si'a sadaffaf erga gooftaa ganeen booda, gooftaan Pheexrosin "ana jaalattaa?" Jedheen malee "an sin jaaladha!" Hin jenneen! Jaalala phexrostu qorama malee jaalalli gooftaa hin qoramu! Jaalalli gooftaa haala Phexros irratti utuu hin taane gooftichuma irratti kan hundaa'edha! Phexros gooftaa ganes, Gooftaaf dhugaa ba'es jaalalli gooftaan phexrosif qabu sanuma! Inni akka phexros isa ganu utuma beekuu hamma dhumaatti isa jaalate! “...; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.” — Yoh. 13:1 Jaalalli gooftaa keetii jaalala akka abbaa, haadha, obbolaa, michuu, jaalallee fi jaallatoota keetii miti! Inni jaalataa miti! Inni jaalaladha! Akka dadhabdu utuu beeku, akka bitittirtu utuu beeku hamma dhumaatti si jaalate! Jaalala isa kanan deebisnee isa haa jaalannu! "Inni waan nu jaalateef nutis in jaalanna" jedhamee akkuma caafametti isa jaalachuun keenya inni nu jaalachuu isaarraa kan ka'edha! Isa jaalachuun keenya jaalala kan dhugaa haa ta'u! Jaalalli Waaqayyoo karaa Kristos nu haa moo'atu! Laphee fi lubbuu keenya haa guutu! Garaa keenya guutuu, humna keenya guutuu, fedha keenya guutuu isa haa jaalannu! Jaalalli isaa jaalala kanirra nuuf haa caalu! Kristos irra deddeebinee haa jaalannu! Ayyaanni nuyiif haa baay'atu!
Show all...
“Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee" isaaniin jedhe.” — Mar. 2:17 Namniyyuu nama jal'aa jaallatee ofitti hin qabu. Yesus garuu cubbamootaaf jallootaaf jedhee Waaqarraa nama ta'ee dhufe. Ofiisaa fannifamee dhiigaasaa lolaasee du'ee du'aa ka'uusaatiin Cubbamootaafi jalloota maqaa jedhu taappeelaa isaa nurraa gatee Qulqullootaafi qajeeloota maqaa jedhu nuuf kenne isumaanis Abbaa duratti akka mul'annuu taasise. “Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.” — Rom. 6:18 @Karaadhugaa @Karaadhugaa
Show all...
Barannoo Jireenyaa Kutaa 4ffaa 3. Guutummaa Mana Rahaab Ejjituu 1. "Egaa akkuman gaarii isiniif godhe, isinis mana abbaa koof gaarii akka gootan maqaa waaqayyootiin anaaf kakadhaa! Milikkita amansiisus anaaf kennaa. Abbaa koo, haadha koo, obboloota koo, obboleettota koo waan isaan qaban oolchaa, du'a jalaas baasaa!" jette (Iya 2:12-13). "Isaan yommus meetiidhaa fi warqee, qodaa sibiilaa fi kan sibiila boorrajjii duwwaa iddoo qodaan mana Waaqayyoo keessa taa'u keessa kaa'an malee, mandarichaa fi wanta mandaricha keessa jiru hundumaa ibiddaan guban. Iyaasuun garuu Rahaab ishee ejjituun warra Yerikoo gaaduudhaaf ergaman dhoksitee waan baafteef, isheenii fi warra mana abbaa isheetii, warra kan ishee ta'an hundumaa wajjin akka oolan godhe; isheen hanga har'aatti Israa'el keessa jirti (Iya 6:24-25). ==> Kun seenaa yommuu Iyaasuun Israalotni Yerikoo akka barbadeessan godhe, Rahaab ejjituun warra mana ishee waliin akkamitti akka oolfamte ibsuu dha. Iyaasuun akkasitti fedhii ishee raawwateef. Kunis maatiin kutaa fayyina Waaqayyoo t B. Kakuu Haaraa Keessatti 