cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Arsoomni Qorsooma

Jeedala ta'ee wagga 100 jiraachuu irra qeerransa ta'ee guyyaa aade du'uu naaf wayya Hundumtuu guuteet miti Irra keessa kolfinaa Kan kaleessaayyu hin qoorre Madaa keenya hin horfiinaa! we love Our flag!🟥🟩🟥

Show more
Finland2 566The language is not specifiedReligion & Spirituality98 383
Advertising posts
216
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

🕒 #Yeroon_Abbaa_Aangooti ! ▬▬▬▬▬▬▬▬ » Obboleessoo addunyaan keessa jirru kun laafaa simachuu diddee jirtiitii yerootti fayyadami! » Addunyaa jabaa keessummeessuu malee didde kana keessatti jabaa namaa ta'ii as ba'ii mul'adhu! Gabaa irratti dorgomaa cimaa ta'i! ✪ Calliftee yoo teesse yeroo kee akkasumaan balleessita. Addunyaan kuni yoo hojjette siif hojjetti; calliftee yoo teesse isheenis harka marattee si ilaalti.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
" How Shakespeare Became Shakespeare ? " Attention all English literature readers! Are you curious about how William Shakespeare became the iconic playwright that we know him as today? Have you ever wondered how he gained such immense popularity in his time? If so, you'll definitely want to check out "Will in the World: How Shakespeare Became Shakespeare" by Stephen Greenblatt. Greenblatt, a renowned Shakespeare scholar and professor at Harvard University, takes readers on a journey through Shakespeare's life and the cultural context in which he lived and worked. From his childhood in Stratford-upon-Avon to his arrival in London as a young actor and writer, Greenblatt explores how Shakespeare's experiences and surroundings shaped his plays and poetry. In this book, you'll discover the social, political, and religious tensions of Elizabethan England and how Shakespeare's work reflected and engaged with these issues. Greenblatt's writing is accessible and engaging, making "Will in the World" an enjoyable and informative read for both Shakespeare scholars and general readers interested in the life and work of this iconic figure. So, if you want to gain a deeper understanding of Shakespeare's greatness, we highly recommend picking up "Will in the World: How Shakespeare Became Shakespeare" by Stephen Greenblatt. Let's explore the world of Shakespeare together! Book: Will in the World: How Shakespeare Became Shakespear
Show all...
#Akkoo_Manooyyee Yeroo baay'ee "Ajajni kee ajajuma Akkoo Manooyyee natti ta'e, Akka Akkoo Manooyyee maaf dhugaa dabsita, maaf safuu cabsita" yoo jedhan dhageessanii beektu jedheen yaada. Akkoo Manooyyee eenyu? Akkoo Manooyyee Uummata keenya godinaalee garagaraa jiran biratti maqaan ishee yeroo baay'ee ni ka'a. Innis akka seenaafi himteetti ni himama. Godinaalee Oromiyaa iddoo garagaraa yoo deemne namoonni baay'een "Akkoo Manooyyee naannoo kana jiraachaa turte" siin jedhu. Fknf, Godina Arsii yoo deemte Akkoo Manooyyee naannoo kana jiraachaa turte jedhu, Boorana yoo deemte Akkoo Manooyyee naannoo kana jiraachaa turte siin jedhanii iddoo isheen jiraachaa turtee fi iddoo itti duutee awwaalamte sitti agarsiisuu nin danda'a namoota siin jedhan ni agarta. Godina Shawaas yoo deemte akkasuma. Godina Harargee gaafa deemtus akkasuma. Kana irraa wanti baratamu tokko ni jira. Innis, Oromoon dur irraa eegalee wanti tokko isa godhuufi seenaa wal fakkaataan akka jiruudha. Jaartiin akka himteetti Godinaalee Oromiyaa guutuutti beekkamtu tun Mootii hamtuu turte jedhama. Sababa hammeenya isheetiif namoota baay'ee fixxee jirtis ni jedhama. Jaartiin tun nama kan ajjeestu akkasuman lafaa kaatee miti. Jalqaba jiraattota naannoo wanta isaan tasuma gochuu hin dandeenye akka isaan isheef godhan gaafattiin. Ajajni isheen ajajje haala isheen barbaaddeen yoo ta'uu baate guyyaatti hanga namoota 100 galaafattee akka awwaalaman gooti jedhama. Wanti kun naannoo naannotti garaagarummaa qabaatu guyyaatti namoota 100, namoota 10, nama 1 ni ajjeesti jedhamaa himama. Gaafilee Aakkoo Manooyyee gaafattu keessaa muraasni. 