en
Feedback
☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA🌙

Open in Telegram

Gorsa babbareedaa Seenaa babbareedaafi Barnoota adda addaa Inshaa Allaah gargaarsa Rabbiitiin isiniif dabarsina Yadaa yoo qabatan @YaadaYaadaaBot nun gahaa Isinis channel keenya join godhaa nama biraallee...

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
4 760
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA Kutaa 14ffaa dubbisuu Hubadhaa ✺ WALLAANSA DADHABINA IIMAANAA ◉ Haakim Mustadrak isaa keessattiifi Xabraaniin Mu’ujam isaa keessatti gabaasanii Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: "iimaanni akkuma huccuun moofa’ee ciccitutti garaa keessan keessatti moofa’ee ciccita. Rabbiin iimaana qalbii keessan keessatti siniif haaromsuu kadhaa.” Haakimtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Haysamiin Majma’i Azzawaa’id keessatti “Xabraaniitu sanada hasaniin gabaase” jedhe. Wanti hadiisichi itti fedhe iimaanni qalbii namaa keessatti akkuma uffanni yeroo turee moofa’uun ciccitutti ciccitee bada jechuudha. Yeroo tokko tokko qalbii Mu’uminaatti duumessi dukkanni dilii irraa ta’e itti dhuftee ifaa isaa haguugdi. Achumaan namichi dukkanaafi mukuu keessatti hafa. Yeroo inni iimaana isaa dabaluuf socho’ee Rabbiinis gargaarsifate duumessi kun irraa saaqamti; ifaan qalbii isaa itti deebi’ee akkuma duraan ifaa turetti ifa. Waa’ee dadhabina iimaanaa hubachuufi wallaansa ishee beekuuf wanti hundeen xiyyeeffannoo guddaa barbaadu iimaanni ni dabalaafi ni hir’ataa beekuudha. Kun immoo dhuka amantii ‘Ahlassunnaa wal jamaa’aati.’ Isaan 'iimaana jechuun arrabaan dubbachuu qalbiin amanuufi qaamaan hojjachuudha khayrii hojjachuudhaan dabalatee diliidhaan hir’ata’ jedhu. Kana irratti immoo ragaa baay’ee Qur’aanaafi hadiisa irraa ta’etu akeeka. San irraa gariin jecha Rabbii ol ta’eeti: “akka iimaana isaanii wajjin iimaana dabalatanuuf” Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “eenyuu keessaniif isheen kun iimaana dabalte?.” Ergamaan Rabbiis ﷺ ni jedhan: “namni isin irraa waan dhorgamaa hojjatamaaru arge harka isaatiin haa jijjiiru; yoo hin danda’in arraba isaatiin yoo hin danda’in immoo qalbii isaatiin (haa jibbu). Inni kun immoo iimaana isa hundarra dadhabaadha.” Bukhaariitu gabaase. Jijjiiramni hojiin khayriitiifi diliin iimaana keessatti fidu dabaluufi hir’isuun waanuma beekamaa hubatamaafi ragaa bahamaadha. Namni tokko odoo gara gabaa deemee dubartii qaama qullaa godhanii deeman ilaalaa waca warra gabaafi kan biraallee dhaggeeffatee sana booda gara qabrii adeemee ishee keessa seenee xiinxalee qalbiin isaa laafe inni haala kana lamaan jidduutti garaa garummaa ifaa arga. Qalbiin ariitdhaan jijijjiirama. Waan hubannoo mata duree keenya kanaatiin wal ilaallatu keessatti gariin salafaa ni jedhe: ‘gabrichi tokko fiqhii qaba (amantii hubateera) jechuu irraa tokko iimaana isaatiifi waan isarraa hir’atu to’achuudha. Gabrichi tokko fiqhii qaba (amantii hubateera) jechuu irraa tokko iimaanni isaa ni dabalaaramoo? Ni hir’ataaraa? Beekuudha. Ammas jallinni shayxaanaa kallattii kamiin akka itti dhufu beekuun hubannoo namichaa irraayi lakkaa’ama.’ Sharhii Nuuniyyaa ibn Alqayyim kan Ibn Iisaa keessa jira. Ammas qabxiin beekuu barbaadu kan biraa tokko hir’inni iimaanaa yeroo waajiba dhiisuu yookiin haraama hojjachuu biraan nama ga’e kun yeroo halaakaati. Abbaan isaas Rabbiin biratti akkaan jibbamaadha. Gara Rabbii dafee tawbachuufi wallaansa isaatti seenuun dirqama isatti ta’a. dadhabinni kun yeroo gara waajiba dhiisuufi haraama hojjachuutti hin dhaqqabsiisin hojii sunnaa ta’e qofa irraa kan duuba isa deebisu ta’e akka hamilee fi humna isaa kan ibaadaaf qabutti deebi’uuf jecha namicha irra of to’achuufi haqa qunnamuu barbaaduutu jira. Kun immoo jecha Ergamaa Rabbii ﷺ irraa hubatama: “dalagaa hundaafuu hamileetu jira; ammas hamilee hundaafuu dadhabina (taatiyootu) jira. Namni dadhabinni isaa gara sunnaa kootii ta’e dhugumatti milkaa’eera. Namni gara waan biraatti ta’e immoo halaakameera.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. kutaa 16ffaan itti fufa inshaallaah...

الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه ═══════════════ ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Kutaa 1️⃣ffaa✍ Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'iid Binu Zeeyid⊱ Leenca duula yamruuk. tokkoo kurnan warra jannataan badhaafame irraa ka ta’e. tokkoo warra dura islaamahe irraa ka tahe. tokkoo warra Rabbi irraa jaalate fi ka Isaanis Rabbii irraa jaalataniti. Dacheen gaariin waanuma gaarii biqilchiti; akkuma jedhamu abbaan Sa’iid, Zeeyid Binu Amrii kophummaa filatee, mushrikkan makkaa irraa sababa siidaa gabbaraniif addaan bahe. Zeeyid abbaan Sa’iid kun yeroo Arabni ilmoo durbaa lubbuun awwalanitti, inni “hin awwaalinaa!.” jedhee, lubbuu durbaatif warra waan kana dalaguun walitti bu’uun of dararaa ture. Ilmoo durbaa abbaan ajjeesuf boollatti darbe erga fuudhee guddise booda, Abbaa isii dhaleetti geessun “Yoo feete guddifadhu, yookin anuu waan cufa danda’ee guddisaa.” jedhee, ilmaan namaatif bara dukkanaa sanitti ifa ta’aa ture. Re’ee ummanni Makkaa siidaa isaaniitiif dhiiga isii gad dhangalaasaniif “sila Re’ee Rabbiin uume, tan akkasuma Rabbiin inni bishaan gubbaa gadi roobeefi lafaa baala biqilchuuf, yoo siidaa ofii boccan kanaaf dhiigaa isii dhangalaastan hin qaaneeffattani, sila hin saalfattani, Rabbii keessan hin sodaattani “jedhee ummata makka gorsaa ture. Guyyaa tokko warra Makkaatif, ayyaanni siidaa tan waggatti al-takka kabajatu geettee, ummanni walitti yaa’anii siidaa harka ofiitin bocan, kabajaa gooftaan malu kennaniifii, ulfinna itti godhanii, irra naannawaa sujuudaniif, itti marsanii kadhaaf jala taa’an. Waan kana ka balaaleffatan namni afurii maqoo (marii dhoksaa) waliin taa’an. Namoonni kunneen, Waraqaa Binu Nowfil, Ubeyidullahi Binu Jahishii, Usmaan Binu Huweyris fi inni afraffaan immoo Zeeyid abbaa Sa’iid ta’un waan ummanni makka itti jiru kana irraa fuula gargalfatanii Amantii Nabii Ibraahim (as) barbaadachuuf walii galan. Haala kanaan biyyoota adda addatti baqatanii, amantiilee gara garaa qorachuuf, daandii gara amantii abbaa isaanii Nabii Ibrahimitti (as) isaan geessu sakatta’an. Isaan keessa Waraqaaan Binu Nowfil amantii nasaaraa baratee isuma filatee, nasaara ta’e. Ubeeyidullaahi Binu Jahishii immoo hamma amantiin islaamaa eegalamtutti amantaa nasaaraa keessa erga turee booda, muslima ta’ee Ummu habiibaa haadha mana isaa waliin gara biyya Habashaatti baqate. Booda garuu amantii islaamaa gad dhiisee Nasaaraa ta’ee biyyuma Habashaatti du’e. Usmaan Binu Huweeyris immoo; gara biyya Ruumitti deemee mootii biyya Ruum qeysaar bira deemee achitti diin Nasaaraa baree kabajamee jiraata ture. Abbaan Sa’iid garuu amantaa tamuu osoo hin seenin, naannoo foon baktaahe nyaatamu irraa, naannoo dhiigaa siidaaf jedhamee gadi dhangala’u irraa fagaate. Yeroo dheeraaf amantaa Nabi Ibraahim (as) soqaa erga turee booda homaa waan isa gammachiisu dhabee jennaan gara biyya makkatti deebi’e. Kutaa 2ffaan itti fufa inshaallaah....

