en
Feedback
Qaroo Academy

Qaroo Academy

Open in Telegram

Winners don't do different things, they do things differently! Dhaloota qubeetiin, Dhaloota qubeetiif! @qarooacademy join godhaa! https://www.youtube.com/@qarooacademy9420

Show more
2 478
Subscribers
No data24 hours
+37 days
-1030 days
Posts Archive
Akka Proffessor Biraanuu jechaa jiranitti Barattoota Natural Science keessaa 11.4% yoo dabran Social Science ammoo 5.2% kan ta'an qabxii dabrinsaa fide! @Qarooacademy

#Kutaa 12ffaa Breaking news Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen himeera. #Source #FMC Akkuma gadhiifameen bu'aa qormaata ilaaluuf chaanaalii keenya join godhaa! @Qarooacademy

𝐓𝐨 𝟐𝐧𝐝 𝐘𝐞𝐚𝐫 𝐚𝐧𝐝 𝐀𝐛𝐨𝐯𝐞 𝐇𝐚𝐫𝐚𝐦𝐚𝐲𝐚 𝐔𝐧𝐢𝐯𝐞𝐫𝐬𝐢𝐭𝐲 𝐂𝐇𝐌𝐒 𝐔𝐧𝐝𝐞𝐫𝐠𝐫𝐚𝐝𝐮𝐚𝐭𝐞 𝐒𝐭𝐮𝐝𝐞𝐧𝐭𝐬 We are happy to inform you that dormitory assignments for the 2018 EC academic year are now finalized. 🏫 ✅ All eligible students (2nd year and above) can check their assigned dorm details (block & room number) through the link below by entering your Id number : 👉 http://dormitoryps.haramaya.edu.et/DormSearch.aspx 📌 Please review your assignment carefully and report any discrepancies to the Student Dormitory Service Office. 📖 Reminder: kindly adhere to the university’s dormitory rules and regulations to ensure a safe and comfortable living environment for everyone. Best regards, 𝐇𝐚𝐫𝐚𝐦𝐚𝐲𝐚 𝐔𝐧𝐢𝐯𝐞𝐫𝐬𝐢𝐭𝐲 College of Health and Medical Sciences @Qarooacademy

Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2018 Wiixata dhufu eegala Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2018 Fulbaana 5 Wiixata dhufu manneen barnoota hunda keessatti ni eegala jedhe Ministeerri Barnootaa. Adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2018 eegaluuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibse. Bara kanaa eegalee Bilbiloota, Taabileetotaa fi meeshaalee elektirooniksii adeemsa baruu fi barsiisuu jeequu danda’an kamiiyyuu mana barumsaa qabatanii seenuun dhorkameera. Daa’immaan umriin barumsaaf gahe mana barsumsaa hambisuun kan nama gaafachiisu ta’uu ministeerichi hubachiiseera. Itiyoophiyaatti daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe miiliyoonni 7 ol sababoota adda addaan barnoota ala ta’uu ibse. Maatiin daa’imman isaanii gara manneen barnootaatti erguun dirqama isaanii akka bahan Ministeerri Barnootaa waamicha dhiyeesseera. Odeeffannoo barnotaan walqabatan kamiyyuu argachuuf liinkii armaan gadii bantanii telegram keenya #join gochuun nu hordofuu ni dandeessu.👇👇 @Qarooacademy

#kutaa_12ffaa #update Bu’aan kutaa 12ffaa haga ammaa kan gad hin dhiifamin tahuufii barattoota dabalatee maatiin barattootaa burjaajjii irraa akka of qusatan tajaajilli madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa dabarse. Tibba qormaati gadhiifamuuf jedhu goyyomsaan akka heddummatu kan dhaaman aanga’ooni tajaajilichaa, bu’aa yeroon gadhiisuuf tattaaffii taassisaa jiraachuu himaniiru. Qaammee 4/2017 ni gadhiifama jedhamee eegamaa kan ture qormaati biyyaalessaa, haala gaariin Qulqulleessuun gadhiisuuf jecha yeroo hin beekamnetti achi siquufi yeroo gadhiifamutti dursanii miidiyaalee biyyaalessaafi qabatamoo ta’aniif odeeffannoo akka kennan tajaajilichi beeksiseera. Barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan akka eegan dhaamameera. Bara kana barattoonni kuma 500 fi 80 qormaata kana fudhachuun ni yaadatama. Odeeffannoo barnotaan walqabatan kamiyyuu argachuuf liinkii armaan gadii bantanii telegram keenya #join gochuun nu hordofuu ni dandeessu.👇👇 @Qarooacademy

