cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

👉KILINIKA JAALALAA 👈

@JALATAMTOTA

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
184
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

👍
Show all...
👍😂❤️🤛 0
👎 0
282. “Ijoolleef sareen booda deemti.” 283. “Gaabbii fi eegeen booda deemti.” 284. “Iji baddu bakki ijaa hin baddu.” 285. “Gurri abbaadhaaf horma.” 286. “Yaa sare utuu kan siin jedhan beektee, kan siif kennan hin nyaattu.” 287. “Biddeen nama quubsu eelee irratti beeku.” 288. Namni waraabessa yaabu “ko sin udeelladhaa!” jedha. 289. “Duriyyuu maqaankoo hin toluu, harree karaa duratti hiitanii?” jedhe Waraabessi. 290. “Afaan gaariin hafaa gaarii caala.” 291. “Kan garaa malee kan maqaa yoo nu dhibe?” jjedhe Waraabessi. 292. “Dubartiif gamshaan gara hudduu mi’oofti.” 293. “Fuge fugeen fuutee fugeen waahila kadhatte.” 294. “Kaleessa dhaqna qabannee, har’a gurra urannee; irraaf jalaan gubanne!” jette intalli. 295. “Kan sangaan iyyuuf malu qacceen iyyiti.” 296. “Jarjaraan reettii hin horu.” 297. “Miriixaa cimaan muka yaabbachiisa.” 298. “Bitaan yaabanis, mirgaan yaabanis wal ga’iin kooraadhuma.” 299. “Kan dandeessu dhaani!” jennaan gowwaan galee niitii dhaane. 300. “Hoolaan gooftaa cimaa qabdu duboo ala keessee rafti.” 301 “Amala giingee abbaa horetu beeka.” 302. “Gurraachi gurra hin beeku gurraan ga’ee cuffata.” 303. “Ilmoon sanyoo aabbaamashee fakkaatti.” 304. “Waa beekaaf bofa miilla dhowwate.” 305. “akka baran dhiisanii akka baraatti jiraatu.” 306. “Baraaf furguggee gadi jedhanii jala ba’u.” 307. “Barcuma ulfinaa abbaatu of jala buta.” 308. “Hunda hin dubbatan, dugda hin dhungatan.” 309. “Namni gumaashee hin baane jaldeessa hudduu madaati!” 310. “Qoricha ofii beekan namaaf qotu.” 311. “An ofiif hin jenne, mucaan keessan hangaftichi fuudha hin geenyee?” jette hintalli mucaa jaraa kajeeltee. 312. “Dhaadannoon dikitaa hamma bishaan ga’utti.” 313. “Kan fardaan barbaadan lafoo namaaf dhufa.” 314. “Kan yaabbii fardaa hin beekne, gaachanaaf boossi.” 315. “Ani manan jira gogaan koo gabaa jira.” jette hoolaan. 316. “Intala heerumaaf kaate kophaa lagatti hin ergan.” 317. “Arrabni oduu bare utubaatti hasaasa.” 318. “Kan dhiigsantu namaaf dhiiga.” 319. “Garaan dhiiraa caariggiidha!” 320. “Ija laafettiin obboleessaaf ulfoofti.” 321. “Nyaatee fixee, maaltu nyaate?” jedhe gowwaan. 322. “Karraaf fagaara abbaatu gad-deeffata.” 323. “Sun sanuma kan sana hin beekne sa'uma.” 324. “Gowwaan qabdoo hin beekne gororaan laphee of miica.” 325. “Gowwaan bineensaa boolla tokko sagal waraana.” 326. “Iji gamnaa dura boossi.” 327. “Ijoolleen dhibee hin beeku moofaa abbaatti quba dhoofti.” 328. “Argadhe!” jettee “Gadi hin qotin!” jette sanyoon. 