#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada
#Iklaasa_shaakaluu Namni ibaada kamiyyuu hojjatu hojii hojjatetti boonu fi odeessu irraa of eeguf obsa shaakalu qaba. Ibaada hojatanitti boonuun hojii badaa ifatti hojjatan caalaa miidhaa kan fiduudha. Ibaada hojjate san namootatti himuu fi odeessu irraa of eegu qaba, kuni ibaada isaa jalaa balleessu waan danda’uuf. Gabaabumatti yommuu ibaada hojjannu, hojiiwwan armaan gadii keessatti sabrii (obsa) qabaachu qabna: 1. Ibaadan keenya itti fufaa ta’uu 2. Ibaada hojjannu keessatti iklaasa qabaachu 3. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu 4. Yommuu ibaada hojjannu sirnaan hojjachuu fi niyyaa keenya qulqulleessu 5. Erga ibaada xumurre booda wanta ibaada nu jalaa balleessan irraa of qusachuu. Kan akka dhaadachuu,of tuulu, of dinqisifachuu, na argaa, namootatti odeessu, tola irratti waan oollef namoota sanniin miidhu fi gadi xiqeessu fi kkf.

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA Kutaa 13ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ QABEENYA HAADHA MANAATIIFI ILMAAN QOFATTI SHAAGHALAMUU: ◉ Waa’ee fitnaa qabeenyaa ilaalchisee Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: ummanni hundinuu waan ittiin mokkoramte ni qabdi mokkoroon ummata kootii immoo qabeenya.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Qabeenya irratti bololuun (futunuun) hanga yeeyyiin inni busaa’ee lafa qonnaa irra jirtutti gadi dhiifame ishee balleessu irra diinii Islaamaa balleessa. Kun immoo hiika jecha Ergamaa Rabbiiti ﷺ: “hanga namni qabeenyaafi kabajaa irratti bololu amantii isaa balleessu tokko yeeyyiin bebbeela’oon lama kan busaa’ee irratti gadi dhiifaman ishee hin balleessanu.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kanaafuu Nabiyyiin ﷺ xiinxallaa qabaachuutti nu kaasan. • Rabbiin ol ta’es ni jedhe: “sana keessa ummata xiinxalanuuf mallattooleetu jira.” Kanaafuu Ergamaan Rabbii ﷺ qabeenya walitti funaannachuu keessatti bal’ifannaa zikrii Rabbii irraa nama shaagalu bal’ifachuu dhorganii jiru. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “qabeenya walitti qabuu irraa kan siif ga’u khaadimaafi geejjiba karaa Rabbii keessatti yaabbattu qofa.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Warra qabeenya walitti guuruu baay’isan Nabiyyiin ﷺ dinniinanii jiru; warra akkasuma sadaqaas baay’isu malee. • Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “nama kallatti afraniin mirga isaatiin bitaa isaatiin fuuldura isaatiifi duuba isaatiin akkana akkana akkana akkana akkana jedhe malee warri qabeenya baay’isan salphataniiru.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kan inni itti fedhe hulaalee sadaqaafi kallattii khayrii keessatti jechuudha. ◉ Hawwii dheerachuu: • Rabbiin ol ta’e ni jedhe:“Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi. (Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.” Alhijri:3. • Aliyyiin (ra) ni jedhe: ‘irra guddaan waan an isiniif sodaadhuu fedhii horofuufi hawwii dheerachuudha. Fedhii hordofuun haqa irraa nama deebisa. Hawwii dheerachuun immoo aakhiraa nama dagachiisa.’ Fat-hul Baarii keessa jira. Hadiisa keessatti immoo “waa afur goggogina irraayi: ijji imimmaan irraa goguu qalbiin goguun hawwiin dheerachuufi duuniyaa irratti bololuudha.“ Hawwii dheerachuu irraa kan argamu khayrii hojjachuu irraa nama taatiyeessa; tawbaa duubatti harkisiisa; kajeellaa duuniyaa baay’isa; aakhiraa dagachiisa; qalbii gogsa. Sababni isaas laafuufi qulqullaa’uun qalbii kan argamu du’a qabrii mindaa adabbiifi jabina aakhiraa yaadachuudhaan argama. Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “barri isaan irratti dheeratee qalbiin isaanii gogde.” Jedhamee jira: ‘namni hawwiin isaa gabaabbate gaddi isaa xiqqaatee qalbiin isaa ife. Kunis waan du’a fuuldura isaatti dhiheessee ajaja Rabbii keessatti qabsaa’uuf.’ Fat-hul Baarii. • Nyaata dhugaatii hirriba gurjaa dubbiifi wal makannaanis sababa iimaanni dadhabuufi qalbiin goguuti: • Nyaata baay’isuun sammuu laaffisee qaama ajaja Rabbii irraa laaffisa; kallattii shayxaanni keessa yaa’us qaama keessatti qallaba. Jedhamee jira: ‘namni baay’ee nyaate baay’ee dhuge baay’ee rafee mindaa baay’ee hongaa’a.’ • Dubbii keessatti daangaa dabruun qalbii gogsa. Namootaan walitti makachuu baay’isuun immoo jidduu namichaafi lubbuu isaa qormaatuu ishee qofaan kophaa bahee waa’ee ishee to’achuu xiinxaluu irraa dhorga. Kofla baayyisuun immoo jiruu qalbii keessa jiru fixnaan du’a. Ergamaan Rabbii ﷺ hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: “kofla hin baay’isinaa; kofla baay’isuun qalbii ajjeesa.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Akkasumas yeroon inni ajaja Rabbii keessatti hin dabarfamne qalbii gogaa dhorgaan Qur’aanaafi gorsi iimaanaa homaa isa hin fayyadne uuma. • Sababni dadhabina iimaanaa baay’eedha; ishee lakkaa’anii fixuun hin danda’amu. Garuu waanuma dubbatame qofaan waan hin dubbatminitti dhaqqabuun ni danda’ama. Namni sammuu qabu kana mata isaatiin itti dhaqqaba. Akka Rabbiin qalbii keenya qulqulleessuufi badii nafsii keenyaa irraa nu tiksu kadhanna. Kutaa 15ffaan itti fufa insha'allaah....

