en
Feedback
Gabatee Qoosaa😁🤣

Gabatee Qoosaa😁🤣

Open in Telegram

*Kottu nutti dhiyaadhu. Kolfitee dadhabdee xiqquma ofitti boolaatašŸ˜€

Show more
984
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-2030 days
Posts Archive
Jaalalleen koo baay'ee qalloo Ta'usirraa kan ka'e dukkana keessa shaamaa se'een abidda itti qabsiisa!šŸ˜‚šŸ˜‚šŸ˜‚

Dargaggeessonni jaarsa (manguddoo) akka goowwatti laalu ykn itti fakkaata. Jaarsi ammoo dargaggoonni akka goowwaa ta'an beeka.

Deebineerra

rfame sanatti du’a oolee diinoota harkaa ba’uun madaan isaa fayyee loltoota abdii kutuun faca’an walitti qabuun amma dhumaatti lole. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii waliin geggeeffamedha. Garasuun loltoota diinaa kan jimmaarra buufatan marsuun yaadesse. Loltoota Garasuun hoogganuun marfamuu cinaatti oduun gara biyyaatti deebi’uu mootii Haayile-Sillaaseefi gargaarsi Ingilizootaa waan dhaga’ameef, dhangala’uu dhiigaa malee loltoonni Xaaliyaanii warri naannichaa akka harka kennan taasisee, kutaa biyyaa hunda kanneen qabatanis lakkisanii kaan dhumanii kaanis baqatanii ba’uun Itoophiyaan injifannoo argatte. Kumaalaa Garasuunis, Haayile-Sillaaseefi uummata Itoophiyaa biratti gootummaafi tooftaa lolaa isaaniitiin hundaa olitti dinqisiifatame. Kanarraan kan ka’e, waamicha mootiirraa taasiifameen loltuu isaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa tureefi, Jimmaan kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme. ā€œMarti namaa ajajaa waraanaa biyyatti ta’a,ā€ jedhee erga innis akkanatti of beeka ture; hojjiin isaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu ā€œBiyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa,ā€ jechuun waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboofi Guraagee taasisuun mudde. Barri jireenya Garasuu gabaabbachaa deemte. Jabinaafi gootummaan kan harkaa ba’uu hindandeenyetu itti aggaame. Osuma itti gaafatamummaa isaa ba’aa jiruu soorama ba’uufi dhukubsachuun Garasuu firoottan isaafi uummata isaa yaaddesse. Dhukkuba isaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyaan isaa hundi gurguramee mucaan isaan Kumaalaa Tafarraa Garasuu biyya Ingiliziitti geessee akka yaalchisu ta’e. Achittiis fayyuu akka hindandeenye waan hubataniif gara biyyatti deebi’uun du’aan wal’aansoo qabuu eegale. Dhukkubni kaanseerii inni ittiin qabame daran itti cimee Waxabajjii 6, 1966 lubbuun isaa dabarte. Seenaan goota Oromoo Kumaalaa Garasuu Dhukii Gulummaa, Maaruutti jalqabee achumatti xumurame.

