cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dubbisii guutuu ta'i .

Just fata no xaxa

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
243
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Silaa sin liqimsa Nan dabartu qoonqoo Baayyeen si jaaladha Dhugaa rabbii foonkoo Gar-tokkee qaama koo Mi'eessituu jiruu Yoomiyyuu yoo ta'e Sirraa garaa-n hiruu! Ijjikee biiftuudha Uumamaan kuulame Wanti miidhaginaa Sumarra tuulame! Nyaarri kee gobbuudha Funyaan keemmoo qaraa Addeenyi ilkaan keetii Nama raasa garaa! Haadha simboo tiyya Magaallee koo qalloo Gubaan jaalala kee Jabaateehoo malloo? Suma bira taa'een An sin ba'u dharraa Yoomuu hin eeyyamu Fagaachuu kee narraa Halkan dugdaan ciiseen Yaada kee aboota Siif of dhabaan jira Maaf akkas nagoota? Otuman siyaaduu Biiftuun baati barii Siif hirriba dhabeen Huqqataara tarii, Sidhabee hin jiraadhu Jiruu hiika hin qabne Atis na jaalatta Beeka akkan sin dhabne Laga tokkoo baane Sumatu naan mala Barana sin baasu Fuudheetan siin gala! ✍️ @KuusaaWalaloo1 @KuusaaWalaloo1
Show all...
Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Waan Jajjabaa 3 Abaa Hureyraaf dhaame. 1. Ji'a hundarraa guyyaa sadi akka Soommanu. Guyyaan sadan kun 'Ayyaamul-biid' ja'ama. Guyyaa Jiini(addeessi) goobanu, baatii irraa guyyaa 13, 14 fi 15 jechuudha. 2. Salaata Duhaa akka Salaatu. Duhaan Salaata Zuhrii dura, yeroo oowwi cimaa dhufu Salaatama. Duhaan Sunnaa akkaan jaalatamtu! Mu'minaatu eegee tiifata. Duhaa Raka'aa lamaatu Salaatama. Kan achii ol godhachuu barbaadeefis hayyamaatu jira. 3. Osoo hin rafneen dura Witrii akka Salaatu. Salaatni Witrii, Salaata Ishaa'iin booda Salaatamu. Salaata halkanii bakka bu'a jechuudha. Namni halkan ka'ee Salaatuu hin dhaqqabne, yeruma rafuuf deemu Witrii(qarii) Salaata. Salaatni Witrii 1, 3 ykn 5 tu Salaatama. Kan achii ol godhachuu barbaadeefis hayyamaatu jira. Garuu lama-lamaan Salaatee tokkoon cufuu qaba. Dhaamsa Ergamaan Rabbii Muhammad ﷺ nama jaalatuuf dhaame kana qalbisaa itti dalagaa.
Show all...
Yaadolee dadammaqiinsaa 12 ⚪⊰━━━━━⊱🔴⊰━━━━━⊱⚫ 1. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha". 2. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin". 3. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha". 4. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin". 5. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate". 6. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u". 7. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa". 8. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan". 9. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama". "Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible". 10. Maya Angelou - " Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan". 11. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte". 12. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi". Gltm 🙏 https://t.me/foiahmd
Show all...
Dubbisii guutuu ta'i .

Just fata no xaxa

Kun kan mullisu, qaamni Oromoo ajjeesaa jiru kun wiirtuun diinummaasaa Oromummaa ta'uudha. Yaa Oromoo "Abbaatu of mara' jedhe, Bofti" rakkoo nutti dhufeef falli numa harka. Falli ammoo Tokkummaadha. Hirree ofii jabeeffatanii of kabachiisuudha. Yeroo baayyee murteessaafi ijoorra jirra. Kana wal hubachiisuun yoo baayyee ulfaatellee akka hin duunetti wal ijaaranii wal eeguun dirqama. Diinni Afaan keenya dubbatuufi afaan ormaa dubbatu yeroo wal ta'ee nutti duulu kanatti, nuti warri Afaan kaayyoo tokko dubbatu qabnu wal taanee dura dhaabbachuun