Kutaa 8️⃣ffaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Kutaa 8️⃣ffaa Kutaa xumura✍ Kutaa 6ffaa dubbisuu hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Du’a Sa’aad Binu Abii Waqqaas Gootni dirree lolaa fi qe’ee, inni nyaapha islaamaa dhahata qalbii sodarraa itti dabalsiise, Arjoomaan lubbuu fi dinagdee isaa kennate, gootni irkoo diin islaamaa fi Rasuulatif s.a.w ta’e, Umrii isaa dheertuu keessatti kan duulaan qooda guddaa fudhate, guyyaan Rabbiin isaa garaa haadhaatti itti murteesse geese. Gara jaalallee isaa Rasuulatti s.a.w lubbuun godaanuf, jannata keessatti isaan qunnamuuf, waadaa Rabbiin osoo inni lafarra lubbuun jiru seeneef, qooda isaa fudhachuuf, jannata keessatti boqachuuf guyyaan isaa geesse. Mus’aab ilmi Sa’aad Binu Abii Waqqaas akka Abbaa isaa irraa dubbatetti ‘Abbaan kiyya hadhaa du’aa keessa yeroo jirutti gudeeda kiyyarratti isa erkifadhe. Abbaa koo sahaabdicha guddaa kana dhabuun natti ulfaatee imimmaan kiyya addaan cituu didee roobe. Yeroo kana abbaan kiyya “maaf bootta? yaa ilma koo Hin boohin! Rabbi na hin dararu. Ani warra Jannataati!.” naan jedhe.’ Imaamu Zuhri akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Sa’aad Binu Abii Waqqaas uffata ciccittuu suufaa takka garsiisaa, Yoo an du’e uffata tanaan na maraati, osoo uffata takka itti hin dabalin isumaan na awwaalaa. Uffanni tun ta an duula badrii keesssatti godhee diina Rabbii dura dhaabadhee, Rasuula s.a.w irraa ittiin lole. Uffata tana guyyaa kanaafis ol kaawwadhe.” jedhee dhaammate.’ Sahaabdichi guddaan hojiiwwan boonsisaa fi dhaadachiisaa ummata islaamaf hanbise, Hanbaan seenaa isaa ka gadii takkalle of keessa hin qabne, Fakkeenyi dalagaawwan isaa kan Rasuulaa s.a.w fi kan Rabbii qur’aana keessatti hojiiwwan warroota irra gaggaarii jedhee nuuf buuse keessaa taate, kan osoo lubbuun jiru jannatni isa dheebotte, ka osoo warri seenaa barressu hundi wal gurmeesse sahaabaa tolli isaa galmaahee hin xumuramne san, ardii tanaa irraa gara mana barri isii lakkawamee xumura hin qabnetti, gara mana ollaa Rasuulaa s.a.w taate tola waa hundarraatin guuttamtetti deemuf imala adunyaa kanaa xumurate deeme. Eessumni Rasuulaa s.a.w bakka Aqiiq jedhamu kan maayilii kudhan Madiinarraa fagaatutti, lubbuun isaa qaama isaa keessaa garaa jabaatte baate. Erga inni du’ee booda Reeffa isaa ceekurratti baatanii Madiinatti geessan. Marwaan Binu Hakamtuu irratti duulatee (salaachise) iddoo Baqii’i jedhamutti awwaalame. Ummu Salamaan akka jette.” Sa’aad haftee Rasuula s.a.w Rabbiiti. Innillee nu gatee deeme.” jette gadda isii ibsatte. Du’a isaa boodas warroonni hojii isaa dhaalan, maqaan isaa ummata muslimaa biratti lubbuu horatee halkanii fi guyyaa akka yaamamu godhan.

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA Kutaa 12ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ HOJII DUUNIYAA QOFAAN LIQIMFAMANII QALBIIN GABRICHA ISHEE TA’UU: ◉ Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “gabrichi warqee halaakame gabrichi meetii (silvariis) halaakame.” Bukhaariitu gabaase. • Ammas Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “duuniyaa irraa kan tokkoo keessaniif ga’u kan akka galaa nama geejjibaan deemuuti.” Axxabraaniitu Kabiiriin keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kan inni itti fedhe wanta xiqqoo kaayyoo isaatti isa dhaqqabsiisu jechuudha. Mallattoon isheen kun bara kana kan ishee keessa kajeellaan meeshaa caccabaa duuniyaa dabalachuuf jooruun wal ga’ee namoonni daldalaafi faabrikaalee duukaa gulufanitti bareechee ifa gale. Kun waanuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan mirkaneessa: “Rabbiin ol ta’e ni jedhe: nuti qabeenya salaanni sirnaan haa salaatamuufi zakaan haa kennamuudhaaf buufne. Odoo ilma Aadamiif qabeenyi sulula tokkoo jiraatee lammaffaan isaaf dabalamuu hawwa. Odoo sululli lama isaaf jiraateehis sadaffaan isaaf dabalamuu hawwa. Garaa ilmaan Aadam biyyee malee homaa hin guutu. Ergasii Rabbiin nama toobate irraa tawbaa qeebala.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. ❁ QABEENYA HAADHA MANAATIIFI ILMAAN QOFATTI SHAAGHALAMUU: ◉ Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “dhugumatti qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan fitnaa ta’uu beekaa.” (Al-anfaal: 28). • Ammas Rabbiin ol ta’e ni jedhe: «“namootaaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetuu kan dubartootaa fi ilmaan irraa warqee fi meeta kuufamaa irraa faradoo miidhagfamte horii fi dachii qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jira. Kun meeshaa jireenya duniyaati. Rabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira.”» (Aali Imraan: 14). • Hiikti aayata kanaa wantoota kana jaalachuun akka mataatti immoo dubartootaafi ilmaan jaalachuun yeroo kan ajaja Rabbii fi ergamaa isaa dursu ta’e gochichi akkaan jibbamaadha; namichis arrabfamaadha. Jaalalichi yoo karaa sharii’aa kan ajaja Rabbiitiin buluuf gargaaru ta’e inni faarfamaadha; namichis faarfamaadha. Dhugumatti Ergamaan Rabbii (SAW) jedhanii jiru: “addunyaa irraa dubartootaafi shittoo (urgooftuutu) natti jaalachiifame. Tasgabbiin ija kootii immoo salaata keessa naaf godhame.” Ahmadtu gabaase.Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Namoonni baay’een immoo duuba dubartootaa haraama keessa harkifama. Duuba ilmaaniis ajaja Rabbii irraa dagatee harkifama. • Ergamaan Rabbii: “ilmoon gaddisiiftuudha; luqnoomsituudha; wallaalchiftuudha; jedhaniiru: Axxabraaniitu Kabiiriin keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Jechi inni doqnoomsituudha jedhu yeroo inni karaa Rabbii keessatti kennachuu jedhe shayxaanni ilmaan isaa isa yaadachiisee ‘ilmaan kootu qabeenya kana irra haqa godhatu; kanaafuu booda kiyyattin isaaniif hambisa’ jedhee karaa Rabbii keessatti arjoomuu irraa doqnooma. Jechi inni loqnoomsituudha jedhu immoo yeroo namichi karaa Rabbii keessatti qabsaa’uu fedhe shayxaanni isatti dhufee ‘ajjeefamtee duuta; ilmaan dhiphatanii yatiima ta’u’ jennaaniin jihaada deemuu irraa taa’a. Jechi inni wallaalchiftuudha jedhu immoo barumsa barachuu isa barbaachaaf deemuu majlisa ilmii dhaquufi kitaabota isaa qara’uu immoo yeroo inni dhukkubsate irratti gadda; yeroo ilmi waan abbaan kennuufii hin dandeenye gaafates ni gadda. Yeroo guddatee abbaan buluu dide immoo inni gadda isa yeroo hundaati. • Kaayyoon keenya haadha manaa fuuchuufi ilmaan argachuu dhiisuu miti; akkasumas guddisa ilmaanii dhiisuu miti. Kaayyoon keenya isaanii wajjin waan haraama ta’e keessatti yeroo dabarsuu irraa dhorguudha. • Waa’ee fitnaa qabeenyaa ilaalchisee Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: ummanni hundinuu waan ittiin mokkoramte ni qabdi mokkoroon ummata kootii immoo qabeenya.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kutaa 14ffaan itti fufa insha'allaah....

