en
Feedback
Gabatee Qoosaa😁🤣

Gabatee Qoosaa😁🤣

Open in Telegram

*Kottu nutti dhiyaadhu. Kolfitee dadhabdee xiqquma ofitti boolaata😀

Show more
984
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-2030 days
Posts Archive
Qarooma bara Abbaajifaar Jimmaan ture kanin Muziyeemiitti daawwadhe keessaa muraasa ***************** 1. Bara 1870 yeroo masaraan Abbaajifaar hojjatamu mismaarri suuraa irratti argamu kun Jimmatti oomishamee masaraafi manneen biroo ittiin ijaaramaa ture. 2. Ulamoonni yeroo sana masjida afurtamaatti barsiisaa turan Qur'aana guutuu tafsiira isaa wajjin akka isaan itti barreessaa turan ilaalaa. Inni kun bara 1830 irraa kaasee kan tureedha. 3. Kophee faaya adda addaa: kophee Qirqaabii jedhamu kan yeroo dheeraaf Jimma keessatti oomishamaa tureedha. Kan namoonni keeyyatanii deemaniifi wuduu irratti godhatanuudha. 4. Huccuu kuulaa kan warri Habashaa aadaa isaanii godhanii dhiheessan oomishuu isaa Jimmarraa baratan. Xaayituun haati manaa Minilik xalayaa Abbaajifaaritti ergitee nama Habashaa oomishuu beeku naaf ergi jedhaa turte. Xalayichas ilaalaa. 5. Akka mana fincaanii itti qopheessanillee Minilik Abbaajifaar irraa barate. Yeroo Abbaan Jifaar achi dhaqan Minilik bosona keessatti fincaan taa'a ture. Booda akka itti manni fincaanii qotamee sirreeffamu itti agarsiisan.

NADHII GAMMADAA Kutaa 1ffaa Qabsaawaa Oromoo Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne. Seenaa Duuba Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba. Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame. ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e. Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti. Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha. Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa; 1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!” 2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!” 3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!” 4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!” 5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.” 6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.” 7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”...itti fufa

Calanqoo @cuunfaaseenaa. Bara 1887 biyyoonni kunneen hunduu qabamanii turan haa ta'u malee minilik hararge akka salphaatti qabachuu akka hin dandeenye tilmaamuun qoophii guddaa taasise.weeraraaf calanqoo yommuu ga'an humni ittisaa oromoota akka salphaatti kan hin cabne ta'uusaa waan hubateef bakka mudhii ulee jedhamu ji'a ja'aaf turuudhaan irra deebi'ee qophii waraanaafi filannoo loltootaa godhee humnasaa hamma malee cimsate. Oromoon Harargees weeraraafi qoophii Minilik callisee hin ilaalle kabajaafi jaalala biyyasaatiif hamma humnasaatii erga qophaa'ee booda loltoota 4000 lolaaf hiriiran kessaa qawwee kan hidhate namoota 1000 hin caalan turan Kan minilik immoo lolaaf kan hiriiran loltoota 30,000 yoo ta'an isaan kessaa harki caalu meeshaa waraana hidhataniiru.ajajaan loltoota sanaa walda Gabri'eel abbaa saayixan turan.qoophiin Nafxanyaa kuniifi haalonni sodaachisoon kunneen hundumtuu onnee gootota oromoo warra biyya isaaniitiif du'uuf hiriiran kana sodaachisuu hin dandeenye baatii muddee bara 1887 guyya tokko waaree booda lolli sun jalqabe.Minilik meeshaa waraanaa Awurooppaatiin akka garaa isaatti yoo isaan lole iyyuu ilmaan oromoo garuu kabajafi jaalala biyya isaatiif qabu lubbuu isaanii kennani gootummaadhaan hiriiranii lubbuu isaanii aarsaa goodhani.Weerartoonni sunis dhiiga oromootaa irra adeemanii magaalota Harargee shan qabachuudhaan bakka faras Magaalaa jedhamu ga'anii balbala magaalota shananii irratti iyyuu alaabaa abiisiniyaa fannisan yeroo sanatti daaqunonni minilik waliin duula deeman weedduufi faarfannaadhaan gara minilik dhaqanii gammachuudhaan isa simatan daaqunonni kun abbooti siyaasaa mootummichaafi loltoota isaanii waliin gammachuu wal qixa qabu turan. Oromoonni garuu akkas jedhanii boo'aa turan Gaafa calanqoo gabrumman lollee Dhiigni gabeoomsaa Faana nuuf hin tolle Calanqoo maal ta'e Lafee bobeeysani Dhaqee hin agarre Oduu odeessani Gaafas calanqo qawwee kuusan se'e Way yaa afran qalloo Wajjin gallan se'e Aara qawwee saniin Hurrii rooban se'e Dardara keenya fixan Filaa waa gaara ciisaa? Shamara keenya fixan Callee waa gaara ciisaa? Manguddoo keenya fixan Harrii waa gaara ciisaa? Haawwan keenya fixan guufta waa gaaran ciisaa? Tana hunda argaa gurraanin dhagayaa yoomin rafee gadi ciisa? Jedhanii hirqinfatani bo'an sanyiin koo kaleessa. t.me/cuunfaaseenaa.

