cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Xirroo Media

📡📡XIRROO MEDIA 📡📡 Karaa Youtube kanaan nu hordofaa!!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://youtube.com/@xirroomedia3020

Show more
Finland2 545The language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
233
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Abubakar Muussaa Hayyichi Kaleessa Gaafa Qubee Afaan Oromoo dubbachuun dhoorgaa ture san, halkan halkan A,B,C.. Daa’imman dhaloota Hegeree walitti qabee yeroo barsiisu. A .Ammayya Amuumaa ajj-eese, Abbaan Addeessaa Aduudha Addooyyeen Oduu Odeessa. B. Bakkafaafi Bakakkoo, Bofa Boraatii Bofaa Barbaduu Bareeda Birraa Baranaa Badduus badeen si barbaada. C. Caalaa Caamaa fi mucuca caamaa kan utuun mucucaanne Cehee Cuncuna Coree miicee Cuunfee micciiree Coqorsa Caffee Caamaa isin Cufti Cal'isaa caqasaa Isiniifin dhaamaa… Jadhee Katabee dhaloota barsiisaa ture; Baha Biiftuu
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Addoonaa fi Hiikkaa isaa . --------- Jalqaba hojiin qonnaa itiyoophiyaa keessatti kaaba irraa gara kibbatti babal'achaa dhufe yaada jedhuuf ragaan gahaan hin jiru. Fakkeenyaaf oromoon ummata Baantuu irraa hojii qonnaa baratte. Akka ragaan barreeffamaa agarsiisutti gaanfa afrikaa keessatti yeroo duraatiif qonna kan eegale ummata baantu kan afrikaa dhiha irraa as godaaneedha. hawaasni Baantuu kan zanzibariifi (zanj- bahar) qarqara bahara somaalee ykn lafa gabattuu laga jubaa gubbaa qubachaa ture kun barreeffama dur keessatti ummata zaanji jechuun waamamaa ture. Kitaaba " futuh al - buldaan" kan jaarraa 9ffaa keessa Ahmed ibn yahya al- baladan barreesse keessatti Maqaan ummata zenji dhawamee jira. Irra caalaa, jaarraa 9ffaa dura, warri daldaltoota gabraatiin ganfa Afrikaati irraa qabamee Basraa, biyya Iraqitti gurguramee ture mootummaa Abbaasiyaa irratti fincilee akka ture kitaaba " Tawaraat al- zenji " jedhu keessatti ibsame jira..
Show all...
Addoonaa fi Hiikkaa isaa . --------- Jalqaba hojiin qonnaa itiyoophiyaa keessatti kaaba irraa gara kibbatti babal'achaa dhufe yaada jedhuuf ragaan gahaan hin jiru. Fakkeenyaaf oromoon ummata Baantuu irraa hojii qonnaa baratte. Akka ragaan barreeffamaa agarsiisutti gaanfa afrikaa keessatti yeroo duraatiif qonna kan eegale ummata baantu kan afrikaa dhiha irraa as godaaneedha. hawaasni Baantuu kan zanzibariifi (zanj- bahar) qarqara bahara somaalee ykn lafa gabattuu laga jubaa gubbaa qubachaa ture kun barreeffama dur keessatti ummata zaanji jechuun waamamaa ture. Kitaaba " futuh al - buldaan" kan jaarraa 9ffaa keessa Ahmed ibn yahya al- baladan barreesse keessatti Maqaan ummata zenji dhawamee jira. Irra caalaa, jaarraa 9ffaa dura, warri daldaltoota gabraatiin ganfa Afrikaati irraa qabamee Basraa, biyya Iraqitti gurguramee ture mootummaa Abbaasiyaa irratti fincilee akka ture kitaaba " Tawaraat al- zenji " jedhu keessatti ibsame jira.. Erga Sulxaanni oman biyya zanzibar dhunfatee turee as bittaa gurgurtaa garbaatiin Wal qabatee warri Baantuu kan somaaliyaa keessa jiraachaa ture kun maqaa Addoon jedhuun irra caalaa waamamaa turan. Hamma Ammaa Somalee fi naannoo teenyatti jechi addoon ykn Addoona jedhu hedduu beekamaadha. Jechi kunis jecha afaan araba irraa fudhatame hoggaa tahu hiikkaan isaatiis Adoon, Abidoon ( Abiduun ; Aabid ykn gabroota ykn ( slaves) jechuudha. -------------- - some somali call the Bantu Adoon, which translate as ( slaves) - the Somali Bantu their history and culture ( Dan van Lehman ) Ulrich braukamper- the history of Haddiya P- 136
Show all...
