AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official
Open in Telegram
AMANTII IFII BEEKHUN QAROOMINA بلغو عني ولو كان ءايه Nuti barattoonni jama'aa Barattoota Muslimaa KAV caayaa islaamummaa jalatti wal geenyee milkii guyyaa boruu Aakhiraa fi addunyaaf imalla. Inshallah!!
Show more999
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-2630 days
Posts Archive
اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu
20/3/2016
DHIMMII DHIMMA DEEGGARSA OBBOLEETTII TEENYA BARATTUU WAGGAA 2FFAA MNGT TAN TAA'TE
Nageenyi rabbii guddaa bakkuma jirtanitti isinirra haa jiraatu isiniin jechaa akka asii gadiititti dhaamsa koo itti fufuu barbaada.
Obboleeyyan kalimaan laa ilaaha illallaah walitti nu qabde hundaafii miseensota jama’aa barattoota muslimaa koolleejjii Awaash vaalii hundaaf akkuma beekkamu jama’aan keenna kanaan duras hojii tola ooltummaa adda addaa keessatti hirmaataa akka ture irra caalan keessan ni beeytan jennee yaanna jama’aan kuni sababni inni guddaan ijaarameefis hawaasa keennaa hanga barattoota keennatitti waan isaan rakkatan kamiinuu cinaa dhaabbatuuf jama’aa hojjatuudha. Bu'uuruma kanaan guyyaa HAR'AA KAMISAA (THURSDAY) deeggarsa OBBOLEETTII tenyaa Mata-duree "ANIS BARATAADHA Ykn BARATTUUDHA RAKKADHEES ARGEERA" jedhuun barattuu tenyaa tan deesse jirtuu deeggaruuf biraa deemnee turee xiqqaattus waan qabnuun biraa dhaabbannee jirraa
Qarshiin jama’aa keetiin hin gargaare wly waan tokko siif hin godhuu
Gaarii ta'uun offumaafi
Namaa gaarii barbaaduu irraa
Namaa gaarii ta'uu wayya
Maarree namni rabbiin sii laaffisee kheeyrii tana isin waliin qooddadha anis isin faana dhaabbadha jettan waan dandeettaniin akka rabbi isinii laaffisetti akka nu waliin dhaabbattan MAQAA RABBIITIN ISIN GAAFANNA. Tokko taanee tokkoof abbaa haa taanuu isiniin jechaa.
Buusiin jama’aa kan funaanama jiruu wantoota akkanaa kanaafii kanaaf maqaa jama’aa barattoota muslimaa koolleejjii Awaash vaaliittin deeggarsaa kana OBBOLEETTII TEENYA biraan genyee jirraa jabaadhaa waal jabbeessaa
Buusii fi akkasumas qaraatii diin islaamaatti jabbaadha harkii waa kennuu hin hongaa'uu
Kennuu issiiniif haa laaffissuu issiinin jedhaa siila kana caalaa hojjachuu dandeenyaa hundii kenyaa ossoo jama’aa yaadaniis ta'ee qabeenyan jama’aa wajjin dhaabbannee
.
@AVCMSJ
@AVCMSJ
@AVCMSJ
As wr wb akkami nagayaa fayyaadhaa al-hamdulillah.
Maashaallaah deebine walitti kunoo
Intalti Bareedduu Ja’amtu Intala Akkamiiti ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Dubartiin Islaamaa Yoo sattaratte bareeddi
Dubartiin Islaamaa hijaabaan bareeddi
Dubartiin Islaamaa niqaabaan bareeddi
Dubartiin Islaamaa hayaadhaan bareeddi
Bareedinni qullaa deemuu keessa hin jiru
Bareedinni faashiina uffachuu keessa hin jiru
Bareedinni Meekaappii dibachuu keessa hin jiru
Bareedinni ajaja Rabbii guutuu keessa jira. Tanaafuu Yoo bareeduu Barbaadde ajaja Rabbii keetii guuti.
Intalti sodaa Rabbii hin Qabne hanga Feete dhiqattee, uffattee, dibattee, urgooytuus yoomillee hin bareeddu.
Shamarran Keenya hunda Rabbi iimaanaan Isaan Haa bareechu.