HAYILEE FIDAA Kutaa 1ffaa Doktor Hayilee Fidaa (1939-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiy aa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama. SEENAA DUUBAA Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture. Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme. Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii , itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e....itti fufa

goota akka isaa hin dhalchine sangoomsanii, waan kolfaa godhanii turan. Garuu namni kun Gootaa fi uumamumaan qaroo waan tureef, umurii isaa guutuu haroo qotee, akka bishaan haroo sanaa keessaa loon Arsii dhugu, akka ilmaan Oromoo aannan loon saniin guddatan immoo Nafxanyaa balleessuudhaan gumaa isaa akka baasan dhaammatee darbe jedhamaa. Haroon sun HAROO QEERROO jedhama. Seenaan qaroo Fi Gooticha Oromoo kanaa fulduratti qoratamee barreeffamuu qaba. Siidaan illee dhaabachuufii mala. Hogganaan Waraana Oromoo Arsii Bara sanaas Dhumarratti waa dhaammatew darbe. "The hour has not come, but it will come;...our children will see the departure of the oppressor."--Roba Bultum Hiiknisaa: "Amma yeroo keenya miti;...yeroon keenya ni dhufa; yommus ijoollee keenya biyyaa ba'umsa cunqursitootaa ni argu;"" jedhan gotichi Oromoo Roobaa Bultum. @Seenaoromo