1. Mana Zakkewoos Qaraxxichaa 1). "Yesuusis yommuu bakka sana ga'etti ol millatee, "Yaa Zakkewoos, hardha mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad-bu'i" jedheen. Innis yoosuma gad-bu'ee gammachuun isa simatee....Yesuusis deebisee, hardha #fayyinni #mana kanaaf dhufeera jedhe" (Luq 19:5-6,9) ==> Kun seenaa fayyina Zakkewoos qaraxxichaati. Seenaa kana keessatti, wanti Gooftaan hojjete---mana Zakkewoos oolchuudhaa fi wanti Inni jedhe---fayyinni hardha mana kanaaf dhufeera. Kun ragaa maatiin kutaa fayyinaa Gooftaan fideeti. Barannoo 2ffaa (4) 2. Mana Qorneerleewos 1. "Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Pheexiroos jedhamu sana waamsisi; Inni ergaa sii fi namoonni mana keetii cuftinuu ittiin fayyitan sitti hima"(HoE 11:13-14). "Qorneelewoosis firoota isaatii fi jaallan isaa warra isatti dhiyaatan walitti waamee isaan eegaa ture"(HoE 10:24). "Otuma Pheexiroos ammallee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuuri Qulqulluun warra dubbii sana dhagayaa turan hunda irra bu'e"(HoE 10:44). "Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman ajaje; isaanis akka Pheexiroos bultii xiqqoo isaan bira turuuf isa kadhatan"(HoE 10:48). ==> Kun seenaa fayyina warra mana Qorneerleewos, isa hangafa dhibbaa waraana Roomaa turee fi jaallan isaati. Seenaan kunis guutuun maatii namaa kutaa fayyinaa kan Hafuuraan namoota irratti hojii irra oolu ta'uu mirkaneessa. Qorneeleewos guutummaa maatii isaa qofa miti, jaallan isaas Gooftaa akka fudhataniif isaan qajeelche. Kun waan dursinee ilaalle, isa guutummaan mana warra Israa'el hoolaa faasikaa ollaa isaanii waliin hirmaachuu qabuun wal sima. 3. Mana Liidiyaa 1. "Warra nu caqasaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture;...Waaqas Waaqeffatti turte. Gooftaan akka isiin waan Phaawuloos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii isii baneef. Isiinis erga warra mana isii jiraatan waliin cuuphamtee booddee..."(HoE 16:14-15), ==> Seenaan amantuu dubartii kunii fi manni ishee Gooftaatti amananii cuuphamuu kunis fakkeenya maatiin akka kutaa fayyina Gooftaa ta'uuti. #Barannoo_Jireenyaa @Karaadhugaa
Show all...
Barannoo Jireenyaa Kutaa 3ffaa BARBAACHISUMMAA MAATIIN KEE GUUTUUN FAYYUU I. KUTAA FAYYINA WAAQAYYOO 1. "Yesuusis deebisee akkana jedheen; "Hardha fayyinni mana kanaaf dhufeera" (Luq 19:9) ==> Kun maatiin kutaa fayyina Waaqayyoo Gooftaa dhaan dhufe ta'uu mirkaneessuuf, dubbii Gooftaan Yesuus cubbamaa guddicha, Zakkewoos qaraxxuutti dubbateedha. Gooftaan fayyinni mana sanatti dhufe jedhe malee, fayyinni guyyaa sana nama dhuunfaa sanatti dhufe hin jenne. Shakkii malee, maatiin Zakkewoos cufti Isatti akka amananii fi fayyan Gooftaan ni barbaada. Jechi Gooftaa Zakkewoosiif gorsaa fi hubachiisa ture. 2. "Gadi isaan baasees, "Yaa gooftota (Ergamoota Phaawuloos fi Siilas) kiyya, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate. Isaanis