Gabatee Qoosaa😁🤣
Open in Telegram
*Kottu nutti dhiyaadhu. Kolfitee dadhabdee xiqquma ofitti boolaata😀
Show more984
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-2030 days
Posts Archive
Jechoota Hayyoota Oromoo Kana Nu meeqaatu Beeka Laata?
*******
~. Duuti koo du’a gootaati, dhiigni kiyya dhiiga tasa dhangala
e miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangalae.(K/Maammoo Muzammir)
~. Dubbiin keenya bofa eegeen citte ta'e, yoo harkisan ni cita, gadi dhiisan itti lixa..(Hayilamaariyam Gammadaa)
~. Ofumaa Dhamaatu malee Ana rasaasni na hin danda’u(Agarii Tulluu)
~. Gabrummaarra duuti bilisummaadha..(Elemoo Qilxuu)
~. Gabrummaa dandeenyu hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna(G/Waaqoo Guutuu)
~. Gabrummaa irra du'a woyya, kanaaf fincillee daggalatti galle(Usmaayyoo Muusaa)
~Qawwee qofa kan bilisa nu baasu (Ilfinesh Qannoo)
~Kan keessa beekuuf lolli tapha.(Abbishee Garbaa)
~. Jayni malkaa, Qaroon Malkaa, Dureessi Malkaa(Jaatanii Alii)
~. Jeedala ta’ee waggaa dhibba jiraachurra, leenca ta`ee aadee du’uu naaf woyya(Huseen Bunee)
~. Namni seenaa isaa hin beekne bishaan gabatee irraati, gara argetti jallata(Eebbisaa Adunyaa)
~. Lubbuu gaafa dhalatte duute, du’a sodaa haqarraa hin dabin(H/Adam Saaddoo)
~. Ummatni Oromoo barachuu qaba, lammiin barate immoo mirga isaa gaafata (G/Taaddasaa Birruu)
~Aggaamanii dhiisuun diina ofitti goobsuu dha (Angaatuu Caalaa)
~Gara itti deemtu baruu yoo feete, eenyu akka taateef eessaa akka dhufte beekuu qabda.(Toltuu Tufaa)
~yoom ille Itoophiyummaa dura Oromummaa koo dursa Iam Oromo first) ...(Jawar Mohammed,ibrahim melka)
Ummata Oromoo Kan Moo'u Jaalala Qofa.
(Pr. Lammaa Magarsaa )
~ Oromummaan Qabeenya Waliin Qabnuu Dha.
~Rakkoo Gurguddaa Furan Malee Furmaanni Gurguddaan hin Dhufu.
(Dr. Abiyyii Ahmad)
~Diinni kee ceekuu irra kan sitti bahu danda'u, atii yoo gadi jetteef qofa dha.
(Dr. Warqinaa Gabayyoo)
~Ummannii waan nyaatu dhabe, mootummaa isaa nyaata.
Dr. Maraaraa Guddinaa)
~ Namni ol jedhe ilaalu fagoo arga kan gadi jedhee ilaalu dhiyoo arga, ol
jennee ilaaluu eegallaan kallattii hundaan nurratti duuluu eegalan.(Umar Hussen)
~ Hidhaan Oromoof harayaa miti, furmaataas miti.
(Baqqalaa Garbaa)
~ “Osoo laftii Itiiyoophiyaa gadii fageenyaan qootame lafee ummata Oromootu bahaa” (Artiist Haacaaluu Hundeessaa)
Gadaan gadaa Bilisumaati.
t.me/cuunfaaseenaaThe great wall of china was built in the year 214.BC
✍Dallaan guddaan chaayinaa kan ijaarame bara 214 Dh.D
@cuunfaaseenaa.
Rome was founded in the year 753 BC.
Biyyi roomaa jedhamtu kan hundoofte bara 753 Dh.D
@cuunfaaseenaa.
Jaaraa 19th keessa barreessitoonni warra awroopaa hedduun isaanii gara lafa Oromo seenuun isaanii ogbarruun afaan Oromo Akka habaqaalamtu isii Godhe. Bara 1844s kerl Tushekes galmee jachoota afaan Oromo
maxxansuun isaa warra Akka Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Ganamee
yaa'ii, Asteer ganno,
Onesimos nasib(Abbaa Gammachiis)faan akka
dammaqan isaan Godhe.
Isaan qofa mitti Sheekkootiin teenya warri akka sheikh Mahammad Jamiil, Sheikh Umar
gurbayyee, Sheikh Aadam Gooba faan Afaan Oromo akka qubee ajamiitiin barreessan isaan kakaase. Seenaa muziqaa Oromo keessatti
namni jalqaba walaloo Sirbaa kan Afaan Oromoo kitaabaan maxxanse
dhalataa Russia barreesaa (poet) beekama N.Gumilev bara 1900
keessa.N.Gumilev Harargee keessa
walaloo shaggooyyeetiif weedduu adda addaa walitti qabuudhaan
akka maxxansee galmee" Russian expedition in Abyssinia " jedhu
gubbatti barreeffamee jira. Wanti N.gumilev godhe sun Oromoota
naannawa harargee jiran hedduu isaanii
muziqaa Oromoo akka hubatan isaan godhu qofa Osoo hin taanee
Warra akka Abu Bakar Muussaa, Abdi
Qophee,Yashaawul Mangisteetiif magaalaan Harar Bu'uura taateef.
t.me/cuunfaaseenaa
Ija ballaa(jaamaa) ta'u caalaa kan nama gaddisiisu utuu laalluu(arginuu)mullata dhabuu keenya.
@cuunfaaseenaa.
