cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

Show more
Ethiopia1 531The language is not specifiedNews & Media10 452
Advertising posts
14 811
Subscribers
+3824 hours
+3417 days
+1 46530 days
Posting time distributions

Data loading in progress...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Publication analysis
PostsViews
Shares
Views dynamics
01
"Faawundeeshinichi kaayyoo Artisti Alii Birraa akka milkeessuuf hundinuu deeggaruu qabna" -Aadde Caaltuu Saanii ** Gaazexaa Bariisaa Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa kaayyoofi mul'ata artistichaa milkeessuuf ka kaayyeffate waan ta'eef hundinuu deeggaruufi gargaaruu akka qabu Ministirri Manneeniifi Bu'uura Misooma Aadde Caaltuu Saanii dubbatan. Hundeeffamni faawundeeshiniichi har'a Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti iftoomeera. Sagantaa hundeeffamichaarratti haasaa kan taasisan Aadde Caaltuun, Artisti Alii Birraa aadaafi seenaan inni hojjetee darbe yoomuu hindagatamu jedhanii, Faawundeeshinichis hojiisaafi mul'atasaa milkeessuuf kan hundaa'e waan ta'eef deeggaramuu qaba jedhan. Mootummaanis deeggarsa gamasaa akka taasisu dubbataniiru. Walitti Qabduu Boordii Faawundeeshinichaa Haadha warraa Artisti Alii Birraa Iliillii Marqos Birraa gamasaaniin, Artisti Alii Birraa wayita lubbuun tureetti kaayyoofi mul'ata hedduu akka qabu himanii, mul'atasaa kana milkeessuuf Faawundeeshinichi hundeeffamuu himaniiru. Aliin dhimmoota barnoota, seenaa, aadaa, misoomaafi jaalala biyyaa sirbaan faarsaa ture, gochaan hojiirra oolchuun mul'atasaa akka ture yaadachiisanii, kana dhugoomsuuf aniifi isin ummatni Itoophiyaa gahee olaanaa akka qaban dhaamaniiru. Milkaa'ina hundeeffama Faawundeeshinichaaf mootummaan Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru. Sagantaa kanarratti Asxaan Faawundeeshinichaa kan iftoome yoota'u, faaruufi sirboonni Artisti Alii Birraa leellisan dhiyaataniiru. Saganticharratti hoggantoonni olaanaa federaalaafi naannolee, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, artistoonnifi keessummoonni affeeraman hedduun argamaniiru. Wayinisheet Kaasaatiin
1 7067Loading...
02
Media files
1 3704Loading...
03
#Faawundeeshinii_Alii_Birraa‼️ ***** Gaazexaa Bariisaa Sirni iftoomsa Faawundeeshinii Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa bakka ministiroota, abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, pirezidaantii duraanii Oromiyaa Obbo Juneyiddii Saaddoo, artistoota dabalatee keessumoonni adda addaa argamanitti Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira. Wayinisheet Kaasaatiin
1 5952Loading...
04
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!! Gaazexaa Bariisaa Waxabajji 15 bara 2016 maxxanfame https://press.et/oromifa/2024/06/22/bariisaa-sanbataa-waxabajjii-15-bara-2016/ - Telegram Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo ykn liinkii https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo - Marsariitii https://www.press.et/afanoromo/
1 7011Loading...