deebisanii, "Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warrii mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan (HoE 16:26). ==> Kun haasaa hidhamaa Filiphisiyuusii fi Ergamoota lamaati. Hidhamichi fayyuuf maal gochuu akka qabu gaafate; Haa ta'u malee, Ergamootni deebisaniifii isa qofa utuu hin ta'in innii fi warri mana isaatii ni fayyu jedhaniin. Kun kan agrsiisu garaa Ergamoota wangeela lallabuuf Gooftaadhaan ergaman keessa fayyinni dhuunfaaf yoo ta'u, kutaan (kan inni dhuunfatu) isaa maatii ta'uu mirkaneessa. Ammas, dubbiin Ergamootaa hidhamichaaf gorsaa fi hubachiisa; akka inni fayyina dhuunfaa isaa qofa irratti utuu hin ta'in akkasuma fayyina maatii isaa irrattis xiyyeeffatuufi. II. DHIMMOOTA FAYYINA MAATII A. Kakuu Moofaa Keessatti 1. Guutummaa Mana Nohii 1). "Waaqayyo yommus Nohiin, Ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali jedheen" (Um 7:1) "Guyyaadhuma jedhame sanatti, Nohi, haati manaa Nohi, ilmaan isaa: Seem, Kaam, Yaafetis, dubartoonni ilmaan isaa sadanis isaa wajjin markabichatti galan"(Um 7:13). ==> Asitti Waaqayyo Gooftichi, bishaan badiisaa jalaa akka oolaniif Nohi guutummaa mana isaa wajjin markabichatti akka galu abboome. Fedhiin Waaqayyoo maatii akka kutaa fayyina isaa hojiirra oolchuutti akka ta'e ni mirkaneessa. Nohi mana isaa guutuu, niitii isaa, ilmaan isaa, niitiiwwan ilmaan isaatii akka fedha Waaqayyootti gara markabaatti fiduudhaan innii fi maatiin isaa guutuun Waaqayyoon akka baraaraman nutti himameera. Kun fakkeenya nuti har'a hordofuu qabnuu dha. 2. Manneetii Israa'elotaa 1. "Guutummaa Waldaa Israa'elitti himaa, ji'a kanaa guyyaa kurnaffaatti, namni akka mana mana isaatti xobbaallaa tokko maatii tokkoof haa fudhatu! Warri mana tokko keessa jiraatan xobbaallaa tokkoof muraasa yoo ta'an garuu, namni tokko akka baay'ina namoota isaatiitti, ollaa (akkasuma maatii guutuu) isatti aanu tokkoo wajjin haa fudhatu. Xobbaalllaa sanaaf hanga namni tokko nyaachuu danda'u shallaguudhaan nama ni lakkooftu.(Bau 12:3-4). ==> Waaqayyoo hangafa Misirootaa rukutuuf yommuu ka'etti, murtii dhumiisa hangafaa jalaa oolchuuf, Israa'elotaaf faasikaa godhe. Wanti waaqayyo isaan ajajaje, xobbaallaa tokko nama tokkoof utuu hin ta'in, xobbaallaa tokko maatii tokkoof akka fudhatanii dha. Kutaan fayyina Waaqayyoo maatii akka ta'e kun cimsee mirkaneessa. ==> Caalaatti, xobbaallaa tokko fixuuf maatiin tokko muraasa yoo ta'e, ollaa isatti aanu wajjin akka hirmaatu Waaqayyo isaan ajaje. Ifaatti, ollaan sunis akka dhuunfaatti utuu hin ta'in, akka maatiitti lakkaa'amu. Caalaatti kun kan mirkaneessu, nuti maatii keenya qofti fayyina Waaqayyoo akka fudhataniif fidna utuu hin ta'in, maatiin ollaa keenyaas badhaadhummaa Waaqayyoo fi fayyina daanga-maleessa kan maatiin keenya hin fixne,akka hirmaataniif isaan qajeelchina. #Barannoo_Jireenyaa
Show all...