Salawaata Nabiyyii Keenyarratti Buusuun Galgala Keenyaa Haa Barechinuu
#Sallu_Alaa_Rasuulillaah
#Sallallaahu_Aalehi_Wassallam
👉 #KANA_BEEKU_LATA? ? 🌹
1⃣ Nabiyyiin keenya Muhammad (S.A.W) qur’aana keessatti yeroo meeqa dubbatame?
Yeroo afuur(4)
Suuraalee inni itti dubbatame:
1, Al Imran,
2, Ahzaab,
3, Muhammad,
4, Fathi.
2⃣ Nabiyyoota meeqaa qur’aana keessatti
dubbatame?
➡➡ Nabiyyoota 25
3⃣ Nabiyyullaah Iisaan yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 25
4⃣ Nabiyyullaah Muusaan yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 136
5⃣ Nabiyyullaah Ibraahim yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 69
6⃣ Nabiyyullaah Nuuh yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 43
7⃣ Nabiyyullaah Yuusuf yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 27
8⃣ Nabiyyullaah Aadam yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 25
9⃣ Nabiyyullaah Suleeyman yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 17
1⃣0⃣ Nabiyyullaah Daawuud yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 16
1⃣1⃣ Nabiyyullaah Haarun yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 20
1⃣2⃣ Nabiyyullaah Ismaa”il yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 12
1⃣3⃣ Nabiyyullaah Saalih yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 9
1⃣4⃣ Nabiyyullaah Zakariyyaa yeroo meeqa
Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 7
1⃣5⃣ Nabiyyullaah Huud yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 4
1⃣6⃣ Nabiyyullaah Ishaaq yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 17
1⃣7⃣ Nabiyyullaah Shu’eeybi yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 11
1⃣8⃣ Nabiyyullaah Luux yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 27
1⃣9⃣ Nabiyyullaah Yaaquub yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 16
2⃣0⃣ Nabiyyullaah Yaahyaa yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 5
2⃣1⃣ Nabiyyullaah Ayyuub yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 4
2⃣2⃣ Nabiyyullaah Yuunus yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 3
2⃣3⃣ Nabiyyullaah Yas’a yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 2
2⃣4⃣ Nabiyyullaah Zul Kifli yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 2
2⃣5⃣ Nabiyyullaah Ilyaas yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 2
2⃣6⃣ Jechi Israa’iil ja’amu yeroo meeqa Qur’aana keessa dubbatame?
➡➡ Yeroo 43
🌹 👉 SADARKAA SAHAABOONNI QABAN 🌹
1⃣ Nama meeqa rabbiin Jannataan badhaase osoo lubbuun jiranii?
➡➡ Nama 10
Isaanis:
1, Abubakri siddiiq,
2,Umar Bin Khaxxaab,
3,Usmaan Bin Affaan,
4,Aliyyi Binu Abii Xaalib,
5,Xalahaa,
6,Zubeeyri Binu Awwaam,
7,Abdurahmaan Bin Awf,
8,Sa’aad Binu Abii Waqqaas,
9,Sa’aad Binu Zeeydi,
10,Abii Ubeeydaa Binu Jarraah.
2⃣ Sahaabticha kami Nabiyyiin (S.A.W) yaa rabbi horii fii Joollee heddummeessiif je’ee du’aa’ii godheef?
➡➡ Anas Binu Maalik
3⃣ Sahaabticha kami Kan Rassuulli (S.A.W)
baallama guuteet dachirra deema je’een?
➡➡ Xalahaa Binu Ubeeydillah
4⃣ Sahaabticha kami ka xiyyaa karaa rabbirratti dura darbate?
➡➡ Sa’aad Binu Abii Waqqaas
5⃣ Sahaabticha lola badrii hafee guyyaa lola Uhud dhaqee bakka 83 dhahamee qaamni cirame eenyu?
➡➡ Anas Binu Nadrii
6⃣ Sahaabticha kami kani inni shahiidee taanaan rabbiin girdoon maleetti dubbise?
➡➡ Abdallaah Binu Amrii Binu Haraam
7⃣ Sahaabticha kami kan Rassuulli (SAW) yaa kan ilmii barbaadu baga nagayaan dhufte je’een?