#Kutaa 12ffaa Qormaanni kutaa 12ffaa bor gadhiifama oduun jedhu oduu sobaati! Haga amma Ministeeri barnoota ibsa tokko illee hin kennine. Kanaaf odeeffannoo 'social media' irratti odeeffama jiruu oduu sobaati Bu'aan ormaata akkuma gadi dhiifamen oduu isaa isinin geenya kanaaf Chaanaalii keenya join gochuun odeeffannoo sirrii argachuu dandessu. @Qarooacademy

#Kutaa 12ffaa Qormaanni kutaa 12ffaa bor gadhiifama oduun jedhu oduu sobaati! Haga amma Ministeeri barnoota ibsa tokko illee hin kennine. Kanaaf odeeffannoo 'social media' irratti odeeffama jiruu oduu sobaati @Qarooacademy Bu'aan ormaata akkuma gadi dhiifameen oduu isaa isinin geenya kanaaf Chaanaalii keenya join gochuun odeeffannoo sirrii argachuu dandessu

#MoE Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018 irraa eegalee barattoonni bilbila harkaa, taableetii fi meeshaalee elektirooniksii biroo gara mana barumsaatti akka hin fidne dhorkeera. Ministeerri Barnootaa jalqaba bara barnootaa 2018 irratti hoggantoota biiroo barnootaa naannoo fi bulchiinsa magaalaa waliin marii toora interneetii irratti gaggeessee jira. Barri barnootaa 2018, Fulbaana 05, 2018 ni jalqaba. Ministirri Ministeera Misooma Barnoota Waliigalaa adde Aayelech Eshete barattoonni bilbila harkaa, taableetii fi meeshaalee elektirooniksii biroo gara mana barumsaatti akka hin fidne dhorkamuu beeksisan. Warri, barsiisonni fi qooda fudhattoonni daa’imman fi barattoonni umuriin isaanii barnootaaf ga’e hundi, kanneen bara darbe barnootaan ala turan dabalatee, gara mana barumsaa akka dhufan waamicha dhiheessaniiru. @Qarooacademy

Oromiyaatti Galmeen Barattootaa Haggaya 26 eegala - BBO Finfinnee, Hagayya 16, 2017 - Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 gaggeeffama jedhe Biiroon Barnootaa Naannichaa. Qophii karooraa bara barnootaa 2018 ilaalchiisee Sadarkaa Hogganaa itti aanaa Biirootti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa Poodkaastii Faanaa waliin turtii taaasisaniiru. Naannichatti qulqullina barnootaa mirkanneessuuf dameewwan hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisuun, bara 2018’f qophiin barbaachiisu taasifamaa jira jedhan. Haaluma kanaan galmeen barattootaa Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017tti kan geggeeffamu ta’uu kaasaniiru. Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuus obbo Efireem himaniiru. Wayita amma hojiileen meeshaalee barnootaaf barbaachiisan mijjeessuu, haaroomsa manneen barnootaa fi kanneen biroo hojjetamaa jiru jedhan. Kitaabiilee dabalatee meeshaalee barnootaaf barbaachisaan hojiin guutuu hojjetamaa jira jedhan. Biirichi hanqinaalee kitaabiilee mudachaa turan marsaa marsaan furuuf hojjetaa akka jirus dubbatan. Tooftaalee baruu fi barsisuurratti jijjiirama fiduuf sadarkaa biyyaalessaa fi naannootti leenjiin dandeettii barsiisootaa cimsuuf gargaaru kennnamaa jiraachuus kaasaniiru. Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jira jedhan. Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti argamuun haaloota kan mijeessan ta’uus eeraniiru. Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 kan eeegalu ta’uus Obbo Efireem akeekaniiru. Maatiin, hawaasni fi qooda fudhattoonni barattoota umuriin isaani barnootaaf gahee gara mana baruumsaatti akka ergan fi barataan kamuu mana baruumsarraa hafuu akka hin qabne dhaamaniiru. @Qarooacademy