Barannoo Jireenyaa Kutaa 2ffaa FAYYUU KEE BEEKUU B. Mirkaneeffannoo Keessaa--Mirkaneeffannoo Hafuura Qulqulluu hafuura Keenya Keessaatiin 1. "Akka nu ijoollee Waaqayyoo taane kan hafuura keenna waliin dhugaa ba'us Hafuuruma (Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo) sana" (Rom 8:16). ==> Yeroo Gooftaa Yesuusitti amannu, Isa akka Fayyisaa keenyaatti fudhannu, Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Isaa nuuf kenna; Hafuuricha hafuura keenya keessa kaa'udhaan (His 36:27). Hafuurri Qulqulluun kun barabaraan nu wajjin ta'uuf nu keessa jira (Yoh 14:17). Nuti ijoollee Waaqayyoo, warra Waaqayyo irraa dhalanne ta'uu keenya hafuura keenya Keessaan dhugaa-baha. ==> Tokkoon tokkoon keenya warri Gooftaatti amannu Waaqayyoon 'Abbaa Abbaa' jennee waamuu jaallanna (Rom 8:15). Nuyiif Waaqayyoon 'Abbaa Abbaa' jennee waamuun waan baramaa dha. Waaqayyoon haala kanaan yommuu yaamnu, keessa keenyaa miira mi'aawaa fi mijaawinaatu nutti dhaga'ama. Kun sababa nuti jireenya Waaqayyootiin, ijoollee Waaqayyo irraa dhalanne taanee fi Hafuurri Ilma Waaqayyoo nu keessa seeneefii dha. Kun mirkaneeffannoo keessaa fayyina keenyaati. C. Mirkaneeffannnoo Jaalala Irraa--Mirkaneeffannoo Shaakala Jireenyaatiin 1. "Namni akka Yesuus mataan isaa Masiihii ta'e amanu martinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaalatu martinuu ijoollee Abbaa irraa dhalatanis ni jaalata" (1Yoh 5:1). ** Altokko Yesuus Masiihicha ta'uu isaa yoo amannu, Waaqayyo irraa dhalanneerra. Waaqayyo jaalala (1Yoh 4:16) fi jireenyi Waaqayyoo akkasuma jireenya jaalalaati. Kanaaf namni Waaqayyo irraa dhalatu kamuu Waaqayyoon ni jaallata; isa Waaqayyo irraa dhalates ni jaallata; Gooftaatti obboleessa isa ta'e. 2. " Nu sababii obboleeyyan jaalannuuf akka du'a keessaa gara jireennaatti ceene ni beenna; namni obboleessa isaa hin jaalanne du'a keessa jiraata" (1Yoh 3:14). ==>Akka dubiin kun jedhutti akka amantootaatti, jaalalli nuti Gooftaatti obbolootaaf qabnu mirkaneeffannoo nuti jireenya Waaqayyoo barabaraa qabaachuu keenya ibsuu dha. Obboloota Gooftaattii jaallachuun erga nuyi fayyuuf Gooftaatti amannee booda, shaakala jireenya barabaraa Waaqayyo keessaati. Namni amane obboleessa Gooftaa keessaa yommuu argu gammachuu hin ibsamnee fi miira michummaa qabaata. Jaalalli gosa akkanaa nuti obboleessa Gooftaa keessaatiif qabaannu mirkaneeffannoo nuyi fayyuu keenya beekuuti. Mirkaneeffannoon jaalalaa, mirkaneeffannoo jireenya Waaqayyoo shaakaluu keenyaa jedhamee waamamuu ni danda'a. ==> Kanaaf, dubbii qabatamaa Kitaaba Qulqulluudhaan ta'us, Hafuura Qulqulluu hafuura keenya keessaan dhugeessuun yookaan jireenya keessatti jaalala shaakaluudhaan ta'us sirriitti akka fayyine ni beekna. Daran caalaatti, fayyinni nuti fudhanne fayyina barabaraati (Heb 5:9). Altokko fayyina kana erga fudhannee, haala kamiinuu barabaraan hin badnu; eenyuyyuu harka Gooftaa keessaa fi harka Abbaa Waaqarraa keessaa nu butuu hin danda'u (Yoh 10:28-30). #Barannoo_Jireenyaa #Barannoo1ffaa #Kutaa2ffaa @karaadhugaa
Show all...
