452
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Repost from N/a
Too'annoo Fi Hordoffii Hojii Irra Oolmaa Seeraa###
Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Bu'uura labsii 214/2011 keeww.7(6)Aangoo kennameeffin Gaafa guyyaa 30/9/2015 Cheeck-listii baafachuun Hojii irra oolmaa seeraa Abbaa Taayitaa Eeguumsa naannoo fi Jijjiirama Qileensaa Aanaa Baddannoo Dhimmoota Qabinsa ragaa fi oddeeffannoo,Hayyama oguumaa kennuu fi Qajeelfama Galii fi sasaabi Bu'aa bosonaa fi beeyladaa irratti xiyyeeffachuun sakkata'ee jira.haaluma kanaan mariin bali'anaan kan godhamee yoo ta'uu ciminaalee jiran cimsuun haanqinaalee jiran irrattis duug-deebin kennamee jira.Dabalataan Duug-deebin kennamee barreeffamaan kan kennamuuf ta'a!!!
Waajjira Abbaa Alangaa Baddannoo-Baddannoo Gaafa guyyaa 28/9/2015 mana barnoota arradda ililii daraartuutii mataa duree kayyoo fi galma seera yakkaa akkasumma godaansaa seeraan alaafi heeraa mootumma kewt 36,35 irrattii keenamee jira Mirgaa fi dirqama keenya beeknee yakka ittisuu irratti haa hirmaannuun dhaamsa Waajjirichaati.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-BADDANNOO
Haala koreen taask-foorsii kenna tajaajilaa Aanaa Baddannoo raawwii hojii kenna tajaajilaa Aanaa keenyaa itti gamaaggameetu jira.
Haaluma kanaan rakkooleen adda bahan furamuufi dhiisuu akkasumas kallattii fuulduraa kaayyachuun mariin ximuramee jira.
Caamsaa 26,2015-BADDANNOO
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo karaa abbootii alangaa isaatiin gaafa 26-09-15 magaalaa furdaa, jaldhaabatti qaamaan argamuun sagalee guddistuudhaan matootii duree adda addaarratti (yakkoota diinagdeen walqabatanii fi godaansa seeraan alaarratti)hubannoo seeraa akka uumamu taasiseera.
Mirgaa fi dirqama keenya beeknee yakka ittisuu irratti haa hirmaannuun dhaamsa Waajjirichaati.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-BADDANNOO
Caamsaa 20, 2015-Baddannoo
ü Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Hubannoo seeraa hawaasni qabu cimsuun yakka ittisuuf kaayyeffachuun gahee hojii isaa bahachaa jira.
ü Haaluma kanaan, gaafa 20-09-2015 hawaasa aanichaa araddaalee Mataa Raammisiifi Gololcha Raammis irraa gargaarsa fudhachuuf Baddannootti walitti bahanii turaniif mata-duree mirgootaa fi miidhaa daaāimmaniifi dubartootaarratti akkasumas godaansa seeraan alaa ykn daddabarsa namootaa seeraan alaarratti qaamaan argamuun barnoonni hubannoo seeraa akka kennamu taasiseera.
ü Kana waan taāeef qaamni Heeraa fi seera kabachiisu, akkasumas lammiileen hundi mirgaa fi dirqama keenyaa adda baafannee beeknee Olāaantuummaa Seeraatiif tumsa oonee miidhaa daaāimmaniifi dubartootaarratti gahan haa ittisnuun dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti.
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
§ WAAAB-Baddannoo
Hubannoo seeraa
Caamsaa 19, 2015 WAAAB Baddannoo
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Hubannoo seeraa hawaasaa gabbisuuf qaamaan magaalaa Furdaatti argamuun sagalee guddistuudhaan matootii duree adda addaarratti hubannoo seeraa laateera.
Keessattuu, mirgaa fi miidhaa daa'immaniifi dubartootaarratti akkasumas godaansa seeraan alaa ykn daddabarsa namootaa seeraan alaarratti hubannoon uumamee jira.
Mirgaa fi dirqama keenya beeknee dantaa waloo keenya haa tikfannuun dhaamsa waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-BADDANNOO
Hubannoo seeraa
Caamsaa 19, 2015 WAAAB Baddannoo
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Hubannoo seeraa hawaasaa gabbisuuf qaamaan magaalaa Furdaatti argamuun sagalee guddistuudhaan matootii duree adda addaarratti hubannoo seeraa laateera.
Keessattuu, mirgaa fi miidhaa daa'immaniifi dubartootaarratti akkasumas godaansa seeraan alaa ykn daddabarsa namootaa seeraan alaarratti hubannoon uumamee jira.
Mirgaa fi dirqama keenya beeknee dantaa waloo keenya haa tikfannuun dhaamsa waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-BADDANNOO
Hubannoo seeraa waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo ....
ā¢Ā Qaama hawaasaa/barattoota manneen barnootaa Barakat Barkallee fi dargaggoo araddaalee adda addaa irraa_leenjiirra jiraniif Baayāina hirmaattotaa dhiir_1157 fi dub_857 waliigala_2014 kennamee jira.
ā
š²Torban kana qofa Maallaqa Mootummaa Gorsaan deebiāe waliigala qarshii 1,339,898.50 dha.
⢠Maallaqa aragannoo odiitii furmaata argate qarshii 38,270 dha.
1ffaa Maallaqa liqii Baankii Siinqee qarshii 678,733 galii taheera. 2ffaa Calla guddiftuu 177,332.5 fi paampii 92,032 3ffaa qabeenya qisaasame nama dhuunfaarraa deebiāe mootora suuzuukii 1, kampiyuurata 1, taabileetota 2 fi GPS 1 walitti maallaqaan qarshii 258,920 liqii mindaa deebiāe qarshii 53,232 dha.
4ffaa Kan gibiraa fi taaksii qarshii 79,649 raawwatameera.
Repost from N/a
Murtii Barsiisoo
Himatamaan Hojjattoota Baankii Awaash Jalaa Maallaqa Hate Adabbii Hidhaa Cimaan Adabame.
Caamsaa 14, 2015 - Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo-Baddannoo
Himatamaan hojjattoota Baankii Awaash Damee Baddannoo jalaa maallaqa hatuun shakkame erga garee qorannoo yakkaa waajjira pooliisii aanaa keenyaatiin qoratamee booda Abbaan alangaa seera rogummaa qabu SY RDFI bara 1996 bahe keewwata 665/1 jalatti himannaa hundeessuun falmiin taasifamaa tureen himatamaan gocha yakkaa ittiin shakkame waan waakkateef ragaan abbaa alangaa dhiyaatee gocha kana raawwachuu shakkii malee irratti waan mirkaneesseef ofirraa ittisi jedhamus ragaa ittisaa hin qabu jedheejira. Kanumaan manni murtiis gochaan inni raawwate badiidha erga jedhe seera rogummaa qabu waliin xiinxaluun haala qabatama raawwii fi ulfina yakkichaa akkasumas yaada adabbii gara lachuu irraa dhiyaate tilmaama keessa galchuudhaan akkaataa qajeelfama adabbii MMWF lakk.2/2006 tiin himatamaan hidhaa cimaa waggaa 2tiin akka adabamu murteessee jira.