Garasuu Dhukii (Abbaa Booraa) ========================= Garasuu Dhukii abbaa isaa Obbo Dhukii Gulummaafi haadha isaa Aaddee Warqee Elemoorraa Caamsaa 27, 1905 dhalate. Bakki dhaloota isaas karaa Jimmaarraa magaalaa Walisoo cinaatti kan argamu naannoo Maaruu jedhamutti. Garasuun umrii isaa ijoollummaatti barumsa isaafi jireenya hawaasummaa kanneen birootiin baay’ee cimaa, walii galteerrattis mudaa kan hinqabne waan ta’eef, namoota hunda biratti jaallatamaa ture. Tapha Garasuun jaallatu keessaa inni guddaan fardaan gulufuudha. Akkuma ijoollee abbaa lafaa naannoo Maaruu, ogummaa fardaan gulufuu, gaachana qolachuu, eeboo darbachuufi, adamoo shaakalaa ture. Abbaa isaa duukaa waltajjii adda addaarratti argamuun akkaataa dubbii barachaa hojiirra oolchuun hunda durse. Ija jabinaafi cimina isaa kanarraa kan ka’e, bifa farda inni yeroo hundaa gulufisiisuu jaallatuun namootaafi hiriyoota isaatiin umrii waggaa kudhanitti maqaan masoo, ā€˜Abbaa Booraa’ jedhu kennameef. Yeroo dirree waraanaa ture farda adii yaabbatullee, maqaa dhuma kanaan hamma lubbuun isaa dabartutti waamamaa ture. Yeroo tokko mootii Haayile-Sillaaseefi haati warraa isaa giiftii Manan bishaan ho’aa lafa keessaa burqu, isa Walisoo daawwachuuf yeroo deemanitti Garasuun farda isaatiin dura, duraa gulufuun karaa agarsiisaa turuurra darbee uummataafi mooticha duratti ba’uun waa’ee naannichaa haasawaa qalbii namaa hawwatuufi ogummaan guutame taasise. Martuu itti gammadee, ā€˜Ijarraa hafi; guddadhu,’ jedheen. Ogummaafi ciminni akkasumas, ijajabinni isaa qalbii mootiifi giiftii seenee, faara tolaan akka ilaalamu taasise. Loltummaanis waggoota torbaaf erga tajaajilee booda jabinaafi amanamummaa isaatiin filatamee itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajilu taasifame. Waggoota muraasaaf mootii erga tajaajilee booda, eeyyama mootiitiin loltoota ilma isaanii Asfaawasanitti makame. Garasuun loltoota Asfaawasan waliin gara Walloo deemuun achirraas Ambaalaagee kan jiran loltoota Raas Kaasaatti dabalamuun Xaaliyaaniitti duulan. Lola bakka Tamben jedhamtu kan Tigiraayi keessaa jirturratti si’a lama geggeeffameefi kan Maayicawurratti (RAAYYAA) geggeeffame keessaatti loltuu diinaa madfifi matarayasii, qilleensarraan ammoo, xiyyaaraan gaasii summii facaasuun lolu jala dhaabachuu waan dadhabaniif kaan dhumanii kaan booji’amanii, kaan ammoo baqatanii lubbuun harkaa ba’anii gara Wallootti deebi’uun karaa Warraa Iluu Finfinnee galan. Haala kana keessatti cimina geggeessummaa isaarraan kan ka’e loltoonni Garasuu dursaa turan. Kumaalaa Garasuun erga Finfinneetti deebi’ees, osoo wal’aansoofi dadhabbii lolichaa hinjiilin kutannoofi jaalala biyya isaatiif qaburraa kan ka’e, naannoo dhaloota isaa Maaruutti deebi’uun hojii gootummaa itti fufuuf murteesse. Yeroo kana mootii Haayile-Sillaaseen hooggantoota waraanaa hedduu waliin biyya Ingiliziitti baqatan. Kaan ammoo, Xaaliyaaniitti harka kennaan; Gariinis nibooji’aman; kaan ammoo nidhuman. Kun marti Garasuufi gootota muraasa jilbeemfachiisuu hindandeenye. Waggoota shaniif yeroo Xaaliyaaniin biyyicha bulchaa turte keessatti loltuu qopheeffate waliin riphee loluun diina bahaagala dhowwaa ture. Kallattiinis ba’uun diina humna lafoofi qilleensaatiin lolu mo’achaa loltoota hedduu booji’aa, barbadeessaa, kanneen jalaa booji’aman deebifachaa qabsoo hidhannoofi hojii gootummaa itti fufe. Geggeessitoonni Xaaliyaaniifi baandaan sodaatanii si’a hedduu araaraaf jaarsa erganillee Garasuun gargaarsa uummataafi onnee waan qabuuf shiraafi kiyyoo isaaniitiin qabamuu hindandeenye. Roorrisaan, kan biyya abbaa qabu gabroomfate, baandaan biyya isaa saamsisuun Orma jala kaatu ramacii caalaa isaa gube. Keessummaa uummanni Itoopihyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti mulluu ta’e ija duraa baduu dide. Guyyaa tokkollee osoo miilla isaarra rasaasaan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo diina duratti isa gatanii deemanitti, akkas jechuun yaadannoo isaa barreesse. ā€œAni Garasuudha; hojii koos xumureera; du’us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu Finfinneen bakki ummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hinargin du’uu kooti,ā€ jedhuun ture. Haa ta’u malee yeroo ma