329. “Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti.” 330. “Yoo callisan gadheen waan sodaatan nama seeti.” 331. “Durbaaf qunniin xinnoo hin qabdu.” 332. “Mixiin wal qabattee laga ceeti.” 333. “Gunceen wal gargaartee arba hiiti.” 334. “Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu.” 335. “Ol kaa’an ol kaatanii fuudhu!” 336. “Isaa qooxii fuudhuuf isa bobaa buusu.” 337. “Tiifuuf haadhi hormaa malaan nama miiti.” 338. “Walii galan alaa galan.” 339. “Harka lama qabaataniif muka lama hin yaabbatan.” 340. “Sareen harkaan guddisan deebitee nama nyaatti.” 341. “Namni cubbuu qabuuf namni harree oofu ol hin hiiqu.” 342. “Bakka meeqa bullee lafa barii galle!” jette qocaan. 343. “Gabaabadhuyyuu anumatu abbaa keeti!” jette harreen fardaan. 344. “Haadha ilaalanii hintala fuudhu!” 345. “Lafa ilaalanii farda kaachisu.” 346. “Yaa’ii waraabessaa gidduu fira hin dhaban.” 347. “Akka abaluuttan sirbaan morma nama jalli’sa.” 348. “Laga marqaa” jennnaan hunduu boojjitoo guuree yaa’e. 349. “Barii raffisaan badii farrisa!” 350. “Safuudhaa! jafuuqaatu na fuudhaa?” jette hintalli. Kunneen kutaa tokkoffaa yoo ta'an, kutaa itti aanutti ammoo 351-700tiin yeroo muraasa booda walitti deebina. _________ 👍 Maddeen:- ❶. Akaakayyuu fi Akkooyeekoo. ❷. Hawaasa Oromoo bal’aa. ❸. Kitaabota Afaan Oromoo. ❹. Miidiyaalee hawasaa fi dijitaalaa. _________ Suuraa. Toorainterneetii _________ ➞ Sirreeffama.
Show all...
👍
Show all...
👍😂❤️🤛 0
👎 0
199. “Tusseen fira fakkaattee hudduu nama ciniinti.” 200. “Waan dhufu hin beekanii, saree kana akaayii barsiisaa!” jedhe jaarsi. 201. “Keessa namaa hin beektu, keessa qabattee namaaf laatti.” 202. “Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.” 203. “Hidda malee xannachi hin dhiigu.” 204. “Qoonqoon bilchina eeggattee qabbana eeggachuu dadhabdi.” 205. “Ha taa’u” jedhe jaldeessi dhagaa galagalchee. 206. “Isa Sangaan arge argi!” jedhe namichi dhaltii camadee. 207. “Sangaan cidii arge malee boolla hin argine.” 208. “Yaa marqa si afuufuun si liqimsuufi.” 209. “Malaan malaan uru.” 210. “Malaan falaxaa liqimsu.” 211. “Gurri cabe qas hin jedhu.” 212. “Foon lakkaa’i!” jennaan gowwaan “rajiijiin tokko.” jedhe. 213. “Hokkoon waan as aanu fuudhee kan itti aanutti darba.” 214. “Utuun gaanfaaf boo’uu gurra na muran.” jette harreen. 215. “Harreen takaallaa kutatte jennaan ittuu ofitti jabeessite.” 216. “Bara barri hammaate cidhaantu namatti ulfaata.” 217. “Manni gubannaan, ibiddaa wajjin duruu wal beeknaa utubaa narraa dhowwaa!” jette eeleen. 218. “Ofiifuu hin jirtu, namaaf jira jetti.” 219. “Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.” 220. “Argi jedhee guute, dhaga’i jedhee huurse. Yoon si nyaadhe cubbuu qabaa?” jedhee galaanni. 