Bara 1966 keessa gaafa tokko galgala sirna affeerraa irbaataa mootichi Hailesillaaseen keessummoota isaaf qopheesserratti #Alii_Birraa akka weellisuuf artistoota kaan waliin affeerame. Sagantaan eegaluudhaaf qophiin xumuramee mootichi keessummoota isaa waliin gara galmaatti yommuu ol seenu, namni achi jiru hunduu gadi jedhee mootichaaf gugguufe. #Alii qofatu ol jedhee dhaabatee ija mootii keessa ilaale. Yommuu kana eegdonni mootichaa Alii harka lamaan qabanii butanii galma sanaa baasanii mana hidhaatti darbatan. Guyyaa muraasa mana qorraa keessatti hidhanii dhaddacha Rayyaa Ittisa Biyyaatti dhiyeessan. #Ajajaa: “Maaliif mootichaaf gadi jettee kabaja laachuu didde?” #Alii: “Akka amantaa kiyyatti gadi jedhamee kan sagadamuuf Rabbi qofa. Nama akkasaatiif gadi jechuun (sujuuduun) yakka!” #Ajajaa: Kan gadi jechuu (sujuuduu) hanqatterratti ammas mootichaan ‘isa’ jettaa?” #Alii: “Mootichi nama meeqa?!” (Madda: Abbaa Urjii ) @XirrooMedia
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Taatee Gaazaa keessatti ta'aa jiruuf itti gaafatamummaa guutuu kan fudhatu Ameerikaadha Hogganaa Hizbu Allah Sayyid Hasan Nasrallaah @XirrooMedia
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
"Dhiigni Musliimaa gaafa dhangala'u biyyoonni Lixaa seerri idil-addunyaa dhimmasaanii miti" jechuun Pirezidaantin Turkii Erdogaan biyyoota Lixaa qeeqan. Erdogaan dubbii jabaa akkasii akka dubbatan kan isaan godhu sababa hedduu qabu. @XirrooMedia
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Fardeen Gaara Qundhudhoo.....
Show all...
Fardeen gaara Qundhudhoo Fardeen biroo irraa Maaltuu adda isaan taasisa? Godina Harargee bahaa Aanaa Gursumiifi Jaarsoo jidduutti tabba olee sirrii Galaanaa irraa olkaa'insa Meetira 3000 ol Fagaatu irra Jiraachaa kan Jiran Fardeen bosonaa gaara Qundhudhoo qabeenya qaalii Oromiyaafi biyyattiin qabdu keessa kanneen sarara duraarratti argamaniidha . Afrikaa keessa yeroo dheeraaf fardeen diidaa biyya kibba ardii Afrikaatti argamtu gammoojjii Naamibiyaa keessa qofa akka jiraatan tilmaamamaa kan ture tahus garuu, Fardeen daggalaa kunniin Oromiyaadhas bosona gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsootiifi Gursumitti argamu keessattis akka argaman baramee jira . Fardeen daggalaa kunniin Itoophiyaa keessattis akka argaman kan ifaan ifatti barame ammoo eega tuutni hayyoota biyyattii Kafanaa Ifaatiin ( PhD) durfaman jiraachuu Fardeen bosonaa qorannoon deeggaramuun mirkaneessanii booda hogguu tahu, gareen qorattootaa kun akka lakkoofsa warraa Awurooppaatti bara 2013 gaara Qundhudhoo gubbaa Fardeen diidaa 11 akka jiraniifi kanas ammoo qorannoodhaan mirkaneeffachuun cinattis qaaman deemanii daawwachuun addunyaatti mul'isuu isaanii hordofuun Fardeen