cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Kemer Sherif Sada

Advertising posts
1 171
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Tarii haala kee ilaaltee Isa Amma keessa jirtuu Kan hin dabarre seetee Yaaddoftee yoo of cirtuu Gungumtee mataa raaftee Asiif achii naanna'aa Bubbultee dubbii kaaftee Qalbiidhaanis raata'aa Of tuffattee gadooddee Ofitti kaaftus bowwuu Wanta rabbi siif qoodee Eenyumtillee hin dhowwuu Naaf hin taane akka ebeluu Naaf hin sirranne jireenyii Jiraachuu dhumti koon toluu Naaf hin dhiyaatu fageenyii Akkanaan taa'uu mannaa Utuun du'ee naaf wayyaa Baraan rakkoon na dhaalee Yooman argadhaa fayyaa? Anoo takkaa taa'een beekuu Naaf darbaa utuman eeguu Of dhiphisee yeroo maraa Rakkoon didee gad-na dhoraa Jettee komiin of rarraaftee Ofittin cufin karaakee Yaadan taane tarreessitee Tasan muratin garaakee Suuta fudhu faana miilaa Ilaalladhu qoreef gufuu Adda baasi yaraaf gaarii Milkiin maraatteef hin dhufuu Egaa dursiitii hubadhuu Maleen faarsin rakkoo cufaa Ilaalcha kee jijjiirannaan Martuu yeroon numa dhufaa. ✍️... @Kemer_Sherif_Sada tiin!
Show all...
👍 8 7
Show all...
Tarii haala kee ilaaltee Isa Amma... - Kemer Sherif Sada

Tarii haala kee ilaaltee Isa Amma keessa jirtuu Kan hin dabarre seetee Yaaddoftee yoo of cirtuu Gungumtee mataa raaftee Asiif achii naanna'aa Bubbultee...

👍 1
DOC-20230925-WA0000.-1-1.pdf4.62 KB
Photo unavailableShow in Telegram
Baay'een keessan ni beektu. Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa Ganda Geenaa Dambii jedhamtutti dhalatee guddate. Yeroo hedduu Walaloo mimmiidhagoo mana rukutan barreessuufi dubbisuudhaan beekama. Maal kana qofaree? Kitaaba📚 gumbii Walaloo mata dureen ishee #Imimmaan_Dhiiraa jettu dubbistoota biraan ga'uuf tattaafachaa jira. Maarree tumsaa fi gargaarsa keessan irraa hin dhaabinaa. Ajaahib Huseen nama kennaaf daandeettii addaa qabudha; haa jajjabeeffannu! 'Aantiin Aartii male, Aartiin Aantii male hin miidhagu.' Wal haa jabeeffannu! https://www.facebook.com/100050958348750/posts/838809377827666/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Show all...
👍 2 1
Photo unavailableShow in Telegram
Namoonni addunyaarratti Milkii gonfatan martuu Beektonnii fi Hayyoonni Har'a Addunyaaf agartuu Milkii isaan gonfatan Dafeen taane ariitiin Akkuma dhi'ee bari'uun Deemsa halkaniif bariitiin Kufaatii sodaattee Hin jedhin duubatti Jireenyuma kanatu Waa Lamaan si cuubattii Jalqaba galmaatu Kufaatii irraa ka'aa... ~ Yaalii kee addan kutin Jechaatuma tiradhu 'Yaallaan nan milkaa'aa!' Ittuma siqanii Qubaaf ceekuutti Hiixatanii qaban Hanga hunduu beekutti. Hiriyaa kiyya qaalii Nizaam Mohammudee waliin. https://t.me/Sanyii_Mootichaa ✍️... #Kemer_Sherif_Sada tiin. 📷 Shamoo Shurafaa
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Gaafa nageenya jennuu ~ Homa xiqqaa fakkaata Wanta salphaa waan yaraa Garuu gatiin nageenyaa Shallaga hin qabuu baraa... Nageenyaaf tasgabiini ~ Gaafa hangana hin turini Gaafa dur dhabnee jirruu Wal irraa dheessinee Wal jibbinee firruu... Oduu gaddaaf dhumaatiin Gurri nu hunda coomee Kunoo waggaa lama booda Shirri Ameerikaas doomee Lubbuu hanga lukkuutti Biyyaaf kenninee maaluu Mee isinis araaramaa ~Nageenya wayya jedhaatii Nageenya homtuun caaluu...! ''Nageenyi hunda dursa!'' Yaa Rabbi nagaa nuuf buusi🙏 ✍... @Kemer_Sherif_Sada tiin.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
'Bakkuma harra uratteen Golgi seenaa qaawwitii... Kottaa narraa fudhaa Barruu koo Daawwitii!' Nuun jedha Barreessaa Injinar Abdulhaliim Arabuu Kanaan dura Kitaabota sadii dubbistootaan ga'ee ture ammas Kitaaba isaa 4ffaa Daawwitii jettu Eebbisiisuuf Bitootessa 03/07/2015 Ganama Sa'aa 2:30 irraa eegalee Galma Magaalaa Jimmaa Hoteela Doloollootti sirni eebbaa waan gaggeeffamuuf akka nurraan hafne.
Show all...