1. "Mana lafa hin tuqne, samii hin geenye qilleensa irratti naaf ijaaraa!!" jetti jedhan. Gaaffiin akkanaa deebii hin qabu waan ta'eef, isheen immoo kana barbaaddi waan ta'eef, sababa kanaan guyyaa tokkoon namoota 100 ni galaafatti jedhan. Guyyaa itti aanutti.... 2." Loon akka hin bobbaane, akka manas hin oolle" jetti jedhan kunis hin ta'u waan ta'eef ammas sababa kanaaf namoota 100 ajjeeftee awwaalti jedhan. Guyyaa itti aanu 3." Dhadhaadhan gaara hin jigne naaf hojjadhaa" jetti jedhan. Isaanis dhadhaa mana manaa walitti guuranii ganamaan walitti tuulanii hojjatanii gaafa aduun sirritti baatu Dhadhichi baqee gaafa jigu ammas namoota 100 ni ajjeeste jedhan. Akkoo Manooyyee osoo akkana akkana gootu namoota baay'ee fixxe jedhama. Dhuma irratti guyyaa tokko "Farda qilleensa irra gulufu naaf fidaa!!" jette jedhan. Gaafa kana du'uun namootaa baay'ee kan isaan dallanse beektonni naannoo waliin mari'atanii mala tokko haala ishee ittiin dhabamsiisan mala malan jedhan. Beektota keessaa kan icciitii ishee beeku tokko yaada tokko fide. Innis akkas jedhe "Jaartiin Harree diidaa argitee hin beektu, kanaaf maaliif isa Farda qilleensa irra balali'u jennee irra korsiisnee hallayyaatti baddee akka duutu hin goone" jedha. Yaada namichi jedhe kanaan hunduu walii galanii Adamsitoonni gara Bosonaa deemanii Harree diidaa akka fidan ergaman. Harreen diidaa hidhamee dhufee Akkoo Manooyyeef dhiyaate. Gaafa kana akkas jedhaniin "Fardi kun, qilleensa irra balali'uu kan danda'u gaafa fuulli isaa uffataan haguuggame qofa' ittiin jedhan. Jaartiis wanti jedhame dhugaa itti fakkaatee 'Tole' jetteen. Achiin Harricha fuulli isaa Uffataan ni aguuggame, Isheenis utaaltee Harricha gubbaa ni baate. Harrichi hidhaa irraa ni hiikkame. Gaafa kana innis akka Jeettiitti fiigee bade. Haa ta'u malee, maal godhu Harrichi ishee fuudhee hallayyaatti badee ishees ofis galaafate jedhama. Haala kanaan Uummanni du'a irraa oole hammeenya kana irraa hafe jedhama. #Hub Haalli du'a ishee Godinaa godinatti garaagarummaa qabaachuu danda'a. Isin Waa'ee Aakkoo Manooyyee maal jettu, maal irraa barattu!?? Galatoomaa!! Dr chala
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Mootittii Berber kan Khaliifaa mormte: Al-Kahina fi Islaamummaan Kaaba Afrikaa Mo'achuu Afrikaan Kaabaa jaarraa torbaffaa keessatti mootittii waraanaa al-Kahina jedhamtu ka'uu ishee ni argiti. Eenyu turtee akkamitti Khaliifaa Umayyaa irratti lola gaggeessuu dandeesse? Araboonni erga alaabaa Islaamaa fi bulchiinsa khaliifa Madiinaa jalatti tokko ta’anii booda jaarraa 7ffaa fi 8ffaa keessa injifannoo ajaa’ibaa walitti aansuun jalqaban. Walakkeessa jaarraa 8ffaatti impaayera naannoolee dhihaan Peeniinsulaa Iberian hanga Kaaba Hindii fi Bahaan Giddugaleessa Eeshiyaa gidduu jiran hammate uumuun isaanii ni yaadatama Morookoo 🇲🇦 Dubartoonni dhalootaan Berber aadaa isaanii keessatti gahee olaanaa qabu. Fakkeenyaaf, seenaan Kahina, loltuu dubaraa Islaamummaa duraa, ammallee aadaa Berber keessatti baay’ee kan jiraattu yoo ta’u, yeroo ammaa dargaggoonni akka mallattoo afaanii fi aadaa Berberitti itti fayyadamaa jirti. Kahinaan gocha gootummaa fi dandeettii ifa ta’e weerara Araboota Dh.K.D jaarraa 7ffaa irratti ummata ishee geggeessuu isheetiin yaadatamti. Isheen monopolii dhiiraa dhaabbata waraanaa irra aanuun seenaa Morookoo keessatti sheekkoo fi ‘mootii ishee’ gonfoo hin qabne qofa taate. Kahinaan, maqaan ishee ‘luba dubartii’ ykn ‘raajii’ jechuudha, jaarraa 7ffaa keessa Aljeeriyaa keessatti gaarreen Aures keessatti dhalatte; guyyaan sirrii ta’e hin beekamu. Bara jireenya ishee keessatti jeneraalonni Arabaa waraana gara Kaaba Afrikaatti geggeessuu jalqaban, naannoo sana dhuunfachuu fi ummatoota naannoo sanaa Islaamummaa beeksisuudhaaf qophaa'aa turan. Kahinaan weerara kanaaf mormii kutannoo qabu qajeelchite. Naannoo bara 690tti ajaja dhuunfaa humnoota Afrikaa kan fudhatte yoo ta'u, hoggansa ishee cimaa jalatti Araboonni duubatti deebi'uuf dirqaman.