nutti hin cimin. Balaan hamaafi labsiin duguuggaa hoogganaa waraanaatiin maqaa sabaa dha'ee yoo labsamu, akkamitti callisaan irra darbama. Miidiyaan labsii duguuggaa kana dabarsu biyya keessa taa'ee, beekamtii mootummaa qabaatee kana godha. Kanaaf furmaatni tokkittiin tokkummaafi ijaarama. Tokkummaa! Vedio lin kanaan argattu https://www.facebook.com/100002659571209/posts/4160615007370444/?app=fbl https://www.facebook.com/100001348563689/posts/4298622353526008/?app=fbl Hojii Daninnatii keessa Tapha Sammuu ittiin Ummata bal'aa Burjaajessantu jira. Taphni kun Afaan manichaatiin #PSYOPS jedhama. Psychological Operation (Haleellaa Xinsammuu) akka jechuuti. Yaadrimeen isaa bal'aadha. Ammoo Waanuma xiqqoo kan badhoon dhimma Itti bahaa jiru haa ilaallu. Xinsammuu Ummataa haleeluudhaaf dursitee namoota Ykn Gurmuu Ummataan deeman filatta. Namoonni Kunnin namoota siyaasaa, Atileetota, Artistota, Goota biyyaa, Sayintistii fi kkf ta'uu mala. Erga Adda baafattee booda Qorannoo Cimaa gaggeessuudhan ramaddii Opireshiinii kennitaaf. Hiccitiidhaan malee Itti himamee miti. Namoota kanatti dhimma baatee Haleellaa Xinsammuu (PSYOPS) Ummata irratti raawwachuuf jechaadha. Akkaatuma kanaan hojiitti galta. Badhoon maal godhe? 1) Hacaaluu Ajjeese Jawar fa'aa hidhuudhaan Haleellaa xinsammuu Jabaa Ummata itoophiyaa qofa miti Addunyaa irratti raawwate. 2) Artistota fi Atileetota muraasa akka bandiraatti Of dura qabuudhaan ammoo Hojiiwwan Mooksaa (deception and counter-deception) hojjete. Kana jechaan, Adaaduma Warri kun isa faarsaniifi biratti mul'atan Sammuun Ummata addunyaa gaaffii garagaraa kaasa. Namoonni beekamoo (famous) ta'anii itophiyaa addunyaatti waamsisan kun lafaa ka'anii isa hin faarsan kan jedhu Qalbiitti yaaduu. Haleellaa xinsammuu ta'uu isaa kan hubatu Nama bilchaataa qofa ta'a. Ummanni keenya hin baranne, kan midiyaa ugguramee fi Lallaba TV/Radio Motummaa qofa dhaggeeffatu guddoo haleelame. 3) Namoota baratan fi Sayiinsii beeku jedhamanii Yaadaman fayyadamuun Ajandaa ummataaf (Keessumaa Dargaggeessaaf) kennuun qabsoo fi Hammeenya dagachiisuu. Fknf Dhimmoota Walqunnamtii saalaa irratti Bifa Dargaggoon si'aahuun 'content" garagaraa qooheessuun Ajandaa kennuu. Dhimmoota akka Alkolii, Sport, qumaara, Tiyaatira Ykn 'Episodic drama' tiin Dargaggoo suusii qabsiisanii Gabrummaa ho'ifatee Akka ciisu gochuu. Fi kkf 4) Opireshiinii #3C (Confuse Convince or Coerce) fayyadamuu. Kana jechaan Jalqaba Burjaajessuudha. Burjaajessuuf Ykn Ija si kabala. Ykn Waan bareedu si fuldura biliclic godha. Erga burjaajoftee booda Tiwoorii fi Soba daraddaree si amansiisuu yaala. Guyyaatti sadii nyaachuu hin dandeessu Badhaadhaa jirta badhaadhuuf deemta siin jedha. Yoo mataa jabaattee amanuu didde Coerce si godha. Si cafaqa jechaadha. Kunoo akka Addababayiitti nama rashanu kana. Namni rashanamu kun Haleellaa Xinsammuu akkam akka biyyarraan gahu yaadaa. HALEELLAA XINSAMMUU OROMOO IRRATTI RAAWWATAMAA JIRU KANA DANDAMACHUUF BAAY'EE HOJJECHUU BARBAACHISA. ERGAMTOOTA BEEKANIIS OSOO HIN BEEKINIS KANA KEESSATTI HIRMAATAN HUBACHIISUUN QABSOO CIMAA GAAFATA. hin rafinaa. Halkanii Guyyaa hojjedhaa . #Walabu @ODATB #Isheen_Anaaf_Amma_Iyyuu_Tokkoffaadha...!! Please dubbisaa... Moodelaa fi bareedduu biyya Awustiraaliyaa kan taate 'Turia Pitt' balaa ibiddaa ishee mudateen qaamni ishee dhibbantaa torbatamni (70% ) manca'e. Quba harka ishee lamaa fi rifeensa mataa ishee guutummaa isaa dhabde. Rifeensi amma mul'atu kunis kan ishee isa uumamaa miti jechuudha.