➡➡ Safwaan Binu Assaal
8⃣ Sahaabarraa eenyu kan akkaan sagalee
bareedu?
➡➡ Abi Muusaa Al
9⃣ Sahaabtichi kun eessuma kiyya k Rassuulli (SAW) je’een eenyu?
➡➡ Sa’ad Binu Abii Waqqaas
1⃣0⃣ Dura deemaan Ulamaa’ii guyyaa Qiyaamaa eenyu?
➡➡ Mu’aaz Binu Jabal
Yero dubifte xumurte hiriyake kan birotif share gochu hin dagatin jzkl wakayiran yaa ikhwaanii fillaah 🌹 🌹 🌹
Share. Share. Share
AWASH VALLEY COLLEGE MUSLIM STUDENTS' JEMA'A OFFICIAL PAGE (AVCMSJ):
Barattoonnii Qur'aana qaraatan please please gara masjidaa kottaa hanqinni gara kessaniin mudachuu jira nama qarasisu argannee nama qara'u dhabuun baayyee nama gaddisisla warri amantaa biroo akkamiitti akka Amantaa jaraa baratan osoo agartani
Nuti garuu guyyaa guutuu rabbin fayyaa nukenne sammu bareedaa nu kenneenan sa'ati 2 ykn sa'ati 1 rabbif of qabuu nut jabaata
Mee Kan afiyaa dhabee cisicha irratti hafee meeqaf meeqa osoon fayyaa ta'e masjida rabbiitti gale Kan jedhu kun hundu gaafa afiyaan har'a sirka jirtu gara rabbi deebite sii gala yaa obboleewwan dinii keenya habarannuu adaraa
Guyyaatti salaata raka'aa 17 salaanna garu ammalle fatwaa waahee salaataan walqabatan nu barbaachisa salaanni waan fardii ta'efi dirqama gaafanne baruun nu barbachisa kottaa baradhaa isiniin jedha JBMKAV
Gara kayriitti Wal ha waamnuu walii bilbiluun Wal yaadachisun barbachisadha
YOO ARRA DUUTI SITTI DHUFTE MAALTU SI SHEENEYSA ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1. Quraana qara'uu dhabuu
2. Salaatuu Dhabuu
3. Da'waa godhuu dhabuu
4. Haadhaa abbaaaf tola oluu dhabuu
5. Islaamaaaf tumsuu dhabuu
6. Badii irraa towbachuu dhabuu
7. Obbolummaa Islaamaa jabeeysuu dhabuu
8. Bid'aa dhiisuu dhabuu
9. Rasuula s.a.w kallaafuu
10. Waan adda addaa hedduuf shanawuun keenya ni mala.
Arra waan dandeenyu hunda yoo daleeyne boru Sheenaawu hin mudannu.
Rabbiin warra osoo fayyaa qabuu, osoo lubbuun jiruu didee eega wanni hundi dhumtee shanawu nun godhin.
Faayidaa Saahibni Gaariin Qabuu Fii Rakkina Saahibni Badaan Qabu
By Abu Huzeeyfaa
➡️ Faayidaa Saahibni Gaariin Qabu keessaa
1, Kheeyrii irra si gargaara
2, Hamtuu irraa si dhoorka
3, Rabbii jechaa si jaalata
4, Guyyaa qiyaamaatiis akka warra gaaddisa ARSHII JALA ta'an sanirraa Rabbi siif kadhata
5, Ati waa qabaatuu qabaachuu baattu suma jaalata, sababaan waan Rabbiif jechaa si jaalatee jechaa
6, Iccitii tee siif jabeessa, Dogongora kee irra siif dabra, waan hamtuu sitti hin yaadu, Waan gaarii malee waan hamtuu sirraa hin dubbatu
7, Yoo sii wajji wal lolees ICCITII tee hin facaasu
...
....
=====
========
➡️ Rakkina Saahibni Badaan Qabu keessaa ...
1, Hamtuu irra si gargaara ( Aboo us FILM hanga kana finnee booda salaanna siin ja'a)
2, Gaarii irraa si dhoorka ( Jummaan dhihaatee guyyuma jummaa Xaharannee salaata eegalla siin ja'a, salaata jidduu kana jiru hoo? Yoo du'e hoo maalo beeka?)