Waan filatte dubbachuu irra waan dubbattu filadhu.
uudha. Lafti kun yoom olka’e? Akkamitti? Olka’e kan jedhuuf garuu wanti ibsu hinjiru.
Charles T. Beke bara 1842/3 yeroo Habashaa keessa ture waa’ee babal’ifannoo Oromoo waan qorate niqaba. Oduu afaaniin daddabru Habashootarraa qoratee kan inni lafa kaa’e: “Bara dur Gaallaan doko (savage) ture. beekumsa waan tokko hinqabu, qonna hinqotu, loon hintiiksu, uffata hinbeeku, ija mukaa funaanee, hidda harkaan qotee nyaata ture, dubartiin Amaaraa ykn Kristaanaa tokko bidiruu(qorii) tokkotti nyaata, uffata, eeboo, gaachanaafi mia garagaraa guuttattee baahar gamatti argite. Gaallaa dokoon mia kana yeroo argan baay’ee diqisiifatan, nyaaticha dhandhamanii itti tole, uffata ofitti kaa’an, mia gara biraas ilaalanii itti gammadan. Bakka burqaa qabeenya kanaa qabaachuu qabna ja’anii bahara sana cehanii, gara Kiristaanaa dhufan. Kana booddee waldhabbiin dhalatee lolli tahee biyya Habashaa qabatan” jedhama jedhe.
Bekeen waan akka oduu afaanitti dhiheessu kana keessatti sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuuf yaale. Oromoo cabsuuf, tuffachuufii seenaa isaa gara dabarsuuf kan odeeffamuudha malee, dhugaa tokkollee ofkeessaa hinqabu.
Charles T. Bekeen ammallee itti fufee oduu afaanii kan Oromoota Walloo biratti odeeffamu jedhee barreeyse jira. Akka oduu isaa kanatti durii:-
“Oromoon Hawaash gamaa dhufe. Osoo bahara kana hincehin duratti qarqara isaa loon tiikfatuu turan. Gaaftookko binessi jabbii tokko arihee bahara kana ceesise. Jabbiin kun laga sana ceetee achitti walhorte. Galgala hogga gaallaan loon bishaan obaafachuu dhaqu gaaddidduu loon baay’ee arge. Akka hinliqinfamneef harka walqabatanii laga cehanii loona sana dhaalan. Booda biyyi itti tollaan achuma turan. Walhoranii baay’anaan hamma daangaa habashaatti babal’atan” jedha. Oduu afaanii fakkeessanii duula Oromoo akkanatti ibsuu barbaadu.
namich J. Hultin jedhamu ammoo, babal’ifannoon Oromoo haala adda addaarraa tahuun nimala jedha. Akka inni jedhutti haalli qilleensaa waan geeddarameef bishaaniifi marga barbaacha sossohan. Kun sababa tuhuu nidandaya jedha. Garuu eega haalli qilleensaa deebi’ee tolee margaafi bishaaniis argame, maallif babal’i’annoon kun itti fufe jedhee ofgaafata. Kanaaf jedha: J. Hultin, akkaata sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuudhaaf haala hawaasa dinagdeefi siyaasaa hawaasa Oromoo qorachuu feesisa jedhee cufe.
Namichi Poortugaal kan Amaanu’eel de Almaad jedhamu sababa babal’ifannoo Oromoo akkaataa lamatti hima. Tokkoffaa Habashoonni amantii katolikii fudhachuu waan didaniif waaqni isaa adabuudhaaf dha’ichaa Gaallaa kana itti erge. Osoo amantii kana fudhatanii kun hundi irra hingayu jedhee barreeyse. Lammaffaa bineessa Liqimsaa jedhamtu naannoo Gaara walaabuu bira isaan facaase. Abbaan muuda isaanii naannooo Walaabu kana jiraata. Naannoon Walabuu lafa baay’ee dinqiiti. Loon adaadii aanna baay’ee keennitu waan tureef namni qotuuf hinrakkatu. Aannan dhugee jiraata. Booda bineessi Lliqimsaa jedhamuu kan bifa saa gegeeddaratu namaafi loon nyaachutti ka’e. Kan baqatanii hamma Habashaatti babal’atan. Kun eegaa waan Almaadaan babal’ina Oromoo itti ibsuu yaaleedha.
I.M.Lewis ammoo, Oromoon babal’achuu kan jalqabe waan Somaaleedhaan dhiibameef jedha. Yaada isaa kana kan deeggaran barreessitoonni maddi saba Oromoo Somaaliyaa keessa warra jedhaniidha.
Asmaaroom Laggasee ammoo, sababni babal’ifannoo Oromoo tahu baay’achuu lakkooysa namaati jedha. Lakkooysi ummata Oromoo jaarraa 16ffaa keessa waan dabaleef lafti itti dhiphannaan irraa godaanuu jalqaban jedha.
J.Hultin ammoo, akka sababaatti hin dhiheessin malee babal’ifannoo Oromoo kan gargaare Gadaan ijaaramuu isaati jedha. Lubi aangoo irra jiru osoo gad hindhiisin, lafa haaraya dabalee qabachuu qaba. Kanaaf akkuma Lubni haarayni dhufee aangoo fudhateen lafti itti dabalameen Oromoon babal’atee lafa guddaa qabachuu dandaye jedha.
Kitaaba(seenaa saba Oromoo fi Sirna gadaa)Birraa/Fulbaana 1995)
t.me/cuunfaaseenaa
@cuunfaaseenaa.