Minilikii fi Oromoo KUTAA 2ffaa Minilik Oromoo fi Ummata Kibbaa irratti duulee oromoo hundumaa Kolonii ofii godhe. Minilik bara bittaa isaa keessaa gara waggaa 30 oliif oromoo waraanuudhaan dabarse. Minilik gorsaa fi gamnooma warra adiitti fayyadamee oromoo moksee horiidhaan bitee Walirratti duulchisaa ture. De Salvaic akkas jedha: A) Oromoon Osoo tokkummaa qabaatee, hanga galaanaatti ni moo'a ture. B) Bara Duula Minilik Osoo Oromoota gidduutti Walmormiin hin turre ta'ee, Qawween Minilik, Eeboo fi heddummina oromoo irraa hin hafu ture. C) Oromoon diina dagachiisee gamtaadhaan yommuu lolu orma harka Shan jaha caalu yeroo inni moo'u arguun Waanuma baramedha. De Salvaic Qeesii kaatoolikiiti. Kaayyoon isaa Oromoo amantii Kaatoolikii fudhachiisu ture. Gareen De Salvaic waan kana jabeessee hojjechuutti ture.Minilik hojii Qeesota Faransay kana argee, osoon Qeesii akka keessan jabaatee hojjetu argadhee, Oromoo cabsuuf Qawween hin barbaachisu ture." Jechuudhaan barreesseera. Kanarraa kan hubannu yoomiyyuu Hawwiin jaraa OROMOO CABSUU QOFAADHA. Minilik umurii isaa guutuu Oromoo waraanaa fi Walwaraansisaa ture. Gantuu Oromoo Kan akka Goobenaa Daaccii fayyadamee Oromoo Oromoodhaan cabsee ofjala galchee oromoo Mara koloneeffate. Koloneeffate Jechuun jechuun Ummata tokko humnaan Cabsanii, itti galanii biyya isaa irraa fudhatanii bulchiinsa isaa diiganii, Aadaa fi safuu isaa balleessanii, kan ofii bakka buufatanii, Qabeenya isaa irratti abbaa ta'anii Ummata sana roorroon bulchuudha. Minilik warra roorroo dide gootota, hayyoota oromoo gara laafina tokko male ajjeesee fixe. Fknf: Akkaataa waraanaa Bara sanaa gazexaan Amerikanii ze Newyork times jedhamu akkaş jedhee barreessee ture. The New York Times, Published Feb 26, 1895, The incident was described as MINILIK TRIBLE EXPEDITION: "The tribunal says today "the recent expedition which King minilik sent against the oromo tribes, In Abysinia, selew 7000 tribesmen and captured 15,000 men." Hiiknisaa: Mataduree fuula shororkeessaa Minilik jedhu jalatti Guraandhala 26 bara 1895, tibbana mootiin shawaa minilik, Waraana shororkeessaa Ummata oromoo gosa Arsii 7,000 qalee 15,000 immoo booji'e. Jechuudhaan barreesse. Minilik Ummata Arsitti yeroo 7 duulee ture. Yeroo jaha Ummata Arsiitu Nafxanyaa Moo'e. Arsiin Fuula Torbaffaa irratti mo'ame. Minilik Fuula yeroo tokkoo qofaan Oromo arşivi 12,000 akka ajjeese seenaan ni raaga. Haawwan Oromoo Harma mureee, gootota immoo harka muraa ture. İsa kanaaf seenaan Anolee ragaadha. Egaa Waraanni Minilik yeroo jaha mo'amee wanna kana Mara yaaleera. Hoggantoonni waraanaa Habashaa warra faranjii Kan akka jeneraala raashiyaa Dajjaach Liyiontiif Jedhamanii fi warra faransaayi hedduu warra meeshaa waraanaa hammayyaa fi leenjii waraanaa hammayyaa qaban turani. Egaa oromtichi Arsii Wanna kana Mara dura dhaabatee lolee, lubbuu ijoollee isaa Fi qabeenya ofii itti wareegee yeroo jaha Nafxanyaa moo'ee ofirraa deebisaa turee, yeroo Torbaffaa irratti mo'ame. Garuu yeroo Waraanni Minilik takkaa mo'amee, Deebi'ee of Ijaaree, Bayyanatee itti Deddeebi'u Maalif Arsichi akkuma injifateen, Waraana Minilik duukaa bu'ee hin balleessinee? Waraanni Arsii Bara sanaa Habashoota duukaa bu'ee rukutee Masaraa isaanii balleessuuf, goottummaaf dandeettii ni qaba turee. Garuu akka Serra Gadaa Oromootti, Ummanni Gadaa tokkoon Bulu, Daga yookiin gabalaa(territory) isaa keessaa Bokkuu qabatee Bahuu hin qabuu seera jedhutu jira. Bokkuun yoo laga ce'e ykn gabala keessaa bahe akka bokkuutti hin ilaalamu; BOKKUU SALDHEE jedhama. Arsicha seera kanatu İsa ittise malee, Akkuma moo'een Duukaa Bu'ee ni adaba turee. Oromoon immoo kan seeraa GOOROO yookiin akka Gujiitti SEERA GABALAA tume, akka gosti oromoo tokko, daangaa gosa oromoo kan biraa keessa seenee wal-hin waraanneef ture. Gootota Arsii Barasii keessaa warreen Barabaraan yaadatamuu qaban keessaa nama maqaan QEERROO QADIIDAA jedhamuun beekamuutu ture. Namichi kun waraana Minilikiin bakka torba madaa'ee booji'amee ture. Namichi fira birattis diina birattis goota beekamaa ture. Habashoonni Oromtichi Madoo Booji'an kana tumanii akkanni

Waan oromoon biyya kana kessatti ta'e bineensi hin taane. Jedhe jawweenkoo Free J M @Cuunfaaseenaa.

SEENAA LIJ-IYYAASUU KUTAA 2FFAA ~~~~~~~~~~~~ Raas Mikaa'el finfinnee dhufee Raas Abaatee Kambaataa irraa waamee maq-dhalatti hiissise Kana giddutti kallattiin bahee mul'achuu irraa of dhoksee kan ture ejjennoon Fitawraarii HabteGiyoorgis(Qusee Dinagdee) cimaa dhufe Kambaataa Abaataan dhabe dabalachurra darbee hogganaa Makaanintoota Shawaa ta’ee olbahe. Yeroo tarkaanfin Iyyaasuu Mokaanintoota yaaddoo keessa galche Iyyaasuu angoo irraa buusuuf qindeesse. boodas yeroo abbaan Iyyaasuu Raas Mikaa’el ilma isaa angootti deebisuudhaf yaalii godhe fashaleessuu keessatti hojii addaat hojjate. Jabanni mootummaa Iyyaasuu jabana hibboodhan guutamedha. Afaan guutanii gaarummaa isaa fi gadhummaa isaa dubbachuun nama dhiba. Carraa isaa ta’ee jabanni Iyyaasuu gabaabaa yoo ta’uu kan isa booda taayitaa qabate Tafariin faallaa isaa baroota dheeradhaf Itoophiyaa bituu isaa irrayyuu akka maqaan iyyaasuu tolaan ka’u hin barbaadu ture. Kanaafuu kitaaboota seenaa baay'ee keessatti irra deddeebi’amee kan himamu muslima ta’uu isaa, qoosaa fi tapha jaallachuu Iyyaasuuti. Kitaabota caalaa ummata qubee hin lakkaa’intu waa’ee tola Iyyaasuu dubbata. Bareedinni isaa, dandeetti dubbii fi nama ispoorti ta’uun isaa kan qalbii ummataa hawwatan keessaa turan. Qeeqa dalgaa mootummaaf xiyyeefannaa hin kennu jedhuufillee kun kan ta’eef ijoollummaa isaa irraa kan dhufe jedhee falmaafii ture ummatni. Iyyaasuun yeroo taayitaa isaa gabaabduu sana keessatti tarkaanfii hawaasummaa fi guddina dinagdee cimsu jedhaman tokko tokko fudhateera Qabeenyi dhuunfaa akka kabajamu fi gibirri yeroodhan akka sassaabamu, sirni himataa fi himatamaa walitti hidhee gidirsu akka hafuuf tarkaanfii fudhatera Akkasumas sirna Leebaa shaayii( Hattuu adamsanii qabu) jedhamee beekamu, garuu kan namootni ittiin haaloo walirratti bahuuf itti fayyadaman seera qabsiisudhaaf yaalera. kutaa 3ffaan itti fufa Seenaa Oromoo