3, Ati waa qabaatteef si jaalata, Osoo ati waa hin qabaannee sitti hin maxxanu, gaafa ati waa dhabde dhumdhuma ... si dheessa
4, Jiruuma Addunyaa tana barbaaduu irra si kakaasa malee, ta Aakhiraa irra si kakaasu
5, Yoo akka ifii barbaadu sirraa dhabe si hammeessa nama hunda biratti (way isa san moo ....)
6, Yoo takka sitti Aaree karaa kamiin akka si miidhu mala dhowata
7, Gaafa wal loltan ICCITII tee nama hundaan waliin gaha
.....
......
ﻗﺎﻝ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ " ﺍﻟﻤﺮﺀ ﻋﻠﻰ ﺩﻳﻦ ﺧﻠﻴﻠﻪ ﻓﻠﻴﻨﻈﺮ ﺃﺣﺪﻛﻢ ﻣﻦ ﻳﺨﺎﻟﻞ "
"Dhiirtichi (dhalaaniis jaluma seenti) diina jaalalee isaa irra jira, tokkoon keessan nama
jaalalee godhatu haa firraa laaluu"
Garaa Garumaan saahiba GAARIITII FII BADAA kana fakkaata
Yaa Rabbi Saahiba Addunyaa Aakhiraa wajji milkooynu nuuf kanni !!!
Abu Huzeyiifa
DUREE .هبحصو هلآ ىلعو هللا لوسر ىلع ملاسلاو ةلاصلا ينلماعلا بر هلل دملحا Diin Islaamaa keysatti dubartoonni iddoo guddaa qaban. Akkasuma diin kun diin mirga ilma namaa kabaju. mirga dubartiitis seera biyya kamiyyu caalaa kabajee jira. Kabajaa isaaniitiif hijaabatti (hagooggitti) isaan ajaje. Rabbiin s.w. akkana jedha. ﮩ ﮨﮧ ﮦ ﮥ ﮤ ﮣ ﮢ ﮡ ﮠ ﮟ ﮞ ﮝ( ]٥٩ :بازحلأا[ )ﯔ ﯓ ﮱ ﮰ ﮯﮮ ﮭ ﮬ ﮫ ﮪ “Ati yaa ergamaa kiyya jaartiiwwan teetiin jedhi, dubbarran teetiinis, dubartoota muslimaatiinis, sheedara isaanii gad hagooggadhaa jedhiin. Santu dhihoodha beekkaamuufi miidhamuu dhabutti. Rabbiin araaramaa tola oolaa tahee jira” ahzaab 59. Diin islaamaa Kanaaf kanneen biraa waayee isaan laalchisu keysatti barnoota gayaa lafa kayee jira. Kitaabni kun barnoota dubartootaa guutuu ufkeessaa qaba. muslimtoonni hundi akka dubbiftanii, barattanii, ittihojjattan isin afeerra.
Akkasuma yeroo hedduu obboleeytiiwwan teenya 8 kabajamtuu tan diin barachuufii hojjachuuf ciminaan sosso’an garra. Karaa marsaalee hawaasaa soshal midiyaa tiin keessaawuu karaa gareewwan waatisappitiin dubartoonni barnoota diin barachaa jiran hedduudha. Kuni jabaatamee itti haafufuu jenna. Alhamdu lillaah kun hedduu nugammachiise. Kanarraa kaanee nutis waan tokko barnoota isaan laalchisurra qopheeysuu yaanne. Akka karaa salphatti Obboleytii teenya hundaa tan bartee itti hojjattee irraa fayyadamtu Rabbi haa taasisu. Nus warra Rabbiin irraa jaalate nu haa godhu.