05
#Fincaa'aa_Leephis‼️ **** Gaazexaa Bariisaa Godinaalee Oromiyaa keessaa tokko kan ta'e Arsii Lixaa iddoowwan hawwata turiizimiif oolan heddu qabaachuun beekama. Godinichi qabeenya uumamaa dilbii yemmuu daaw'ataman qorqalbii namaa hawwataniifi booharsan lageen, gaarren, bineensota bosonaa, paarkiiwwan, allaattiiwwan, aartuuwwan, harawwan, bishaan ho'aa uumamaafi fincaa'aawwanfaa qaba. Iddoowwan hawwata turiizimiif oolan kanneen godinichi qabu keessaa tokko Fincaa'aa Leephiis. Barana Afrikaa hanga Eeshiyaatti, Awurooppaa hanga Ameerikaatti miidiyaalee guguddoo addunyaatiin ajandaa ijoo ta'uun gabaafamaa kan tureefi qalbii uummata addunyaa booji'uun qabeenya dilbii miidhagaa addunyaan qabdu keessaa sadarkaa dursaa qabachuun kan galmaa'e iddoon ikoo turizimii #Leephis bal'ina bishaan gaararraa gadjiguun walakkaa hektaaraa uwwisee qabeenya guddaa dachiin Oromiyaa addunyaaf gumaachiteedha. Fincaa'aan Leephis Aanaa Nageellee Arsii, gandoota Ashookaafi Leephisitti argama. Leephis magaalaa Shaashamanneerraa gara kaaba bahaatti Kiiloo meetira 43fi Magaalaa Nageellee Arsiirraa gara Bahaatti kiiloo meetira 18 fagaatee argama. Maqaan "Leephis" jedhamus kan moggaafame naannawa kanatti biyyoo gabbataa omishaaf mijataa ta'eefi lafa uumamaan bishaan biyyoo jala yaa'u "leephoo" jedhamurraa akka ta'e manguddoonni ni lhimu. Maddi Fincaa'aa Leephis Aanaa Qoree lageen lamaan Gurraachoofi Anjelaaloo jedhamanirraa yommuu ta'u, bishaan lageen Anjelaaloofi Gurraachoo walitti dabalamuun humna horatanii gubbaarraa gadi konkolaatu fincaa'aa akkaan guddaa ta'eefi qalbii addunyaatti harkise kana uumuusaa jiraattonni nidubbatu. Fincaa'aan Leephis lafa ol fageenya meetira 85 ol dheeraturraa gadi konkolaachuun maqaa Laga Leephis jedhamu uumee kiiloo meetira 40 ol erga imalee booda gara Haroo Laangaanootti gala. Wantoonni uumamaafi miidhagina iddoo hawwata ikoo turizimii Leephis adda taasisan hedduun jiraatanis, argamni bosona Duuroofi seenaan raagdicha Sayyida Duuroo naannawa sanatti argamuun isa tokko. Fincaa'aan Leephis bosona uumamaa Duuroo lafa hektaara kuma 7,150.4897 uwwise jidduutti kan argamu yoo ta'u, bosonichis Birbirsa, Ejersa, Heexoo, Leemmana, Baddeessaafi Siigeda dabalatee akaakuuwwan mukeenii 100 oliifi bineensotaa 80 ol qaba. Kunis Fincaa'ichi sadarkaa addunyaatti bakka filatamaa ikoo turiizimii ta'uun akka filatamu taasiseera. Leephis ikoo turizimii addunyaa ta'ee akka filatamuuf qindoomina dhaabbata mitmootummaa Ameerikaa "ESTAfi USAID" jedhamaniin qorannoon jalqabaa waggoota sadiif bara (2003-2005)tti geggeeffame gumaacha guddaa taasiseera. Qorannoo kanaan booda waldaaleen torba hundeeffamuun hojiitti kan galan yommuu ta'u, waldaaleen kunis jiraattota naannoo keessaa madaalamanii filatamuun hojiitti kan galan yoo ta'u, waldaaleen kunneenis kan daawwachiiftotaa, kunuunsa naannawaa, omisha dammaa, kunuunsa biyyee, guluffii fardaa dirree Wontaashee, ogummaa harkaa Mishiqqeefi daawwachiiftota fardaa jedhamuun hundeeffamaniiru. Bara 2015 gara dhumaas naannawichi carraa gara paarkiitti guddachuu argate. Fincaa'aan Leephis yaa'ii waliigalaa 25ffaa biyya Uzbeekistaaan, Magaalaa Saamarkaanditti taasefamerratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaa Turizimii Addunyaatiin qe'ee turizimii filatamaa bara 2023 jedhamee filatamuudhaan sadarkaa addunyaatti galmaa'eera. Komunikeeshinii Arsii Lixaa
1 8293Loading...