Imaam Ahmad (1506-43) ykn Giraanyi Ahmad kan jedhamu ijoollumma isaa lafa Hubta jedhamu kan Baddeessaafii Harar gidduutti dabarse. Imaam Ahmad loltuu jabaa tahee guddate. Human waraanaa walitti qabatee Amiira Harar ajjeesee aangoo qabate. Eega sanaa human isaa guddifatee lolaaf ofqopheessutti ka’e, bara 1527tti human Habashaa kan Adaliin weeraru deemu lolee injifannoo guddaa irratti argate. Lola kana booddee Imaam Ahmad waraana isaa qabatee lola jalqabe. Bara 1529tti bakka shuburaa kuraa jedhamutti waraana Habashaa lolee moohe. Waraanni isaa garuu tiikfattootafi godaantootarraa waan ijaarameef, akkasumas gosa isaatiif waan abboomamaniif lola kan booddee ni faca’e. Kanaaf waggaa lama keessatti waraana haaraya ijaarrachuun dirqii itti tahe. Waraana isaa duwwaaaf ajajamu waggaa lama keessatti ijaarrattee lola itti fufe. Bara 1531tti Dawwaaroofi Shawaa qabate. 1533tti ammoo, Amaaraafi Laastaa dhufate. Baallii, Sidaama, Hadiyyaafi Guraagee yeroo tokkotti ofjala galche. Bara 1535tti Tigree weeraree qabatee habashaarraa harka guddaa qabate. Bakka dhaqetti Islaamummaa fudhachiisaa, bataskaana dhabamsisaa deeme. Liban Dingil gargaarsa Poortugaal gaafate osoo hindhaqqabin lolarratti du’e, Ilmi isaa Galaawudoos (1540-59) itti dabree moohe. Poortugaal waraana nama dhibba afur, qawwee wajjiin ergee ture, Liban Dingil bira gahe. Waraanni Kiristaanootaafi Ahmed Giraanyiis ni faca’e. Haa ta’uu malee, humni habashaafi Islaamootas hedduu hubamaee laffate. Haalli kun Oromoon biyya deebifachuurratti hedduu gargaare.
Duula Oromoo jarraa 16ffaa
Jaarraa 13ffrraa kaasee hamma dhuma jaarraa 15ffaatti Oromoon rakknaafi roorroo guddaa jala ture. Yeroo kana ture yeroo inni daga isaarraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifame. Yeroo kan ture yeroon lolli amantii kan Islaamootaafi Habashootaa gidduutti deeme hedduu isa miidhe. Sababnii saa maalirraa madde? Sabani guddaan jaarmaya isa tokkeessu dhabuusaati. Akkuma Oromoonni adda fagaatanii qubataniin gosa gosaan buluun waan isaan tokkeessu dhabame. Oromootni gosuma gosaan miidhaan isaan mudate malee, sirni walitti isaan itichee waliif tumsiisu hinturre. Kanaf roorroon guddaan irra gayuu dandahe.
Jaarraa 15ffaa keessa hawaasa Oromoo keessatti dagaagni argamuu jalqabe. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa ittiin ofirraa ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu jalqabe. Sirni haarayni biqilaa ture kun, yeroo dheera keessa kan dhufe tahullee Oromoota irree jabeessee akka lafa isaanii deebifataniifi roorroo alagaa akka ofirraa deebisan gargaare. Oromoos ummata sodaatamafii kabajamaa taasise. Sirni kuniis Gadaa dha. Jaarraa 16ffaa kaasee ummata Oromoo seenaa keessatti kan beeksiseefi harka isaatti kan hambise sirna kana. Ummanni Oromoo gara jaarraa sadii rakkinaafii roorroo isarra gahee ture ofirraa deebisuuf Gadaan ofijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti walgurmeesse. Haala siyaasafi waraanaa jabaa tolchee ijaarrate. Jaarmaya isaa kanaan ummatoota naannoo isaa jiran caalatti jabaatee humna sodaatamaa tahe. Daga isaarraa qabatame deebifachuuf duula gurguddaa jaarraa 16ffaa jalqabarraa kaasee eegale, humni jajjaboon kan Habashootaafi Islaamootaa lolaan waldadhabsiisanii waan turaniif haala aanjaa argate.
Duula biyya isaa deebifachuuf Oromoon jaarra 16ffaa keessatti jalqabe kan seenaa barreeysitoonni haala adda addaatiin dhiheessuu barbaadu. Sababoota duulli kun itti dhalachuu dandayan akka adda addaatti himu.
@cuunfaaseenaa.
Brus namich jedhamu yeroo burqaa laga Naayil (abbayya)qorachuuf kbiyya Habashaa dhaqe, waa’ee Oromoo qoratee akkas jedhe. “duratti osoo gara daangaa Habashaa hindhufin dura isaan ((Gaalla) walakkeesa Ardii Afriikaa jiraatu turan. Lafti jalaa olka’uu jalqabnaan gost isaanii tokko tokko godaanuu jalqaban. Dura gara bahaa galaana Hindiiti sossohan. Achiti walhoranii gara kaabaatti qaceelanii Dawwaaroofi Baallii qubataan. Gost torba walaqabatnii garaa dhihaatti sossohanii kibba laga Abbaayfi naannoo Gojjaam keessa qubatan. Gartuu sadaffaan ammoo, gosa torba tahee walkeessatii hafanii achirraa gara kibbaatti babal’atan” jedhee ture.
Akka Brus jedhu kanatti sossohiinsa Oromoo kan kaas
Waan fedheyyuu yoo hojjette namni waan jedhu hin dhabu kanaafuu ati waan isaan yaadan dhiisii waan barbaadde hojjedhu.
