WALALOO FI JECHOOTA JAALALAA ❤️
Open in Telegram
1 646
Subscribers
+1224 hours
+1077 days
+41530 days
Posts Archive
Hoggan si yaadadhu
Maquma kee kaasuu
Barbaadetin dhabaa
Waan aara na baasuu
Nyaata fi dhugaatii agabee
Suma arkadhee yoon ifi si qabee
An jaalalaa sirraa naa qabee ....
======================
An siifan dhaladhee
Atis naaf uumamtee
Onnee koo gubbaatti
Jaalalaan shuumamtee
Qabeenyaan sin jijjiiru
Ani sodaa rakkinaa
Walumaan nama taanee
Rakkoo keessaa baanaa
Arra Shiro yoo nyaanne
Boru ammoo bargarii
Laga tokko burqine
Yoomuu hin baanu gargarii
Yaa hiriyaa dhunfaa koo
Tan ganamaaf galgalaa
Si jalaa qofa banti
Onneen koo balbalaa
Gar tokkee qaama kootii
Takkittii akka kumaa
Si wajjiin jiraadha
Jiruu koo hanga dhumaa!
t.me/jechootajaalalaa
Part III
Nama na barbaachisa
Kan jireenya naa khabuu
Taniin isiif jecha
Jiraachuu jalqabuu
Nama yoon kufellee
Lafaa ol na qabuu
Yoo natti qorrellee
Taniin ofi qabuu
Jennaan si naa keenne
Rabbiin histii hin qabuu
Baay’een si jaaladha
Hin fedhu si dhabuu
Si argannaan humaa
Yoon bulees agabuu
Sa maaluma dhabe?
Namnummaan si qabuu.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
t.me/jechootajaalalaa
===================
Dachiitu naan maraa
Yoon lafaa ol-ka’ee
Imimmaaniin buusaa
Yoon maqaa kee dha’ee
Halkan meeqaatamiin
Hirriibaan manaa ba’ee
Nyaadhuus hin gabbadhuu
Garaan wal na dha’ee
Osumaan si yaaduu
Tulluu meeqa qaari’ee
Aduun baatee dhiitee
Halkan naaf bari’ee
Ofiis numaan shakka
Dhiiroo maaliin ta’ee
Jaalaluma teeti moo
Michiitu na dha’ee?
========== ========
===================
Mee mala naaf himaa
Waaniin godhuun dhabee
As oofee achi oofee
Olqabee gad-qabee
Halkan yaadaan buulaa
Hirriibaas niin dhabee
Guyyaas nagaa hin qabuu
Natti taate dhibee
Dhiiroo maaliin tahe?
Jaalalaa na qabee?
♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️
Giiftii koo giiftii durbaa
suphituu onnee kootii
Jaalaltiin an siif qabu
jaalala dhugaatii
naaf si uume rabbiin
anilleen kan keetii
Wallahi siin jaaladha
Hundred parsantii (100%)
=====================
Si fudhatee onnee koo
yaa bareedduu intalaa
Addunyaa kanarraa
Eenyuma si caalaa?
Carraa barnootaatiif
Fagaannus haalalaa
Yoomu sin dagadhuu
Waa'ee keetiin yaadaa
Ganamaaf galgalaa.
✅️TURKISH=ENGLISH=A/OROMOO
1. Karim = my wife = Jaartii Koo
2. Ashkim = my love = Jaalalle Koo
3. Balim = my honey = Damma Koo
4. Kalbim = my heart = Onnee Koo
5. kralichem =my queen= Giiftii Koo
6. Canim = my dear = Jaalallee Koo
t.me/jechootajaalalaa
✅️Nakupenda leo kuliko jana, lakini nakupenda kesho kuliko leo❤️
✅️Kaleessa caalaa arraan si jaaladha, garuu arra caalaa boruun si jaaladha❤️,
👉 SWAHILI
kwa kila siku, nakukumbuka.
kwa kila saa, nakuhitaji.
kwa kila dakika, nakuhisi.
kwa kila sekunde, nataka wewe.
Milele nakupenda sana ❤️
👉ENGLISH
for every day, I miss you. for every hour, I need you. for every minute, I feel you. for every second, I want you, Forever I love you much❤️
👉AFAAN OROMO
Guyyaa jiru hunda sin yaada.
Sa'aa jiru hunda, sin fedha. Daqiiqaa jiru hunda, waa'ee kee na dhagahama.
Sekondii jiru hunda, sin barbaada. Hanga dhumaatti Heddun si jaaladha.
