en
Feedback
Shanan Gibe Post

Shanan Gibe Post

Open in Telegram

Odeeffannoo qabatamaa Siyaasa Diinagdee Ispoortii isin biraan geenya. Chanaala keenya hordofaa🥰🙏🙏

Show more
1 317
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1930 days
Posts Archive
Repost from Shanan Gibe Post
#Oduu: Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuu hin dandeenye ji’a Hagayyaa dhufu keessa ni qoramu - Ministeera
+2
#Oduu: Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuu hin dandeenye ji’a Hagayyaa dhufu keessa ni qoramu - Ministeera Barnootaa Naannoo Amaaraatti barattoonni yeroo darbe qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuu hindandeenye, sirreeffamtoonni mana sirreessaa keessa jiranii fi barattoonni turanii barmsa eegalan ji’a Hagayyaa dhufu keessa kan qoraman ta’uu, Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa kennaniin, barattoonni kuma 4 fi 966, Hagayyaa 16 hanga 26, 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman kunneen, waraqaa irratti kan qoraman ta’uu eeranii jiru.

photo content
+2

ODUU ISPOORTII: Maan Yuunaayitid Biriyaan Muubeemoo mallatteessuuf waliigale. Maan Yuunaayitid taphataa sarara fuulduraa Lamm
ODUU ISPOORTII: Maan Yuunaayitid Biriyaan Muubeemoo mallatteessuuf waliigale. Maan Yuunaayitid taphataa sarara fuulduraa Lammii Kaameroon fi Bireentifoord mallatteessisuuf waliigaltee irra gahaniiru. Gareen Roobeen Amooriimin leenji'u The Red Devils turtii guyyoota 40 olii itti fudhatus taphataa yeroo dheeraaf barbaadaa turan Biriyaan Muubeemoo kan ofii gochuuf waliigalaniiru, Bireentifoord taphaticharraa Paawondii 65M fi booddee kan dabalamu Paawondii 5M kan argatu ni ta'a

https://vm.tiktok.com/ZMSC2paxs/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts: https://www.tiktok.com/tiktoklite

Qabsoo uummataa laga ceesisuuf dhaloonni ammaa siyaasaa bittaa fi gurgurtaa keessaa bahuu qaba jedhu Piroofeesar Mararaa Guddinaa. Qabsoon siyaasaa Itoophiyaa waggoota shantamman darbanii dimookraasii dhugoomsuu hin dandeenye jedhu dura taa'aan KFO Prof. Mararaan. Itoophiyaan maraammartoo jeequmsaa keessa bahuu hin dandeenye kan jedhan Piroofeesar Mararaan, kun immoo mootummaan fedha uummataan dhaabbatu dhugoomsuu dadhabuu irraa kan madde akka ta'e himan. Waggoota 50 caalan darbaniif waldhaansoo siyaasaa keessa kan turan Piroofeesar Mararaan jijjiiramni dhugaa fi wabii qabu mootummaa fedha uummataa hundeessuu qofa jedhan. Akkuma yeroon deemu qabsoonis bal’achaa dhufuu kan ibsan hayyuun siyaasaa, hojimaanni badaanis babal’ateera, hanni babal’ataa dhufe, naamusa dhabuun sadarkaa olaanaan babal’ate jedhan. Ilaalchi bittaa gurgurtaan hamaan siyaasa keessatti dhufuu himu. Dhaloonni kun siyaasaa bittaafi gurgurtaa keessa darbuu akka qabu dhaaman hayyuun siyaasaa kun. Egeree biyyaaf waan saditu murteessaa dha kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, Nagaa waaraa, siyaasaa qajeelchuu (uummanni mootummaa ofii akka filatu gochuu) fi guddina diinagdee dhugoomsuu dha jedhan turtii Mo’aa TV waliin tolchaniin. Maraammartoo bu’aa siyaasaa hin buufne keessaa ba’uufi qabsoo sabaa laga ceesisuuf mooraan siyaasaa wal dhaggeeffachuu akka qabu dhaaman dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaan. Kan qindeesse abdurahman Mohammed

Shakkamtooti Piraankii hojjechuun ummata dogoggorsan to’ataman! Shakkamtoonni uffata dambii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii
+1
Shakkamtooti Piraankii hojjechuun ummata dogoggorsan to’ataman! Shakkamtoonni uffata dambii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfiinnee fakkaatu uffachuun ummata dogogorsaa turan to’atamuu Poolisiin Magaalichaa beeksise. Shakkamtoonni kunneen uffata Dambii fakkaatu uffachuun akka hojjetaan Abbaa taayitichaa hojmaata seeraan alaa raawwatee fakkeessuun beeksisa Suuqii hojjechuu isaanii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri Hariiroo Ummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru. Namoonni kunneen haala kanaan jiraattoota hedduu dogogorsiisuu eeraniiru. Yeroo ammaa to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu dubbataniiru.