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Kutaa 7️⃣ffaa✍ Kutaa 6ffaa dubbisuu Hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Qeysi ilma Haazim akka Sa’aad irraa dubbatetti ‘Guyyaa tokko ummata hedduu taanee, namticha waa’ee Aliyyii binu Abi Xaalib haasahutti marsinee osoo dhageennu, Sa’aad dhufee maalitti akka nu marsinee dhageeffannu laale. Erga haaswa addaan baree booda gara namticha yaabbi gubbaa ta’ee, badooma Aliyyi himutti ummata of jalaa qabaa dhihaate. Ful dura isaa dhaabbate. Akkaan ka dallane Sa’aad “Yaa abboo maal haasawutti jirta? Aliyyii dura nama ijoollee irraa amanee, nama salaata dursa Rasuula s.a.w waliin salaatee, hunda keenyarra Aliyyii dandeetti qabu, beekaa keenya, isa dirree waraanaa xiyyaa fi eeboo gidduutti sodaa malee alaabaa Rasuulaa s.a.w ol dhaabe, isa hintala Rasuulaa s.a.w Faaximaa fudherraa badooma dubbatta?.” jedheenii erga namticha ummata duratti qaanessee, Aliyyirraa dhugaaa dubbate booda; mirkaniif jedhee gara qiiblaatti garagaluun; “Yaa Rabbii namtichi kun yoo inni ka jaalallee kee arrabsutti jiru ta’e, ummata kana dandeetti fi ogummaa keetin dhugaa isaan beeksiftu malee addaan hin oofin.” jedhee isatti Rabbii isaa kadhate. Rabbii dandeetti isaatin dhugaa sahaabdicha guddaa isaa ifa nuuf godheen kakadhee, Namtichi sun yeroma san horiin inni yaabbate isaan buxxuulee, osoo namni addaan hin faffaca’in namtichi yaabbii isaa irraa lafatti kufee, mataan dhakatti bu’ee du’e.” Sa’aad Binu Abii Waqqaas guyyaa tokko Makkaan dhaqnaan, Umanni makka waahee awwatama kadhaa isaa waan beekaniif, hedduun isaanii gara inni jirutti eebba isaa barbaacha itti dhaqan. Sa’aad dullummaa irraa ijji isaa lameenuu ka badde ta’ee ummataa osoo eebbisu, Gurbaan qaari’ee Makkaa tokko itti dhufe. “ka kadhaan tee akkanatti awwaatamtu taatee osoo jirtuu, maalif ija keetif Rabbi guddaa si dhagahu ofiif hin kadhanne?.” isaan jedhe. Sa’aadis “An murtii Rabbi natti murteessetu na biratti jaalatamaadha. Fayyaa koo irraa jedhee fudhachuu jaaladha.” jedhee deebiseef. Kutaa 8ffaan itti fufa insha'allaah.... Yaada Qabdanuuf 👇 @Muslim1234_bot

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA Kutaa 11ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ BARUMSA SHARI’AA BARACHUU KITAABOTA SALAFAA FI KITAABOTA IIMAANA FAYYIFTU IRRAA FAGAACHUU ◉ Kitaabota baay’ee kan namni ishee dubbisu akka isheen iimaana isaaf kaafnaan hamileen iimaanaa sila keessa isaa jiru sosocho’uun itti dhaga’amu ni jiru. Matootiin kitaabota kanaa kitaaba Rabbiiti. Sanatti aansuudhaan kitaaba warra qalbii namaa laaffisuufi gorsaaf kaa’anii warra aqiidaa bifa qalbii fayyisuun tolchee fide akka kitaaba Ibn Alqayyim Ibn Rajabiifi kkfti. Kitaabota yaada qofaan guutaman kitaaba ahkaamaa kan ragaa hin fidne yookiin kitaaba lughaa fi usuulaa dubbisaa kitaabota warreen dubbatamanii dabranii irraa fagaachuun waan yeroo tokko tokko qalbii gogsuu danda’u irraayi. • Kun immoo kitaaba lughaa yookiin kitaaba usuulaafi kkf arrabsuu miti. Kun warra kitaaba tafsiiraafi hadiisaa odoma isheen waan qalbii namaa Rabbiin walitti hidhu taatee jirtuu irraa gara galee kan isaa ishee dubbisuu hin argamne yaadachiisuudhaafi. Fakkeenyaaf ati yeroo sahiihaynii qaraatu akka qilleensa bara durii kan sahaabaa san keessa Ergamaa Rabbii (SAW) wajjin jiraataartutu sitti dhaga’ama. Qilleensa iimaanaatu seenaa isaanii jireenya isaaniifi jireenya isaan yeroo san jiraatan irraa sitti dhufa. Warri hadiisaa maatii Rasuulaati yoo qaama isaatiin waa’iloomuu baatanis dubbii isaatiin hiriyoomaniiru. ◉ Sababni inni kitaaba iimaanaa irraa fagaachuu kun mallattoon isaa warra barnoota Islaamaan hariiroo hin qabne kan akka filoosoofii saayikooloojii saayinsii hawaasaafi kkf warra bakka Islaamaa irraa fagoo ta’e irraa fudhataman baratan irratti ifee mul’ata. Namni oduu ogbarruu oduu jaalala dhiiraafi dubartii dubbisuu jaalatu oduu bu’aa hin qabne kan akka gaazexaa barruulee yaadannoofi kkf hordofuu fedhii qabuufi isheerratti xiyyeeffatee hordofu akkasuma. ✺ NAMNI MUSLIMNI BAKKA ITTI SAGALEEN BADIIDHAAN ITTI OL FUUDHAMU WALAKKAA JIRAACHUU: ◉ Kan namni gariin dilii hojjateen dhaaddatu kaan immoo sagalee muuziiqaatiifi haasaa isheetiin kan urgufamu kan sadaffaa immoo sigaaraa aarsu inni afraffaa barruu warra dhimma hin qabnee kan shanaffaa arrabni isaa abaarsa arrabaafi hamiidhaan gadi dhiifamaafi kkfniidha. Dubbiin akkana jedhame hin jennee jedhu hamiin walitti naqaaniifi oduun wal dorgommii adda addaa kan baay’inni isaa himamuu miti. • Bakka gariitti immoo waa’ee duniyaa malee hin dubbatamu. Kun immoo haala taa’ichaafi mana kitaaba namoota hedduuti. Oduun daldalaa hojii qabeenyaa bu’aa argamsiisuu rakkoo hojii bu’aalee adda addaa guddinaafi kkf xiyyeeffannoofi dubbii namoota hedduu keessatti dursa argatti. • Manneen immoo akka feete irraa dubbadhu homaa dhuma hin qabu bakka balaa guddaafi wantoota munkara kan illeen Muslimaa isarraa dafquufi dhoohuutti dhihaatuudha. Muuziiqaan bu’aa hin qabne fi ilmiin badaan wal makannaan dhiiraafi dubartii haraama ta’eefi kan biroollee wanti manneen Muslimaa ittiin guutamu naannoo akkanaa keessatti qalbiin dhukkubaan qabamee gogaa ta’a kun immoo shakkii hin qabu. kutaa 13ffaan itti fufa inshaallaah...

