cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Kominikeeshinii Aanaa Geeraa

Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf https://t.me/GComn2011

Show more
Finland2 036The language is not specifiedPolitics20 812
Advertising posts
444
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Amajjii 3/2014 WDHKMA Geeraatti! Mariin haala yeroo irratti guyyaa lamaaf kennamaa ture sagantaa kanaan goolabamee jira. Mariin haala yeroo irratti guyyaa kaleessaa hojjattoota mootummaa seektaroo hundaa waliin tuuta tuutaan mari'atamaa ture yeroo ammaa bakka Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiif I/G paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa Obbo Ahimad Hashim jiranitti yaadaaf gaaffii tuuta tuutaan ka'aniif yaada hubannoo ka'aniif deebii sirrii kennuun kallattii gara fuulduraa irratti hubannoo walfakkaataa manni akka qabatuuf dhaamaniiru! Xumuraa irratti i/A Bulchaa bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo musxaafaa Ziinaab Kenninsaa Taajaajilaa ummata manneen hojii mootumma hundaa keessati kara si'ata ta'een Gaggeeffamuu qaba jechuun kallattii ka'uun tokkummaan hundaa ol murteessaa akka ta'e ibsuudhaan mariin kun goolabamee jira.
Show all...
MM Abiy Ahimad Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin bilbilaan mari’atan ===== Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad preezdaant Joo Baayidan waliin bilbilaan dhimmoota yeroo biyyaalessaa, hariiroo biyyoota lameenii fi naannawwaarratti mari’achuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru. Mariisaaniin hariiroo wal kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuuf waliigaluu kaasaniiru. Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Show all...
https://www.Gcomn.com/Ayyaana Qillee/posts/baga Geessan/?sfnsn=mo
Show all...

ERGAA_BAGA_GEESSANII Bulchaa Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayid Dabarsan. Hordooftotaa Amantaa kiriistaana maraaf Baga Ayyaan Qillee Bara 2014 Nagaan Geessan. Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Aanaa Geeraa Maraaf Duraan Dursee  Baga Guyyaa yaadannoo  Ayyaana  Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos  Kan bara 2014 nagaan isin gahe jechuun barbaada. Ayyaanichi kun:- # Kan  Jaalalaa fi gaarummaa # Kan Nagaa # Kan Gammachuu # kan Badhaadhinaa # kan Misooma # Kan Milkii # Kan Quufaa Gabbinaa  isiniif Haa ta'u jechaa. Ayyaana kana Yemmuu Kqbajnu kan rakkate gargaaraa, kan dadhabe bira dhaabbachuun hojii Nama biratti eebba, Rabbiin biratti galata qabu hojjechuun ta'uu qaba, keessumattuu haala  yeroo ammaa biyyi keenya keessa jirtu keessatti  nageenya waloo keenyaa eeggachaa tokkummaa fi jaalala akkasumas Hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun duudhaa Wol Deeggarsaa ganamaa qabnu kan keessatti Guddifannuu  Aadaa waliin hojjechuu,,,,  https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707607900215766/?sfnsn=mo
Show all...
Oolmaa Gabaa Ayyaanaa Guyyaa har'aatiin Gatii horii  fi meeshaalee gara garaa irratti Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Aanichaa odeeffannoo Gabaa  beeksise. ========================== Aanaa Geeraatti Ayyaana Qillee  sababeeffachuun Waajjirri Daldalaa Misooma Gabaa oolmaa gabaa ayyaanaa ilaalchisee odeeffannoo sassaabe akkaataa armaan gadiitiin nu qaqqabsiisee jira. https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707553176887905/
Show all...
Oolmaa Gabaa Ayyaanaa Guyyaa har'aatiin Gatii horii  fi meeshaalee gara garaa irratti Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Aanichaa odeeffannoo Gabaa  beeksise. ========================== Aanaa Geeraatti Ayyaana Qillee  sababeeffachuun Waajjirri Daldalaa Misooma Gabaa oolmaa gabaa ayyaanaa ilaalchisee odeeffannoo sassaabe akkaataa armaan gadiitiin nu qaqqabsiisee jira.
Show all...
Aanaa Geeraatti Hojii Suphaa Daandii Bara kanaaf  Cirrachi Ga'aa ta'e Wolitti qabamaa jiraachuu W/rri Daandii fi Loojistikii Aanichaa ibsee jira. Jiilli Bakka Bu'aa Bulchaa Aanaa obbo kabbadee Waaqgaarii Fi Hoggantoota Garaa garaan durfamu  Ganda Gabbaa Kooroo Bakka addaa Kooroo jedhamutti Argamuun  Hojii Suphaa Daandii fi Bakka Cirrachi ba'aa jiru Daawwachuun jajjabeessanii jiru. Daawwannaa kana irrattis Cirrachi Baafamaa jiru Qulqullina kan qabuu fi Suphaa Daandii kanaafis Ga'aa ta'uu dubbachuun Hojiin Cirrcha Baasuu kun Saffisaan barbaadamuun wolitti qabamee Suphaa daandii kanaaf ooluu akka qabu I/G W/ra Daandii Fi Loojistikii obbo Nuuruu Mizbaahuu dubbatanii jiru.
Show all...
Aanaa Geeraatti Leenjiin  Sosochii Misooma Sululaa kennamaa jira. =======================≠=========== (WDhKMAG,Muddee 25/2014) Aanaa Geeraatti Leenjiin Sosochii Misooma Sululaa Bara 2014 Irratti Qooda fudhattootaa  Kennamaa Jira. Bara kanas Gandoolee Baadiyyaa Aanichaa 29 keessatti Lafa hektaara 14,500 irratti Sululli 29 adda ba'ee kan Misoomu ta'uu waajjirri Qonnaa Aanichaa ibsee jira. Leenjii kana irrtti argamuun Haasaa Saaqiinsaa kan taasisan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Haawwi Sayid akka jedhanitti Hojiin Misooma Sululaa baroottan darban hojjatamaniin fayyadamummaan ummataatis yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef bara kanas karaa qindaa'een hojjachuun Badhaadhina  Maatii haa Mirkaneessinu jeduan. Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa  Aanaa Geeraa Obbo kabbadee Waaqaarii Karoora Sischii Misooma sululaa hirmaattotaa  dhiyeessan irratti waggoottan darban hojjiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaaniitiif xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaaniin bu'aawwan gaggaariin argamuu ibsuun Bara kanas
Show all...