KUTAA 1FFAA
SEENAA DUBARTOOTA BEEKAMOO Akkuma beekamu Ummata keenya kanaafii ummata dur keysattis dubartoonni sadarkaa guddaa qaban islaamni seenaa isaanii dubbatu hedduutu jiran. San keessaa kanneen itti aanan kuni nijiru. Haadha Nabi muusaa tan muusaa yeroo deyse adawwii ilmaan biyya sanii fixxu jalaa baasuuf Rabbiin sanduuqa kaayii bahratti darbi jedheen, tole jetteeti darbite. Rabbiin akkuma waadaa isii seenetti ajjeechaa jalaa nagaya baasee booda isiif deebise. Ilmi isii muusaan ganda mootichaatti (fir’oownaatti) qananiee akka guddatu godhe. Boodas nabiyyi isa godhe. Rabbiin zaalima (fir’oowna) san buqqaasee muusaa dhaalchise. Rabbiin waayee kanaa yogguu Qur’aantti dubbatu akkana jedhe. ﭭ ﭬ ﭫ ﭪ ﭩ ﭨ ﭧ ﭦ ﭥ ﭤﭣ ﭢ ﭡ ﭟ ﭞ( ]7 :صصقلا[ )ﭵ ﭴ ﭳ ﭲ ﭱ ﭰ ﭯﭮ
“Haadha muusaatti beysisa goone isa harma hoosisi yogguu isarratti sodaatte bahratti darbi hinsodaatin hinyaaddawin nuti isa gama kee deebisoodha, ergamtootarraa isa taasisoodhasi.” Suuraa qasas aayaa 7. Aasiya jaartii firoownaa, tan towhidarratti lubbuu isii wareegama kafalte. kan mootichi zaalimtichi fir’owna qaama qullaa shikaalaan harkaa miila lafatti dhawee gocha suukanneessa irratti raawwatee ajjeese, quraana suuraa tahriim aayata11tti seenaan isii ibsee jira. ﯚ ﯙ ﯘ ﯗ ﯖ ﯕ ﯔ ﯓ ﮱ ﮰ ﮯ ﮮ ﮭ ﮬ( ]١١ :يمرحتلا[ )ﯤ ﯣ ﯢ ﯡ ﯠ ﯟ ﯞ ﯝ ﯜ ﯛ “Rabbiin warra amananiif jaartii fir’oownaati fakkii godhe, yogguu isiin jette -yaa Rabbii kiyya sibiratti jannata keessatti mana naaf ijaari. Fir’oownaafii hojii isaa jalaa nagaya na baasi, orma roorriftootarraa nagaya nabaasi.” Suuraa tahriim 11.
ملو ،ريثك لاجرلا نم لمك« : هللا لوسر لاق :لاق يرعشلأا ىسوم يبأ نع ىلع ةشئاع لضفو ،نوعرف ةأرما ةيسآو ،نارمع تنب يمرم لاإ ءاسنلا نم لمكي .يراخبلا هاور .«ماعطلا رئاس ىلع ديرثلا لضفك ءاسنلا
“Abbaa muusaa irraa odeeffamee nabiyyiin akkana jedhan jedhe. “dhiirarraa nama hedduutu hayyuu tahe, dubartirraa maryam intala imraaniifii aasiyaa jaartii fir’oownaa malee hin hayyoomne (hinguutamne). Ammo sadarkaan aaishaan dubartii biraarra caaltuun kan akka fitfitoon nyaata biro caaltuuti.” Bukhaarii.
Assalaamu Alaykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu
ODUU GAMMACHIISAA
Barattoota muslimaa waggaa 1ffaa , 2ffaa ,3ffaa fi GC YKN kan eebbaaf deemtaan Kolleejjii Awaash Vaalii baratan hundaaf:
Waggatti altokko kan qophaa'uu fi hawwiin kan egaamu sagantaan simaanna barattoota haarawaa (welcome program)isaa bara baraan godhaa jiru bara kanaas barattoota BOQQONNAA irraa Galanniif jama'aan barattoota muslimaa Kolleejjii Awaash vaalii sagantaa kana bifa addaan qopheessee,qophii hunda xumuree dhufaati keessan qofa egaa jira. Saganticha irratti qophiilee barsiisaa,bashaanansiisafi gorsaa da'iiwaan garagaraa sagantichaa irraa argattu. kanaafuu baratoonni buleeyyiin tokko osoo hin hafiin simaanna barattoota BOQQONNAA irraa Dhufaani barattoota AWAASH VAALII hundaa qabattanii yeroon saganticha irratti haa argaamnuun dhamsaa Obbolummaa Islaamummaati.