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ KUTAA 6️⃣FFAA ✍ Kutaa 5ffaa dubbisuu Hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Dhagahama Kadhaa Sa’aad Sahaaban kadhaa Sa’aad yoo inni Rabbii isaa kadhatu ta lafa hin geenne tana qalbisanii; maalirraa akka carraa kanaaf gahe isa gaafatan. Sa’aadis deebii sahaabdotaaf kennetti, eebba Rasuulli s.a.w isaaf godhanirraa akka ture dubbate. Akka Xabraaniin gabaasetti “guyyaa tokko sahaabonni Sa’aadin kadhaan kee akkanatti awwaatamuun maalirrayyi jechuun gaafatan. Sa’aadis duula lola Badrii keessatti; Rasuula s.a.w dura dhaabadhee yeroo diina Rasuula s.a.w irraa deebisaa turetti Xiyya afaan goboo irra kaayee, “Yaa Rabbii hirpha nyaaphaa sosochoosi, qalbii isaanillee sodaa itti buusi.”, jedhee waan akkanaa kanniin kadhataa yoo an darbadhu, Rasuulli s.a.w dhagahanii “Yaa Rabbi kadhaa Sa’aad awwaadhuuf.” jedhanii naaf kadhataa turan, jechuun Sa’aad sababaa awwatama kadhaa isaa dubbate. Bara Kalifaa Umar keessa Sa’aad dura bu’aa magaala Kuufaa yeroo turetti, Umanni kuufaa Umaritti himata Sa’aad irraa qabu iti ergate. Umaris Sa’aadin yaamsise isa shaaree angoo irraaa buusee bakka isaa Ammaar Binu Yaasir buuse. Sa’aadis erga Umaritti dhaqee booda maalif akka isa yaamsise gaafate. Akka ummanni kuufaa himata itti bane ibseef. Sa’aadis himata kanatti dallanee “Ani dura Arabaati, ka dura xiyya diinatti darbate. Ani duula cufa ka Rasuulli s.a.w yoo duulu waliin duule. Ka duula san keessa hamma siinqiinillee nuuf hin jirretti, baala nyaataa hanga akka Gaala, akka Re’ee shishii buufnu takka geennetti duulle. Aniin kana cufa dalage yoo akka ummanni kuufaa na himate ta’e, dalagaan tiyya cufti badde. Ani akka Rasuulli s.a.wyoo lubbuun jiru ummata bulchaa turetti fakkeessifadhe yoo ani hin bulchin dubbiin tiyya badde.” jedhe. Umaris an dhugaa akka ati jetteen si beeka jedhee isa jabeesse. Umaris himata Sa’aadittii baname kana mirkaneeffachuuf, namoota itti amanu keessaa nama filatee Sa’aadin waliin gara magaalaa kuufaatti isa ergee akka himata ummanni isarratti bane kana gaafatan ajaje. Namootni Umar erge Sa’aadin qabani Masjiidota kuufaa keessatti argaman irra naannahaa himata Sa’aaditti qaban gaafatan. Masjiidota hedduu deeman keessatti tola ooluu isaa dhagahanuu, dhumarra masgiida tokkotti wanni isaan muudate kan addaa ture. Namtichi maqaan isaa Usaamaa binu Qataadaa jedhamu, erga badii isaa feetan jedhee himata Sa’aad irraa qabu itti tarresse. Sa’aad kun waraana waliin hin duulu. Boojuu wal qixatti nuuf hin hiru Murtii kennuu irrattis wal hin qixxeessu, jedhee isa himate. Sa’aad yoo kana rifatee, yoo namni kun kan na argaaf dubbatu tahe, waa sadihin itti kadha. Umrii isa dheeressi, hiyyummaas itti dheeressi, mokkoraaf isa kahi jedheenii isa abaare. Abdul Malik akka Usaamaa binu Qataadaa ka Sa’aad abaarerraa odeessetti ‘Usaama kana yeroo dheeraa booda isaa nyaarri ijaa itti dheeratee, dullummaa irraa fuularratti gad jige, kan mokkoraaf kararra taa’ee dubarti qimmidu (mushuushu), ka Abaarsa Sa’aadittu natti qaqqabe jedhee haasawaa deemu isa arge jedhe.’ Kutaa 7ffaan itti fufa inshaa'llaah.....

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA Kutaa 10ffaa dubbisuu Hubadhaa 𖣔 SABABA DADHABINA IIMAANAA ◉ Dadhabina iimaanaatiif sababoota heddutu jira. Isaan keessaa kan mallattoolee dubbatamee dabreen wal galutu jira. Fakkeenyaaf akka dilii keessa seenuu duniyaa qofaan shaagalamuu fa’i. Kan armaan gadii sababoota garii isa tare daballe dubbanna. • Yeroo dheeraadhaaf naannoo qilleensa iimaanaa qabu irraa fagaachuu: Inni kun utubaa iimaana qalbii keessatti dadhabsiisuuf sababa ta’uudha. Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa waan bu’eef laaftu hin dhihaannee? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii yeroon itti dheerattee qalbiin isaanii goggogdee baay’een isaanii shari’aa irraa bahanii tahuu dhabuutti (hin dhihaannee?) Alhadiid:16. • Aayanni kabajamtuun kun yeroo dheeraadhaaf naannoo qilleensa iimaanaa irraa fagaachuun akka utubaa iimaanaa qalbii keessatti dadhabsiisu ta’e akeeka. Fakkeenyaaf namni obboleeyyan isaa karaa Rabbii keessatti jaallatu irraa yeroo dheeraa imalaaf hojiidhaaf yookiin kkf jecha irraa fagaate naannoo iimaanaa qabbana isaa keessa qanani’u humna qalbii isaa irraa fudhatu san dhaba. Mu’uminni lubbuu isaatiin xiqqoodha obboleeyyan isaatiin immoo baay’eedha. • Hasan Albasriin ni jedhe obboleeyyan keenya maatii keenya irra nu biratti qaaliidha Maatiin keenya waa’ee duuniyaa nu yaadachiisu obboleeyyan keenya immoo aakhiraa nu yaadachiisu. Fageenyi kun yeroo dheerate mukuu yeroo dheeraa booda naannoo iimaanaa kana irraa baqachuu fidutti jijjiirama. Booda sanaatii qalbiin gogee dukkanaa’a. Ifti iimaanaa ishee keessatti dhaama Kun isa namoota garii kan yeroo boqonnaa biyya biraa imala deeman yookiin bakka biraa hojiidhaaf yookiin barumsaaf deeman qalbii isaanii gombisu (gadi garagalchuudha). ❁ hidhannoo Gaarii irraa Fagaachuu: Namni harka nama gaariitti waa baratu barumsa bu’a qabeessa dalagaa gaariifi jabina iimaanaa walitti qabata. Isa to’ataa beekumsaafi haala gaarii isa jiruu qoodaaf. Odoo yeroo ta’e wahii irraa fagaatee baratichi gogina qalbii isaatu itti dhaga’ama. Kanaafuu yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) du’anii awwaalaman sahaabonni qalbii keenya jibbine jedhan. Mukuutu isaanitti dhaga’ame. Sababni isaas leenjisaan barsiisaafi hidhannoon isaanii ni du’e. waa’een isaanii ammas hadiisa biraa keessatti kan ibsame ni jedhe: "akka busaa’ee (hoolotaafi re’oota) halkan qorraa rooba qabu keessatti bakkeetti haftee ta’an.” Garuu Ergamaan Rabbii (SAW) warra duuba isaatii dhiise kana keessatti warra akka gaaraa hundi isaaniituu khaliifaa (bulchaa addunyaa ta’uu) danda’u dhiisanii du’an. Gariin isaanii gariidhaaf hidhannoo ta’an. Guyyaa har’aa immoo Muslimni nama isattii siqee hidhannoo isaaf ta’u akkaan haajoma. kutaa 12ffaan itti fufa inshaallaah...

