en
Feedback
Dnkisa dabalaa

Dnkisa dabalaa

Open in Telegram

welcome baga nagaan gara telegraama kooti dhuftan telegraam john godha youtube koos link kanaan seena subsribe godha 👇👇👇

Show more
824
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive

Waqayyof galanni ha ta'u fb ko naaf deebi'e jira link kanaan na argachuu dandeessu https://www.facebook.com/profile.php?id=10
Waqayyof galanni ha ta'u fb ko naaf deebi'e jira link kanaan na argachuu dandeessu https://www.facebook.com/profile.php?id=100083604120722

Harka fuune akkam jirtan hordoftoota ko hanga amma fb ko naaf hin deebine naaf obsaa kankeen na dubbisuuf fedhi qabdan martin
Harka fuune akkam jirtan hordoftoota ko hanga amma fb ko naaf hin deebine naaf obsaa kankeen na dubbisuuf fedhi qabdan martinu Asumaan app guyyaa qarshii isiniif kafalu akkasuma sharafa garaa garaa fayyadamuun qarshii ittin argatan kana buufadhaa itti fayyadama link asii gadii kanaan seena https://referral.socialgood.inc/?id=S382A6 Galatoma

Harka fuune akkam jirtan hordoftoota fi jaalatamtoota ko ilaam Oromoo adunyaa mara irratti argamtan anii nagaadha galata Rabbi Arra wannan isiin beeksisuu barbaadu hordoftoota ko kan fb kooti akkuma beekamu ilamaan nafxanyaa warreen guddina keenya hin feene warreen akka nutti sagalee keenya baasu hin dandeenye godhuuf halkaniif guyyaa hojii godhatanii itti jiran media tokkichaan qabu fb ko report godhanii narra cufanii jiru😭 fb ko cufuun isaanii ammo isaaniif waan guddaa fakkaatu anii sammuu ko waan hin cufiniif humaa tokko natti hin fakkaatu haala kanaan guyyaa kaleessa sa'aatii 10:00PM irratti narraa cifsiisanii turan garuu hin milkoofneef yaaliin isanii dhaabata @meta dubbisaan jira siif gadi dhiisana guyyaa muraasa naaf obsii jechaa jiru hammasitti namoonni yaada garagaraaf na dubbisuuf na barbaada jiratan akkasuma namoonni hojiif na barbaada jirtan hamma fb ko naaf deebi'uutti obsaan na eegadha isa yo naaf deebisu didan ta'ees haarawaan banadhu asii naan isiin beeksisaa hammasitti asiin na hordofaa telegraami ko kan na harkatti hafe kanaas hiriyoota keessaniif share gochuun akka john godhan naaf afeera nagaan naaf turaa

photo content

photo content

Jedhan Barsiisonni!😭 "Copha beekumsa keenyaa Sooruuf sammuu keessani Kan nu eeggataa turtan Hawwiin daree teessanii Maatii idilee keenyaa Kan wal araadnu guyyuu Dhufuuf karaarra turre Isin dharraanee nuyyuu Garuu dhufuu-n dandeenye Akka kaleef dheengaddaa Tasa isinitti bannee Deemneerra karra gaddaa ˝Period'n course isaanii Erga ga’ee hoo qaataa Dur hoo waqtiin argamuu Maaf barfatani laata? Kalee yeroo akkanaa hoo Yoona daree lixanii Dhangaa fidanii dhufan Nu sooranii fixanii Nutoo mufaatii hin qabnu Jaalalaan waliin turraa Nagaadhumaanii laata Har’a barfachuun nurraa" Jettanii yaadaaf yaaddoon Hin ilaalinaa karaa Biyya-n galle deemneerra Sabbataan hidhaa garaa Wal'aansoo biyya lafaa Ba’aa meeqa dandeenyee Qarsinee isin barsiisaa Waliin har'arra geenyee Maaddii keenyarraa isiniin Waakkii malee nyaachisaa Beekumsa tuullaan hirree Galfata isin baachisaa Har'as 'sin bira dhufuuf Galaa qabannee kaanee Akka tasaa karaatti Akka hin malle taane! Abbaa keessan lammataa Akka tasaa dhabdanii Otuma gubattanuu Gaddaan onnee cabdanii Dhugaa kana amanuun Otuma isiniif gamuu Nagaatti barattootaa Nu hin eeginaa lamuu Gola onnee keessan keessaa Bakka-n badne nu ka’aa Imaanaa keenya fuudhaa Ilmaan keenyaan nuuf ga’aa Isiniif ibsuuf jooraa Gubanne akka shaamaa Maatiif biyya keenyatti Nagaa keenya nuuf dhaamaa" Jedhanii sokkanikaa Wayta karaa maqanii Balaa konkolaataatiin Biyya-n galle dhaqani! Gumbiiwwan beekumsaatu Tuulamanii bakkatti Tasa nurraa godaanan Jumlaadhaan al-takkatti Baayyee nama surura Gaddi nukeessaa hin ba’u Lubbuun jaraa qaqqaaliin Kan jennataa haa ta’u! Innaa lillaahi wo’inna ileyhii raaji’uun!😭 lubbuu jaraaf jennata, maatiifii ummata oromoof jajjabina nuuf haa laatu!

