cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Oromia Health Bureau

Show more
Finland345The language is not specifiedMedicine1 172
Advertising posts
17 340
Subscribers
+1724 hours
+1557 days
+66630 days
Posts Archive
Milkaa'ina hojii fayyaatiif hirmaannaan hawaasaa murteessadha. Waxabajjii 15 bara 2016 Jimmaa ================================= Biiroon fayyaa sagantaa aanaalee ceesisuu irratti hooggantoota fi ogeessota godinaalee fi qaamolee dhimmi ilaalu waliin gamaaggama gaggeessee jira. Hoogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticha irratti argamuun akka jedhaniitti, tajaajila fayyaa bu'uuraa mirkaneessuu keessatti qindoomini seektaraalee fi hirmaannan hawaasaa murteessadha jedhanii jiru. Hoogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa gama isaanitin Aanaalee moodeela ta'an jechuun raawwii hojii bara tokkootin madaalamanii osoo hin taane walitti fufiinsaan modeela ta'u isaani warraa mirkaneessaniidha jedhanii jiru. Aanaa moodeela taasisnu malee jijjiirama hojii fayyaa mirkaneesssuu hin dandeenyu waan ta'eef aanaalee qabnu akka moodela ta'aniif ciminaan godiinaalee hundi hojjechuu qabu dubbatanii jiru. Galmi hojii fayyaa sadarkaa hundatti hawaasa fayya qabeessa horchuu akka ta'e itti dabalun ibsanii jiru. Sagantaa kana irratti gabaasni Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan Garee Hoggansaa dhaabbilee fayyaa bu'uuraa(PHCU), Waajjira Eegumsaa fayyaa godiina Jimmaa fi bu'aa daawwannaa muuxannoo aanalee dhiyaatee jira. Gabaasa dhiyaate irratti marii kan gaggeeffame yoo ta'uu, hirmaattonni sagantichaa muuxannoo argatan godina isaanii keessatti hojiirra akka oolchan dubbatanii jiru. Xumura irrattii Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin Godinalee hojii cee'umsaa Aanaa irrattii sagantaa Tumsaa dhaabbilee fayyaa qulqulina tajaajilaaf(EPAQ) qopheessaa turaniif beekamtiin kennamee jira, haalumaa kanan Godina Marsaa itti Aanuuf sagantaa EPAQ qopheessuu alaaba fi geebaa Godina jimmaa irra fudhatee jira, Godinnii Jimmas haaluma walfakkaatuun aanaalee, gandoota fi namoota dhuunfaa milkaa'ina hojii kana keessatti gahee guddaa raawwataa turaniif beekkamtiin kennamee jira.
Show all...
👍 8 2
Photo unavailableShow in Telegram
👍 11 2
Dhukkuba Busaa (Malaria) fi Toftaalee Ittisaa Dhukkubni Busaa dhukkuba bookee busaatin(Anopheles mosquito) daddarbu ta’ee yeroodhan yaalii yoo hin argatin miidhaa cimaa fi du’aatii kan fiduudha. Mallattoolee dhukkuba Busaa Ho’ina qaamaa  fi dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, maashaa fi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas,  mallattoolee ciccimoo akka: of wallaaluu, socho’uu, nyaachuu fi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, ijji gara bifa keellotti fi fincaan gara bifa kokaa kollaatti jijjiiramuu fi ol deebisa cimaa ni qabaata. Karaalee ittisa dhukkuba Busaa •  Agoobaratti fayyadamuu •  Qulqullina naannoo eeguu •  Bishaan kuufame dhangalaasuu •  Mallattoon dhukkubbi yoo jiraate dafanii  yaalamuu •  Odeeffannoo dabalataaf sarara bilbilaa 6955 irratti  bilisaan bilbilaa
Show all...
👍 7 1
👍 13 3👏 3
4👍 3🙏 2
👍 3
Aanaaleen hojii fayyaatin moodeela ta'an daawwatamanii jiru. Waxabajjii 14 bara 2016 Jimmaa. ================================= Godiinni Jimmaa Aanaalee 21 qabdu keessaa aanaaleen 12 ulaagaa guutuun gara aanaa moodeelatti kan ce'anii yoo ta'an, aanaaleen 9 immoo raawwii giddu galeessaa irraa kan jiraniidha. Haaluma kanaan, aanaaleen moodela ta'an keessaa Aanaaleen Oomoo Naadda fi Sokorruu keessatti kanneen argaman qe'een maatii adda duree, kellaawwan fayyaa fi buufataaleen fayyaa hoggantoota biiroo fayyaa Oromiyaa, hooggantoota godiina Jimmaa, I/G waajjiraalee fayyaa fi qindeessitoota dhaabbilee fayyaa godiinaalee, hooggantootaa fi ogeeyyii waajjira fayyaa aanaalee godiina Jimmaa fi dhaabbileen deeggartootaa daawwatamanii jiru. Kaayyon daawwanaa kanaa muuxannoo hojii fayyaa goniina Jimmaa keessatti argame godiinaalee birootti babal'isuu fi qaamolee hojii kana raawwataa turaniif beekkamtii kennuudha. Akka Oromiyaatti hanga ammaatti aanaaleen 43 kan ce'an yoo ta'uu bara kana aanaalee 20 ceesisuuf hojjatamaa jira.
Show all...
👍 13👏 3
👍 33👏 10 8👌 5
👍 12 3
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.