''Qabxiin qormaataa seensa Yuunivarsiitii barattoota kutaa 12ffaa qoramanii tibbana ifooma'' Profeesar Birhaanuu Naggaa. ‎ Hagayya 15, 2017 Mariin dhimmoota misooma barnootaarratti xiyyeeffate Magaalaa Hawaasaatti mari'atamaa jira. ‎Mariicharratti, Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, dhaloota gahumsa, naamusaafi ogummaan badhaadhe horachuuf xiyyeffannaan hojjatamaa jira jedhan. Rakkolee seektara barnootaa keessatti mul’atan furuuf inisheetiviin ‘barnoota dhalootaaf’ jechuun bocame baasiin seektera barnootaa akka hir’atu, qulqullinni barnootaa akka mirkana’uuf bu'aa buusuu himuun, qabxiin barattoota kutaa 12ffaa qoramaniis tibbana ifooma jedhan. #education #exams @Qarooacademy

Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Galuuf Galmooftan Hundaaf --------- BBO- 10/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misooma Oromiyaa Barattoota Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhataniifi Ulaagaa dorgommii Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa galuuf isaan dorgomsiisuu guutan galmeessuun ni beekama. Haaluma kanaan, barattootni dorgommiif galmooftan hundi qormaata Seensaaf waamamtaniiru. Qormaatni kan Qophaa'e: #Gosa_Barnootaa:- - Afaan Oromoo - Ingiliffa - Herregaafi - Saayinsii Waliigalaa keessaa yoo ta'u, #Haala_kenniinsa_qabxii ilaachisee, - Qormaatni 80% - Qabxiin Ministirii 15% fi - Tiraansikriiptiin 5% ta'uun beekameera. #Guyyaa_Qormaataa:- Roobii, Hagayya 14/2017 #Sa'aatii Qormaataa:- Ganama Sa'aatii 2:00 irraa eegala #Iddoo_Qormaataa:- Bakka Itti Galmooftan irraa kan argattan ta'a. @Qarooacademy

MAATIIN IRRAA DHALANNEE FI HAALLI KEESSATTI GUDDANNE KUFAATI KEENYAAF SABABA HIN TA'U Irra caalaan namaa ani waanan maatii hiyyeessarraa dhaladheefan milkaayuu dadhabe, haalli ani keessatti guddadhes naf mijaataa hin turre kanaafan kufe ,gara fulduraattis milkaayuu hin danda'uu jechuun yoo abdii kutatan argina Gariin namaa immoo kan maatii hiyyeessaa sanayyuu hin qabne ,abbaaf haadha malee maatii ormaa yookaan daandii gubbaatti ,haala walxaxaa fi hammataa keessatti guddattee ,haala amanuuf nama rakkisuun jijjiramee, of bira darbee biyyaaf yoo dhaabbatu argina Meeqatu abbaaf haadha malee guddatee warra maatii dureeyyi fi haala mijaataa keessatti guddatan dursa Kaanimmo maatii dureeyyirraa dhalatee kan hatu,hojii hiika hin qabneen yeroosaa kan gubuu qubni haa laakka'u Kanaaf haalli naaf mijataa hin jiru milkaayu hin danda'u jettee hin yaaddayiin bakka yaadde ni geessaa Haalli keessa jirtuuf rakkoon maatii kee dhiibbaa sirraan gahuu danda'a garuu bakka yaadde gahurraa gonkumaaa si dhorkuu hin danda'uu Beelli,daaruun(huccuu dhabuun),qeeqni, arrabsoon... Walumaagallatti rakkoon jireenya keessatti si mudatu kamiyyuu barumsa gaarii sii barsiisa yoo ati barataa cimaa taate ,barataa cima ta'ii jireenyarraa baradhu Ibiddi rakkinaa si gubee,qorrisaas si dalaacheesee danfisaas si affeellee si jabeessuun milkaayinaaf si qopheessa rakkoo isa caalu kan gara fulduraatti si mudaachu danda'u haaluma salphaan akka mootuuf si gargaraa Rakkoo baqachuun rakkinaa nama hin baasu,dura dhaabbachuun wal'ansoo qabanii lafaan dhahutu furmaata yoo kan rakkina dheessitu ta'e rakkinnis si hordofee si duuka godaana bakka deemtettis rakkoon caalu si mudaachu danda'a kanaaf rakkoo baqachuurra madda rakkocha qorachuun rakkoo furuun ni filatama rakkoof harka hin kenniin malaafi beekuumsaan injifadhuu rakkinaa bahi, ofirra darbii biyyaaf furmaata ta'i Dhugumaan sababoonni adda addaa duubatti si harkisuu danda'u garuu ati waan qabde hanga galmaan geessutti hin dhiisiin inuma gaafa rakkoon sitti hedduumaatu kan duraa caalaa jabaadhu rakkina sana gara carraatti jijjirii,ofi kee daandii Saqaadhuu, dhaloota si booda jiru rakkoon si mudaate akka hin mudaanne furmaata waaraa lafa kaayi darbi Namichatu ilmasaa akkas jedhe gorse"Yaa ilma koo hanqaaquu ta'i malee dinnicha hin ta'iin, hanqaaquun gaafa danfa bishaanii keessa seene ni jabaata dinnichimmoo faalla kana ni laafa kanaaf hanqaaquu ta'i.gaafa rakkoon si mudaate jabaadhu malee harka hin kenniin."jedheen Milkaayinni kee kan hundaayu enyuummaa keerratti malee maatiif haala ati keessatti guddaterratti miti kanaafu abdii hin kutiin,jabaadhu Horaa bulaa. Yoo sitti tole #Share gochuu hin hifatin! Dubbisi akka irraa waa hubatan Abdii qaba @Qarooacademy @Qarooacademy