Nama isa osoo ati jecha tokko hin dubbatin sidhaga'e sana hin erraanfatin.
@cuunfaaseenaa.
Calanqoo
@cuunfaaseenaa.
Bara 1887 biyyoonni kunneen hunduu qabamanii turan haa ta'u malee minilik hararge akka salphaatti qabachuu akka hin dandeenye tilmaamuun qoophii guddaa taasise.weeraraaf calanqoo yommuu ga'an humni ittisaa oromoota akka salphaatti kan hin cabne ta'uusaa waan hubateef bakka mudhii ulee jedhamu ji'a ja'aaf turuudhaan irra deebi'ee qophii waraanaafi filannoo loltootaa godhee humnasaa hamma malee cimsate.
Oromoon Harargees weeraraafi qoophii Minilik callisee hin ilaalle kabajaafi jaalala biyyasaatiif hamma humnasaatii erga qophaa'ee booda loltoota 4000 lolaaf hiriiran kessaa qawwee kan hidhate namoota 1000 hin caalan turan
Kan minilik immoo lolaaf kan hiriiran loltoota 30,000 yoo ta'an isaan kessaa harki caalu meeshaa waraana hidhataniiru.ajajaan loltoota sanaa walda Gabri'eel abbaa saayixan turan.qoophiin Nafxanyaa kuniifi haalonni sodaachisoon kunneen hundumtuu onnee gootota oromoo warra biyya isaaniitiif du'uuf hiriiran kana sodaachisuu hin dandeenye baatii muddee bara 1887 guyya tokko waaree booda lolli sun jalqabe.Minilik meeshaa waraanaa Awurooppaatiin akka garaa isaatti yoo isaan lole iyyuu ilmaan oromoo garuu kabajafi jaalala biyya isaatiif qabu lubbuu isaanii kennani gootummaadhaan hiriiranii lubbuu isaanii aarsaa goodhani.Weerartoonni sunis dhiiga oromootaa irra adeemanii magaalota Harargee shan qabachuudhaan bakka faras Magaalaa jedhamu ga'anii balbala magaalota shananii irratti iyyuu alaabaa abiisiniyaa fannisan yeroo sanatti daaqunonni minilik waliin duula deeman weedduufi faarfannaadhaan gara minilik dhaqanii gammachuudhaan isa simatan daaqunonni kun abbooti siyaasaa mootummichaafi loltoota isaanii waliin gammachuu wal qixa qabu turan.
Oromoonni garuu akkas jedhanii boo'aa turan
Gaafa calanqoo
gabrumman lollee
Dhiigni gabeoomsaa
Faana nuuf hin tolle
Calanqoo maal ta'e
Lafee bobeeysani
Dhaqee hin agarre
Oduu odeessani
Gaafas calanqo
qawwee kuusan se'e
Way yaa afran qalloo
Wajjin gallan se'e
Aara qawwee saniin
Hurrii rooban se'e
Dardara keenya fixan
Filaa waa gaara ciisaa?
Shamara keenya fixan
Callee waa gaara ciisaa?
Manguddoo keenya fixan
Harrii waa gaara ciisaa?
Haawwan keenya fixan
guufta waa gaaran ciisaa?
Tana hunda argaa gurraanin dhagayaa yoomin rafee gadi ciisa?
Jedhanii hirqinfatani bo'an sanyiin koo kaleessa.
t.me/cuunfaaseenaa.
Akkam jirtuu miseensonni cuunfaa seenaa isin jelaa baduu kootiif dhiifama jechaa haalumatu nufudhatee bade jiraachuuf dhalannee jireenyaaf rakkanneeti
LOQODA OROMOO BOORANAA -------
share, like, comment.......!!
1. Qaraa ---- jalqaba, dura
2. Ennaan ---- sana booda
3. Ojjaa. --- yoo, erga
4. Adoo --- otoo, silaa
5. Shoorkii --- dhimma, rakkoo
6. Laanaa , Yaasaa ---- suuta
7. Yaasuma, Bobbaa ---- adeemsa
8. Yarsuma ---- tiksituu, nama tikha
9. Goo'uu ---- iyyuu
10. Lallabuu ---- sagalee olkaasan
dubbachuu
11. Yiikkisuu ---- waan badee turee argamuu
isaa ibsuuf
12. Dareeraa ----- utubaa
13. Guutuu abbaa liiban ----- boorana
14. Aabba ------ Obboo
15. Haatoo ----- Addee
16. Aabboo ----- abbaa ( kan ofii)
17. Ekheraa ---- yaraa, salphaa
18. lookhoo ------ qajeelaa
19. mokkataa ------ kan hin qajeelle, dabaa
20. Focoqa ------- Dheeraa
21. Dakkicha, Ruphaa -------- Gabaaba
22. Okkotee, Sagalee ------- Nyaata
23. Saayyee ------ looni
24. Heellaba, Lalleessa -------- Re'ee
25. Cichaa ------- fuuldura manaa
26. Fuloo ------ balbala dabalata (dallaaf)
27. Yaabdoo ------- balbala dallaa bishaani
28. Karraa ------ balbala mooraa horii
29. Cufanaa ----- cuftuu balbala mooraa horii
30. Korboo, Saanqaa ------ cuftuu balbalaa
mana namaa
31. Dinqaa ------ gaadaa, kutaa manaa
32. Dhiibuu ------ iddoo siree, bakka hirriiba
33. Irreessuu ------- awwaaluu
34. Wayaa ------ uffataa, huccuu
35. Sidii ------ Sabaa, nyaapa
36. Anfalaa ----- qabattoo durbaa
37. Gurdaa ------ qabattoo dhiiraa