Halkan Naannoo sa’a 4:00 tti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.1 galmaa’eera. Bakka yaadaatti isin biraa mudateera taanaan ha
Halkan Naannoo sa’a 4:00 tti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.1 galmaa’eera. Bakka yaadaatti isin biraa mudateera taanaan haala naannoo keessan ture ibsaa!

. Hoggantoonni TPLF fi humnBobo Tigraay muraasni kanneen pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa irratti ejjennoo fudhatan Ertiraa waliin hidhata qabaachuun himatamu. Gaggeessaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa Kamisa Finfinneetti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Eertiraa dabalatee ''jeequmsa Tigraay keessatti uumame irraa fayyadamoo ta'an jidduu seentummaan alaa'' jiraachu kaasuun himatan. Haata'u malee michoonni Dr Dabratsiyoon himannaa Ertiraa waliin hidhata qabu jedhu kana ni haalu. Waldhabdeen marsaa biraa uumamuufis bu'uurri hin jiru jedhan. Qondaalli Eertiraa kun dabaluunis, biyyi isaanii waldhabdee gartuulee TPLF jidduutti umamee keessa akka hin seenne kan falman yoo ta'u, qoqqoodinsi TPLF, kan naannicha keessatti waldhabdee siyaasaa fi nageenyaa uume kunis, "rakkina hin barbaachifnee fi kan ummata Tigraay irratti balaa gara biraa hin barbaachiifneefi kan ittifamu danda'u fidaa jirudha" jedhan. Eertiraan waraana waggaa lamaaf naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuun lubbuu namoota hedduu galaafate irratti mootummaa federaalaa cinaa dhaabbachuun humnoota Tigraay waraanaa turte Pirezdantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqiin waliigalteen Piritooriyaa erga mallatteeffamee booda gaaffiifi deebii taasisaniin, dhukaasa dhaabuu deeggarsa Ameerikaa fi Gamtaa Afriikaatiin raawwatame kun ''tooftaa jeequmsaati'' jechuun ibsanii ture. Haata'u malee, waggoota dhiheenya keessa erga hariiroo cimaan Asmaraa fi Finfinnee gidduu ture laafataa adeemeen booda, walitti dhufeenyi Maqalee fi Asmaraa gidduutti uumamuu isaa morkattoonni TPLF hundi mirkaneessaniiru.

Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana Tigraay dhaabsiise 'booressuuf' yaada akka hin qabne ibsite. Kanarra ''ibsa
Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana Tigraay dhaabsiise 'booressuuf' yaada akka hin qabne ibsite. Kanarra ''ibsa dubbii barbaachaa'' ministirri odeeffannoo Itoophiyaa waa'ee buufata doonii Galaana Diimaa ilaalchisuun kennetuu qoqqoodinsa uumaa jira jette. Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yemaana Gabramasqal ibsa kennaniin, ''Eertiraan garaagarummaa gartuuwwan siyaasaa TPLF keessa jiran adda addaa gidduutti umamee cimsuudhaaf yaada omaatuu hin qabdu,'' jedhan. Obbo Yemaanan himannaa humnootiin Eertiraa Itoophiyaa keessa akka jiran dhiyaate ilaalchiisuun deebii kennaniin, waldhabdee biyyattii keessatti mudate haguuguurratti kan kaayyeffate ta'uu ibsan. "Akkuma kanaan dura yeroo adda addaa cimsitee ibsaa turteetti, Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa booressuuf yaada hin qabdu," jechuun Asmaraan ibsa Kamisa Bitooteessa 13, 2025 kenniteen kan ibsite. Kana malees, waliigalteen Piritooriyaa garee TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti mallattaa'e ''dhimma keessoo Itoophiyaa''