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Kutaa 5️⃣ffaa✍ Kutaa 4ffaa dubbisuu Hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Lolli eegaluuf waa cufti qindaa’ee yoo jedhan, salaatni zuhrii yeroon isii geette. Sa’aadis osoo salaata Zuhrii hin salaatin akka waraana hin eegalle ajaja kenne. Waraanni muslimaa salaata Zuhrii salaate akka irraa baheen, Sa’aadis ummata muslimaa onnee isaanii gootomsuuf, Haasawa isaan kakaasu godhe. Dhuma haasawa isaa irratti dhaamsa jajjabdu dhaameef. “Allaahu Akbariin: ummata nabi Muhammadiif s.a.w malee hin kennamne. Yoo an Allahu Akbarii duraa jedhe isinis Allahu Akbar jedhaa. Funyoo kophee keessanii sirritti hidhadhaa. Allahu Akbarii lammataa yoo an jedhe, meeshaa keessan hunda kurfeeffadhaa. Yoo sadaffaa Allahu Akbar an jedhe, Si’aayani goototni haa duratti bahan. Kaafira haa ari’an. Allahu Akbarii afraffaa an jedhu, Ilkaan keessan ciniinnadhaa, Garaa keessan jabeeffadhaa. Nyaapha keessanitti fiigaa, rifachiisaa, itti shorroqaa, humna keessan walitti qindeessaa jabeessaa jabeeffadhaa. Akka bitoon harka naannessitutti diina itti marsaa. Baha isa dhoorkaa.” jedheen. Malli naaf hin jiru, Dandeettinillee“ ”لاحول ولا قوت إلا بالله“ naaf hin jirtu, ka Rabbii tokkochaa malee.” jedhaa kadhaa tana kadhadhaa. Ummanni muslimaas; dandeetti Rabbii qarqarsifatanii, akka akeekaa Sa’aaditti deemanii duula san irratti dhukkee fi reeffa nyaapha walitti qixxeessan. Dhumarratti abbaan duula kuffaaraa Rustumiin morma isaa irraa kutanii, eboo irratti fannisuun, yoo ittiin dhadatan kuffaarran dur gootummaan lolaa turan irreen isaani tan luuynomte, tan gadhee taate, baqachuu eegalan. Waraanni kaafiraa ka hafe immoo rifannota irraa kan ka’e dhamaasaan isaan qabattee, hamma guraadee isaanii harkaa fuudhanii isaanin ajjeesan gahan. Guyyaa sadihi fi qixxee booda; lakkoofsi waraana dhumee hedduminnarraa kan hin beekkamnee fi kan bishaanitti duudee dhume qofti kuma sodddama akka ta’etu himama. Boojun lola sanirraa argame lakkofsi isaa tilmaamuu hin dandeenye. Haala kanaan Sa’aad waraana hogganuun lola hijraa boodaa ganna kudha jahatti adeemsifamte, Al-qaadasiyyatti moo’atee gammachuu fi milkii guddaa argamsiisee, Faaris guutu bulchiinsa muslimaa jala oolche. Ummanni muslimaas kan galataa isa godhate. Baniinsa Mana A’adaadii Jaabir ilma Samraa akka Rasuularraa s.a.w odeessetti “Ummanni kiyya banuuf deema manneen a’adaadi mooticha Faaris (Kisraa).” Ahmadi fi Muslimtu galmeesse. Ammas Jaabir akka odeessetti Rasuularraa s.a.w “ummanni kiyya dilboo (kaaznaa) mooticha Faaris banuuf deema.” Muslim akka gabaasetti. Sa’aad lola Al-qaadasiyyaa booda ji’a lama guutuu biyyoota gita bittaa Faaris jala turan, harka muslimtootatti deebisuuf loolaa ture. Magaalota inni bane keessaa; Birsi, Baabil, Bihirsiir.. fa’a. Mul’ata Rasuulli s.a.w ummanni kiyya gamoo a’adii bana jeedhanii dubbatan sanis yeroma kana banuun dhugaa taasise, Masaraa mootii Kisraa manneen A’adii fi naannoowwan isiillee jiran falmii ciccimtoo, munaafiqaan morma wal qabataa bulchiinsa muslimaa jala oolche. Kutaa 6ffaan itti fufa inshaa'llaah....

Namicha ahbaashii kanas jarattii fannoo jedhamtuun hidhata wolitti qaba fakkaataa Booksiidhaan dr.jeyilaaniin dhahe jedhan😡
Namicha ahbaashii kanas jarattii fannoo jedhamtuun hidhata wolitti qaba fakkaataa Booksiidhaan dr.jeyilaaniin dhahe jedhan😡 https://t.me/+Q1JgZyzv2GK0qfgg

KUTAA 🔟FFAA Kutaa 9ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ Ammas mallattoo dadhabina iimaanaa irraa tokko yeroo musiibaan wahii uumame rifachuufi sodaachuu: • Yookiin immoo yeroo rakkoon wahii uumame kan qomni isaa rommu madaala gadi dhiisu sammuu dhabuufi ija samiitti ol kaasuu ta’ee argita. Yeroo balaan wahii isa tuqe ni dhama’a; qaawwi hundinuu ija isaa duraa cufama. Gaddi hundinuu isa yaabbata. Waan isatti uumame kana sammuu ragga’aafi qalbii cimaa wahiitiin fuuldura hin dhaabatu. Kun hundinuu sababa dadhabina iimaana isaati. Odoo iimaanni isaa cimaa ta’ee silaa ragga’aa ta’a. balaa guddaa kana caaluyyuu humnaafi ragga’iinsaan fuuldura dhaabata ture. ✺ Kan biraa immoo falmii qalbii gogsu baay’isuudha. ◉ Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: “ummanni tokko booda qajeeluma irra turaniitii yoo falmii kennaman malee hin jallatanu.” Ahmadtu Musnada keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Falmiin ragaadhaan maleefi niyyaa gaariidhaan malee geggeeffamu karaa sirrii irraa nama jallisuutti geessa. • Guyyaa har’aa falmii sobaa maaltu akkana baay’ise! Beekumsa qajeelfamaafi kitaaba ifaa ta’een maleetti wal falmu. Gochatti arrabsamtuu kana dhiisuudhaaf jechi Ergamaa Rabbii (SAW) namaaf ga’a: “ani nama odoma haqa qabaatuu falmii dhiiseef mana walakkaa jannataa keessaa isaaf of qaba.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. ❂ Kan biraa immoo qalbiin duniyaatti rarra’uu ishee jaalachuufi gara ishee qofatti haara galfachuudha. ◉ Qalbiin namichaa hanga yoo carraan duniyaa tokko kan akka qabeenyaa kabajaa sadarkaafi manneen wahii isa tare baay’ee laalatu tokko itti rarra’a. Kana booda waan namni biraa argate waan hin arganneef jecha lubbuu isaa gowwoomfamaa carraa dhabaatti lakkaa’a. • Yeroo obboleessi isaa Muslimaa tokko waan isa jala tare argate immoo laalannaa baay’eefi walitti butamuu guddaatu isa mudata. Isa waanyuudhaan ni’imaan isaa irraa deemuu hawwuun isaas ni mala. Kun immoo isa Ergamaan Rabbii “qalbii gabrichaa keessatti iimaanniifi hisdiin walitti hin qabamu” jechuun irraa nu sodaachisaniidha. Nasaa’iitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. ❂ Sammuu isaa qofa irratti hundaa’uu: ◉ Mallattoon biraa immoo haasaa namaa fi adeemsa isaa kan sammuu qofa irratti hundaa’e fudhatee mallattoo iimaanaa tokkollee dhabuudha. Haasaa nama kanaa hanga dubbii isaa keessatti mallattoo ragaa Qur’aanaa hadiisaa yookiin haasaa salafaa keessaa dhabdu tokko achi fagaata. ✿ Nafsii isaatti xiyyeeffachuu keessatti daangaa dabruu: ◉ Waan nyaatamu waan dhugamu uffatamu mana jireenyaafi geejjibaatti akkaan xiyyeeffachuu. Warra kana guutuutti akkaan xiyyeeffata. Huccuu irraa isa lallaafaa bituufi mana bareechuu keessatti lubbuu isaa qabsoo cimaa qabseessa. Kana tottolchuu keessatti qabeenyaafi yeroo baay’ee wareega. Isheen immoo waan dirqamniifi dhimmi itti isaaf jiruu miti. Yeroo inni kana hojjatu immoo obboleessa isaa Muslimaa irraa nama akkaan qabeenya kanatti haajomaarutu jira. Sababni kana hunda hojjatuuf qananii fi quufa dhorgamaa keessa daangaa dabruudhaafi. Hadiisa Mu’aaz bin Jabal keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo gara Yamanitti isa ergan isaaf dhaamanii ni jedhan: “qanani’uu irraa of fageessi! Gabroonni Rabbii warra of qanansiisanuu miti.” Abuu Na’iimtu Hilyaa keessatti gabaase.Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Kutaa 11ffaan itti fufa inshaallaah....

