cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Fazakkir

Chanala kanaratti sagantale adda adda argattan inshaallah seenaa rasula kenya (saw) ziikriwan adda adda ,fi Walaloo arkachuf @Fazakkir Join godha irra fayyadama ikwani warren yaada kessan nuf qoodu barbaddan kara kanan nuf qoda @yaarabbalhamdulillah

Show more
Finland2 433The language is not specifiedReligion & Spirituality54 501
Advertising posts
1 288
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-1530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Obboloota koo mee Alhamdulillaah jedhaa mee Har'a Jumu'aa kana jarri kaafiraa Rabbiin keenya ni du'e(ni fannifame) jedhanii sanuu ayyaana godhatanii kabajachaa jiru(Subhanaka yaa Allaah). Akka yaada jaraatti Rabbiin isaanii har'a qabrii keeysa bula jechuudha. Subhaanaka yaa Allaah. Alhamdulillaah, Rabbiin nuti gabbarru kan hin tumamne, kan hin kittaanamne, kan hin beelofne, kan hin fannifamne, kan hin garafamne, ......Rabbiin keenya hanqinoota hunda irraa qulqullaa'aadha. Rabbiin garafamee fannifamee ajjeefame yemmuu jedhan xiqqomallee hin qaana'anii jarri kun?. Kan ofiifuu du'aa fi garaffii, fannifamuu jalaa of hin baraarin akkamiin dhala namaa baraaraa?. Eenyutu immoo aanguu Rabbi reebuu fi fannisuu qabaa?. Yeroo inni du'ee qabrii seenu immoo eenyutu bakka bu'ee uumama kana bulchaa turee?. Ammas guyyaa Rabbiin isaanii tumamee fannifamee ajjeefame akkamitti ayyaana godhatanii gammadanii nyaataa fi dhugaatii quufanii burraaqaa ooluu?. Du'a isaatti gammadaa isa jaalanna jechuun hoo wal hin faalleeysuu?. Walumaagalatti Rabbiin jallinatti nama hin naqin, Rabbiin fahmii nuuf haa kennu. Dhugaa baay'ee nama gaddisiisa. Namni hamma kana jallinatti wal-naqee wal fixaa jira. Dharri ifa bahee lallabama. Nuti Muslimoonni immoo Rabbii waan hanqinoota jedhame irraa qulqullaa'e Allah qabna. Rabbiin keenya hunda dand'aadha. Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah. Alhamdulillaah @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
Dhaamsa Ramadaana Boodaa •••••••••••••••••••••••••••••• 1. Somana kan Ramadanaatitu dhume malee.. Soomanni sunnaa kan Rabbitti si dhiheeysu hin dhumne.. hedduutu hafe.. jabeeyfadhu.. 2. Qur'aanni Ramadaana qofaaf hin buufamne. Yeroo Ramadaanan alaatis qara'amuu qaba.. Ramadaanni baheef qur'aana Rabbiitiin hin oodin.. 3. Masjiidni (manni Rabbii) Baatii Ramadaana qofaaf hin banamu.. Amata guutuuf banaadha.. Mana Rabbii keetii hin onsin.. 4. Salaatni niis yeroo soomana qofa waajiba hin godhamne.. Amata guutuu dirqamni isaa itti fufa.. Ramadaana qofa salaattee dhiisudhaan Rabbii khe fitti hin dallansiisin.. 5. Salaatni (dhaabbanni) leyliidhaatiis Ramadaana kheysa kharaa hin godhamne.. Ramadaanaan alattiis sunnaa akkaan jajjabduudhaatii.. iimaana keetiin tiyfadhu.. 6. Sunnaan witrii tiis sunnaa jajjabduudha.. wasiyyaa Rasuulaatii s.a.w.. dhaamsa Nabii keetii s.a.w harka itti maradhu.. itti ciniinnadhuu.. aadaa godhadhu.. 7. Rahima khe maxxanfachuunis abooradee Ramadaana qofaan sirraa hin dhumtuu quba qabaadhu.. Haqni isaanii amata guutuu ni jiraa.. yeroo hunda isaan ziyaaruu fi hariiroon teeysan tiyfachuudhaan Rahmata Rabbii arkadhu.. 8. Wasanni Rabbii (diliileen) Ramadaana kheeysa qofa hin haraamoytu.. akkuma ramadaana kheysa haraamirraa fagaattu daran Ramadaan alattiis wasana Rabbii keetii tiyfadhu.. 