221. “waraabessi waan halkan godhe beekaaf, guyyaa boolla keessa oola.” 223. “Quufa ta’us, ulfa ta’us bullee ilaalla.” jedhe Jaarsi intalaan. 224. “Of-jajjuun jabanaa finjaala mataatti baatti.” 225. “Manni abbaan gube iyya hin qabu.” 226. “Sagal deebi’uu taati malee boqqolloon kun maasii irratti hin haftu.” jedhe jaldeessi. 227. “Cabaan lamaan walitti fayyaa tokko ta’a.” 228. “Gadheef guuboon gara afaanii bal’atti.” 229. “Of-jajjuun loon lamaa tikseen kudha lama.” 230. “Balballi morkii cufaa malee bulti.” 231. “Alagaatti garaakee, tisiisatti madaakee hin agarsiisin!” 232. “Wal jajjabeessa beerri hintalaa waliin jetti.” 233. “Of Jajjabeessa warra du’aatu caala.” 234. Yaa sare “Cidhi akkam?” jennaan “quufaa hin kadhatu, beela'aa immoo hin dhowwatu” “jette” jedhan. 235. “Halkan rimaadha waan dhalee bulu hin beekan.” 236. “Abbaatu of mara!” jette bofti. 237. “Nama sirba beekutu sirna beeka.” 238. “Galata guddisaa korpheessi haadha kora.” 239. “Dubbii fi Lilmoon suuta seenti.” 240. “Durbaam” jennaan, “Durkaa” jette hintalli. 241. “Akka duriif harka xuriitti hin hafan.” 242. “Kan of-jaju hin dogoggoru.” 243. “Durbaaf mimmixi utuuma nama gubduu mi’oofti.” 244. “Namaa fi muka xinnummaatti jal’ate dhidhiibbaan hin deebisu.” 245. “Namni beekaa rafu raasanuu hin dammaqu.” 246. “Qottoon maal nu godhe? kan nu fixe jallaa muka keenyaati malee.” jedhe muki. 247. “Na argaa, na argaan booda na dhoksaa, na dhoksaa fida.” 248. “Hamma cufanitti itti hirkisu.” 249. “Ijoollee fi sareetu warra walitti naqa.” 250. “Gurra dabarsaan ollaa walitti naqa.” 251. “Xiiqiin dammarra mi’oofti” 252. “Baddu hin baddi malee saree ija hin dhiqan.” 253. “Goorroo duubi hin margu, abbaan of hin argu.” 254. “Ulfina balbalaa handaaqqoon gadi jetti.” 255. “Horii fi maraatuu hidhaatu danda’a.” 256. “Dubbatan dubbii, hooqatan cittoo.” 257. “Akka akkasaa wallaallee jaarsa moofaan aweaalle.” 258. “Itti harkisuun itti uffisuu hin ta’u.” 259. “Ollaaf waaqitti gadi ba'u.” 260. “Wanti kaa’n hin badu.” jettee jaartiin durbummaan duute. 261. “Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaa’u.” 262. “Kan hojii hin qabne dhangalaasee funaana.” 263. “Maqaan ayyaana hin ta'u.” 264. “Sassattuun du’aa deessee sanuu saglan teesse.” 265. “Hin saalfanneen nama saalfachiifti.” 266. Ijoolleen, “bareedde!” jennaan ija babaafte. 267. “Yaa afaanii!” jette funyaan gadi ilaaltee. 268. Abjuun bara beelaa “Midhaan, midhaan” jetti. 269. “Gaafa beela’aan nyaatu quufaa dhaqnatu suuka’a.” 270. “Hiyyeessa garaa kutate bishaan rafuutu gabbisa.” 271. “Sagal elmamus, sagaltama elmamus kankoo qiraacuma.” jette adurreen. 281. “Adurreen maaliif boonti?” jennaan “Eessuma isheetu qerrensa kanaaf boonti.” jedhan.
Show all...
👍
Show all...