Show all...
Dhandhama Dhugaa. ------------------------------- "Miira Gammachuu guddaa natti dhaga'ame ibsuuf jecha hin qabu! Imala Iimaanaa ani qabadhee imalu sadarkaa koo ol kaasa..!!" Moodelistii beekamtuu fi Urjii Miidiyaalee hawaasummaa Faransaay Marine El Himer. Dubbii ijoo Miidiyaa ta'uun haalaan hafarfamaa kan ture Islaamummaa fudhachuu Intala beekamtuu biyya Faransaay Marine El Himer dha! Himer intala Moodelistii beekamtuu Miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uumuun dinqisiifatamtu yoo ta'u biyyi ishee ammoo biyya diinummaa jabaa Islaamummaa waliin qaban keessaa yeroo hedduu maqaan ishee tarree jalqabaa irratti waamamu Faransaay dha. Faransaay biyya duula jibbiinsa Islaamaa banuun seenaa gaarii Islaamummaa waliin hin qabdu osoo jedhamtuu garuu haala nama dinqisiisuun namoonni bebbeekamoo biyyattii baay'inaan Islaamummaan booji'amanii yeroo isaan Islaamummaaf bitaman argaa jirra. Marine El Himer dachii kabajamtuu Makkaa irra dhaabbachuun haala ittiin Islaamummaa fudhatte yeroo himtu miira ishee to'achuu dadhabde. "Miira Gammachuu guddaa natti dhaga'ame ibsuuf jecha hin qabu! Imala Iimaanaa ani qabadhee imalu sadarkaa koo ol kaasa daandii qajeelumaa akkan goonfadhu na taasisa Inshaa Allah!!" Jetti Moodelistiin beekamtuu fi Urjiin Miidiyaa. "Islaamummaan filannoo koo sababaa, hafuuraa fi onnee dha!" Jechuun Islaamummaaf fedha isheetiin booji'amtee akka fudhatte ibsiti Moodelistiin beekamtuu Marine El Himer. Urjiin Miidiyaa intalti Faransaay guyyaa Islaamummaa fudhatte gabaabsitee "Jireenya koo keessatti guyyaa ani gammachuu dhugaa argadhe!!" Jechuun ibsiti. Faransaay kan yeroo hedduu maqaan ishee jibbiinsa Islaamaan waamamu yeroo dhihoo as Namooti bebbeekamoo ishee Islaamummaaf jilbeenfachaa jiru! Biyyoonni dhihaas akka Idil addunyaatti biyyoota Islaamummaan saffisaan keessatti babbal'achaa jiru ta'uun itti fuftee jirti. Maashaa Allah! Rabbi sabaata haa kennuuf. Share gochuun waliif qoodaa.
Show all...
መልካም ዜና! የቱለማ ገዳ ወደ ቀዬው ተመለሰ! በገዳ ቱለማ የፊንፊኔ ቅርንጫፍ ከመቶ ሃምሳ የስደት ዓመታት በኋላ እነሆ ዛሬ ተመልሶ የቱለማ ኣባ ገዳ ገልማን በኦሮሚያ ዋና ከተማ ፊንፊኔ ውስጥ በቦሌ ክፍለከተማ በይፋ ተመሥርቶ  የገልማውም ምርቃት በይፋ ተከናውኗል። የቱላማ ኦሮሞ በሀገሪቷ ገዥ ነገሥታቶች ያረፈበትን ጫና ስቃይ መከራ ስደት መፈናቀል እስራት ሞት ስቅላት ሁሉ ሳይበግረው እስከዛሬ የራሱ ማንነት ገላጭ የሆነውን ባሕልና ቋንቋውን የገዳ ሥርዓት እሴቶችን ስለተጫነበት ጭቆና ምንም ሳይበግረው ጫናዎቹንም ተቋቁሞ እስከዛሬ ያቆየ ትልቅ ሕዝብ ነውና እንኳን ለዚህ ቀን አደረሳችሁ አደረሰን! ከልብ እናመሰግናለን!!! Baga Gammadne! Abbootii Gadaa Tuulamaatti Damee Finfinnee Galma Abbaa Gadaa Handhuuratti deebisanii ijaaran. Oromoon Tuulamaa Mootoliin Itoophiyaa irratti wal jijjiiranis aadaa fi sirna isaa osoo hin gatin as gahee jira. Har'as Abbootiin Gadaa fi Qotee bultoonni Boolee fi Naannawaa ishee waan Boonsaa hojjettaniif Galatoomaa isiniin jenna! Baga Gammadne!!!
Show all...