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

"work will set you free (ARBEIT MACTH FREI) Barreeffama seensa Manichaarratti argamuudha" Imaammata Sooshaaliizimii(Nazism) kan Sanyii makuu balfuu fi Sabboonummaa Germany leellisu, Imaammata lafa baballifannaa baafachuun bara 1933 A.L.A tti Adolf Hitler gara aangootti asbahee labsate. Yeroo kanattidha, Imaammatni Naazii Germany Tajaajila siivilii akkasumas hojiilee garaa garaa akka isaan hin hojjenneef dhorku lammiilee Jewsh(Yuudota) guutummaa Germany keessa jiran irratti labse. Yuudonni kunneenis Hojii ittiin bulmaata isaanii, akkasumas dinagdeen isaanii rukutamuu waan jalqabeef falmuu jalqaban. Imaammatni Naazii kun Kan dhorku, Hojii kamiyyuu akka hin hirmaanne, Daldala akka hin geggeeffanne, Beeksisa gaazexaa kamirrattuu akka hin maxxanfamne cichee kan dhowwu ture. Seerri bara 1935 magaalaa Nuremburg (Laws of the German blood and German Honor) tti bahemmoo Yuudonni firooma dhiigaa Jarmanoota waliin qaban akkasumas fedhiidhaan lammiilee jermanii tajaajilanii tajaajilamuu qabu kan jedhu seerri laafaan tokko bahe, kunis gamtokkoon gaarii haa fakkaatu malee adda baasuuf baayyee rakkisaa ture jedhama. Jarman akkuma Baha Europe Poolaandiin qabatteen booda bara 1939 tti duula waraana addunyaa lammaffaa dadammaksuu (Triggering world war II) bulchiinsa warra poolishii fi namoota ciccimoo biyyattii rukuttee dhabamsiifte. bara 1940 tti Kaampii waraana Germany kan tahee qabamee ture Mooraa Ooshiviitzii gara mana hidhaa guddichaatti jijjiirtee lammiilee biyyattii siyaasaan shakkaman achitti uggurte. waxabajji 22, 1941 eegaltee gara bahaatti, daangaa baballifachuu itti fufuun Tokkummaa Sooviyeetii weerarte. Dhuma bara kanaarratti loltoota Jeermaniitiin lammiileen Jewsh 500,00- 800,000 tahan irbaata Rasaasaa tahanii jumlaan ajjeefaman. Konfransii Wannsee, Berlin 20, Fulbaana 1942 booda Reinhard Heydrich gaaffilee Yuudotaa mariif dhiyeessuun jalqaba bara 1942 tti murtoon Juushota guutummaa Aawurooppaa keessaa haxaawuu labsameen. Bu'uuruma kanaan Saamaraawan Ibiddaa kaampii cunqurfamtoota miliyoonota of keessatti qabatu erga Ooshviitzi(Auschwitz), Bełżec, Chełmno, Majdanek, Sobibór, fi Treblinka tti ijaarame. Hidhamtoonni baayyeenis akkuma baaburarraa buhaniin bakka kanatti Gaasii summaahaatiin obbaafachiifamu. Anis Carraa argadhee Kaampii kana keessaa Isaan gurguddoo jedhaman lamaan har'a daawwadheera. Kaampiiwwan lamaan Oshviitzi I fi Oshvitz - Birkeneu jedhamuun waamamu. Kutaan bulchiinsa Oshwitzi tokkoffaa Dr Joseph Mengel yoo tahu, hogganaa Naazii isa gara jabeessa jedhamuun beekama. Gochi gara jabinaa nama sururu, Lakkuulee lamaan dhalatan daayisektiing dugdaa hanga gadiitti baqaqsuun maalif akka lakkuu tahan qoratama, Sababni kun godhamuuf ammoo Erga guutummaa Awuroopaa tohataniin booda sanyii Jarmanootaa baayyisuuf saayinsii qorannoo sanarraa argamutti dhimma bahuuf akka taheedha. Oshviitzi tokkoffaa keessa kutaawwan akka Disecting room, Akkasumas Saamaraawa Ibiddaa(Concentration camp) Xuubiiwwan gurguddaa irraa tolfaman ibiddisaa fageenyarratti lubbu qabeeyyii baqsuu dandahu, Dhagaa cileetti Buufaawwan gurguddoo Afuriin itti buufama. Saamaraawwi ibiddaa tokkichi altokkotti Reeffa namoota 2000 gubee daaraa gochuu dandaha. .... Itti fufa. Join and share @ODATB Duguggaan sanyii Ruwaandaa keessatti raawwate akkuma hooggantoonni waraana mootummaa Itoophiyaa, miidiyaa Asharaa jedhamurratti dubbachaa jiran kanatti eegale. Dubbiin hamaa Raadiyoo Ruwaandaatiin eegalte sun lubbuu namoota kuma dhibbaan lakka'amanii baastee, kisaaraa guddaa booda dhaabatte. Yeroo ammaa kanas, haalli nuti akka sabaatti keessa jirru baayyee kan nama yaaddessuufi fakkii seenaa Ruwaandaati. Humnoonni diinaa lubbuu ilmaan Oromoo galaafachuuf miidiyaarratti ba'anii ifaan ifatti waamicha waliif taasisaa jiru. Raawwiin waamichasaanis ifatti argamaa jira. Diinonni kun ammoo Booranatti Afaan Oromoo dubbachaa ijoollee Oromoo rashanan. Wallaggatti ammoo Amaariffa dubbachaa qonnaan bulaa Oromoo rashanan.
Show all...
