cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Abune Pheexiroos -አቡነ ጴጥሮስ

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
397
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Ortoodoksii Ishee Dhugaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 👉 @Ortodoksiidhugaa 👈 👉 @Ortodoksiidhugaa 👈 ️☝☝☝☝☝☝☝☝☝ ✥••┈┈┈••●◉ ✞ ◉●••┈┈┈••✥ https://t.me/joinchat/AAAAAFBPDrD-IHb_dz8cEw
Show all...
Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti (Ortoodoksii) as ba'aatii ilaalaa! 'Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha (Ortoodoksii) irra adeemaa!" Er.6:16 @Ortodoksiidhugaa

-Kuni kan abaluuti, sunis kan abaluuti jennee wal hammeessuu haa dhiisnu. Isa kana warra kanatu boodeedhan jira, isa kana ammo warra kanatu duuba jira jennee, laphee kiristaanotaa buusuu haa dhiisnu. Waan nu fayyadu irraa haa qayyabannu. Wanta nuuf hin malu jennee yaadnus haa dhiisnu. Garuu kuni kan abaluuti, kunimmoo kan abaluuti jechuun mana kiristaana akeenya takkittii xiqqeessuf yaaluun nurraa hin miidhagu,..Tarii miidiyaawwan dabalataas si'achi ni qabaanna ta'a// @Naa Himii
Show all...
Ani akkanattan yaada: Miidiyaan mana kiristaanaa keenya sa'aatii 24 tamsaasan sadi(sadi) gahaniiru jedheen yaada. Isaanis 1. Kan Mana Kiristaanaa Waliigalaa(EOTC) tiin hoogganamu 2. Kan Mana Lubummaa Oromiyaa(OCN) tiin hoogganamu 3. Kan Mahabara Qiddusaanii(EOTCMK) tiin hoogganamu Kana hunduma qabaachuu keenyatti nan gammada.Hundumti iyyuu kan keenya akka ta'ettan yaada. wantoota achirratti darbanis sa'aatii qabuun nan hordofa. Of tuulummaan bu'aa hin qabu. Mana kiristaanaa takkittiitti qircuudhan 'natu wayya' natu wayya' jechuunis bu'aa hin buusu. Yaadni keenya akka kiristaana laphee takkaa fi yaada takka qabutti ta'uu qaba. Tokkummaan kiristaanotaa ni barbaachisa. Of tuulummaa hirdhisuun, amala farisummaa, Saduuqummaa fi barsiisota seeraa ofirraa hoirdhisuun waan humna keenya dhugaa mana kiristaanaa keenyas muldhisuu, wal barsiifachuu fi wal hubachiifachuu irratti haa xiyyeeffannu.
Show all...
“ አባቶቼ አብርሃምና ይስሐቅ በፊቱ የሄዱለት እርሱ እግዚአብሔር፥ ከታናሽነቴ ጀምሮ እስከ ዛሬ ድረስ እኔን የመገበኝ እግዚአብሔር፥ ከክፉ ነገር ሁሉ ያዳነኝ መልአክ፥ እርሱ እነዚህን ብላቴኖች ይባርክ።” ዘፍጥረት 48፥15-16 እንኳን ለቅዱስ ገብርኤል ወርሃዊ መታሰቢያ በዓል በስላም አደረሰን። መልካም ቀን! ልመናውና አማላጅነቱ በሁላችን ላይ ይሁን! ለዘለዓለሙ አሜን ።
Show all...
