en
Feedback
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Open in Telegram
452
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
15-2014 Qaj.MM Aadaa.pdf4.03 MB

27.2015Qajeelfama bittaa Lakk.pdf10.24 MB

Labsii Lak. 251-2015 (Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraa).pdf2.62 KB

Labsii Lak. 249-2015 (Labsii Bulchiinsa Investimentii.pdf3.16 KB

Labsii_Lak_248_2015_Labsii_Bulchiinsaafi_Ittifayyadama_Lafa_Baad.pdf3.46 KB

Labsii Lak. 250-2015 (Labsii Magaalota Naannoo Oromiyaa).pdf4.74 KB

Labsii_Hundeeffama_Komishinii_Marii_Biyyaalessaa_Lak_1265_2015_A.pdf1.41 KB

Hubannoo seeraa WAAAB tiin gaafa guyyaa 11/07/2015 araddaa Hincinnii mana barnootaa keessatti mata duree kaayyoo fi galmaa yakkaa fi yakkoota miidhaa qaamaa fi fayyaa irratti raawwataman irratti Abbaa Alangaa Leencoo Abdallaa Rashiidiin kennamee Jira.

Labsii Magaalotaa 250-2015.doc5.75 KB

248_2015_Labsii_Ittifayadama_Lafa_baadiyyaa_Haaraa_1_1_11_pdf.doc3.79 KB

Ibsaa_Dabalataa_Raawwii_Hoggansa_Qabeenya_Namaa_Ilaalchisee_052215.doc4.54 KB

Ibsaa_Dabalataa_Raawwii_Hoggansa_Qabeenya_Namaa_Ilaalchisee_052215.pdf4.54 KB

Qajeelfama RHQN 24-2015.pdf59.92 MB

Hubannoon seeraa WAAAB tiin gaafa guyyaa 23/6/2015 mata duree Godaansa Seeraan alaa irratti Magaalaa Baddannoo keessatti kennamee jira

WAAAB gaafa guyyaa 23/6/2015 marii Barreessitoota Dhimma seeraa Aanaa Baddannoo waliin dhimmoota adda addaa irratti taasisee jira. Dhimmoota sana keessaa dhimmi ijoon deeggarsa Hongee Uummata Booranaatiif taasisuu yommuu ta'u, irratti mariin taasifame walii galuun Barreessitoonni Aanaa keenyaa qabeenyi keenya Uummata keenyaaf dhaadannoo jedhuun mata mataan Qarshiin 1000 hanga 2500 deeggarsa taasisuuf walii galamee koreen isaanuma keessaa filamee akka guyyaa lama keessatti raawwachiisaniif kallattiin kaawwamee Jira.

Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Lak.248/2015 (Ibsaa Camadaatiin) kutaa 1ffaa Seensa Labsii Lafa baadiyyaa lakk.130/1999 yoo ilalamuu lafa hojii Qonna waliin wal qabsiisuun ibsuuf yaala. Haata’u male labsii 248/2015 keessatti lafti ofiidhuma isaatiin bu’uura diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa waan ta’eef bulchiisniifi ittifayyadamni isaa sadarkaa guddinni Naannichaa irra gaheefi fedhii jiru giddugaleessa taasisuun carraa misoomaa dhaloota dhufuu irratti miidhaa karaa hin dhaqqabsiisneen akkaataa aadaa, duudhaafi qorqalbii ummata Naannichaatiin walsimuun akka raawwatamu taasisuun kan barbaachise ta’uu tuma. Qabxiin bakka kanatti sirnaan ilalamuuf yaalame  1ffaa Lafti bu’uura diinagdee, siyaasaa fi haawasummaa ta’uu, 2ffaa Haallii Bulchiinsa fi itti fayyadama lafichaa sadarka guddinni naannichaa irraa gahee fi fedhii jiru giddu galeessa taasisuun carraa dhaaloota dhufuu urratti miidhaa karaa hin dhaqqabsisneeb akka ta’u. 3ffaa Haalli Itti fayyadama fi Bulchiinsa lafaa dabarsa fi argannaa isaa dabalatee karaa aadaa, duudhaa fi qorqalbbii uummata naannichaatiin wal simuun akka raawwatamuu qabu dha. Akka fakkenyaatti Dabarsa keessatti dhaalaan yookiin kennaan dabarsuun aadaa uummata Oromoo kan bu’uureffate akka ta’u kan agarsisuu dha. Qabxiin biraan seensa keessatti akka haaratti dabalamuuf yaalame keessa qajeeltoowwan bulchiinsa lafaan lafti hoogganamuu akka qabu dha. Kunis qajeeltoowwaan Bulchiinsa lafaa jedhamanii akka waliigalatti beekaman keessa qajeeltoowwan iftoominaa, si’oominaa, bu’aa qabeessummaa, hirmaachisummaa fi ittigaafatamummaa jedhamanii beekaman  karaa of keessatti qabateen Bulchiinsi lafaa naannichaa  akka hoogganamu taasisuun sirna mirga abbaa qabiyyummaa lafaa qonnaan bulaan, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaan heeraan qabu hojitti hiikuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu dandeessisu diriirfamu akka qabu of keessatti kan qabate dha. Hiikkoo ilaalchisee dhimmoota falmisiisoo labsii duraa keessaa turani fi labsii haara kana keessatti hiikkoon haaraan kennameef ni jira. Labsii duraanii keessatti keewwata 2(16) jalatti miseensa maatii hiikame ture keessatti madda wal falmii, shakkii fi bakka tokko tokkotti immoo madda walitti bu’insa cimaa akka ture qorannoon agarsifamee waan tureef, akkasumas Oromoon alagaa dhala isaa taasisee sirna itti waliin jiraachuu danda’u sirna guddifachaa waan qabuuf hikkoon labsii duraanii keessatti “miseensa maatii jechuun ijoollee abbaa qabiyyeerraa dhalataan ykn namoota biro galii biraa hin qabneefi dhaabbataan abbaa qabiyyee wajjiin jiraatan” jechuun hiikamee ture gutummaatti labsii haara kana keessaa hafeera. Hiikkoo biraan labsii 248/2015 keessatti haala addaan ilaalame hiikkoo horsisee bulaaf kenname dha. Labsii 130/1999 keessatti Horsiisee bulaa jechuun nama naannoo gammoojjiitti lafa margaa fi bishaan barbaachaaf bakkaa bakkatti socho;’uudhaan beeyladaa kan horsiisuu, jireenyi isaafi maatii isaa irraa caalaan beeyladaa fi bu’aa beeyladaarratti kan hundaayee dha jechuun hiikamee ture fooyya’uun labsii haara kana keessatti keewwata 2(8) jalatti Horsiisee bulaa jechuun nama jiruufi jireenyi isaa irra guddaan beeyiladaafi bu’aa beeyilada irraa argamurratti kan hundaa’ee akka ta’eetti hiikamee jira. Hiikkoo kanaaf Sababni  bu’uuras horsisee bulaan beekumsa, muuxannoo, dandeettii naannoo gammoojjitti horateen oromiyaa keessaa bakka kamittiyyuu mootummaa irraa lafa argatee horii horsisee buluu irratti bobba’uu waan danda’uuf  dirqama “naannoo gammoojjiitti lafa margaa fi bishaan barbaachaaf bakkaa bakkatti socho’’uun” dirqama ta’uu kan hin qabne dha. Gama biraatinis barruulee adda addaa dhaabbileen adda addaa fayyadamaa turan illee yemmuu ilaalamu hiikkaan horsisee bulaaf kenname kun akkaatan labsii haara kana keessatti tumameen ta’uu akka qabu agarsisa.