+3
Shaashamanneetti maaltu ta’e? “Mana barumsaa Liidistaar magaalaa shaashamanneetti burjaajjii guddaatu ture!” Maatii miidiyaa t.me/ShananGib magaalattii irraa! Shaashamannee mana barumsaa Liidistaaritti barsiisaan suuraan armaan olitti mullatu shamarree tokko irraa quraana butuun lafatti darbate jechuun barataan yeros bakka sana ture nuuf gabaaseera. Kanuma sababeeffachuunis bakkichatti jeequmsi guddaan uumamee ture jedha odeessi keenya kun. Barattoonnis gocha barsiisaa kanaa mufachuun hiriira nagaa taasisaniiru. Qaamni seera eegsisu battaluma sanaan taatee mudate kana qabbaneessuufis yaalii taasiseen Daayirektarri mana barumsichaa kan hidhame yommuu ta’u, barsiisaa gocha kana raawwate garuu miliquun yeroo ammaa barbaadamaa jira! Tibba kana biyyattii keessatti walitti bu’iinsa amantii kaasuuf bifa qindaa’aan waan dalagamaa jiru fakkaata sababa ta’eef mootummaan dhimma kana dafee tasgebbeessuu qaba jechuun qaamni hawaasaa garaa garaa yaada isaanii ibsachaa jiru.

Addunyaa kanarratti lubbuun jiraate seenaa nama kanaa namni dhaggeefate otoo ijji isaa imimmaan hin cobne dhaggeefate hin fix
Addunyaa kanarratti lubbuun jiraate seenaa nama kanaa namni dhaggeefate otoo ijji isaa imimmaan hin cobne dhaggeefate hin fixuu nama qabeenya sabaa daguugani carraan soorumuu harkaa isaa galus jaalala sabaaf biyya isaaf qabu irraa Kan ka'e qabeenya biyyaa ofii duudee dumbolloo otoo hin fayyadamin angoo perezidaantummaa isaa karaa nagayaan dabarsee laatee mana isaa kutaa sadi ol hin qabneef konkolaataa isaa nama lamaa ol hin nyaanne maallaqa ofii bitate fudhatee lafa qonnaa ofii bakka hojjetutti gale HUBADHaa qabeenya sabaa ofii irraa goota qulqulluu ta'eedha former of democratic revolution party president JOSiKAA MOJIKAA

photo content

Rakkoon tigraay waraanatti deebiti jedhamee sodaatameef maal?? 1 inni tokkoffaan yeroo hammaa waldhabdeen gidduu garee TPLF uumamee gareen lamaanu akka qoodamee Dr debretsi'ooni fi getaachoo durfamus sodaa hawaasaa tigraay fi naannoo Sanaa ta'eera 2 inni lammaffaan yeroo hammaa waraana irraa hawaasni xiqqoo boqochuun miira gammachuu keessatti uumus haalli qaala'insi jireenyaa tarii waraana sodaachiisaa(horror war) sanatti nudeebisaa Kan jedhuudha 3 ffaan security dilemma ykn gaaga'ama ertiraa fi ixoophiyaa gidduutti sababa mirga ulaa galaanaa argachuuf gaafatamaa jiruudha:sababni isaas waraanni uumamee taanaan Kan dura dhandhamu ummata tigraay Kun immoo cittoo irratti fanxoo isa jedhamuudha waraana irraa gara waraanaa jechuudha Kanaaf sodaaan hawaasaa waraana tigraay fi motummaa federaala,waraana ertiraa fi ixoophiyaa marree hamma beeknu irraa isiniif genye Kan hafe guyyaan Kan deebisu ta'a horaa bulaa!!🙏🙏

Tigiraay Ammas gara waraanaatti deebi’uufii laata? Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay obbo Getaachaw Raddaa humni buqqa
+1
Tigiraay Ammas gara waraanaatti deebi’uufii laata? Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay obbo Getaachaw Raddaa humni buqqaatonni kaayyoo siyaasaaf gara qe’ee isaaniitti akka hin deebine dhorkaa jiru Tigraay keessatti jeequmsa uumuuf yaalii gochaa jira jedhan. Obbo Geetaachaw ibsa har'a kennaniin gareen kun buqqaatota galtee siyaasaaf fayyadamaa jira jedhan. Adeemsa hidhannoo hiikkachuu fi deebisanii dhaabuu kan jeeqe gareedhuma kana akka ta’e ibsanii, kunis loltoonni duraanii gara jireenya idilee isaaniitti akka hin deebine godhuu himan. Obbo Geetaachaw yeroo ammaa kana Tigraay karaa qaxxaamuraa irra dhaabbattee jirti jedhanii, Ummanni nagaa barbaada, gareen nagaa hin barbaanne hookkara uumuuf yaalaa jira jedhan. Humni alaa ummata Tigraay balleessuuf halkanii guyyaa hojjechaa turellee garee kana waliin hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Rakkoo kana to'achuuf bulchiinsa yeroof gargaarsi mootummaa federaalaa baayyee barbaachisaa ta'uu obbo Geetaachaw Raddaa ibsaniiru.