FAYYUU KEE BEEKUU I. BARBAACHISUMMAA FAYYINAA Fayyinni --Namni tokko Waaqayyo duratti fayyuu kan agarsiisudha: Dhiifama cubbuuwwanii argachuu, badiisa barbaraa jalaa ooluu, lammaffaa dhalachuu, jireenya barabaraa Waaqayyoo qabaachuu fi mucaa Waaqayyoo ta'uu isaa dhuunfata. II.MIRKANEEFFANNOOWWAN (PROOFS) FAYYINAA A. Mirkaneeffannooo Alaanii-Mirkaneefannoo Kitaaba Qulqulluu Alaan 1. "Namni amanuu fi cuuphamu marti ni fayya"(Mar 16:16). Dubbiin kun Gooftaa Yesuus mataa isaatiin dubbatame. 2. "Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii" (Rom 10:13). Kun jecha dhugaa Ergamaa Phaawuloosi. ==> Himootni armaan olii, namni altokko yoo amanee fi cuuphame, maqaa Gooftaa yoo waame battaluma sana akka fayye ni mirkaneessu. Haqa Kana miira keenya irratti utuu hin hirkatin fudhachuu fi beekamtii kennuufii qabna. 3."Ani dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyyaa dhagawu, isa na ergettis (Abbaa Samiirra) kan amanu hundi jireenna barabaraa qaba; isattis hin muramu; inni du'a jalaa gara jireenyaatti dabreera" (Yoh 5:24). **Gooftaa Yesuus kana ofitti amanamummaa guutuudhaan jedhe. 4. "Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne immoo jireenya hin qabu. Isin warri maqaa Ilma Waaqayyootti amantan akka jireenya barabaraa qabaachuu keessan beettaniif ani waan kana isinii barreessa"(1Yoh 5:12-13). Kun dubbii Ergamaa Yohaannisiin dhugeessamee dha. ==>Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu lamman armaan olii kan agarsiisan, namni altokko yoo Abbaa Samiitti amanee fi maqaa Ilma Waaqayyootti (Gooftaa Yesuus Kirisistoos) amane jireenya barabaraa qaba (kunis Jireenya Waaqayyooti). Gara murtii fi badiisatti hin dhufu; garuu du'aa gara jireenyaatti dabreera. Namni karaa kanaan Jireenya Waaqayyoo qabaachuuf, miirota isaa utuu hin ta'in, waan Kitaabni Qulqulluun jedhurra dhaabbatee ni fayya. 5."Hamma Isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; Isaanis warra maqaa Isaatti amananiidha, Isaan kun Waaqayyottii dhalatan"(Yoh 1:12-13). ==> Kunis sagalee Ergamaa Yohaannisiin dhugaa bahameedha; Akkas jechuudhaan, Gooftaa Yesuus warra amantiidhaan Isa fudhataniif, kunis warra maqaa Isaatti amananiif, aboo ijoollee Waaqayyoo ta'uu ni kennaaf. Aboon kun Jireenya Waaqayyooti, warra Gooftaa Yesuusitti amanan Waaqayyo irraa akka dhalatan dandeessisa; Kunis ijoollee Waaqayyoo ta'uuf lammaffaa dhalachuudha. Kunis dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluutiin mirkaneeffamu malee miirota namaatiin hin murtaa'u. ==> Dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluu amanamuu kan qabanii fi gonkumaa kan hin jijjiiramne (haqamnee) dha. Miirotni namaa akka haala keenyaa fi naannootiin ni gegeeddarama; Kanaaf irratti hirkachuun hin danda'amu. Erga Macaafni Qulqulluun sirriitti namni Gooftaa Yesuusitti amanuudhaan ni fayya jedhee, haqni kun miira namaa malee dhaabbataa dha. Nuti miirota keenya kan gegeeddaraman dhiisnee, dubbiiwwan Kitaaba Qulqulluu warra amanamuu qaban jabeessinee amanuun irra dhaabbachuu fi dhugumatti akka fayyine beekuu qabna. #Barannoo_Jireenyaa #Barannoo1ffaa #Share gochun namoota hunda bira akka gahuu godha.... @karaadhugaa
Show all...
