cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

AANOLEE-POST

Haqaaf dhaabanna! "Nuti Hambaa Calif Aanoleetti"! @Aanoleepost Yaadaf Qeeqa Qabdan Kara Kanan Nun Gaya.👇👇👇👇 @Aanoleepost_bot

Show more
FinlandThe language is not specifiedPolitics
Advertising posts
1 005
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Finfinnee, Mudde 23/2022 – Humnoonni nageenyaa mootummaa halkan sa’aatii mana jireenyaa Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti argamu cabsanii seenuun erga saamanii booda fi ilmasaanii tokko too’annoo jala oolchuu, Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standarditti himaniiru. Miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa halkan sa’aa 5 hamma ganama sa’aatii 12tti qe’eesaanii sakatta’aa turuun qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman dubbatu Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa. Sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi Abbaa Gadaa kan Addunyaa Goobanaa murna Waraana Bilisummaa Oromoo godina Shawaa Bahaa keessatti socho’u hogganaa jira jedhuun ta’uu, Abbaan Gadaa ibsaniiru. Humnoonni nageenyaa mootummaa miidhaasaanirraan kan gahaa jiran oduu ilmisaanii Addunyaa Goobanaa jedhamu hogganaa murna WBO damee Shawaa Bahaati jedhuun ta’uu eereera.Haata’umalee mucaansaanii kun WBOtti makamuusaa ragaan mul’isu tokkoyyuu kan hin jiru jedhaniiru. “Ilmi kiyya Addunyaa (Foollee) Goobanaa jedhamu waggaa afur dura bahee bade gara Keeniyaa ce’uusaa bibilaan nutti himee kan ture ta’us sana booda achi buutee isaatuu hin beeknu. Gara waraana isaan jedhaniitti [WBO] makamuusaa ragaan mul’isu tokkoyyuu hin jiiru. Loltoota waraanaa kanneenii kan [goodina] Shawaa Bahaa isatu hoggana jedhus ragaan tokkoyyuu hin jiru.” jedhan. KMNI baatii Caamsaa bara darbe keessai hojiilee seera kabachiisuu Naannoo Oromiyaa keessatti jiru gabaasa gadi fageenyaa baaseera,namoonni maatii isaanii WBO waliin hidhata qabu jedhamanii shakkaman akka hidhaamanii fi doorsisni akka irra gahu ibsee ture. Akka ibsa gabaasichatti,miseensonni maatiin hidhaman kun kanneen WBO waliin hidhata qabu jedhamanii shakkaman dabarsanii akka laatan gaafatamu. “Humnoonni poolisii Oromiyaa fi humni raayyaa ittisa biyyaa halkan edaa naannoo sa’aatii 5:30 tti mana jireenyaa kootti erga marsanii booda cabsanii seenuun qarshii 200,000 haati mana koo daldaala dhuunfaashee hojjattee kuufattee fi kilaashii mootummaan naa kenne tokko kaartaa lama wajjiin, kilaashii dhuunfaa koo tokkoo kaartaa lama wajjiin, shugguxii mootummaan naaf kenne tokko, birrii Maazar Tireezaa 30 kan akkoon koo naaf dabarsite, warqii haadha manaa kootii kan gurraa fi mormaa, warqii mormaa kiyya tokkoo fi bilbila ammayyaawaa lama fudhataniiru,” jedhan. Akkasumas, humnoonni nageenyaa mootummaa kunneen ilmasaanii magaaluma Maqii keessa jiraatuu Injinar Badhaanee Goobanaa qe’eesaatii halkan edaa to’annoo jala kan olchan ta’uu himaniiru. “Ilmi kiyya Injinar Badhaanee Goobanaa jedhamu qe’eesaatii fudhachuun to’annoo poolisii jala kan oolchaniiru. Akkasumas, waardiyyaa mana kiyyaas uleedhaan kan rukutaniiru,” jechuun dabalanii himaniiru. Dhimma kana irratti Addis Standard Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa qunnamus qajeelchi poolisichaa odeeffannoo hin qabu jedhe. AS By Addis Standard Afaan Oromoo
Show all...
Arjantiinaan 3-0n dursaa jirti
Show all...
https://t.me/Aanoleepost ሰበር ዜና: ቅዳሴ በዎላይትኛ ሊጀመር ነው =========================== በኢትዮጵያ ኦሮቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተክርስቲያ የዎላይታ አገረ ስብከት ከንጉሥ ጦና ዱንጉዛ ጥለት የተሰራ አዲሱ የሰንበት ተማሪዎች ማሊያ ነው። ቀይ-ቢጫ-ጥቁር! ይህ በእንዲህ እንዳለ ቅዳሴ በዎላይትኛ እንደሚጀመር ተነግሯል። የገፁ ቤተሰብ ይሁኑ!
Show all...
AANOLEE-POST

Haqaaf dhaabanna! "Nuti Hambaa Calif Aanoleetti"! @Aanoleepost Yaadaf Qeeqa Qabdan Kara Kanan Nun Gaya.👇👇👇👇 @Aanoleepost_bot