06
Media files
1 1090Loading...
07
Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii 23ffaa Afrikaa, Kaameeruunitti adeemsifamaa jiruun meetira kuma 10n: 🥇Nibrat Malaak 28:52.26n 1ffaa🇪🇹 🥈Gammachuu Didhaa 28:52.78n 2ffaa bahuun xumuran🇪🇹
1 6772Loading...
08
#Ergaa_Obbo_Shimallis_Abdiisaa‼️ ** Gaazexaa Bariisaa 👉"Sii ba'ee biyyaa sii ba'e yoo muujjaan ollaa siif ta'ee, jaldeessi daboo siif ba'een hundeeffama Shaggariin deebii argatee Oromoon hundi siif galee deebi'ee siif gale..hanga jedhamutti hojjetna 👉Maaster pilaanii Shaggar aarsaa qaaliin dhugoome hoggansi hundi of eegganno guddaan hojiitti hiikuu qaba 👉Ummatni Oromoo jireenya magaalaa jiraachuuf roga maraan of qopheessuu qaba. 👉Daandii ammayyawaan har'a ijaarsisaa eegalame ummatni harree osoo hintaane qabeenya horatee konkolaataa irra oofuuf of qopheessuu qaba 👉Oromoon magaalaa akkamii ijaaruu akka danda'u Shaggar ijaaruun firaafi diinaatti agarsiifna. Waaqshuum Fiqaaduutiin
1 9904Loading...
09
Kominikeeshinii bu’aqabeessa tajaajila si’ataaf ****** Gaazexaa Bariisaa Wirtuu Leenjii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Shaggar wajjin ta’uun leenjiin mataduree, ‘Kominikeeshinii bu’aqabeessa tajaajila si’ataaf’ jedhuun qophaa’e kominikeetarootaafi ogeessota miidiyaa Magaalaa Shaggariif Finfinneetti kennamaa jira. Leenjicha kennaa kan jiran miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi miseensi Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Doktar Nagarii Leencoo akka jedhanitti, kominikeeshiniin namaafi nama, mootummaafi mootummaa, mootummaafi ummata, dhaabbileefi dhaabbilee, biyyaafi biyya gidduutti hariiroo uumuuf daran murteessaadha. Mariifi hariiroon akka uumamu kan taasisu kominikeeshiniidha. Kominikeeshiniin yaada waliif hiruufi odeeffannoo waljijjiiruuf gargaara. Ajandaan kominikeeshinii keenyaa yeroo hunda kan waa irraa barannuufi biyya keenya kan ijaaru ta’uus eeraniiru. Kominikeeshiniin akkuma bu’aa guddaa qabu yoo sirnaan itti hinfayyadamne miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Kanaafuu ittifayyadama miidiyaafi kominikeeshinii keenyatti sirnaan fayyadamuu qabna jedhan. Ittigaafatamaa Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Darajjee Magarsaa akka jedhanitti, hojiileen misoomaa, hawaasummaafi dinagdee magaalattiitti adeemsifamaa jiran kominikeeshiniidhaan deggeramuu baannaan bu’aqabeessa ta’uu hindanda’n. Leenjichi humna kominikeeshiniifi miidiyaa magaalattii cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Leenjichi hojii kominikeetaroonniifi ogeessonni miidiyaa keenya barumsaafi muuxannoon hojjechaa turan caalaatti cimsuun hojii bu’aqabeessa akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu himanii, leenjicharratti ogeessonni miidiyaafi kominikeeshinii kutaalee magaalattii 12 keessaa walitti babba’an 160 irratti kan hirmaatan ta’uus eeraniiru. Leenjiin saayinsii miidiyaafi kominikeeshiniirratti xiyyeeffachuun kenname kun hojii miidiyaafi kominikeeshinii keenyarratti daran nu gargaara kan jedhan Obbo Darajjeen, bulchiinsi magaalaa keenya gara fuulduraattis