KUTAA 3FFAA:Iccitii Sadummaa/Sillasee:- Icitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii Sadummaati. Akkuma qulqulluu Qeerloos “hunduma dura Jireenya sadummaa ibsina” jedhe. Waaqayyoo durumaan dursee yeruma nama uumu qaamni isaa tokko ol ta'uu isaa jalqabumarraa kakuu moofaa keessatti yeroo nama uumu ibseera.“Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna” Uma. 1:26. Jechi „koottaa‟,‟ ni uumna‟, „keenya‟ jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta'uu isaa mul'isa.Waaqayyo tokko dha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluudha. Nuttis Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni akkanaa kunis iccitii sadummaa (Sillaasee) jedhama.Waaqa tokko yoo jennuu:-Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan,malakootiidhaan(kan hin dune) ta'uudhaan tokko jechuudha.Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa keessa Abbaanis Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?” jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10 #Sadii yoo jennu ammo:- A)Maqaadhaan: Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha. B)Qaamaan:-Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda'e guutummaa guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti.Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas;xinnaadhaas;kan tortorudhas.Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qillensaa fi gad fageenya keessatti kan guute, bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati. C)Gochaan:-Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhale, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa kanatti erge, Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe (Afaan Gi‟iziitiin Seretsee jedha”) jenna. Kan erges, kan ergames immoo heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilmatiinis malee dirqamaan miti.Kana yoo jennu “Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis Abbaa Irraa bahe yoo jennu wal hin dursan. Akka Ilmi namaa Abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti.Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, Akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti.Kun yeruma tokkotti kan ta'ee dha.Yeroon kun itti ta'es hin safaramu, sammuun namaatiinis bira hin ga'amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta'eef.Maatii Waaqayyoo; iccitii jennuuf kanadha.Beekumsa fi sammuu keenyaan qoraanne fixu waan dandeenyedha.Mee yaadaan gara galaana deema. Galaana bira erga geessani xaasaan bishaan galaana kan waraaba fixa?Dandeenye fixu dandeenya?Maaliif?Kuta Kitaabaa qulqulluu keessa waangeelaa yohaannis 1:1-5 yoo dubbifnu waan akkaan hubaana.Akka barumsaa mana kiristaanaa keenyati Yohaannis "Jalqaba jecha(ቃል) ture,jechiis(ቃል) Waaqayyoo bira ture,jechiis(ቃል) Waaqayyoo ture"hundumtu Isaan ta'e"jechuun yeroo maaluma Waaqayyoo ibsuuf yaaluu;Waaqayyoo abjuun fudhee garaa galaanaa geesse.Qola hanqaquun galaana kan waraabi xumure jedheen.Yohaanisis uuma koo xumure hin fixe jedheen. Waaqayyyoos waan jalqabde hin xumurtu waan ta'eef dhiisi jedheen.Yohaannis san booda waa'ee cuuphaa Yohaannis barreessu eegale nuun jedhu. Kanaaf Iccitii Sillaase sammuu keenyaan qorane bira hin dandeenyu;dubbannees hin xumuru waan ta'eef galate jenne dhabu qofadha.Kutaan 4ffaan itti fufaa! #HUBAACHISA:-KAN DURA GROUP 6 KEESSATTI POOSTII GOCHAAN TURE.KAN BOODA CHANNEL"GARBICHAA WAAQAYYOO"JEDHU KEESSATTI QOFA WAAN GADI LAKKIISUF ACHI KEESSATTI ARGACHUU DANDEESSU. SABABNI ISA DATA BAAY'EE NA NYAACHA JIRA WAAN TA'EEF MAATII WAAQAYYOO! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/joinchat/AAAAAFJ2MQXexCpdVta8tg
Show all...

DAGACHUUN GATII NU KAFAALCHISA! መዘናጋት ዋጋ ያስከፍላል! 🧼#Harka keenya samuuna fi bishaaniin haa dhiqaanu/እጃችሁን በሳሙናና በውሃ ታጠቡ! #👋🏾 Harka wal hin fuudhiin/አትጨባበጡ! #🙅🏽Sochii jireenya haa hir'ifnu/♀️ ማህበራዊ መስተጋብርን ቀንሱ! #❌ Waan aarifaachisa yoo ta'e ala mana hin bahiin/አስገዳጅ ካልሆነ በቀር ከቤት አትውጡ! #😷 Mana yeroo banu haguugdu afaani fi funyaani haa godhanu/ከቤት መውጣት ሲኖርቦት የአፍና የአፍንጫ መሸፈኛ ያድርጉ! #Korona Vaayiraasii irratti odeeffannoo lachuu yoo barbaaddani bilbiloota armaan gadi bilisani fayyadama/በኮሮና ቫይረስ ዙሪያ #ጥቆማ ለመስጠት ከዚህ በታች የተዘረዘሩትን ነፃ የስልክ መስመሮች ተጠቀሙ ፤ እባካችሁ በኃላፊነት ለሚፈለገው ዓላማ ብቻ ደውሉ ፦ አዲስ አበባ-6406 ፣ ትግራይ ክልል - 6244 ፣ አፋር ክልል - 6220 ፣ አማራ ክልል - 6981 ፣ ኦሮሚያ ክልል - 6955 ፣ ሱማሌ ክልል - 6599 ፣ ቤኒሻንጉል ጉምዝ ክልል - 6016፣ ደቡብ ክልል - 6929 ፣ ሀረሪ ክልል - 6864 ፣ ጋምቤላ ክልል - 6184፣ ድሬዳዋ ከተማ - 6407 በተጨማሪ 8335 /952 Lammii koo yoo lubbuun jiraate na fayyada,yoon lubbuun jiraadheen si fayyada. Yeroon keessa jiru yeroo hamoodha.Aarsaa kamiyyuu kafaalu ni barbaachisa. Waaqayyoo nu gargara yoo nuuti waan hundan cimne!Kadhannan,ofi eegannoo,wal yaaduun yoo cimne Waaqayyoo nu wajjiin jira!