9. Adawwichi kheenya guddaan (sheyxaanni) hidhamuun isaa Ramadaana qofa akka tahees hubadhu.. Ramadaan alatti gad dhiifamaadha.. iimaana Ramadaana kheysa arkatte kana waraana godhachuun itti duuli.. qabsoo itti godhi.. Rabbii kheetiin gargaarsifadhu.. 10. Soomanaafi ibaadaa tee akka Rabbiin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi.. // namni hedduun Ramadaani banaan akka waan isaaf qeebalamuun shakkii hin qabneetitti yaada.. mu'uminni garuu ni yaaddawa.. ummanni salafaa (gaggaariin nu dura dabran) ramadana booda ji'a jaha akka Rabbiin irraa qeebalu kadhatan.. atiis akka Rabbin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi.. 11. Namni Ramadaana soomanee shawwaalarraa jaha itti aanse.. akka nama amata guutuu soomaneeti ja'an ergamaan Rabbii s.a.w.. soomanuu hin dagatiin.. Guyyaa jahan walitti dhaabdee soomanuus ni dandeeysa.. addaan mummurtee somanuus ni dandeysa.. feetu gama duraatitti.. feetus gama jidduutti akkasuma kudhanan boodaa kheysallee soomanuu ni dandeeysa.. baatii shawwaalaa dabarsinaan ammo hin tahu.. Rabbiin Nurraa haa qeebalu.. warra bara hedduu daddeebiee soomanu nu haa godhu.. By: Abdallaah @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
RAMADAANA 17 FII INJIFANNOO LOLA BADRII ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Gabaabinaan Duulli Badrii guddittiin guyyaa Jum’aa, Ramadaana 17, Bara Hijrii lammaffaa kheeysa godhamate. Duula Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godherraa Isiin 5ffaadha. Rabbiin duula Badrii “Yoowm Al-Furqaan” Guyyaa dhugaa fii dharri addaan bahe jechuun Qur’aana kheeysatti dubbate. Sababaan Duulli Badrii argamteef: Abuu Sufiyaan bin Harb Shaam irraa Shammada Qureeyshii guddaa qabatee gama Makkaa akka deemaa jiruutu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dhaqqabe. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Qabeenya Qureeyshii guddaa karaa jiru san dhageenyaan Sahaabootaan: “Shammadduun Qureeyshii (dhufaa jirti), Qabeenya Isaaniitis harkaa qabdi, Gama Isii bahaa Rabbiin Boojuu teeysan godhuutu mala.” Je’een. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akka Isaa wajjiin bahan dirqama hin goone. Sahaaboota irraa nama yeroo sanitti haalli mijjateef qofaatu wajjiin bahe. Isaa wajjiin nama 319-tu bahe. Muslimoonni gama Badrii hoggaa bahan hedduun Isaanii miilaan deemaa turan, Gaala 70 qofaatu wajjiin jira. Namni sadii Gaala tokko wal faraqaa yaabbatan. Farda tokko qofa kan Muslimoonni qaban, sanis Miqdaad bin Amri (Miqdaad bin Al-Aswad) namni gulufuun. Abuu Sufiyaan gama Isaatiin oduu Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam ifirraa qorataati karaa deema. Oduun bahinsa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam Isa geenyaan Damdam bin Amr Al-Ghifaarii gama Makkaati erge. Damdam bin Amri makkaa dhaqee “Yaa tuuta Qureeyshii! horii kheeysan kan Abuu Sufiyaan wajjiin jiru dhaqqabaa” je’een. Mushrikoota Makkaa hattattamaan nama 1319 qabatanii bahan. Waraanni Qureeyshii Farda 100, Meeshaa waraanaa Sibiila irraa tolfame kan qomatti kaayatan 600, Gaala lakkooysaan akka malee hedduu qabatanii bahan. Bakka Juhfaa ja’amtu hoggaa gahan Abuu Sufiyaan horii Qureeyshiitiin akka miliqe isaan beeysiisuuf nama itti erge. Abuu Jahl: “hin deebinu, Hanga Badri dheeynee guyyaa 3 bullee, achitti Gaala