38. Buuranii ----- faaya mormaa dhiiraa
39. Saldaqaa ------ faaya harka durbaa
40. Huwwaa -------- dhalaa
41. Maa'essa ------ kan suuta boodee
deemuu
42. Sooressa ------ kan dura deemuu
43. Mirgoo ------ sangaa loonii
44. Waaruu ----- baduu
45. Ori'uu ---- fiiguu, utaaluu
46. Qiliixamuu ----- gammaduu
47. Kumuduu ------ gadduu
48. Gaaduu ---- dhokatanii hordofuu
49. Battii ------- kan qulqullinna hin qabne
50. Gaadi'uu ----- hidhuu
51. Luuxxicha ----- qal'aa
52. Ejjuu ----- dhaabbachuu
53. Dhiiroo ----- jaranaa
54. Hayyee ------- tolee, ishii
55. Areera ----- bulbula, makaa aannan fi
bishaan
56. Qiyaasa ------- hamma sirriitti ( normal)
57. Allayyoo ------ waaqa
58. Morka ----- falmii, dorgommii
59. Jallaa ------- kan nama dhibu
60. Maadee ------ ajaa'ibaa
61. Wadaaree ------- uffata moofaa
62. Itillee ------ gogaa loonii (hirribaaf)
63. Erbee ----- gogaa gaala (kosiif)
64. Dhimphuu -------- Cophaa
65. Qoola ------ gogaa re'ee
66. Huuxii ----- qoraani
67. Dhiirsa ------ Abba mana
68. Niitii ------ Haadha mana
69. Kaachuu ------ wal-qunnamtii saala
gochuu
70. Dhabanaasuu ----- kabaluu
71. Raasaa ----- bosona
72. Nyaapha, hormaa ------- diina, alagaa
73. Weedduu ------- faaruu, sirbaa
74. Agarii ----- kan baayisee nyaatuu
75. Miiraa ------ kan xiqqeesse nyaatu
76. Sukkumii ------ duudaa
77. Duuduu -------- Seenuu
78. aaboo: mudaa
2.aaddaa : obboleessa /ttii angafa
3.abeeba, muya, daafanaa : lugna
4.Abraasaa: Muddee
5.abuyyaa: eessuma
6.adaayyuu: boosettii
7.adiyyoo: eegumsa malee
8.alaqaa : kaamettii
9.alchaa : Hawaii
10. ameessa: sa'a aannanii
11. bagoo: fuula namatti jijijjiirachuu
12. balchaa : nama gaarii
13. baleeluu: boonuu
14. ballittii : fayyaalessa (normal)
15. barbadaa : lafa marga hin qabne
16.buudhoo: ciree osoo hin nyaatin
17.buufattoo: xumura
18.buusaa: wal gargaarsa gosaa
19.ceekoo,kaaja a: mukoo
20. cirreessa : ogeessa yaalaa
21. corooressa: tartiiba
22. cufa: hunda, mara
23. daarima: fedhii kormaa( dhalaaf)
24.daatuu: nama biyyaa bahe
25.daayimtuu : oduu
26. dagaggamuu: tasa maqaa dhahuu
27.damboobuu: milkii agarsiisuu
28.dansaa: gaarii,mishaa
29.dayyoo : hujii irraa rincicuu
30.dedhuu: dagachuu
31. deebanuu: sooressa
32.dhaaccii: daabaa
33. dhajiitii: gocha tokkoon booda
salphachuu
34.dheekkamsa: lola
35.dhibii : kan biraa
36. dhundhumuu: karoorsuu
37.dotii magariisa
38.dunfura,gind a: goofaree
39. durduura: dabalata
40. eger,takkaatana a, eeganaa : _
41.Eloo: dhamaatii, ifaajee
42. faacii: maqaa balleessuu
Maddi_ancient History.
kush) ifa baha. Afaan Oromoo damee kush keessatti ramadama. Nubiyaa kaasee hanga Tanzaaniyaa Arushaati afaan babaldhatee dubatamudha. Barreessitooti sirna nafxanyaa kana sodaa waayee kush kaasuu hin barbaadan. Warri gita bittoota sirna nafxanyaa imaammta loogii baafatanii Oromoo offiraa dhoorguun sun ammas waan haafee hin fakaatu. Oromoon damee kushimmoo kan daangeffamu akka ji’oograafiitti 140 NL – 40LS ta’ee hanga naannoo Mombaasaa– Aruushadha.Akkasumas Tigrayirraa kaasee hanga walaka Keeniyaa Tanzaaniyaas dabalatee,qubatee kan jiraatu, afaan saba bala’aatti.
Afaan Oromoo, Afaan daldalaafi dipiloomaasiiti. Hanga Jaaraa 17ffa kaabaa hanga kibbaatti dubatama ture. Biyya Keeniyati TV fi Raadiyooniidhaan tamsaasi sagantaa Afaan Oromoo jira.Mombaasaa keessa Oromoo Meeruu laga Xaanaa, Oromoo gara bahaa, Oroomoo Marawwaa,Oroomoo gara Turkaanaa, Oromoo Hiddi loolaa,cufti Kuushoota bahaa jedhamu.
Keeniyaa kessatti TVn Afaan Oromoo magaalaa Naayiroobiirraa tamsa’u sirritti tajaajila keenna jira. Ituu Walloo, Humbaanaa, Marawwaa, Oromoo Raayyaa Walloof abban Bookkuu Marawwoota.Ijoolleen Raayyaa Maccaafi Tuulamadha.Isaan kunniin naanoo Atibaraa irraa kaasee hanga naannoo laga Abayyaa jiru. Oromoon Umuruus, hanga Sudaaniitti jiru.Kanaaf kaabaan bahaa Afrikaa kan Oroomootatti. Afriikaa kabaa bahaa keessa, hanga jahaan Jaawwitti, gosa jahatu jiru. Kunniin hundi kushidha. Adduunyaa irratti hunda dura kan qaroome Kushidha.