Jecha beektotaa 1 👉Wanti ati barbaaddu hundi ofitti Amanamummaakee kessa jira. 2 👉Miira kee to'adhu malee hin gabroominiif 3 👉wanti dhabde sun waan kee hin ta'iniif 4👉yeroo tokko tokko ni moota Yeroo tokko tokko irraa baratta malee wonti mo'amuu jedhamu hin jiru 5👉Guddaa ta'uu yoo barbaadde yaada xiqqaa dhisi. @cuunfaaseenaa.

Mootummoota shanan Gibee Kutaa 2ffaa @cuunfaaseenaa. Mootummaa Geeraa. Mootummaan geera magaaluma geeraatti hundaa'e.jalqaba magaalaan mootummaa geeraa callaa(Gaatiraa)jedhamte waamama turte kana males Qubsumni geeraa qabeenyawwan bosona,dammaafi bunaan beekamtudha.Mootiiwwan mootummaa kana bulchaa turan wal duraa duubaan Tulluu gonjii Abbaa abbaa bogiboo Tulluu Gonjii lammaaffafi Abbaa boosoo lammaaffaa turan.akka lakkoofsa worraa Awurooppaatti bara 1887tti gaggeessaa waraana minilik kan ta'e baashaa Abbooyyeetin booji'amuun bittaa Minilik jalatti kufuu danda'era. Kan hafe itti fufa t.me/cuunfaaseenaa