bosona gaara Qundhudhoo kunniin haalaan baramanii jiran . Seenaa argamaafi achi dhuftee Fardeen bosona gaara Qundhudhoo ilaalchisuun hanga yeroo kanatti argaa dhageettii jiraattoota naannichaa malee ragaan barreeffamaa taa'e hin jiru . Seenaa Fardeen gaara Qundhudhoo ilaalchisuun ogeessi qorannoo sanyaabsaa(Ethnographic researchers ) toora fuula miidiyaa hawaasaa isaatiin maqaa ' Oromo Graphya ' jedhamuun beekamu Itinoogiraafarri Muraad Ahmed Itoophiyaa keessa gosoonni fardaa garaa garaa akka jiran hima . Bu'uuruma kanaan Itoophiyaa keessa gosa Farda Salaalee, gosa Farda Baalee , gosa Farda Horroo, gosa Farda Boranaa, gosa Farda Kafaa, gosa Farda Somalee, gosa Farda Abisiiniyaatii fi gosti Farda Gaara Qundhudhoo akka jiran tuquun, kanneen keessaa ammoo gosti Farda gaara Qundhudhoo Fardeen sanyii dhufeenyi isaanii Nuubiya warra Kushoota irraa akka turan ragaaleen mul'isan jiraachuu himeera . Argamaafi achii dhuftee Fardeen gaara Qundhudhoo ilaalchise jechoonni afoola akkuma jiranitti tahee ragaan Inistiitiyuutii heddummina lubbu qabeeyyii Itoophiyaa akka ibsutti bara1528 hanga 1560tti mootii shawaa kan turan Libna Diingilii fi Ahmed Giraany Al Gaazi jidduutti lola gaggeeffamee tureen loltoonni Ahmed Giraanyi Al Gaazii dhumanii Libna Dingil waraanicha olaantummaan xumuruu isaa hordofee Faradoon abbaan irraa wareegame hundi hafuura lolaa baqachuun Gaara Qundhudhotti waraana dhiyeessuun achumaan achitti akka hafan hima . Seenaan achii dhufteefi argama Fardeen gaara Qundhudhoo garuu akka inistiitiyuitiin heddummina lubbu qabeeyyii Itoophiyaa himu kanas osoo hin taane kallattiin seenaa Oromoota naannichatiin kan wal qabatu akka tahe qorattoonni ni himu . Haaluma kanaan bara 1876 kessa lola Oromoota Afran Qallootiifi waraana warra misirootaa kan Rauf Pashaan durfamu jiddutti adeemsifamee tureen, waraanni warra masrii qawwee ammayyaa hidhatanii turaniin waraana Afran Qalloo loltoota Raabaa Dooriidha olaantummaan injifachuun, injifannoo qofas osoo hin taane lola guyyaa jalqabaa irratti loltoonii Raabaa Dooriidha irra guddaan wareegamu isaanii hordofuun Faradoon lolarraa hafan kan abbaan irraa dhume akkuma jiranitti hundi isaanii waraana hamaa deemaa ture baqachuun gaara Qundhudhooti dhiyeessuun achumaan achitti akka hafaniitu himama . Lola kanaan boodas loltoonni Misirroota kanneen Ra'uuf Pashaatiin durfaman nama Farda qabu hunda ganda gandatti deeme waan ajjeesaa tureef namni hundi Farda isaa manarraa baasuun gaaratti gad lakkisuun lubbuu isaanii du'arraa baraarracha waan turaniif Fardeen gaaratti galfaman kunniin achumaan Fardeen daggalaa tahuun bosona gaara Qundhudhootti akka hafan manguddoonni argaa dhageettii seenicha dhaloota dhaalchisanii jiru.
Show all...