🕋🕋🕋🕌🕌🕍🕋🕋🕍🕋🕌🕍🕍
Saganticha kanarratti kan argaman👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1, Sheeka keenyaa sheik MOHAMMED RA'UUF #GORSAA fi QOSAAN ISAA KAN AKKAAN MI'AAWAA KAN AKKAA QOODA IRRAA FUDHAATTAN
#AKKASUMAAS AMIRAA RIFTII VAALII. ,USTAAZ KADIR YAQUB irratti ni hirmaatuu akkasumaas obbollootaa ISAA WAJJIIN ni dhufaan inshallah
2,Dura taa'aa/ Amiira jama'aa AVCMSJ
#ANAS ABDI YUYA
#DURSEE MOHAMMED
3, Itti aanaa Amiira jama'a muslimaa AVCMSJ
#ADEM HARUUN
#NURIYA JEMAL
4,BARRESSAA WALII GALAA
#ABDULAHI ADAME
#FARIDA BASHAA
5,VICE AMIIR TVET OR SHASH GARAJ BRANCH
#OBSAA UMER
#MOHAMMED ABDI
#DURETI ABDELA
6.Sheekkan keenya
bebbeekkamoo Daa'iiwwan dabarsan dabalatee
Akkasuma warreen hojjattoota koree jama'aa kanaa ta'an hundaan Sa'aatti 1:00 Irraatti dhuftuu waan barbachisuu hundaa xumurtaani Barattoota keenya haa simaannuu issiniin jennaa hundii kessaan anaa dhufu isiniin jechaa jira.
ALLAHU-AKBER, ALLAHU-AKBER
🍝🍝🍣
🍌 Inshallah AVCMSJ simannaa SABTII ilaalchisee sagantaa ajaa'ibaa fi ajaa'ibsiisaa qopheessuun☕☕☕
Maarree yoom kana qofa🌹🌹🌹🌹🌲🌳🌵🌲🌲🌲🌲🌲
🍉Sagantaan kun of keessatti waan gara garaa hammatee wantoota hawwataa adda addaa hedduu of keessaa qaba.🍜🍛🍥🍮🍯🍵🥛🍽🍺 maali? yoo jettan amma hin himamu kanuma dhufee arga. maashaa allah obboleeysa kiyya isin hin Darbin.
🥯 Kanaaf SABTII guyyaa gammachuufi gammachuuti, bakka shari'aan keenya eeyyamtutti simannaa kabajna.
🍰Kanaafuu gara Jama'aa keenya koottaa sagantaa gaarii bara baraan isiniif dhufu nu waliin kabajaadhaa.
🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃
Irra deddeebi'ee welcome to jeme'a muslim🖐🖐🖐🖐👐🖐🖐
🥯🥯Jama'aan teenya waan hunda xumuree dhufaatii kee qofa kan eeggatu kunoo anaa dhufu jechaa jira🥯🥯🥯
🪴🪴Ajaa'ibaa Maaloo kan hafee ni sheenoytaan dhugaan siinin jedha🪴🪴welcome kana akka qooddataniif hiriyoota keessan saganticha irratti affeeraa.
🧇🧈🧀🥞🌮🍜🥠🥮🎂🧁🥤🥜🍿🍯🍚🍔🥖🌽🍅🍍🍋🍊🍏🍌🍋🍉🍑🥑🍒🌽 🥕🥯🍗
👉bakki : Harar Aratenya masjiida Guddaa masjiida Imamu Ahmed.
👉Guyyaan sagantichaa SAFTII 17/2/2016. ganama irraa Sa'atii 2:00 akka sa'aa biyya keessaatti kan jalqabu taha. Saturday 28, October,2023
👉dhiiraafi dubaara muslimaa hundaa kan hirmaachiisudha
👉Hub.sagantichaa irraa hafuu mitii xiqqoo barfachuunuu booda kan namaa gaabbisiisuu waan ta'eef obboleewwan keessaniis nuu yaadachiisaati yeroon irraatti argamaa!!
