en
Feedback
Manzuma & Nashida🌿🌙🌿

Manzuma & Nashida🌿🌙🌿

Open in Telegram

~Ethio manzuma and nashid ~hades 'ziikr' qur'an and for ~Ramadan nashid and ~oromic, amharic I prepare for you

Show more
1 130
Subscribers
No data24 hours
-97 days
-3530 days
Posts Archive
RAMSA KITAB#2 (ያሲራጀል አለም)_260907_201439.pdf2.93 KB

Jiruun bareedduun qulqulluun jiruu rasuulaafii sahaabaa sani yooniif namaaf tahuubaattellee jiruu bareeduudha osoo bareedduu tahuu baattee rasuula bareedaa caalaa 'aalamaa(sallallaahu aleyhi wasallam)saniif jiruu akkasii hinmaraxuuf isiitu caaltuu taheefi malee hanga beelarraa dhagaa gararratti hidhatanitti Gaafa sahaabonni beelarraa saffii salaataa keessaa kukkufan rasuulli maal ja'aniin yaboo silaa osoo waan isiin qabdu beytanii silaa daranuu eda'attan ja'aniin beela jechuudha . Ah yaasahaabaatiyya narraa godda'amtanii hin jenneen . Guyyaa tokko ammas mu'aaz yamnirraa waafidee dhufnaan sahaabonni hundi saanitu harka qalleeyyidha dursanii salaata subhii dhufan hoggaa tana rasuulli laalanii itti seeqan waatu dhufee dhageessaniiti dhuftanii ? ja'aniin eeyyee tanaafi ja'aniin Rasuulli maal ja'aniin abshiiraa ana boodaan faqriin yk waadhabni isinittin hin dhufuu Ammoo wanniin isinirraa sodaadhu duniyaa yk qabeenyi isinitti bal'atee yk heddummaatee keesaatti waldorgomtanii isin halaakuudhan isinirraa sodaadha malee akka warra isin duraa halaaktetti ja'aniin . Duniyaan yoorabbiin nama eege malee fitinaa hedduu qabdi ,jiruun nabiyyiitifii tan sahaabaa jiruu qulqulluu faarfamtuudha akeekini jaraa aakhiraadha malee qananii duniyaatii miti.

#ረቢዕ 9 #መውሊድ ትልቁ የሙእሚኖች መደሰቻ ነው። ነብዩ ﷺ ባይወለዱ ኖሮ በፅልመት ውስጥ ነበርን! ታዳ መውሊድ ያላስደሰተህ ሌላ ምን ሊያስደስትህ ነው? ኢብሊስ ወይም ተከታዩ ካልሆንክ በመውሊድ ቅር አይልህም። #ዙመር_ኢስላሚክ_ሚዲያ https://t.me/zumer_media

💜 ጌታህን ባመሰገንክ ቁጥር ከእርሱ የሚያስደስትህን ነገር ታገኛለህ ። 💜 ሰይጣን ተስፋ ሊያስቆርጥህ የኋላህን ሊያስታውስህ ሲሞክር አንተም የወደፊት እጣ ፈንታውን አስታውሰው ።

💜 ጌታህን ባመሰገንክ ቁጥር ከእርሱ የሚያስደስትህን ነገር ታገኛለህ ። 💜 ጌታህን ባመሰገንክ ቁጥር ከእርሱ የሚያስደስትህን ነገር ታገኛለህ ።

💜 ከምትወደው ሰው ጋር ያለህን ግንኙነት ለመቁረጥ ስትፈልግ‥
💜 ከምትወደው ሰው ጋር ያለህን ግንኙነት ለመቁረጥ ስትፈልግ‥

•• اللهم إن لك عباداً مستضعفين في كل مكان  ينتظرون فرجك فبشرهم، ويسألون رحمتك فارحمهم، ويرجون عافيتك فعافهم، ويحبون كرمك فأكرمهم، ويأملون جبرك فاجبرهم، ويتوسلون لطفك فالطف بهم !! اللهم أنت القائل وقولك الحق؛ أمن يجيب المضطر إذا دعاه ويكشف السوء !! اللهم استجب دعاءنا ولا تردنا خائبين💔!!