Bu'uura kanaan gosti Fardeen gaara Qundhudhoo gosa sanyii Fardeen loltoota Raaba Doorii turan . Akka kitaabni 'futuhal -habasha' ja'uutti jalqaba Ahmed Giraany bara 1522 yeroo Amiir Abubaker Magaala Harar keessa baasu iddoo dhaloota isaa gaara Mul'ataa dhaqee fardeen dhibba tokko fi loltoota Raabaa Doorii 100 akka deeggarsaan Oromootarraa fudhate ture barruun ibse kan jiru hoggaa tahu, kun ammoo Fardeen Nuubiyaadha Ahmed Giraanyiin dura akka naannoo Harar turan ragaa akeeku isa guddaadha . Fardeen gaara Qundhudhoo kanneen Fardeen isaan biroo irraa adda kan isaan taasisu ammoo namaan walii galuuf Afaan Oromootti fayyadamu isaanii yoo tahu, Fardeen bosona gaara Qundhudhoo kunniin Afaan Oromoo dhagahuun isaanii, Afaan Oromoo hubatuun isaaniitiifi, Afaan Oromootti tajaajilamuun isaanii, akkasumas dhala namaatii wajjiin jiraachuuf Afaan Oromoo qofatti dhimma bahuun isaanii Fardeen kaan irraa adda isaan taasisa . Fardeen gaara Qundhudhoo seenaa jiruufi jireenya isaanii keessatti boqonnaa hamaafi sodaachisaa badiinsa sanyii isaanii irratti godhameefi xiyyeeffate hedduu keessumeessuun rakkina dabarsuuf yeroo tokko dirqamanii turu isaanii seena jireenya Faradoo kanneenii ni agarsiisa . Ragaan marsariitii dhaabbata miti-mootummaa bineensota baduuf qophaa'an irratti hojjetuu 'BREAM ' jedhamurraa argame akka mul'isutti, sababoota lakkoofsi Fardeen kanneenii haalaan hir'ataa dhufeef keessaa tokko jiraattonni naannichaa Fardeen kana adamsanii qabuun madaqsuu isaaniitiifi gosti Fardeen kanneen irraa dhalatanis gosa Fardeen gabaarratti haalaan barbaadamanii waan taheef, haalli bakkicha ture kun yeroositti jiraachuu gosoota fardeen kanaatiif haalaan yaaddeessaa akka ture gabaasni BBC Afaan Oromoo kanaan dura Fardeen gaara Qundhudhoo irratti qopheesse ni hima. Duula sanyii Fardeen Bosona gaara Qundhudhoo badiinsarraa hambisuu hawaasni naannichaatiifi hoggantoonni Godinaatiifi Aanaalee taasisanii turaniin, barbaachaa cimaafi ijibbaata hedduun booda Fardeen kunniin bakka argaman irraa walitti funaanamuun Faradoon sanyiin isaanii dhabamtee, lakkoofsaan sagal qofatti deebite gara gaara Qundhudhootti ol deebisuun tajaajilaafi kunuunsa gaha taasisuufiin har'a sanyiin Fardeen gaara Qundhudhoo baayyattee balaa hamaa isaannirratti aggaamame ture fashalee seena tahe jira . Fardeen bosona gaara Qundhudhoo deebi'anii akka wal horaniif sababoonni ijoon ammoo kunuunsa eegdoota Paarkiitiin taasifamaaf tureefi jiru, kunuunsa hawaasni naannicha Faradoo kanneeniif taasisuu jalqaban, tajaajila fi xiyyeeffannoo Fardeen kanneeniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa taasisaa tureefi taasisaa jiru, dhiheessi gama nyaataafi dhugaatii Fardeen kanaatiin Mootummaan Naannichaa taasisaa jiruufi hojii gama Paarkii Fardeen kunniin keessa jiraatan daangeessuun eegumsa gahaa ramaduufitiin taasifame tureedha . Gaara Qundhudhoo keesaa Fardeen diidaa qofa osoo hin taane, Waraabessaafi Leenca dabalatee, bineensoonni gosa adda addaa bosonicha keessa kan jiraatan tahus garuu, hanga ammaatti miidhaan bineensoonni kunniin Fardeen Gaara Qundhudhoo irra dhaqqabsiisan tokkolleen akka hin jirre eegdoonni Gaarichaa af-gaaffi kanaan dura Miidiyaalee gara garaa wajjiin taasisaa turaniin ifoomsanii jiru . Bal'inni lafa Fardeen Gaara Qundhudhoo kunniin irra jiraacha jiran lafa heektaara 1,000 hoggaa tahu, Gaarri Qundhudhoo ammoo iddoo ikkoo tuurizimii tahuun bakka Pirezadantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisa argamanitti kaartaan hoggantoota Godina Harargee Bahaatiif yeroo dabre kennamee turuun isaa ni yaadatama . Uudii Muussatiin | ©️ Waliif TV
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Indonesia 🇮🇩 families @XirrooMedia
Show all...