WELCOME, WELCOME, WELCOME
AWASH VALLEY COLLEGE STUDENTS MUSLIM JEMA'A
@AVCMSJ
Adaraa Akka of hin dagannee!!
Durarratti Alhamdulillah,guyyoonni torbaaniin bakka bu'anii,torbaanoonni ji'aan bakka bu'anii erga turtii ji'a 3in booda waan Wal arguuf deemnuu jecha, Rabbii aalamaa,kan dachee fi samiitif Galanni Haa Ta'u!!
Itti aansuun, kollejjiin Awaash vaalii mooraan harari ,akkasumaas mooraan hundaannee Fulbaana kessaa waamicha goodhuun isaa waan hundi keenya beeknuudha.
Kanarratti jama'aan keenya barattoota keenyaaf dabarsuu kan barbaadu,hundi keenya yeroo kenname keessatti akka Bara darbe, yeroon kan jalqabaan iddoo irraa jirtaan namuu ni beektuu kanaaf yeroo Qaraati dhabuuf jecha,waggaa 1ffaa warreen hangaa ammaa hin jalqabiin kanneen beeknu hiriyoonni keenyaa kan hangaa har'aa Qaraati kan hin jalqabiin tu jiru.Kanaaf,boruun galma'aa osoo jettanii akka isin hin darbine
JAMA'AAN KENYAA ERGAA BOQQONNAAF HUNDII KENYAA GARAA MAATII DEEMNEE BOODA TURTII TORBEE LAMAA HIN CAALLETTI GARAA BARNOOTAA AKKADAMIITTI DEEBI'UUN KENYAA NI YAADATAMAA KANAAF "ABSHAALLI NAMA DHAGAA TOKKOON SINBIRAA LAMAA DHAHA "AKKUMAA JEDHAAME BARNOOTAA AKKADAMII KAN MANAA BAATANIIF CIINAATTII BARNOOTAA AMANTII YKN QURAANA AKKASUMAAS QARAATI KITAABA GARAA GARAA AKKAA WAJJIIN BARAANNUUN DHAMSAA KIYYAA KAN YEROO HUNDAATTII
#AKKEEKACHIISA
KANAAF BARATTOONI MISSEENSA DAREE HUNDAA TAATAN HUNDII KESSAAN GUYYAA SABTII SA'AA 3:00 TI LIBRARY KOLLEJJIIN AWAASH VAALII KAN SHAASH JIRUUTTII AKKAA DHUUFTAAN
#NAMOOTA 4N DAREE HUNDAA KESSAA FUDHAANNEE TUREE
Rabbiin hunda keenya warreen irraa deebin walitti qabamu nuu haa godhuu!!
@AVCMSJ
As wr wb akkam nagaya jirtuu obboleeyyan kiiyya kan imaanaa
Dhaamsa wayii isinii dhaamuu barbaade jama’aan barnoota keenya Qur’aana fi kitaaba barachuu jalqabuun isaa ni yaadatama alhamdulillaahi warri rabbiin sii laaffisee yeroo kanatti fayyadamte milkoofte garuu warri ossoo gurraan akka qara'amaa jiruu dhageessu yeroos ossumaa qabdu darsiin kuni si jala darbee wallaahi billaahi boru irraa gaafatamuuf teessaa dhaabin har'ati Haasa'a hin taanef dhaabattu boru gaafii kana jalaa si hin baaftu boru gurri kee waan dhagaye sirraa himuuf taa'a millii kee bakka dhaqxe himuuf jirti ijji tee haraama laalte hunda himuuf jirti yaa obboleetti tiyya obboleessa kiyya kan har'a lubbuun jirtu ka'ii of dhaqqabi guyyaa asirraa deemtu off hin beeytuu amma Dhihoo jirtaa of dhaqqabi rabbiin warra karaa RABBII irra osoo deema asirraa godaanu RABBI nu haa taasisu anaafii isinis yoon isinitti balleesse yoon dogongore afwan lillaahi obboleeyyan tiyya
@AVCMSJ
https://t.me/AVCMSJ
SEENAA UMAR BINU KAXXAAB
-
Bulchiinsa Umar Ibnu Kaxxaab
Mootummaa isaa keessatti waraana cimaa qopheessee, biyyoota hedduu cabsee diin islaamaa baballisaa ture.
