cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Walaloowwan🗒 Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇 'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️ Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo Fb page👇 https://www.facebook.com/bultooliko/

Show more
Finland834The language is not specifiedMedicine3 289
Advertising posts
6 934
Subscribers
+1124 hours
+177 days
+9730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Deeppoo pirooveeraa/lilmoo ji’a sadii sadiin waraanamu *** 👉Kan mala ittisa da’umsaa ji’a sadiif gargaaru dha. 👉Lilmoodhan harka Irratti kan keennamu yommuu ta’u, qabiyyeedhan hormonii proojeestiroonii jedhamu of-keessatti qabata. 👉Malli ittisa da’umsaa kun hojii isaa kan hojjetu: ✅Ovuleeshiniin akka hin gaggeeffamne/hanqaaquun akka hin geejibamnee/ godha. ✅Mukasii yookin dhangala’aa afaan gadameessaa irratti argamu furdisuun mi’oon/semen/ akka haala salphaan hin dabarre taasisa. ✅Dhaabni gadameessaa micireedhaaf haala mijataa akka hin uumne taasisa. 👉Faayidaa isaa ✅Torbaan 12f da’uumsa ittisa ✅Yeroo dubartiin harma hoosiftu yoo fudhatame dhiibbaa geessisu hin qabu. 👉Dhiibbaa inni uumu ✅Marsaan laguu yeroo isaa eeggatee dhuufuu dhiisuu danda’a. ✅Dubara tokko tokko irratti ulfina qaamaa dabaluu danda’a. ✅Erga dubartiin mala ittisa da’umsaa kana fudhachuu dhabde booda ulfi yeroo muraasaaf turuu danda’a. Lemi Medical Center Dr.Lemi B Tolu @Fayyaa_egeree
Show all...
19🥰 4👍 2
🛑#Qoricha_ulfa_akkatasaa_ittisu (#Post_Pill) ☆☆☆☆☆ ♦️Qorichi ulfa akkatasaa ittisuuf faarmaasii irraa bitamu(Post Pill)'n carraa ulfaa'uu percent meeqaan ittisa jettanii yaaddu❓ ➢Post Pill'n maloota ulfa ittisan keessatti ramadama. ➢Dubartiin tokko walqunnamtii saalaa akka tasaa booda ykn qorichi ulfa ittisuuf duraan fayyadamaa jirtu yoo hojjechuu dide kan fudhachuu dandeessudha. #Gosoota qorichoota ulfa akkatasaa dhorkan ▶ Combined oral contraceptives(COC)- Kan hormoonota estrogen fi progestrone of keessaa qabu yoo ta'u, yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 75% hir'isuu danda'a. ▶ Progestron only pills (POPs)- Plan B jedhamuunis ni beekama. Kan progestron qofa of keessaa qabuufi yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 88% hir'isuu danda'a. ▶ Cu IUCD - Kan gadameessa keessa kaa'amu yoo ta'uufi guyyaa 5 keessatti yoo kaa'ame carraa ulfaa'uu 99.9% hir'isuu danda'a. ➢Biyya keenya keessatti baay'inaan faayidaarra kan oole kan Plan B jedhamuun beekamudha. Innis gosoota 2tu jiru. 1) Plan B One step: kan altokko qofa fudhatamu (kiniinii 1) 2)Plan B: Garaagarummaa sa'aa 12'n si'a 2 kan fudhatamudha ( kiniinii 2) ♦️Of-eeggannoo! ➢Qoricha ulfa akkatasaa dhorkuuf (Post Pill)fudhatanii yoo marsaan laguu osoo hin dhufiin torban 3 oliif walitti aansuun yoo ture, gara mana yaalaa ykn ogeessaa deemanii qoratamuun gaariidha. ➢Ulfi erga uumamee booda qoricha ulfa ittisu (Post Pill)fudhachuun faayidaa hin qabu. ➢Walqunnamtiin karoora malee raawwatame yoo jiraate, qorichoota ulfa ittisan dafanii fudhachuun gaariidha. Sababnisaas, sa'aa 72'n qaba jedhanii lafarra harkisuun, dandeettii qorichasanaa dadhabsiisaa deema waan ta'eef. ~~~~~ © Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024 #FOLLOW & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Show all...
👍 21❤‍🔥 3 3🤔 1
Gaafa aarte daftee hin murteessiin; gaafa gammaddemmoo ariifattee waadaa hin seeniin! @Fayyaa_egeree
Show all...
23👍 9
HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA) Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha. MALLATTOO 1. Dadhabbii, afuurri cituu 2. Mataa dhukkubbii 3. Lafti namaan maruu, 4. Waa yaadachuu dadhabuu. 5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka nama fiiguu namatti dhaga'amuu. 6. Gurra keessaa namatti iyyuu 7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf. KA'UMSA 1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf) 2. Hir'ina viitamin B. 3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron) 4. Raammoo garaa (hook worm) 5. Dhukkuba busaa (malaria) 6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture 7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan. 8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu. NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA? 1. Tiruu beeyladootaa 2. Hundee diimaa. 3. Timaatimaa fi loomii. 4. Kuduraalee fi muduraalee. 5. Damma fi Aannan 6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf. Fayyaan Faaya Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo) @Fayyaa_egeree
Show all...
22👍 12🤔 2
#DHUKKUBBII_DUGDAA (#Back_pain) ******* Dhukkubbii dugdaa namoota hedduutu qaba. Keessumaa yoo umuriin dabalaa deemu, carraan dhukkubbii dugdaa qabaachuu illee akkanuma dabalaa deema. Mee haala ykn mala kam fayyadamnee of gargaaruu dandeenyaa? 1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo danda'ame sa'aa sadii ol siree irra ciisuu dhiisuu qabna. 2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataafi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna. 3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjennu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida. 4. Waan diilallaa'aa ta'e yokaan hoo'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna. 5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa. 6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna. 7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayyaa bira deemanii ka'umsa isaa baranii gargaarsa argachuun gaariidha. ****** #FOLLOW & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Show all...
👍 17 3🥰 1
Mala uumamaa (marsaa laguu) fayyadamuudhaan ulfa hambisuu dandeenyaa? Guyyaa marsaan laguu itti dhufe (GUYYAA ISA JALQABAA IRRAA KAASNEE ) guyyoota 14 lakkoofna, guyyaan kun guyyaa itti hanqaaquun oovaarii irraa gadi dhiifamtu (ovulation) dha. Guyyaa kana fuuldura guyyaa sadiif, guyyaa kana booda guyyaa lamaaf walumaa galatti guyyaa shaniif qunnamtii irraa of qusachuu qabna. Haa ta'u malee carraan baay'ee xiqqoo guyyootuma kanaa alas ulfa ta'uu danda'a. Kanaafuu guyyaa sana fuuldura guyyaa shan sana boodas guyyaa shan of qusachuun caalaatti fiixaan ba'umsa kenna. Fakkeenya 1. Marsaan laguu gaafa Fulbaana 1 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 11 haga 16; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 9 haga 19 walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuu qabna. Fakkeenya 2. marsaan laguu gaafa Caamsaa 22 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 3 haga 8; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 1 haga 11 of qusachuu qabna. HUB: 1. Mala kana fayyadamuuf marsaan laguu yeroo inni ji'a ji'aan dhufu walfakkaataa ta'uu qaba. 2. Malli ittisa dahumsaa kun walumaa galatti dandeettiin ittisuu isaa haga warra kanneenii ( qorichoota) hin gahu. Galatoomaa. Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo) Fayyaan Faaya. 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Show all...
👍 17 4🥰 1