baay’ee irraan kan ka’e addaan ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa. Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban. Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu, gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu. Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa gamma qopheessee laataaf. Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan haamu… Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu. Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha, alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu. Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha. Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu. Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa Shanan Tuulamaa Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama. Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha. Haa ta’u malee marsaan Gadaa naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne. Gadaan sagal haa jedhamu malee 10ffaan Gadaan Kiilolee jedhamu maqaan ni jira. Kitaabni ā€œGadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaaā€ jedhu keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa. ā€œCaffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taaā€Ÿin waggoota 360 ykn gadaa 45ā€Ÿf akka citeefi gumiin hin taaā€Ÿin himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 = 1118 A.D jaarraa 12ffaa keessa akka caffeen deebitee Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebiā€Ÿe. Miseensi sadeen duraa of danda’an sun akka miseensa biraatti dabalaman taā€Ÿe.ā€ Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture, Taabor Waamii kitaaba isaanii ā€œYe Wigganaa Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataaā€jedhu keessatti bara gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e. 1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530 2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538 3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546 4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554 5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562 6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570 7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578 8. Gadaa Birmajii ………………1578 – 1586 9. Gadaa Mul’ataa ………………1586 – 1594 10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602 As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo kan barbaadudha. Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/ dacha’e kan armaan Gadiiti: Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma jirutti jira; Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u. @cuunfaaseenaa.

Cuunfaa seenaa: Tuulamni ilmaan sadii qaba: Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan Bacho: ilman 6 Qaba Jiille: Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru. Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha. Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba. Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii. Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti. Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa Tuulamaa

āœAmala namootni miira gad aantummaan itti dhagahamu calaqqisiisan 3,n. 1. Waa'ee namoota biraa waan gadhee haasa'uu. 2. ā€œGaliin koo hangana, waan akkanaan qabaā€ jedhanii meeshaan dhaadachuuu fi na argaa na argaa jechuu. 3. Gochaa fi kaayyoo nan qaba jedhee ol of kaasee haasa'uu. 4.waan isaan hin galchine keessa ariifatanii seenuu. @Cuunfaaseenaa.

āœThe first World War ended in 1918 AD =woraanni adunyaa inni jalqabaa bara 1918titti dhaabbate ykn xumurame. @cuunfaaseenaa.

āœThe first woman in world to become the Prime minister of a country was Sirimao Bandara Naike Yeroo jalqabaatiif biyyi dubartiin akka adunyaatti prime ministeri taate sirimaa'oo baandaraa Naa'ikedha @cuunfaaseenaa.

āœthe first president of USA was george washington. Pirezidaantiin Ameerikaa inni jalqabaa joorjii waashingtan jedhama. @cuunfaaseenaa.