Dhaabbata Pireesii Ittoophiyaa waliin hariiroo cimaa uumee waliin hojjechuuf sanada waliigalee qopheessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru. Leenjitoonni leenjicharratti hirmaatan akka jedhanitti, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabbata miidiyaa muuxannoo waggaa 80 ol qabuudha. Leenjiin bu’aqabeessummaa kominikeeshiniirratti hundaa’uun isaaniif kenname hojiisaaniirratti daran kan isaan gargaaru ta’uufi gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu gaafataniiru. Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Dursaan Garee Wiirtuu Leenjii Obbo Sulxaan Mahaammadnuur akka jedhanitti, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabilee miidiyaa buleeyyii biyyattiin qabdu keessaa isa tokko. Dhaabbatichi muuxannoo miidiyaa waggoota 83f kuufate leenjiilee garagaraa qopheessuudhaan dhaabbilee biyyattii biroof qooduuf wiirtuu leenjii hundeessee hojjechaa jira. Wiirtichi erga hundaa’ee waggaa sadii yoo ta’u, kaayyoon hundeeffamasaa hanqina gama miidiyaafi kominikeeshiniitiin mul’atu guutuudha. Wiirtichi waggoota sadan darbaniif dhaabbilee mootummaa federaalaafi naannoleef leenjiilee gaggabaaboo hojiirraa kennaa turuu kan himan Obbo Sulxaan, leenjiin wiirtichi kennu gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru. Natsaannat Taaddasaatiin
1 7372Loading...
10
Media files
1 4261Loading...
11
Hawaasaatti otoo ganni hinseeniin hojiin tubboowwan yaa'a lolaa qulqulleessuu bal'inaan adeemsifamaa jira.
1 7372Loading...
12
Obbo Shimallis ijaarsa daandii guddicha kutaalee Shaggar 12n walquunnamsiisu eegalchiisan ** Gaazexaa Bariisaa Kuraa Jiddaa: Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ijaarsa daandii guddicha kutaalee magaalaa Shaggar 12n walquunnamsiisu har'a Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti eegalchiisan. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, Shaggar pilaaniisaa dabalatee magaalaa waa martisaa xumuramee eegalamedha. Kanaan dura ummatni Oromoo "Sii ba'e" Shaggar gad lakkise "Sii gale" akka deebi'u taasifamaa jira. Magaalaa Qeerroofi Qarreen itti kufan kana of eeggannoo cimaan misoomsuun dirqama hundaati. Ummata magaalaa jiraatu uumuuf hojiin roga maraatu hojjetamaa jira. Oromoon magaalaa jiraatu %20 ol hincaalu kan jedhan Obbo Shimallis; daandii ammayyawaa ijaaramaa jiru dabalatee misooma magaalatti fayyadamuu ogummaa garaagaraa gonfachuuf of qopheessuu hinqabu jedhaniiru. Ijaarsa daandichaa kan eegalchiisan bakka Sadarkaa pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu, Kantiibasn Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa, hoggantoonni biroofi ummatni magaalattii argamanitti. Daandii guddichi kun dheerina kiiloo meetira 150 yoo qabaatu, boqonnaa jalqabaatiin ijaarsi daandii dheerina kiiloo meetiraa 38.5 ta'e qarshii biliyoona 4.5 eegalameera. Daandiin kun kutaalee magaalaa Kuraa Jiddaa, Xaafoo, Koyyee Facceefi Galaan kan walquunnamsiisuu yoo ta'u, bal'ina meetira 250 ta'uunsaa Afrikaarra adda isa taasisa jedhameera. Waaqshuum Fiqaaduutiin Shaggar, Kuraa Jiddaarraa
1 6244Loading...