Garuu qaroomnnni Kush Gibtsootaan saamame.Kuni seenaa keessatti iccitii Gibtsootaa “Egyptian mystry” ta’ee beekama. Musseen mataansaa kush ture.Gibtsitti dhalate.Booda qaroomina Kush fudhatee Gibtsii keessaa uummata isaa dursee biyya isaa gara Israa’eelitti godaane. Iyyesuus Kiristoosis kanumara ka’uun amanta Kirstaanaa babalise. Innis bara dhalate haati isaa isa fudhattee gara Gibtsitti baqatte. Moototi Gibtsii Fari’oonoti kushootadha.Nabii Mohamadis dhaloota Kiristoos wagga 600 booda ka’ee,amantii Musliimumaa adunyaa Kushirratti babaldhise.
Miitoolooji Kushoota kessatti qarri Ijipshiyaan mistirii sagali. Qarrii sidaa warra qaalluu sagali.Bu’uurri waraanaa qarri sagali. Boorannii sagal waan ta’eef “saglan booranaa” jedhama. “Kudhan kan Waaqaati” jedhu.
Seenaa Oromoo Raayyaa
Uummati Oromoo jaarraa tokko dura sirna gadaatiin ofiin of bulchaa ture. Minilik Oromiyaa erga weeraree qabate (gabroomfate) booda garuu sirni gadaa hafee,waanjoo gabrummaa sirna nafxanyaa jalatti bitamaa ture. Egaa baroota sana keessatti uummati Oromoo aadaafi,dudhaasaa akka irraanfatu godhameera. Seenaansaas aguugameefi daguungorsamee barreeffamuudhaan eenyummaasaa akka irraanfatuuf cunquursaan guddaa irratti raawwatamaa ture. Amma garuu sabi guddaa kun mirga argateen, hayyooti seenaa Oromoo qorattan, seenaa dhugaa uummata Oromoo iddoo dhoksamee qotanii baasuudhaan barreesuuratti argamu.
Hayyooti qorattooti seenaa Oromoo dhimma kanarratti ijibbaata guddaa guchuurratti argamu.Kitaaboti seenaa Oromoos barreeffamaa jiru.Kabajamoota dubbistoota keenyaa! maxxansa keenya kana keessatti waa’ee seenaa uummata Oromoo keessumaa yeroo ammaatti jiraachuunsaa irraanfatamaa kan jiru seenaa Oromoo Raayyaa akka nuu ibsaniif biiroo aadaafi tuuriizimii Oromiyaatti hayyuu qorataa seenaa Oromoo kan ta’an, obbo Alamaayyoo Haayilee wajjin gaaffiifi deebii goone, kanatti aansinee isin dubbisiisna. Jalqabarratti yeroo hojii isaanii wareeganii waan nu hasofsiisaniif obbo Alamaayyoo Haayilee baayi’ee isaan galateeffanna.
Siifsiin:- Seenaan maali?
Ob.Alamayehu :- Seenaan ibsituudha. Ibsituu eenyummaa uummata tokkooti. Yaadanoodhas. Uummatni akkamitti akka jirate , Aadaa ,nageenyaafi,dudhaansaa kan kessati ibsamudha.
Siifsiin:- Seenaan dhugaafi dhara, dabaafi sirri qabaa?
Ob.Alemayehu: Eyyee qaba. Seenaan lammii ofiitiin barreeffamu dhugadha. Gariidhas. Akka carraa ta’ee uumattoota Afrikaa,Lattin Ameerikaa, Eeshiiyaa, Seenaan isaani kan barrefame, abootii humnaa, moototaafi namoota naanoo sana qoratanin barrefame. Ajeja mootota uummattoota sana gadi qabanii jirachisaa turaniin barreeffame. Hanga jaaraa 16ffaatti kan bareefame seenaa moototaa qofadha. Waayee gudinaa haawaasaa,waayee diinagdeesaa, hinibsan ture.Amantaadhanis walqabsiisanii kan ibsan yookin barressan(miitooloogii) baayedha.Montisski namni jedhamu Fransaayifi Awrooppatti jaaraa 18ffa miitooloojii seenattin barressuu jalqabe.Girikoonnis ta’e Chaayinoti kan barreesan amantidhan walqabsiisaniiti. Seenaan uumata Oromoos kan barreeffame gita bittoota sirnoota dabraniinidha. Seenaan Keenya dhalataa kenyaan hin barreeffamne.Kanaaf dudhaan keenya akka doofaa ta’etti busheessanii barreessan. Uummanni kun, siyaasaa kessatti akka hinhirmaane mataa gadii qabachisanii akka abbaa biyaa hintaane godhan.
Barreessitooti sirnoota durii seenaa Oromoo dabsanii soobuma sana dhugaa fakkeessanii,barressuudhaan daguungorsanii,akka dhugatti fudhatan.Oromooti Hindiraa dhufni,Madagasgaariraa dhufan jechuudhaan seenaa Oromoo daguungorsuu yaalu. Kan kana godhan gita bittootaata mootummoota Itoophiyaa dabran sana qofa osoo hintaane, Poortugaalootiifi, Awrooppaanooti kaaniifi waldaan Kiristaanaa Ortoodooksii Itiyoophiyaas, keessattuu waldaan Kiristaana Ortodooksii biyya Giriikki Marqooriyoos, badii seenaa uummata Oroomoof gahee guddaa qabu.