Suuraan kun suuraa bara 1913s gaafa minilik du'ee guyyaa booya/taaziyaatti. Silaa taateefii ilmaan nafxanyoota guyyaa itti dhalatee mitti guyyaa itti du'ee akka biyyaatti silaa kabajjatan gammachuu isaanitti. Garuu kan nama gadisisuu seenaa isa kan dhukate dhisii hiikaa maqaa isaa "minilik " kan ja'uu beeku dhabu isaanitti. Seenaa mootoota habasha kan bara 300 keessatti maqaan mootii habasha hundi barruu kibira nigistaat jattu irraa fudhatame.barruun kun kan barreeffame afaan arabatiin hoggaa tahu jachaa afaan araba " kibira malakii" ja'uu irraahii. hiikaan isaa muxxannoo mootoota "jachuudha. Barruun kun hundi isaa seenaa mootoota warra yahuuda irraa dubbata.jacha afaan arabatiin 'kibiraat malakii ja'uu San gara kibira nigistaat ja'utti afaan giizitiin hiikuudhaan akka waan seenaa isaanni Fakkeessuun barreeffatan. Barruun afaan arabatiin barreeffamttee seenaa mootoota warra yahuuda dubbatu tun fuula sagal qabaachaa turte garruu isaan seenaa isaanni itti dabaluun Afaan giizitiin barreeffatan.maqaa mootoota warra yahuuda man kibiraat malakii gubbatti barreefame tedros,Solomon, dawit,yohannis.....jachuun akka waan rabbii biraa bu'eetti maqaa moggaafachuun seenaa soba uuman. Kan nama ajaa'ibu barruu kibiraat malakii ja'uu gubbati maqaan minilik ja'uu hin jiru ammaas mooticha yahuuda Solomoniifi mootii yaman tan turte sabatu dhalee kan isaan ja'an maqaan minilik duraa barruu San gubbaa hin jiruu.garruu maqaa minilik ja'uu bakkii isaan irraa fudhatan maqaan minilik kan ja'uu maqaa ilma Solomon ossoo hin taane jachaa barruu kibiraat malakii gubbarraa bakka jacha afaan arbaatiin ibnul malakii jachuun barreeffamte irraahii .jachii kun afaan arabtiin ilma mooticha jachuudha garuu barruu San gubbati ibnul Malakii jachuu malee maqaa ilma Solomon hin dahuu.garuu habashoonni ilmi sabatiif Solomon minilik jedhama inni mootii habasha kan durati (minilik I) jachuun moggaafatan.achiirraa ka'uudhaan "Solomon dynasty " jachuun namni hiida dhigaa kana hin qabne Abissinya hin bulchuu jachuudhaan akka barruun kibira nigistaat jattu tun rabbii biraa buutee fakkeessuudhaan shanyii ykn saba bira angoo dhoowan.olola amantitiin saba isaan dura achii qabatee ture mootummaa akka Dm't Dynasty (9th -11th) ammaas mootummaa akka zegaw dynasty (12th -15th) dhiibbaa amantii itti godhuun mootummaa isaanni facaasan t.me/cuunfaaseenaa

Fitawraarii habtegorgis dinagdee maqaaf inniniis oromoo ture.wanii guddaan minilik isa itti filateef Sabboonummaa akka hin qabnee waan hubateefi. Itiyoophiyaa keessatti angoo argachuuf sabboonaa tahu hin qabdu.garuu fakkeessuu qabda @cuunfaaseenaa.

Mucaan ganna 14, daa’ima ganna 5 ajjeessuun himatame --------------- Ingilaanditti reeffii daa’ima ganna shanii Loogaan Miwaa
Mucaan ganna 14, daa’ima ganna 5 ajjeessuun himatame --------------- Ingilaanditti reeffii daa’ima ganna shanii Loogaan Miwaangi ykn Loogan Wiiliyaamsan jedhamuun beekamuu laga Ogmoore, Biridgeend jiru keessatti erga argamee booda, mucaan ganna 14, ajjeechaa isaan himatame. Mucaan, sababa umurii isaan eenyummaan isaa hin himamne kun, mana murtii Kaardiiffitti dhiyaate. Ajjechaa Looganiin wal qabatee harmeen isaa fi abbaan buddeenaa isaa akkasumas mucaan ganna 14 kun mana murtiitti dhiyaataniiru. Abbaan buddeenaa isaa Joon Kool, ganna 39, ajjeechaan himatameera. Joon fi harmeen Loogan, Angaraad Wiiliyaamson, lamaan isaaniiyyuu hojii haqaa guffachiisuunis himatamaniiru. Du’a Loogan booda, jiraatttonni naannichaa yaadannoo isaaf, laga reeffi isaa argame cinatti, abaaboo, ashaangulliitii fi kaardii adda addaa ka’aniiru. Daa’immaan Loogan waliin daree tokko keessatti barachaa turan, Loogan daa’ima tapha jaallattuu akka ture ibsaanii turani. @Gadaapost @Gadaapost