👉Fayyina keenya karaa Kiristoos ilaalchisee dhugaan dinqisiisaan tokko , fayyinichi dudduubatti deebi'uu, jechuun akka waan hin dalagamnee ta'uu kan hin dandeenye ta'uu isaati. Sababa fayyinni keenya bu'uurri isaa amal-keessoo fi eenyummaa Waaqayyoo ta'eef, altokko erga fayyinee barabaraan fayyineerra. ✍️Yesuus bartoota isaatiin, "Natu isin filate malee.....isin ana hin filanne"(Yoh. 15:16) jedhe. Jecha biraatiin, fayyinni yaada keenya osoo hin taane, yaada Waaqayyooti. Barabaraa darbe keessatti isaan fo'amne; isaan duraan durfamnee murteeffamne(Efe. 1:3-4). Dabalataan kan nu waame isa(Rom. 8:29-30). Erga jalqaba nu fayyisuun karoora Waaqayyoo ta'ee, fayyina isaa keessatti nu eeguunis karoora isaati. Waaqayyo nu fo'atee, dursee nu murteessee, akkasumas fayyina isaatti nu waamee, deebi'ee immoo nu dhiisaa ree? Lakki! Fayyinni Waaqayyoo barabaraafi! ✍️Lammaffaa dhalachuu keenyaan jireenya nuti fudhanne jireenya barabaraa, jureenya hin badne, jireenya Waaqayyoo fi jireenya gonkumaa du'uu hin dandeenyedha. Altokko erga dhalannee deebinee dhalachuu dhiisuu hin dandeenyu! ✍️Fayyinni keenya wabii humna-qabeessa akkamii qaba! Fo'achuu Waaqayyoo, duraan dursee murteessuu isaa, waamicha isaa, jaalala isaa, ayyaana isaa, qajeelummaa isaa, jireenya isaa, jabina isaa, amanamummaa isaa isa hin jijjjiiramnee fi waadaawwan isaa akka bu'uura, wabii fi eegumsa fayyina keenyaatti qabna.🙏 ©Bu'uuraalee Jireenya Kiristaanaa @karaadhugaa
Show all...
Yeroo tokko duuka buutonni Yohaannis gadda isaanii Gooftaatti himan, rakkoon hundi ni diigame. Waan Gooftaatti himnu Inni ni dhaggeeffata. Namni kamiyyuu nama hundaaf mararfachuu hin danda'u. Garuu Gooftaan keenya nama hundaaf mararfachuu danda'a. Rakkoo keenya hundaaf ni mararfata. Dhimma hunda keenyaaf ni yaada. Garaa Isaa keessatti dhimmi keenya malee kan biraa waan hin jirre fakkaata. Gadda keenya hunda ni baata. Hammam dadhabnus nuuf mararfata, gadda keenyas nuuf baata. Gooftaan keenya yaaddoo keenya hunda baachuuf fedhii qaba, dubbii keenyas dhaggeeffachuuf obsa qaba. Inni hin dhaggeeffatu jettanii hin yaadinaa. Dhimma keenya gara isaatti fiduu irratti gonkumaa dadhaboo ta’uu hin qabnu. Inni akka isatti himnuuf nu eegaa jira, dubbii keenyas dhaggeeffachuutti gammada. Gooftaan gadda keenya dhaggeeffachuu qofa osoo hin taane; Gammachuu keenyas dhaggeeffachuu barbaada. Namoota gaddan wajjin gadduun salphaa taʼus, warra gammadan wajjin gammaduun rakkisaa akka taʼe nutti dhagaʼama. Namoonni baay’een namootaaf mararfachuu jechuun isaanitti mararfachuu jechuu akka ta’e yaadu. Garuu nama mararfachuun namaaf mararfachuu