◉ Seenaa Nama Amaanaa eeggatuu ------------------------------------------------------------ Gurbaan Miskiinaa tokkotu intala gaarii tokko fuudhee Makkaan keessa jiraata ture Worri isaa kun yaa Abbaa manaakoo Gaarii bar waan nyaannuufii waan uffannullee hinqabnuu jetteen Innis ka'ee hojii barbaaduu kara magaalaatti gadi bu'e Hojii Barbaadee barbaadee yeroo dhabu dhiisee gara Masjidul haraam deemee Salaata Raka'aa lama salaatee Akka Rabbiin s.w Rakkoo sana keessaa furmaata isaaf kennu du'aa'ii kadhate Akkuma du'aa'ii isaa kadhatee Raawwoteen ka'ee gara Alaatti yeroo gadi ba'u borsaa namni lafatti gate/darbe wo'ii argee yeroo inni banu diinaara kuma tokkotu keessa jira Gurbaan Maallaqa lafaa argate kana worra isaatti himee worra isaa gammachiisuuf Gammadaa Gara mana isaa gale Garuu haati manaa isaa Maallaqicha itti deebiftee dirqama maallaqa kana abbaa isaa barbaaddee itti deebisuu qabda bar harama keessatti waan namarkaa bade tokko fudhachuun haraamaam jetteen utuma bakka biraattis haraama ta'uu naannoo haramaattimmoo erra haraama jechuu isiiti Gurbaanis utuu hin turin achumaan maallaqicha fudhatee gara Haramaa deeme Akkuma achi ga'een nama borsaa diinaarri kumni tokko keessa jiru namni arge hinjiruu jedhee gurbaa lallabu tokko argee Gurbaan miskaanaa kun gammadee anatu arge hoodhu kunoo balbala haramaatiin arge jedheen Gurbaan abbaan maallaqaa kun dhaabbatee gurbaa miskiinaa kana yeroo dheeraa erga ilaalee booda Fudhu Maallaqichi kan keetii Ammas borsaa biraa itti dabaleefii kanas fudhadhu kan keetii isakeessa dinaara kan biraa kuma sagaltu keessa jira jedheen Gurbaan miskiinaa kunis Ajaa'ibame Maaliif maallaqa kana hunda naaf kennitegaa jedheen Nama tokkotu biyya shaam irraa diinaara kuma kudhan natti kennee dhaqiitii harama keessatti diinaara kuma tokko erraa gatiitii eegas boodammoo namni qarshii najalaa bade argitan naafdeebisaa jedhiitii yoo Namni Arge sun fidee siif deebise Namni sun nama amanamaa waante'eef kuma saglan hafe kanas itti dabalii kenniifi naan jedhe kanaafan siif kenne jedheen قال الله تعالى: “ومن يتق الله يجعل له مخرجاً ويرزقه من حيث لا يحتسب”. Ajaa'iba Rabbiin s.w Qur'aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedhe "Nama Rabbiin sodaate Rabbii karaa inni ittiin Rakkoo keessaa ba'u isaaf godha Bakkanni hin yaannee isa Razaqa" https://t.me/+Q1JgZyzv2GK0qfgg

KUTAA 9️⃣FFAA Kutaa 8ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ Dalagaa Gaarii tuffachuu Khayrii xixiqqootti xiyyeeffachuu Dhiisuu: ◉ Adabbiin khayrii xiqqoo tuffachuu mindaa guddaa Ergamaan Rabbii (SAW) nu akeekan dhabsiisuunuu badiif isa ga’a: “namni karaa Muslimoota irraa waan rakkiftu wahii dabse khayriitu isaaf barreeffama. Nama khayriin isaa kun qeebalamteef immoo jannata seena.” Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Mu’aaz odoo karaa irra nama tokkoo waliin deemaa jiruu karaa irraa dhagaa kaase. Namichis ‘kun maali?’ jedha. Ni jedheen: Ergamaa Rabbiitii (SAW) jedhanuun dhaga’e: “namni karaa ta’e irraa dhagaa kaase khayriin wahii isaaf barreeffama. Namni khayriin xiqqoon wahii isaaf jirtu immoo jannata seena.” Mu’ujamul Kabiir kan Xabraanii keessatti gabaafame. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. ✺ DHIMMA MUSLIMAATTI DHIMMAMUU DHIISUU: ◉ Isheef jecha homaa hin socho’u; du’aa’ii hin godhuufis; sadaqaas hin kennuuf. Hin gargaarus. Inni waan addunyaa kana irratti obboloota isaa Muslimoota mudatu kan akka diinni irratti moohuu isaan mo’achuu miidhamuufi gadda isaanii ilaalchisee miirri isaa qabbanaahaadha. Mataan isaa nagaa ta’uu qofaan of ga’a. • Kun bu’aa dadhabinni iimaanaa fideedha. Mu’uminni faallaa kanaati. Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: “dhugumatti Mu’uminni warra iimaanaa biraatti sadarkaa mataan qaama keessaa qabu fudhata. Mu’uminni warra iimaanaatiif akka qaamni madaa mataa keessa jiruuf laalatu laalataaf.” Ahmadtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. ❂ Mallattoo iimaanni dadhabuu keessaa tokko haadni obbolummaa jidduu obboleeyyan Muslimaatii cituudha. ◉ Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “namoonni lama Rabbiif jecha yookiin Islaamummaa keessatti wal jaalatanii badii (dilii) tokkoon isaanii raawwataniin malee adda hin bahanu.” Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase. Ahmadis Musnada keessatti gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa Keessas ni jira. • Inni kun faanni dilii dheerataa dhufee hidhaa obbolummaa kutuu danda’u akeeka. Kophaa ta’uun namni yeroo tokko tokko of keessatti argu sababa iimaanni dilii hojjannaan gadi buuteefi Rabbiinis nama dilaawaa sadarkaa isaa qalbii gabroota isaa keessatti gadi kuffisa. Jidduu isaaniitti jiruu hamaa sadarkaa kufaafi haala xiqqaataa kabajaa hin qabneen jiraata. Akkasumas Mu’uminootaan hiriyoomuunis isa dabra. Akkasuma inni Rabbiin Mu’uminoota irraa deebisus isa tara. ❂ Amantii kanaaf hojjachuu keessatti itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amu. ◉ Isa babal’isuuf hin socho’u. Khidmaa isaatiifis hin hojjatu. Kun immoo faallaa sahaabota Ergamaa Rabbii warra ogguma islaamayanu achumaan itti gaafatamummaan itti dhaga’ameeti. Xufeyl bin Amr kunoo islaamayuu isaatiifi gara Islaamaatti ummata isaa waamuu deemuu isaa yeroo hagamii ture? Achumaan ummata isaa gara Islaamaatti waamuu deeme. Amantuma keessa seenuu qofaan akka itti gaafatamummaan guddaan irra jiru itti dhaga’amee Ergamaa Rabbii irraa gara ummata isaa deebi’uuf eeyyama gaafatee gara Rabbiitti isaan waamuuf deebi’e. Namoonni baay’een yeroo hammaa amantii qabachuu isaaniitiifi gara amantiitti nama waamuu eegaluu isaanii jidduu yeroo dheeraatu jiraata. Namoonni sahaabaa Muhammad (SAW) irraa ta’an waan Islaamatti seenuu irraa argamu hunda kan akka kaafira warra diinaatiin diina ta’uu, isaan irraa qulqullaa’uufi isaaniin cituu raawwatu turan. • Usaamaa bin Asaal inni dura bu’aa Yamaamaa ture yeroma booji’amee fi damee masjida keessatti hidhamee Ergamaan Rabbii Islaama isarra fidnaan sana booda Rabbiin ifaa iimaanaa qalbii isaa keessa buusee islaamaye. Umraadhaaf Makkaan deemee yeroma achi ga’u kaafiroota Qurayshiitiin “callaan qamadii tokko hanga Ergamaan Rabbii (SAW) eeyyamanutti Yamaamaa irraa gara keessan hin dhaqqabdu.” jedhe. • Kaafiroota saniin adda cituun isaa ikoonoomiidhaan isaan cufuufi waan isaaf mijaa’u hundaa khidmaa da’awaatiif gumaachuun achumaan isarraa argamte. Sababni isaas iimaana isaa murannoo qabu sanatu dalagaa kana isarratti dirqama godhe. Kut.10ffan itti fufa insha'allaah...

