cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Milkii Boruu Media

Channelii kana keessatti isin bashannansiisaa isin barsiifna. "join" godha

Show more
Finland3 349The language is not specifiedReligion & Spirituality100 367
Advertising posts
450
Subscribers
No data24 hours
+47 days
+930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Tawbaa namicha namoota dhibba ajjeesee ````````````` Abuu Sa`iid, Sa'ad bin Maalik bin Sinaan Al-Khudrii irraa odeeffamee (RA) ni jedhe: Nabiyyiin Rabbii (SAW) ni jedhan: “Ummata isiniin dura turan gidduu namicha lubbuu namoota sagaltamii sagalii ajjeese tokkotu ture. Irra beekaan nama dachii kanaa eenyuun akka ta'e gaafate. Gara nama addunyaa dhiisee Rabbiin qofa gabbaruu tokkotti akeekame. Bira deemee akkana jedheen: "ani lubbuu namoota sagaltamii sagalii ajjeeseera. Yoon tawbaa godhe Rabbiin tawbaa kiyya ni qeebalaa?" jechuun isa gaafate. "Lakki, tawbaan kee fudhatama hin qabaatu" jechuun deebiseef. Isas ajjeesee dhibba guuttate. Ergasillee dachii irratti namni irra beekaa jedhamu eenyuun akka ta'e gaafate. Nama beekaa ta'e tokkotti qajeelfame. "Ani lubbuu nama dhibbaa galaafadheen jira. Yoon tawbadhe Rabbiin naaf araaramaa?‟ jedheen. "Eeyyeen, jidduu keetii fi jidduu tawbaa maaltu haguuguu danda'a? Gara dachii akkas akkasii deemi. Achi namoota Rabbiin gabbarantu jiruu isaanii wajjin Rabbiin gabbari. Gara dachii keessa turtee hin deebi'in, waan isiin dachii hamtuun irratti hojjatame taateef‟ jedheen. Gara biyya jedhamee deemuu jalqabe. Yeroo walakkaa karaa ga'u, duuti isa qabatte. Maleykonni rahmataatiifi maleykonni azaabaa irratti wal falman. Maleykonni rahmataa "tawbaaf muratee onnee isaa gara Rabbii deebisee dhufe‟ jedhan. Maleykonni azaabaa immoo "inni takkaa waan gaarii hojjatee hin beekuu (akkamitti jannata gala?)" jedhan. Maleykaan biraa suuraa namaa tiin (nama fakkaatee) itti dhufe. Akka jidduu isaaniitti murtii kennu gaafatan. Innis "dachii gara itti deemaa jiruutiifi irraa dhufee safaraatii gara inni itti dhihaatetu isaaf ta'a jedheen. Yeroo safaran gara dachii itti deemaa jiruutti (taakkuu tokkoon) dhihoo ta'ee argame. Kanaaf maleykonni rahmataa isa fudhatan.” sababuma tawbaa qulqulluu godheef jecha Rabbiin isaaf rahmatee kan jannataa isa taasise! Rabbiin Abbaa rahmataa ti. Yaa rabbi ija rahmataa keetiitiin nu ilaali.
Show all...
Hiikaafi Ibsa Aayata Soomaa ★★★★★★★★★★★★★ Aayattoota armaan gadii hiikaafi Ibsa isaanii Wajjin dubbisaatii hubachuu yaalaa. Hiika caalaa ibsichatu nama hubachiisa. {يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ (183) أَيَّامًا مَعْدُودَاتٍ فَمَنْ كَانَ مِنْكُمْ مَرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ وَعَلَى الَّذِينَ يُطِيقُونَهُ فِدْيَةٌ طَعَامُ مِسْكِينٍ فَمَنْ تَطَوَّعَ خَيْرًا فَهُوَ خَيْرٌ لَهُ وَأَنْ تَصُومُوا خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ (184) شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدًى لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ فَمَنْ شَهِدَ مِنْكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ وَمَنْ كَانَ مَرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ يُرِيدُ اللَّهُ بِكُمُ الْيُسْرَ وَلَا يُرِيدُ بِكُمُ الْعُسْرَ وَلِتُكْمِلُوا الْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا اللَّهَ عَلَى مَا هَدَاكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ (185)} [البقرة: 183 - 185] Hiika Aayattoota Kanaa 183- Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera. 184- Guyyoota lakkaa’amtuu [qofatu murteeffame]. Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu [isa irra jira]. Warra isa [Soomuu] danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jira. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadha. Yoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala. 185- Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka [Rabbiin] galateeffattaniif jecha [kana goone]. Ibsa Aayatoota Kanaa 183- Yaa warri Rabbitti amantanii ergamaa isaa hordoftan soomni akkuma ummata isiniin duraatti dirqama godhame Gooftaa keessan irraa dirqama isin irratti godhameera. Kun immoo akka isin jidduu keessaniifi jidduu adabbii Rabbii hojii gaarii kan akka soomaa tiksaa godhattanii isa sodaattanuufi. 184- Soomni isin irratti dirqama godhame waggaa irraa guyyaa murtaahaa soomuudha. Namni isin irraa dhukkuba sooma isatti ulfeessu dhukkubsate yookiin imalaa ta'e faxiruun isaaf eeyyamama. Ergasii guyyoota hanga faxire qadaa baasuutu isarra jira. Warra sooma danda'an irra immoo ogga faxiran fidyaatu jira. Innis guyyaa faxiran cufa irraa miskiina nyaachisuudha. Odoo bu'aa sooma keessa jiru beektanii silaa isin soomuutu faxirtanii fidyaa nyaachisuu irra caala. Hukmiin kun jalqaba waan Rabbiin sooma karaa godheeti. Oggas namni fedhe ni sooma kan fedhe immoo faxiree miskiina nyaachisa. Sana booda Rabbiin soomuu nama danda'u ga'eessa ta'e hundarratti dirqama godhe. 185- Jiini Ramadaanaa kan isa keessa Qur'aanni Nabiyyii (saw) irratti halkan laylatul qadrii keessa bu'uu eegaleedha. Rabbiin namaaf qajeelfama godhee isa buuse. Isa keessa ragaa qajeelfamaa ifaa ta'e dhugaafi dhara adda baasutu jira. Namni ji'a Ramadaanaa biyya taa'ee fayyaa ta'ee isa qunname soomuun dirqama. Namni isin irraa dhukkuba sooma isatti ulfeessu dhukkubsate yookiin imalaa ta'e faxiruun isaaf eeyyamama. Ogga fure immoo dirqamni isarra jiru guyyootii fure kana qadaa baasuun isarratti dirqama. Rabbiin waan karaa isinii godhe kanaan karaa laafaa isiniif fedha; cimaa isiniif hin fedhu. Akka isin lakkoofsa sooma ji'aa hunda guuttattanuuf, erga jiini Ramadaanaa dhumeefi guyyaa iidii sababa Rabbiin sooma kana isin qunnameefi isa guuttachuu irratti isin deeggareef Isa guddiftanuuf, akkasumas isa Inni gara amantii isiniif jaalateetti isin qajeelche irratti isa galateeffattanuuf guyyaa biraa qadaa baasuu karaa godhe. Odeeffannoo biraa argachuuf: Telegram https://t.me/milkiiboruummedia
Show all...
Milkii Boruu Media