004 Suura An Nisa'a.mp360.94 MB

📄✍️"Osoo Raka'aa Takka Hin Salaatin Jannata kan Seene: Seenaa Angafa Phaaphaasota Rooma ‘Sagaaxir’ !" Seenaa tana kan nuuf gabaase sahaabaa jabaa Abuu Sufiyaan bin Harbiiti (RA). Tarii Rabbiin (Subhaanahu wa Ta'aalaa) iimaana Abuu Sufiyaan tursiisuu isaatiif sababaan, akka inni seenaa ajaa’ibaa kan goota Addunyaa raase kanaa dhalootaaf dabarsuufi. Gootni kun, yeroo sanitti aangoo diinii inni qabu irraa kan ka'e, dandeettii fi humna jabaa dachee tanarra jiru keessaa isa olii qaba ture; kabajaan inni ummata Roomaa biraa qabuus kabajaa Mootii guddaa Roomaa Hiraqla caalaati. gootni kun Muslima ta'ee hin dhalanne, akkasuma iimaanni daqiiqaa muraasa qofa ture. Rabbiif jecha raka’aa takkallee hin salaanne. Garuu, iimaana yeroo xiqqoo saniin maqaa isaa galmee gootota ummata Muhammad (ﷺ) keessatti bishaan ijaatiin barreessee dabre. Hundee seenaa kanaa yoo iaallu: Eega araarri (Sulhiin) Hudaibiyaa jidduu Qureeyshii fi Nabiyyii keenya Muhammad (ﷺ) tti godhamee booda, Nabiyyiin (ﷺ) sahaabaa jabaa Dihyaa bin Khaliifaa Al-Kalbii xalayaa wajjiin gara Hiraqla Mootii Roomaatti ergan. Yeroo sanitti Hiraqla magaalaa Qudsitti argama ture. Xalayaan tunis waamicha dhiifamaa fi iimaanaa kan akkana ja’u qabdi turte: «Islaamawi, nagaya argattaa, Rabbiin mindaa kee dachaa lama siif kennaa...» San booda, Hiraqla xalayaa tana keessa waan jiru mirkaneeffachuuf daldaltoota Arabaa yeroo san Gaazaa turan kan akka Abuu Sufiyaan if dura dhaabe waa'ee Nabiyyii irraa gadi fageenyaan gaafate. Eegasii, amalaa fi dhugaa Nabiyyii (ﷺ) erga hubatee booda, Hiraqla ifatti akkana ja’e: "wallahi akka zamanni Nabiyyin ergamu dhihaate niin beeka garuu Araba keessa baha ja’e hin yaanne (Araba akka waan tuffateeti )Yoo wanni ati dubbattu kun dhugaa ta'e, Nabiyyiin kun bakka miilli kiyya kun jiru ni dhuunfata. Osoo bira gahuu danda'ee, miila isaatiin dhiqaaf ture!" Haa ta'u malee, Hiraqla "Yoon amane ja’e , ummanni Rooma na ajjeesanii" waan sodaateef, Dihyaadhaan akkana ja’e: "Gara Sagaaxir (Angafa Phaaphaasotaa) bira deemi, inni Roomaa biratti na caalaa kabajamaa dha, dubbiin isaas fudhatama qabdi, mee maal akka siin ja’u laali.” Yeroo kanatti, Dih-yaan gara Sagaaxir deemee waan jiru hundi itti hime. Sagaaxir osuma dubbiin hin dhumarin: "Wallahi saahibni kee Nabiyyi Ergamedha, kitaaba keenya keessattis maqaa isaatiin isa argina," ja’e amane. Eeganaa uffata isaa gurraacha firraa basee, uffata adii uffatee, ulee isaa qabatee iimaana isaa ifatti labsuuf gara kaniisaa (church) deeme. Kaniisaa erga gahee booda, sagalee ol kaasee akkana ja’e: "Yaa ummata Roomaa, xalayaan Ahmad irraa nuuf dhufteee jirti, gara Rabbii guddaatti nu yaama. Ani ragaa niin baha Rabbii malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirre, Ahmadis garbicha isaa fi Ergamaa isaa akka ta'e..." Garuu osuma inni dubbii isaa hin fixatin, namoonni dur gadi ja’anii isaaf sagadaa turan hundi akka bineensaatti irratti utalanii, tumutti seenan. Inni ammoo osoo tumamaa lubbuun isaa baatuu, hamma dhumaatti sagalee dadhabduun: "Ashhadu an laa ilaaha illallah wa ashhadu anna Muhammadan rasoolullah" ja’e irra daddebi’ee achiin shahiide tahe. Xumura irratti, Dih-yaan yeroo oduu kana Hiraqlatti deebi’e himu, Hiraqla gaddaan akkana ja’e: "Sitti himeen ture nuti Roomaa ni sodaanna ja’e, Sagaaxir wallahi isaa biratti nama guddaa fi dubbiin isaa fudhatamaadha , ka isattu akkana hojjatan an maal natti hojjatan ja’en." Hiraqla eegas ummata walitti qabee itti hime isaan oriinaan isinumaan fattanuufi ja’en…inni osoo Ergamaan Rabbii Nabiyyi tahu beeku kufrii irratti du’e. Madda ; Musnada Ahmed (Tahqiiq Shueybi Arna’ux) page ;194 ,Vol ;4. 🔺Yoo dubbistee fixxe (Salawaata) Ergamaa Rabbii (ﷺ) irratti buusi.

