cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Gumaa Qeerroo oromoo

Joining Godhaa Telegram Kana #Biyyaa_Afaan_qaaween_diigaamtee_qaweedhumaatuu_ijaraa_WBO_force✊ Galatoomaa Jaallawaan Koo @GumaaQeerrooOromoo 🤝

Show more
Finland1 897The language is not specifiedPolitics19 326
Advertising posts
498
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#walaloo ajaa'ibaa gara fuula #YouTube keenyaa kanaan ni argattu kabajaamtoota hordoftoota #maatii_kuusaa_walaloo hundi keessanu Afeeramtanii jirtuu!
Show all...
Walaloo Sagalee kootin❤
Tan jaalalaas sagalee kootiin❤
Tan seenaas sagalee kootiin❤
Open Open godhaa!👍👍
Stop drone attack Stop killing Oromo Stop drone attack in Oromia Stop killing innocent Stop bombing Oromia!
Show all...
#Nama_hin_tuffatin_!! ➛ Allaattiin yeroo lubbuun jirtu mixii nyaataa jiraatti, erga allaattiin duutee booda immoo mixiin deebitee allaattii nyaaatti. Haalli jijjiiramuu danda’aa wal hin tuffatinaa!
Show all...
Repost from Obsaa Abdiisaa
Photo unavailableShow in Telegram
“Ajabuma rabbii nama dinqisiisa Orma jaalachiisee fira jibbisiisa!” Nagaa isin orma waliin buusuuf luqqaatanii, Oromiyaa keessatti Oromoo hidhanno-maleeyyii drone-n lafa irraa fixuun fiddan hin jiru. #stopkillinginnocentcivillians #StopBombingOromia
Show all...
Magalaa Mandi ammallee Dironiin marsaa jirti namni akka mana hin baane maxxaansime. Inbox
Show all...
Dhaloota liqii osoo hin taane dhaloota xiiqiitu dhimma Oromoof Oromiyaa of harka qaba!
Show all...
Dhaloota roorroo didee bilisummaa filate! Dhaloota guddisa ABO/WBO🥰 Oromiyaan biyya!
Show all...
#DR... Alii Birraa! ........................... Umrii kee ijoollummaan Gaafa durirraa kaaftee Lakkaa'ameen dhumatu Gatiin atii nuuf baaftee. Ka'uumsa aarti keenya Abbaa Oromoo maraa Soqee kan diddiriirsee Kallatti hundaan karaa. Anoo Abjuun se'aara Natti himamee Adaraa Du'a Dr Alii keenyaa Dhugumaa yaa firaa.. Qareessa gameessa Kuusaa seenaaf aartii Gorsaaf qajeelchaa Daa'imaa hanga jaartii. Iddoo dhukkubbiitti Kan dursee argamuu Lubbuusa sabaaf laate Sabaaf kan wareegamuu. Abbaa dhaloota qubee Modeela biyyaa jabaa Alii mooticha aartii Alii mallattoo Sabaa. Alii dhugaa labasee Sobaa ammoo mancaasu Kan gadheef hin jilbiifne Kan haqaaf dhugaa labsu Yeroo jarri dubbatuutti Dhugaa sobaan dabsaa Haasaan Afaan Oromoo Raadiyooni cabsaa.. Guca aartii Oromoo Faajjii tokkummaa keenyaa Tiriikaa gaafa rakkoo Labsaa dhugaa keenyaa. Goota gaafa dukkanaa Of ta'uu nu barsisee Maandisa qabsoo Karaa nutti agarsiisee. Sagalee kilooleedhaan Dhugaa baasee lammiiti Afaan ishee qabachiise Qaanfachiisee jaratti.. "Barnoota barnootaa Ammaas barnootaa Kana ta'uu qabaa Kaayyoon Oromootaa" Jettee Oromoo keeti Barnootatti yaamtee Eegeree dhalootaaf Dhangaa dhaamtee.. Onneen lammii hundaa Siin Utubame jiraataa Dadhabaan ciseeyyuu Muuziqa keen tiraataa.. Doktara Sabaaf jiraachuun Nuuf baaniiru karaa Yoomuun dagataamtuu Seenaa sii farsaaraa #Eegaa.. Dhaloonni ati horattee Baayyeedha kitilaa Sanyiin kee laateera Guyyaadhan biqilaa. Hayyicha koo qaroo Seenaan kee nuuf jiraa Nagaan nuu boqadhu Du'a hin hafanii seeraa. Murtii uumaa hundaa Tokkoollen hin himatuu Teesson taa'uumsa kee Jennataa Siif haa taatu. Gaafa guyyaan geesss Tokkoo harkaan ba'uu Qubsummi qabri kee Bakka gaari siif hata'uu. Dhaloonni ati horattee Kumaafi kitilaadha Biyyoon siif haa salpatu Rabbii koon siif kadhaa. 😭😭👈 ✍..by @bahar_umar Guddaa Galatooma!      @baharOrotelegram    @baharOrotelegram
Show all...
