cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Finfinnee tube

Finfinnee tube irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf

Show more
FinlandThe language is not specifiedLinguistics
Advertising posts
1 190
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
“Yaawu Zaranyaadha naan jedhu, akkuma duratti jedhan sana. Maqaa tokko dhiisii lama, sadii, afurillee haa baasan. Ani kanaaf waanan sodaadhu hin qabu! Kun waan nama sodaachisus miti. Nuti ni sodaachisna malee hin sodaannu! Of ta’aa! Namni of hin taane biyyaafis, firaafis ollaafis hin ta’u! Nuti ijoolleen keenya afaansheetiin haa barattu, amantaan haa babal’atu jenne. Isaanimmoo lafaafi qabeenyaa dhabna jedhanii dhiphatu malee waan biraa miti!” (Abbaa Saawiroos) Kutannoo!
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#OduuAagaati - Gaaffii namoota hedduu keessattuu Hayyoota Barnoota Sad. Olaanaa irraa #HiikkaanDookumantii Gugiilii Afaan Oromoo maaliif eegaluu dhabe jechaa turtan, kunoo Egalchiifne. #waliifdabarsaa Qorattootni, Qo'attootni, Barreesitootni, Barsiisotni, Barattootni, Dookumantii Fuulota heddu qabu Hiikkachuuf yeroo fi baasii guddaadhaaf saaxilamaa turaniiru, kanaan walqabatee hedduun keessan guyyaa kana Abdiin eegaa akka turtan nan beeka, namoota qaamaanis tahee keessaan na gaafatanis guyyaa kana aka eegan hubachiisuuf yaalaa ture. Amma Guyyaan sun kunooti, Dookumantii Fuulota heddu qabu yeroo takaan olfeetanii daqiiqaa 1 keessatti Afaan barbaddanitti jijjiiruu ykn Afaan barbaaddan irraa Afaan Oromootti jijjiirachuuf hulaan banameera. BAGA GAMMAADDAN, Congratulations! Haa tahuu malee Haalli hojii Hiikkaa Afaan Oromoo Google irra jiru sirnaan hojjatameera jechuu miti, kana gareen keenya sirritti hubata, Gareen Damee Hiikkaa Afaanota Itoophiyaa Google Crowdsource - Ethiopia tis sirritti hubanna.
Show all...
via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/ZLn81uy
Show all...
'Mana hin turre malee silaa akkuma Abbootii Gadaa Karrayyuutti na ajjeesuuf turan' - Abbaa Gadaa Goobana Holaa

'Mana hin turre malee silaa akkuma Abbootii Gadaa Karrayyuutti na ajjeesuuf turan' - Abbaa Gadaa Goobana Holaa