uudha. Lafti kun yoom olka’e? Akkamitti? Olka’e kan jedhuuf garuu wanti ibsu hinjiru. Charles T. Beke bara 1842/3 yeroo Habashaa keessa ture waa’ee babal’ifannoo Oromoo waan qorate niqaba. Oduu afaaniin daddabru Habashootarraa qoratee kan inni lafa kaa’e: “Bara dur Gaallaan doko (savage) ture. beekumsa waan tokko hinqabu, qonna hinqotu, loon hintiiksu, uffata hinbeeku, ija mukaa funaanee, hidda harkaan qotee nyaata ture, dubartiin Amaaraa ykn Kristaanaa tokko bidiruu(qorii) tokkotti nyaata, uffata, eeboo, gaachanaafi mia garagaraa guuttattee baahar gamatti argite. Gaallaa dokoon mia kana yeroo argan baay’ee diqisiifatan, nyaaticha dhandhamanii itti tole, uffata ofitti kaa’an, mia gara biraas ilaalanii itti gammadan. Bakka burqaa qabeenya kanaa qabaachuu qabna ja’anii bahara sana cehanii, gara Kiristaanaa dhufan. Kana booddee waldhabbiin dhalatee lolli tahee biyya Habashaa qabatan” jedhama jedhe. Bekeen waan akka oduu afaanitti dhiheessu kana keessatti sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuuf yaale. Oromoo cabsuuf, tuffachuufii seenaa isaa gara dabarsuuf kan odeeffamuudha malee, dhugaa tokkollee ofkeessaa hinqabu. Charles T. Bekeen ammallee itti fufee oduu afaanii kan Oromoota Walloo biratti odeeffamu jedhee barreeyse jira. Akka oduu isaa kanatti durii:- “Oromoon Hawaash gamaa dhufe. Osoo bahara kana hincehin duratti qarqara isaa loon tiikfatuu turan. Gaaftookko binessi jabbii tokko arihee bahara kana ceesise. Jabbiin kun laga sana ceetee achitti walhorte. Galgala hogga gaallaan loon bishaan obaafachuu dhaqu gaaddidduu loon baay’ee arge. Akka hinliqinfamneef harka walqabatanii laga cehanii loona sana dhaalan. Booda biyyi itti tollaan achuma turan. Walhoranii baay’anaan hamma daangaa habashaatti babal’atan” jedha. Oduu afaanii fakkeessanii duula Oromoo akkanatti ibsuu barbaadu. namich J. Hultin jedhamu ammoo, babal’ifannoon Oromoo haala adda addaarraa tahuun nimala jedha. Akka inni jedhutti haalli qilleensaa waan geeddarameef bishaaniifi marga barbaacha sossohan. Kun sababa tuhuu nidandaya jedha. Garuu eega haalli qilleensaa deebi’ee tolee margaafi bishaaniis argame, maallif babal’i’annoon kun itti fufe jedhee ofgaafata. Kanaaf jedha: J. Hultin, akkaata sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuudhaaf haala hawaasa dinagdeefi siyaasaa hawaasa Oromoo qorachuu feesisa jedhee cufe. Namichi Poortugaal kan Amaanu’eel de Almaad jedhamu sababa babal’ifannoo Oromoo akkaataa lamatti hima. Tokkoffaa Habashoonni amantii katolikii fudhachuu waan didaniif waaqni isaa adabuudhaaf dha’ichaa Gaallaa kana itti erge. Osoo amantii kana fudhatanii kun hundi irra hingayu jedhee barreeyse. Lammaffaa bineessa Liqimsaa jedhamtu naannoo Gaara walaabuu bira isaan facaase. Abbaan muuda isaanii naannooo Walaabu kana jiraata. Naannoon Walabuu lafa baay’ee dinqiiti. Loon adaadii aanna baay’ee keennitu waan tureef namni qotuuf hinrakkatu. Aannan dhugee jiraata. Booda bineessi Lliqimsaa jedhamuu kan bifa saa gegeeddaratu namaafi loon nyaachutti ka’e. Kan baqatanii hamma Habashaatti babal’atan. Kun eegaa waan Almaadaan babal’ina Oromoo itti ibsuu yaaleedha. I.M.Lewis ammoo, Oromoon babal’achuu kan jalqabe waan Somaaleedhaan dhiibameef jedha. Yaada isaa kana kan deeggaran barreessitoonni maddi saba Oromoo Somaaliyaa keessa warra jedhaniidha. Asmaaroom Laggasee ammoo, sababni babal’ifannoo Oromoo tahu baay’achuu lakkooysa namaati jedha. Lakkooysi ummata Oromoo jaarraa 16ffaa keessa waan dabaleef lafti itti dhiphannaan irraa godaanuu jalqaban jedha. J.Hultin ammoo, akka sababaatti hin dhiheessin malee babal’ifannoo Oromoo kan gargaare Gadaan ijaaramuu isaati jedha. Lubi aangoo irra jiru osoo gad hindhiisin, lafa haaraya dabalee qabachuu qaba. Kanaaf akkuma Lubni haarayni dhufee aangoo fudhateen lafti itti dabalameen Oromoon babal’atee lafa guddaa qabachuu dandaye jedha. Kitaaba(seenaa saba Oromoo fi Sirna gadaa)Birraa/Fulbaana 1995) (Toleeraa Tasammaa Hundasaa Waaqwayyaa) irraa.

