452
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Baga Gammaddan, Baga Gammanne
------------------------------
Hagayya 13, 2015 WAAGHB
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa sirna madaallii fi badhaasaa BAAWO'n taasiseen raawwii hojii olaanaa galmeessuun 1ffaa waan baheef badhaafamaa geebaa fi waraqaa ragaa akkasumas kompiyuutara sadarkaa eeggatee taheera.
Mataa gadi qabatanii ummata tajaajiluun mataa olqabatanii akka badhaafaman nama taasisa waan ta’eef urjiileen Oromiayaa Bahaa Baga Gammaddan Baga Gammanne.
Dakaa⬇️Hanga⬆️Gaaraatti
----------------------
Gammoojjii Qumbii, bakkanniisa oromoo fi Mayyuu Muluqqee irraa hanga baddaa Dabbaal, Kundhudhoo fi Jamjam xiixaatti...
Hojjattoota 🚻Hanga🛂Ogeeyyiitti
----------------------------
Hojjattoota gootota, Waardiyaalee fi qulqulleesitoota waajjiraalee irraa hanga ogeeyyii qareeyyii Abbootii Alangaa fi Hoggansa sadarkaan jiraniitti...
Qaamolee Qindoominaa fi qooda fudhattoota taatan hundi keessanuu...
Manneen Hojii Mootummaa tumsa nuuf gootan hunduu maqaa ummata tajaajilluutiin ulfaadhaa.
Baga Dadhabne, Baga Bdhaafamne.
Baga Gammaddan, Baga Gammanne!
Repost from Seerota Caffee Oromiyaa/'Caffee' Oromia Laws
Labsii Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa 248/2015
Repost from Elias Kasa Legal Service.
Leenjii Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Irradeebiin Murteessuuf Bahe, Lakkoofsa 248/2015 Irratti Qophaa’ee. (Leenjii MMWO tiif kenname)
(Credit to Ibsaa Camadaa)
Hagayya 3, 2015 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo - Baddannoo
#Tajaajila_Lammummaa Hojiilee gurguddoo Waajjirri Abbaa Alangaa raawwii hojii karooraatiin ibsamanii raawwataman keessaa DHIIGA ARJOOMUUN hangafa waan ta’eef Abbootiin Alangaa keenya har'a Gaafa Hagayya 3, 2015 mana Barnoota sadarkaa 2ffaa Baddannoo keessatti argamuun dhiiga arjoomaniiru.
Haaluma kanaan, gamanaan dirqama Lammummaa keenyaas bahachaa gamasiin immoo warreen birootiif hojii fakkeeenya tahuu raawwatameera.
Kunummaanuu hojii karoora xiiqii qabxii 0.7'n waancaa itti dhabnee 2ffaa baanee tahuu danda’a.
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
WAAAB-Baddannoo
Hagayya 1, 2015 WAAAB
#Hubannoo_seeraa
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo dirqama hubannoo seeraa hawaasaa cimsuuf Gaafa 01-12-2015 Jaldhaaba Magaalaa Baddannootti Abbootii Alangaa waajjirichaatiin Matadureelee adda addaa irratti kannameera.
1.gahee/aangoo hojii waajjirichaa labsii lakk.214/2011 kwt 7
2.yakkoota adda addaa qabeenyaan walqabatanii fi miidhaa inni geessisu.
3.yakka dubartii fi daa'imman irratti raawwatamu irratti
4.yakka gibiraa fi taaksii irrattii fi
5.godaansa seeraan alaa irratti kannameera
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
WAAAB-Baddannoo
Adoolessa 25, 2015 WAAAB-Baddannoo
Gareen Abbootii Alangaa Fi Kutaa Qorannoo Waaj/Poolisii Aanaa Baddannoo idoo hoggani waajjiraalee
2nii argamanitti dhimmoota raawwii hojii waliigalaa fi qindoominaa kan 2015 fi karoora 2016 irratti haala
ciminaalee turan ittifufsiisuu fi hanqinaalee mul’atan maksuun danda’amu irratti marii bal’aan erga
taasifamee booda waliigalteen kallattii fuulduraa kaayyachuun waltajjichi goolabameera.
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
WAAAB-Baddannoo
Waxabajii 21, 2015 WAAAB
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo karaa koree manaajimeentii isaatiin koree dhaabbii dhimma bulchiinsaa fi seeraa mana marii Aanichaa waliin ta'uun raawwii hojii bara 2015 fi karoora hojii bara 2016 irratti marii taasiseera.
Hubannoon seeraa waajjira abbaa alangaa aanaa baddannootiin laatameera.
Caamsaa 30.09.2015 waajjira abbaa alangaa aanaa baddannootiin hubannoon seeraa iddoo garaa garaatti mataduree.
1.mirga dubartii fi daa'immanii irratti
2.godaansa seeraan Alaa irratti
3.yakka qabeenya irratti raawwatamuu fi
4.heera mootummaa irratti.
1.ummata araddaa dheertuu raammisiif iddoo isaan midhaan gargaarsaa fudhatanittii fi
2.kabaja guyyaa daa,immanii sababeeffachuun immoo barattoota mana barnoota madarasaa aanaa baddannootiif waajjira dhimma dubartii fi daa'immanii waliin tahuun haala miidhagaa taheen laatameera.
Hubannoon seeraa waajjira abbaa alangaa aanaa baddannootiin laatameera.
Caamsaa 30.09.2015 waajjira abbaa alangaa aanaa baddannootiin hubannoon seeraa iddoo garaa garaatti mataduree.
1.mirga dubartii fi daa'immanii irratti
2.godaansa seeraan Alaa irratti
3.yakka qabeenya irratti raawwatamuu fi
4.heera mootummaa irratti.
1.ummata araddaa dheertuu raammisiif iddoo isaan midhaan gargaarsaa fudhatanittii fi
2.kabaja guyyaa daa,immanii sababeeffachuun immoo barattoota mana barnoota madarasaa aanaa baddannootiif waajjira dhimma dubartii fi daa'immanii waliin tahuun haala miidhagaa taheen laatameera.