Show all...
KUTAA 2FFAA:ICCITII UTUBAAWWAN SHANANII:- Icciitiin Maali? Icciitii jechi jedhu dhaabbiidhaan yemmu hiikamu hiika wanta ykn dhimma dhoksaa, dubbii golgamaa,wanta dahoo ta’e kan ibsudha. Wanti tokko kan dhoksamuuf waantoota sadii irraa kan maddedha. Inni jalqabaa namni dhimma dhokatu sana qabatee jiru (abbaan dhimmaa) sun dubbii dhoksu sanatti kan qaanahu/leeya’u yoo ta’e ykn dubbiin qabatee jiru sun kan yakka wajjin wal qabate yoo ta’e yoo saaxilame ykn ifa bahe nan adabama, uummata irraan adda baha, hawaasa keessaan qoodama jechuun sodaa irraa ka’ee ta’uu danda’a.Yoo dabarsee ibsuu ykn himuu barbaade illee fira isaa, nama garaa isaa, hiriyyaa isaa, nama jaalatu, nama kan kooti jedhee itti amanutti dabarsee hima ykn ibsa. Egaa namni sun wanta( dhimma) isaa nama garaa isaatti kan himatuuf namni sun dabrsee hin himu, dabarsee diinaaf nahin kennu, ana hin saaxilu jedhee waan itti amanuufidha. Inni lammaaffaa ammo dhimmi ykn dubbiin dhoksamu sun kabajamaa waan ta’eef dhimmi sun namoota kabajamoo fi filatamoo ta’an qofatti adda baasamee kan himamuu fi ifa bahu malee kan nama hundatti hin himamne waan ta’eef dhimma dhoksaa sana bira gahuuf ykn baruuf ga’umsa tokko kan gaafatu ta’ee ykn dubbiin sun nama himamuufii sanaan hubatamuudhaaf namni dhimma sana ilaalu ykn beekuuf isaaf eeyyamamu dandeettii dhimma sana hubachuu horachuu dursuu waan qabuuf, yoo kana ta’uu baate namni sun waan miidhamuuf ta’uu danda’a. Sadaffaa ammo wanti tokko kan qaama miiraatiin adda hin baasamne yoo ta’es dhimmi sun dandeettii hubannoo dhala namaatii ol waan ta’eef icciitii ( dhokataa) jedhamee waamamuu ni danda’a. Egaa gara iccitii utubaawwan shananii yemmu deebinu sababni isaan itti icciitii jedhamuun waamamaniif ibsa armaan olii keessaa sababoota isa lammaffaa fi sadaffaa jalatti ibsaman kan hammatu ta’ee argina.Kan jechuun namoota kabajamoo ykn kiristaanoota ilmummaa Sillaase fudhaataniif kennama ykn barsiiffama waan ta’eef.Kiristaanonni immoo kiristoosiin kabajamani jiruun waan ta’eef ijoollee Waaqayyoo jedhamuun yaamamu.Kan booda isini ijoollee kooti malee ijoollee diyaabiloosi miti jedhe jira fayyiisaan keenyaa Iyasuus kiristoosi.Akkasuma amala fi akkeenya Waaqayyoo uumamtoonni bira gahu waan hin dandeenyaaf iccitii jedhame.Fakkeenyaaf duukaa bu’aani gooftaa Yohaannis abbaa waangeelaa Yohaannis boqonna tokko irratti maalumaa Waaqayyoo barreessuuf yaale ture garuu Waaqayyoo hin dandeessu dhiisi jedheen jira.Dhalli namaas ta’e Ergamoonni qoraatani bira gahu waan hin dandeenyeef iccitii jedhame jira. Iccitii utubaawwan shananii kan jedhamani:- Iccitii Sillaasee,Iccitii Nama Ta’uu/Foon Uffachuu/Siggaawee/,Iccittii Cuuphaa, Iccitii Qurbaanaa fi Iccitii Du’aa ka’uu ti.Iccitiwwaan kanneen suutaa wajjiin ilaalla deemna.Gaaffii qabdani kutaa gadi lakkiiffamu jalaatti gaafachu dandeessu! ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️https://t.me/joinchat/AAAAAFJ2MQXexCpdVta8tg❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Show all...