Imaam Ahmad (1506-43) ykn Giraanyi Ahmad kan jedhamu ijoollumma isaa lafa Hubta jedhamu kan Baddeessaafii Harar gidduutti dabarse. Imaam Ahmad loltuu jabaa tahee guddate. Human waraanaa walitti qabatee Amiira Harar ajjeesee aangoo qabate. Eega sanaa human isaa guddifatee lolaaf ofqopheessutti ka’e, bara 1527tti human Habashaa kan Adaliin weeraru deemu lolee injifannoo guddaa irratti argate. Lola kana booddee Imaam Ahmad waraana isaa qabatee lola jalqabe. Bara 1529tti bakka shuburaa kuraa jedhamutti waraana Habashaa lolee moohe. Waraanni isaa garuu tiikfattootafi godaantootarraa waan ijaarameef, akkasumas gosa isaatiif waan abboomamaniif lola kan booddee ni faca’e. Kanaaf waggaa lama keessatti waraana haaraya ijaarrachuun dirqii itti tahe. Waraana isaa duwwaaaf ajajamu waggaa lama keessatti ijaarrattee lola itti fufe. Bara 1531tti Dawwaaroofi Shawaa qabate. 1533tti ammoo, Amaaraafi Laastaa dhufate. Baallii, Sidaama, Hadiyyaafi Guraagee yeroo tokkotti ofjala galche. Bara 1535tti Tigree weeraree qabatee habashaarraa harka guddaa qabate. Bakka dhaqetti Islaamummaa fudhachiisaa, bataskaana dhabamsisaa deeme. Liban Dingil gargaarsa Poortugaal gaafate osoo hindhaqqabin lolarratti du’e, Ilmi isaa Galaawudoos (1540-59) itti dabree moohe. Poortugaal waraana nama dhibba afur, qawwee wajjiin ergee ture, Liban Dingil bira gahe. Waraanni Kiristaanootaafi Ahmed Giraanyiis ni faca’e. Haa ta’uu malee, humni habashaafi Islaamootas hedduu hubamaee laffate. Haalli kun Oromoon biyya deebifachuurratti hedduu gargaare. Duula Oromoo jarraa 16ffaa Jaarraa 13ffrraa kaasee hamma dhuma jaarraa 15ffaatti Oromoon rakknaafi roorroo guddaa jala ture. Yeroo kana ture yeroo inni daga isaarraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifame. Yeroo kan ture yeroon lolli amantii kan Islaamootaafi Habashootaa gidduutti deeme hedduu isa miidhe. Sababnii saa maalirraa madde? Sabani guddaan jaarmaya isa tokkeessu dhabuusaati. Akkuma Oromoonni adda fagaatanii qubataniin gosa gosaan buluun waan isaan tokkeessu dhabame. Oromootni gosuma gosaan miidhaan isaan mudate malee, sirni walitti isaan itichee waliif tumsiisu hinturre. Kanaf roorroon guddaan irra gayuu dandahe. Jaarraa 15ffaa keessa hawaasa Oromoo keessatti dagaagni argamuu jalqabe. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa ittiin ofirraa ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu jalqabe. Sirni haarayni biqilaa ture kun, yeroo dheera keessa kan dhufe tahullee Oromoota irree jabeessee akka lafa isaanii deebifataniifi roorroo alagaa akka ofirraa deebisan gargaare. Oromoos ummata sodaatamafii kabajamaa taasise. Sirni kuniis Gadaa dha. Jaarraa 16ffaa kaasee ummata Oromoo seenaa keessatti kan beeksiseefi harka isaatti kan hambise sirna kana. Ummanni Oromoo gara jaarraa sadii rakkinaafii roorroo isarra gahee ture ofirraa deebisuuf Gadaan ofijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti walgurmeesse. Haala siyaasafi waraanaa jabaa tolchee ijaarrate. Jaarmaya isaa kanaan ummatoota naannoo isaa jiran caalatti jabaatee humna sodaatamaa tahe. Daga isaarraa qabatame deebifachuuf duula gurguddaa jaarraa 16ffaa jalqabarraa kaasee eegale, humni jajjaboon kan Habashootaafi Islaamootaa lolaan waldadhabsiisanii waan turaniif haala aanjaa argate. Duula biyya isaa deebifachuuf Oromoon jaarra 16ffaa keessatti jalqabe kan seenaa barreeysitoonni haala adda addaatiin dhiheessuu barbaadu. Sababoota duulli kun itti dhalachuu dandayan akka adda addaatti himu. Brus namich jedhamu yeroo burqaa laga Naayil (abbayya)qorachuuf kbiyya Habashaa dhaqe, waa’ee Oromoo qoratee akkas jedhe. “duratti osoo gara daangaa Habashaa hindhufin dura isaan ((Gaalla) walakkeesa Ardii Afriikaa jiraatu turan. Lafti jalaa olka’uu jalqabnaan gost isaanii tokko tokko godaanuu jalqaban. Dura gara bahaa galaana Hindiiti sossohan. Achiti walhoranii gara kaabaatti qaceelanii Dawwaaroofi Baallii qubataan. Gost torba walaqabatnii garaa dhihaatti sossohanii kibba laga Abbaayfi naannoo Gojjaam keessa qubatan. Gartuu sadaffaan ammoo, gosa torba tahee walkeessatii hafanii achirraa gara kibbaatti babal’atan” jedhee ture. Akka Brus jedhu kanatti sossohiinsa Oromoo kan kaase lafti jalaa olka’

Seenaa Mootummoota shanan Gibe Gabaabinaan Kutaa 1ffaa Mootummaa Goommaa. Qubsumni mootummaa kanaa sayyoo jedhama boodarraa Qubsumni kuni mootummaa abbas booqaa jedhamu gara aggaarootti jijjire.mootiiwwan goommaan wal duraa duuban bulchaa turan Abbaa Amanoo Abbaa Raagoo Abbaa Bogiboo Abbaa Reebuu Abbaa Morkii Abbaa Jifaar Abbaa Booqaafi Abbaa Duulaa turan Mootummaan Goommaa mootummota shanan gibee kessaa qabeenyan kan beekamu yoo ta'u bara 1886 ALA Woraanaa minilikii wajjin taasiseen Waggaa dheeraaf harka hin kennine ture.boodarra garuu mootumman minilik koloni jala oolfachu danda'era Itti fufa @cuunfaaseenaa. t.me/cuunfaaseenaa