Siifsiin:- Barreessitooti sirna mootummaa Itoophiyaa durii Oromoon eessaa dhufe jedhan?
Ob.Alamayehu: – “Bishaan keessaa bahanii weeraraanii biyya amma irra jiran hunda qabatan…” jechudhaan Oromoon siyaasa kessatti akka hin hirmaane golga guddaa godhan. Seenaan isaan barreessanis arabsoodha. Miidhaginaafi safu saba Oromoo hinibsan. Nama Gaalaafi hoori faanaa deemaa olu “ sabaa Tikaati” jedhu. Akka waan bu’aa loonittin hin fayyadmnetti, Akka waan aannan hin dhugnetti, Akk waan dhadhaa hin jaallanetti.Horsiisee bulaa ta’uusaa hojii tuffatamaa godhanii barreessaniiru.Seenaan kanaan dura barreessitoota sirnoota nafxanyaan barreeffaman seenaa dhugaan Oromoo ibsu mitti.
Siifsiin:- Sabni tokko eenyumaan isaa kan madaalamu Afaanifi Aadaa isaattin, damee afur qaba.Seem,Kushifi Niiloo Saharadha. Oroomoon akka seenaatti isa kam kessatti,ramadamaa?
Ob..Alamaayoo:- Gara afaaniitiinis seenan hin barrefamne. Seenaan afaanii biyaalessaa kan ibsamu,Seemetikki,Kushitikii,Niiloo Saahaaratikifi Omootikidha.Sirnooti dabran sun afaanoota kana yoo ibsan, seenaan uummata guddaa
~1 Dukkanni dukkana mo'achuu hin danda'u; dukkana mo'achuu kan danda'u ifa qofaadha. (jibba mo'achuu kan danda'u ammoo; jaalala qofaadha). (Martin Luther King)
~2 Nageenni humna waraanaatiin hin eegamus, hin argamus. Nageenyi kan eegamuu fi kan argamus wal-hubachuudhaan. (Albert Einstein)
~3 Waa'ee nageenyaa dubbachuun qofti gahaa miti. Barbaachisummaa nagaatti amanuufi nagaadhaaf hojjechuun murteessaadha. (Eleanor Roosevelt)
~4 Hamma jibbaa fi wal-qooduu dhiisutti namni kamuu boqonnaa, gammachuu argachuu hin danda'u.
(John Lewis)
~5 Nageenya jechuun jiraachuu dhabuu wal-dhabbii miti; nageenyi dandeettii wal-dhabbii uumamu karaa nagaatiin furuuti. (Ronald Reagan)
~6 'Nageenyi hojii guyyaa guyyaati; adeemsa hojii torbanootaa fi ji'oota hundumaa keessatti ilaalcha fi gocha gufuu nageenyaa of duraa kaasaa, ilaalchaa fi gocha gaarii ta'e hojjachuuti. (John F. Kennedy)
~7 'Yoo humni jaalalaa, jaalala aangoo caalee argamu addunyaan nageenya qabaatti. (Jimi Hendrix)
~8 'Waliif-dhiisuun, araaraa fi nagaa buusuun malee boru arguun hin jiru, hin yaadamus. Nageya buusuu barbaadda taanaan hiriyootakee osoo hin ta'in diinotakee waliin mari'adhu. (Desmond Tutu)
~9 'Nageenya buusuudhaaf; diinakee moo'achuudhaaf karaan guddaan jiru tokko, diinakee hiriyaakee tolfachuudha. (Nelson Mandella)
~10 'Ofiikee waliin nageenya yoo uumtu, Addunyaa waliin nagaa qabaatta.' (Maha Ghosananda)
@Cuunfaaseenaa.
Itti gaafatamummaa dhuunfaa keetii fudhadhu!
Mandara tokko keessa maatiwwan lamaan cinaa walii jiraatu turan. maatiiwwan lamaan keessaa isaan tokko hedduu wal lolu. Isaan lammataa nageenyaan wal wajjinii fi ollaasaanii waliin jiraatu. Yeroo mara maatii nagaa qaban kana warri wal lolan kun ni goomatu. “Akkamitti isaan qofti nagaa qabaatu?” jechuun gaaffii mataa keessa of deddeebisuu eegalan. Guyyaa tokko iccitii matii kanaa baruuf jedhanii haati manaa maatii walolanii kun abbaa manaa ishee waan kana akka taasisu itti himte. “Mana isaanii dhaqiitii akkamiitti akkanatti nageenya akka qabaatan ilaalii” jetteen. Abbaan manaas mana warra ollaa isaa dhokatee seene, yeroo seenuu haati manaa warra nageenya qabanii kun darbii mana ishee qulqulleessaa jirti. Jiddumaan gara alwaaadditti fiigdee deemte. Utuma isheen kutaa alwaadditii hin bahin abbaan manaa ishee gara kutaa manichaati olseene. Akkuma olseeneen bishaan baaldii guutuu duuba balabalaa manaa taa’ee jiru jigsee manni keessi akkuma hara shaalaa bishaaniin guutame. Haati manaa isaas alwaadaa baatee gara manaatti olseente. “Bishaan dhangala’eef dhiifama, iddoo kaahamuu qabu kaahuu dhabu kootu akka ati dhangalaastu godhee” jechuun dhiifama gaafatte. Abbaan manaa ishees, “lakki anatu balleessee, sirriitti ilaalee balbala saaquun qaba turee. Dhiifama.” Jechuun dhiifama ishee gaafate. Bishaan mana keessatti dhangala’ee wajjiniin qulqulleessuu itti fufan. Kana maraa namichi ollaa isaanii, ilaalaa turee gara mana isaatti deebi’e. haati manaa isaa waan inni argee dhufu dhaga’uuf qophooftee isa eegde. “iiccitiin isaanii maal ture” jettee gaafatte. “Nuti yeroo mara anatu sirrii dha waliin jenna, wal hin dhageenyu, isaan garuu,” jedheen itti fufee “Itti gaafatamummaa ofii isaanii fudhatanii jiraatu” jedheen. Hariiroo tasgabaa’aan itti gaafatamummaa dhuunfaa dhuunfaan ba’achuudha.