13
Media files
1 5653Loading...
14
Xumura Ijaarsa Hidhaa Laga Abbayyaaf tumsi olaanaan taasifamaa jira *********** Gaazexaa Bariisaa Ijaarsa Laga Abbayyaa xumursiisuuf lammiileen biyyatti tumsa walirraa hincitne taasisaa jiraachuu Waajjirri Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidhaa Lagichaa ibse. Waggoota 13 darbanittis lammiileen biyyattii kuma 300 ol hidhicha daawwachuun himameera. Daarektarri Olaanaan waajjirichaa Aragaawii Barihee (PhD) ibsa Kibxata darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa hidhicha akka ilmasaanii hangafaatti ilaaluurraan kan ka’e jalqaba ijaarsa hidhichaarraa kaasee hanga ammaatti deeggarsa fufiinsa qabu taasisaa jiru. Akka ibsa Doktar Aragaawiitti, gaafa hidhicha dhaqanii daawwatanis miira gammachuu addaa keessa seenuun waa’ee egeree biyyasaanii......... https://press.et/.../xumura-ijaarsa-hidhaa-laga.../
1 4591Loading...
15
“Milkaa’ina marii biyyaalessaaf qooda keenya ba’achuuf qophiidha” -Jiraattota Magaalaa Dambi Doolloo ************************ Gaazexaa Bariisaa Furtuu rakkoolee barootaa kan ta’e marii biyyaalessaa milkeessuuf qooda isaanirraa eegamu hunda ba’achuuf qophii ta’uu jiraattonni magaalaa Dambi Doolloo ibsan. Jiraattonni magaalattii tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, faayidaan marii biyyaalessaa akka biyyaattuu olaanaa ta’us, ummata rakkoo nageenyaan dararamaa tureef ammoo hiikkoo addaa qaba. Ummatni magaalattii bara 2008 eegalee rakkoo ulfaataa keessa waan tureef tasgabbiin jiraatee hin beeku. Jijjiirama booda walitti bu’iinsa qaama hidhatee bosona jiruufi mootummaa gidduutti uumamaa tureen ummatni magaalattii rakko roga maraaf saaxilamuu danda’eera. Amma garuu nageenyi tasgabbaa’e akka waara’uuf marii akka biyyaatti yaadame milkeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru. Obbo Taaffasaa Mahaammad akka jedhanitti, nageenyi..... https://press.et/.../milkaaina-marii-biyyaalessaaf-qooda.../
1 5382Loading...
"Faawundeeshinichi kaayyoo Artisti Alii Birraa akka milkeessuuf hundinuu deeggaruu qabna" -Aadde Caaltuu Saanii ** Gaazexaa Bariisaa Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa kaayyoofi mul'ata artistichaa milkeessuuf ka kaayyeffate waan ta'eef hundinuu deeggaruufi gargaaruu akka qabu Ministirri Manneeniifi Bu'uura Misooma Aadde Caaltuu Saanii dubbatan. Hundeeffamni faawundeeshiniichi har'a Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti iftoomeera. Sagantaa hundeeffamichaarratti haasaa kan taasisan Aadde Caaltuun, Artisti Alii Birraa aadaafi seenaan inni hojjetee darbe yoomuu hindagatamu jedhanii, Faawundeeshinichis hojiisaafi mul'atasaa milkeessuuf kan hundaa'e waan ta'eef deeggaramuu qaba jedhan. Mootummaanis deeggarsa gamasaa akka taasisu dubbataniiru. Walitti Qabduu Boordii Faawundeeshinichaa Haadha warraa Artisti Alii Birraa Iliillii Marqos Birraa gamasaaniin, Artisti Alii Birraa wayita lubbuun tureetti kaayyoofi mul'ata hedduu akka qabu himanii, mul'atasaa kana milkeessuuf Faawundeeshinichi hundeeffamuu himaniiru. Aliin dhimmoota barnoota, seenaa, aadaa, misoomaafi jaalala biyyaa sirbaan faarsaa ture, gochaan hojiirra oolchuun mul'atasaa akka ture yaadachiisanii, kana dhugoomsuuf aniifi isin ummatni Itoophiyaa gahee olaanaa akka qaban dhaamaniiru. Milkaa'ina hundeeffama Faawundeeshinichaaf mootummaan Oromiyaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru. Sagantaa kanarratti Asxaan Faawundeeshinichaa kan iftoome yoota'u, faaruufi sirboonni Artisti Alii Birraa leellisan dhiyaataniiru. Saganticharratti hoggantoonni olaanaa federaalaafi naannolee, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, artistoonnifi keessummoonni affeeraman hedduun argamaniiru. Wayinisheet Kaasaatiin
Show all...