Dhume kaa sabni koo Dacheen dhiiga taatee Boollis afaan bantee Ol adeemaa sooratte ~ Xiqqaatu boo'a cichee Guddaanis akkaasumaa Rakkinni keenya kuni Jarana yoom dhumaa ~ Sabni nagaan bahee Nagaan galuu dadhabee Beekanis wallaalaan Karaa gubbaatti cabee ~ Yaa bara yaa bara Kan Oromooti jabaattu Yoomuma dhufa laata Barri sabaa koof mijattu
Show all...
"Nan beeka yaa aayyee….! Ta’usaa nan beeka, dubbii akka cookkoo Yoon hin boowu jedhe, du’a intalakeetii du’a obboleettiikoo Hin boowu yoon jedhe, du’a ilmakeetii, dua obboleessakoo; hallaallicha gurbaa Hin boowu yoon jedhe, du’a obboleettiikee, dua adaadaakoo ulfa ji’a torbaa Ofiimee yaa dayee…, Inni harma mursiisuu fi, inni ulfa ajeesisu addaddummaa qabaa? * Nan beeka yaa aayyee…. Ta’usaa nan beeka, dubbii akka cookkoo Hin boowu yoon jedhe, du’a jaarsa abbaakee, du’a akaakayyuukoo Yoon hin boowu jedhe, du’a dayeekeetii, du’a ishee anaaf akkoo; * Yoom roobee, yoom caamee, maan ijakoo cuunfaa? Yoom hoodee xumuree, maal gammadeen kolfaa? Yookaan, jalbultii roorrooti, yookaan geggeessoo gidiraa Xumura garbummaa, yookaan dhufa dhipuu haaraa Yookaan dhalachuufi, yookaan, gatachuufoo jira Yookaan, nuyi qaqqabatu ammas dhufee taraa Yookaan in mijaawaa, yookaan infashala Yookaan, manii gaha, yookaan, karaa bulaa Kanaafuu yaa dayee… Lammiikoo isa du’eef, lakkii anoo hin boowuu geeraraan awwaalaa. *** Atis, qusadhu imimmaankee, guyyaan tokko in dhufaa Gidiraanis darbee, dukkanis inifaa Gaafa tokko taanu, boolli amuummates ofiisaan of cufaa Gaafa walii gallee, aangoon nu cunqursus, lafa dhayee kufaa; Kunoo bara sanaaf qusadhu imimmaankee, baras gadda teenyaa Yoo fedhe in kofallaa, fedhe harqinee boonyaa. Kanaafuu yaa giifti…. Qananii imimmaanii fi gammachuun kunuunuu Booda itti deebina ammaaf yeroo hin qabnu Ciriqii nu hudhee cabsee bahuu gayes, yaabnee gad haa qabnu Fedhiinsaa utuu jiruu, lakkii hin jiru haa jennu Miira haaleejjifannu, miira haa adoochinu" Dr Zelealem Aberra
Show all...
Go to Home Jawar Mohammed Dhumaatiin ummataa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti maaf hin dubbanne komiin jedhu hedduutu dhufa. Gama tokkoon komii sirriiti. Gama biraan garuu maal haa baasuuf dhama raasuunis jira. Osoo dubbachuun bu'aa buusee, osoo haalli hangana hin babbadin hamma laagaan keenya goggoguu waywaanne. Lubbuu teenya qabsiifnee ummata keessa deemnee gorfanne. Ol deebine hogganoota gama hundaafuu waan argine gabaafnee akka osoo dubbiin daran wal hinxaxne furan kadhanne. Gaafa dhumaatiin kun akka dhufu timaamuun waywaannu aanaalee takkaafi lama qofatu jeequmsaan hubmaa ture. Har'a godinni Oromiyaa lolli keessatti hin godhamne, kan namni keessatti hin dhumne hin jiru. Dhugaa haa dubbannu yoo jenne lakkofsi ilmaan Oromoo waggoota afran kana ajjeefamanii kan bara Wayyaaneefi Darguu walitti dabalatee ni caala. Har'a ummanni keenya miliyoonotaan qe'e isaarraa buqqa'ee rakkoo hamaa keessa jira. Dargaggeessi Oromiyaa misoomsuuf barate gamaa gamanaan hidhatee walfixaa jira. Kuni qaanii dubbachuuf nama sururuudha. Har'as waanuma kaleessaa waywaachaa baane jenna. Maddi lola kanaa wal dhibdee siyaasaati. Mariin malee madfiin hin furamtu. Akkuma Kaabatti agarre, hammamuu dheeratu lolli kun marimaan dhumuuf taa'a. Waan hin oolleef miskiina lafarraa fixuun, biyya hiyyeettii daran unkuteessuun haa dhaabbatu. Rakkoo Itoophiyaa Kaabatti nagaan furree, Oromiyaatti lolaan fixna jechuun of sobuudha. Mana cinaa tokkoon gubaa cinaa biraan kabuun walfakkaata. Oromiyaan dhiigaa Itoophiyaan jaaramtu hin jirtu. Its matter of geography and demography. Balaan Oromiyaa ummatootaafi naannota mara akka tuqu kaleessa hubachuun dadhabamus har'a ragaan guyya guyyaan mul'ata. Rakko gama Kaaba biyyattii araaraan fixuuf yaaluun abdii horee jira. Garuu hamma kan Oromiyaas karaa nagaa hin qabannetti, yaaliin araaraa Kaabaas carraan milkaayuu isaa xiqqaadha. Itoophiyaa gaaga'ama ishii mudaterraa baraarree biyya hundaaf taatu jaaruu yoo barbaannee walwaraansi roga hundaan godhamaa jiru dhaabbachuu qaba. Kanaan alatti fuuldurri ummataafi biyya sanii guyyama guyyaan hamataa deema.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
“Atis dhuftee adeeroo? Guddaa angafa koo Qooree jiraa laata Imimmaan saba koo? Qeerroofi qarreen biyyaa Maal sitti dhaamanii? Gumaa koo baasanii? Siidaa koo dhaabanii? Gaaffiin Oromoo koo Inni waggaa dheeraa Erga ani deemee Deebii argateeraa?”
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Seenaafi dhalootarraa Siif taa’eera bakki Ni duute siin jennaa? Ati hin duune lakki! Nagaan boqodhu!
Show all...
via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/K4DMilj
Show all...
Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti maaltu tahe?