qalannee, farshoo dhuynuutti.” Jechuun deebi’uu irraa nama dhorge. Akhnas bin Shureeyq Gosa Banii Zuhraa irraa nama tahe hunda Abuu Jahl faalleeysee nama 300 fuudhee gama Makkaa deebi’een. Guyyaan haqaa fii dharri itti adda bahe ni dhufe. Ramadaanaa amata Hijrii 2ffaa, guyyaa 17ffaa Jum’ata. Guyyaa san Rabbiin “Yoowm Al-Furqaan” jechuun moggaase. Qureeyshii irraa namni sadii achi bahee nama sadii nuuf gad baasaa jechuun dhaaddatan. Aadaa lola zamana sanitti waliif bahee namni tokko tokkoon wal laalla. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam nama sadii achi baaseef. Isaanis: 1. Ubeeydaa ilma Al-Haaris bin Abdu Al-Muxxalib Ilma Adeera Rasuulaati sallallaahu aleeyhi wasallam. 2. Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam. 3. Aliyyi bin Abii Xaalib ilma Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam. • Ubeeydaan Utbaa bin Rabi’aa wajjiin. • Hamzaan Sheeybaa bin Rabi’aa wajjiin • Aliyyi Al-Waliid bin Utbaa wajjiin wal dura dhaabbatan. Hamzaa fii Aliyyi warra bahaniif ajjeesuuf xiqqollee hin turre. Garuu Ubeeydaa fii Utbaan dhahinsa hamaa wal dhahanii lamaanuu kufan. Hamzaa fii Aliyyi Utbaa ajjeesanii Ubeeydaa miilli murame fuudhanii gama Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam deebi’aniin. Qureeyshiin Jeynoota isii sadii bakkatti dhabuun aaristee fiigaa lolatti if darbite. Rabbiin Muslimootaaf tumsee lolli Injifannoo Muslimootaatiin dhumate. Muslimootarraa lola Badrii irratti nama 14 kan wareegame. 6 Muhaajiroota irraahi, 8 Ansaara irraahi Rabbi irraa haa jaalatu. Kaafiroota irraa ammoo nama 70 kan ajjefame, 70 kan booji’ame, warri booji’ame guddinaan hoggantoota. Injifannoo boodaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Badri guyyaa 3 ture. San booda Sahaaboota Isaa wajjiin gama Madiinaa deebi’e. Haala saniin duulli Badrii guddittiin raawwatte. Barruu kana Ustaaz Jaafar Bayaantu waggoottan dura katabe. Guyyaa keessa guyyaan jira, guyyaan yoomuu hin daganne. #Alhamdulillah baga mo'anne. © Amar Temam @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
Ustaazota keenyaa fi Social media ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Dhiiyeenya kana dhimma weerara hawaasa keenya walloo irratti raawwatamaa jiruun wal-qabatee qeeqa tokko tokko kan sheekkota keenya irra ga'aa jiru argeen baay'ee natti dhaga'ame. Abbootiin amantaa(sheekkotii fi darasaan) akka itti fakkaatee fi waan miidiyaan wacuuf waan godhan hin qaban. Qajeelfamas anaa fi si warra beekamtii miidiyaatiin machaa'e irraa hin fudhatan. Namni miidiyaa irratti haa nu faarsuuf ykn haa nu arrabsuuf wanti godhan hin jirtu. Isaan jireenyi isaanii Rabbiifi. Obboleessa miidhameef ykn miidheefis dirqama nasihaa ooluu qabu. Ka miidhameef waan qabuun birmateefii bira dhaabbata, ka miidheefis harka isaa qabee akka namatti daangaa hin darbine godha!!. Rakkoo hawaasa keenya irra ga'u kamiifuu du'aa'iinis ta'ee waan qaban hundaaf kan isaan caalaa birmatu hin jiru, garuu waan godhan hunda akka keenya selfie 🤳 kaameraa qabatanii imimmaan obboleessaa wajjiin midiyaa irratti hin dhooban. Hojii hojjetan hundaaf maleeykota bitaa fi mirga ceekuu isaanii taa'ee galmeessu of irratti eegu malee warra otoo hin beekin beekame kanaaf report isaan godhan hin jirtu. Dhimma gargaarsaa fi kaameraa kana immoo otoo itti yaadamee bareeda. Dhugaa dubbachuuf