Deebiin gaaffii keenyaa Akkuma irra caalaan keessan deebiftan 3ffaa taha 3️⃣Abdallaah bin Mas'uud Worri deebii sirrii deebiftan Maasha'allaah jazaakumullaahu keyiran rabbiin beekumsa guddaa isiniif hadabalu👍👍👍👏👏👏✅✅✅ Akkasuma worrooni yaaltanis jazaakumullaahu keyiran rabbiin isinirraa hajaallatu

🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa 🕹️Makkaatti ergamaa Rabbitti (s.a.w) aanee/booda sahaabiin Qur’aana sagalee olfuudhuudhaan dubbise/qarahe eenyu? 1️⃣. Aliyyi bin AbiiXaalib (r.a) 2️⃣. Usmaan bin Affaan (r.a) 3️⃣. Abdallaah bin Mas'uud (r.a) 4️⃣. Abuu bakir siddiiq (r.a) Yaada Qabdanuuf ✍️ @Keyralumma_bot

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Kutaa 4️⃣ffaa✍ Kutaa 3ffaa dubbisuu Hubadhaa Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe Seenaa ⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱ Ummanni biyya bulchiinsa Umar keessa jiraatan, hawwii jihaadaa ka qaban hedduun isaanii, yaamicha Amiira Mu’mintootaa awwaatanii kallattii hundaan, gootummaan bookkisaa Madiinatti wal gahan. Ummata akka hongeen itti buutee soorata agabee, dheebotutti jihaada beelahee, dheebote kanaaf, Umar nama isaan karaa Rabbii fi Nabitin s.a.w isaan hogganee, gara galma milkiitti isaan geessu filuuf murteeffatee, ummataan waliin maritti seene. Yeroo kana ummanni afaan tokkoon Sa’aad dhihoo Rasuulaa s.a.w kan eessuma Rasuulaa ta’e filatan. Umaris filmaata ummata kanaa jaalatee, Amaanaa fi Alaabaa diin islaamaa, Hoggansaa fi Angoo waraana kanaa Sa’aaditti ba’aa hammana gahu itti kenne. Ajama Arabaaan lolee cabsuuf gootota onneen isaanii leenca daggalaa isaan goote walitti qabamaniif, Hoggansa Sa’aadin yoo inni Madiinaa ka’e, Umar Sa’aadiin addatti isa baasee gorsa galaa siinqii hundarraa caaltu isaa hidhe.”Yaa Sa’aad ati eessuma Rasuulaa s.a.w ta’uun sin dagin. Akkasuma sahaaabaa Rasuulaas s.a.w ta’uun sin dagin. Rabbiin jabaan cubbuu cubbuun hin dhiqu. Toltuun cubbuu dhiqa malee. Rabbi nama tokkoonille firummaa hin qabu. Waan inni dalageettu Rabbitti isa kaleessa malee. Rabbiin biratti, sadarkaa qabatinsaa fi laaffinsaan wal hin caalan. Sodaa Rabbiitiini malee. Badhaasni jannataallee haala kanaan dhufti. Amrii Rabbii kan Rasuulli s.a.w itti yoo dalagan agarteen, dirqama kee kana akka baatu.” Kana hunda erga gorseenii booda Sa’aadiin eebba godheefii geegesse. Waraana kanniin keessaa, namoonni lola badrii irratti guumaacha diin islaamaatif godhan nama sagaltamii sagal, namoonnni dhibba sadihi fi kudhanii ol ta’an immoo warroota beey’atul Ridwaan, dhibbi sadih immoo warra Makkaan Rasuula s.a.w waliin cabse. Ijoollee sahaabotaa dhibba torbaa fi loltoota biraa waliin ta’uun, seenaa muudaa hin qabne, tan hanga har’aatti islaama boonsitu galmeessuf karaa bu’an. Naannoo Al-qaadasiyyaa jedhamu erga waraana qubsiisee booda Sa’aad Binu Abii Waqqaas: Nama murtii karaa Rabbii fi Rasuulaa s.a.w irratti kennu, Nama boojuu qoodu, nama yaamicha karaa diin islaamaatti godhu, Nama waraanarratti dubbiidhan onnachiisee kakasuu fi akkasuma nama afaan arabaa turjumaanu ka Faarisitti filate. Basaasa qindeesse gara gandootaa fi magaalota itti duuluf deemanitti erge. Erga gurmuu waraana tokkoo waan barbaachisu hunda qindeessee, guuttatee booda gandoota xixiqqoo naannoo Faaris jiran banuuf, waraana iddoo heddutti qoqqoodee erge. Hundinu milkaa’anii galan. Osoo lola hin eegaliin dura ummata Faaris tolaan gara amantii islaamaatti seensisuuf namoota haasawa danda’an, bulchaa Faaris kan ta’e Kisraa fi Abbaa duulaa (ajajaa waraanaa) Rustumitillee nama erge. Namoonni ergaman kunniin akka hojii Rasuulaa s.a.w islaamummaa fudhachuu, Yoo hin tahin gibira kennuu fi yoo filmaata isaani dhihaate kanneen didan; akka isaaniin loluuf qophaahan hubachiisaniin. Hundi isaanitu filmaata isaanif irra tolu ka dhihaatef didanii lola filatan. Haala kanaan duulli kurfaahee, Sa’aad aayata qur’aanaa suuraa Anfaal akka qar’amu ajaja kenne. Loolli jalqabuuf yeroon Muraasni yoo isaa hafu Sa’aadin dhibeen qabdeen. Dhibeen isa qabe kun Sa’aadin; Yaabbifi lafa taa’ulle isa dhooggee, qomaan boraati irratti hirkataa fi ciisichatti isa deebiste. Sa’aad Rabbii gaditti qaamni isaa ta inni abdate, isa gante. Haa ta’uyyuu garuu inni abdii hin kunne. Iddoo isaa nama ajaja isaatin waraana ummata muslimaa ajaju, ka maqaan isaa Kaalid Binu Urfuxaa jedhamu bakka buufate. Kutaa 5ffaan itti fufa inshaa'llaah