photo content

photo content

Recommend a good APP for you. Hi Translate, a one-step translator for chatting.Support regional text translation, input box translation, translation of the entire APP. Download link:https://play.google.com/store/apps/details?id=com.zaz.translate

photo content

Dhaamsa Gaddaa (Hayyama maatiitiin kan barraa‘e) ======================================= Akka Oromootti, akka Hawaasa Oromo biyya Jarmaniitti, Akka Hawaasa Oromoo magaalaa Munikitti, akka marattuu qalbiitu nucabe. Rifannaa guddoo keessa seenne. Firoomsaa, ilma Gooticha Artist jaallatamaa saba isaatiif hanga dhumaatii qabsaawe, ilma Nuhoo Gobanaa du‘a tasaatiin Addunyaa kana dhiisee gara Abbaa isaa godaaneera. Naasuu guddaatu numudate. Mucaan umriin isaa reefuu 20 guute, Hawaasa Oromoo biyya Germany magaalaa Munich keessatti dhalatee guddate. Dheengadda, Jimaata ganama „Play-Station“ taphatee rafe. Sa’aa booda Yammuu harmeen isaa hirribaa kaasuuf kutaa isaa seentu mucaan Amrii ta‘eera. Innaa Lillaahi Wa’innaa Ilayhi Raaji’uun! Guyyoota lamaan dabran gaadda kana dubbachuufuu afaantu nuqabame. Harkatu nuuf barreessuu dide. Amma maal godhama ree! Duuti hunda namaatiifuu waan haftu miti. Dabareedhaan dhufti. Hawaasni keenya Oromoo Addunyaa, keessattuu Hawaasni Oromoo biyya Germany ilma gootaa kana kabajaa isaaf maluun haa gaggeessinu! Harmee isaa haa jajjabeessinu! Harmeen isaa ilmashee kana, ilma Nuuhoo itti cabdee guddifte. Rabbi Sabrii haa kennuuf! Asumaan Afooshaalee fi Waldaaleen Oromoo biyya Germany, akkusumas warreen ilma Oromoo kana kabajaa Nuuhoo madaaluun gaggeessuu barbaaddan hundi keessanuu, Afooshaa Harargee biyya Germany qunnamuudhaan waan barbaachisu maraan cinaa akka dhaabbatanu waamicha kabajaa isiniif dabarsina.

#Art..𝙕𝙖𝙧𝙞𝙝𝙪𝙪𝙣 𝙒𝙖𝙙𝙖𝙖𝙟𝙤𝙤 Dhiiga dhiiga dhaalu Deemsa bajjii gamaa Dhiira dhiira caalu Leenca fakkii namaa, Hoj
#Art..𝙕𝙖𝙧𝙞𝙝𝙪𝙪𝙣 𝙒𝙖𝙙𝙖𝙖𝙟𝙤𝙤 Dhiiga dhiiga dhaalu Deemsa bajjii gamaa Dhiira dhiira caalu Leenca fakkii namaa, Hojiidhaaf hidhannee Dhukkubsannee rafnee Ofbiraa sidhabnee Guggubannee hafnee, Faanakeen hubanne Deemsi keenya addaa Boqochuuke rifanne Keessi keenya gaddaa, Jechikee jaboodhaa Bara dhaalaa rafnee Deemsikee fagoodhaa Gaddaan laalaa hafnee, Imimmaan cobsinee Boquudhaa gad cabnee Hundumaa obsinee Si'obsuu dadhabnee, Beekaa kankee dhaallee Dalaguuf sirbinee Seenaa kankee laallee Dhalachuu jibbinee, Xiqqaaf guddaa biyyaa Maanguddoof ga'eessa Haqaaf irraa iyyaa Kan turte kaleessa, Ree'ee dachaan rafte Dhaabdeettaa iyyakee Qe'ee gaddaan hafte Booyeeya sabnikee😥 Bishaan dooniin mitii Ofiisaaf sinyaataa Gootni fooniin mitii Hojiidhaan jiraataa, Art..keenya beekkamaa Yaa Zarihuun Wadaajoo Sirbitee garsiifte sabaa Gabrummaa Waanjoo, Siif haa guutuu waaqnii Boollaa keettii daadhii Siin rakkisiin nyaannii Jannataan badhaadhii,

Qabsaa’aa Oromoo Artist Zarihuun wadaajoo Obboleessa Dr Alii Birraa, Obboleessa Artist Nuhoo Goobanaa, Eebbisaa Addunyaa, Usm
+3
Qabsaa’aa Oromoo Artist Zarihuun wadaajoo Obboleessa Dr Alii Birraa, Obboleessa Artist Nuhoo Goobanaa, Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Jireenyaa Ayyaanaa fi Yooseef Gammachuu, abbaa Haacaaluu Hundeessaa fi Daadhii Galaan goota irbuu hin sharafne, goota egeree saba isaaf raagu akkuma “anuu hin turuu Haaceekoo nan dhufa” jedhee Haaceef boo’aa turetti Oolmaa lakkaa’amee hin dhumne saba isaaf oolee ijibbaata dhumaa geggeessinee galle. Namni seenaa jiraataa lafaa qabu hin duunee nagaan boqodhu. Nama imaanaa keessan galmaan gahu nu haa taasisu. Jiraattis kan gargaartan erga boqoteeyis sirna geggeessaa isaa bareechitan ulfaadhaa. Maatii firoottan akkasumas Uummata Oromoo maraaf jajjabina.

“Ani ilmaa kutaa miti, kutaadhaan na hin waamiinaa Ani ilma lagaa miti, lagaanis na hin waamiinaa Ani ilma dhaabaa miti, dhaa
“Ani ilmaa kutaa miti, kutaadhaan na hin waamiinaa Ani ilma lagaa miti, lagaanis na hin waamiinaa Ani ilma dhaabaa miti, dhaabaanis na hin waamiinaa #Zarihun ilma oromooti, dhiigni kooyyuu ni hima” Nagaan boqodhu!

Nagaan boqodhu barsisa ko
Nagaan boqodhu barsisa ko