Argitee! Kan eenyuyyuu jijjiruu dadhabee itti dhiise kitaabni tokko salphaattii jijjiruu isaa. Akkuma Kitaaba Marklin dubbisee xumure baatii tokko booda Kitaaba "Istai magki perusie" yookiin "Gaaddidduu kooti" jechuun barreessee maxxansiisuun gabaarra oolchee beekamtii guddaa gonfate. Kitaabni isaas Doolaara Ameerikaa miliyyoona 1.7n gurguramee wanta ajaa'ibaa jedhame. Dubbistoota hedduu horachuun jaallatamummaa olaanaa argate. Baruma walfakkaatu keessa kitaabota falaasamaa, asoosama, walaloowwan fi kan kana fakkaatan 13 barreessee maxxansuun gatii gaariin gurgurate. Barnoota isaattis barataa cimaa ta'uun Waggaatti badhaasa sadi argate. Dargaggoota yeroo gabaabatti jijjiraman jedhamuun akka biyyaatti badhaasa guddaa fudhate. Bifuma wal fakkaatuun waa'ee seenaa isa darbee sana barreessee kitaabolee 4 maxxansiise. Join and share @ODATB Goota dhalootaaf fakkeenya ta'u qabaachuun waan salphaa miti. Waraana addunyaa lammaffaa booda, seenaa irra deebiin ijaaramuu biyyoota hedduu (Global Reconstructive) keessatti wanti dursaafi qajeeltootti dhimmi itti ba'ame uumata amileessuudha. Kun ammoo goota uummatichaaf waan gaarii hojjete faarsuun, sababa inni wareegameef yookaan ammoo gaarummaa inni lafa kaa'e dhalootaafi uummatatti himuudhaan ashaaraasaa seenaa biyyaa keessa kaa'uutiin raawwatamaa ture. Dhaloonni yeroo seenaa gootasaa dhaga'u, akka inni sabasaaf yokaan uummatasaaf ta'e sana ta'uuf amilee godhata. Seenaa gaarii inni hojjete bakkatti eeguun, ofiis waan gaarii dalaguuf karaa ilaallata. Kun tooftaa yookaan approach ittiin uummata ofii mullata tokkotti hiriirsitudha. Sabni baayyeen, uummatniifi biyyi hedduun keessattuu ammoo qabeenya walii galaa kan waliin himataniifi qooddatan warreen hin qabne, Goota Waliinii dhaadessan hin qabani. Kana ammoo asuma biyya keenyatti fakkeenya hedduu kaasuun ibsuu dandeenya. Gootota warri Itiyoophiyaanotaa faarsan hedduun diinota saboota cunqurfamoodha. Kan saboonni faarsan ammoo biyyattiitu jibba. Kanaaf akka biyyaatti namni tokkochi afaaniifi yaada tokkoon ibsamu dhibe. Garuu nuti akka uummata Oromootti, akka sabaatti goota fakkeenya nuuf ta'u yoo quufnee dhiisne malee, lakkoobsiyyuu kan itti ba'u miti. Waggaa 150 asittis ta'e isa dura namoota fakkeenyummaa gaariitiin seenaa eenyuyyuu dalaguu hin dandeenye lafa ka'aan kumaatama qabna. Goototni keenya baayyeen, dubbatanii waliif galanii qabsaa'uurraa hanga barreessanii wal barsiisuu, waliif obsanii waliif dhiisuu, yoo barbaadde ammoo mari'atanii iccitii qabachuutii hanga Iccitii dhoksuufi Waraqaa alanfatanii nyaachuutti warra fakkeenyummaa guddaa nuuf ta'anidha. Oromoon quufa malee beela gootaa hin qabu. Irra hafa malee hanqina hayyootaas hin qabu. Dhalootni nu duraa Kutaa Oromiyaa hunda keessatti fakkeenyummaa nu barsiisaniiru. Jaalalaafi beekumsaan geggeeffamaniis waa hedduu hojjetaniiru. Kun ammoo carra qabeessummaadha. Nama fakkeenya namaaf ta'u of duraa qabaachuun eebba Rabbiiti. Kanaaf nuti dhaloonni keenya, carraa argame hundaan warra Oromootiif gaarii godhanii wareegaman faarsaa, warra yaraa nu tolche ammoo dhalootatti gantummaa isaanii barsiisaa deemuun gaariidha. Keessattuu Oromiyaa ijaaruufi lubbuun tursisuuf tooftaan (approach) dhimma itti ba'uu qabnu, seenaa gootota keenyaa walitti himnuudhaan yoo ta'e milkaa'inatti nu geejiba. Mallattoo Oromummaafi Oromiyaa ta'uu gootota keenyaa wal haa barsiifnu. Oromiyaan maqaa salphaatti moggaafamte akka hin taane, utubaan ishee lafee goototaa keenyaatiin, Simintoon ishee dhiiga hayyoota keenyaatiin tolchamuu wal haa barsiifnu. Qabsaa'aafi goota lubbuun jiru arrabsuufi xiqqeessuurra, gaarummaa goota keenya isa lubbuun darbee walitti himnee fakkeenyummaa haa horannu. Yoo dandeenye ammoo goota lubbuun jiru haa kabajnu. Jejnee jabeessuun nutti ulfatus, callisuun amileesaa haa eeggannu. Walumaa galatti gootota fakkeenya nuuf ta'an erga qabaanne, nutis fakkeenya ta'uuf of haa qopheessinu. Oromiyaan bara baraan haa jiraattu. #Via_Lalisa Join and share @ODATB Namni miira sururu qabu dubbisuun dhorkaadha❗ IMIMMAAN OOSHVIITZII (AUCHWITZ)
Show all...