#Faawundeeshinii_Alii_Birraa‼️ ***** Gaazexaa Bariisaa Sirni iftoomsa Faawundeeshinii Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa bakka ministiroota, abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, pirezidaantii duraanii Oromiyaa Obbo Juneyiddii Saaddoo, artistoota dabalatee keessumoonni adda addaa argamanitti Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira. Wayinisheet Kaasaatiin
Show all...
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!! Gaazexaa Bariisaa Waxabajji 15 bara 2016 maxxanfame https://press.et/oromifa/2024/06/22/bariisaa-sanbataa-waxabajjii-15-bara-2016/ - Telegram Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo ykn liinkii https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo - Marsariitii https://www.press.et/afanoromo/
Show all...
#Fincaa'aa_Leephis‼️ **** Gaazexaa Bariisaa Godinaalee Oromiyaa keessaa tokko kan ta'e Arsii Lixaa iddoowwan hawwata turiizimiif oolan heddu qabaachuun beekama. Godinichi qabeenya uumamaa dilbii yemmuu daaw'ataman qorqalbii namaa hawwataniifi booharsan lageen, gaarren, bineensota bosonaa, paarkiiwwan, allaattiiwwan, aartuuwwan, harawwan, bishaan ho'aa uumamaafi fincaa'aawwanfaa qaba. Iddoowwan hawwata turiizimiif oolan kanneen godinichi qabu keessaa tokko Fincaa'aa Leephiis. Barana Afrikaa hanga Eeshiyaatti, Awurooppaa hanga Ameerikaatti miidiyaalee guguddoo addunyaatiin ajandaa ijoo ta'uun gabaafamaa kan tureefi qalbii uummata addunyaa booji'uun qabeenya dilbii miidhagaa addunyaan qabdu keessaa sadarkaa dursaa qabachuun kan galmaa'e iddoon ikoo turizimii #Leephis bal'ina bishaan gaararraa gadjiguun walakkaa hektaaraa uwwisee qabeenya guddaa dachiin Oromiyaa addunyaaf gumaachiteedha. Fincaa'aan Leephis Aanaa Nageellee Arsii, gandoota Ashookaafi Leephisitti argama. Leephis magaalaa Shaashamanneerraa gara kaaba bahaatti Kiiloo meetira 43fi Magaalaa Nageellee Arsiirraa gara Bahaatti kiiloo meetira 18 fagaatee argama. Maqaan "Leephis" jedhamus kan moggaafame naannawa kanatti biyyoo gabbataa omishaaf mijataa ta'eefi lafa uumamaan bishaan biyyoo jala yaa'u "leephoo" jedhamurraa akka ta'e manguddoonni ni lhimu. Maddi Fincaa'aa Leephis Aanaa Qoree lageen lamaan Gurraachoofi Anjelaaloo jedhamanirraa yommuu ta'u, bishaan lageen Anjelaaloofi Gurraachoo walitti dabalamuun humna horatanii gubbaarraa gadi konkolaatu fincaa'aa akkaan guddaa ta'eefi qalbii addunyaatti harkise kana uumuusaa jiraattonni nidubbatu. Fincaa'aan Leephis lafa ol fageenya meetira 85 ol dheeraturraa gadi konkolaachuun maqaa Laga Leephis jedhamu