SEENAA GABAABAA MOOTICHA JIMMAA ABBAJIFAR ABBAGOMOL Seenaa Abbootii keenyaa baruun boriif nu fayyada oromoon naannoo hundaa dubbisaa dheerina hin qabuu…… #Seenaa_Dhaloota_Abbaa_jifaar_fii_ijaaramiinsa_masaraa Abbaa Jifaar Abbaan Jifaar bara 1852 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi Haadha isaani Guumayitti irra dhalatan Abbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan Gommool du’an Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu 1)Tulluu 2)Muhammad ibni daawud 3)Abba jifaar Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin bulchan sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya bulchuu eegalan kan isaan biyya jimma bulchanis bara 1878 hanga 1933 tti Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan ka’e Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10 Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad ibnu daawud Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool jedhamanii waamamu Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti argama Jireen magaala Jimmaa irraa km7 fagaatee argama akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa km3 fagaatee argama Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee maqaan isaa #tikem jedhamuun Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya hindirra dhufe ni jira fknf meeshaan tokko akka meshaa teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni jirti masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun kallattii Afur qaba kallatti kaabaa Kallatti kibbaa Kallatti bahaa Kallatti dhiha kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu ni jira Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra ture Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tti yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda ba’ee kan jiru akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan dubaraa adda ba’uudhaan jira Masaraan kun yeroo ol seenan jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha laailahaillallah Muhammadan Rasuulallah jedhutu barraa’ee jira itti Aansee Abubkri Umar Usmaan Aliyyii kan jedhutu barraa’e jira Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu ummata muslimaa maallaqaan lafa adda adda kennuufidhaan Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu taasisanii jiru ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka deemu bakka kana deemee qubata bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan ni dubbata Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara 1932tti jiraatan

Seenaa Gababaa Ummata Oromoo. Hiddii dhaloota Oromoo sanyii Kuushi irraa madde. Oromoon akka Oromummaa isaatti Kuushota kaan irraa afaanii fi aadaa isaa qabatee foxxoqee sochii isaa kaabaa kibbatti adeemsisee ture. Dhiibbaa adda addaa irraa kan ka’een Oromoon kaabaa gadi dhiibamaa deeme. Yeroo dhiibamu kana immoo kan buqqa’aa fi dhiibamaa deeme hawaasa hunda otoo hin taane giddu gala amantii, bulchinsaa fi siyaasaati. Maatii Kuush (Cushitic Family) warri jedhaman Kuushi kaabaa (Beejjaa), Kuush Giddu galaa (Agawu), Kuushi bahaa fi Kibbaa gara gammoojii (Affaar, Sumaalee, Saahoo), gara baddaa immoo, Oromoo, Burjii fi Sidaamaatu jira. Uummaanni kuushi kun naannoo baha fi kaaba bahaa Afrikaa kanatti seenaa jireenyaa waggoottan 8,000 ol qaba jechuun kan heeran akkuma jiran hunda, seenaa waggoottan 15,000 ol ta’e akka qabu kan himanis jiru. Fakkeenyaaf, toftaa saayinsii qormaata firooma afaanii irratti hundaa’udhan qorataa fi barreessan seenaa professor Kirstofer Ehret jedhamu Kuush seenaa waggootaa 12,000 hanga 14,000 ga’u akka qabu mirkaneessee jira. Gama biraatin immoo uummatuma ’Kuush’ jedhamee beekamu kana “Kuushaa” ykn “Kaasaa” kan jedhanii waamanis jiru. Kanas ta’ee sana maddaa maqaa “Kuush” ykn “Kuusaa” ykn “Kaasaa” jedhu ilaalchisee odeeffannoon jiru akka mul’isutti maqaan “Kaasaa” jedhu kan dhufe afaan Kuush irraa ta’ee jechoota “Ka” fi “Saa” jedhaman irraa akka ta’eedha. Akka afaan Kuushitti “Ka” jechuun Waaqa jechuu,“Saa” jechuun immoo ummata jechuu hogguu ta’u walitti “Kaasaa” ykn “Kuusaa” ykn “Kuush” jechuunis “Ummata Waaqaa” jechuudha jedhama. Haa ta’u malee madda hundee sanyii Oromoo fi dhaloota Afrikaa durii kan ta’e ummanni Kuush maqaa “Toophiyaa (Aethiops)” jedhamuun waamamaa ture. Maddi isaas “Aetiops” kan jedhu jecha afaan Giriikiti. Kanaafuu Oromoon maatii Kuush keessaa isa tokko ta’ee damee Kuush Bahaati. Kuushii dameewwan adda addaattii qoodamuu kan jalqabe dhaloota Kiristoos dura bara 5000 durra irraa eegalee ture. #ancient_history_of_oromo #like fi #share gochuu hindagatinaa