👍😂❤️🤛 0
👎 0
125. “Lafa garaan yaade miilli ganamfata.” 126. “Gadhee soqolatte soqolaa gargaaru.” 127. “Kan firaaf eelee hin dhaabne ormaaf eegee dhaabdi.” 128. “Hattuun bakka ofii dhokattu nama barbaaddi.” 129. “Bor hin beekneen qoda bukoonshee sagal.” 130. Sangaa guddaan “sirbee bulleessa” jennaan alba'ee balleessa. 131. “Warra bal’aa keessaa waa hin dhibu.” 132. “Dhalcha badde lama irra hin deebi’an.” 133. “Kan ati baalaan martee fidde gabaan haalaan bartee didde.” 134. “Keessa beekettiin nama balleessiti.” 135. “Namni ulee hin qabne saree harka fuudha.” 136. “Gaangeeshee gurgursiiseen lafa ishee shukshuksiise!” jedhe abshaalli. 137. “Qaalluun kanshee hin beektu kan namaa raagdi.” 138. “Bara nyaataan hammaate fociin fongoroca nama ilaalti.” 139. “Gowwaan farda ergisaatiin boona.” 140. “Sitti himuuf na himtaa, si dhoksuuf hin obsu.” jedhe namichi sangaa hatee. 141. “Isa hargantuuf hin argattu!” jette hintalli. 142. “Of-jajjuu manni karaa dura.” 143. “Baraaf cidhaan iddoo tokko hin teessu.” 144. “Ilkaan saree lafaratti, ilkaan gadhee namaratti lakkaa'u.” 145. “Kan tokkko tollaan budaan lakkuu dhalte.” 146. “Namni utuu qabuu kajeelu ayyaana saree dhalate.” 147. “Lafa gabaa qubannee hamma namaa hubanne!” jette simbirroon. 148. “Addeeffattee siif dhufte.” jennaan “Cululuqseen itti gadi ba’aaf!” jedhe namichi. 149. “Siissuun dura hidhii muxxeessu.” 150. “Namaafuu akka itti nama nyaannu dhabne.” jette budaan. 151. “Hamaan ilma hin dhalchu.” 152. “Hantuutni gumbii uruu abbaa jalaa barti.” 153. “Gowwaa keessaa waa waraabbatu.” 154. “Kan qullaa teesserra kan ibsaa ofitti qabde.” 155. “Dubbii jaarsaaf midhaan, ganama didanii galgala itti deebi'u.” 156. “Jaarsi udaan nama nyaachisa.” 157. “Gad-deebiin fardaa harree korti.” 158. “Farrifamtuun dubartii harmaan nama tumatti.” 159. “Hamma hin jirre udaan jirma.” 160. “Fagaara abbaan dagate tusseen sagal ciniinti.” 161. “Gamaa lolan gamana argatu.” 162. “Maal ha baasuuf dhama raasu?” 163. “Deegaaf ba'anii abjuu hin ilaallatan.” 164. “Namni awwaala baay’atu awwaala hin argatu.” 165. “Kan cinaan itti himan hin galleef, cinaachaan dhahaniyyuu hin galuuf.” 166. “Kuruph’een mil’attee of nama mil’achiifti.” 167. “Harree hin qabdu farda namaa tuffatti.” 168. “Saree mana lamaa nyaattu, waraabeessatu gidduutti nyaata.” 169. “Jabaan reebee boo’icha nama dhowwa.” 170. “Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta’u.” 171. “Beekaan dubbii dhiisa.” 172. “Naaf ha ka’uu garbichaaf ka’u.” 173. “Abshaalummaa Leeqaa garba nagaa gaafachiisa.” 174. “Hiyyeessa iddoo bultii dhowwu dhuufuu itti buusa.” 175. “Hiyyeessaaf qilleensi hin teessu.” 176. “Hiyyeessaaf dhimmuun dhufa gannaa yaaddofti.” 177. “Hiyyeettiin deegaa baafteef aduun duumeessaa baate namaaf hin hiltu.” 178. “Dubartii abbaa manaan hamaaf waardiyyaan dhiha lafaa yaaddoofti.” 179. “Gowwaa gola guuteef haftuu heerumte sodaadhu.” 180. “Gowwaa kolfisiisanii ilkaan lakkaa’u.” 181. “Gaafa achii gad-namatti fuudhu bishaantu muka namatti yaaba.” 182. “Ijoolleef tapha simbiraaf lubbuu.” 183. “Ulfina balbalaa hindaaqqoon gad-jetti.” 184. “Isa si qaretu na morode” 185. “Harka lama qabaataniif muka lama hin yaaban.” 186. “Garaa dhiiraa hin beektu galaa dhiiraa nyaatti.” 187. “Hamma namaa hin geessuu; cabsa namaa hin teessu.” 188. “Kan qaban qabaa hin guunne gadhiisan bakkee guutti.” 189. “Lafa rukutanii Maggaanyaa ofiin qixxeessu.” 190. “Hiriyaa malee dhaqxee gala gaggeessaa dhabde.” 191. “Gaddeebiin gorsa hin barbaadu.” 192. “Budaa mucaa baachisu, hattuu mana eegsisu.” 193. “Bara miidhaman dhiisanii, bara miidhagan dubbatu.” 194. “Kan taa’umsatti jibban kaatee namatti sirbiti.” 195. “Qotachuukeeyyuu hin jaallanneen, sangaakoo siif ergisaa?” jedhe namichi. 196. “Isheen guddoon akka barte, ishee xiqqoon akka agarte.” 197. “Gomjii foonii ancooten hin baasu.” 198. “Duudaan isa bara gurri jiruu haasa’a.”