uumee kiiloo meetira 40 ol erga imalee booda gara Haroo Laangaanootti gala. Wantoonni uumamaafi miidhagina iddoo hawwata ikoo turizimii Leephis adda taasisan hedduun jiraatanis, argamni bosona Duuroofi seenaan raagdicha Sayyida Duuroo naannawa sanatti argamuun isa tokko. Fincaa'aan Leephis bosona uumamaa Duuroo lafa hektaara kuma 7,150.4897 uwwise jidduutti kan argamu yoo ta'u, bosonichis Birbirsa, Ejersa, Heexoo, Leemmana, Baddeessaafi Siigeda dabalatee akaakuuwwan mukeenii 100 oliifi bineensotaa 80 ol qaba. Kunis Fincaa'ichi sadarkaa addunyaatti bakka filatamaa ikoo turiizimii ta'uun akka filatamu taasiseera. Leephis ikoo turizimii addunyaa ta'ee akka filatamuuf qindoomina dhaabbata mitmootummaa Ameerikaa "ESTAfi USAID" jedhamaniin qorannoon jalqabaa waggoota sadiif bara (2003-2005)tti geggeeffame gumaacha guddaa taasiseera. Qorannoo kanaan booda waldaaleen torba hundeeffamuun hojiitti kan galan yommuu ta'u, waldaaleen kunis jiraattota naannoo keessaa madaalamanii filatamuun hojiitti kan galan yoo ta'u, waldaaleen kunneenis kan daawwachiiftotaa, kunuunsa naannawaa, omisha dammaa, kunuunsa biyyee, guluffii fardaa dirree Wontaashee, ogummaa harkaa Mishiqqeefi daawwachiiftota fardaa jedhamuun hundeeffamaniiru. Bara 2015 gara dhumaas naannawichi carraa gara paarkiitti guddachuu argate. Fincaa'aan Leephis yaa'ii waliigalaa 25ffaa biyya Uzbeekistaaan, Magaalaa Saamarkaanditti taasefamerratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaa Turizimii Addunyaatiin qe'ee turizimii filatamaa bara 2023 jedhamee filatamuudhaan sadarkaa addunyaatti galmaa'eera. Komunikeeshinii Arsii Lixaa
Show all...
Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii 23ffaa Afrikaa, Kaameeruunitti adeemsifamaa jiruun meetira kuma 10n: 🥇Nibrat Malaak 28:52.26n 1ffaa🇪🇹 🥈Gammachuu Didhaa 28:52.78n 2ffaa bahuun xumuran🇪🇹
Show all...
#Ergaa_Obbo_Shimallis_Abdiisaa‼️ ** Gaazexaa Bariisaa 👉"Sii ba'ee biyyaa sii ba'e yoo muujjaan ollaa siif ta'ee, jaldeessi daboo siif ba'een hundeeffama Shaggariin deebii argatee Oromoon hundi siif galee deebi'ee siif gale..hanga jedhamutti hojjetna 👉Maaster pilaanii Shaggar aarsaa qaaliin dhugoome hoggansi hundi of eegganno guddaan hojiitti hiikuu qaba 👉Ummatni Oromoo jireenya magaalaa jiraachuuf roga maraan of qopheessuu qaba. 👉Daandii ammayyawaan har'a ijaarsisaa eegalame ummatni harree osoo hintaane qabeenya horatee konkolaataa irra oofuuf of qopheessuu qaba 👉Oromoon magaalaa akkamii ijaaruu akka danda'u Shaggar ijaaruun firaafi diinaatti agarsiifna. Waaqshuum Fiqaaduutiin
Show all...