KENNAA:
Dhaamsa hatattamaa ✉️
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
Karoora Kudhanan boodaa
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Kurnan boodaa eegallee jirru kun Irra caalaa guyyootaa keessaa lakkaawama, #Leeylatul_Qadriinis As keessa jira! Kanaafuu sirritti jabaannee irraa bu'aa buufachuu qabna.
Karoora laafaa Kudhanan kana sirritti irraa fayyadamuu si dandeesisu tokkon siif qopheesse waan teheef akka narraa fudhattee itti fayyadamtun si afeera...
1. Guyyaa cufa Magriiba dura daqiiqaa kudhaniin Qalbii tee bakka tokkotti deebisii Ija imimmaaniitiin haajaa Diinii fi duniyaa hunda Rabbii kee kadhadhu!
2. Salaata magriibaa yeroodhaan salaati
3. Salaata magriibaa fi salaata subhii booda Yeroo 10 Ergamaa keetirratti sawaata buusi
4. Ishaa'ii Jamaa'aadhaan Salaati
5. Salaata taraawiihaa Imaamaa wajjiin jalqabii isaa wajjiin raawwadhu! Dubartoonni masjiida dhaquu hin dandeenye ammoo manumatti Salaataa...
6. Salaata hunda booda Subhaanallaah yeroo 33, Alhamdulillaah yeroo 33, Allaahu Akbar yeroo 33, Ergasii "Laa ilaaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shay'in qadiir" jedhi Akka Rabbiin dilii kee siif araaramuuf...
7. Akka jannata keessatti manni siif ijaaramuuf Suuraatul ikhlaas "Qul huwallaahu Alahad" yeroo 10 qara'i
8. Halkan hunda yoo xiqqaate juuza 2 qara'i. Yoo qur'aana qara'uu hin beyne ammoo suuraaleedhuma beytu irra daddeebi'ii qara'i
9. Zikrii heddummeessi (subhaanallaah ... Alhamdulillaah ... laa ilaaha illallaah... Allaahu Akbar ... laa hawla walaa quwwata illaa billaah ..fi kana makes kanumabeeytu... jechuu heddummeessi)
10. Kudhanan kana keessa Sadaqaa masjiidaaf , rakkataaf,....... miskiinaaf kennadhu. (Birrii 5, Dollar 1 fi Riyaala 1 llee yoo tehe... )
11. Obboleeyyan kee Kudhanan kana keessa akka fayyadamaniif Facebook keetii fi Bilbilaanis yaadachiisi (sababa keetii namni tokko yoo keyrii hojjate sawaabni isaa siifis ni deema waan teheef)
12. Social media fayyadamuu Xiqqeessi, Yoo dandeessi lakkisi.
13. Erga suhuura nyaattee booda osoo salaanni subhii hin gahin daqiiqaa 15 fudhadhuu Ija imimmaaniitiin Rabbii keetitti haajaa tee hunda himadhu!
14. Rak'aa lamaan fajrii duraa salaatuu hin dagatin, Salaata fajriitiis Jama'aan salaati.
15. Halkan qarii (halkan 21, 23, 25, 27 fi 29) keessa hanga dur daran ibaadatti jabaadhu.
Wannin sitti dhaammadhu Kudhanan kana keessa yeroo Du'aaii kadhattu na yaadadhuu kadhaa tee keessa na buusi, Anis sin dagadhu in shaa Allaah!
اللهم إنك عفو تحب العفو فاعف عنا!!
Rabbiin warra leylatul Qadrii qunnamee Duniyaa fi Aakhirattis milkaawurraa nu haa godhu.
irraan kan ka’e addaan ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa. Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban. Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu, gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu. Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa gamma qopheessee laataaf. Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan haamu… Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu. Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha, alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu. Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha. Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu. Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa Shanan Tuulamaa Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama. Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha. Haa ta’u malee marsaan Gadaa naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne. Gadaan sagal haa jedhamu malee 10ffaan Gadaan Kiilolee jedhamu maqaan ni jira. Kitaabni “Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa. “Caffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taa‟in waggoota 360 ykn gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin taa‟in himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 = 1118 A.D jaarraa 12ffaa keessa akka caffeen deebitee Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebi‟e. Miseensi sadeen duraa of danda’an sun akka miseensa biraatti dabalaman ta‟e.” Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture, Taabor Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataa”jedhu keessatti bara gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e. 1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530 2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538 3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546 4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554 5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562 6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570 7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578 8. Gadaa Birmajii ………………1578 – 1586 9. Gadaa Mul’ataa ………………1586 – 1594 10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602 As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo kan barbaadudha. Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/ dacha’e kan armaan Gadiiti: Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma jirutti jira; Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u.
Tuulamni ilmaan sadii qaba:
Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan
Bacho: ilman 6 Qaba
Jiille:
Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru. Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha. Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba. Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii. Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti. Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa Tuulamaa baay’ee