miti. Mararfachuu jechuun namni tokko warra gammadan waliin gammaduu fi warra gaddan waliin gaddu jechuu dha. Yeroo tokko tokko namoonni kaan gammachuudhaan akka bubbuʼan arginee akka waan garmalee gammadoo fi waan salphaa taʼetti ilaaluu dandeenya. Kana jechuun gammachuu namoota biroo mararfachuu hin dandeenyu jechuudha. Phaawulos, " Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo'anii wajjinis boo'aa!" (Rom.12: 15) jedha. Kunis namoota biroof mararfachuuf. Gooftaan nu waliin gadda, nu waliin gammaduufis fedhii qaba. " Yommus bartoonni Yohannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; dhaqaniis Yesusitti in himan." (Maatewos 14: 12) " Ergamoonni ergasii Yesus biratti walitti qabamanii, waan hojjetanii fi waan barsiisan hundumaa isatti himan." (Maarqos 6: 30) Ameen♥️ @Karaadhugaa
Show all...
NUYI BU'AA DHAGNA WALITI!! • Erga sanyiin namaa toora isaaf kenname keessa bahee, du'a jalatti godaanee bitamaa ta'e. • Haa ta'u malee, Waaqayyo tokkicha ilma isaa isa jaalatu nuuf kennuudhaan gatiin keenya kanfalamee mootummaa waaqayyootti deebine. • Gooftaan iyesus dhagna iddoo jireenya keessaa ittiin baane _Addamummaa jalqabaa sana diiguudhaan dhagna haaraa nuuf ijaaree _Uumama_haaraa jedhamne. Bu'aa dhagna isaas taane. • Diinummaa isa ture iddoodhaa cinqaarsuu isaatin nuyif Waaqayyo gidduutti nagaa buusee araarris ta'e. • Abbaa barabaraafi dhugaa ta'ee, isaaf ijjoollee walii keenyaaf immoo obbolumaa haalarra darbu siidaa matumaa jiiguu hinqabne godhee nuuf kenne. • Bu'aa dhagna waliis nutaasise Rom. 12 • ⁴ Nuyi dhagna tokkotti bu'aa dhagnaa baay'ee qabna; bu'aan dhagnaa hundinuu immoo hojii adda addaa qabu. • ⁵ Akkasuma nus immoo utuma baay'ee taanee jirruu, Kristositti dhagna tokko; nuyis bu'aa dhagna waliiti Jedha .Kirstoosin bu'aa dhagna walitti erga argamnee Rakkinni obboleessaa kan obboleettii rakkina keenya kan waliniti. • Fknf Utuu harki keenya bitaa nu dhiigee, inni mirgaa lakkii haa dhiiguu hin jedhu arifate akka hindhigneef iddicha qaba malee. Sababnisaa inni uume gargar ba'uun bu'aa dhagnaa gidduutti utu hin argamin, qixxetti walii isaaniif akka yaadaniif kana godhe. • Egaa rakkinni, dhukkubbiin, daaruun, dhabuun, beela'uufi dheebochuun nama tokkorra gahu nuttin dhagahamu qaba. • Yaadaafi beekumsa qabnuun, gorsa, kadhata fi qabeenya qabnuun walbira yaa dhaabbannu, wal ha jajjabeessinu. Ani siif jira jennee abdi kutannaa keessa walha baasnu • — Gal. 6:2 “Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristosin raawwattu.” • Ba'aa wali keenyaa baannee seera kiristoos haa raawwannu Nuyi bu'aa dhagna waliti!! @Karaadhugaa
Show all...