Kominikeeshinii bu’aqabeessa tajaajila si’ataaf ****** Gaazexaa Bariisaa Wirtuu Leenjii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Shaggar wajjin ta’uun leenjiin mataduree, ‘Kominikeeshinii bu’aqabeessa tajaajila si’ataaf’ jedhuun qophaa’e kominikeetarootaafi ogeessota miidiyaa Magaalaa Shaggariif Finfinneetti kennamaa jira. Leenjicha kennaa kan jiran miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi miseensi Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Doktar Nagarii Leencoo akka jedhanitti, kominikeeshiniin namaafi nama, mootummaafi mootummaa, mootummaafi ummata, dhaabbileefi dhaabbilee, biyyaafi biyya gidduutti hariiroo uumuuf daran murteessaadha. Mariifi hariiroon akka uumamu kan taasisu kominikeeshiniidha. Kominikeeshiniin yaada waliif hiruufi odeeffannoo waljijjiiruuf gargaara. Ajandaan kominikeeshinii keenyaa yeroo hunda kan waa irraa barannuufi biyya keenya kan ijaaru ta’uus eeraniiru. Kominikeeshiniin akkuma bu’aa guddaa qabu yoo sirnaan itti hinfayyadamne miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Kanaafuu ittifayyadama miidiyaafi kominikeeshinii keenyatti sirnaan fayyadamuu qabna jedhan. Ittigaafatamaa Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Darajjee Magarsaa akka jedhanitti, hojiileen misoomaa, hawaasummaafi dinagdee magaalattiitti adeemsifamaa jiran kominikeeshiniidhaan deggeramuu baannaan bu’aqabeessa ta’uu hindanda’n. Leenjichi humna kominikeeshiniifi miidiyaa magaalattii cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Leenjichi hojii kominikeetaroonniifi ogeessonni miidiyaa keenya barumsaafi muuxannoon hojjechaa turan caalaatti cimsuun hojii bu’aqabeessa akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu himanii, leenjicharratti ogeessonni miidiyaafi kominikeeshinii kutaalee magaalattii 12 keessaa walitti babba’an 160 irratti kan hirmaatan ta’uus eeraniiru. Leenjiin saayinsii miidiyaafi kominikeeshiniirratti xiyyeeffachuun kenname kun hojii miidiyaafi kominikeeshinii keenyarratti daran nu gargaara kan jedhan Obbo Darajjeen, bulchiinsi magaalaa keenya gara fuulduraattis Dhaabbata Pireesii Ittoophiyaa waliin hariiroo cimaa uumee waliin hojjechuuf sanada waliigalee qopheessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru. Leenjitoonni leenjicharratti hirmaatan akka jedhanitti, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabbata miidiyaa muuxannoo waggaa 80 ol qabuudha. Leenjiin bu’aqabeessummaa kominikeeshiniirratti hundaa’uun isaaniif kenname hojiisaaniirratti daran kan isaan gargaaru ta’uufi gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu gaafataniiru. Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Dursaan Garee Wiirtuu Leenjii Obbo Sulxaan Mahaammadnuur akka jedhanitti, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa dhaabilee miidiyaa buleeyyii biyyattiin qabdu keessaa isa tokko. Dhaabbatichi muuxannoo miidiyaa waggoota 83f kuufate leenjiilee garagaraa qopheessuudhaan dhaabbilee biyyattii biroof qooduuf wiirtuu leenjii hundeessee hojjechaa jira. Wiirtichi erga hundaa’ee waggaa sadii yoo ta’u, kaayyoon hundeeffamasaa hanqina gama miidiyaafi kominikeeshiniitiin mul’atu guutuudha. Wiirtichi waggoota sadan darbaniif dhaabbilee mootummaa federaalaafi naannoleef leenjiilee gaggabaaboo hojiirraa kennaa turuu kan himan Obbo Sulxaan, leenjiin wiirtichi kennu gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru. Natsaannat Taaddasaatiin
Show all...
Sign in and get access to detailed information

We will reveal these treasures to you after authorization. We promise, it's fast!