Biyyoota inni cabse keessaa;
Faaris /Persia/ Iraaq, dimashqi,fursi, Shaam, Masrii, Ruumii fi biyyoota biroos cabsee mootummaa isaa jala oolche.
Faaris (Persia) waraanni muslimootaa bay’inni isaanii laakkofsaan 10,000 kan gahan hogannummaa Abu Ubeeydaa binu JARRAAH kan jedhamuun hogganamee, dulaaf karaa biyya Faaris bobba’e. Faarisis waraana hoggantoota jajjabaa lamaan Jaabaani fii Mardaan kan jedhamaniin muslimtootaan lolan.
Muslimtoonni lola kana moo’atanii hoggantoota jaraas booji’uudhaan biyya jaraa cabsanii qabatan.
Yeroo boodaa ummanni Faariis humna haarawaan walitti qabamee ummata muslimaa irratti duuluudhaaf waraana cimaa qopheessan. Ummanni muslimaas dhagahee yeroma san daddafanii Umaritti ergaa dabarsan.
Amiirri mu’imintootaa Umar waraana bakka hunda jiran akka kara Madiinaa dhufan ajaja dabarse.
Waraanni hundi bakka jiruu dhufe. Amiirri mu’umintootaa waraana kana natu hogganuu qaba jedhe.
Haa ta’u male ummanni muslimaa dura dhaabbatee akka inni hogganaa jabaa bakka buusee hafu godhan. Hogganaa cimaa naaf akeekaa jedhee gaafannaan
namni hundi afaan tokkoon Sa’ad binu abii Waqqaas filate.
Sa’ad ibnu abii Waqqaas waraana hogganee kara Iraaq deeme. Waraana san keessa warri duula Badrii duulan namoota 99tu keessa jira.
Warroonni beey’atul Redwaan ykn warroonni ahdii jaalalaa Rasuula godhan namoota dhibba sadihiif kudhanii wayi. Namoonni 300 warrootaa Makkaan Rasuula waliin cabsaniidha. Akkasuma waraanni 700 ilmaan sahaabotaatii fii waraana biroo kan san malee jiru qabatee, Iraaq naannoo Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan wal qunnaman.
Duulli kun kan argame Hijraa irraa ganna/waggaa 16 keessatti.
Waraanni Faaris 150,000 kan gahu hogganaa isaanii cimaa kan tahe Rustum kan jedhamuun hogganamee bakka Al- qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan lola walitti banan.
Waraanni Faaris heddumina guddaa qabaatullee Rabbiin tumsa ummaata muslimaatiif godhe. Waraanni muslimaa Faarisiin cabsee magaalaa Nahaawandii jedhamtu harkaa qabatan. San qofatti hin dhaabanne magaalaa akka Asbihaan, Azrabijaani fi Kurasaan tan jedhamtu cabsanii dhuunfatanii
Haala kanaan diinii islaamaa babal’isaa turan.
Akkasuma biyya Shaam hogganaan isaa Abu Ubeeydaa ilma Jarraahi jedhamuun cabsanii islaamummaa bal’isan. Kana qofaa miti biyya akka Masrii waraana hogganaan isaa Amribnul Aas jedhamuun cabsan.
ITTI FUFAA........
Repost from JUMJ Official Page - main campus
📚🔊 ሒልየቱ ጣሊቢል ዒልም ክፍል 1 🔉
📌 በኡስታዝ ጀዋር ኸሊፋ
🕰Live At 3:00PM LT
For All AVCMSJ students # on telegram live stream
🎁 Irshad Notice 🎁
✍ Amaloota namoonni beekumsa barbaadan qabaachuu qaban
✍ Fedhii beekumsaaf qabnu kan nuuf dabalu
✍ Wolitti dhufeenya ustaazota woliin qabnu kan nuuf fooyyessuu
Fi
Yaadota biroollee kan of keessatti hammate
Kitaaba:
حلية طالب العلم(Hilyatu xaalibil ilm)
Ustaaza keenya jaallatamaa 🎁Ustaaz Jawar khalifaatiin🎁
For All AVCMSJ students # on telegram live strea