Seenaa Abbootii Gadaa Kanneen Keessaa muraasa #Abbaan Gadaa Gadawoo Galgaloo(1458-1465): Abbaa Gadaa haroomsa sirna Gadaa oromoo kan bara cunqursaa Habashoota sana oromo walitti gurmessun gahee guddaa qaba. #Abbaan Gadaa Daawwee Goobboo: Qaroo hayyuu beekamaa nama seera Gadaa foyyesse, seera-gumaa,seera adaba hattuu,seera fuudhaaf herumaa, akka namni akaakayyuu torbaa asitti wal-hin fuune fi seera gumii gaayoo tume, jedhamee seenaa gadaa boranaa keessatti Beekama. #Abbaa Gadaa Halaakee Dooyyoo: waan seera Gadaa Boranaa balleesseef gumiidhaan Abaarame. Abbaan Gadaa Halaakee Dooyyoos rifaatu Abaarsa Kanaan du'e. #Abbaa Gadaa Liiban Waataa: hayyuu qaroo beekamaa jedhamee seenaa gadaa boranaa keessatti yaadatama. Gumii sinbir Gadaan Liiban Waataa mijeessee irratti hawwaa, gujii boranaa fi Arsii Dabalatee gosoota oromoo 17 caalaatu argame waan ta'eef oromoon akka bara Gadaa Liiban Waataatti walii galee hin beekuu jedhama. #Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Ingullee: Bara Gadaa Guyyoo Borusu Ingullee Faranjiin Lafa booranaa waraansan Seente; Gadaan Guyyoo Boruus waraana faranjii kana injifatee, Baallii Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaaf Dabarse. #Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaa: Bara Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaa Minilik Borana qabate. #Abbaa Gadaa Bulee Dabbasaa: Bara Abbaa Gadaa Bulee Dabbasaa Xaliyaaniin biyya qabatte. Hubachiisa: Qorannaan Piroofeesar Asmaarom Laggasaa, Haaromsa Gadaa Booda Namoota Abbootii Gadaa Booranaa Turan qoratanii agarsiisa. Profesar Asmarom Hanga Nama tokko irraa eegamu caalaa itti dhimmee waa'ee Qaroomina oromoo qoratee barreeffamaan baasee enyummaa oromoo Addunyaaf agarsiiseera. Dhaloonni Ammaa immo kana irraa ka'uudhaan caalaatti qoratee enyummaa Ummata Oromoo baree, ormas barsiisuu mala. Piroofeesar Asmaaromiif illee ummanni oromoo yaadannoo gaarii qabaachuu mala.

Harar" Magaalaa seena qabeeytii tana Akkuma Abbaabiileen teenya Eegumsa godhaafi turan sanitti Ammallee itti fufu qabnaan dha
Harar" Magaalaa seena qabeeytii tana Akkuma Abbaabiileen teenya Eegumsa godhaafi turan sanitti Ammallee itti fufu qabnaan dhaamsa keenya.waan hedduu waliin qabna. https://t.me/etbisahusen

Baalee, naannoo Gololchaa bara 1885G.C Photo:Arthur Paulitschke.
Baalee, naannoo Gololchaa bara 1885G.C Photo:Arthur Paulitschke.

sticker.webp0.63 KB

El- meelbaana!         ----------- Yeroo maqaa meelbaana jedhu kana dhageenyu, wanii nu dura dhufu, maqaa gogeesa gadaa meelbaadha. Haa tahu garuu tulaan meelbaana, tulawwan sagalan booranaa warra umrii bara  kumaatamaa qaban keessaa isa tokkoo.tulaan meelbaana  aanaa miyoo keessatti argama.               Tulawwan sagalan booranaa umrii bara kumaatamaa qabaachuu qofa ossoo hin tahiin seera taligaa bishaanii kan bara kumaatama lakkooysise qabaachaa turan. oromoon booranaa sirna tulawwan sagalan kana itti bulchaniifi seera taligaa bishaanii ( water resources management) Kan bara kumaatama lakkooysise qaban.              " jaarraa shaniif ossoo addaan hin citiin seera taligaa bishaanii kanaan wal taligaa turan. ( the Ancient tula wall system of borana in southern Ethiopia the main permanent water source has been in operation the more than five centuries" ) - j ,  helland- 1980 , Buxton- 1949