namni namni jaalatee harka namaa ykn gargaarsa namaa hin ilaalu. Namoonni har'a isin rakkattoota jettanii zeeytii litira 5 fi daakuu kiiloo 10 n suura wajji kaatanii miidiyaa irratti dhoobdan kun rakkina isaanii caalaa suurri isaanii midiyaa irra oole kun dachaa meeqa xiin-sammuu isaanii miidha. Otoo haadha kee ta'ee ykn fira dhiyoo kee ta'ee atuu kana hin gootu turte. Gargaarsa irratti wal-kakaasuufis ta'u garuu of-eeggannoo barbaada. Dhimma kiyyatti yoon deebi'u gaafa ajandaan tokko ka'u diinaa fi firris fiigee abbootii amantii(keessattuu kan muslima ta'e) irratti afaan banuun waan baratamedha. Isaan immoo waan hundaanuu fuuldura keessan fagoo jiru. Sareen iyyitee ganda girgireeysitus leenci inuma adeema. Iyya saree caalaa amna karaa isaaf hafetu isa yaachisa waan ta'eef. Abbootii amantaa muslimaa fi araba wanti isaan walitti fidu tokko hin jiru, islaamummaa fi arabas wanti walitti fidu hin jiru. Wal-qusachuu wayya!!! Rabbiin hawaasa keenya bakka garagaraa fi haala garagaraatiin rakkataa jiraniif haa birmatu,. Yaa Allaah dhiiga obboloota keenya bakka gara garaatti dhangala'aa jiru kanaaf ati nuuf birmadhuuf🤲🤲 @AbdiiBiyyaa ti Galatoomaa @Kennaapost. @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Dhaamsa ergamaa Rabbii Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) isa dhumaa kan gaafa Hajjii dhumaa kana dhaggeeyfadhaa!!! Obboloota keessaniifis share godhaa!!! Obboleessa keenya Ammaar Tamaam tu nuuf qopheesse!! @Kennaapost. @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
Repost from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu Obboloota koo har'a affeerraa kheeyrii tokkon isiniif qaba!!! Har'a galgala(Al-hada) sa'aatii 3tti chaanaalii @Kennaapost kana irratti wal haa arginuu!!! Birrii 5 (shani) kaastanio waan humna keessanii account baankii daldala itiopiyaa kana irratti madrasaa kana bira dhaabbachuu dandeessu!!! Warri account Baankii Daldala Itoopiyaa hin qabnes haala isiniif mijeessina!! Inshaa Allaah, har'a galgala jannata keessatti mana ijaarranna!! Beellama biraa hin qabatinaa!! Madrasaa Ansaar kan magaalaa Naqamtee ganda 06 keessatti argamu waliin haa baraarruu!!! Hanga galgalaatti qaan humna keesanii qopheessaa nu eegaa!! Namni barreeffama kana argitan hunduu hiriyoota keessaniif share godhaa, isaanis hojii kheeyrii kana irraa haa qooda fudhatanii!!! 1000037963732 Ansaar Masjid Magaalaa Naqamtee @Kennaapost. @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
Repost from KENNAA
Wanni Sadii Khasaaraa Hin Qabdu ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1. Qur’aana Qara'uu 2. Salaata Salaatuu 3. Sadaqaa kennuu Rabbiin ol tahe akkana je'a: إن الذين يتلون كتاب الله وأقاموا الصلاة وأنفقوا مما رزقناهم سرا وعلانية يرجون تجارة لن تبور "Warri Kitaaba Allaah Qara'an, kan Salaata salaatan, ammas waan nuti Isaaniif hirreerraa kan kennan dhooysaa fi mullisuun, Isaan ni kajeelan daldala hin banne (hin kasaarre)." Suuraah Faaxir: 29 Naggada kasaaraa hin qabne jechuun kana yaa obboleeyyan Quraana Rabbii Qara'uu, Salaata Rabbiin nurratti dirqama godhe guutuu Isii salaatuu fi Waan Rabbiin nutti kenne irraa sadaqaa dirqamaa Zakaa fi sadaqaa Sunnaa tan birootiis sadaqachuudha. Daldala khasaaraa hin Qabne kana itti haa jabaannu. By: Urjii Ahmad @Kennaapost @Kennaapost https://t.me/Kennaapost
Show all...