📢 We're Hiring! National Aviation College is seeking qualified and passionate professionals to join our healthcare academic team in Addis Ababa. 🔹 1. Nursing Department Head Key Responsibilities: • Lead curriculum development and accreditation • Supervise nursing faculty and ensure adherence to COC standards • Mentor staff and contribute to continuous academic improvement Qualifications: • Bachelor’s degree or above in Nursing or Healthcare Administration • GPA: Males ≥ 3.0 (BA), 3.5 (MA); Females ≥ 2.75 (BA), 3.25 (MA) • Min. 2 years of teaching/professional experience • Valid COC in Nursing Education • Leadership and organizational skills 🔹 2. Pharmacy Instructor Key Responsibilities: • Teach pharmacology, dispensing techniques, and pharmacy law • Conduct lab sessions and prepare students for national exams • Stay updated with pharmaceutical regulations Qualifications: • Bachelor’s degree or above in Pharmacy or Pharmaceutical Sciences • GPA: Males ≥ 3.0 (BA), 3.5 (MA); Females ≥ 2.75 (BA), 3.25 (MA) • Min. 2 years of relevant experience • Valid COC in Pharmacy Instruction • Strong instructional and communication skills 📅 Application Deadline: August 4, 2025 📧 Apply via Email: nationalaviationcollege.hr@gmail.com @Qarooacademy

Qabxiin Qormaata Xumura Barnoota Sad.1ffaa kutaa 6ffaa bara 2017  ifoome. BBO- Adoolessa 25/2017 Bara Barnoota 2017 Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa #Qormaata_fudhatan: Dhiira - 276 702 Dubara -261 146 #Walitti - 537 848 #Gara Kutaa_7ffaatti_Kan_Darban immoo 85.6% yoo ta'u, Dhiira -   238, 512 (86.2%) Dubara -  222, 108 (85.1%) #Walitti - 460, 620 (85.6%) ta'uun beekameera. Haaluma kanaan, barattootni qabxii keessan ilaallachuuf #Liinkii asiin gadii banuun -Lakkoofsa Galmee (Registration Number) fi Maqaa keessan kan Jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaaluu ni dandeessan. -Liinkichis: https://oromia6.ministry.et/#/result #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! @Qarooacademy