"Tokkoon tokkoo namaaf Waaqayyo hojii kenneera. Hojii sana hojjachuun immoo gahee abbaati.Odoo danda’e, hojii isaa sana gufachiisuun immoo hojii diyaabiloosii dha. Dhugaan jiru, akkuma Waaqayyo hojii kana siif kenneen, seexanni immoo si gufachiisuuf yaala. Waan gar-malee namatti miidhagu sii fiduuf carraaqa. Abdiiwwan fooniitiin si sossobuu danda’a. lolaa hamii gar-malee dhangalaasa. Barreessitootni akka si gaafataniif, namootni bebbeekamoos hammeenyaan akka sirratti dubbatan ittiin fayyadama. Philaaxoos, Heeroodsi, Hannaa, Qayyaafaa fi k.k.f. hundumtuu sirratti ijaaramu. Ati garuu, murtii cimaan inaaffaa Afuurawaa hin worraaqneen dhumarrattis; “Akkan hojjadhuuf hojii naaf kennite xummure. Amantaa koos eege.” jechuuf hanga dandeessutti kaayyoo jireenya kee fi galma uummamteef sana duuka bu’i." Eebbifamoo Abbaa Gorgorewoos 2ffaa Duree Phaaphaasota Shawaa 1932-1982 B.A Share waliif haa goonu!Barattoota sanbata fi obboloota keenya biyya ala jiraanni birani haa geenyu!Amantiin kamiyyuu barachu ni danda'a.Waan hin galeef gaafachus ni danda'a. Guyyaa harka share gochuun yoo xinnaate namoota 10n birani haa geenyu!Dhugaan Tewaahidoodha!Dhugaa haa banu!Yeroo kan moo sirritti fayyadamu qabna. Guyyaan fayyiina har'a jedhamne jira.Innaafaa Amantaa haa qabaanu! Koorsiin gala itti fufaa. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://t.me/joinchat/AAAAAFJ2MQXexCpdVta8tg
Show all...

Barreeffama kan naaf afeerama!Sabni Sanaa’oor horteen isaanii lafa irratti ni heddummate. Abshaalotas ta’ani. Abshaalummaa isaanii sana garuu, waan gaariif fayyadamuu dhiisanii mootii bara baraa kan Waaqayyoon sodaachuu sodaachuu irraa fagaatanii maqaa isaanii labsuu barbaadani. Namni Waaqayyo waliin wal-mufachiisees umriin isaa akka gabaabbatu wallaalani. Dhalli namaa waan gamoo ijjaareef qofa kan kabajamu itti fakkaate. Yaada isaanii kanas gamoo gar-malee ol dheeratu ijaaruun mul’isuu barbaadani. Barbaaduun qofa hin hafne, ni ijaaranis.Gar-malee ol dheerachuu isaa irraa kan ka’e aduutti dhihaatanii ho’a aduutiin hamma nyaata bilcheessanii nyaatanitti ga’anii turani. Dhuma irratti garuu, of jajiinsa badaa keessa of argani. Waaqayyoon dhabamsiisanii, bakka Isaatti bu’anii murteessaa lafaa fi samii ta’uu barbaadani. Gamoo (siidaa) ijaaran sana irra dhaabbatanii Waaqayyo waraanuuf eeboo ol darbachuu eegalani. Kana kan jajjabeessu seexannis dhiiga dibee itti deebisaa si’a sadi isaan onnachiisaa tureera. Si’a sadi darbanii Waaqa Abbaas Waaqa Ilmaas Waaqa Afuura Qulqulluus kan ajjeesan itti fakkaatee “Kanaan booda ajajaa tokko malee lafaa fi samii hogganaa maqaa keenyaas waamsisaa jiraanna” oggaa jedhan, Waaqayyoon “Kootta! Gad-buunee inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyeetti afaan isaanii isaan dura waliin haa maknu.” jedhe (Seer. Uum. 11:7) Addunyaa irratti beekkamuuf hawwanii turani. Amma garuu, Waaqayyo hawwii isaanii jalaa fashaleesse. Maaliif? yoo jenne hundeen ogummaa (qaroominaa) Waaqayyo akka ta’e irraanfatanii kabaja isaaniif qofa ifaajaa turanii waan ta’eefi. Nutis jaalala Waaqayyoo irraa fagaannee waan raawwachuu dandeenyu akka hin jirre beeknee Waaqayyoo fi dhala namaa mara jaalachuun ijoollee Ifaa ta’uu keenya mirkaneessuu qabna.Ijoollee Waaqayyoo nuuti ijoollee ifatti.Ifni moo kiristoosi! Namoonni haaraa waan seenaa jiraanniif kutaa 2ffaa poostii gochu dhiise! Barreeffama kan irra wanti hubaachu qabnu Waaqayyoo sodaachu,hamma humna keenya qofa yaadu akka qabnu,waan nuuf eeyyamameen ala bahu akka hin qabne sirritti nu hubaachisa!