003-Suura-Al-Imran.mp370.76 MB

🏛️Dubartoota Seenaa jijjiran.. Seenaa keessatti gootonni fi beeytonni gurguddaan addunyaa tanarratti seenaa jijjiiran, harka dubartii amantii isiitiif yaaddoytu ,tan haqa Rabbii isiiti fi shora isii beeytu irratti jaaraman: #Bukhaarii: Haadha isaatu isa guddise. #Shaafi’ii: Haadha isaatu isa guddise. #Ahmed_ibnu_hanbal: Haadha isaatu isa guddise. #Muhammadul_faatih: Haadha isaatu akka inni Qusxanxiniyyaa banurratti hamilee keessatti uumaa isa guddiste. #Imaamul_Awzaa’i ; Haadha isaatu isa guddise. #Haafiz_ibnu_hajar: Obboleetti isaatu isa guddise. #Ibnu_teeymiyaan: Akkoon isaa Teeymiyaa ja'amti, nama akkaan nama gorsituu fi sodaa Rabbii qabdu turte. Inniniis maqaa isiitin beekkame. 💡 Dhugaan Jirtu: "Dubartiin oomisha dhiiraati, oggaa dubartiin tolte hawaasa fi biytiniis tolti." Dhugatti haati mana barnootaati.!! ⚠️ Maalif akka adawwiin Islaamaa dubartii Islaamaa balleysu feetu argitanii.?! Xiyyeeffannaan adawwii guddaan dubartii Islaamaa irratti. Sababni isaas, dubartiin yoo badde, mana barnootaa dhaloota fi gootota oomishuutu diigama waan taheef. Saniif Tokkoon gurbaa warra France “Taankii 1000 biyya islaamatti ergitanii diiguu irra dubartii Takkaa karaa amantii irraa jallisaa “ ja’e..! Rabbiin dubartii Islaamaa karaa isaarratti haa qajeelchu.

002-Suura-Al-Baqra.mp3221.60 MB

001-Suura-Fatiha.mp36.42 MB

001-Suura-Fatiha.mp36.42 MB

001-Suura-Fatiha.mp36.42 MB

031 Suura Luqman.mp38.93 MB