Poolisiin Magaalaa Finfinne du'a Qananii Addunyaa Waaqoo qorataa jiraachuu akkasumas Weellisaa Andu’alemiin to’annaa jala ool
+2
Poolisiin Magaalaa Finfinne du'a Qananii Addunyaa Waaqoo qorataa jiraachuu akkasumas Weellisaa Andu’alemiin to’annaa jala oolchuu beeksise. Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Gamoo Wuddaasee Manneen Sunshine Fuulduratti argamu keessa kan jiraachaa kan turte Qananiin, Bitootessa 1, 2017, halkan naannoo sa'aatii 10:00 tti, sababa hin beekamneen barandaa mana ishee gamoo 5ffaa irraa kuftee gara Hospitaala Yaaneet geeffamaa osoo jirtuu lubbuun ishee darbe. Poolisiin Magaalaa Finfinnee odeeffannoo kana akka argateen booda garee qorannoo ijaaruun bakka balaan kun itti dhaqqabe dhaquun odeeffannoo teeknikaa fi tooftaa barbaachisaa ta’een walitti qabuun reeffa nama du’ee kanaa gara Hospitaala Minilik IItti erguun qorannoo dabalataa akka ta’u taasifameera. Poolisiin magaalattii bu'aa qorannoo xumuraa ummataaf akka ifa godhus beeksiseera.

why many African countries still face challenges in achieving a "civilized environment,"??? the answer will be through various perspective 1. Colonial Legacy and Artificial Borders European colonization disrupted traditional governance systems and imposed artificial borders, leading to ethnic conflicts. Post-independence, many African nations inherited weak institutions and economic structures designed for resource extraction rather than sustainable development. 2. Political Instability and Governance Issues Corruption, authoritarian leadership, and weak institutions have hindered long-term development. Many countries experience frequent coups, electoral fraud, and lack of political accountability. 3. Economic Dependency and Exploitation African economies often rely heavily on raw material exports (oil, minerals, agriculture) rather than industrialization. Global economic structures, such as debt dependence on the IMF and World Bank, limit financial autonomy. 4. Poor Infrastructure and Technological Gaps Inadequate transport, energy, and digital infrastructure hinder economic growth. Limited investment in education and research slows down technological advancements. 5. Climate Change and Environmental Challenges Many African nations face desertification, droughts, and flooding, affecting agriculture and livelihoods. Limited access to green technology and funding for climate adaptation exacerbates these problems. 6. Global Power Imbalances and Exploitation Multinational corporations often extract resources without reinvesting in local economies. Unfair trade agreements and economic policies limit Africa’s competitive edge in global markets. Part II They way or method of addressing it

Best African leaders history (Part l ) Thomas Sankara was born in 1949 in Yako, a small town in northern Burkina Faso. He was educated in France, where he studied engineering and political science. In 1976, he returned to Burkina Faso and became involved in the country's independence movement. Sankara was a founding member of the African Revolutionary Party and later joined the Popular Front for the Liberation of Burkina Faso, a revolutionary group that overthrew the government in 1984. After the coup, Sankara implemented a number of socialist policies aimed at reducing poverty and inequality in Burkina Faso. He nationalized the country's diamond mines and implemented land reform measures that redistributed land to small farmers. Sankara was also a strong advocate for African self-reliance and was critical of foreign aid and neocolonialism. He was known for his anti-imperialist stance and his efforts to modernize Burkina Faso's economy and infrastructure. Sankara was assassinated in 1991, and his death remains a subject of controversy and speculation. He is remembered as a charismatic and influential leader who played a key role in Burkina Faso's struggle for independence and self-determination.

Coming soon

Breaking News Jawar Mohammed Qeerroodhaaf dhaamsa hatattamaa fi Akkasumas..............SEAMORE

Breaking News Jawar Mohammed Qeerroodhaaf dhaamsa hatattamaa fi Akkasumas..............SEAMORE