#Qabxii_Qormaata_Kutaa_6 Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa Bara 2017 Guyyoota hafan 3 Keessatti Kan Ibsamu Ta'uun Beekame. ---------------- BBO- Adoolessa 22/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa bara 2017 barattoota kuma 700 oliif kennee ture qabxii qormaatichaa guyyoota 3 keessatti (hanga Jimaata 25/11/2017)tti kan ibsamu ta'uu, hogganaa I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Kaasahun Galaanaa ibsaniiru. Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 barattoota miliyoona 1.1 ol ta'aniif ji'a tokko keessatti qormaata keennuu, Sororsuufi Qabxii ibsuun kan danda'e yoo ta'u, qabxii barattoota kutaa 8ffaa (barattoota 488 458) torban lama dura xumuree ibsuun ni yaadatama. Qabxii barattoota kutaa 6ffaa(barattoota 700 000 ta'an) immoo hanga Adoolessa 25/2017 tti kan ibsamu ta'uu, Dr. Kaasahun himaniiru. Walumaagalatti, Naannoo Oromiyaatti bara 2017 keessa barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhatan baay'inni isaanii (miliyoona 1.3 ol ) baay'ina #Ummata_Biyya_Jibuutii bara kanaa kan caalan ta'uun beekameera. #Hubachiisa #Qormaanni Kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyoota 26/10/ hanga 05/11/2017 kennamee ture; #Guyyaa 06-10/11/2017 waraqaan deebii qormaataa Godinaaleefi Bul. Magaalotaa irraa gara jiddu gala qormaatni itti sororfamu Magaalaa Adaamaa Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnoota Oromiyaatti geejjibamaa ture. #Guyyaa 11/11/2017 hanga 25/11/2017 tti qormaata sororsuufi firii qormaataa walduraa duuban beeksisuu gaggeeffamaa jira. Maddi: BBO @Qarooacademy

#Notice_to_All_New_Students_Interested_in_Haramaya_University's #Continuing_Education_Program Haramaya University is pleased
+3
#Notice_to_All_New_Students_Interested_in_Haramaya_University's #Continuing_Education_Program Haramaya University is pleased to announce the continued offering and expansion of various programs under its Continuing Education Program (CEP). These programs are available at our main campus and in the cities of Harar, Dire Dawa, Karamile, Chelenko, Bedeno, Kombolcha, Gursum, and Jigjiga. In response to community demand and in accordance with Ministry of Education requirements, both existing and new programs will be available. Registration Details: All prospective students interested in starting their studies through the Continuing Education Program are invited to register in person at our CEP centers in the aforementioned cities. Please bring your educational credentials with you. Registration begins in November 2025. We look forward to welcoming you to Haramaya University! @Qarooacademy

#Notice_to_All_New_Students_Interested_in_Haramaya_University's #Continuing_Education_Program Haramaya University is pleased
+2
#Notice_to_All_New_Students_Interested_in_Haramaya_University's #Continuing_Education_Program Haramaya University is pleased to announce the continued offering and expansion of various programs under its Continuing Education Program (CEP). These programs are available at our main campus and in the cities of Harar, Dire Dawa, Karamile, Chelenko, Bedeno, Kombolcha, Gursum, and Jigjiga. In response to community demand and in accordance with Ministry of Education requirements, both existing and new programs will be available. Registration Details: All prospective students interested in starting their studies through the Continuing Education Program are invited to register in person at our CEP centers in the aforementioned cities. Please bring your educational credentials with you. Registration begins in November 2025. We look forward to welcoming you to Haramaya University! @Qarooacademy

#Notice_to_All_New_Students_Interested_in_Haramaya_University's #Continuing_Education_Program Haramaya University is pleased to announce the continued offering and expansion of various programs under its Continuing Education Program (CEP). These programs are available at our main campus and in the cities of Harar, Dire Dawa, Karamile, Chelenko, Bedeno, Kombolcha, Gursum, and Jigjiga. In response to community demand and in accordance with Ministry of Education requirements, both existing and new programs will be available. Registration Details: All prospective students interested in starting their studies through the Continuing Education Program are invited to register in person at our CEP centers in the aforementioned cities. Please bring your educational credentials with you. Registration begins in November 2025. We look forward to welcoming you to Haramaya University!