Isa gubbaarra jiru mitii ijoolleen joonjoon Qeerroo jijjiiramaa jedhamuun akka horiitti garaaf jettee haleelamtee Dabballee mootummaatti nam'ite marti osoo xuuxxoo hootee hin quufin shugguxii rarraafattee yaati. * Waan nagaa yoo hojjette ofitti amanamummaa horatta, homaa hin sodaattu wareegamas yoo ta’e Akka Haacaaluu Hundeessaatti wareegama kabaja qabu fudhatta. Nagaa hin dhabinaa Share and join Our channel @ODATB #WAAN QE'EE KEETTI OOMISHUU DANDEESSU ALAA HIN BITATIN...👇 === Yeroo ijoollummaatti anis, haati warraa kiyyas qe'ee warra miishinarootaatti guddanne (ani Uraagaa, Godina Gujii Bahaatti, haati warraa kiyyammoo Aayira, Wallagga Lixaatti). Qe'ee warra faranjiitti waan argee keessa kiyyatti hafe keessaa inni tokko kuduraa fi mudura garagaraa qe'eesaaniitti oomishu. Rakkina qarshii hin qabanu, garuummoo waan ofii qe'eesaaniitti oomishuu danda'an alaa bahanii, gabaarraa hin bitanu. Appilii isaan yeroo san dhaaban ijoollummaatti yaabnee irraa nyaachaa guddanne. Dhimma kana kan kaaseef haala qaala'iinsa jireenyaa yeroo ammaa jiru kana to'achuuf dhiyeessii dabaluun barbachisaadha. 'Economics'n akka jedhutti, qaala'aniinsi gatii (inflation) ka'umsa lama qaba: 'Demand Pull Inflation '- fedhiin waliigalaa (aggregate demand) dhiyeessii waliigalaa (aggregate supply) yoo caale kan uumamuu fi 'Cost Push/Supply Side Inflation' - dhiyeessiin waliigalaa fedhii waliigalaarraa gad yoo ta'e kan uumamuudha. Haala amma jirru yoo ilaalle, dhiyeessiin waliigalaa xiqqaatee, fedhii waliigalaa jiru guutuu waan hin dandeenyeef qaala'iinsa uumame fakkaata, sababiileen kan biraa jiraatanis. Dhiyeessii waliigalaa sababoota garagaraatiin hir'atee fedhii waliigalaa keenya guutuu hin dandeenye kana dabaluuf, qaala'iinsa gatii kana hamma ta'e hir'isuuf, gabaa tasgabbeessuuf...oomisha dabaluun barbaachisaadha. Oomisha dabaluudhaaf immoo akkuma miishinarootni qe'eesaaniitti kuduraa fi mudura garagaraa oomishan sana qe'ee xiqqoo qabnurrattis ta'e bal'aa jirurratti waan oomishuun danda'amu osoo oomishnee, baasii keenyas hir'isuu, galii keenyas dabaluu, hamma ta'e qaala'iinsa gatii uumame tasgabbeessuu keessatti gahee keenya bahuu ni dandeenya. #Hojjadhaatii irratti nakadhadhaa jedheera Waaqayyos. 👉Wanti hojjattanuu fi oomishtan kamuu isiniif bu'aa haa baasu. 👉Hojiin harka keessanii hundumtuu haa eebbifamuu! Milkaa'aa! Join and share @ODATB SEENAA AJAA'IBAA Felix B Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter. Felix umurii ijoollummaa isaa waggaa 15niin dura mucaa abaaramaa, kan maatiif hin ajajamne, yeroo hunda bakka badii kan ooluu fi barnootattis baay'ee dadhabaa kan tureedha. Manaa baruumsaa itti baratu keessaa namni sadarkaadhan isaa gadi ta'e hin jiru. Maatiin isaa warra sooressa jedhamuun biyyattiitti maqaa guddaa qabaniidha. Daldala warqeen kan beekaman harmeen Felix qabeenya hedduu kuufachuun jireenya gaarii jiraatu. Abbaan isaa mana Kitaabaa guddaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuun dubbiftoota hedduu horachuun sammuu namaa hedduu dammaqseera. Feelix hanga kutaa 6 gahutti hangas mara nama sammuu sirrii hin fakkaatu. Faallaa waan deemuuf, Isaaf "godhiin dhiisii yoo ta'u, dhiisiin immoo godhiidha. Firaa fi hiriyyaan hunduu yoo gorsan gurra ittiin isaan dhagahu hin qabu. Feelix jechuun afaan iskootishitti rakkisaa jechuudha. Badee hin badne Feelix isa "yaadni galgala dhufa, humni ganaama dhuma" jedhantu ta'e. Feelix tiif yaanni galaafii dhufe. Kitaabota mana kuusaa abbaa isaa keessa jiru dubbisuu amaleeffate. Keessumaa kitaabni Marklin Verd barreeffame kan "Wak Dod" yookiin Wal barra jedhu Felixin ijaaree. Kitaabichi ogummaa guddaan kan barreeffame yoo ta'u Markliin fi Felix walbarsiisee hiriyyoota isaan taasise. Feelix yaada Markliin guutumaa guutuutti yommuu amanu nama qajeelaa ta'uu danda'e.
Show all...