Show all...
MAQAA ABBAA ILMAA AFUURAA QULQULLUU WAAQAA TOKKO AMEEN! Jaalattamtoota maatii Waaqayyoo maqaa gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin nagaa isini gaafadha akkami jirtu?Waaqayyoo abbaan keenya balleessa keenya ilaalle osoo nuu balleessin yeroo kanan nu gahe maqaan Isa samii irratti qulqullootan lafa irratti nuun kan galateeffame haa ta'u!Bira hin haftuti haati teenya dubroo maariyaam akka kenna Waaqayyoo ishee kenneen maqaan ishee kan galatoome haa ta'u!Guyyaan har'a yaadannoo haadha keenya Dubroo Maariyaam fi qulqulluu Yohaannis abbaa Waangeelatti!Araarsummaa fi kadhanna akkasuma sugni isaani hunda keenya wajjiin haa ta'u!Jaalattamtoota Maatii Waaqayyoo channel kunni kan hunda keenya fi eddoo ijoollee Waaqayyoo sagalee Gooftaa itti wal barsiiftudha.Maaree yeroo koronan addunya dhiphisa jiru kan akka carraati fayyadamuun sagalee Waaqayyoo barachuuf cimu qabna.Amantaa keenya beekne beeksisuun dirqama hunda keenya ta'u akka qabu shakkii tokko malee fudhaachuus qabna.Waaqayyoo kenna adda addaa nuuf laate jira.Kenna keenya beekne tajaajiluun gahe hunda keenyati.Kanaaf namoonni kenna adda addaa qabdani keessanni na dubbisuun channel kan keessatti tajaajilu dandeessu. Tajaajilu akka waan salphaatis ilaallu hin qabnu. Gooftaan duuka bu'oota isaani akkumani gatii malee isini kenne,isinis gatii malee kenna jedhe jira!Namoonni baay'een yeroo muraasa keessatti gara channel kan seenaa jiru.Kunni waan namaa gammachisu. Namoonni share gochuun ijoollee Tewaahidoo akkasumas kan biras hirmaachisa jirtaanni gatiin keessanni Waaqayyoo irraayi!Namuusa kiristaanummaa fi seeraa mana kiristaanaa kan hin cabseen ykn sirna fi barumsa irratti rakkoo kan hin qabne qofatu dhihaata!Namoonni walaloo fi erga qabdani dursa erga ilaallame booda maqaa keessannin channel kan keessatti gadi lakkiiffama! Kunnis yeroo ammaa yeeyyiin baay'acha waan jiruf ofi eegannoo gochuuf!Namoonni Walaloo,gorsa,dubbii abbooti fi barumsa dabarsa jettani keessanni naaf ergu dandeessu!Ammaas namoota channel keenyati dabalu dagachu hin qabnu!Keessattu barattoota sanbata badiyaa keessa jiraanni keessatti afeeraa.Waaqayyoon abbaan dhiifama fi jaalala,akka cubbuu keenya ilaalle osoo nu balleessin,akka arjummaa fi dhiifamati yeroo kanan nu gahe maqaan isa ariyaami irratti qulqullootani lafaa irrratti nu ijoollee isaani kan galatoome nuuf haa ta'u!Koorsiin kutaa 2ffaan har'a itti fufa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇https://t.me/joinchat/AAAAAFJ2MQXexCpdVta8tg
Show all...

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.