Wallaga Bahaa Magaalaa Naqamteetti maaltu tahe?

AKKAM SIIF TA'U? Akka Laggasaa Wagii Du'ee siif wareegamuu? Akka Nadhii Gammadaa As buutee siif dhabamuu? Akka Eebbisaa Addunyaa Lafarra harkifamuu? Akka Maammoo Mazammiir Guyyaa siif Fannifamuu? Akka Abbabaa Biqilaa Miilakoo duwwaa fiiguu? Akka Badhoo Dilgaasaa Gurmuu diinotaa diiguu? Akka Goobana Daaccee Diina lammiitti Firoomuu? Akka Qadiidaa Wandhabee Biyya gurguree duroomuu? Akka Agarii ilma Tulluu Qawweedhan dadhabamuu? Moo akka Abishee Garbaa Jaarsummaan siif sobamuu? Akka Baalchaa Saafoo Lolee diina dachaasuu? Akka Garasuu Dhukii Ka'ee baandaa mancaasuu? Paastaa harkaa harcaasuu? Akka Waaqoo Guutuu Garbummaa buqqisuu? Hangan du'utti lolee Ilmaan itti guddisuu? Akka Elemoo Qilxuu Diina biyyarraa qoluu? Akka Alamuu Qixxeessaa Lammii tokkoomsee loluu? Akka Abdiisaa Aagaa Hidhaa cabsee sii ba'uu? Koloneel Aliyyii Cirrii ta'ee Xiyyaara lafaan dha'uu? Akka Taaddasaa Birruu Maandeellaa siif leenjisuu? Akka Usmaayyoo Mussaa Geeraree siif weeddisuu? Akka Qeerroo Nageessoo Qeerrummaan kolaafamuu? Akka Leenjisoo Diigaa Summidhaan ajjeefamuu? Akka Bakar Waaree lolee Miila tokko siif laadhuu? Akka H/Aadam Saaddoo Waraqaa iccitii nyaadhuu? Akka Haacee Hundeessaa Rasaasaan siif gubadhuu? Akka Daadhii Galaan Gaaffii sabaa gaafadhuu? Akka qeerroo Oromoo Diinatti iyyee caraanuu? Akka dhaloota qubee Qalamaan diina waraanuu? Mee kaa Yoomi?........ Kan hidhaan kun hiikamuu Kan sakaallaan kutamuu Kan dhugaan bade galuu Kan lammiin walii maluu Kan facaafanne daraare Asheetee firii godhataa? Boraatiin koo naaf tolee Cinaachi koo boqataa? Abjuun naaf milkaa'ee Hirriibni na fudhataa Mee akkam siif ta'u?....... Waan siif ta'uun dhabee Qaamaf qalbiidhaa cabee Yogguman maal siif ta'e Kan biiftuun dhugaa baatu? Ooyiruu abbaan qotee Kan alaa dhufaan nyaatu Dhiigakoo dhangalaasee Daangaa keetiin sararuu? Lafee koo itti caccabsee Galma keetiin ijaaruu? @Oromiannewss
Show all...