Repost from KENNAA
Obboloota koo ❤️ Haati/abbaan manaa ati har'a gowwoomtee akka itti wajjin jiraattu wallaalte tun meeqatu fuudha/heeruma dhabee hawwiin jiraata, yaaddee beektaa garuu🤔? Daa'imni ati har'a kunuunsaa fi guddisa itti wallaaltee haalaa fi amala balleessitu kun, meeqatu dhala-agabee ilkaaniin seeqatee keesaatti dhukkubsataa jiraata beektaa?, silaa Rabbiin itti arjoomee guddisee eessaan akka gahuuf karoorfate tilmaami mee🤔. Hojiin ati har'a dadhabsiisaadha jettee tuffattu, meeqatu bakkuma oolee galu dhabee barbaacha hojii baddaa fi gammoojjii gidduu naanna'aa jira?. Haadhaa fi abbaan kee ati har'a namooma jaraa dagattee nagaa afaaniituu waakkatte kun , meeqatu otoo yeroma takka sagalee isaanii dhageenyee jedhee hawwaa jira?. Fayyaan qaamaa ati har'a akka barbaadde fiigdee, lafa barbaadde ooltee, hojii barbaadde hojjattee, nyaata feete nyaattee....ittiin bookkisaa ooltu tun Meeqatu otoon takkuma ol-ka'ee miila kootiin adeemee, takkuma ija kootiin waa ilaalee, takkuma gurra kootiin waa dhaggeefffadhee, .....jedhee ofiin citaa jiraata?. Meeqatu hospitaala mana godhatee, Qoricha nyaachaa jira?. Obboloota koo Ati filattee jaalattee kana hunda argattee, warri kaan filatanii waan rakkachaa jiran sitti fakkaatee?. Addunyaan tun bakka qormaataati. Mee takka bakkuma jirtuu fi haala jiruu keessa jirtu kana ilaalii Alhamdulillaah jedhi. Akkuma kan sii olii meeqa jiru, kan sii gadii, kan bakka kee kana ga'uuf baay'ee hawwu meeqatu jira. Tola Rabbiin kee sirratti oole yaadadhu mee. Tooftaan itti nama sii oliitti dhaqqabuu dandeessu guddaan, warra sii gadii ilaaltee hamma dandeesseen tola itti ooluudha, Rabbii bakka jirtu kanaan sigahe galateeffachuudha, kan hafes isumatti hirkachuudha. Jireenyi duniyaa otoo wanti barbaadde hundi siif guutamees, yoo waan barbaadde hunda dhabdes baay'ee garaagarummaa hin qabu. Warra qabeenyi bitaa fi mirgaan bira tuulamee jiru caalaa warra homaa hin qabnetu nagaan rafee bula. Biyyi lafaa kun qabaattus dhabdus yeroo gabaabduudha. Bor guyyaan kee geenyaan harka qullaa keessaa deemta, hamma surraaba koohee teetii(kaalsii) gahutti namatu si dhaala. Ati qullaa kee awwaalamta. Jireenya jechuun jannata, gammachuu jechuun jannata, milkaa'ina jechuun karaa Rabbiin si ajajuun jiraattee bor dhangaa jannataa sana argachuudha. Bilisummaa jechuun bor adabbii Allaah jalaa bilisa bahuudha. Sooreessa jechuun nama onnee fedhii Rabbiitiif jiraattu qabudha. Hoonga'aa namaa jechuun nama haqa irraa boonee , qabeenyaa fi bifaan sobamee fedhii lubbuu isaa hordofee bor dallansuun Rabbii isa mudattedha. Hiyyeessi nama Rabbi dhabe. Duniyaan dhumtuudha!!! Waan dubbifne irraahi Galatoomaa!!! ✍Abdul-Aziz Ahmedin @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