Hin komatamtuuf malee Si komadhuu yaa du'aa? Kaanis kichuu kutanii Kamtu bakka naaf bu'aa? Hin himatamtuuf malee Si himadhuu yaa biyyee? Mataa walleetu kufnaan Mataa qabadhee iyyee. Uumaan mormuu ta'akaa Yoon komadhee himadhes Ba'aa guddaa ta'ekaa Yoon cal'isee simadhes Kulkula madaa kiyyoo Machii dhugaatii malee Jabaa bakka kee bu'us Dirqiin na saamnaan kalee. Akkaafi bakkis na dhibnaan Imimmaan roobsaa jiraa Nagaa dhumaa dhaammattee Deemte addunyaa biraa Otuu karaa sin maqsin Gowwoomsi horiifi gamoo Dhaqxeen galmoofne ati Galma namoota hamoo Sabaaf riqicha taa'uun Gamoo seenaa ijaartee Gartuuf ergamtuun taane Ummatichaaf hiraarte Inni kaan gartuuf sirbee Gaaf saba isaa saamu Inni kaan yartuuf hirphee Gaaf horiif argaan jaamu Dhugaaf wareega baaste Filannoon goone horii Abbaan wallee oromoo Eeggachuuf seenaa borii Hammam mararsiifannus Guyyichi geenyaan garuu Humnaan addaan nu baase Irra namaaf hin taruu Dukkana gidduu tesesee Kan nuuf keesse maloonni Ergama kee milkeessuuf Duuban jedhu dhaloonni
Show all...
Dr.Alii Birraa yaa Galmee seenaadha Kuufama ogummaa Yaa Faajjii qabsoodhaa Madda walabummaa Ka'uumsa aartii keenya Abbaa Oromoo maraa Soqee kan diddiriirsee Kallatti hundaan karaa Qareessa gameessa Kuusaa seenaaf aartii Gorsaafi qajeelchaa Daa'imaa haga jaartii Iddoo dhukkubbiitti Kan dursee argamuu Lubbuusa sabaa laate Sabaaf kan wareegamuu Yeroo jarri dubbatuutti Dhugaa sobaan dabsaa Haasaan afaan Oromoo Raadiyoonii cabsaa Sagalee kiilooleedhaan Dhugaa baasee gaaratti Afaan ishee qabachiisee Qaanfachiisee jaratti Dhukkubbii lammiitiif Soqee Dawaa baasee Iddoo hunduma tuqee Kan rafe hirriba kaasee Qabsaa'a mirga namaa Gaaddisa Oromootaa Hin duune ni boqatte Ati yoomuu gootaa Onneen lammii hundaa Sin utubame jiraataa Dadhaban ciseeyyuu Muuziqa keen tiraataa Bahaa haga dhiiha Kibbaa haga kaabatti Dacheen Oromiyaa Maqaa keen jabaatti Dr Alii Birraa jedha Gadaammeessa keessa Seenaa kee ol fuudhee Hojii keetu odeessaa Eega Hayyiicha koo qaroo Abbaa labanii dheeraa Nagaan nu boqadhu Du'a hin hafanii seeraa Dhaloonni at horattee Baayyeedha kitilaa Sanyiin kee lateera Guyyaadhan biqilaa
Show all...