Show all...
👍
Show all...
👍😂❤️🤛 0
👎 0
55. “Akka afaanii harki kofoo hin maru.” 56. "Naan bitanis nyaadhee naaf bitanis nyaadha.” jette gadheen. 57. “Baay’inni tisiisaa qodaa buqqisee hin beeku.” 58. “Hudduutti hin qabdu, haguugattee hagdi.” 59. “Gadi deebiin dhukkubaa cittoodha.” 60. “Hiriyaankee xuuxee dammeessaa; ati ana dandeessaa?” jette qurciin tisiisaan. 61. “Yartuun deega firaatti gammaddi.” 62. “Aariin ijoollee namaa hudduu nama guba.” 63. “Reefuu natti ife.” jedhe gowwaan mana gubee. 64. “Ati daakuma daaki hamman nyaadhu anatu beekaa!” jedhe namichi. 65. “Intala salma geesse durbii bira hin raffisan.” 66. “Jarjaraan saphii sala.” 67. “Sittis tolee nattis tolaa; Jiisii na haadi!” jette saphiin. 68. “Lola goodaa baqadheen ollaa handhuuraa ta’e.” jette saphiin. 69. “Gurbaaf humna hin taane, Anaaf ulfa hin taane!” jette hintalli luka gidduu salamtee. 70. “Hintala harma baafte saphii hin gaafatan.” 71. “Anatu caalaan qinxiraamaa qarabaa afaan buuse.” 72. “Itti dhiibaan dhalcha hin ta’u.” 73. “Mootummaan dubartii karra cufaatti oolcha.” 74. “Dubartiif 'baatirii'n jilbaa gaditti.” 75. “Durbaaf gundoon keessummaa hin qabdu.” 76. “Dubartiif qawwee abbaa bira jirutu dhukaasa.” 77. “Durbaaf harree hammasheen nama bira jirtutti ergatu.” 78. “Durbaaf agadaa bira hin darban.” 79. “Dubartiin gara golaatti.” 80. “Bakka waalluun baay’atu raafuun hin bilchaatu.” 81. “Hamma taa’an durba dhalchu.” 82. “Dubartiin hin nyaattu utubaa arraabdi.” 83. “Dubartiif 'raadiyoo' abbaa bira jirutu tuttuqee kaasa.” 84. “Ijoolleef dubartiitu qe’ee balleessa.” 85. “Dubartiin beektuu hin qabdu beekaa deessi malee.” 86. “Beekumsi dubartii balbalaa olitti.” 87. “Fagaara dhuufetu naha.” 88. “Akka abbaan taa’etti mataa dibu.” 89. “Tole jedhee sii laannaan na keessa baaftee?” Jette niitiin waarsaadhaan. 90. “Kankoo kan qawwaa itti baldhisu malee; kan dhiphisu hin dhufu.” jette hintalli. 91. “Toltee hin toltu hintalli akkoon guddifte.” 92. “Dubartiif citaan gaafa jigdu dheeratti.” 93. “Abshaalummaa hindaaqqoo ganama namaa gadi, galgala namaa oli.” 94. Re’een kan ofii hin beektuu, sareedhaan “eegee qabadhu!” jetti. 95. “Kan daakuu nyaattu baasanii kan daaraa nyaattu.” fuudhu jedhan. 96. “Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti.” 97. “Jaarsa ijoollee wajjin nyaatu imimmaantu fuula dhiqa.” 98. “Gola waaqayyo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju.” 99. “Dhiirri garaa kutate gabaatti garagalee fincaa'a.” 100. “Gaafa qaanessu reeffa dhuuffisa.” 101. Kan waa namaaf hin goone, “mucaakee harma guusi!” jetti. 102. “Nama Ayyaanni ergare Ayyaantuutu ergata.” 