Jechoota kaka'umsaa @cuunfaaseenaa. āœYeroo mijaawaa hin eeggatin yeroma kana fudhuu mijeeffadhu. āœNamni tokko barate baratuu baate wantoota shanan(5) asi gadi kana yoo guuttate galma ga`a Isaanis: 1,character(amala) 2,commitment(murannoo/kutannoo) 3,conviction(waan tokkorrati ejjannoo jabaa qabaachu) 4,courtesy (tattaaffii) 5,courage (daffarummaa) @cuunfaaseenaa.

šŸ‘NAMTICHA KIJIBAA @cuunfaaseenaa. šŸ‘‰Namicha tokkotu akka ajaa’ibaa kanatti kijiba ture. Biyyaa Jaarmaanii waggaa jahan jiraadhe, Biyyaa hoolaandii immoo waggaa torban jiraadhe, Biyya ingliizii immoo waggaa afuran jiraadhe, Biyya xaaliyaanii immoo waggaa sadeetin jiraadhe jedheetu nama biraa tokkotti hima ture. Namichis Hamma kana teesse ā€œji’oograafii sirritti beekta kaa?ā€ jennaan, eeyyee achi immoo waggaa shanin jiraadheā€ jedheen jedhama. @cuunfaaseenaa.

Adoulf hitler was also known as fuhrer Adoolf hitler maqaa biraa kaninni jedhamee waamamuun beekamu fuhrer jedhama @cuunfaaseenaa.

@cuunfaaseenaa. Caffee gadaa odaa bultum keessatti sadarkaa gadaa keessa takka maxxariidha.Daa'iman umriin isaani 0-8 keessa jiruun maxxaarii jedhuun. Daa'iman sadarkaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu. Daa'imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu rifeensi irraa haadamee Maqaa arkata. Sirna gadaa odaa bultum keessatti daa'imni sadarkaa maxxaarii keessa jiru hamma sadarkaa Ruubaa (9-16) gahu jiddu -gala fooduu keessatti qaalluu irra Aadaafi seenaa akaakkayyuu fi abaabiyee isaa bifa hibboo fi sheekkootiin irra barata. @cuunfaaseenaa.

Oromoon walloo orommotaa baarentu keessaa isaan tokkodhaa oromoonni kunis kaabaa shaawa irra hanga naannoo tigraayii ti faaca'ani argamuu oromoon wallo akkumma oromoota kaanii qotee bulaa fi horsiisee bultootaa.oromoon wallo daangaa ummata amaraa fi affaar giddu jiraatu saboota kananiis waallitti bu'insaa yeroo isaan walakatti ta'u wanuma baramaadha. Oromoon wallo naannoo amaaraa godinaa adda oromiyaa kamisee kan jedhamu gaaffii guddaadhaan akka afaan isaatin baraatuuf seenaa fi dudhaa isaa afaan ofiittin akka baratuuf gaaffii irraa deddeebin kasuun murtreffate jira. Oromoon wallo keessaa muraasni: kamisee,baati,warra illu,warra qaalluu, warra baabbofi raayyaa, kannen haafaanis baayyedha. Oromoon walloo akkumma afaan oromoo beekkan afaan saaba birootis nii hasa'u.inumma kan afaan abbaa isaatu hin beeknes hin dhabamuu. Oromoon wallo jaarra kaanan "saaddacha" jedhaan hikaan isaas oromoo afaan isaa hin beekne jechuudha.oromoon walloo goosota hedduu qaba.isaan keessas murasni jille, arxumaa,qoori,duguuguru fi kkfaan isaan murasaa t.me/cuunfaaseenaa