Biyyaatti keessattis waa'een balaa ishee mudatee kun ho'ee haasa'ame. Miidiyaaleen addunyaa gurguddoonis angafa oduu isaanii godhatan. Jaallattoonnii fi dinqisiifattoonni ishees akka ishee duriitti deebi'uu hin dandeessuu jechuun abdii irraa kutanii gadda guddaa gaddan. Miidiyaalee af-gaaffii ishee fi abbaa manaa isheetiif godhan keessas gaazixeessan tokko abbaa manaa ishee gaaffii hin eegamin tokko gaafate. Gaaffiin isaas, "Yommuu ati ishee wajjin gaa'ela dhaabbattee fi jaalala isheetiif jilbeenfatte 'Turia' n bareedduu Awustiraaliyaa turte. Amma garuu guutummaan guutuutti miidhagina ishee sana dhabdee jirti. Atis gadda guddaa keessa akka jirtu dubbachaa jirta. Gara fuula duraatti haadha manaakee godhattee hafta moo karoora maalii qabdaa?" jedheetu gaafate. Abbaan manaa ishee 'Michikel Hoksin' s deebii hattatamaa kenneef. "An ishee fuudha yeroo muraasaa qofaaf hin fuune. Amma du'aatti walii wajjin akka jiraannu waadaa waliif seenne. Kan gubate qaama isheeti. Kanan fuudhee wajjin jiraachuuf waadaa seene immoo lubbuu ishee fi namummaa isheeti. Isaan immoo amma iyyuu fayyaadha. Ibiddi isaaniin hin gubne. Kanaaf isheen amma iyyuu anaaf akkuma dur yeroon ishee jaalladhee barbaacha isheetiif karaa dheeraa deemaa ture sana bareedduudha. Eeyyeen isheen amma iyyuu anaaf bareedduu Awustiraaliyaa ishee kumaatama dhiirota ishee jaallatanii keessa anaan filannoo ishee godhatteedha. Magaalattiif ta'uu dhiisuu malti garuu anaaf amma iyyuu bareedduu ishee tokkoffaadha. Abjuunkoo isa gara fuula duraas ishee wajjin qofa xumuruuf kanan karoorse. Kanan jechaa jiru garuu waa'ee miidhagina dinqisiifannaa qabuu osoo hin taane waa’ee namummaatii!" jedhee deebiseef! 'Turian' s, "Qaamakoo dhabuu malee abbaa manaakoo nan dhabaa shakkee hin beeku. Inni jaalala miidhagina qaamakoo isa alaan mul'atuu fi namoonni dinqisiifatan irra caalu ana jaallata. Kanaaf akka inni natti hin jijjiiramne cimseen beeka. Anis amma iyyuu isaaf gargaartuu gaarii ta'ee itti fufuu nan danda’a. Wanti natti hir'atee jiru tokkos hin jiru. An ammas jabduudha. Bareedduu Awustiraaliyaa ta'uunkoo kanaan yoo xumurames, anaaf garuu jalqabbii jireenyakoo isa haaraati malee xumura isaa mitii! jechuun deebii kennite! 💘Egaa jaalala jechuun isa kana. Isa dhabuu hin qabne namummaakee isa keessaa hin dhabin malee bariidina qaamaakee isa alatti mul'atuu waan kamiin illee yoo dhabde ati nama si jaallatuuf yeroo hundumaa guutuudha. Yeroo hundumaa tokkoffaadha. Namni sj jaallatu akka tiivoozookee warri guyyaa mo'ichakee qofa hsarka siif rukkutanii sana miti. Inni/ isheen yeroo hundumaa si wajjin jiru!! Dhugaa ofii kootii seenaa kana yommuun dubbise bo'eera. Miiran keessatti of to'achuu hin dandeenye keessas seeneera. Boriikootiif garuu waan guddaa irraa baradheera. @ODATB Yeroon isaa bara waraana addunyaa lammaffaa ture. Hayyama argatee boqonnaaf gara mana jireenya isaa gaafa imalu konkolaataa raayyaa reenfa danuu fe'ee deemu gaafa argu, Diinni maagalattii rukutuu isaa hubate. Konkolaatichi reenfa hedduu fe'ee gara lafa awwaalchaa jumlaa geessuf qophaa'aa ture. Reenfota fuuldura isaa tuullaman yeroo xumuraatif hubatee ilaalaa kan ture raayyaan sun tasa kophee haadha manaa isaaf bitee tureen kan wal fakkaatu arge. Fiigichaan gara manaa yoo qajeelu haati warraa isaa hin jirtu. Dafee gara reenfotni tuulamanii jiranii deebi'ee yoo sakatta'u reenfa ishee arge. Raayyaan sun rifaatun isaa gaafa irraa darbu haati warraa isaa boolla jumlaan awwaallaman keessatti akka awwaalamtu hin barbaadne. Namoota sirna kana gaggeessan ayyamsiisee haadha manaa isaa seeran awwaallachuuf gaafa jedhu, afuurri ishee hanga dhumaatti hin baane ture. Dafee gara hospitaalaa geesse. Yaalii godhameefis fayyite. Dubartiin awwaalamuuf turte fayyitee waggaa muraasa booda ulfooftee ilma godhatan. Ilmi ishee ammoo Vilaadmeer Puutin jedhama. Pireezdaantii Raashiyaa yeroo kanaati. Lubbuutti yeroo kamuu abdii hin kutin. Sekoondonni utuu hafaniifii illee amanamummaan olchuuf hojjedhuuf. Achi keessaa kan bahu dhugaatti baroota keessatti dhiibbaa isaa fiduu ta'aatii. #Share and join @ODATB
Show all...