103. “Barri hin darbaa gurri hin darbu.” 104. “Kan abbaan ofitti fide anaa nyaatuu hin qabu.” 105. “Quufta ba’aa suphee!” jette tumtuun durba deessee. 106. “Ulfooftee fooniif boonyaan dorrobaa qalanii nyaachisan, deessee aananiif boonyaan waan elmanii obaasan dhaban.” 107. “Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba.” jedhe namtichi. 108. “Muka rirmi nyaate utubaa manaaf hin soofan.” 109. “Simbirri risaa duuba fiigdu waan inni jalaa baqatu itti fakkaata.” 110. “Lilmoon isa uffata seentu malee, kan duubaan ishee seenu hin agartu.” 111. “Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.” 112. “Yaa qeensaan qabdu nuyi keessaa hin qabnu.” jedhe namtichi. 113. “Fagaaratti hin jiru mormattimmoo sagal.” 114. “Afaan tolfattee reettiin kosorruu dheeddi.” 115. “Jaalalli fiigsaan jibba fiigsaa fida.” 116. “Argee siin hin qixxaadhuu, jaamii naan qixxaadhu!” jedhe ballaan. 117. “Garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti.” 118. Simbirri iyyitee hin beekne “badaa, badaa” jetti. 119. “Bishaan bakka bulu hin beekne jirma guuree yaa’a.” 120. “Dukkanni gowwaa hin bari'u.” 121. “Bishaan xiiqii hudduu cuqqaallatanii dhugu.” 122. “Miiccaan ni addeessa, Dubbataan ni fakkeessa.” 123. “Bookkisaan gaafa callise fokkisa.” 124. “Reettiin gaafa iyyitee mar’ataa turte of hin beektuu; Gaafa harka qerransaa galte of agarti.”
Show all...
👍
Show all...
👍😂❤️🤛 0
👎 0
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬*▬▬▬▬▬▬▬▬▬ “Mammaaksatu dubbii fixa!” Mammaaksota oromoo lakkoobsaan 350 ta’an akkaataa asii gadi jirutti wal yaadachiifna jedhee waanan katabeef dubbisuu dandeessu. _________ ⛔️Hubachiisa!/ 🚫Akeekkachiisa! Jechoonni safuu keessatti lagataman tokko tokko as keessatti nii argamu. An safuu wallaalee yookaanis addaggee ta’ee utuu hin taane, Isaanis kanuma hawwaasa kanaa waan ta’aniif Oromoonis waa malee hin mammaakne jedhee waanin yaadeef barreessuuf dirqameera. Na oofkalchaa! Fnkf:- ⓐ. “Hintala harma baafte saphii hin gaafatan.” ⓑ. “Baraa fi cidhaan iddoo tokko hin teessu.” Ⓒ. “Hintala salma geesse durbii bira hin raffisan!” Dubbisa gaarii isiniif haa ta’u! * * * * * * * * * * * * * * * * * * * * _________ Kutaa 1ffaa. 1. “Fayyaa tapha seetee Qayyaan laga ceete.” 2. “Hiriyaankoo dhalte.” jedhee Sangaan ittane. 3. “Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu!” jette hintalli. 4. “Wacan jibbaa, Lafa gabaatti mana naa ijaaraa?” jette jaartiin. 5. “Ani barana qalbii hin qabuum!” jedhe namichi amaatii qimmiidee. 6. “Tokko badde!” jedhe namichi eeboo gabaa walakkaatti darbatee. 7. “Isa qabuufin dabala.” jette harreen galaanatti fincooftee. 