Photo unavailableShow in Telegram
Finfinnee! Artist. Daddaraaroo Taakkalaa dhukkubsatee osoo Mana yaalaa deddeebi'aa jiru akka lakkoofsa habashaatti gaafa guyyaa 03/03/2015 magalaa Finfinnee Galaanitti humnoota mootummaatiin qabamee ukkaamfamuun hanga ammaatti bakka buuteen isaa hin beekamiin jira jedhu maatiin isaa. Maatii fi hiriyyoonnisaa bakkatti hidhan barbaadne waan dhabneef yaaddoo guddaa keessa waan jirruf hadaraa sagalee nuuf ta'aa jedhu.
Show all...
#inbox #Ammee Ganamaa kessaa sa'a 12:30 ttii Waraan Mootummaa PP RIB fi Faannoo Konkolaataa 190 olii fi Meeshaa Gurguddaa ZU 23 Hidhate geedoofi Jajjii giddu bulte ammaa gara Magaalaa Naqamtee deema jirti Qeerroon keenya Adaara hordofii Godha
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Yuunivarsitii_Amboo #OB SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA 🌐MARSAARIITII🌐 WWW.ABDIISABAA.COM 📹YOUTUBE📹 https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa 📩Yaada📩 @YaadaafQeeqabot
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Humni waraanaa bilxiginnaa Amboo keessatti barattoota ukkaamsee dhabamsiisaa jira. Ajjeechaa sukkaneessaa finxaaleyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti raawwataniif Murni pp ilmaan Oromoo mormii gaggeessan barattootaa fi barsiisota qabee ukkaamsaa jira. Guyyaa har’aa Mudde 12/2022 magaalaa Amboo keessatti barattoota hedduu humni waraanaa murna bilxiginnaaf ergamu qabee ukkaamsuu gabaasaan SQ qaqqabee jira. Barattoota humna waraanaa bilxiginnaan qabamanii ukkaamsaman kan maqaan isaanii nu qaqqabe barataa Obsaa_Ababaa , barattuu Hawwii_Moosisaa fi barattuu Ayyaantuu_Itichaa kanneen jedhaman dabalatee barattootni maqaan isaanii nun qaqqabne hedduun doormii keessaa maaliif sagalee mormii dhageesiftan jedhamuun ukkaamsamaa jiraachuun beekameera.
Show all...
Qeerroof hawaasni Oromoo iddoo hundaatti kaampaanii diinaaf PP kanneen PPn diinagdee irraa argaattu, kanneen akkaa ~ maddaa Albuudaaf daldala isaarratti bobbaa'aan, ~ trading habashootaf kanneen share PP waliin dalagaan ~ waarshaa bishaan dhugaatiif highland raabsu, ~ kaampaanii dhugaatii alkoolii fi dhugaatii lallaafaa(habasha, giorgis, castel beer fi Pepsi, coca fikkf) ~waldaalee geejjiba(konkolaattoota Akka Odaabus, salam bus, Tata fikkf)   ~Baankiilee diinaaf share diinaa,  tahaan kanneen akka (Innaat, abisiiniyaa, Nib Baankii daldala Itophiyaa fi Amhara bank) ~Oomishaaf raabsa zayita nyaataaf shukkaaraa abboota qabeenyaa habashaa kanneen Akka (balayina kindeef warquu ayitenaan hoggaanamuu) ~Oomishaalee lafa Oromiyaa irraa Finfinneef dhihaatan kanneen Akka, Timaatimaaf shunkurtaa(Bahaa shaggaar maqiif project awaaash qarqaraa irraa) ~Dhadhaaf aannan(Kaaba shaggaar irraa) ~midhaan nyaataaf buna lixa Oromiyaaf kibbaf jimmaa irraa ~mukaa qoraanif ijaarsaaf oolu fi cilee ~Ashawaa(maansa/cirraacha) ijaarsaaf oolu akkasumaas dhagaa ijaarsaaf albuudaa fi Kkf ~boba'aaf konkolaattoota ala meeshaalee galchaan(koriidarii) guutuu Oromiyaatti, saamuu, Akka hin sochoone ugguruu, gubuu, caccabsuuf ukkaamsanii itti  gara itti fayyadamuutti seenuun murteessaadha. Qabeenyaalee kanneen uummanni Oromoo guututtis tahuu irraa jalaan qajeelche beeka waan taheef iddoolee mijatoof aanjaa qabaniitti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Dura bu'uummaan mirga ofittisaa heera addunyaan kennameefitti dhimmaa bahuun dhaabbilee shoroorkeessaa hidhachiisuuf tumsuun duguuggaa sanyii Oromoo irraatti banaan kana ofirraa ittisuun murteessaadha.          #WOB        #MSO kanaatti ceetun alaa sochiin nagaan sagalee dhageessisuu PPn irreen uguree jiraa!
Show all...
Shaashamannee ! -------- Shaashamanneeti Barattootii Yuunivarsiitii Riift Vaaliy baratan hedduun guyyaa hiriira balaaleffannaa mootummaa nama nyaataan mormuuf bawan irraati dararaafi hidhaan guddoon dhaqqabeera .Barattoota mana hidhaati dararamaa jiran keessa kan maqaa arganne kunooti. 1 Liiban Duubaa 2 Duuba Guyyoo 3 Qabballisoo Diidaa 4  Xummee Abkuulaa kan jedhamaniidha.Barattooti garuu laakkofsaan baayyee ta'uu dubbata warrii keessa beeku. #Hidhaan Furmaata Hin Taatu !
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Dirre Dawaa! Gumaa Saqqataa Gem guyyaa kaleessaa Dirre Dawaa keessatti humnota tika mootummaatin qabamuun isaa beekameera. Hanga ammaatti achuma keessatti hidhamee jira jedha odeessi. Nama rakkoo saba isaa dubbatu hidhuun bu'aa isiniif hin qabu. Haqa sabichaa dubbachuun yakka miti, warra haqa ukkaamsutu yakkamtoota malee!
Show all...