Channelii kana keessatti isin bashannansiisaa isin barsiifna. "join" godha

👍 1
Kun tafsiira Ust. Shaafii Muhammad guutuu isaati. Juuza soddomayyuu of keessaa qaba. Buufadhaatii itti fayyadamaa. Zip ta'ee jira RAR fayyadamaatii adda baafadhaa. Hanga danda'ameen waliin ga'aa.
Show all...
Ust. Shaafii Muhammad Jimma University.rar875.93 MB
#Addunyaan Ganda itti hojjatani, Aakhiraan Ganda itti galata galfamani, Namni Asitti hin Hojjatin;Achitti Ni gaabba. #ImaamAhmad الدُّنْيا دَارُ عَمَل، والآخِرَةٌ دَارُ جَزَاءْ، فَمَنْ لَمْ يَعْمَل هُنَا، نَـدِمَ هُنَاك. الزُّهَدْ للبَيهقِي.
Show all...
"Akka duute na hin dhoksinaa; ni duute naan hin jedhinaa!" Bara durii ture! Mootii bineensotaa kan ta'e leenca jalaa haadhatu dhukkubsate. Dhukkubichi dhukkuba cimaa du'aafi jireenya jidduu ture. Kana gaafachuuf, bineensonni bosonaa achitti wal gahani. Yeroo kana leenci ajaja tokko dabarse. "Ani gara biraan deemaatii, yoo isheen duute nan dhoksiinaa; ni duutes jettaniis natti hin himiinaa" jedhee biraa deeme. Yeroon booda haati leencaa ni duute. Bineensonni sun, waan jedhanii leencatti himan dhabanii baay'ee rakkatani. Dhoksuuf 'natti himaa' jedheera; itti himuuf 'ni duute naan hin jedhiinaa' ittiin jedhee jira. Maal falatu egaa? Gara dhabaa! Osooma akkanaan jiranii qamaleen dhufte. Akka carraa ta'ee, dura yeroo leencichi ajaja sana dabarsu isheen hinturre. Waan jiru hundaa edda dhageesseen booda, fala tokko qabattee dhiyaatte. "Homaa hin yaadda'iinaa, anatu itti hima. Sana dura waanan jedhu godhaa! Rifeensa mataakoo gar-tokko narraa haadaa; gar-tokkommoo dhadhaa naaf dibaatii bareechaa!" ittiin jette, qamaleen. Waan jedhaman edda godhaniif booda, itti himuuf gara leencaa deemte. Leenci akkuma qamalee sana argeen, "Haatiikoo ni duutee?" jedhee gaafate. Yeroo kana qamuun, "Osoo duutee rifeensakoo bifa kanaan dibadhee, filadheen deemaa?" jettee deebifteefii. Ammas leenci, "Hin duuneeree?" jedhee gaafate. "Yaa mootii! Osoo hinduune ta'ee rifeensakoo maaliifan haaddadhee dhufa?" jettee akkuma inni warra biraatti bitaa galche bitaa itti galchite. Kun gaaffichaafi deebiichadha! Gochaan qamalee sanaa, hima "Jirra jechuuf hinjirru; hin jirru jechuufis jirra!" jedhu tokko na yaadachiise. Ergaa baay'ee of keessaa qabaachuu ni mala. Akka akka siniif galetti hiikkachuu ni dandeessu. Siniif dhiiseera!     https://t.me/milkiiboruummedia
Show all...
Milkii Boruu Media

Channelii kana keessatti isin bashannansiisaa isin barsiifna. "join" godha

👍 2
Wanni bitatanii uffatan.. qaalofte garuummoo rizqiin harka rabbii jirti...   Tokkotu warra salafaatin akkas jedhe..."meeshaan bitannu nutti qaalofte .." jennaan.. *Istighfaara gochuudhaan rakaseessa jedheen.*   Gurbaa warra baadiyyaa tokkoon "Daabboon tokko diinara tokko taate." jennaan "Wallaahii osoo firiin xaafii tokko diinara tokkoon bitamtee wanti na yaachisu hin jiru..ani akka rabbiin na ajajettin isa gabbara. Rabbiinis akka beellama naaf seenetti na razaqa (na nyaachisa) jedhee deebiseef..!! #namoonni gara salamaa binu diinaar dhaqaniitu akkas isaan jedhan.. "yaa Abbaa haazim meeshaan nutti qaalofte hin agartuu..??" jennaan.. "Duuba maaltu isin yaachisa.?? Rabbiin yeroo rakasaa nu sooru (nu nyaachisu) ..yeroo qaalitiis isaatu nu soora jedheen..!! Iimaana akkasii rabbi nuuf haa kennu! Telegram keenya https://t.me/milkiiboruummedia
Show all...
Milkii Boruu Media

Channelii kana keessatti isin bashannansiisaa isin barsiifna. "join" godha

👍 1
====BEEKSISA QUR'AANAA===== As Wr Wb...... Iqra quran academy n erga hundaa'ee jalqabee karaa online Qur'aana barsiisaa turuun isaa ni beekama. Yeroo ammaa kanammoo karaa WhatsApp barsiisuu eegalee jira. Maarree namoonni mana keessan teessanii barachuu barbaaddan linkii armaan gadiitiin seentanii galma'uun qiraatii eegalaan dhaamsa keenya.. 👇👇👇👇https://chat.whatsapp.com/Iq5Nju4XwsE07ukKHgkq48
Show all...
Iqra Quran Academy 2

WhatsApp Group Invite

Show all...
Iqra Quran Academy 2

WhatsApp Group Invite

👍 3
UCW65eDm9MNO2NK-J9sB471Q
Show all...
Show all...
THE LIGHT Female Quran Recitation amazing Qiraatii Ajaa'ibaa

Quraana sagalee bareedaa dhaan

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.