8. “Ulfi ulfina qabdi!” jennaan gowwaan garaa dhiibe. 9. “Hudduu guddinni dhuufuu hin dhorku.” 10. “Kankoo firri gaara.” jette saphiin. 11. “Okkoteen waaqa hin beekne eelee bishaan kadhatti.” 12. “Namni bara dhufu maraatu barana soqolata.” 13. “Warra gadhee aara manaatu ajaa’a.” 14. “Iji waan arge kadhataa, okkoteekoo naa dhoksaa!” jette jaartiin. 15. “Utuu ollaa jirruu wal hin agarru.” jette iji ijaan. 16. “Nama lilmoo qabuu fi nama ilmoo qabun dadhabe.” jette buujaleen. 17. “Nama haguugatee nyaatu ciisanii kajeelu.” 18. “Amma tole!” jette niitiin dhirsa manaa ariitee. 19. “Kan itti tole udaanirra taa’ee geerara.” 20. “Namni garaa kaasaan gidirsu dukkana hin sodaatu.” 21. “Kan nyaatee bare haaduu qarataa fiiga.” 22. “Durbaaf dinnichi hudduu bilchaatti.” 23. “Kan citaa kabaa tokko namaa hin laanne mana bal’isii nama gorsiti.” 24. “Moluu cululuqaa ijoolleen buqqee seeti.” 25. Kaleessa heerumtee, “yaa durba ammaa!” jetti. 26. “Okkotee nu gidduu jirutu na dhibe malee; Ibidda ofirraa dhowwuu hin dadhabne” jedhe bishaan. 27. “Koo dhibdeen achi mitii, lafuma gooftaankoo jedhe na koobaa!” Jette garbittiin. 28. “Dhuufuun udaan biraa dhufti; Qoosaan dhugaa biraa dhufti.” 29. “Liqimsaa baddee budaa nama gooti.” 30. “Utuu dhirsa hin argin siree korti.” 31. “Bakkaaf diddi Hudduun hin urgooftu.” 32. “Namni isa du’eef boo’aa; Du’i isa hafeef boo’a.” 33. “Tafkiin lafarratti wal nyaatti, namaratti wal baatti.” 34. “Gaafa kiyyaa nii boossaa; Gaafa keetii nii geerarata!” jedhe gafarsi. 35. “Du’a miti sukkuummaan jibba.” jette tafkiin. 36. “Doqnaaf garbuu sukkuumanii nyaatu.” 37. “Reeffa ofii sagal gala galachu.” 38. “Bareedina gurraachaatiif dubbii gamnaa nama bira ga’etu hubata.” 39. “Akkam yoo barri tolee barri bades; Nyaaraaf moortuun hin guddattu.” 40. “Buutiin lafa buutee; Dhagaan lafa guute.” 41. “Qaawwaa cuqqaalaniif bubbee hin ittisan.” 42. “Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisa oolti.” 43. “Garaa guddina harreen lakkuu hin dhaltu.” 44. “Akka meeshaa guddinaaf biyyi kan dhaddeeti.” 45. “Kan dhiqantu nama dhiqa.” jette wacciitiin. 46. “Ariifataan waraabessaa gaanfa ciniina.” 47. “Aariin garaacha gubaa; Garaachi fuula guba.” 48. “Soddaaf kofoo wajjin kufu.” 49. “Jiruuf amaatii hin tuffatan.” 50. “Siifuu” jennaan “siiquu” jette. 51. “Hin bari’u seetee manatti hagde.” 52. “Boolla jaartii jalloo jallisanii qotu.” 53. “Kennuu warratu dide, Aseenaa natu dide. Wal qixxee wal dhabne!” jette hintalli. 54. “Nagaaf nagaadee bulchuu waaqaaf keessa ofiitu jaallata.”
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.