Garuu ammatti faayidaa isaaniif malu dhabanii siyaasa harka lafa jalaa warra adiin jeeqamanis xiinsammuu dhalootaa keessa yaadni ofiin of bulchanii walqixxummaan jiraachuu ni jira. Gara biyya Itiyoophiyaa kanaatti yoon deebi'u Olaantummaan gama siyaasaa, Amantii, Hawaasummaa , diinagdee fi barnoota harka warra Habashaa ( Amaaraa) ture; ammas jira. Siyaasa akkuma addunyaattiyyuu kan raasu isa kaazinaa cimaa of harkaa qabudha. Abbootiin Qabeenyaa Amaaraa deeggarsa isaan waraana isaaniitii hanga qotee bulaa hunda hidhachiisuu gochaa turan ni beekna. Sadarkaa Federaalaattis Aanga'oonni bakka murteessoo akka Baankii Biyyaalessaa, Waajjira Tikaa, Ministeera Galii,... fi kanneen biroo kan to'atee jiru Amaara. Akka fedhanittis Siyaasa biyyaa Diinagdeen dabaalanii burjaajjessuu danda'u. Fkn Yeroo darbe Baankiin Biyyaalessaa liqii dhorkee ture. Isaanimmoo Seera kana cabsanii Abbootii qabeenyaa warshaa zayitaa qabaniif akka hayyamamu taasisan. Abbootiin qabeenyaa Warshichaas kan akka Balaayinee Kindee, Warquu Ayitenew ... fa'i. namoonni kunimmoo ilaalcha Nafxanyummaa deebisuuf maallaqa ispoonsera ta'anii yaadaaf humnaan warra deeggaraa jiranidha. Hawaasummaaf amantiin yoo ilaalle irra caalaa sammuu Oromoo hedduu irratti mana ijaarrataniiru. Oromummaa isaa dagateet Habashaa jala eegee raasa. Nama barates nu caala qabu. Harki caalaan warra Amaaraa amantii wal fakkaataa waan qabaniif uummata jireenya Hawaasummaaf Amantiin mandara namaa dhaabbate osoo hin ta'in warra mandarasaa saboota biroo dhaabanidha. Oromoon mandara sagal jira. Kunimmoo ilaalcha garaagaraa gama siyaasaaf amantii, fi Hawaasummaan akka gargar fagaatu isa taasisa. Barumaan gadadoon irratti wal furee akka tokkummaa faarsaa jiraatu isa taasisa. 👉 FURMAATA:- ► Ilaalcha fi amantii Alagaa jala deemuu dhiisuu ► Fuulduraafis Qaamni mootummaa oromoo ta'ee aangootti bahu warra alagaa jala deemtee Firfaarii funaannattee Diinagdeef hawaasummaan uummata Oromoo gatte bifa cunqurfamtoota gammachiisuun hundumaayyuu wal qixxeessuu. ► Yakkamaa Uummata dararaa ture fi jiru osoo beekuu dalagaa waan jiruuf Adabbii seeraa isaaf malu dhiifama tokko malee kennuu. ► Faayidaa siyaasaa qofa osoo hin taane , Saba of ta'ee wal ta'e ijaaruu irratti fuulleffachuu... fkkf nidha! Galatoomaa Hidhaa @ODATB kana tuquudhaan join godha. @ODATB #Angela_Merkil chaansilera Biyya Jarmaniiti. Saayintistii Fiiziksii fi keemistirii yoo taatu; Afaanota Jarmanii, Ingiliffaa fi Ruusiyaa haalaan dubbachuu dandeessi. Gamtaa Awurooppaatti Dubartii Biyya Qabeenya qabdu hoggantu fi sadarkaa Addunyaatti tarree hoggantoota ciccimoo (ተፅዕኖ ፈጣሪ አመራር ) fi daraan kabajaman keessaa nama tokkodha. Haa ta’u malee Tajaajila bilisaa mootummaan Jarmanii kennu hin fayyadamtu Miindaashee qofaan jiraatti. Tajaajila akka mana Jireenyaa, Elektiriikii, bishaan, bilbila, Bashannana fi kanneen biroo bilisaan hin fayyadamtu, akkuma lammii Jarmanii tokkootti kanfaltee jiraatti. Wantoota Gabaarraa bitaman kamiyyuu ofiishee bitatti. Suurichi yeroo isheen Super market Berlin keessatti argamu tokko keessa shamatattee kiisa ishee keessaa maallaqashee kanfaltudha. Gaazeexeessaan tokko akkas jedhee gaafaate " Waggaa 10 dura uffata amma uffattee jirtu kanaan akkan suura si kaase yaaddattaa?" jedheen . Isheenis akkas jetteen " Kaayyoon kiyya lammiilee Jarman tajaajiluu malee modelist ta'uu miti" jetteen. Biyya kanatti garuu hojjetaan mootummaa uummata tajaajiluuf osoo hin taane uummata mankaraarsuuf biiroo seena. Malaammaltummaa dalaguuf qofa deema. Fkn barattoota Yuunivarsiitii irraa eebbifaman IMX gurmeessuuf , Kaampaanii dhuunfaa akka baankii fi warshaalee keessa qacaruuf, Beeksisa qacarrii seektara mootummaa bakka Barnootni isaanii ilaallatutti qacaruuf maallaqa hanga isaan gaafachaa jiran kanuma hundi keenya beeknudha. Kan Aangoo wayyaa qabdurra jirus shira waan dalagaa ooluuf of sodaata. Abiy #Bullet_proof_jacket uffatu guyyuun argina.
Show all...