Rabbii Kee Kadhatuu Irraa Hin Hifatin •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Du’aa’ii jabeessitee hifannootaan malee kadhatuu keetiin badhaasa lama argatta. Tokko waan kadhatte san yoo ta’u, kan lammataa ammoo obsa ati kadhaa san keessatti dabarsite. Du’aa’ii muslimni tokko qalbii qulqulluun kadhatee deebisaa Rabbi biraa argatu malee hin hafu. Nummaan qalbii qulqulluun haa kadhannu malee, Rabbiin keenya deebisaa isaa nuuf kenna. Deebii du’aa’ii keenyaa kara garagaraan argachuu dandeenya. 1. Waanuma kadhanne san argachuudha 2. Waan kadhanne San Rabbi guyyaa aakhiraatiif nuuf kaa’a 3. Sababa du’aa’ii saniitiin balaan nu mudatuu malu nurraa deebi’uu danda’a. Rabbiin keenya waan nu barbaachisuu fi waan nuuf ta’u waan beekuuf waan nuti isa kadhanne san karaa nuuf maluun nuuf deebisa. Kanaafuu waan kadhadhe hin arganne jenne abdii kutachuurraa haa fagaannu. In shaa Allaah waan kadhanne san Abadan hin dhabnu. Garuu Qalbii qulqulluun haa kadhannu. YAA RABBI ► Nama waan kadhate sirraa argatu nu taasisi By: Abu Ibtisam @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Repost from KENNAA
⭕. Zikrii Baay'isuun Gogiinsa qalbii Deemsisa. Qalbii keessa gogiinsa Zikrii malee wanti biraa hin deemsisneetu jira. Namni tokko Hasan Al-basrii bira Dhufeeti" •••••••••••••••••••••••••۞۞•••••••••••••••••••••••• Yaa Abbaa saعiid Gogiinsa qalbii kootiin sitti hima" isaan Jennaan. Hasaniis " Zikrii allaahaan Isii Jiisi" jedheen. •••••••••••••••••••••••••۞۞•••••••••••••••••••••••• ⭕. wanti akka Zikrii kan ittiin Niعmaan argamsiifamtuu fii ittiin balaan Deebifamtu tokkolleen hin jirtu. •••••••••••••••••••••••••۞۞•••••••••••••••••••••••• ⭕sadarkaan Zikriin allaahaa Qalbiif qabu akka Sadarkaa bishaan qurxummiif qabuudha. Qurxummiin yeroo bishaaniin adda baate akkam taati?". •••••••••••••••••••••••••۞۞•••••••••••••••••••••••• ⭕" ilmi aadam Dalaga akka Zikrii allaahaa kan azaaba irraa Nagaya isa baaftu tokkollee hin dalagne" •••••••••••••••••••••••••۞۞•••••••••••••••••••••••• ⭕. Wanti Akka Zikrii allaahaa Kan Qalbii fii Qabrii Namaaf ibsitu hin Jirtu. 💥 💥 💥Asumaan Nabiyyichaa Iràti Sålawãta busuu hin dagatinaa Yaa Jama'aa Rāsūūlla Rabbii۞ﷺ۞ اللهم صل على محمد وعلى آل محمد كما صليت على ابراهيم وعلى ال ابراهيم انك حميد مجيد اللهم بارك على محمد وعلى آل محمد كما باركت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم في العالمين انك حميد مجيدﷺ @Kennaapost @Kennaapost T.me/Kennaapost
Show all...
KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa👇 👉DA'AWAA 👉ODEEYFANNOO 👉WALALOO 👉ASOOSAMA 👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ✍yaadaaf👇 @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!