KUSHMINDSET®: DOGOGGORA NILSEN MAANDELLAA ~~~~~~~~~~~~~~~ Namoota Addunyaa kanarratti lammiilee isaaniif qabsaa'anii itti milkaa'an keessaa Nilsen Mandeellaan nama tokkodha. Sirna appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessa koloneeffattoota Ingiliziin ture mormuun Mana hidhaa keessa waggoota 27'f nama turedha. Dhumarratti bara 1990 mana hidhaatii gadhiifamuun Dura taa'aa ANC ( Africa National Congress ) ta'uun filannoo 1994 irratti hirmaatee moo'achuun Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'e. Biyyittiin olaantummaan Faranjii gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi amantiin kan irratti daraare yoo ta'u keessa darbee gurraachif adiin Tajaajila Hawaasummaa akka Konkolaataa, buufata fayyaa, barnoota fkkf waliin hin argataa hin turre. Maandeellaanis filamee yeroo uummata adiif gurraacha fuulduratti waadaa galu warri adii haaloo nutti bahaa laata jedhanii of sodaatanii turan. Inni garuu " Ani adiifis gurraachaafis wal qixan qabsaa'e, kana booda Walqixxummaan jiraanna " jechuun Uummata Biyyittii fi addunyaa mirqaanse. Badhaasota garaagaraa hanga Noobeelii nageenyaatti fudhate. Maqaasaan daandiiwwan 140 olitu biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti moggaafame. Ambaasaaddara Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa ta'uun biyyoota baha Giddugaleessa, Afrikaa, Awurooppaa Bahaa fi bakka birootti nagaa buusuuf yaalera, kan itti milkaa'es jira kan hin milkoofnes jira. Namni kun kaayyoo ganama qabsaa'ee dararaa itti arge sanatti milkaa'eera. Lammiilee Adii Biyyicha keessa jiraatan irrattis haaloo qabee hin dararre, wantoota isaaf lammiilee gurraachota Afrikaa Kibbaa irratti ta'e maras dhiifamaan darbineerra jedhe. Nama gaafa inni mana hidhaa jiru waardiyyaa mana hidhaa turee fi mandeellaa cancalli harkatti osoo godhamee jiruu fincaan mataarratti fincaahe akka carraa Erga Pirezidaantii ta'ee hoteela tokko keessatti argeet" koottu ana waliin nyaadhu bashannani" jedheet affeere. namichi garuu gochasaa yaadateet hedduu qaanfatee ture. Kan darbe darbeera har'i kaleessa miti sana dagadhu jedheenii affeerraa Taasiseefii gaggeesse. Namoonni Addunyaa kanarra jiran marti gochasaa Ajaa'ibsiifachuun akka raajiitti haasawu. Anaaf garuu kuni dogoggora ta'eet natti mul'ate. Sababiin Kiyyas Afrikaa Kibbaa keessatti Olaantummaa Warra adiitu ture. Olaantummaan kunis siyaasa, diinagdee, Hawaasummaa fi amantiin ture. Warri gurraachi kana mara keessaa qooda hin qaban. Ergamtuu warra adii ta'eet jiraataa ture; jiraachaas jira. Fkn :- Qabeenyi akka Lafaa, warshaalee, Suuqii, Mana jireenyaa gaggaarii, Fkkf harka warra adii ture; ammas irra caala isaanuma harka jira. Gurraachonni Afrikaa Kibbaa hiyyeeyyii, barnoota gaarii lammiilee hundi hin qaban, Ijaarsaalee akka daandii, ibsaa, Hospitaala, mana barnootaa, giddugala gabaa ... badaa hin qaban. Rakkoon kun duubarraa dhaalaan ittuma darbaa jira. Biyyattii keessatti seera-dhabdummaan sadarkaa olaanaarra jira. Gurraachonni Biyyittii ittiin jiraachuuf Yakkoota garaagaraa raawwatu. Yeroo yeroonis jeequmsi fi ilaalchi Appaartaayidii ni muudata. Akka Ardii Afrikaatti biyyi gocha hannaan lammiileenshee sadarkaa duraarra jirtu Afrikaa kibbaati. Biyyattiin garuu qabeenya uumamaan soorettiidha. Fkn Warqii omishuun akka addunyaatti sadarkaa 1ffaarra jirti. Warqii kana kan omishu garuu Warra adiidha. Qabeenyi, beekumsi fi fayyaan warruma jalqaba harka turerra jira. Nilsen Mandeellaan osoo gaafa Pirezidaantii ta'ee filatame Lafa Warra adii harka ture Gurraachaafis hiree, olaantummaa diinagdee, hawaasummaa fi amantii ture wal qixxeesseera ta'ee rakkoon amma Afrikaan Kibbaa itti jirtu hin uumamu ture. Pirezidaantonni akka Robert Mugabe, Patric Lubumba, Mohammed Gaddafi, Thomas Sankara, ... fi kanneen biroo olaantummaa adii mormanii Afrikaa tokkummoofte uumna sababa jedhaniif mugaabee irraa kan hafe Koloneeffattoota Warra adii dur bulchaa turaniin ajjeefaman. Nilsen Mandeellaan garuu jaalala Ija addunyaa biratti argachuuf jedheet Lammiilee gurraachota rakkoo hedduu keessatti gatee deeme. "Biyyoonni olaantummaa adii morman wayi rakkoo keessaa bahanii ?" jechuu dandeessu.
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.